Yihowaan “Furii” Keenya
Yihowaan “Furii” Keenya
“Waaqayyo isaan in gargaara, isaan in oolchas.” —FAR. 37:40.
1, 2. Dhugaa waa’ee Yihowaa dubbatame isa kamtu jajjabina nuu kenna?
GAADDISNI aduudhaan uumamu iddoo tokko hin dhaabatu. Yommuu lafti naannoftu hundumaatti, gaaddisa kanarratti jijjiiramni ni mul’ata. Uumaan waaqaafi lafaa garuu hin jijjiiramu. (Mil. 3:6) Macaafni Qulqulluun, “Abbaa ifaa bira gegeddaramuun, yookiis gaaddisi gara galuun iyyuu hin jiru” jedha. (Yaq. 1:17) Dhugaan waa’ee Yihowaa dubbatame kun, keessumaa yommuu qorumsiifi rakkinni nurra ga’u jajjabina nuu kenna. Maaliif?
2 Akkuma mataduree darberratti ilaalle, Yihowaan bara duriitti “furii” ta’uusaa argisiiseera. (Far. 70:5) Yihowaan kan hin jijjiiramne ta’uusaarrayyuu, wanta jedhe hunda ni raawwata. Kanaafuu, tajaajiltoonnisaa warri yeroo ammaatti argaman hundi, inni akka ‘isaan gargaaruufi isaan oolchu’ amanuuf sababii quubsaa qabu. (Far. 37:40) Yihowaan bara keenyatti sabasaa kan oolche akkamitti? Dhuunfaattoo kan nu oolchu akkamitti?
Mormitoota Jalaa Ooluu
3. Mormitoonni, sabni Yihowaa misiraachoo Mootummichaa akka hin lallabne gochuu hin danda’an kan jennu maaliifi?
3 Mormiin Seexanni kaasu kamiyyuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffannaa Yihowaadhaaf qofa dhihaachuu qabu akka hin dhiheessine gochuu hin danda’u. Dubbiin Waaqayyoo, “Si balleessuudhaaf mi’i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda’u, dubbii warra firdii duratti si hammeessaniis in busheessita” jechuudhaan Isa. 54:17) Mormitoonni, sabni Waaqayyoo hojii lallabaa isaanii kenname akka hin raawwanne gochuuf yaalii yoo godhaniyyuu, isaanii hin milkoofne. Fakkeenyawwan lama ilaalaa.
nuu mirkaneessa. (4, 5. Bara 1918titti sabni Yihowaa mormii akkamiitu isaan mudate? Bu’aa akkamiitu argame?
4 Bara 1918tti luboonni, sabni Yihowaa hojii lallabaasaanii akka dhaaban gochuuf ari’atama isaanirratti kakaasanii turan. Caamsaa 7, mootummaan fedaraalaa Yuunaayitid Isteetis, obboleessi yeroo sanatti hojii lallabaa addunyaa maratti hojjetamu olaantummaadhaan geggeessaa ture Jee Effi Raazarfoordiifi obboloonni waajjira muummichaa keessatti hojjetan hedduun akka hidhaman ajaja baase. Ji’a lama gidduutti Raazarfoordiifi hiriyoonnisaa, uummata mootummaarratti kakaastaniittu sababii jedhuun karaa sirrii hin taaneen hidhaan waggaa dheeraa isaanitti murame. Mormitoonni kun, mana murtiitti fayyadamanii hojii lallabaa kana guutummaatti dhaabsisuu danda’aniiruu? Matumaa hin dandeenye!
5 Abdii Yihowaan, “Si balleessuudhaaf mi’i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda’u” jechuudhaan kenne yaadadhaa. Obboleessi keenya Raazarfoordiifi hiriyoonnisaa, ji’a sagal booda, Bitootessa 26, 1919tti haala dinqii ta’een mirgi wabii isaaniif eegamee mana hidhaatii ba’aniiru. Waggaa itti aanutti jechuunis Caamsaa 5, 1920, himanni isaanirratti dhihaate ni kaafame. Obboloonni kun birmaduu argatanitti fayyadamuudhaan, hojii Mootummichaa hojjechuusaanii itti fufan. Bu’aa akkamiitu argame? Yeroo sanaa kaasee guddinni dinqisiisaan galmeeffameera. Kana hundumaaf galateeffamuu kan qabu Yihowaa isa ‘nu furudha.’—1 Qor. 3:7.
6, 7. (a) Naazii Jarman, Dhugaa Baatota Yihowaarratti duula akkamii labsee ture? Haata’u malee, bu’aansaa maal ture? (b) Seenaan Dhugaa Baatota Yihowaa bara keenyaa maal mirkaneessa?
6 Ammammoo fakkeenya isa lammaffaa ilaalaa. Bara 1934tti, Hiitlar, Dhugaa Baatota Yihowaa biyya Jarman keessa jiran hunda balleessuuf kakate. Kana galmaan ga’uufis tarkaanfii gurguddaa fudhateera. Namoonni baay’een mana hidhaatti darbatamaniiru. Dhugaa Baatonni kumaan lakkaa’aman ari’atamaniiru; dhibbaan kan lakkaa’amanimmoo mana hidhaatti ajjeefamaniiru. Hiitlar, duula Dhugaa Baatota Yihowaa lafarraa fixuuf godheen milkaa’ina argateeraa? Jarman keessatti guutummaatti misiraachoon kun akka hin lallabamne gochuu danda’eeraa? Matumaa hin dandeenye. Yeroo ari’atamni ture sanatti obboloonni keenya, dhoksaadhaan lallabu turan. Bulchiinsi Naazii erga barbadaa’ee booda, obboloonni birmaduu argatanitti fayyadamanii lallabasaanii itti fufaniiru. Yeroo ammaatti babal’istoota Mootummichaa 165,000 ol ta’antu Jarmanitti argama. Yeroo kanattis Yihowaan inni ‘nu furu’ abdii, “Si balleessuudhaaf mi’i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda’u” jechuudhaan kenne raawwateera.
7 Seenaan Dhugaa Baatota Yihowaa bara keenyaa, Far. 116:15) Dhuunfaattoo Yihowaan eegumsa nuu godhaa? Yihowaan dhuunfaadhaan kan nu furu akkamitti?
Yihowaan sabnisaa tuutaan lafarraa akka balleeffaman matumaa kan hin heyyamne ta’uusaa argisiisa. (Qaama Keenyarra Miidhaan Akka Hin Geenye Eegumsa Ni Argannaa?
8, 9. (a) Yihowaan qaama keenya balaarraa nuu eega jennee abdachuu kan hin dandeenye maaliifi? (b) Dhugaa isa kam amannee fudhachuu qabna?
8 Dhuunfaadhaan qaama keenyarra miidhaan akka hin geenye, eegumsi akka nuu godhamu waadaan nuuf hin galamne. Nuyis, tarkaanfii Ibroonni amanamoo sadan fakkii warqee Nebukadnezaar Mootichi dhaabeef hin sagannu jedhan fudhatanii wajjin wal fakkaatu fudhanna. Dargaggoonni Waaqayyoon sodaatan sun, Yihowaan haala dinqii ta’een qaama keenyarra miidhaan akka hin geenye nu eega jedhanii hin abdanne. (Daani’el 3:17, 18 dubbisi.) Yihowaan garuu ibidda sana keessaa isaan oolcheera. (Dan. 3:21-27) Ta’us, bara duriittillee, haala dinqii ta’een furamuun, darbee darbee malee wanta yeroo hunda raawwatamu hin turre. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo turan hedduun, mormitootaan ajjeefamaniiru.—Ibr. 11:35-37.
9 Har’ahoo haallisaa maal fakkaata? Yihowaan isa ‘nu furu’ waan ta’eef, haala garmalee sodaachisaa ta’e keessaa namoota oolchuu ni danda’a. Yihowaan haalawwan tokko tokko keessa harkasaa akka galcheefi akka hin galchine mirkanaa’oo ta’uu dandeenyaa? Hin dandeenyu. Haata’u malee, namni balaarraa oole tokko Yihowaan akka isa oolche itti dhaga’amuu danda’a. Yaada nama kanaa mormuun of tuulummaa argisiisa. Dhugaasaa dubbachuuf, akkuma bara Naazii, Kiristiyaanonni amanamoon hedduun ari’atamaan kan ka’e ajjeefamaniiru. Warri kaanimmoo haala gaddisiisaa ta’een du’aniiru. (Lal. 9:11) Yihowaan namoonni amanamoon kun yeroosaanii malee akka du’an kan heyyame sabasaa ‘furuu’ waan dadhabeefii? jennee gaafanna ta’a. Sababiinsaa matumaa kana ta’uu hin danda’u.
10, 11. Namni du’a ofirraa ittisuu kan hin dandeenye maaliifi? Ta’us Yihowaan namoota du’an maal godha?
10 Mee yaada kana ilaalaa. Eenyuyyuu ‘qabaa iddoo lafa jalaa’ kan ta’e bakka awwaalcha ilmaan namootaa keessaa, “lubbuu isaa oolfachuu” hin danda’u. (Far. 89:48) Yihowaanoo lubbuu namootaa oolchuu ni danda’aa? Obboleettiin bara Naaziitti du’arraa oolte tokko, wanta haatishee isheen Dhugaa Baatuu taate michootasaanii warra mana hidhaatti du’an ilaalchisee ishee jajjabeessuuf dubbatte yaadachuudhaan, “Duuti hanga bara baraatti ilmaan namootaa hidhee kaa’uu danda’a utuu ta’ee, Waaqayyoon caalaatti jabaadha jedhamuu danda’a mitiiree?” akka isheedhaan jette dubbatteetti. Yihowaan inni Burqaa jireenyaa ta’e, du’a caalaa humna akka qabu beekamaadha! (Far. 36:9) Warri awwaala keessatti argaman hundi, yaadannoo Yihowaa keessa waan jiraniif, inni hundasaanii du’a jalaa ni fura.—Luq. 20:37, 38; Mul. 20:11-14.
11 Haata’u malee, Yihowaan yeroo ammaattis rakkina waaqeffattootasaa amanamoo ta’anirra ga’uuf kallattiidhaan furmaata ni kenna. Mee amma karaawwan sadan inni itti nu ‘furu’ haa ilaallu.
Karaa Hafuuraa Eegumsa Argachuu
12, 13. Karaa hafuuraa eegumsa argachuun hunda caalaa barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Yihowaan eegumsa hafuuraa kan nuu godhu akkamitti?
12 Yihowaan karaa hafuuraa kan nu eegu yommuu ta’u, kunis hunda caalaa barbaachisaadha. Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, wanti jireenya keenya isa ammaa caalaa barbaachisaa ta’e akka jiru ni hubanna. Qabeenyi keenya inni hundarra caalu, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnudha. (Far. 25:14; 63:3) Walitti dhufeenya kana hin qabnu taanaan, jireenyi keenya inni ammaa kaayyoo kan hin qabne ta’a; abdii jireenya barabaraas hin qabaannu.
13 Yihowaan, walitti dhufeenya gaarii isaa wajjin qabnu eegnee akka jiraannu waan nu gargaaruuf, isa galateeffanna. Yihowaan nu gargaaruuf, Dubbiisaatti, hafuura qulqulluufi gumii addunyaa maraatti fayyadama. Qophiiwwansaa kanarraa guutummaatti faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo hundumaa dhimminee Dubbiisaa qayyabachuudhaan amantaa keenya jabeeffachuufi abdiin keenya ifa ta’ee akka nutti mul’atu gochuu dandeenya. (Rom. 15:4) Hafuurasaa argachuuf garaadhaa kadhachuudhaan, qorumsa amala sirrii hin taane akka qabaannu nu godhu mo’uu dandeenya. (Luq. 11:13) Qajeelfama kutaan hojjetaa karaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluu, karaa walga’ii gumii, walga’iiwwan addaa, aanaafi koonyaa nuu kennu hordofuun keenya, nyaata hafuuraa ‘yeroosaatti dhihaate’ soorachaa akka jirru argisiisa. (Mat. 24:45) Qophiiwwan kun karaa hafuuraa kan nu eegan ta’uusaarrayyuu, Waaqayyotti dhihaannee akka jiraannu nu gargaaru.—Yaq. 4:8.
14. Muuxannoo waa’ee eegumsa hafuuraa ibsu dubbadhu.
14 Eegumsa Yihowaan karaa hafuuraa nuu godhu hubachuuf, warra mataduree darbe keessatti jalqabarratti caqasaman akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Intallisaanii Tereezaan dhabamuushee erga dhaga’anii guyyaa muraasa booda, akka ajjeefamte isaanitti himame. * Abbaan intalattii akkas jedheera: “Yihowaan akka ishee eegu kadhadheen ture. Yommuu reeffishee argame, kadhannaankoo maaliif deebii hin arganne jedhee yaadee akkan ture dhoksuu hin barbaadu. Yihowaan sabasaatiif karaa foonii dhuunfaatti eegumsa gochuuf waadaa akka hin galle beeka. Hubannaa argachuuf kadhachuukoon itti fufe. Sana booda, Yihowaan sabasaa kan eegu karaa hafuuraa, jechuunis walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu eeguuf wanta nu barbaachisu nuu gochuudhaan akka ta’e beekuunkoo jajjabina naaf argamsiiseera. Eegumsa akkasii argachuun, abdii jireenya bara baraatiif qabnuurratti dhiibbaa gaarii waan geessisuuf, eegumsa kamirrayyuu kan caaludha. Eegumsi akkasii kun barabaraaf jiraachuuf abdii qabnurratti jijjiirama waan fiduuf baay’ee barbaachisaadha. Kanaafuu, Tereezaan utuma amanamummaadhaan isa tajaajiltuu waan duuteef, Yihowaan ishee eegeera jechuun ni danda’ama. Abdiin jireenyaashee inni gara fulduraa harka Yihowaa isa jaalala qabeessaarra akka jiru beekuunkoo, nagaa naaf argamsiiseera.”
Yeroo Dhukkubaatti Gargaarsa Argachuu
15. Yommuu garmalee dhukkubsannu Yihowaan karaawwan kamiin nu gargaara?
15 Yihowaan akkuma Daawitiif godhe nuunis “siree dhukkubaa irratti” ol nu qabuu danda’a. (Far. 41:3) Yihowaan yeroo ammaatti dinqiidhaan kan nu hin fayyisne ta’uyyuu, gargaarsa nuu godha. Akkamitti? Seerawwan bu’uuraa Dubbiisaa keessatti argaman, yaalii fayyaafi dhimmawwan garabiraarratti murtoo sirrii ta’e akka goonu nu gargaaru. (Fak. 2:6) Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaarratti! yaadawwan waa’ee dhibee fayyaa keenyaa kallattiidhaan ibsan argachuu dandeenya. Yihowaan wanti fedheyyuu yoo uumame, haala keessa jirru danda’uudhaan amanamummaa keenya akka eegnu, karaa hafuurasaa ‘humna humna gararraa’ nuu kenna. (2 Qor. 4:7) Gargaarsa akkasii argachuun keenya, dhibee fayyaa keenyarratti xiyyeeffachuudhaan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu akka hin daganne nu gargaara.
16. Obboleessi tokko dhibee fayyaa isa mudate kan danda’e akkamitti?
16 Waa’ee dargaggeessa mataduree darbe keessatti ibsamee yaadaa. Bara 1998tti, dhukkuba emaayaatiroofiik laataraal iskilaroosiis, ykn Ee * Dhukkubasaa kana danda’ee kan jiraate akkamitti? Akkas jedheera: “Dhibee fayyaa kanarraa kanan furamu yoon du’e qofa akka ta’e yommuun yaadu, gaddaafi abdii kutachuutu natti dhaga’ama. Yommuun garmalee dhiphadhu, Yihowaan tasgabbii, obsaafi jabina akka naa kennun kadhadha. Yihowaan kadhannaakoo kanaaf deebii akka naa kenne natti dhaga’ama. Tasgabbii argachuunkoo, yaadawwan nama jajjabeessanirratti, jechuunis addunyaa haaraa keessatti yommuun miilaan adeemu, yommuun nyaata gaarii dhandhamadhuufi yommuun maatiikoo wajjin haasa’urratti akkan xiinxalu na gargaara. Obsi, haala rakkisaa dhukkubni kun natti fide akkan irraanfadhu na gargaara. Jabinnimmoo, hamma dhumaatti amanamaa akkan ta’uufi dhimmawwan hafuuraatiif dursa kennuukoo akkan itti fufu na gargaara. Yihowaan siree dhukkubaarratti waan na gargaaruuf, akkuma Daawit faarfatichaa natti dhaga’ama.”—Isa. 35:5, 6.
Eelli Eessi jedhamuufi yeroo booda naafa nama godhuun qabame.Wanta Barbaachisu Argachuu
17. Yihowaan maal akka nuu godhu abdii kenneera? Kana jechuun maal jechuudha?
17 Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka nuu kennu waadaa galeera. (Maatewos 6:33, 34 fi Ibroota 13:5, 6 dubbisi.) Kana jechuun garuu, wanta jireenyaaf nu barbaachisu haala dinqii ta’een arganna ykn hojjechuu hin qabnu jechuu miti. (2 Tas. 3:10) Kanaa mannaa, Mootummaa Waaqayyootiif dursa yoo laanneefi hojjechuuf fedhii yoo qabaanne, Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka nuu kennu isatti amanamuu dandeenya jechuudha. (1 Tas. 4:11, 12; 1 Xim. 5:8) Yihowaan, tarii namni hidhata amantaa keenya ta’e akka nu gargaaru ykn akka nu qacaru gochuudhaan, karaa nuyi hin yaanneen wanta nu barbaachisu nuu gochuu danda’a.
18. Muuxannoo yeroo rakkinaatti wanta nu barbaachisu akka argannu ibsu dubbadhu.
18 Waa’ee haadha qeentee jalqaba mataduree darbeerratti caqasamtee yaadaa. Isheeniifi intallishee yommuu naannoo garabiraa dhaqan, hojii argachuun rakkisaa isheetti ta’ee ture. Akkas jetteetti: “Ganama ganama tajaajilan ba’a, sa’aatii boodammoo yeroo hunda hojiin barbaaddadha. Gaaf tokko aannan bitachuuf gara suuqiin dhaqe. Achitti fuduraa addaddaa kanan ilaale ta’uyyuu, qarshiin ittiin bitadhu hin qabun ture. Akka guyyaa sanaatti gaddee hin beeku. Yommuun manatti deebi’u, fuduraan addaddaa qodaatti naqamee barandaa mana duubaarra guutee ture. Nyaata ji’oota hedduudhaaf nu ga’u arganne. Boo’een Yihowaa galateeffadhe.” Obboleettiin kun utuu baay’ee hin turin, fuduraa kana kan isheedhaa fide obboleessa gumiisheetti argamuufi oddoosaatti fuduraa oomishu ta’uusaa hubatte. Sana booda, akkas jechuudhaan obboleessa kanaaf xalayaa barreessiteetti: “Guyyaa sanatti baay’ee kanan si galateeffadhe ta’uyyuu, Yihowaan gaarummaakeetti fayyadamee jaalalasaa waan natti argisiiseef isas galateeffadheera.”—Fak. 19:17.
19. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo rakkina guddaatti maaltu akka ta’u amanu? Amma maal gochuuf murteessuu qabna?
19 Wanti Yihowaan bara duriittis ta’e bara keenyatti raawwate, inni akka nu gargaaru amanuuf nu dandeessisa. Dhiheenyatti yeroo rakkinni guddaan biyya lafaa Seexanaa kanarratti dhufu, yoomiyyuu caalaa gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa. Haata’u malee, tajaajiltoonni Yihowaa amanannaa guddaadhaan isa eeggatu. Furamuunsaanii akka dhihaate waan beekaniif, mataasaanii ol qabatanii ilaaluudhaan gammadu. (Luq. 21:28) Hammasitti garuu, rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, Waaqani keenya inni hin jijjiiramne akka ‘nu furu’ abdachuudhaan, Yihowaatti amanamuuf murtoo haa goonu.
[Miiljaleewwan]
^ key. 14 Mataduree, “Gadda Guddaa Nurra Ga’e Mo’uu,” jedhuufi Dammaqaa! Adoolessa 22, 2001, ful. 19-23rratti argamu ilaali. (Amaariffa)
^ key. 16 Mataduree, “Amantaankoo Dhukkuba Cimaa Danda’uuf Na Gargaareera” jedhuufi Dammaqaa! Amajjii 2006, ful. 25-29rratti argamu ilaali. (Amaariffa)
Ni Yaadattaa?
• Yihowaan namoota yeroosaanii malee du’an furuu kan danada’u akkamitti?
• Karaa hafuuraa eegumsa argachuun, hunda caalaa barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
• Yihowaan wanta karaa foonii nu barbaachisu nuu guuta jechuun maal jechuudha?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Obboleessi keenya Raazarfoordiifi hiriyoonnisaa bara 1918tti kan hidhaman ta’uyyuu, yeroo booda kan hiikaman yommuu ta’u, himanni isaanirratti dhihaates irraa ka’eera
[Fakkii fuula 10rra jiru]
Yihowaan ‘siree dhukkubaarratti’ nu gargaaruu ni danda’a