Gaarota Aandiisitti Misiraachoo Babal’isuu
Gaarota Aandiisitti Misiraachoo Babal’isuu
KUDHA SADDEETTAN keenyayyuu lafa rafnee turre. Waan akka awusaa keessa lixanii rafan keessa ciisnee hollachaa yeroo bokkaa yandoon qorqorroo reebu dhaggeeffanna turre. Haala mana xinnoo sanaa yommuu ilaallu, yeroo jalqabaatiif kan keessa bule numa qofa ta’innaa jennee yaanne.
Namoonni 18 bakka kana kan dhaqne maaliifi? Ajaja Yesus “hamma andaara lafaatti” akka lallabnu kenne hojiirra oolchuu waan barbaanneefi. (HoE. 1:8; Mat. 24:14) Biyya Booliiviyaa keessaa Aandiis ishee fagaattee jirtutti lallabuu adeemna turre.
Achi Ga’uu
Wanti rakkisaan inni jalqabaa achuma ga’uu ture. Geejjibni gara naannoowwan fagoo akkasii dhaqu sagantaa murtaa’e akka hin qabne dhageenyee turre. Otoobisichi akka nuti yaanne guddaa waan hin turreef, nu keessaa tokko tokko teessoo hin arganne. Ta’us dhumarratti hundi keenya bakka yaanne geenyeerra.
Kaayyoon keenya mandaroota Booliiviyaa gaara Aandesirratti argamanitti lallabuu ture. Kanaafuu, erga otoobisicharraa buunee booda hundi keenya mi’a keenya baannee, toora galee karaa dhiphoo gaarichatti ol baasurra deemuu jalqabne.
Mandaroonni sun xinnoo fakkaatanis manneensaanii faffaca’anii waan jiraniif, mandara hunda waliin ga’uuf sa’aatii dheeraa nutti fudhateera. Hammamiyyuu
karaa dheeraa yoo deemne, fageenyatti mana kan biraa argina. Adeemsa keenyarratti karaan nama dogoggorsiisu hedduun waan nu mudatuuf yeroo baay’ee karaarraa banna turre.“Kanaan Dura Maaliif Hin Dhufne?”
Dubartiin tokko karaa fagoo deemnee achi dhaquun keenya waan ishee dinqisiiseef, bakka nyaata itti qopheessituufi qoraansheetti fayyadamnee nyaata keenya akka bilcheeffannu nuu heyyamte. Namichi tokkommoo Macaafni Qulqulluun namoota du’an ilaalchisee maal akka barsiisu erga beekee booda, “Kanaan dura maaliif hin dhufne?” jechuudhaan nu gaafate. Fedhii guddaa qabaachuusaatiin kan ka’e, karaarratti gaaffiiwwan dabalataa gaafachuuf jecha nu geggeesse. Namni sanaan dura waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa dhaga’ee hin beekne tokkommoo, barreeffamoota keenya baay’isee jaallate. Achi dhaquu keenyaaf baay’ee erga nu galateeffatee booda, guyyaa sana achi akka bulluuf bantuu manasaa nuu kenne.
Gaaf tokko galgala baay’ee dukkana waan tureef utuu hin beekin dunkaanota keenya bakka goondaa hedduun itti duudee jirurra dhaabne. Yeruma sana nu ciniinuudhaan aariisaanii ibsan. Baay’ee waan dadhabneef achii deemuu hin dandeenye; kan nama gammachiisu garuu utuu baay’ee hin turin nu ciniinuu dhiisan.
Lafa ciisuu keenyaan, jalqaba dugdiifi cinaachi keenya kan nu dhukkube ta’us booddee itti barre. Ganama dachaa namootaan hin mancaane, duumessa suuta adeemuufi tulluu fiixeensaa cabbiidhaan uwwifame fagoodhaa yommuu arginu miidhama keenya hunda ni irraanfanne. Naannoo cal jedhe sanatti sagalee bishaan yaa’uufi sagalee simbiraa malee homtuu hin dhaga’amu ture.
Lagatti erga dhagna keenya dhiqannee booda, caqasa Macaafa Qulqulluu tokkorratti mari’annee, ciree nyaannee, gara mandara kan biraa dhaquuf gaaricha ba’uuf tirachuu jalqabne. Gaara sana ba’uun carraaqqii guddaa gaafata ture. Achittis, dubartii maanguddoo tokko kan arganne yommuu ta’u, isheenis maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhu Macaafa Qulqulluu keessa jiraachuusaa ennaa beektu ni boosse. Miirrishee baay’ee tuqamee ture. Sana booda yeroo kadhannaa dhiheessitu maqaa Waaqayyoo dhooftee kadhachuu dandeessi!
Namichi maanguddoon tokko, Waaqayyo isa yaadatee ta’uu akka qabu erga dubbatee booda, akkuma tasaa garasaatti kan nu erge ergamoota ta’uusaanii faarfannaadhaan ibse. Namni baay’ee dhukkubsatee manaa ba’uu hin dandeenye tokkommoo, namoota mandara sanaa keessaa eenyuyyuu dhufee isa gaafachuuf carraaqqii akka hin goone nutti hime. Magaalaa Laa Paazii ka’uudhaan sana hunda deemnee achi dhaquun keenya baay’ee isa dinqisiise. Namni kan biraan tokkos, amantiiwwan kaan bilbila mana sagadaatti fayyadamanii namoota garasaaniitti kan waaman yeroo ta’u, Dhugaa Baatonni Yihowaa mana namaa kan dhaqan ta’uunsaanii baay’ee isa ajaa’ibsiisee ture.
Naannoo sanatti mana tokkollee elektiriikiin waan hin jirreef, namoonni yeroo dukkanaa’u rafanii yeroo aduun baatu ka’u. Kanaaf, namoota manasaaniitti argachuuf ganama sa’aatii kudha lamatti lallabuu jalqabna turre. Kun ta’uu baannaan garuu namoonni baay’een gara maasiisaanii waan deemaniif hin argaman. Namoonni hojii jalqabanis qotiyyoosaanii aara galfachiisuudhaan ergaa Dubbii Waaqayyoorraa isaanitti himnu dhaggeeffachuuf ni dhaabatu turan. Namoonni manatti arganne baay’eenimmoo raroo irra teenyu nuu afanii miseensi maatii hundinuu akka nu dhaggeeffatan godhu turan. Qonnaan bultoonni tokko tokko barreeffamoota Macaafa Qulqulluu isaanii kennineef dinqisiifannaa qabaachuusaaniitiin kan ka’e, qalqalloo gurguddaatti boqqolloo nuu kennaniiru.
“Na Hin Irraanfanne”
Namoonni beekumsa Macaafa Qulqulluutiin akka guddatan yoo barbaadame, yeruma tokko qofa deebi’anii gaafachuun ga’aa miti. Namoonni baay’een deebinee dhaquudhaan barumsa dabalataa akka isaan barsiisnu nu kadhataniiru. Kanaan kan ka’es, naannoo Booliiviyaa kanatti al baay’ee deddeebineerra.
Booddee yeroo deebinee dhaqnu, dubartii maanguddoon tokko deebinee dhaquu keenyatti baay’ee waan gammaddeef, “Isin anaaf akka ijoollee kooti. Nan irraanfanne” jetteetti. Namichi tokkos hojii keenyaaf kan nu galateeffate yommuu ta’u, deebinee yeroo dhaqnu manasaa akka turru nu afeereera. Dubartiin jalqaba haasofsiisne tokko, gara magaalaatti galuudhaan amma misiraachicha lallabaa akka jirtu dhaga’uu keenyaan, carraaqqiin keenya bu’aa guddaa akka argamsiise nutti dhaga’ameera.
Guyyaa xumuraa adeemsa keenya isa jalqabaarratti, meeshaa itti nyaata bilcheeffannu keessaa gaaziin ni dhume. Nyaanni qabannes dhumuuf xinnumatu isa hafe. Qoraan ibidda ittiin bobeessinu funaannee, nyaata qabnu isa dhumaa erga ittiin bilcheeffannee booda miillaan gara biyyaatti deebi’uu jalqabne. Magaalaa otoobisii itti argannurraa kiilomeetira baay’ee fagaannee turre. Dhumarratti erga dukkanaa’ee achi geenye.
Gara Manaatti Deebi’uu
Gara biyyaatti yommuu deebinu otoobisichi waan cabeef rakkinni nu mudatee ture. Booddee konkolaataa fe’umsaa namni irra guuterratti fe’amnee deemuu dandeenyeerra. Namoonni nuu wajjin konkolaaticharra turan maaliif akka achi dhaqne beekuu waan barbaadaniif, adeemsi gara manaatti goone lallabuuf carraa nuu baneera. Namoonni sun uumamasaaniitiin yaadasaanii kan hin ibsine ta’anis, nama jaallatu turan.
Sa’aatii sagaliif konkolaatichaan yommuu adeemnu bokkaan waan nutti roobeef, qorri nu hadoochee ture. Adeemsi keenya garuu gatii kan hin qabne hin turre. Karaarra utuu jirruu, dubartii magaalattii keessa jiraattu tokko Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf beellama qabanne.
Naannoowwan fagoo akkasiitti misiraachicha lallabuun dhugumaan mirga guddaa ture. Mandaroota afuriifi gandeen xixinnoo hammana hin jedhamnetti lallabneerra. Jechoota akkas jedhan yaadanne: “Warri nagaa labsanii, fayyina abdachiisanii, . . . misraachoo himan, tulluu irraan mul’achuun isaanii maal maal nama gammachiisa!”—Isa. 52:7; Rom. 10:15.
[Fakkii fuula 17rra jiru]
Misiraachicha lallabuuf qophaa’uu