Haqaa fi Araara Qabaachuu Irratti Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
“Firdii qajeelaa faradaa, walii keessanittis gaarummaa fi ooʼa argisiisaa!”—ZAK. 7:9.
1, 2. (a) Yesuus waaʼee Seera Waaqayyoo maaltu itti dhagaʼamee ture? (b) Barreessitoonnii fi Fariisonni Seericha kan jalʼisan akkamitti ture?
YESUUS Seera Musee ni jaallata ture. Seerri kun Abbaa isaa Yihowaa isa jireenya isaa keessatti iddoo guddaa qabu irraa waan dhufeef kun nama hin dinqisiisu. Jaalala guddaa Yesuus Seerichaaf qabu ilaalchisee Faarfannaa 40:8 irratti, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira” jedhamee barreeffameera. Yesuus dubbii fi gocha isaatiin Seerri Waaqayyo mudaa kan hin qabne, faayida qabeessaa fi raawwatamuun isaa kan hin shakkisiisne taʼuu isaa mirkaneesseera.—Mat. 5:17-19.
2 Kanaafuu, barreessitoonnii fi Fariisonni, Seera Abbaa isaa yeroo jalʼisan yommuu argu Yesuus baayʼee gaddee taʼuu qaba! Yesuus, “Isin kefoo, inchilaalaa fi dimbilaala harka kudhan keessaa harka tokko ni kennitu” waan jedheef, namoonni kun seericha keessaa wantoota xixxinnoo taʼan tokko tokko of eeggannoodhaan raawwatu turan. Maarree rakkinni isaanii maal ture? Yesuus itti dabalee, “garuu wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman, jechuunis haqa, gara laafinaa fi amanamummaa akka laayyootti ilaaltu” jedheera. (Mat. 23:23) Yesuus Fariisota qulqulluu of godhan kana irraa haala adda taʼeen, yaadawwan Seericha keessa jiran, jechuunis amalawwan Waaqayyoo warra ajaja isaa hunda keessatti calaqqisiifaman hubateera.
3. Mata duree kana keessatti waaʼee maali ilaalla?
3 Nuti Kiristiyaanota waan taaneef, kakuu Seerichaa jala hin jirru. Rom. 7:6) Taʼus, Yihowaan Seerri kun Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti eegamee akka turu godheera. Yihowaan wantoota xixxinnoo Seericha keessa jiraniin akka dhiphannu utuu hin taʼin, ‘wantoota guguddaa’ Seericha keessa jiran, jechuunis seera buʼuuraa ajajawwan sanaaf hundee taʼan hubannee hojii irraa akka oolchinu barbaada. Fakkeenyaaf, qophii magaalota kooluu itti galan ilaalchisee godhame irraa seerawwan buʼuuraa akkamii hubanna? Mata duree darbe irratti tarkaanfii namni baqatu tokko fudhatu irraa maal barachuu akka dandeenyu ibsamee ture. Magaalaawwan kooluu itti galan irraa immoo waaʼee Yihowaa fi amalawwan isaa akkamitti argisiisuu akka dandeenyu baranna. Kanaafuu mata dureen kun gaaffii sadiif deebii kenna: Magaalonni kooluu itti galan araara Yihowaa kan argisiisan akkamitti? Magaalonni kun Yihowaan jireenyaaf ilaalcha akkamii akka qabu maal nu barsiisu? Haqa isaa isa mudaa hin qabne kan calaqqisiisan hoo akkamitti? Gaaffiiwwan kana keessatti karaa fakkeenya Abbaa kee isa samii hordofuu itti dandeessu hubachuuf yaali.—Efesoon 5:1 dubbisi.
(BAKKI MAGAALONNI KOOLUU ITTI GALAN ITTI ARGAMAN ARAARA YIHOWAA ARGISIISA
4, 5. (a) Magaalonni kooluu itti galan salphaatti bira akka gaʼaman kan godhaman akkamitti? Maaliif? (b) Kun hoo waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?
4 Gara magaalota kooluu itti galan kanaa dhaquun mijaaʼaa dha. Yihowaan magaalonni kooluu itti galan kun walakkaan isaanii Laga Yordaanos gama, walakkaan immoo gamana akka taʼan ajajee ture. Maaliif? Sababiin isaas namni baqachaa jiru tokko haala mijataa taʼeen dafee dahoo argachuu akka dandaʼuuf ture. (Lak. 35:11-14, NW) Daandiiwwan gara magaalota kanaatti geessan yeroo hunda haareffamuu qabu turan. (Kes. 19:3) Akka afoolli Yihudootaa jedhutti mallattoowwan namni baqatu tokko gara magaalota kanaa salphaatti gaʼuu akka dandaʼuuf gargaaran dhaabamanii turan. Magaalonni kooluu itti galan waan jiraniif, namni utuu hin beekin nama ajjeese tokko biyya ormaa bakka waaqeffannaa sobaa hordofuuf itti qoramutti baqachuun isa hin barbaachisu ture.
5 Mee yaadi: Yihowaan inni namoonni beekaa nama ajjeesan adaba guddaa akka adabaman ajaje, namoonni utuu hin beekin nama ajjeesan immoo carraa gara laafinaa fi eegumsa itti argatan isaaniif baneera! Namni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko, “Hamma dandaʼametti wanti hundi ifaa fi salphaa akka taʼu godhameera. Kun gaarummaa Waaqayyoo argisiisa” jedhee barreesseera. Yihowaan abbaa murtii gara jabeessa tajaajiltoota isaa adabuuf ariifatu miti. Kanaa mannaa, “gara laafinni isaa guddaa” dha.—Efe. 2:4.
6. Ilaalchi Fariisotaa gara laafina Waaqayyoo irraa faallaa kan taʼe akkamitti?
6 Faallaa kanaatiin, Fariisonni gara laafina argisiisuuf fedhii hin qaban. Fakkeenyaaf, akka afoolli Yihudootaa jedhutti balleessaa tokkoof al sadii ol dhiifama hin godhan turan. Yesuus fakkeenya waaʼee Fariisii, “Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii, jechuunis akka saamtotaa, akka jalʼootaa, akka ejjitootaa yookiin keessumaa immoo akka nama qaraxa sassaabu kanaa waan hin taaneef sin galateeffadha” jedhee kadhachaa jiru tokko ibsuudhaan Luq. 18:9-14.
ilaalcha isaanii kana saaxileera. Namni qaraxa sassaabu sun gad of qabuudhaan araara Waaqayyoo kadhachaa ture. Fariisonni gara laafina argisiisuuf hamma kana fedhii kan hin qabne maaliifi? Kitaabni Qulqulluun, isaan ‘warra kaan akka tuffatan’ ibsa.—7, 8. (a) Namni tokko jalʼina yommuu si irratti hojjetu fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeessu akkamitti? (b) Dhiifama gochuun amala gad of qabuu keenya kan qoru maaliifi?
7 Fariisota utuu hin taʼin, fakkeenya Yihowaa hordofi. Gara laafina argisiisi. (Qolosaayis 3:13 dubbisi.) Karaan kana gochuu itti dandeessu tokko namoonni kaan dhiifama si gaafachuun akka isaaniif salphatu gochuu dha. (Luq. 17:3, 4) Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Namoota irra deddeebiʼanii na miidhaniif illee dhiifama nan godhaa? Nama na mufachiise ykn na miidhe tokkoo wajjin nagaa buusuuf fedhii cimaa qaba?’
8 Dhiifama gochuun amala gad of qabuu qabaachuu fi dhiisuu keenya qora. Fariisonni warri kaan isaanii gad akka taʼanitti waan ilaalaniif qorumsa kana kufaniiru. Kiristiyaanota waan taaneef, gad of qabnee, ‘warri kaan akka nu irra caalan’ goonee yaaduudhaan dhiifama isaaniif gochuu qabna. (Filp. 2:3) Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan qorumsa gad of qabuu ni darbitaa? Kan gad of qabnu yoo taʼe warri kaan dhiifama nu gaafachuun isaanitti salphata, nutis dhiifama isaaniif gochuun nutti salphata. Dhiifama gochuuf kan ariifattuu fi mufachuuf immoo suuta kan jettu taʼi.—Lal. 7:8, 9.
JIREENYAAF KABAJA QABAADHU; “DHIIGNI DHANGALAʼUUN KUNIS SI IRRAA AKKA HIN BARBAADAMNE GODHI!”
9. Yihowaan lubbuun namaa, qulqulluu taʼuu isaa Israaʼeloonni akka hin irraanfanne kan godhe akkamitti?
9 Kaayyoon magaalota kooluu itti galanii inni guddaan Israaʼeloonni dhiiga dhangalaasuutti akka hin gaafatamne eeguu dha. (Kes. 19:10) Yihowaan jireenya ni jaallata, “harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu” immoo ni jibba. (Fak. 6:16, 17) Inni Waaqa haqa qabeessaa fi qulqulluu waan taʼeef, nama utuu hin beekin dhiiga dhangalaasu illee callisee dhiisuu hin dandaʼu. Dhugaa dha, namni utuu hin beekin nama ajjeese tokko dhiifama ni argata. Taʼus, dhimma isaa jaarsolii duratti dhiheeffachuu fi gochi isaa utuu hin beekin kan raawwatame taʼuun isaa beekamee yoo murteeffame, hamma lubni ol aanaa duʼutti magaalaa kooluu itti galan keessa turuu qaba. Kana jechuun jireenyaa isaa isa hafe hunda achi keessa jiraata jechuu taʼuu dandaʼa. Qophii kanaan kan kaʼe haalli uumamu kun, Israaʼelonni hundi lubbuun namaa, qulqulluu taʼuu isaa akka hin irraanfanne isaan godheera. Qaama jireenya isaaniif kenne kabajuudhaaf, wanta lubbuu namootaa balaadhaaf saaxilu kam iyyuu gochuu ykn kan balaa irraa oolchu gochuu dhiisuu irraa fagaachuu qabu turan.
10. Akka Yesuus jedhetti barsiisoonnii seeraa fi Fariisonni lubbuu namootaatiif dantaa akka hin qabne kan argisiisan akkamitti?
10 Yihowaa irraa haala adda taʼeen, barsiisoonnii seeraa fi Fariisonni lubbuu namaatiif dantaa hin qaban turan. Akkamitti? Yesuus, “[Isin] furtuu beekumsaa buttanii fudhattaniittu. Ofii keessanii itti hin galtan, warra galuuf yaalanis ni dhowwitu!” isaaniin jedhee ture. (Luq. 11:52) Namoonni kun Dubbii Waaqayyoo sirriitti hiikuu fi namoonni kaan daandii jireenya bara baraa irra akka deeman gargaaruu qabu turan. Haa taʼu malee, isaan namoota “Bakka Buʼaa jireenyaa Isa Guddaa,” jechuunis Yesuus irraa jalʼisanii daandii badiisa bara baraatti geessu irraa akka deeman isaan godhaniiru. (HoE. 3:15) Barsiisoonnii seeraa fi Fariisonni kan of tuulanii fi ofittoo waan turaniif, lubbuu fi nageenya namootaatiif hin yaadan turan. Baayʼee gara jabeeyyii fi araara kan hin qabne turan!
11. (a) Phaawulos ergamaan ilaalcha Waaqayyo jireenyaaf qabu qabaachuu isaa kan argisiise akkamitti? (b) Ilaalcha Phaawulos tajaajilaaf qabu horachuuf maaltu nu gargaara?
11 Ilaalcha barsiisoota seeraa fi Fariisotaa irraa fagaachuu fi fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Kennaa jireenyaatiif kabaja qabaachuu qabna, akka qabeenya guddaattis ilaalla. Phaawulos ergamaan guutummaatti dhugaa baʼuudhaan kana godheera. Kanaan kan kaʼes, “Ani dhiiga nama hundumaa irraa qulqulluu [dha]” jechuu dandaʼeera. (Hojii Ergamootaa 20:26, 27 dubbisi.) Taʼus, Phaawulos kan lallabe balleessan isatti dhagaʼamee ykn dirqama isatti taʼee hin turre. Kanaa mannaa, namoota ni jaallata, lubbuu isaaniitiifis iddoo guddaa kenna ture. (1 Qor. 9:19-23) Nutis jireenyaaf ilaalcha Waaqayyoo qabaachuuf carraaqqii gochuu qabna. Yihowaan, ‘hundumtuu yaada akka geddaratan barbaada.’ (2 Phe. 3:9) Ati hoo ni barbaaddaa? Garaa kee keessatti gara laafina guddaa akkasii qabaachuun kee tajaajila irratti hinaaffaa akka qabaattu si gargaara, kana gochuun kees gammachuu guddaa akka argattu godha.
12. Of eeggannoo gochuun saba Waaqayyootiif baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
12 Nageenyaaf of eeggannoo gochuudhaanis ilaalcha Yihowaan jireenyaaf qabu horachuu ni dandeenya. Yeroo waa ijaarru, suphinu ykn bakka waaqeffannaa keenyaa deemnutti illee of eeggannoodhaan konkolaataa oofuu fi hojjechuu qabna. Oomishni, qarshiin ykn sagantaan keessan nageenyaa fi fayyaa keessan akka dursu hin godhinaa. Waaqni keenya inni haqa qabeessa taʼe yeroo hunda wanta sirrii fi qajeelaa taʼe raawwata. Nutis isa fakkaachuu barbaanna. Keessumaa jaarsoliin nageenya ofii isaaniitiifis taʼe namoota isaanii wajjin hojjetaniif of eeggannoo gochuuf dammaqoo taʼuu qabu. (Fak. 22:3) Jaarsi tokko of eeggannoo ilaalchisee seerawwanii fi ulaagaawwan jiran irratti gorsa yoo siif kenne gorsa isaa fudhadhu. (Gal. 6:1) Jireenyaaf ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuudhaan, ‘dhiigni dhangalaʼu akka si irraa hin barbaadamne’ gochuu dandeessa.
‘AKKA FIRDII QAJEELAA KANAATTI FIRDII KENNAA’
13, 14. Jaarsoliin Israaʼel haqa Yihowaa calaqqisiisuu kan dandaʼan akkamitti?
13 Yihowaan jaarsoliin Israaʼelootaa haqa ilaalchisee ulaagaa isaa isa ol aanaa akka hordofan isaan ajajeera. Jalqaba, jaarsoliin dhugaawwan jiran hubachuun isaan barbaachisa. Kana malees, dhiifama gochuuf ykn dhiisuuf murteessuu isaanii dura kakaʼumsa, ilaalchaa fi amala namni nama ajjeese sun duraan qabu of eeggannoodhaan qoruu qabu. Haqa Waaqayyoo calaqqisiisuuf, namni baqatu sun kana kan godhe, ‘jibbaan’ akkasumas “riphee eeggatee” taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu qabu. (Lakkoobsa 35:20-24 dubbisi.) Namoonni ragaa baʼan kan jiran yoo taʼe, nama nama ajjeese sanatti murteessuuf yoo xinnaate ragaa baatonni lama dhihaachuu qabu.—Lak. 35:30.
14 Kanaafuu, jaarsoliin dhimma sana ilaalchisee dhugaa jiru erga hubatanii booda, gocha isaa qofa irratti utuu hin taʼin, namicha irrattis xiyyeeffachuu qabu. Dhimma sana gadi fageenyaan hubachuuf, hubannaa guddaa qabaachuu, jechuunis wanta dhimma sana duuba jiru beekuu qabu. Hunda caalaa immoo, hubannaa, araaraa fi haqa Yihowaa calaqqisiisuu akka dandaʼaniif hafuura qulqulluu argachuun isaan barbaachisa.—Bau. 34:6, 7.
15. Cubbamoota ilaalchisee ilaalcha Yesuusii fi Fariisonni qaban wal bira qabii ibsi.
15 Fariisonni wanta garaa namichaa keessa jiru irratti utuu hin taʼin, wanta namichi godhe qofa irratti xiyyeeffatu turan. Fariisonni Yesuus mana Maatewositti afeeramee yommuu argan, “Barsiisaan keessan maaliif warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan. Yesuusis, “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu. Kanaaf dhaqaa, ‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafina nan barbaada’ jechuun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Sababiin isaas ani namoota qajeeloo utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe” jedhee isaaniif deebise. (Mat. 9:9-) Yesuus yeroo akkana jedhu dogoggora cimaa akka laayyootti ilaaluu isaa turee? Matumaa. Dhugaa dubbachuuf ergaan Yesuus inni guddaan cubbamoonni yaada akka geddaratan waamuu kan dabalatu ture. ( 13Mat. 4:17) Taʼus Yesuus, yoo xinnaate ‘namoota qaraxa sassaabanii fi cubbamoota’ kana keessaa tokko tokko jijjiiramuu akka barbaadan akka gaariitti hubatee ture. Namoonni kun mana Maatewos kan dhaqan nyaachuudhaaf qofa hin turre. Kanaa mannaa, “Isaan keessaa hedduun isaanii duuka buutota [Yesuus] taʼanii turan.” (Mar. 2:15) Kan nama gaddisiisu garuu, Fariisota keessaa baayʼeen isaanii wanta Yesuus namoota kana keessatti arge utuu hin argin hafaniiru. Fariisonni, Waaqa haqaa fi araara qabeessa isa ni waaqeffanna jedhanii dubbatan sana irraa haala adda taʼeen, namoonni kaan cubbamoota abdii hin qabne akka taʼanitti ilaaluudhaan isaan balaaleffatu turan.
16. Koreen murtii maal hubachuuf yaalii gochuu qaba?
16 Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran, Yihowaa isa ‘haqa jaallatu’ fakkaachuu qabu. (Far. 37:28, NW) Jalqaba, dogoggorri raawwatamuu isaa mirkaneessuuf ‘iyyaafachuu, qoruu fi baʼeessa godhanii gaafachuu’ qabu. Yoo dogoggorri raawwatameera taʼe, dhimmicha qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun furmaata kennuufii qabu. (Kes. 13:12-14) Jaarsoliin koree murtii keessa galanii yommuu tajaajilan, Kiristiyaanni cubbuu cimaa raawwate tokko yaada geddarachuu fi dhiisuu isaa akka gaariitti hubachuu qabu. Yaada geddarachuun ykn geddarachuu dhiisuun yeroo hunda ifatti mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Yaada geddarachuun ilaalcha, amalaa fi haala garaa nama sanaa kan dabalatu dha. (Mul. 3:3) Cubbamaan tokko dhiifama argachuuf yaada geddarachuu qaba. *
17, 18. Jaarsoliin namni tokko garaadhaa yaada geddarachuu isaa akkamitti beekuu dandaʼu? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)
17 Yihowaa fi Yesuus irraa haala adda taʼeen, jaarsoliin garaa namaa dubbisuu hin dandaʼan. Jaarsa yoo taate, namni tokko garaadhaa yaada geddarachuu isaa hubachuu irratti haala rakkisaa si mudatuuf furmaata kennuu kan dandeessu akkamitti? Jalqaba ogummaa fi hubannaa argachuuf kadhadhu. (1 Mot. 3:9) Lammaffaa, “akka addunyaatti gadduu” “karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduu” irraa addaan baasuu akka si gargaaruuf, Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota garbichi ogeessii fi amanamaan qopheessu qori. (2 Qor. 7:10, 11) Kitaabni Qulqulluun namoota yaada geddaratanii fi hin geddaranne akkamitti akka ibsu ilaali. Kitaabni Qulqulluun miira isaanii, ilaalcha isaanii fi amala isaanii akkamitti ibsa?
18 Dhuma irrattis, wanta namichi godhe qofa utuu hin taʼin, waaʼee namichaa yaaduuf yaali. Seenaa namichaa, kakaʼumsa isaa fi hanqina inni qabu tilmaama keessa galchi. Yesuus isa mataa gumii Kiristiyaanaa taʼe ilaalchisee Kitaabni Qulqulluu raajii akkas jedhu dubbateera: “Faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhagaʼuu isa hin barbaachisu; warra dhabaniif qajeelummaadhaan in farada, gadadamoota lafa irraatiif murtoo qajeelaa in kenna.” (Isa. 11:3, 4) Isin jaarsoliin, tiksoota Yesuus jala jirtan waan taataniif, isinis akka inni murtii kennutti akka kennitan isin gargaara. (Mat. 18:18-20) Jaarsolii akkas gochuuf carraaqanii fi nuuf yaadan akkasii qabaachuu keenyaaf galateeffachuu hin qabnuu? Jaarsolii dadhabe utuu hin jedhiin gumii keessatti haqnii fi araarri akka jiraatu gochuuf carraaqan baayʼee dinqisiifanna!
19. Barumsa magaalota kooluu itti galan irraa arganne keessaa isa kam hojii irra oolchuuf yaadde?
19 Seerri Musee waaʼee Yihowaa fi seerawwan isaa warra qajeeloo taʼan ilaalchisee, “dhugaa isa Seericha keessatti buʼuura taʼe” qabateera. (Rom. 2:20) Fakkeenyaaf, magaalonni kooluu itti galan, jaarsoliin akkamitti ‘firdii qajeelaa akka faradan,’ hundi keenyas ‘walii keenyatti gaarummaa fi ooʼa argisiisuu’ kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisu. (Zak. 7:9) Yeroo ammaatti Seericha jala hin jirru. Taʼus, Yihowaan amma iyyuu hin jijjiiramne, akkasumas amma iyyuu inni haqaa fi araaraaf iddoo guddaa kenna. Waaqa isa akka bifa isaatti nu uume, isa amalawwan isaa calaqqisiisuu fi isatti kooluu galuu dandeenyu waaqeffachuun keenya mirga guddaa dha!
^ key. 16 “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 2006, ful. 30 irra jiru ilaali. (Amaariffa)