Nama Jaallachuu Jechuun Maal Jechuudha?
Nama Jaallachuu Jechuun Maal Jechuudha?
“Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a.” —MAATEWOS 22:39.
1. Jaalala Waaqayyoof qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya?
YIHOWAAN waaqeffattootasaarraa maal barbaada? Yesus jechoota gabaabaafi hiika guddaa qabaniin walitti qabuudhaan deebii gaaffii kanaa kenneera. Abboommiin inni guddaan Waaqayyoon garaa guutuudhaan, jireenya guutuufi yaada keenya guutuudhaan akkasumas humna keenya guutuudhaan jaallachuu akka ta’e dubbateera. (Maatewos 22:37; Maarqos 12:30) Mataduree darberratti, Waaqayyoon jaallachuun, inni waan nu jaallateef isaaf abboomamuufi abboommiiwwansaa eeguu akka dabalatu ilaalleerra. Jaalalasaa raawwachuun namoota Waaqayyoon jaallataniif ba’aa utuu hin ta’in, gammachuu kan isaaniif argamsiisudha.—Faarfannaa 40:8; 1 Yohannis 5:2, 3.
2, 3. Abboommii namoota akka jaallannu nuu kennameef xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi? Haala kanaa wajjin wal qabateen gaaffiiwwan akkamiitu ka’a?
2 Abboommii guddaan inni lammataa Yesus dubbate isa duraa wajjin walitti dhufeenya kan qabu si’a ta’u innis akkas jedha: “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a” jedheera. (Maatewos 22:39) Amma bal’inaan kan ilaallu waa’ee abboommii kanaa yommuu ta’u, kanas gochuudhaaf sababii ga’aa qabna. Yeroon keessa jiraannu ofittummaafi jaalala sirrii hin taane argisiisuudhaan kan beekamudha. Phaawulos “guyyoota gara dhumaa” ilaalchisuudhaan ibsa kenne keessatti namoonni warra kaan utuu hin ta’in akka of jaallatan, akka horii jaallataniifi akka qannoo jaallatan barreesseera. Namoonni hedduun, “warra jaalala of keessaa hin qabne” ykn akka hiikni Macaafa Qulqulluu tokko ibsutti “Warra maatiisaaniitiif jaalala hin qabne” ta’aniiru. (2 Ximotewos 3:1-4) Yesus akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Namoonni baay’een . . . dabarsanii wal in kennu, walis in jibbu. . . . jaalalli namoota baay’ee qabbanaa’aa in adeema.”—Maatewos 24:10, 12.
3 Asirratti Yesus jaalalli namoota hundaa ni qabbanaa’a akka hin jenne hubadhaa. Namoonni jaalala Yihowaan gaafatuufi argachuun isaaf ta’u kennan kanaan duras jiru turan; gara fuulduraattis ni jiraatu. Namoonni dhugumaan Yihowaa jaallatan, warra kaan akka inni isaan ilaalutti ilaaluuf carraaqqii godhu. Haata’u malee eenyaunfaa jaallachuu qabna? Namoota akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Caaffanni Qulqullaa’aan gaaffiiwwan barbaachisaa ta’an kanaaf deebii nuu kenna.
Nama Isa Kam?
4. Akka Lewwoota boqonnaa 19rratti ibsametti, Yihudoonni eenyuun jaallachuu qabu turan?
4 Yesus Fariisichatti abboommiin lammataa inni guddaan nama akka ofiitti jaallachuudha jedhee kan dubbate seera Israa’elootaaf kenname caqasuudhaan ture. Seerri kunis Lewwoota 19:18rratti argama. Boqonnaadhuma sanarratti Yihudoonni warra Israa’eloota hin ta’inis akka ofiisaaniitti akka jaallatan abboommiin kennameeraaf. Lakkoofsi 34 akkas jedha: “Namni galaan si bira jiraatu akkuma nama biyyaatti haa ilaalamu! Atis biyya Gibxiitti galaa waan turteef, akkuma ofii keetiitti isa jaalladhu!” Kanaaf namoota Yihudoota hin taane, keessumaammoo warra amantii Yihudii fudhatan jaallachuun barbaachisaa ture.
5. Yihudoonni jecha nama jaallachuu jedhu akkamitti hubatu turan?
5 Haata’u malee, geggeessitoonni amantii Yihudii bara Yesusitti turan, ilaalcha kanarraa adda ta’e qabu turan. Isaan keessaa tokko tokko, jechi “nama” jedhu Yihudoota qofa kan argisiisudha jedhu turan. Namoonni Yihudoota hin taane ni jibbamu turan. Barsiistonni kun, namoonni Waaqayyoon waaqeffatan warra isa hin waaqeffanne tuffachuu qabu jedhanii dubbatu. Kitaabni tokko, “Haala akkasii keessatti jibbi babal’achuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Yeroo akkasiitti wantoonni jibbi akka babal’atu godhan hedduun jiru” jedheera.
6. Yesus waa’ee nama jaallachuu yommuu dubbate qabxiiwwan akkamii lama ibse?
6 Yesus Lallabasaa isa Gaaraarratti, yaada kana kaasuudhaan jaallatamuu kan qabu eenyu akka ta’e ibseera. Akkas jedhe: “‘Fira kee jaalladhu, diina kees jibbi!’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa! Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jal’ootaaf in roobsa.” (Maatewos 5:43-45) Asirratti Yesus qabxiiwwan lama caqaseera. Jalqaba, Yihowaan warra hamootaafi warra gaggaariidhaaf arjummaa, akkasumas gaarummaa akka argisiisu, lammaffaammoo fakkeenyasaa hordofuu akka qabnu ibseera.
7. Nama Samaariyaa isa wanta gaarii godherraa barumsa akkamii arganna?
7 Yeroo garabiraattimmoo namichi waa’ee Seeraa akka gaariitti beeku tokko: “Nama isa kam?” jechuudhaan Yesusiin gaafate. Yesus waa’ee fakkeenya nama Samaariyaa, isa yommuu Yihudiin tokko harka warra saamtotaatiin miidhaan irra ga’e caqasuudhaan deebii kenneef. Yihudoonni warra Samaariyaa kan tuffatan ta’uyyuu, namni Samaariyaa kun garuu madaa nama kanaa wal’aanuudhaan bakka fayyuu danda’utti isa geesseera. Kanarraa barumsa akkamii arganna? Namoota sanyii keenya, qomoo keenyaafi amantii keenya hordofan qofa jaallachuu akka hin qabne baranna.—Luqaas 10:25, 29, 30, 33-37.
Nama Jaallachuu Jechuun Maal Jechuudha?
8. Lewwoonni boqonnaa 19 jaalala argisiisuu kan qabnu akkamitti akka ta’e ibsa?
8 Waaqayyoon jaallachuun akkuma hojiidhaan argisiifamuu qabu, jaalalli namootaaf qabnus miiruma nutti dhaga’amu qofa utuu hin ta’in hojiidhaan mul’achuu qaba. Yaada Lewwoota 19rra jiruufi nama akka ofii keenyaatti jaallachuu akka qabnu nu jajjabeessu gadi fageenyaan qoruun keenya faayidaa qaba. Achirratti Israa’eloonni, namoonni rakkataniifi galaa ta’an akka qarmii funaannatan heyyamuu akka qaban dubbisna. Hatuun, nama gowwoomsuun ykn sobuun hin heyyamamu ture. Yeroo murtoo kennanis Israa’eloonni looguu hin qaban turan. Yeroo barbaachisaa ta’etti adaba kennuun sirrii ta’uyyuu, keessumaa: “Ati garaa keetti obboleessa kee hin jibbin” jedhamaniiru. Jechoonni kuniifi kaan walumatti qabaatti jecha: “Nama akka ofii keetiitti jaalladhu” jedhu kan ibsu ture.—Lewwoota 19:9-11, 15, 17, 18.
9. Yihowaan Israa’eloonni saba warra kaanirra adda ta’anii akka jiraatan kan abboome maaliifi?
9 Israa’eloonni warra kaanitti jaalala argisiisuu kan qaban ta’uyyuu, warra waaqolii sobaa waaqeffatanirraa adda ta’anii jiraachuu qabu turan. Yihowaan hiriyyummaa gadheen balaa akkamii akka fidu isaan akeekkachiiseera. Fakkeenyaaf, saboota Israa’eloonni biyyasaanii qabachuuf jedhan ilaalchisee Yihowaan akkas jechuudhaan isaan abboomeera: “Isaanitti hin soddoomin, intaloota kee ilmaan isaaniitti hin heerumsiisin, ilmaan kees intaloota isaanii hin fuusisin! Kanaa achi isaan ilmaan kee waaqayyolii biraaf akka hojjetaniif Waaqayyo biraa in deebisu, dheekkamsi Waaqayyoo si irratti in boba’a.”—Keessa Deebii 7:3, 4.
10. Wanta akkamiirraa of eeguu qabna?
10 Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonnis walitti dhufeenya amantaasaanii laaffisu kamirraayyuu of eeguu qabu. (1 Qorontos 15:33) Warra Kiristiyaanota hin taanee wajjin, jechuunis “warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa” jedhamneerra. (2 Qorontos 6:14) Kana malees, Kiristiyaanonni “nama amane” qofa hiriyaa gaa’elaa gochuu akka qaban dubbata. (1 Qorontos 7:39) Haata’u malee, namoota akka keenya Yihowaa hin waaqeffanne matumaa tuffachuu hin qabnu. Kiristos kan du’e warra cubbamoodhaaf yommuu ta’u, namoonni yeroo tokko wanta gadhee hojjechaa turan hedduun, jireenyasaanii isa gadhee dhiisuudhaan Waaqayyoo wajjin araaramaniiru.—Roomaa 5:8; 1 Qorontos 6:9-11.
11. Namoota Yihowaa hin tajaajille akka jaallannu argisiisuuf karaan hundumaarra caalu isa kami? Kun kan ta’e maaliifi?
11 Namoota Waaqayyoon hin tajaajille jaallachuu ilaalchisee wanti fakkeenya Waaqayyoo hordofuu caalu hin jiru. Inni hammeenya kan hin jaallanne ta’uyyuu, karaasaanii isa gadheeraa deebi’anii jireenya bara baraa akka argatan namoota hundumaatiif gaarummaadhaan carraa baneera. (Hisqi’el 18:23) Yihowaan “namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka gedderatan” barbaada. (2 Phexros 3:9) Inni “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u in fedha.” (1 Ximotewos 2:4) Yesus duuka buutonnisaa lallabuufi barsiisuudhaan ‘saba hundumaa bartootasaa akka godhan’ kan abboome kanaafidha. (Maatewos 28:19, 20) Hojii kanarratti hirmaachuudhaan Waaqayyoofis ta’e diinota keenya dabalatee, namoota hundaaf jaalala akka qabnu argisiisna.
Namoota Hidhata Amantaa Keenya Ta’an Jaallachuu
12. Obboloota keenya jaallachuu ilaalchisee Yohannis ergamaan maal jedhee barreesseera?
12 Phaawulos: “Egaa akkuma fucha argannetti, kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna” jechuudhaan barreesseera. (Galaatiyaa 6:10) Kiristiyaanota waan taaneef warra amantii keessa jiraniif, jechuunis namoota karaa hafuuraa obboloota keenya ta’aniif jaalala argisiisuuf dirqamni nurra jira. Jaalalli kun hangam barbaachisaadha? Yohannis ergamaan akkas jedhee barreessuudhaan wanti kun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa ibseera: “Obboleessa isaa kan jibbu hundinuu nama nama ajjeesee dha. . . . Namni, ‘Waaqayyoon nan jaalladha’ jedhee, obboleessa isaa immoo yoo jibbe, inni sobduu dha; obboleessa isaa isa arge kan hin jaallanne, Waaqayyoon isa hin argin jaallachuu hin danda’u.” (1 Yohannis 3:15; 4:20) Jechoonni kun ergaa cimaa qabataniiru. Yesus Kiristos Seexanni “nama ajjeesaa” fi “sobaa” ta’uusaa dubbateera. (Yohannis 8:44) Matumaa nuti kan akkasii ta’uu hin barbaannu.
13. Warra hidhata amantii keenya ta’aniif jaalala argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
13 Kiristiyaanonni dhugaa ‘wal jaallachuun akka isaan barbaachisu Waaqayyo isaan barsiiseera.’ (1 Tasaloniiqee 4:9) “Dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta’in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan” wal jaallachuu qabna. (1 Yohannis 3:18) Jaalalli keenya “jaalala dhugaa” ta’uu qaba. (Roomaa 12:9) Jaalalli, akka dandeenyu, gaarummaa akka argisiisnu, dhiifama akka goonu, akka obsinu, akka hin hinaafne, akka of hin bokoksine, amala gadheerraa akka fagaannuufi waan nutti tolu duwwaa akka hin barbaanne kan nu godhu ta’uu qaba. (1 Qorontos 13:4, 5; Efesoon 4:32) Jaalalli ‘akka waliif ergamnu’ nu kakaasa. (Galaatiyaa 5:13) Yesus akkuma inni isaan jaallate bartoonnisaas akka wal jaallatan isaanitti himeera. (Yohannis 13:34) Kanaaf, Kiristiyaanni tokko yeroo barbaachisaa ta’utti hidhata amantiisaatiif lubbuusaa dabarsee kennuuf kan qophaa’e ta’uu qaba.
14. Maatii keessatti jaalala argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Jaalalli maatii keessatti mul’achuu kan qabu yommuu ta’u, keessumaammoo abbaa manaafi haadha manaa gidduutti argamuu qaba. Phaawulos akkas jechuudhaan walitti dhufeenyi hiriyaa gaa’elaa gidduu jiru cimaa ta’uusaa ibseera: “Abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta’aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata.” (Efesoon 5:28) Phaawulos lakkoofsa shan boodas jechootuma kana irra deebi’ee dubbachuusaa argina. Namni haadha manaasaa jaallatu, fakkeenya Israa’eloota bara Miilkiyaas turaniifi haadhotii manaasaanii gowwoomsaa turanii hin hordofu. (Miilkiyaas 2:14) Isheedhaaf bakka guddaa kenna. Akkuma Kiristos gumii jaallate innis ishee jaallata. Haati manaas akka abbaa manaashee kabajju kan ishee kakaasu jaalaladha.—Efesoon 5:25, 29-33.
15. Namoonni tokko tokko jaalala obbolummaa arguudhaan maal jechuufi maal gochuuf kaka’aniiru?
15 Kiristiyaanonni dhugaan jaalala akkasiitiin beekamu. Yesus: “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yohannis 13:35) Jaalala waliif qabaachuun keenya, namoonni gara Waaqa nuti jaallannuufi bakka buunutti akka harkifaman godha. Fakkeenyaaf waa’ee maatii Dhugaa Baatota Yihowaa ta’anii gabaasni akkas jedhu Moozaambiikii nu ga’eera: “Wanta akkasii arginee hin beeknu. Sa’aatii booda qilleensi cimaan bokkaafi cabbii makatee qilleensa’uutti ka’e. Bubbee cimaan kun mana keenya isa leemmanaan ijaarame diiguufi qorqorroosaa irraa kaasuutti ka’e. Obboloonni gumiiwwan naannoo keenyatti argaman garabiraan dhufanii mana keenya isa diigame deebisanii ijaaruudhaan yommuu nu gargaaran, ollaawwan keenya dinqisiifannaadhaan: ‘Amantiin keessan baay’ee gaariidha. Amantiin keenya gargaarsa akkasii nuu godhee hin beeku’ jedhan. Achiis Macaafa Qulqulluu baasnee Yohannis 13:34, 35 isaanitti argisiifne. Yeroo ammaatti ollaawwan keenya hedduun Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jiru.”
Dhuunfaatti Namoota Jaallachuu
16. Dimshaashumatti namoota jaallachuufi dhuunfaatti namoota jaallachuu gidduu garaagarummaa akkamiitu jira?
16 Dimshaashumatti namoota jaallachuun ulfaataa miti. Dhuunfaatti namoota jaallachuun garuu kanarraa addadha. Fakkeenyaaf, jaalalli namoota tokko tokkoo jaarmiyaawwan gargaarsaa tokko tokkoof buusii gochuurra wanta caalu akka godhan isaan hin kakaasu. Dhugaadha, nama wajjin hojjennuufi waa’ee keenya dantaa hin qabne, ollaa hamaa ta’e ykn hiriyaa nu aarsu jaallachuu wajjin yeroo waliin ilaalamu namoota ni jaallanna jennee dubbachuun salphaadha.
17, 18. Yesus namoota dhuunfaatti akka jaallatu kan argisiise akkamitti? Kana gochuuf kan isa kakaase maal ture?
17 Dhuunfaatti namoota jaallachuu ilaalchisee, Yesus isa amalawwan abbaasaa sirriitti argisiiserraa barumsa gaarii arganna. Cubbuu namoota hundaa balleessuuf gara biyya lafaatti kan dhufe ta’ullee, dhuunfaatti namoota ni jaallata ture. Kanas dubartii dhukkubsatte, nama lamxiin qabeefi mucaa tokkoof jaalala argisiisuudhaan mirkaneesseera. (Maatewos 9:20-22; Maarqos 1:40-42; 7:26, 29, 30; Yohannis 1:29) Nutis haaluma wal fakkaatuun, namoota guyyaa hundumaa waliin hojjennuu wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuudhaan namoota akka jaallannu argisiisuu dandeenya.
18 Haata’u malee, jaalalli namootaaf qabnu jaalala Waaqayyoof qabnuu wajjin walitti dhufeenya akka qabu dagachuu hin qabnu. Yesus warra hiyyeessa ta’an kan gargaare, warra dhukkubsatan kan fayyiseefi warra beela’an kan nyaachise ta’uyyuu, wantoota kana hundumaa kan godheefi namoota kan barsiise Yihowaa wajjin akka araaraman gargaaruuf ture. (2 Qorontos 5:19) Yesus wanta hundumaa kan raawwate Waaqayyoof ulfina fiduuf ta’uusaarrayyuu, akka isa bakka bu’uufi amalawwansaa calaqqisuu hin daganne. (1 Qorontos 10:31) Nutis fakkeenya Yesus fudhachuudhaan, namootaaf jaalala dhugaa akka qabnu argisiisuufi kutaa biyya lafaa isa hamaa kanaarraa fagaannee jiraachuu dandeenya.
Nama Akka Ofiikeenyaatti Jaallachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
19, 20. Nama akka ofii keenyaatti jaallachuu jechuun maal jechuudha?
19 Yesus: “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a” jedheera. Ofiif yaaduufi of kabajuun kan jirudha. Utuu kun ta’uudhaa baatee abboommiin kun faayidaa hin qabu ture. Ofiif jaalala qabaachuun, ofittummaa Phaawulos 2 Ximotewos 3:2rratti dubbatee wajjin tokko akka hin taane hubachuu qabna. Kanaa mannaa ofiif ilaalcha gaarii qabaachuu jechuudha. Namni hayyuu Macaafa Qulqulluu ta’e tokko: “Ofiif jaalala qabaachuu jechuun ‘ani hundumaarra nan caala’ jedhanii of jajuus ‘ani hundumaa gadidha’ jedhanii of ceepha’uus miti” jedheera.
20 Warra kaan akka ofiitti jaallachuu jechuun, akka itti ilaalamuu barbaannutti warra kaan ilaaluufi akka itti kunuunfamuu barbaannutti warra kaan kunuunsuu jechuudha. Yesus: “Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa” jedheera. (Maatewos 7:12) Yesus wanta namoonni isinii godhaniif sana isaanii deebisaa akka hin jenne qalbeeffadhaa. Kanaa mannaa, akkamitti kunuunfamuu akka barbaannu yaaduufi akkuma kanaatti warra kaan kunuunsuu jechuudha. Kana malees, hiriyoota ykn obboloota keessaniif qofa kana godhaa hin jenne. Kanaa mannaa jecha “nama” jedhuun kan gargaarame yommuu ta’u, kana kan jedhes namoota hundaaf ilaalcha akkasii qabaachuu akka qabnu ibsuuf ta’uu danda’a.
21. Warra kaan jaallachuudhaan maal argisiisuu dandeenya?
21 Namoota jaallachuun keenya wanta gadhee raawwachuurraa nu eega. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Abboommonni, ‘Hin ejjin, hin ajjeesin, hin hatin, waan namaa hin hawwin’ jedhan, warri kaanis hundinuu dubbii tokkicha isa, ‘Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!’ jedhuun in xumuramu. Namni nama erga jaallatee, waan hamaa isa irratti hin hojjetu.” (Roomaa 13:9, 10) Jaalalli warra kaaniif qabnu wanta gaarii gochuuf carraa akka barbaannu nu kakaasa. Namoota kaan jaallachuudhaan, Yihowaa isa nama akka bifasaatti uume akka jaallannu argisiisna.—Uumama 1:26.
Maal Jettee Deebista?
• Jaalala qabaachuu kan qabnu eenyu fa’iifi? Maaliif?
• Namoota Yihowaa hin tajaajilleef jaalala argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
• Macaafni Qulqulluun jaalala obboloota keenyaaf qabaachuu qabnu kan ibsu akkamitti?
• Nama akka ofii keenyaatti jaallachuu jechuun maal jechuudha?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]