‘Waaqayyoon Sodaachuudhaan Qulqullummaatti’ Jiraadhaa!
‘Waaqayyoon Sodaachuudhaan Qulqullummaatti’ Jiraadhaa!
MACAAFNI QULQULLUUN, “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo” jechuudhaan, Yihowaan hundumaarra caalaa qulqulluu ta’uusaa ibsa. (Isa. 6:3; Mul. 4:8) Jechi afaan Ibrootaafi afaan Giriikiitiin “qulqullummaa” jedhu, karaa amantii qulqulluu ta’uufi xuraa’ummaarraa walaba ta’uu yaada jedhu dabarsa. Waaqayyo qulqulluudha jechuun, amallisaa mudaa tokkoyyuu hin qabu jechuudha.
Yihowaan inni Waaqa qulqulluu ta’e kun, waaqeffattoonnisaa qaamni, amalliifi amantiinsaanii qulqulluu akka ta’u isaanirraa eeguunsaa sirrii mitii? Yihowaan sabnisaa qulqulloota akka ta’an akka barbaadu Macaafni Qulqulluun ni ibsa. Phexros Inni Duraa, 1:16 “Ani qulqulluu waanan ta’eef, isinis qulqulloota ta’aa!” jedha. Ilmaan namootaa cubbamoota ta’an qulqulloota ta’uudhaan Yihowaa fakkaachuu danda’uu? Guutummaatti ta’uu baatuyyuu, hanga tokko kana gochuu ni danda’u. Amantii dhugaa keessatti yoo isa waaqeffanneefi isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa yoo qabaanne, Waaqayyo duratti akka qulqulluutti ilaalamuu dandeenya.
Garuu, biyya lafaa amala xuraa’aadhaan guutame kana keessatti qulqulloota ta’uu kan dandeenyu akkamitti? Gochawwan akkamiirraa fagaachuu qabna? Dubbiifi amala keenyarratti jijjiirama akkamii gochuun nu barbaachisa? Waaqayyo Yihudoota Dh.K.D. bara 537tti Baabilonii gara biyyasaaniitti deebi’anirraa maal akka barbaadu dubbatee ture. Gaaffiiwwan olitti ka’anii wajjin haala wal qabateen, wanta Yihowaan isaaniin jedherraa barumsa akkamii akka argannu haa ilaallu.
‘Karaa Qulqullaa’aan In Ba’a’
Yihowaan sabnisaa warri booji’amanii Baabilon turan gara biyyasaaniitti akka deebi’an raajii dubbateera. Raajichi, “Achi keessa karaan in ba’a, maqaan isaas, ‘Karaa qulqullaa’aa’ in jedhama” kan jedhu ture. (Isa. 35:8a) Jechoonni kun, Yihowaan Yihudoonni biyyasaaniitti akka deebi’an haalasaa isaanii mijeessuu qofa utuu hin ta’in, adeemsasaaniirrattis eegumsa akka isaanii godhu kan isaanii mirkaneessan turan.
Yihowaan tajaajiltootasaa warra yeroo ammaatti argaman, Baabilon Guddittii bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taate keessaa baasuudhaan ‘karaa qulqullaa’aa’ isaanii baneera. Bara 1919tti Kiristiyaanota dibamoo garbummaa amantii sobaa jalaa bilisa kan baase yommuu ta’u, isaanis suutuma suuta waaqeffannaasaanii barumsawwan sobaarraa qulqulleessaniiru. Yeroo ammaa Waaqeffattoonni Yihowaa, karaa hafuuraa haala qulqulluufi tasgabbaa’aa ta’e keessa jiraatu. Haala kana keessatti Yihowaa waaqeffachuufi isaa wajjinis ta’e namoota kaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu dandeenyeerra.
Luq. 12:32; Mul. 7:9; Yoh. 10:16) ‘Karaa Qulqullaa’aan’ kun, warra ‘namummaasaanii qulqullaa’aafi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’utti, aarsaa jiraatu godhanii dhiheessuu’ barbaadaniif banaadha.—Rom. 12:1.
Kiristiyaanonni dibamoon miseensota “karra xinnayyoo” ta’an akkasumas ‘tuutni sonaan baay’een’ “hoolota kan biraa” ta’aniifi lakkoofsisaanii dabalaa jiru, karaa qulqulluu kanarra adeemuuf filataniiru. Warri kaanis karaa kanarra isaanii wajjin akka deeman afeeraa jiru. (“Namni Xuraa’aan Garuu Achi Irra Hin Darbu”
Dh.K.D. bara 537tti, Yihudoonni biyyasaaniitti deebi’an ulaagaa barbaachisaa ta’e tokko guutuu qabu turan. Namoota ‘karaa qulqullaa’aarra’ adeemuuf ga’eessa ta’an ilaalchisee Isaayaas 35:8b, “Namni xuraa’aan garuu achi irra hin darbu” jedha. Kaayyoon Yihudoonni Yerusaalemitti deebi’aniif waaqeffannaa dhugaa deebisanii hundeessuu waan ta’eef, namoonni ofittoo ta’an, warri wantoota qulqulluudhaaf ulfina hin qabne ykn warri wanta qulqulluu hin taane raawwatan fudhatama hin qaban turan. Warri boojuudhaa deebi’an ulaagaa Yihowaan amalaaf baase guutuu qabu turan. Yeroo ammaattis warri Waaqayyo biratti fudhatama argachuu barbaadan ulaagaa akkasii guutuu qabu. ‘Waaqayyoon sodaachuudhaan qulqullummaatti jiraachuu’ qabu. (2 Qor. 7:1) Gochawwan xuraa’oo akkamiirraa fagaachuu qabna?
Phaawulos, “Hojiin foonii mul’ataa dha. Isaanis halalummaa, xuraa’ummaa, jireenya gad-dhiisii [dha]” jechuudhaan barreesseera. (Gal. 5:19) Halalummaan, qaama saalaatti fayyadamuudhaan hiriyaa gaa’elaatiin alatti sochiiwwan saalqunnamtii wajjin walitti dhufeenya qaban akkamiiyyuu raawwachuu kan dabalatudha. Amala gad-dhiisii jechuun, addaggummaa, qaanii dhabuu, amala manca’aa qabaachuufi gocha salphinaa kan dabalatudha. Halalummaanis ta’e amalli gad-dhiisii, qulqullummaa Yihowaa wajjin kan wal faallessudha. Kanaan kan ka’es, namoonni gocha akkasii raawwachuusaanii itti fufan, kutaa gumii Kiristiyaanaa akka ta’an waan isaanii hin heyyamamneef gumiidhaa ni baafamu. Warri xuraa’ummaa raawwatan, jechuunis ‘wanta nama xureessu hundumaa hojjetaniifi in ga’aa hin beekne’ akkasuma ta’u.—Efe. 4:19.
Jechi “xuraa’ummaa” jedhu cubbuu addaddaa kan argisiisudha. Jechi kun afaan Giriikiitiin, xuraa’ummaa amalaafi dubbii, akkasumas namoota hin amannee wajjin karaa amantii walitti dhufeenya qabaachuu kan dabalatudha. Jechi kun gochawwan xuraa’ummaa gumiidhaa nama hin baasisne raawwachuus ni dabalata. * Haata’u malee, namoonni xuraa’ummaa akkasii raawwatan qulqullummaadhaan jiraachaa jiruu?
Kiristiyaanni tokko dhoksaatti fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu jalqabe haa jennu. Suutuma suuta fedhiiwwan xuraa’aa ta’an guddachaa waan adeemaniif, murtoon namni kun Yihowaa duratti qulqullummaadhaan jiraachuuf godhe laafaa adeema. Amallisaa hanga ammaatti gara xuraa’ummaa guddaatti kan isa hin geessine ta’us, ‘waan qulqulluu, waanuma jaallatamaa, waan gurratti tolu, waan gaariifi waan galata qaburratti’ hin yaadu. (Filp. 4:8) Fakkiin fedhii saalqunnamtii kakaasu xuraa’aa ta’uusaarrayyuu, walitti dhufeenya namni tokko Waaqayyoo wajjin qabu akka jalaa balleessu beekamaadha. Xuraa’ummaan akkamiiyyuu nu gidduutti dhaga’amuullee hin qabu.—Efe. 5:3.
Fakkeenya gara biraa ilaalaa. Kiristiyaanni tokko 2 Qor. 7:1; Qol. 3:5.
ta’e jedhee fedhii saalaasaa kakaasuudhaan gammachuu argachuuf jecha, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasanitti fayyadamees ta’e utuu hin fayyadamin qaama saalaasaa susukkuuma haa jennu. Jechi “qaama saalaa ofii susukkuumuu” jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti argamuu baatuyyuu, gochi kun sammuus ta’e miira namaa akka xureessu hin shakkisiisu. Namni tokko yeroo hunda gocha nama xureessu akkasii raawwachuunsaa, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu jalaa balleessuudhaan Isa biratti xuraa’aa kan isa godhu mitii? Gorsa Phaawulos, “Waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qulleessina” akkasumas “Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraa’ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata of keessaa ajjeesaa” jechuudhaan nuu kenneef xiyyeeffannaa haa laannu.—Biyyi lafaa inni Seexanni seerratu kun, xuraa’ummaa akka laayyootti kan ilaalu ta’uusaarrayyuu, namoonni gocha akkasii akka raawwatan ni jajjabeessa. Wantoota xuraa’oo akka taanu nu qoran mo’uun rakkisaa ta’uu danda’a. Ta’us, Kiristiyaanonni dhugaan ‘akka warra saba Waaqayyoo hin ta’iniitti yaada waa’ee hin baafne duukaa bu’anii jiraachuu’ hin qaban. (Efe. 4:17) Yihowaan ‘karaa qulqullaa’aarra akka adeemnu’ kan nuu heyyamu, dhoksaattis ta’e ifatti xuraa’ummaa raawwachuurraa yoo fagaanne qofadha.
“Leenci Achi Irratti Hin Argamu”
Namni tokko Yihowaa isa Waaqa qulqulluu ta’e biratti fudhatama argachuu yoo barbaade, amalaafi dubbiisaarratti jijjiirama guddaa gochuun isa barbaachisuu danda’a. Isaayaas 35:9, “Karaa Qulqullaa’aa” sana ilaalchisee, “Leenci achi irratti hin argamu, bineensi hamaan achi irra hin adeemu” jedha. Namoonni gochaanis ta’e dubbiidhaan warra kaanirratti ka’aniifi qoccolloo jaallatan bineensatti fakkeeffamaniiru. Namoonni akkasii addunyaa haaraa Waaqayyo fiduufi qajeelummaan keessa buufatu keessa jiraachuu hin danda’an. (Isa. 11:6; 65:25) Kanaafuu namoonni Waaqayyo biratti fudhatama argachuu barbaadan, amala bineensaa kana dhiisanii qulqullummaadhaan jiraachuu qabu.
Caaffanni Qulqullaa’oon, “Hadhaa’ummaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu!” jechuudhaan nu gorsu. (Efe. 4:31) Qolosaayis 3:8, “Amma garuu isin dheekkamsa, aarii, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin ba’in!” jedha. Jechi caqasawwan lamaan kanarratti “maqaa wal balleessuu” fi “maqaa walii balleessuu” jedhu kun hamii, jecha nama yeellaasisuufi arrabsoo kan argisiisudha.
Yeroo ammaatti jechi nama miidhuufi ciiggaasisaa ta’e mana keessattillee kan baramedha. Abbaan manaafi haati manaa jecha hamminaafi gara jabinaa hiriyaa gaa’elaasaaniifi ijoolleesaanii salphisu dubbatu. Dubbiin nama miidhu akkasii maatii Kiristiyaanaa keessatti dubbatamuu hin qabu.—1 Qor. 5:11.
‘Waaqayyoon Sodaachuudhaan Qulqullummaatti Jiraachuun’ Eebba Argamsiisa!
Yihowaa isa Waaqa qulqulluu ta’e tajaajiluun mirga guddaadha! (Iya. 24:19) Jannanni hafuuraa Yihowaan itti nu galche baay’ee gati jabeessadha. Amala Yihowaa duratti qulqulluu ta’e qabaannee jiraachuun keenya jireenya hundarra caaludha.
Lafti kun jannata akka taatu abdiin Waaqayyo kenne dhihootti ni raawwatama. (Isa. 35:1, 2, 5-7) Warri yeroo ammaatti eebba sana hawwiidhaan eeggataniifi jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraatan achi keessatti iddoo argachuudhaan eebbifamu. (Isa. 65:17, 21) Kanaaf, karaa hafuuraa qulqulluu ta’uudhaan Waaqayyoon waaqeffachuufi walitti dhufeenya Isaa wajjin qabnu cimsuu keenya itti haa fufnu.
[Miiljalee]
^ key. 12 Garaagarummaa ‘xuraa’ummaa in ga’a hin jedhamneefi’ “xuraa’ummaa,” gidduu jiru beekuuf Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2006, ful. 29-31 (Amaariffa) ilaali.
[Fakkii fuula 26rra jiru]
Yihudoonni ‘Karaa Qulqullaa’aarra’ deemuuf maal gochuu qabu turan?
[Fakkii fuula 27rra jiru]
Namni tokko fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluunsaa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu isa jalaa balleessa
[Fakkii fuula 28rra jiru]
“Waci, maqaa wal balleessuun . . . hundinuu isin irraa haa fagaatu!”