Yaadawwan Ijoo Macaafa Hojii Ergamootaa
Dubbiin Yihowaa Jiraataadha
Yaadawwan Ijoo Macaafa Hojii Ergamootaa
MACAAFNI Hojii Ergamootaa, gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamuusaafi yeroo boodammoo babal’achuusaa ilaalchisee ibsa bal’aa kenna. Macaaficha kan barreesse Luqaas isa ogeessa fayyaa turedha. Macaafichi, sochii guddaa Kiristiyaanonni waggaa 28 gidduutti jechuunis Dh.K.B bara 33 hanga 61 gidduutti raawwatan ilaalchisee seenaa nama gammachiisu qabateera.
Macaafichi jalqabarratti keessumaa waa’ee tajaajila Phexros kan ibsu yommuu ta’u, itti aansuudhaanimmoo waa’ee tajaajila Phaawulos ibsa. Luqaas, jechoota “nu” fi “nuyi” jedhaniin fayyadamuudhaan, yommuu wantoonni tokko tokko raawwataman akka achi ture argisiiseera. Ergaa macaafa Hojii Ergamootaa keessa jiruuf xiyyeeffannaa kennuun keenya, humna Dubbiin Waaqayyoofi hafuurri qulqulluun qabuuf dinqisiifannaa qabnu nuu guddisa. (Ibr. 4:12) Kana malees, faayidaa keenya aarsaa akka goonuufi amantaa abdii Mootummichaarratti qabnu akka guddisnu nu gargaara.
PHEXROS ‘BANAA MOOTUMMAA WAAQAATTI’ FAYYADAMEERA
Ergamoonni hafuura qulqulluu erga argatanii booda, ija jabinaan dhugaa ba’aniiru. Phexros, “banaa Mootummaa Waaqaa” isa jalqabaatti gargaaramee, Yihudoonnis ta’an warri gara amantii Yihudiitti jijjiiramaniifi “dubbiisaa fudhatan” beekumsa akka argatan, akkasumas Mootummichatti galuuf carraan akka isaanii banamu godheera. (Mat. 16:19; HoE. 2:5, 41) Ari’atamni cimaan ka’uusaatiin bartoonni kan bittinnaa’an ta’us, bittinnaa’uunsaanii hojiin lallabaa akka babal’atu godheera.
Ergamoonni Yerusaalem turan, namoonni Samaariyaa Dubbii Waaqayyoo fudhachuusaanii akkuma dhaga’aniin, Phexrosiifi Yohannisiin achitti ergan. Phexros namoota Samaariyaatiif carraa Mootummichaa banuudhaan, banaa isa lammaffaatti fayyadameera. (HoE. 8:14-17) Yesus erga du’aa ka’ee tarii waggaa tokko utuu hin guutin, namni biyya Xarsees maqaansaa Saa’ol jedhamu amantaasaa geddaruudhaan Kiristiyaana ta’e. Dh.K.B bara 36tti hafuurri qulqulluun warra saba Waaqayyoo hin taaneefi dhagna hin qabannerratti yeroo dhangala’e, Phexros banaa isa sadaffaatti fayyadameera.—HoE. 10:45.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
2:44-47; 4:34, 35—Amantoonni qabeenyasaanii gurguranii qarshiisaa kan hiran maaliif ture? Warri dhihootti amantoota ta’an hedduun fagoodhaa kan dhufan yommuu ta’u, qarshii Yerusaalemiin turuuf isaan gargaaru hin qaban turan. Ta’us, waa’ee amantaasaanii isa haaraa waan baay’ee baratanii warra kaaniif dhugaa ba’uu akka danda’anitti achi turuu barbaadan. Kiristiyaanonni tokko tokko namoota kana gargaaruuf jecha qabeenyasaanii gurguranii qarshiisaa warra rakkataniif hiran.
4:13—Phexrosiifi Yohannis namoota dubbisuufi barreessuu hin dandeenye ykn barumsa hin qabne turanii? Hin turre. “Barumsa dheeraa kan hin qabneefi kan hin beekamne” kan jedhaman, mana barumsaa warra rabbii isa barumsi amantii itti kennamu galanii waan hin baranneefidha.
5:34-39—Luqaas, wanta Gamaali’el yaa’ii dhoksaatti godhamerratti dubbate akkamitti beekuu danda’e? Yoo xinnaate karaa sadiin kana beekuu danda’a: (1) Phaawulos inni sana dura barataa Gamaali’el ture isatti himee ta’uu danda’a; (2) Luqaas, nama akka Niqoodemos miseensa Yaa’ichaa ta’eefi bartoota Yesus deggeru gaafatee ta’uu danda’a; (3) Hafuurri Waaqayyoo yaada kana isaaf ibsee ta’uu danda’a.
7:59—Isxifaanos Yesusitti Kadhannaa dhiheessee Turee? Hin turre. Namni tokko Waaqeffannaasaas ta’e kadhannaasaa Waaqa tokkicha kan ta’e Yihowaadhaaf qofa dhiheessuu qaba. (Luq. 4:8; 6:12) Isxifaanos yeroo kaan kadhannaasaa maqaa Yesusiin Yihowaatti dhiheessaa akka ture beekamaadha. (Yoh. 15:16) Yeroo kanatti garuu, Isxifaanos ‘Ilmi namaa gara mirga Waaqayyoo akka dhaabate’ mul’ataan argeera. (HoE. 7:56) Caqasni kun afaan Giriikiitiin kallattiidhaan akka ibsutti, Isxifaanos, Yesus warra du’an kaasuuf aboon akka isaaf kenname beekuudhaan, lubbuusaa akka isaaf eegu dubbate malee, kadhannaa isatti hin dhiheessine.—Yoh. 5:27-29.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:8. Hojiin lallabaa waaqeffattoonni Yihowaa addunyaa maratti hojjetan, gargaarsa hafuura qulqulluutiin alatti raawwatamuu hin danda’u.
4:36–5:11. Nama Qophros kan ta’e Yoseef maqaansaa inni garabiraan Barnaabaas yommuu ta’u, hiiknisaammoo “Ilma Jajjabeessu” jechuudha. Ergamoonni Barnaabaasiif maqaa kana kan moggaasan, inni nama warra kaan jaallatu, nama gaariifi nama warra kaan gargaaru waan tureef ta’uu danda’a. Akkasaa malee, akka Anaaniyaasiifi Safiiraa sobdootaafi fakkeessitoota ta’uu hin qabnu.
9:23-25. Lallaba keenya itti fufuuf jecha diinota keenya jalaa miliquun sodaachuu keenya kan argisiisu miti.
9:28-30. Naannoowwan tokko tokkotti ykn namoota tokko tokkoof lallabuun, qaama keenya, amala keenyaafi jireenya hafuuraa keenyarratti balaa kan geessisu yoo ta’e, eessattiifi yoom lallabuu akka qabnu ogummaadhaan filachuu qabna.
9:31. Hamma ta’e yeroo nagaan jirutti qayyabachuufi irratti xiinxaluudhaan amantaa keenya cimsuuf yaalii gochuu qabna. Kunimmoo wanta baranne hojiirra oolchuufi hinaaffaadhaan tajaajiluudhaan Yihowaa sodaannee akka jiraannu nu gargaara.
PHAAWULOS HINAAFFAADHAAN TAJAAJILUUSAA
(Hojii Ergamootaa 11:19–28:31)
Agaabos, Dh.K.B. bara 44tti bakka Barnaabaasiifi Saa’ol “waggaa sana guutuu” itti barsiisaa turan, jechuunis gara Anxokiyaa dhaqe. Agaabos waggaa lama booda “beelli jabaan” akka bu’u raajii dubbate. (HoE. 11:26-28) Barnaabaasiifi Saa’ol ‘Yerusaalemitti hojii gargaarsaa erga raawwatanii booda’ gara Anxokiyaatti deebi’an. (HoE. 12:25) Dh.K.B bara 47tti, jechuunis erga Saa’ol jijjiiramee gara waggaa 12 booda, hafuurri qulqulluun Barnaabaasiifi Saa’ol adeemsa misiyoonummaa akka godhan isaan erge. (HoE. 13:1-4) Dh.K.B. bara 48tti Anxokiyaatti, jechuunis “iddoo itti ayyaana Waaqayyootti kennamanii turanitti” deebi’an.—HoE. 14:26.
Gara ji’a sagalii booda, Phaawulos (inni Saa’ol jedhamu) Siilaasiin fudhatee adeemsa misiyoonummaa isa lammaffaa jalqabe. (HoE. 15:40) Phaawulos Ximotewosiifi Luqaasiin adeemsasaarratti argatee isaaniinis fudhatee deeme. Luqaas Filiiphisiyusitti yommuu hafu, Phaawulos gara Ateenaa achiis gara Qorontos adeemuudhaan Aqiilaafi Phrisqiilaa bira waggaafi ji’a ja’a taa’e. (HoE. 18:11) Phaawulos Ximotewosiifi Siilaasiin Qorontositti dhiisee, Aqiilaafi Phrisqiilaa fudhatee, jalqaba Dh.K.B. bara 52tti markabaan gara Sooriyaa dhaqe. (HoE. 18:18) Sana booda, Aqiilaafi Phrisqiilaan hanga Efesoonitti isa geggeessanii achumatti hafan.
Phaawulos Anxokiyaa ishee biyya Sooriyaa keessa yeroo muraasa erga turee booda, Dh.K.B. bara 52tti adeemsasaa isa sadaffaa jalqabe. (HoE. 18:23) Efesoonitti ‘dubbiin gooftaa bal’achaafi guddachaa adeemee ture.’ (HoE. 19:20) Phaawulos gara waggaa sadii achi jiraateera. (HoE. 20:31) Dh.K.B. bara 56 guyyaa Phenxeqosteetti Phaawulos Yerusaalem ture. Erga qabamee boodallee, sodaa malee warra aboo qabaniif dhugaa ba’eera. Phaawulos Roomaatti waggaa lamaaf (naannoo Dh.K.B. bara 59-61tti), manasaatti yommuu hidhamee turetti, waa’ee Mootummichaa lallabuufi “waa’ee Yesus Kristos gooftichaa” barsiisuuf carraa argatetti fayyadama ture.—HoE. 28:30, 31.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
14:8-13—Namoonni Lisxiraa “Barnaabaasiin ‘Zeos’ Phaawulosiin immoo ‘Hermees’” kan jedhan maaliif ture? Akka afoola warra Giriikitti Zeos, bulchaa waaqolii yommuu ta’u, ilmisaa Hermeesimmoo dubbii beekuudhaan kan beekamu ture. Phaawulos dursa fudhatee dubbachaa waan tureef, namoonni Lisxiraa Hermees jedhanii kan isa waaman yommuu ta’u, Barnaabaasiin garuu Zeos jedhaniiru.
16:6, 7—Hafuurri qulqulluun, Phaawulosiifi hiriyoonnisaa kutaa biyya Asiyaafi Bitiiniyaatti akka dhugaa hin baane kan isaan dhowwe maaliif ture? Yeroo sanatti warri hojicha hojjetan muraasa turan. Kanaan kan ka’es, hafuurri qulqulluun naannoo caalaatti bu’aa argachuu danda’anitti isaan erge.
18:12-17—Bulchaa biyyaa kan ture Gaalii’on yommuu namoonni Sosteneesiin reeban tarkaanfii fudhachuu kan dhiise maaliif ture? Gaalii’on, Sostenees inni Phaawulosirratti namoota utuu hin kakaasin hin oolle kun gatii harkasaa akka argate itti dhaga’amee ta’uu danda’a. Haata’u malee, wanti kun Sostenees Kiristiyaana akka ta’u waan godheef bu’aa gaarii argamsiiseera. Yeroo booda Phaawulos Sostenees “obboleessa” ta’uusaa barreesseera.—1 Qor. 1:1.
18:18—Phaawulos wareega akkamii wareege? Hayyoonni tokko tokko, Phaawulos Waaqayyoof addaan of baasuudhaaf akka wareege dubbatu. (Lak. 6:1-21) Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun wareegni Phaawulos maal akka ta’e hin ibsu. Kana malees, Caaffanni Qulqullaa’oon Phaawulos kan wareege Kiristiyaana utuu hin ta’in dura ykn erga ta’ee booda ta’uusaa hin ibsan. Akkasumas wareegasaa kana jalqabuusaa haa ta’uu xumuruusaa waan ibsan hin qaban. Dhimmisaa maaliyyuu yoo ta’e, wareega akkasii gochuun cubbuu hin qabu.
Barumsa Akkamii Arganna?
12:5-11. Obboloota keenyaaf kadhachuu dandeenya; kadhachuus qabna.
12:21-23; 14:14-18. Herodis ulfina Waaqayyoof qofa kennamuu qabu ofii fudhateera. Seenaan kun, Phaawulosiif Barnaabaas galataafi ulfina isaanii kenname atattamaafi ija jabinaan diduusaanii wajjin garaagarummaa guddaa kan qabu mitii? Tajaajila Yihowaarratti hojii akkamiiyyuu yoo raawwanne ulfina barbaaduu hin qabnu.
14: 5-7. Ofeeggannoo gochuun, tajaajila keenyatti jabaannee itti fufuuf nu gargaaruu danda’a.—Mat. 10:23.
14:22. Kiristiyaanonni gidiraan akka isaanirra ga’u beeku. Amantiisaanii ganuudhaan, gidiraa jalaa miliquuf yaalii hin godhan.—2 Xim. 3:12.
16:1, 2. Dargaggoonni Kiristiyaana ta’an, hojiiwwan gumiitiif of dhiheessuufi maqaa gaarii qabaachuuf gargaarsa Yihowaa gaafachuu qabu.
16:3. Warri kaan misiraachoo kana akka fudhatan gochuuf, haala Caaffata Qulqullaa’oo wajjin wal simuun jiraachuuf waan dandeenyu hunda gochuu qabna.—1 Qor. 9:19-23.
20:20, 21. Manaa gara manaa dhaqanii dhugaa ba’uun, bifa tajaajila keenyaa keessaa isa hundarra caaludha.
20:24; 21:13. Waaqayyoof amanamoo ta’uun, lubbuu keenya dheeressuu caalaa barbaachisaadha.
21:21-26. Gorsa gaarii fudhachuuf, fedhiifi hawwii qabaachuu qabna.
25:8-12. Yeroo ammaatti Kiristiyaanonni mirga karaa seeraa argatanitti fayyadamanii, ‘wangeelaaf falmuufi isa cimsanii dhaabuu’ danda’u; kanas gochuu qabu.—Filp. 1:7.
26:24, 25. ‘Dubbiin dhugaa qalbii guutuudhaan’ lallabnu, ‘nama hafuuricha hin argatiniif’ gowwummaa ta’us, lallabuu keenya itti fufuu qabna.—1 Qor. 2:14.
[Fakkii fuula 30rra jiru]
Phexros ‘bantuu Mootummaa Waaqaatti’ kan fayyadame yoomi?
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Gargaarsa hafuura qulqulluu malee, hojiin lallabaa addunyaa maratti hojjetamuu hin danda’u ture