Abdiin Du’aa Ka’uu Isiniif Dhugaadhaa?
Abdiin Du’aa Ka’uu Isiniif Dhugaadhaa?
‘Du’aa ka’uun jira.’—HOJII ERGAMOOTAA 24:15.
1. Duuti waan hin oolle kan fakkaatu maaliifi?
“ADDUNYAA kanarratti wanti namaaf hin oolle du’aafi gibira qofadha.” Yaanni abbaan taayitaa biyya Ameerikaa Beenjaamiin Firaankiliin jedhamu bara 1789tti barreesse kun, namoota tokko tokko biratti dinqisiifamee ture. Haata’u malee, namoonni amanamoo hin taane hedduun, gibira gaafataman guutummaatti akka hin kaffalleef mootummaa gowwoomsu. Du’a jalaa ooluun garuu waan danda’amu hin fakkaatu. Nu keessaa eenyuyyuu yeroo dheeraa keessattillee du’a hambisuu hin danda’u. Duuti hunda keenyarrayyuu ni ga’a. Bakka awwaalaa ilmaan namootaa kan ta’e Shii’ol inni quufuu hin beekne, namoota jaallannu nu jalaa fudhachaa jira. (Fakkeenya 27:20) Ta’uyyuu yaada nama jajjabeessu kana ilaali.
2, 3. (a) Haala namoonni baay’een itti yaadanirraa adda ta’een, kan du’u nama hunda kan hin taane maaliifi? (b) Mataduree kana keessatti waa’ee maalii ilaalla?
2 Dubbiin Yihowaa namoonni du’an deebi’anii akka ka’an abdii Mul’ata 7:9, 10, 14) Sana booda bara baraaf jiraachuuf abdii qabu. Kanaaf, namoota kanaaf duuti dirqama miti. Kana maleesimmoo, ‘duuti ni golgoleeffama.’—1 Qorontos 15:26.
amansiisaa kenna. Kun akkasumaan hawwii qofa miti. Kana malees, humni uumama cufa keessa jiru akkamiiyyuu, Yihowaan abdii kana akka hin raawwanne isa dhowwuu hin danda’u. Karaa namoonni yeroo har’aa jiran baay’een itti yaadanirraa adda ta’een, namoonni du’a jalaa ooluu danda’an jiru. Akkas kan jennu maaliifi? ‘Tuutni sonaan baay’een’ lakkoofsisaanii hin beekamne “rakkina guddaa” yeroo dhihootti dhufu jalaa waan oolaniifidha. (3 Akkuma Phaawulos ergamaa isa, ‘Warra qajeelotaafi warra jal’ootaaf du’aa ka’uun jira’ jedhee, abdii du’aa ka’uurratti amantii qabaachuu qabna. (Hojii Ergamootaa 24:15) Du’aa ka’uu ilaalchisee gaaffiiwwan sadii haa ilaallu. Tokkoffaa, abdiin kun mirkanaa’aadha kan jennu maaliifi? Lammaffaa, abdii du’aa ka’uutiin dhuunfaa keetti jajjabina argachuu kan dandeessu akkamitti? Sadaffaa, abdiin kun jireenyakee isa ammaarratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?
Du’aa Ka’uun Dhugumaan Ni Raawwatama
4. Du’aa ka’uun kaayyoo Yihowaatiif baay’ee barbaachisaa kan ta’e akkamitti?
4 Sababiiwwan abdiin du’aa ka’uu mirkanaa’aadha akka jennu nu godhan baay’eedha. Hunda caalaa, kaayyoo Yihowaa raawwachiisuuf baay’ee barbaachisaadha. Seexanni, gara cubbuu du’a namaaf hin oolle geessisutti ilmaan namootaa akka oofe yaadadhaa. Kanaaf Yesus waa’ee Seexanaa ennaa dubbatu, “jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture” jedheera. (Yohannis 8:44) Haata’u malee, Yihowaan ‘dubartiinsaa’ ykn jaarmiyaansaa inni samiirra jiruufi haadha manaasaatti fakkeeffame, “sanyii” mataa ‘bofa bara durii’ sanaa buruqsuudhaan Seexana balleessu akka argamsiisu abdii kennee ture. (Uumama 3:1-6, 15; Mul’ata 12:9, 10; 20:10) Yihowaan Masiihichaa wajjin haala wal qabateen kaayyoosaa sadarkaa sadarkaadhaan yeroo ibsu, Sanyiin kun Seexana balleessuu caalaas wanta raawwatu akka qabu ifa ta’eera. Dubbiin Waaqayyoo, “Ilmi Waaqayyo immoo hojii Seexanaa diiguudhaaf mul’ate” jedha. (1 Yohannis 3:8) Duuti cubbuu Addaamirraa dhaalleen nutti dhufe, hojiiwwan Seexanaa Yihowaan Yesusitti fayyadamee balleessuuf kaayyoo qabu keessaa hundarra kan caaludha. Kana raawwachuufimmoo aarsaan furii Yesusiifi du’aa ka’uun baay’ee barbaachisaadha.—Hojii Ergamootaa 2:22-24; Roomaa 6:23.
5. Namoonni du’an ka’uunsaanii maqaa Yihowaa ol ol kan godhu maaliifi?
5 Yihowaan maqaasaa isa qulqulluu ol ol gochuuf murteesseera. Seexanni maqaa Yihowaa balleesseera, sobas babal’iseera. Addaamiifi Hewwaan ija mukaa Waaqayyo isaan dhowwe sana yoo nyaatan ‘akka hin duune’ sobaan dubbateera. (Uumama 2:16, 17; 3:4) Yeroo sanaa kaasee Seexanni, barumsa sobaa yeroo namni du’u lubbuunsaa hin duutu jedhu dabalatee sobawwan kanaan wal fakkaatan babal’isaa jira. Haata’u malee, Yihowaan namoota du’an kaasuudhaan sobawwan kana hundumaa ni saaxila. Jireenya keenya kan nuu eeguufi deebisee kan nuu kennu isa ta’uusaa bara baraaf ni mirkaneessa.
6, 7. Yihowaan namoota du’aa kaasuu ilaalchisee miira akkamii qaba? Hawwii akkasii akka qabu maalitti beekna?
6 Yihowaan namoota du’aa kaasuuf ni hawwa. Macaafni Qulqulluun kana ilaalchisee miirri Yihowaa maal akka ta’e ifa godha. Fakkeenyaaf, wanta nama amanamaa kan ta’e Iyoob hafuura qulqulluutiin geggeeffamee dubbate qalbeeffadhu: “Namni erga du’ee deebi’ee in jiraataa ree? Hamma inni na furu dhufutti, baran dadhabbiidhaan lafa irra jiraadhu ‘bara tajaajilakoo isa dirqamaa’ [NW] hundumaatti isa nan eeggadha; ati hojii harka keetii in [hawwita, 1899]; kanaafis ana in waamta, anis nan owwaadha” jedheera. (Iyoob 14:14, 15) Kana jechuunsaa maal jechuusaa ture?
7 Iyoob, erga du’ee booda yeroon hirriba du’aatiin dabarsu akka jiru beeka ture. Yeroo sana akka yeroo ‘tajaajila dirqamaa’ itti raawwatuutti, jechuunis akka yeroo hamma gadhiifamutti dirqamaan itti eeggatuutti ilaalee ture. Achii gadhiifamuunsaa isaaf dhugaa ture. Iyoob yeroon itti furamu akka dhufu mirkanaa’aa ture. Maaliif? Miira Yihowaa waan beekuufidha. Yihowaan tajaajilaasaa isa amanamaa arguuf ‘ni hawwa.’ Eeyyee, Waaqayyo namoota qajeeloo ta’an hundumaa jireenyatti deebisuuf hawwii qaba. Yihowaan, namoonni kaanis lafa Jannata taaturra bara baraaf akka jiraatan carraa kennaaf. (Luqaas 23:43; Yohannis 5:28, 29) Waaqayyo kaayyoosaa kana galmaan ga’uuf fedhii erga qabaatee, eenyutu isa dhowwuu danda’aree?
8. Yihowaan gara fuulduraatiif abdii keenya kan nuu ‘cimse’ akkamitti?
8 Jireenyi keenya inni gara fuulduraa du’aa ka’uu Yesusiin mirkaneeffameera. Phaawulos Ateenaatti haasawaa yeroo dhiheessu akkas jedheera: “[Waaqayyo] guyyaa itti harka nama fo’ate sanaatiin, biyya lafaatti qajeeltootti faraduuf jedhu, muree kaa’eera; namicha fo’ate sana du’aa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf cimseera.” (Hojii Ergamootaa 17:31) Namoota Phaawulosiin dhaggeeffachaa turan keessaa tokko tokko, waa’ee du’aa ka’uu yommuu dhaga’an isatti ga’isanii turan. Muraasnisaanii garuu amantoota ta’aniiru. Tarii Phaawulos abdiinsaa kun mirkanaa’aa akka ta’e dubbachuunsaa xiyyeeffannaasaanii harkisee ta’uu danda’a. Yihowaan yommuu Yesusiin du’aa kaasetti dinqii guddaa raawwateera. Ilmasaa qaama hafuuraa humna guddaa qabu godhee du’aa kaaseera. (1 Phexros 3:18) Haalli Yesus erga du’aa ka’ee booda qabu, haala utuu nama ta’ee gara lafaa hin dhufin dura qaburrallee baay’ee kan caaludha. Yesus jireenya hin badne argachuufi Yihowaatti aanee aangoo qabaachuusaatiin, hojiiwwan dinqisiisaa Abbaansaa isaaf kennu raawwachuuf isa qopheesseera. Yihowaan namoota gara samii dhaqanis ta’e lafarra jiraatan du’aa kaasuuf Yesusitti fayyadama. Yesusiyyuu, “du’aa ka’uun, jireenyis ana” jedheera. (Yohannis 5:25; 11:25) Yihowaan Ilmasaa du’aa kaasuudhaan, namoota amanamoo ta’an hundaaf abdiiwwan akkasii mirkaneesseera.
9. Seenaan Macaafa Qulqulluu keessa jiru abdii du’aa ka’uu kan cimsu akkamitti?
9 Du’aa ka’uu raawwatame namoonni ijasaaniitiin arganiiru, seenaan kunis Dubbii Waaqayyoo keessattis galmeeffameera. Seenaan Macaafa Qulqulluu, namoonni saddeet du’aa ka’uusaanii ilaalchisee ibsa bal’aa kenna. Dinqiiwwan kun dhoksaadhaan utuu hin ta’in, yeroo baay’ee bakka namoonni argamanitti ifatti raawwataman. Yesus Alaazaar isa erga du’ee guyyaa afur ture du’aa kan kaase, bakka namoonni boo’ichaaf dhufan baay’een jiranitti ture. Isaan keessa maatiiwwan, michoonniifi ollaawwan Alaazaar akka turan beekamaadha. Dinqiin kun Yesus Waaqayyo biraa kan dhufe ta’uusaatiif ragaa guddaa waan tureef, diinonnisaallee kun raawwatamuusaa hin haalle. Kanaa mannaa, Yesusiin qofa utuu hin ta’in Alaazaariiniyyuu ajjeesuuf mari’atanii turan! (Yohannis 11:17-44, 53; 12:) Dhugumayyuu abdiin du’aa ka’uu mirkanaa’aa ta’uusaa amanuu qabna. Waaqayyo, nu jajjabeessuufi amantii keenya cimsuuf jecha seenaan namoota du’aa ka’anii akka galmeeffamu godheera. 9-11
Abdii Du’aa Ka’uurraa Jajjabina Argachuu
10. Seenaawwan du’aa ka’uu Macaafa Qulqulluu keessatti argamaniin jajjabaachuuf maaltu nu gargaara?
10 Yeroo duuti sitti dhufu jajjabina argachuu ni barbaaddaa? Seenaa du’aa ka’uu Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamerraa jajjabina dhugaa argachuu dandeenya. Seenaawwan akkasii dubbisuun, irratti xiinxaluuniifi wantoota raawwataman yaadaan arguun, abdiin du’aa ka’uu caalaatti dhugaa akka nuu ta’u godha. (Roomaa 15:4) Seenaawwan kun soba miti. Namootuma akka keenya yeroo tokkotti jiraachaa turanirratti, bakka beekamaa ta’etti kan raawwatamanidha. Kanneen keessaa du’aa ka’uu seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti jalqaba raawwatame tokko akka fakkeenyaatti gabaabumatti haa ilaallu.
11, 12. (a) Haati hiyyeessaa biyya Saraaphtaa tokko wanta gaddisiisaa akkamiitu ishee mudate? (b) Yihowaan, Eliyaas haadha hiyyeessaa kanaaf maal akka godhu humna akka isaaf kenne ibsi.
11 Mee haalli armaan gadii si’a raawwatamu yaadaa. Torban muraasaaf, Eliyaas raajichi mana kutaa gubbaa haadha hiyyeessaa biyya Saraaphtaa jirtu tokkoo keessa keessummummaadhaan jiraata ture. Yeroonsaa yeroo abdii nama kutachiisu ture. Biyyichi gogiinsaafi beelaan hubameera. Namoonni baay’een dhumaa jiru. Yihowaan haadha hiyyeessaa amantii argisiiste kana kiisuuf, Eliyaasitti fayyadamuudhaan dinqii yeroo dheeraadhaaf turu raawwateera. Yeroo Eliyaas dinqiidhaan daakuufi zayitiinshee akka hin dhumne godhetti, isheeniifi mucaanshee nyaata yeroo tokkoof qofa ta’u waan qabaniif beelaaf saaxilamanii turan. Amma garuu dubartiin kun haalli gaddisiisaan ishee mudate. Mucaanshee dhukkubsatee baay’ee utuu hin turin du’e. Haati hiyyeessaa kunis baay’ee gaddite! Gargaarsa abbaa manaa malee jiraachuunshee utuu hin hanqatin, ammammoo ilmashee tokkicha dhabde. Baay’ee waan gadditeef Eliyaasiifi Waaqasaa Yihowaa komatte! Raajiin kun maal godha laata?
12 Eliyaas dubartiin kun komii sobaa waan dhiheessiteef ishee hin ifanne. Kanaa mannaa, “Ilma kee anatti kenni!” jedheen. Eliyaas mucicha du’e kutaa bantii manaarratti 1 Mootota 17:8-24) Amantiin Yihowaarrattiifi bakka buutuusaarratti qabdu caalaatti cime.
erga geessee booda, mucichi deebi’ee lubbuudhaan akka jiraatu irra deddeebi’ee kadhannaa dhiheesse. Dhumarratti Yihowaan deebii kenneef. Eliyaas mucichi hafuura baafachuu akka jalqabe yommuu argu gammachuun akkamii akka isatti dhaga’ame yaadaa. Iji mucichaa ni baname, lubbuudhaan jiraachuus ni jalqabe. Eliyaas mucicha gara haadhasaatti fuudhee gad bu’ee, “Kunoo, ilmi kee fayyeera” jedheen. Gammachuun isheetti dhaga’ame hammana kan hin jedhamne ture. Akkas jette: “Ati nama Waaqayyoo akka taate, wanti Waaqayyo karaa kee dubbatus dhugaa akka ta’e ani amma hubadheera.” (13. Seenaan Eliyaas ilma haadha hiyyeessaa tokko du’aa kaasuusaa dubbatu, yeroo har’aatti kan nu jajjabeessu akkamitti?
13 Seenaa akkasiirratti xiinxaluunkee jajjabina guddaa sii argamsiisa. Yihowaan du’a isa diina keenya ta’e injifachuu akka danda’u ifa mitiiree? Gammachuun haadha hiyyeessaa sanatti dhaga’ame, yeroo namoonni hundi du’aa ka’anitti jiraattota lafarraa kumaan lakkaa’amanitti yeroo dhaga’amu yaadi! Yihowaan Ilmisaa guutummaa lafaarratti namoota du’an akka kaasu isa geggeessuusaatiin yeroo gammadu, samiirrattis gammachuu guddaatu jiraata. (Yohannis 5:28, 29) Namni jaallattu si jalaa du’eeraa? Yihowaan namoota du’an jireenyatti deebisuu akka danda’uufi kanas akka godhu beekuun hammam nama gammachiisa!
Abdiikeefi Jireenyakee Isa Ammaa
14. Abdiin du’aa ka’uu jireenya keerratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?
14 Abdiin du’aa ka’uu jireenyakee isa ammaarratti dhiibbaa geessisuu kan danda’u akkamitti? Yeroo rakkinni, qorumsi, ari’atamni ykn balaan si mudatu, abdii kanaan jajjabina argachuu dandeessa. Seexanni garmalee du’a sodaattee, yeroo muraasaaf eegumsa argachuuf jecha fedhiidhaan amanamummaakee akka laaffistu barbaada. Seexanni Yihowaadhaan, “Namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jechuusaa yaadadhu. (Iyoob 2:4) Seexanni kana dubbachuudhaan siinis dabalatee hunda keenya hamateera. Dhuguma balaan tokko yoo sirra ga’e Waaqayyoon tajaajiluukee ni dhiistaa? Abdii du’aa ka’uurratti yaaduudhaan, murtoo fedha Abbaakee isa samii raawwachuuf goote cimsachuu dandeessa.
15. Wanti Yesus Maatewos 10:28rratti dubbate, yeroo rakkinni nurra ga’utti kan nu jajjabeessu akkamitti?
Maatewos 10:28) Seexanas ta’e namoota bakka buutotasaa ta’an sodaachuun nu hin barbaachisu. Namoonni tokko tokko miidhaa, isarra darbees du’ayyuu nurra geessisuu akka danda’an beekamaadha. Haata’u malee, wanta cimaa akkamiiyyuu gochuu yoo danda’an, yeroodhaaf qofa kan turudha. Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo ta’an du’aayyuu kaasuudhaan, badiisa isaanirratti raawwatame balleessuu ni danda’a, ni balleessas. Sodaatamuufi ulfinni kennamuufi kan qabu Yihowaa qofadha. Fooniifi jireenya namaa qilillee keessatti balleessuudhaan lubbuu keenyaafi abdii gara fuulduraatiif qabnu hunda balleessuuf humna kan qabu isa qofadha. Kan nama gammachiisu garuu, Yihowaan wanti akkasii akka sirra ga’u hin barbaadu. (2 Phexros 3:9) Tajaajiltoota Waaqayyoo hamma taanetti, abdii du’aa ka’uutiin kan ka’e yeroo hundumaa eegumsa jala akka jirru nutti dhaga’amuu danda’a. Amanamoo taanee yoo itti fufne, fuuldura keenyatti jireenyi bara baraa nu eega; kana ilaalchisees wanti Seexanniifi jaleewwansaa gochuu danda’an tokkoyyuu hin jiru.—Faarfannaa 118:6; Ibroota 13:6.
15 Yesus akkas jedheera: “Warra foon namaa ajjeesanii lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa! Kanaa mannaa isa lubbuu fi foon qilillee keessatti balleessuu danda’u sodaadhaa!” (16. Ilaalchi du’aa ka’uudhaaf qabnu, wanta dursa kenninuufirratti jijjiirama kan fidu akkamitti?
16 Abdiin du’aa ka’uu nuuf dhugaa ta’uunsaa, ilaalcha jireenyaaf qabnu nuu sirreessuu danda’a. ‘Jiraannus duunus kan Yihowaa akka taane’ hubanna. (Roomaa 14:7, 8) Kanaafuu, wanta dursa kenninuuf ilaalchisee gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan kenne hojiirra oolchina: “Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu’inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta’e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta’e, waan isa duratti fudhatamaa ta’e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.” (Roomaa 12:2) Namoonni baay’een wanta hawwaniifi wanta fedhan hunda argachuuf hamma danda’an carraaqu. Jireenyi gabaabaa akka ta’e waan isaanitti dhaga’amuuf, hamma danda’an gammachuu argachuuf dhama’u; amantii yoo qabaatanillee amantiinsaanii ‘jaalala Waaqayyoo’ wajjin kan wal simu miti.
17, 18. (a) Dubbiin Yihowaa, umriin ilmaan namaa gabaabaa ta’uusaa kan ibsu akkamitti? Ta’uyyuu Waaqayyo maal akka argannu barbaada? (b) Guyyaa guyyaadhaan Yihowaa jajachuuf kan kakaanu maaliifi?
17 Dhugaadha, barri jireenyaa gabaabaadha. Tarii, waggaa 70 ykn 80 erga jiraannee booda ‘dafee in darba, nuyis baallee baafnee in sokkina.’ (Faarfannaa 90:10) Ilmaan namootaa akkuma margaa, akka gaaddidduu baduufi akka hafuuraatti dhufanii darbu. (Faarfannaa 103:15; 144:3, 4) Kaayyoon Waaqayyoo, bara jireenyaa keenya keessaa waggoota kudhaniin lakkaa’aman muraasaaf guddannee, beekumsaafi muuxannoo erga argannee booda isa hafetti gara dullumaafi du’aatti akka deemnu hin turre. Yihowaan ilmaan namootaa kan uume bara baraaf jiraachuuf fedhii akka qabaatan godheeti. Macaafni Qulqulluun, “Hawwii wanta bara dheeraa booddee ta’u beekuus yaada ilmaan namootaa keessa kaa’eera” jedha. (Lallaba 3:11) Waaqayyo fedhii akkasii akka qabaannu godhee erga nu uumee booda fedhii kana akka hin guuttanne kan godhu waaqa gara jabeessaaree? “Waaqayyo jaalala waan ta’eef” tasumaa akkas miti. (1 Yohannis 4:8) Namoonni du’an bara baraaf jiraachuu akka danda’aniif du’aa isaan kaasa.
18 Du’aa ka’uuf abdii waan qabnuuf, jireenyi gara fuulduraa amansiisaa nuuf ta’uu danda’a. Milkaa’ina argachuuf wanta dandeenye hunda ammuma gochuuf carraaquu hin qabnu. Biyya lafaa badiisatti adeemu kanatti “guutummaatti” [NW] fayyadamuun nu hin barbaachisu. (1 Qorontos 7:29-31; 1 Yohannis 2:17) Namoota abdii dhugaa hin qabnerraa haala adda ta’een, Yihowaadhaaf amanamoo taanee yoo itti fufne, bara baraaf isa jajachuufi jireenya gammachiisaa jiraachuu akka dandeenyu beekna. Kanaafuu, hamma dandeenye Yihowaa isa abdii du’aa ka’uu nuu mirkaneesse guyyaa guyyaadhaan haa jajannu!
Maal Jettee Deebista?
• Du’aa ka’uu ilaalchisee maaltu nutti dhaga’amuu qaba?
• Abdiin du’aa ka’uu dhugaa ta’uusaa kan mirkaneessan wantoota akkamiiti?
• Abdii du’aa ka’uurraa jajjabaachuu kan dandeessu akkamitti?
• Abdiin du’aa ka’uu akkaataa itti jiraatturratti jijjiirama akkamii fida?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]