Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Kee Caalaatti Buʼa Qabeessaa fi Gammachiisaa Gochuu kan Dandeessu Akkamitti?

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Kee Caalaatti Buʼa Qabeessaa fi Gammachiisaa Gochuu kan Dandeessu Akkamitti?

IYAASUUN haala rakkisaa tokko moʼuun isa barbaachisa. Rakkoowwan guguddaa moʼuudhaan saba Israaʼel Biyyattii Abdachiifamtetti geessuu qaba. Yihowaan milkaaʼina akka argatu isaaf mirkaneessuudhaan akkana jedhee isa jajjabeesse: ‘Cimi, ija jabaadhus! Seera koo eegi! Macaafni seerichaa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waaʼee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!’—Iya. 1:7, 8.

Nuunis ‘guyyoota dhumaa yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ kana keessatti rakkoowwan guguddaan nu mudatu. (2 Xim. 3:1) Akkuma Iyaasuu milkaaʼina argachuu yoo barbaanne, gorsa Yihowaan Iyaasuudhaaf kenne hordofuu qabna. Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi yeroo qorumsi nu mudatutti qajeelfama achi keessa jiru of eeggannoodhaan hojii irra oolchuu dandeenya.

Haa taʼu malee, dhugaa isaa dubbachuuf baayʼeen keenya barattoota gaarii akka hin taanee fi qoʼannaa gochuun salphaa akka nuuf hin taane nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun baayʼee barbaachisaa dha; qoʼannaa keenya caalaatti buʼa qabeessaa fi gammachiisaa gochuuf, yaadawwan gaggaarii tokko tokko saanduqa, “ Yaadawwan Armaan Gadii Hojii Irra Oolchuuf Yaali” jedhu irraa dubbisuu dandeenya.

Faarfatichi, “Daandii ati abboomte irra akkan adeemu godhi, innoo anatti in tola” jechuudhaan faarfateera. (Far. 119:35) Atis Dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan gammachuu guddaa argachuu dandeessa. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee yommuu itti fuftu yaadawwan baayʼee gaggaarii taʼan hedduu argachuu dandeessa.

Akka Iyaasuu saba geggeessitu tokko qabaachuu baattus, qorumsawwan mataa keetii qabda. Kanaaf, akkuma Iyaasuu wanta faayidaa keetiif barreeffame dubbisi, akkasumas hojii irra oolchi. Akkas kan gootu yoo taʼe, karaan kee siif qajeela, wanti ati gootus wal siif qixxaata.