Gammachuudhaan Faarfadhaa!
“Waaqayyo keenya jajatanii faarfachuun attam gaarii dha!”—FAR. 147:1.
1. Faarfannaan maal gochuuf nu gargaara?
BARREESSAAN walaloo beekamaan tokko, “Jechoonni akka yaaddu si taasisu. Muuziqaan immoo miira kee kakaasa. Faarfannaan garuu akka ati yaaddu si kakaasa” jedheera. Faarfannaawwan keenya galataa fi jaalala Abbaa keenya isa samiitiif qabnu ibsu. Kana malees, Yihowaatti caalaatti akka dhihaanne akka nutti dhagaʼamu godhu. Kanaaf, kophaa keenyas taane gumii saba Waaqayyoo wajjin faarfachuun, waaqeffannaa qulqulluu keessatti iddoo guddaa qabaachuun isaa nama hin dinqisiisu.
2, 3. (a) Namoonni tokko tokko sagalee ol kaasanii gumii irratti faarfachuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? (b) Gaaffiiwwan akkamii qorra?
2 Haa taʼu malee, gumii keessatti sagalee kee ol kaastee faarfachuu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Ni qaanoftaa? Aadaawwan tokko tokko keessatti dhiironni bakka namoonni walitti qabamanitti faarfachuun isaan qaanessa. Keessumaa dhiironni itti gaafatamummaa qaban yeroo gumiin faarfatutti sababii barbaadanii duubatti kan jedhan ykn hojiiwwan tokko tokko kan hojjetan taanaan, ilaalchi akkasii guutummaa gumichaa irratti dhiibbaa qaba.—Far. 30:12.
3 Dhugumaan, faarfannaa akka kutaa waaqeffannaa keenyatti ilaalla taanaan, yeroo faarfannaatti dhiisnee gad baʼuu ykn kutaa walgaʼii kanaa irraa hafuu hin barbaannu. Kanaafuu, tokkoon tokkoon keenya akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Walgaʼiiwwan waaqeffannaadhaaf goonu irratti faarfachuu akkamittan ilaala? Sodaa gammachuudhaan akkan hin faarfanne na dhowwu moʼuu kanan dandaʼu akkamitti? Miira
faarfannaawwan kun dabarsan guutummaatti ibsuuf maal gochuun dandaʼa?’FAARFANNAAN WAAQEFFANNAA DHUGAA KEESSATTI IDDOO GUDDAA QABA
4, 5. Waaqeffannaa Israaʼel durii keessatti qophiin faarfannaadhaaf godhame hangam balʼaa ture?
4 Waaqeffattoonni Yihowaa amanamoon bara duriitti kaasee Yihowaa jajachuuf muuziqaatti fayyadamaa turaniiru. Israaʼeloonni durii yeroo amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turanitti, faarfannaan waaqeffannaa isaanii keessatti iddoo akka qabu hubachuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi tajaajila mana qulqullummaatiif yeroo qophii godhu, muuziqaadhaan akka jajataniif Lewwoota 4,000 qopheesseera. Isaan kana keessaa, namoonni 288 ‘muuziqaa barsiifamanii kan qopheeffaman’ turan.—1 Sen. 23:5; 25:7.
5 Yeroo manni qulqullummaa eebbifametti muuziqaa fi faarfannaan gaʼee guddaa qabu turan. Seenaan isaa akkana jedha: ‘Warri fiingee afuufanii fi warri faarfattoonni sagalee isaanii wal qixxeessanii walii wajjin in faarfatan, Waaqayyoonis in galateeffatan; fiingeedhaan, sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasuun, miʼa garaa garaatiin sagalee guddaadhaanis, Waaqayyoon in galateeffatan, ulfinni Waaqayyoos manicha keessa in guute.’ Dhuguma iyyuu, yeroon sun yeroo amantii namaa cimsu ture!—2 Sen. 5:13, 14; 7:6.
6. Qophiin faarfannaa addaa yeroo Nahimiyaan Yerusaalemiin bulchaa turetti dhihaate maal akka fakkaatu ibsi.
6 Nahimiyaan Israaʼeloonni amanamoo taʼan dallaa Yerusaalem deebisanii akka ijaaran yommuu isaan geggeessetti, Lewwoota faarfattoota taʼanis meeshaa faarfannaa barbaachisan hundaa wajjin isaan gurmeesseera. Dallaan deebifamee ijaarame sun yommuu murtaaʼetti, qophiin muuziqaa addaa dhihaate, gammachuu yeroo sana tureef gumaacha guddaa godheera. Yeroo kanatti, ‘faarfattoota kutata gurguddaa lamatu’ jira ture. Kutatni ykn gareen faarfattootaa sun dallaa mana qulqullummaatti dhihoo jiru irratti wal arganii sagalee fagootti dhagaʼamu uumuuf kallattii adda addaatiin deeman. (Nah. 12:27, 28, 31, 38, 40, 43) Yihowaan waaqeffattoonni isaa miira hoʼaadhaan yommuu isa faarfatan dhagaʼuun isaa isa gammachiisee akka ture hin shakkisiisu.
7. Yesuus waaqeffannaa Kiristiyaanaa keessatti faarfannaan barbaachisaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?
7 Yeroo gumiin Kiristiyaanaa hundaaʼettis muuziqaan waaqeffannaa dhugaa keessatti iddoo guddaa qabaachuu isaa itti fufeera. Halkan seenaa namootaa keessatti iddoo guddaa qabu sanatti, Yesuus Irbaata Gooftaa erga hundeessee booda, faarfannaan akka faarfatamu godheera.—Maatewos 26:30 dubbisi.
8. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, waaqeffannaa isaanii keessatti faarfachuudhaan fakkeenya kan nuuf taʼan akkamitti?
8 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, tokko taʼanii faarfachuudhaan Waaqayyoon jajachuu irratti fakkeenya nuuf taʼaniiru. Yeroo baayʼee mana dhuunfaa keessatti kan walitti qabaman taʼanis, waaqeffannaadhaaf mana xinnoo keessatti walgaʼuun isaanii hinaaffaadhaan Yihowaa akka hin faarfanne isaan hin dhowwine. Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee, Kiristiyaanotaaf qajeelfama akkana jedhu kenneera: “Faarfannaadhaan, galateeffannaa Waaqayyoof dhihaatuun, faarfannaa hafuuraa galateeffannaadhaan faarfatamuun wal barsiisuu fi wal jajjabeessuu keessan itti fufaa; garaa keessanittis Yihowaa faarfadhaa.” (Qol. 3:16) Dhuguma iyyuu faarfannaawwan kitaaba faarfannaa keenya keessa jiran, ‘faarfannaa hafuuraa galateeffannaadhaan faarfatamani dha.’ Faarfannaawwan kun nyaata hafuuraa “garbichi amanamaanii fi ogeessi” dhiheessu keessaa tokko dha.—Mat. 24:45.
FAARFACHUU ILAALCHISEE SODAA QABNU MOʼUU
9. (a) Namoota tokko tokko walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaa irratti gammachuudhaan akka hin faarfanne kan isaan dhowwu maali dha? (b) Faarfannaadhaan Yihowaa jajachuu kan dandeenyu akkamitti? Dursa fudhachuu kan qabu hoo eenyufaʼi? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)
9 Faarfachuun maatii kee, aadaa kee ykn naannoo kee keessatti baramaa yoo taʼuu baate maal goota? Yeroo ammaatti teknooloojiin balʼinaan Iz. 3:11; Faarfannaa 147:1 dubbisi.) Yeroo ammaatti, Galma Walgaʼii keenya hedduu keessatti walaloowwan faarfannaa iskiriinii irratti waan mulʼataniif, sagalee keenya ol kaasnee faarfachuu dandeenya. Kana malees, Faarfannaawwan Mootummichaa barumsa Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa irratti dhihaatu keessatti dabalamuun isaa xiyyeeffannaa namaa harkisa. Kun immoo jaarsoliin gumii walgaʼii keessatti faarfachuu irratti dursa fudhachuun isaanii barbaachisaa akka taʼe argisiisa.
waan argamuuf, weellistoota beekamoo taʼan dhaggeeffachuu jaallatta taʼa. Taʼus, sagalee kee sagalee namoota kanaa wajjin wal bira qabdee yommuu ilaaltu qaanaʼuu ykn abdii kutachuu dandeessa. Haa taʼu malee, kun itti gaafatamummaa Yihowaa jajachuuf qabdu irratti dhiibbaa gochuu hin qabu. Kanaa mannaa, kitaaba faarfannaa kee ol kaasuudhaan, mataa kee immoo ol qabiitii garaa guutuudhaan faarfadhu! (10. Sodaan sagalee ol kaasnee faarfachuu yoo nu dhowwe maal yaadachuu qabna?
10 Namoonni baayʼeen sagalee isaanii ol kaasanii akka hin faarfanne wanta isaan dhowwu keessaa tokko sodaa dha. Tarii sagalee kan warra kaanii caalu ykn sagalee namoota kaanitti hin tolle nan dhageessisa jedhanii sodaatu taʼa. Haa taʼu malee, hundi keenya yeroo haasofnu, ‘yeroo baayʼee akka gufannu’ yaadatti qabachuu qabna. (Yaq. 3:2) Haa taʼu malee, dubbachuu irraa duubatti hin jennu. Maarree, sagaleen keenya gaarii taʼuu dhiisuun isaa faarfannaadhaan Yihowaa akka hin jajanne akka nu dhowwu maaliif heyyamna?
11, 12. Yaadawwan faarfannaa keenya fooyyessuuf nu gargaaran tokko tokko kamfaʼi?
11 Tarii faarfachuu kan sodaannu akkamitti akka faarfannu waan hin beekneef taʼa. Taʼus, yaadawwan buʼuuraa tokko tokko hojii irra oolchuudhaan akkaataa itti faarfannu fooyyessuu ni dandeenya. *
12 Sirriitti hafuuraa fudhachuudhaan humnaa fi sagalee guddaadhaan faarfachuu barachuu ni dandeessa. Akkuma elektiriikiin ampooliif humna kennu, hafuura fudhachuunis yeroo dubbannu ykn faarfannu sagalee keenyaaf humna kenna. Far. 33:1-3.
Yeroo faarfattu humni sagalee kee hamma isa yeroo dubbattuu ykn isaa ol taʼuu qaba. (Yaada Kitaaba Mana Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamu fuula 182 hanga 184, mata duree xiqqaa “Akkaataa Itti Hafuuraa Baafattu Toʼadhu” jedhu irra jiru ilaali.) Kitaabni Qulqulluun iyyuu faarfannaadhaan jajachuu wajjin haala wal qabateen, waaqeffattoonni Yihowaa yeroo tokko tokko ‘gammaduu isaanii guddisanii akka dhageessisan’ jajjabeessa.—13. Yommuu faarfannu ofitti amanamummaa keenya guddisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsi.
13 Yeroo waaqeffannaa maatii gootan ykn dhuunfaa keetti iyyuu taanaan yaada armaan gadii yaali: Kitaaba faarfannaa keenya irraa faarfannaa jaallattu tokko filadhu. Walaloo isaa sagalee guddaa fi ofitti amanannaa akka qabdu karaa argisiisuun dubbisi. Itti aansuudhaan sagaleedhuma ittiin dubbiste sanaan, jechoota gaalee tokko keessa jiran hunda hafuura tokkoon dubbisi. Sana booda, humnuma sagalee sanaatiin gaalee sana faarfadhu. (Isa. 24:14) Yoo akkas goote sagaleen ittiin faarfattu humna qabeessa taʼa, kun immoo wanta gaarii dha. Kun akka si sodaachisu ykn si qaanessu hin heyyamin!
14. (a) Afaan keenya balʼisnee banuun faarfachuu irratti kan nu gargaaru akkamitti? (Saanduqa “ Akkaataa Itti Faarfattu Fooyyessuu kan Dandeessu Akkamitti?” jedhu ilaali.) (b) Rakkina sagalee kee fooyyessuuf yaadni ati gaarii taʼee argatte isa kami?
14 Afaan kee yoo banuu baatte, sagalee guutuu baastee faarfachuu hin dandeessu. Gorsi kan biraan immoo, isa yeroo dubbattuu caalaa afaan kee balʼisii bani isa jedhu dha. Sagalee laafaa ykn sagalee qalʼoo akka qabdu kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe maal gochuu qabda? Yaadawwan Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamu, fuula 184, saanduqa “Rakkoowwan Sagalee Tokko Tokko Fooyyessuu” jedhu irra jiran rakkoowwan kana moʼuuf si gargaaruu dandaʼu.
GARAADHAA FAARFADHU
15. (a) Walgaʼii waggaa 2016 irratti beeksisni akkamii himamee ture? (b) Kitaaba faarfannaa haaraa qopheessuun kan barbaachise maaliifi?
15 Miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe obboleessi keenya Isteefan Leet walgaʼii waggaa 2016 Waldaa Masaraa Eegumsaa Kitaaba Qulqulluu fi Tiraaktii Pensilvaaniyaa irratti kitaabni faarfannaa haaraan mata duree Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’ jedhu qabu dhiheenyatti gumii irratti akka faarfatamu yeroo beeksisetti gammachuu guddaatu ture. Obboleessi keenya Leet kaayyoon kitaabni kun itti haareffame inni tokko Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa haareffamee baʼee wajjin wal simsiisuuf akka taʼe ibseera. Kunis walaloowwan jechoota Hiika Addunyaa Haaraa isa bara 2013tti baʼe keessatti hin argamne qaban baasuu ykn fooyyessuu kan gaafatu ture. Kana malees, faarfannaawwan haaraan waaʼee hojii lallabaa keenyaa fi dinqisiifannaa furichaaf qabnu ibsan itti dabalamaniiru. Itti dabalees faarfannaan waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa waan qabuuf Qaamni Ol Aanaan kitaaba faarfannaa sadarkaa guddaa qabu, akkasumas qollii fi halluun isaa Hiika Addunyaa Haaraa isa fooyyaʼee baʼee wajjin wal fakkaatu baasuu barbaadee ture.
16, 17. Kitaaba faarfannaa isa haaraa irratti jijjiiramni akkamii godhameera?
16 Kitaaba Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’ jedhamu salphaatti itti fayyadamuun akka dandaʼamuuf faarfannaawwan kan tarreeffaman akka qabiyyee isaaniitti dha. Fakkeenyaaf, faarfannaawwan 12 warri duraa kan xiyyeeffatan Yihowaa irratti siʼa taʼu, warri itti aanan 8 immoo Yesuusii fi furii irratti, akkasumas kkf irratti dha. Fakkeenyaaf, baafata mata duree faarfannaa kana faarfannaa haasaa sabaatiif taʼu filachuuf gargaaru qaba.
17 Yaadawwan tokko tokko caalaatti ibsuuf, akkasumas jechoota boodatti hafoo taʼan baasuudhaan namni hundi garaadhaa akka faarfatu gargaaruuf, walaloowwan tokko tokko irratti fooyyaʼiinsi godhameera. Fakkeenyaaf, jechoonni tokko tokko jechoota balʼinaan itti hojjetaman ykn salphaatti hubatamaniin bakka buufamaniiru. Mata duree “Garaa kee Eeggadhu” jedhu “Garaa Keenyaa Haa Eeggannu” jedhutti jijjiiruun caalaatti namaaf yaaduu argisiisa. Maaliifi? Namoonni haaraan, fedhii kan argisiisan, dargaggoonnii fi obboleettonni walgaʼii gumii, walgaʼii guguddaa fi walgaʼii naannoo keenya irratti faarfannaa kana faarfatan mirga isaa utuu hin qabaatiin namoonni kan biraan maal gochuu akka qaban itti himuu isaanitti taʼa. Kanaafuu mata dureewwanii fi walaloowwan kun fooyyeffamaniiru.
18. Faarfannaawwan kitaaba faarfannaa keenya isa haaraa keessa jiran sirriitti beekuu kan qabnu maaliif? (Miiljalee ilaali.)
18 Faarfannaawwan kitaaba faarfannaa Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’ jedhamu keessa jiran hedduun isaanii bifa kadhannaatiin kan dhihaatani dha. Faarfannaawwan kanaan miira kee Yihowaatti himachuu dandeessa. Faarfannaawwan kan biroon immoo, “jaalalaa fi hojii gaariidhaaf kakaasuuf” gargaaru. (Ibr. 10:24) Dhuguma iyyuu, Muuziqaa fi walaloo faarfannaawwan keenyaa beekuun keenya barbaachisaa dha. Faarfannaa sagaleedhaan qophaaʼee fi jw.org irratti argamu dhaggeeffachuudhaan kana gochuu dandeessa. Faarfannaawwan kana mana keetti shaakaluudhaan, ofitti amanamummaa fi garaadhaa faarfachuu barachuu dandeessa. *
19. Namoonni gumii keessa jiran hundi kallattiidhaan Yihowaa waaqeffachuu irratti hirmaachuu kan dandaʼan akkamitti?
19 Faarfannaan waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa akka qabu yaadadhaa. Faarfannaan karaa Yihowaadhaaf jaalalaa fi dinqisiifannaa qabnu itti argisiisnu isa guddaa dha. (Isaayaas 12:5 dubbisi.) Gammachuudhaan yeroo faarfattan namoonni kaanis ofitti amanamummaadhaan akka faarfatan jajjabeessitu. Dhuguma iyyuu, gumii keessa kan jiran hundi, jechuunis dargaggoonni, maanguddoonni, namoonni haaraan fedhii argisiisan waaqeffannaa kallattiidhaan Yihowaadhaaf dhihaatu kana irratti hirmaachuu ni dandaʼu. Kanaafuu faarfannaadhaan miira keessan ibsuu irraa duubatti hin jedhinaa. Kanaa mannaa, qajeelfama ifaa faarfatichi geggeessaa hafuuraatiin, “Yihowaa faarfadhaa!” [NW] jechuudhaan kenneef ajajamaa. Eeyyee, gammachuudhaan faarfadhaa!—Far. 96:1.
^ key. 11 Sagalee keenya fooyyessuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, sagantaa JW Biroodikaastiingi Muddee 2014 ilaali (viidiyoon kun mata duree FROM OUR STUDIO jedhu jalatti argama).
^ key. 18 Miira faarfachuuf qabnu kakaasuuf, sagantaan walgaʼii naannoo fi walgaʼii guguddaa hundi muuziqaa daqiiqaa kudhaniitiin jalqabu. Muuziqaawwan meeshaadhaan qindaaʼan kun, garaa keenyaa fi sammuu keenya sagantaa itti aanuuf qopheessuuf gargaaru. Kanaafuu, jalqabumaa kaasee teessuma keenya irratti argamuudhaan muuziqaa sagantichi ittiin jalqabamu xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffannu jajjabeeffamna.