“Namni Adduma Addaan Waan Ofii Isaatii Baatu Qaba”
“Namni Adduma Addaan Waan Ofii Isaatii Baatu Qaba”
“Nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira.” —ROOMAA 14:12.
1. Ibroonni sadan ba’aasaanii ofiisaaniitii kan baadhatan akkamitti?
DARGAGGOONNI Ibrootaa biyya Baabilonitti argaman sadii murtoo du’aafi jireenyaatu isaan eega. Seera biyyattii wajjin haala wal simuun fakkii guddaa kanaaf ni sagaduu laata? Yookiinimmoo labsii kana cabsanii fakkii kana waaqeffachuu diduudhaan ibiddatti darbatamuu? Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoon waa’ee dhimma kanaa nama garabiraa mariisisuuf yeroo hin qaban turan; kana gochuunis isaan hin barbaachisu ture. Mamii tokko malee akkas jechuudhaan dubbataniiru: “Yoo kana fedhuu dhaabaatte iyyuu, nuyi waaqayyolii kee akka hin waaqessine, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabdeefis akka hin saganne beeki, yaa mootii!” (Daani’el 3:1-18) Ibroonni sadan kun ba’aasaanii ofumasaaniitii baadhataniiru.
2. Philaaxos itti gaafatamummaasaa ofiisaatiif baachuu mannaa, Yesusirratti akka murtoo dabarsu dhiibbaa kan isarratti godhan eenyufa’i? Kana gochuunsaa itti gaafatamummaarraa walaba isa godhaa?
2 Waggoota dhibba ja’a boodammoo bulchaan biyyaa tokko himata nama tokkorratti dhihaate dhaga’e. Dhimma kana yeroo qoratu namni himatame kun akka yakka hin raawwanne hubate. Haata’u malee, namoonni hedduun nama kanatti akka faradu isa gaafatan. Bulchaan biyyaa kun erga xinnoo falmee booda, ba’aasaa baadhachuu mannaa dhiibbaa namoota kanaaf mo’ame. Harkasaa erga dhiqatee booda: “Ani dhiiga nama kanaa irratti yakka hin qabu!” isaaniin jedhe. Achiis, namni kun akka fannifamuuf harkasaaniitti dabarsee kenne. Eeyyee, Phonxos Philaaxos Yesus Kiristosiin ilaalchisee itti gaafatamummaa murtoo sirrii kennuuf qabu baachuu mannaa, warri kaan akka isaaf murteessan godhe. Bishaan hammamiitiiniyyuu yoo dhiqate, murtoo inni seera malee Yesusirratti dabarseen itti gaafatamuurraa isa hin qulqulleessu.—Maatewos 27:11-26; Luqaas 23:13-25.
3. Warri kaan akka nuu murteessan gochuu kan hin qabne maaliifi?
3 Atoo nama akkamiiti? Yeroo murtoo gochuuf dirqamtu, akkuma Ibroota sadan sanaa gootamoo warri kaan akka sii murteessan goota? Murtoo sirrii gochuun beekumsa waan gaafatuuf salphaatti kan ilaalamu miti. Fakkeenyaaf, warri ijoollesaanii xixinnoo ta’aniif murtoo gaarii gochuu qabu. Dhugaadha, wanta nama rakkisuufi bitaafi mirgaan ilaaluu kan gaafatu yoo ta’emmoo, murtoo sirrii kennuun rakkisaa ta’uu danda’a. Ta’uyyuu, itti gaafatamni nuti murtoo gochuuf qabnu akka ‘ba’aafi’ akka waan guddaatti ilaaluudhaan namoonni ‘warri hafuuraan geggeeffamanii jiraatan’ akka nuu baachuu qabaniitti ilaaluu hin qabnu. (Galaatiyaa 6:1, 2) Kanaa mannaa, “nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira.” (Roomaa 14:12) Macaafni Qulqulluun “Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba” jedha. (Galaatiyaa 6:5) Akkas taanaan, murtoo sirrii gochuu kan dandeenyu akkamittiree? Jalqaba, humni keenya daangaa akka qabu hubachuufi kanas mo’uuf wanta gochuu qabnu barachuu qabna.
Ulaagaa Barbaachisaa Ta’e
4. Murtoo gochuu ilaalchisee, Addaamiif Hewwaan Waaqayyoof abboomamuu diduusaaniirraa barumsa akkamii arganna?
4 Murtoon Addaamiifi Hewwaan jalqaba seenaa ilmaan namootaa keessatti godhan balaa guddaa fideera. Ija mukaa isa gaariifi gadhee ittiin beekan nyaachuu filatan. (Uumama 2:16, 17) Murtoo akkasiirra akka ga’an kan isaan godhe maal ture? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Dubartittiinis iji mukichaa nyaataaf gaarii ta’uu isaa, ija namaatti kan tolu, ogeessa nama gochuudhaafis gomjaasisaa ta’uu isaa argitee, ija isaa irraa kutattee in nyaatte; abbaa manaa ishee isa ishee wajjin tureefis immoo in laatte, innis in nyaate.” (Uumama 3:6) Murtoon Hewwaan goote ofittummaarratti kan hundaa’e ture. Gochishee kun Addaamis akka ishee hordofu godheera. Kanaan kan ka’es cubbuufi duuti “sanyii namaa hundumaa wal ga’e.” (Roomaa 5:12) Addaamiif Hewwaan abboomamuu diduunsaanii, humni namootaa daangaa kan qabu ta’uusaafi qajeelfama Waaqayyoo yoo argatan malee murtoo sirrii gochuu akka hin dandeenye nu hubachiisa.
5. Yihowaan qajeelfama akkamii nuu qopheesseera? Qajeelfama kanarraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabna?
5 Yihowaan qajeelfama malee waan nu hin dhiisneef ni gammanna. Caaffanni Qulqullaa’aan akkas jedha: “Yommuu isin gara mirgaatti yookiis gara bitaatti adeemuudhaaf jettan, sagaleen tokko isin booddeedhaan isinitti dubbatee ‘Karichi isa kana, isa irra adeemaa!’ utuu isiniin jedhuu gurri keessan in dhaga’a.” (Isaayaas 30:21) Yihowaan karaa Sagaleesaa, jechuunis Macaafa Qulqulluudhaan nutti dubbata. Caaffata Qulqullaa’aa qayyabachuufi beekumsa argachuu qabna. Filannaa sirrii gochuuf ‘nyaata jabaa kan warra ga’eessa ta’anii’ nyaachuu qabna. Kana malees, sammuun keenya hojiidhaan itti bare hamaafi gaarii gargar baasuu akka danda’uuf’ dandeettii hubannaa keenya guddisuu dandeenya. (Ibroota 5:14) Wanta Sagalee Waaqayyoorraa baranne hojiirra oolchuudhaan hubannaa keenya leenjisuu dandeenya.
6. Yaanni garaa keenyaa sirriitti akka hojjetu gochuuf maal gochuu qabna?
6 Yeroo murtoo goonu, yaanni garaa keenyaa inni uumamaan argannes nu fayyaduu danda’a. Yaanni garaa keenyaa murtoo kennuuf, ‘nu hadheessuufi nuuf falmuuf’ nu gargaara. (Roomaa 2:14, 15) Haata’u malee, yaanni garaa keenyaa sirriitti akka hojjetuuf Sagalee Waaqayyoo keessaa karaa hafuuraa hubannaa argachuufi beekumsa kanas akka hojiirra oolchuuf gargaaruu qabna. Yaanni garaa hin leenjifamne salphaadhumatti dhiibbaa duudhaafi barsiifata naannootiin mo’amuu danda’a. Naannoon keenyaafi ilaalchi namootaa wanta sirrii hin taane akka raawwannu nu gochuu danda’a. Yaanni garaa keenya, seera Waaqayyoo fudhachuu diduufi cabsuutti kan nu oofu yoo ta’e balaa akkamii qaba? Yaanni garaa akkasii suutuma suuta akka ‘diiminaan gubameetti’ godaannisa godhachuudhaan sirriitti hojjechuu dadhabuu danda’a. (1 Ximotewos 4:2) Karaa garabiraammoo, yaanni garaa Sagalee Waaqayyootiin leenjifame qajeelfama sirrii kennuu danda’a.
7. Murtoo sirrii gochuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?
7 Kanaaf, itti gaafatamummaa murtoo sirrii gochuuf qabnu raawwachuuf, Caaffata Qulqullaa’aarraa beekumsa sirrii argachuufi beekumsa kanas hojiirra oolchuun barbaachisaadha. Wanti akka murtoo goonu nu dirqisiisu yommuu nu mudatu jarjarree murtoo gochuu mannaa, yeroo fudhannee seerawwan bu’uuraa Waaqayyo kennerratti qorannaa gochuudhaan dandeettii hubannaa keenyaatiin gargaaramuufi wanta baranne kana hojiirra oolchuu qabna. Akkuma Shaadraak, Meshaakiifi, Abed-Neegoo wanti battaluma sanatti murtoo akka goonu nu dirqisiisu yeroo nu mudatus, Sagalee Waaqayyoo sirriitti kan beeknuufi yaanni garaa keenyaas beekumsa akkasiitiin kan leenjifame yoo ta’e, akka gaariitti qophoofneerra jechuu danda’ama. Karaa hafuuraa guddachuun keenya murtoo gochuurratti akkamitti nu gargaaruu akka danda’u hubachuuf, wantoota murtoo gochuuf nu dirqisiisan lama haa ilaallu.
Hiriyoota Akkamii Filachuu Qabna?
8, 9. (a) Seerawwan bu’uuraa hiriyummaa gadheerraa fagaachuun barbaachisaa ta’uusaa argisiisan kamfa’i? (b) Hiriyoota gadhee qabaachuu jechuun namoota amala gadhee qaban hiriyaa godhachuurraa fagaachuu jechuu qofadhaa? Ibsi.
8 Phaawulos:“Hin gowwoominaa! Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa” jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 15:33) Yesus Kiristos duuka buutotasaatiin: ‘Isin kan biyya lafaa miti’ jedheera. (Yohannis 15:19) Seera bu’uuraa kana barachuudhaan namoota halalee, warra ejjan, warra hatan, warra machaa’aniifi warra wantoota akkasii raawwatanii wajjin hiriyaa ta’uurraa fagaachuun barbaachisaa ta’uusaa dafnee hubanna. (1 Qorontos 6:9, 10) Haata’u malee, dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamuun jabaachaa yeroo adeemnu viidiyoo, Televijiinii yookiin kompiitaraan waa’ee namoota akkasii ilaaluun yookiin waa’ee namoota kanaa kitaabota adda addaarraa dubbisuun gadhee ta’uusaa hubanna. Karaa Intarneetii ‘Warra haxxee [warra eenyummaasaanii dhoksanii, NW] wajjinis hidhata’ ta’uun rakkina wal fakkaatu fiduu danda’a.—Faarfannaa 26:4.
9 Namoota amala gaarii qabaniifi Waaqayyotti hin amanne hiriyaa godhachuunoo sirriidhaa? Caaffanni Qulqullaa’aan: “Guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru in beekna” jedha. (1 Yohannis 5:19) Hiriyummaa gadhee jechuun namoota gadhiisiidhaan jiraatan yookiin namoota amala gadhee qabanirraa fagaachuu qofa miti. Kanaaf, namoota Yihowaa jaallatan qofa hiriyaa godhachuun sirrii ta’uusaa hubachuu qabna.
10. Walitti dhufeenya namoota biyya lafaa wajjin qabnuun murtoo sirrii gochuuf kan nu gargaaru maalidha?
10 Namoota biyya lafaarraa guutummaatti fagaachuun kan hin danda’amne ta’uusaarrayyuu kana gochuunis nurraa hin barbaadamu. (Yohannis 17:15) Tajaajilarratti, mana barumsaafi bakka hojiitti namoota kanaa wajjin wal argina. Kiristiyaanni hiriyaa gaa’elaa hin amannee wajjin jiraatu warra kaan caalaa namoota akkasii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu danda’a. Haata’u malee, hubannaa qabnu yoo guddifne isaanii wajjin hamma ta’e walitti dhufeenya qabaachuufi guutummaatti isaanii wajjin ta’uun garaagarummaa akka qabu ni hubanna. (Yaaqoob 4:4) Kanaaf, sochiiwwan dabalataa mana barumsaatti godhaman kan akka ispoortii, shubbisa, warra wajjin hojjennuu wajjin afeerriirratti argamuu akka qabnuufi akka hin qabne ilaalchisee murtoo sirrii ta’e gochuu dandeenya.
Hojii Kiristiyaanaaf Ta’u Filachuu
11. Hojii tokko qabachuuf murtoo gochuu keenya dura wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qabna?
11 Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu karaa sirrii ta’een hojiirra oolchuun keenya, itti gaafatamummaa wanta ‘maatii keenyaaf’ barbaachisu guutuuf qabnu ilaalchisee murtoo sirrii gochuuf nu gargaara. (1 Ximotewos 5:8) Jalqaba, haala hojichaa yookiin hojichi maal akka nurraa barbaadu beekuu qabna. Hojii Macaafa Qulqulluu keessatti balaaleffatame filachuun dogoggoradha. Kanaaf, Kiristiyaanonni dhugaan waaqolii sobaa waaqeffachuu, hatuu, dhiiga fudhachuu yookiin hojiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti jibbaman garabiraa hin hojjetan. Kana malees, namni nu qacare akka sobnu yookiin akka nama gowwoomsinu yoo nu ajajellee kana hin goonu.—Hojii Ergamootaa 15:29; Mul’ata 21:8.
12, 13. Hojii wajjin haala wal qabateen yeroo murtoo goonu wantoonni tilmaama keessa galchuu qabnu tokko tokko maalfa’i?
12 Hojiin tokko seera Waaqayyoo wajjin kan wal hin faallessine yoo ta’ehoo? Dhugaa ilaalchisee beekumsa dabalataa argachaa yeroo adeemnu, sammuun keenya qaroomaa waan adeemuuf, dhimmawwan hubatamuu qaban garabiraas tilmaama keessa galchuutti kaana. Hojiin tokko bakka qumaarri itti taphatamutti mana bilbilaa keessaa hojjechuu kan gaafatu yoo ta’e maal goona? Mindaa kan argannu eessaa akka ta’eefi bakki hojiin kun itti hojjetamus Kiristiyaana tokkoof ta’uufi ta’uu dhiisuusaa sirriitti hubachuu qabna. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni dhuunfaasaatti hojii ijaarsaa hojjetu tokko, caalbaasii waldaa amantii Saba Kiristiyaanaa halluu dibuudhaan hojii amantii sobaa babal’isuurratti ni hirmaataa?—2 Qorontos 6:14-16.
13 Namni nu qacare waldaa amantii sobaa haaromsuuf kontiraata yoo fudhatehoo maal gochuu qabna? Yeroo kanatti wanta hojjetamu keessatti ga’een keenya hangam akka ta’eefi hojicharratti hangam akka hirmaannu tilmaama keessa galchuun barbaachisaadha. Hojii seera Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin faallessineefi bakka wantoonni dogoggora ta’an itti raawwataman dabalatee bakka hundumaatti xalayaa geessuu yoo ta’ehoo maal gochuu qabna? Yeroo kanatti seera bu’uuraa Maatewos 5:45rratti caqasame tilmaama keessa galchuun barbaachisaa mitii? Karaa garabiraammoo, hojiin yeroo hundumaa hojjennu kun yaada garaa keenyarratti akka dhiibbaa fidaa jiruufi akka hin jirre hubachuu qabna. (Ibroota 13:18) Dhugumayyuu, hojii Kiristiyaanaaf ta’u filachuu ilaalchisee murtoo sirrii ta’e gochuudhaan ba’aa mataa keenyaa baachuu kan dandeenyu, sammuu keenya yoo qaroomsineefi yaada garaa isa Waaqayyo nuu kenne sirriitti yoo leenjisne qofadha.
“Karaa Kee Hundumaatti Isa Yaadi”
14. Yeroo murtoo goonu maal tilmaama keessa galchuu qabna?
14 Yaalii fayyaafi barumsa sadarkaa olaanaa barachuu dabalatee dhimmawwan kana fakkaatan adda addaarratti murtoo gochuu ilaalchisee maal gochuu qabna? Murtoo akkamiiyyuu yeroo goonu, dhimmawwan kana ilaalchisee seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu sirriitti beekuufi isaaniin hojiirra oolchuuf hubannaa keenyatti fayyadamuu qabna. Bara duriitti Mootii Israa’el kan ture Solomoon akkas jedheera: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.”—Fakkeenya 3:5, 6.
15. Murtoo gochuu ilaalchisee, Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarraa maal baranna?
15 Yeroo baay’ee murtoon nuti goonu warra kaan fayyaduu yookiin miidhuu waan danda’uuf kanas tilmaama keessa galchuu qabna. Fakkeenyaaf Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa nyaata ilaalchisee Seera Musee jala hin turre. Seericha keessatti akka xuraa’aatti yoo ilaalamaniyyuu nyaatawwan fudhatama qaban tokko tokko nyaachuu danda’u turan. Haata’u malee, Phaawulos foon horii waaqolii sobaatiif aarsaa ta’ee dhihaate nyaachuu ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Nyaata akkasiitti dhi’aachuun sababii obboleessa koo kuffisu yoo ta’e, ani obboleessa koo akkan hin kuffifnetti matumaa deebi’ee foon hin nyaadhu.” (1 Qorontos 8:11-13) Phaawulos, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa wanta yaada garaa warra kaanii tuqu raawwachuudhaan isaan gufachiisuurraa akka fagaatan gorseera. Murtoon keenya warra kaanitti “gufuu” ta’uu hin qabu.—1 Qorontos 10:29, 32.
Ogummaa Waaqayyoo Barbaadaa
16. Yeroo murtoo goonu kadhannaan nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?
16 Murtoo sirrii ta’e gochuuf wanti nu gargaaru inni guddaan kadhannaadha. Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir’ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf.” (Yaaqoob 1:5) Ogummaa murtoo sirrii gochuuf nu gargaaru akka nuu kennu amantaadhaan Yihowaa kadhachuu dandeenya. Wanta nu yaaddessu Waaqa dhugaatti yoo himneefi qajeelfamasaa yoo hordofne, hafuurri qulqulluun caqasawwan yeroo kanatti nu gargaaran akka yaadannu nu gargaaruu danda’a.
17. Yeroo murtoo goonu warri kaan nu gargaaruu kan danda’an akkamitti?
17 Yeroo murtoo goonu warri kaanoo nu gargaaruu danda’uu? Eeyyee, Yihowaan namoota ga’eessa ta’an gumii keessatti nuuf qopheesseera. (Efesoon 4:11, 12) Keessumaa, murtoo gurguddaa kan goonu yoo ta’e isaaniin mariisisuu dandeenya. Obboloonni karaa hafuuraa jabaataniifi jireenyasaanii keessatti muuxannoo qaban kun, seerawwan bu’uuraa Waaqayyo kenne akka yaadannuufi yeroo murtoo goonu ‘isa ta’uufi isa hin taane yookiin isa caalaatti wayyu gargar baafnee akka qorru’ nu gargaaruu danda’u. (Filiphisiiyus 1:9, 10) Haata’u malee, warri kaan akka nuuf hin murteessine of eeggannoo gochuu qabna. Itti gaafatamummaa keenya raawwachuun ba’aa keenya ofumaaf baachuu qabnudha.
Murtoon Macaafa Qulqulluurratti Hundoofnee Goonu Yeroo Hundaa Rakkina Hin Fidu Jechuudhaa?
18. Murtoo sirrii gochuun yeroo hundumaa rakkinarraa walaba nu godha jennee eeguu dandeenyaa?
18 Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan murtoon nuti goonu yeroo hundumaa gaarii ta’a jennee eeguu qabnaa? Eeyyee, yeroo booda gaarii ta’uu danda’a. Kana gochuun keenya darbee darbee yeroo muraasaaf rakkina nurraan ga’uu danda’a. Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoon bifa fakkeenyaa mootichi dhaabe hin waaqeffannu jedhanii murteessuunsaanii akka du’a isaanitti fidu beeku turan. (Daani’el 3:16-19) Haaluma wal fakkaatuun, bartoonnis yaa’ii duratti dhihaatanii namaaf abboomamuurraa Waaqayyoof abboomamuutu nurra jira jechuudhaan deebii erga kennanii booda gad dhiifamuusaanii dura reebamaniiru. (Hojii Ergamootaa 5:27-29, 40) Kana malees, “yerooniifi walitti dhufuun” hundumaarra ga’uu waan danda’uuf murtoon nama tokkoo miidhaa guddaa fiduu danda’a. (Lallaba 9:11, 1988) Murtoo sirrii erga goonee boodallee karaa ta’e tokkoon rakkinni guddaan yoo nurra ga’e, Yihowaan jabaannee dhaabachuuf akka nu gargaaruufi dhumarrattis akka nu eebbisu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—2 Qorontos 4:7.
19. Murtoo gochuu ilaalchisee itti gaafatamummaa qabnu baachuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Kanaaf, yeroo murtoo goonu seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’aa keessatti argamu hordofuufi isaaniin hojiirra oolchuuf hubannaa keenyaan gargaaramuu qabna. Yihowaan hafuura qulqulluufi gumii keessattimmoo warra ga’eessa ta’an waan nuu qopheesseef isa galateeffachuu hin qabnuu? Qajeelfamaafi qophiiwwan Yihowaan nuuf qopheesseen gargaaramnee murtoo sirrii gochuudhaan ba’aa ofii keenyaa baadhachuuf itti gaafatamummaa qabnu haa raawwannu.
Maal Hubatte?
• Murtoo sirrii gochuuf wanti barbaachisaa ta’e maalidha?
• Karaa hafuuraa guddachuun keenya hiriyaa filachuurratti kan nu gargaaru akkamitti?
• Hojii Kiristiyaanaaf ta’u qabachuu ilaalchisee murtoo sirrii gochuuf wantoonni nu gargaaran tokko tokko maalfa’i?
• Murtoo sirrii gochuuf eessaa gargaarsa argachuu dandeenya?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]