Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 42

‘Warri Amanamummaa Yihowaadhaaf Qaban Eegan Gammadoodha’

‘Warri Amanamummaa Yihowaadhaaf Qaban Eegan Gammadoodha’

“Warri amanamummaa isaanii eegan, warri seera Yihowaatiin deddeebiʼan gammadoo dha.”—FAR. 119:1, milj.

FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

QABIYYEE *

Obbolootaa fi obboleettota ija jabeeyyii amanamummaadhaan olaantummaa Yihowaa deggeruu isaaniitiin kan kaʼe hidhamanii turanii fi yeroo ammaatti hidhamanii jiran keessaa muraasa isaanii (Keeyyata 1-2 ilaali)

1-2. (a) Mootummoonni tokko tokko saba Yihowaarratti tarkaanfii akkamii fudhataniiru? Taʼus sabni Yihowaa deebii akkamii kennan? (b) Ariʼatamni gammachuu argamsiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Fakkii qola isaa irrattis yaada kenni.)

 YEROO ammaatti addunyaa maratti biyyoota 30 ol keessatti hojiin keenya daangeffameera ykn dhorkameera. Biyyoota kana keessaa tokko tokko keessatti abbootiin taayitaa obbolootaa fi obboleettota keenya hidhaniiru. Garuu maal balleessaniiti? Akka ilaalcha Yihowaatti wanta balleessan tokkollee hin qaban. Wanti isaan godhan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuu, waaʼee amantii isaanii namootatti himuu, akkasumas obboloota isaanii wajjin walgaʼiirratti argamuudha. Kana malees, dhimmoota siyaasaa keessa galuu didaniiru. Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon kun mormii cimaan kan isaanirra gaʼu taʼus, amanamummaa isaanii eeganii * itti fufaniiru; karaa kanaan guutummaatti Yihowaadhaaf akka bulan argisiisaniiru. Akkas gochuu isaaniitti gammachuu guddaatu isaanitti dhagaʼama.

2 Suuraa Dhugaa Baatota ija jabeeyyii taʼan kanaa yeroo ilaaltu fuula ifaa akka qaban hubatteetta taʼa. Obboloonni kun gammachuu kan qabaatan amanamummaa isaanii eeguu isaaniitti Yihowaan akka isaanitti gammadu waan beekaniifi. (1 Sen. 29:17a) Yesuus, “Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman gammadoo dha . . . Badhaasni isin . . . argattan guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas” jedheera.—Mat. 5:10-12.

FAKKEENYA GAARII

Pheexirosii fi Yohaannis Kiristiyaanota yeroo harʼaatti mana murtiitti dhihaatanii amantii isaaniitiif falmataniif fakkeenya gaarii taʼu (Keeyyata 3-4 ilaali)

3. Hojii Ergamootaa 4:19, 20 irratti akka ibsametti, ergamoonni jaarraa jalqabaatti turan yeroo ariʼatamni isaanirra gaʼetti maal godhan? Akkas kan godhan hoo maaliifi?

3 Haalli obboloota keenya mudachaa jiru haala ergamoota jaarraa jalqabaatti turan mudate wajjin wal fakkaata; ergamoonni sun waaʼee Yesuus lallabuu isaaniitiin kan kaʼe ariʼatamaa turan. Abbootiin murtii mana murtii ol aanaa Yihudootaa, “maqaa Yesuusiin waan tokko iyyuu akka hin dubbanne yookiin akka hin barsiisne” irra deddeebiʼanii isaan ajajanii turan. (HoE. 4:18; 5:27, 28, 40) Maarree, yeroo kanatti ergamoonni maal godhan? (Hojii Ergamootaa 4:19, 20 dubbisi.) Ergamoonni sun waaʼee Kiristoos ‘namootaaf akka lallabanii fi guutummaatti dhugaa akka baʼan kan isaan ajaje’ qaama aangoo hundarra caalu qabu akka taʼe beeku. (HoE. 10:42) Kanaafuu, Pheexirosii fi Yohaannis warri isaan bakka buʼanii dubbachaa turan, abbootii murtii sanaaf utuu hin taʼin Waaqayyoof akka ajajaman, akkasumas waaʼee Yesuus warra kaanitti himuu isaanii akka hin dhiisne ija jabinaan dubbatan. Karaa kan biraatiin akkuma waan abbootii murtii sana, ‘Ajajni keessan ajaja Waaqayyoorra akka caalutti yaadduu?’ jedhanii gaafataniiti.

4. Hojii Ergamootaa 5:27-29 irratti akka ibsametti ergamoonni Kiristiyaanota dhugaa hundumaaf fakkeenya akkamii taʼu? Nutoo fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Ergamoonni kun “namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa [isaaniitti ajajamuudhaan]” Kiristiyaanota dhugaa hanga harʼaa jiraniif fakkeenya gaarii taʼaniiru. (Hojii Ergamootaa 5:27-29 dubbisi.) Amanamummaa isaanii eeguu isaaniitiin kan kaʼe erga reebamanii booda, “maqaa [Yesuusiif] jedhanii salphifamuu akka ulfinaatti lakkaaʼanii gammadaa” mana murtii ol aanaa Yihudootaa keessaa baʼan, akkasumas lallabuu isaanii itti fufan.—HoE. 5:40-42.

5. Gaaffilee kamfaʼiif deebii argachuu qabna?

5 Wanti ergamoonni godhan kun gaaffii tokko tokko namatti uumuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, murtoon namootaaf ajajamuurra Waaqayyoof ajajamuuf godhan ajaja Kitaaba Qulqulluu ‘abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif akka bitamnu’ dubbatu wajjin kan wal simu akkamitti? (Rom. 13:1) Akka Phaawulos ergamaan jedhetti ‘mootummootaa fi abbootii taayitaatiif akka ajajamnu’ argisiisaa amanamummaa Waaqa Bulchaa hundaa olii taʼeef qabnu eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?—Tit. 3:1.

“ABBOOTII TAAYITAA IDDOO OL AANAA QABAN”

6. (a) Roomaa 13:1 irratti “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qaban” kan jedhaman eenyufaʼi? Nutoo isaaniif dirqama akkamii qabna? (b) Bulchitoota ilmaan namootaa hunda ilaalchisee dhugaan jiru maalidha?

6 Roomaa 13:1 dubbisi. Caqasa kanarratti yaanni “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qaban” jedhu bulchitoota warra kaanirratti aangoo qaban argisiisa. Kiristiyaanonni bulchitoota kanaaf ajajamuu qabu. Bulchitoonni kun hawaasa keessatti nagaan akka jiraatu, akkasumas seerri akka eegamu godhu; yeroo tokko tokkommoo Dhugaa Baatota Yihowaatiifillee eegumsa godhu. (Mul. 12:16) Kanaafuu, gibira, qaraxa, sodaa fi kabaja nurraa barbaadan akka isaaniif kenninu ajajamneerra. (Rom. 13:7) Haa taʼu malee, bulchitoonni kun aangoo qabaachuu kan dandaʼan Yihowaan waan isaaniif heyyameef qofadha. Wanti Yesuus bulchaan Roomaa Phonxos Philaaxos yeroo isa qorachaa turetti dubbate kana ifa nuuf godha. Philaaxos isa oolchuufis taʼe akka ajjeefamu dabarsee isa kennuuf aangoo akka qabu yeroo dubbatetti Yesuus, “Waaqayyo biraa utuu siif hin kennamne taʼee, ana irratti aangoo tokko illee hin qabaattu turte” isaan jedheera. (Yoh. 19:11) Akkuma Philaaxos bulchitoonni ilmaan namootaa yeroo harʼaatti argaman hundis aangoon qaban daangeffamaadha.

7. Nuti bulchitoota ilmaan namootaatiif ajajamuu kan hin qabne haalawwan akkamii keessattidha? Isaanoo maal beekuu qabu?

7 Kiristiyaanonni seerota mootummootaa seera Waaqayyoo wajjin wal hin faallessineef ni bitamu. Haa taʼu malee, mootummoonni wanta Waaqayyo dhowwe akka raawwannu ykn wanta inni nu ajaje akka hin raawwanne yeroo nu gaafatanitti isaaniif hin ajajamnu. Fakkeenyaaf, mootummoonni dargaggoonni waraanarratti akka hirmaatan isaanirraa eegu taʼa. * Yookiin immoo Kitaaba Qulqulluu keenyaa fi barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan dhorku, akkasumas akka hin lallabnee fi waaqeffannaadhaaf akka walitti hin qabamne nu dhowwu taʼa. Bulchitoonni barattoota Yesuusirratti ariʼatama geessisuudhaan aangoo isaaniitti karaa sirrii hin taaneen yeroo fayyadaman Yihowaan isaan gaafata. Yihowaan wanta isaan godhan hunda ni arga.—Lal. 5:8.

8. ‘Iddoo ol aanaa qabaachuu’ fi “hundumaa gararraa” taʼuu gidduu garaa garummaa akkamiitu jira? Kana beekuun barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

8 Gaaleen “iddoo ol aanaa qaban” jedhu hiika “wayyuu, caaluu, sadarkaadhaan olaanaa taʼuu” jedhu qaba. Haa taʼu malee, ergaa “hundarra wayyuu, hundarra caaluu ykn iddoo hundarra caalu qabaachuu” jedhu hin dabarsu. Kun hiika jecha “Hundumaa Gararraa” jedhuuti. Mootummoonni ilmaan namootaa ‘iddoo ol aanaa akka qabanitti’ kan ibsaman taʼus, qaamni aangoodhaan isaanirra caalu kan biraan jira. Innis isa Hundumaa Gararraa taʼedha. Kitaaba Qulqulluu keessatti Yihowaan, siʼa afur “Isa Hundumaa Gararraa” jedhamee ibsameera.—Dan. 7:18, 22, 25, 27.

“ISA HUNDUMAA GARARRAA”

9. Daaniʼel raajichi mulʼataan maal arge?

9 Daaniʼel raajichi mulʼata isaarratti aangoon Yihowaa aangoo hundumaarra baayʼee akka caalu ifatti argeera. Jalqabarratti Daaniʼel bineensota guguddaa mootummoota addunyaa kanaan duraa fi yeroo ammaa jiran argisiisan afur argeera; isaanis Baabilon, Meedo Faarsi, Giriik, Roomaa fi Angiloo Ameerikaa isa yeroo harʼaatti bulchaa jirudha. (Dan. 7:1-3, 17) Sanatti aansuudhaan Daaniʼel Yihowaan teessoo mana murtii samii keessatti argamurra taaʼee akka jiru argeera. (Dan. 7:9, 10) Wanti raajii amanamaan kun kanatti aansuudhaan arge bulchitoota yeroo harʼaa jiraniif akeekkachiisa guddaa taʼa.

10. Daaniʼel 7:13, 14, 27 akka ibsutti Yihowaan bulchiinsa lafarraa eenyufaʼiif kenna? Kana gochuun isaa hoo maal argisiisa?

10 Daaniʼel 7:13, 14, 27 dubbisi. Waaqayyo mootummoota ilmaan namootaarraa bulchiinsa hundumaa fuudhee qaamota isaaniif maluu fi isaan caalaa humna qabaniif kenna. Qaamonni kun eenyufaʼi? “Ilma namaa kan fakkaatu” Yesuus Kiristoosii fi “[qulqulloota] kan Isa Hundumaa Gararraa taʼan” 144,000 warra “baraa hamma bara baraatti” bulchanidha. (Dan. 7:18) Ifatti hubachuu akka dandeenyutti tarkaanfii akkasii fudhachuuf aangoo kan qabu Yihowaa qofa waan taʼeef, “Isa Hundumaa Gararraa” jedhamuun isaa sirriidha.

11. Daaniʼel wanta Yihowaan saboota hundumaa gararraa akka taʼe argisiisu akkamii dubbateera?

11 Wanti Daaniʼel arge wanta dursee dubbatame wajjin kan wal simudha. Daaniʼel, “[Waaqni samii] mootota iddoo isaaniitii ni kaasa, ni muudas” jedheera. Kana malees, “Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa akka taʼee fi isas nama barbaade kamiif iyyuu akka kennu” barreesseera. (Dan. 2:19-21; 4:17) Haa taʼu malee, Yihowaan bulchitoota iddoo isaaniitii kaasee bulchitoota kan birootiin bakka buusee beekaa? Eeyyee, beeka.

Yihowaan mootummaa Belshaazaar isarraa fuudhee warra Meedonii fi Faarsiif kenneera (Keeyyata 12 ilaali)

12. Fakkeenyota Yihowaan bara duriitti mootummoota teessoo isaaniirraa akka buuse argisiisan kenni. (Fakkicha ilaali.)

12 Yihowaan, “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qaban” irratti olaantummaa akka qabu ifatti argisiiseera. Mee fakkeenya sadii haa ilaallu. Mootii Gibxii kan taʼe Faraʼoon saba Yihowaa garba godhatee fi isaan gad dhiisuu didee ture. Taʼus, Waaqayyoo saba isaa bilisa baaseera; Faraʼooniin immoo Galaana Diimaa keessatti akka liqimfamu godheera. (Bau. 14:26-28; Far. 136:15) Mootii Baabilon kan taʼe Belshaazaar affeerrii qopheessuudhaan “Gooftaa samiirratti ol of qabeera,” akkasumas Yihowaa utuu hin taʼin, ‘waaqolii meetii fi warqii jajateera.’ (Dan. 5:22, 23) Taʼus, Waaqayyo namicha of tuultuu taʼe kana salphiseera. “Halkanuma sana” Belshaazaar ni ajjeefame, mootummaan isaa warra Meedonii fi Faarsiif kennameera. (Dan. 5:28, 30, 31) Mootii Paalastiinaa kan taʼe Heroodis Agriiphaa Tokkoffaan Yaaqoob ergamaa ajjeesisee ture; Pheexirosiinis ajjeesisuu waan barbaadeef mana hidhaa galchee ture. Taʼus, Yihowaan Heroodis wanta yaade kana akka hin raawwanne isa dhowweera. “Maleekaan Yihowaa isa rukute,” innis ni duʼe.—HoE. 12:1-5, 21-23.

13. Fakkeenya Yihowaan bulchitoota waltaʼiinsa uuman akka injifate argisiisu tokko kenni.

13 Yihowaan bulchitoota wal taʼiinsa uumanirratti olaantummaa akka qabus argisiiseera. Israaʼelotaaf loluudhaan mootota Kanaʼaan waltaʼiinsa uumanii fi 31 taʼan akka balleessan, akkasumas Biyyattii Abdachiifamte harka caalaa isaa akka qabatan isaan gargaareera. (Iya. 11:4-6, 20; 12:1, 7, 24) Yihowaan Israaʼelonni Benhadaad Mootichaa fi bulchitoota Sooriyaa kan biroo 32 isaan lolan guutummaatti akka injifatanis isaan gargaareera.—1 Mot. 20:1, 26-29.

14-15. (a) Nebukadnezaar Mootichii fi Daariyos Mootichi olaantummaa Yihowaa ilaalchisee maal jedhan? (b) Faarfatichi waaʼee Yihowaa fi waaʼee saba isaa maal jedhe?

14 Yihowaan yeroo garaa garaatti Isa Hundumaa Gararraa taʼuu isaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, mootii Baabilon kan taʼe Nebukadnezaar ulfinni Yihowaadhaaf akka malu beekamtii kennuu mannaa, waaʼee ‘guddina ulfina isaaf, akkasumas waaʼee humnaa fi jabina isaa’ of tuuluudhaan yeroo dubbatetti Yihowaan akka maraatu isa godheera. Gara qalbii isaatti erga deebiʼee booda Nebukadnezaar, ‘Isa Hundaa Olii sana jajateera,’ akkasumas “bulchiinsi [Yihowaa] bulchiinsa bara baraa” akka taʼe beekamtii kenneera. Itti dabaluudhaanis, ‘Isa dhowwuu kan dandaʼu hin jiru’ jedheera. (Dan. 4:30, 33-35) Amanamummaan Daaniʼel erga qoramee fi Yihowaan boolla leencotaa keessaa erga isa baasee booda, Daariyos Mootichi labsii akkana jedhu baaseera: “Namoonni . . . Waaqa Daaniʼel duratti sodaadhaan akka romʼan ajaja kenneera. Sababiin isaas, inni Waaqa jiraataa bara baraaf jiraatu dha. Mootummaan isaa matumaa hin balleeffamu; ol aantummaan isaas kan bara baraa ti.”—Dan. 6:7-10, 19-22, 26, 27, milj.

15 Faarfatichi, “Yihowaan mala haxxummaa saboonni qopheessan ni fashaleesse; karoora sabootaas ni gufachiise” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Sabni Waaqni isaa Yihowaa taʼe, sabni inni qabeenya dhuunfaa isaa godhee filates gammadaa dha” jedheera. (Far. 33:10, 12) Dhugumayyuu amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu eeggachuuf sababii gaarii qabna.

WARAANA DHUMAA

Saboonni waltaʼiinsa uuman raayyaa Yihowaa isa samii wajjin wal gituu hin dandaʼan (Keeyyata 16-17 ilaali)

16. ‘Rakkina guddaa’ ilaalchisee amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya? Maaliif? (Fakkicha ilaali.)

16 Wanta Yihowaan kanaan dura raawwate ilaalleerra. Yeroo dhihootti hoo maal eeguu dandeenya? Yihowaan yeroo ‘rakkina guddaatti’ tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan akka oolchu amanannaa qabaachuu dandeenya. (Mat. 24:21; Dan. 12:1) Yihowaan saboonni wal taʼiinsa uumanii fi Goog isa biyya Maagoog jedhamanii beekaman yeroo tajaajiltoota isaa amanamoo addunyaa maratti argamanirratti haleellaa cimaa bananitti saba isaa oolchuuf tarkaanfii ni fudhata. Saboonni wal taʼiinsa uuman kun miseensota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 193 kan of keessatti qabatan taʼus, Isa Hundumaa Gararraa fi raayyaa isaa isa samii wajjin wal gituu hin dandaʼan! Yihowaan waadaa akkana jedhu nuuf galeera: “Ani dhugumaan guddaa of nan godha, of nan qulqulleessa, saboota hedduu durattis of nan beeksisa; isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”—His. 38:14-16, 23; Far. 46:10.

17. Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraatti mootota lafaarra maaltu akka gaʼu dubbata? Namoonni amanamummaa Yihowaadhaaf qaban eegan hoo maal argatu?

17 Haleellaan Goog banu waraanni Armaagedoon akka jalqabu godha; Yihowaan waraana kanatti fayyadamee “mootota guutummaa lafaa” ni balleessa. (Mul. 16:14, 16; 19:19-21) Sana booda, “qajeelota qofatu lafa irra jiraata; warri amanamummaa isaanii eeganis ishii irratti ni hafu.”—Fak. 2:21, milj.

AMANAMUMMAA KEENYA EEGUU QABNA

18. Kiristiyaanonni dhugaa hedduun maal gochuuf fedhii qabu? Maaliif? (Daaniʼel 3:28)

18 Jaarraawwan hedduu keessatti Kiristiyaanonni dhugaa hedduun jaalala Yihowaa isa Bulchaa Ol Aanaa taʼeef qabaniin kakaʼanii bilisummaa isaanii, darbees lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilaniiru. Kiristiyaanonni kun akkuma Ibroota Isa Hundaa Oliitiif amanamoo taʼanii itti fufan sadanii amanamummaa isaanii eeguuf kutataniiru; Yihowaan Ibroota kana ibidda bobaʼu keessaa oolcheera.—Daaniʼel 3:28 dubbisi.

19. Yihowaan saba isaatti kan murteessu maalirratti hundaaʼeeti? Nutoo yeroo ammaatti maal gochuu qabna?

19 Daawit faarfatichi amanamummaa Waaqayyoof qabnu eeguun hammam barbaachisaa akka taʼe yeroo ibsu, “Yihowaan namoota irratti murtii ni dabarsa. Yaa Yihowaa, akka qajeelummaa kootti, akka amanamummaa koottis murtii naaf kenni” jedheera. (Far. 7:8) Kana malees Daawit, “Amanamummaa fi qajeelummaan koo na haa eegan” jedhee barreesseera. (Far. 25:21) Akkaataan jireenyaa hundarra wayyu Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufuu, akkasumas haala akkamiiyyuu keessatti amanamummaa keenya matumaa laaffisuu dhiisuudha. Akkas yoo goone akkuma faarfatichaa, “Warri amanamummaa isaanii eegan, warri seera Yihowaatiin deddeebiʼan gammadoo dha” jechuu ni dandeenya.—Far. 119:1, milj.

FAARFANNAA 122 Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!

^ Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif, jechuunis mootummoota addunyaatiif akka ajajaman gorsa kenna. Taʼus, mootummoonni tokko tokko Yihowaa fi tajaajiltoota isaa ifatti mormu. Maarree, seera namootaatiif ajajamaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu eeguu kan dandeenyu akkamitti?

^ IBSA JECHAA: Amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu eeguu jechuun yeroo qorumsi nurra gaʼuttillee amanamummaa isaa fi ol aantummaa isaatiif qabnu matumaa laaffisuu dhiisuu jechuudha.