“Karichi Isa Kana, Isa Irra Adeemaa!”
“Karichi Isa Kana, Isa Irra Adeemaa!”
Seenaa Jireenyaa Eemiliyaa Pedersan
Ruuz Ee. Paapaas akka dubbatetti
HAATIKOO, Eemiliyaa Pedersan bara 1878 dhalatte. Barsiistuu mana barumsaa taatus, jireenyashee namoonni gara Waaqayyootti akka dhihaatan gargaaruuf itti fayyadamuu barbaaddi turte. Fedhii haatikoo qabdu saanduqa guddaa mana keenya isa Jaaspar, magaalaa Miiniisootaa, Yuu.Ees.Ee. ture jirurraa hubachuun ni danda’ama. Chaayinaa bakka misiyoonii Saba Kiristiyaanaa taatee tajaajiluu barbaaddu dhaquuf mi’ashee ittiin qabachuuf itti fayyadamti turte. Haata’u malee, yeroo haatishee duutu, karoora baafatte dhiistee obbolootashee warra quxisuu dhiiraa sadiifi durba tokko guddisuutti kaate. Bara 1907 Tewoodor Hooliyenitti heerumte. Animmoo Muddee 2, 1925 kanan dhaladhe si’a ta’u, ijoollee torba keessaa ishee dhumaan ture.
Haatikoo gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu deebii argachuufii barbaaddu qabdi turte. Gaaffiinshee inni tokko, barumsa waa’ee qilillee bakka adabaa hamoonni itti gubatan jedhamee barsiifamu ture. Itti gaafatamaan Waldaa Lutaraanii isaan daawwachuu dhufe tokko barumsi kun deggersa Macaafa Qulqulluu kan qabu ta’uusaa ilaalchisee gaaffii gaafatteen. Innis, Macaafni Qulqulluun maaliyyuu yoo jedhe, waa’ee qilillee bakka adabaa hamoonni itti gubatanii barsiisuun barbaachisaa ta’uusaa itti hime.
Fedhiin Dhugaa Beekuuf Qabdu Ni Guuteef
Utuma baay’ee hin turin bara 1900, obboleettiin haadhakoo, Eemaan, muuziqaa barachuuf Noorzifiild, magaalaa Miiniisootaa adeemte. Mana barsiisaashee Miliyuus Kiristiyaansan, isa haati manaasaa Dhugaa Baatuu Yihowaa, yommus Barattoota Macaafa Qulqulluu jedhamuun beekaman teessi turte. Eemaan obboleettii Macaafa Qulqulluu dubbisuu jaallattu akka qabdu itti himte. Yerosuma, Kiristiyaansan haadhakoof xalayaa gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu isheen qabdu hundumaa deebisuuf barreesseef.
Gaaf tokko, Barataan Macaafa Qulqulluu Loraa Ootihaawut jedhamu, Kibba Dakootaa magaalaa Suu Foolsii gara Jaasparitti lallabuuf baaburaan dhufe. Haatikoo barreeffamoota Macaafa Qulqulluu kennameef kan qayyabatte si’a ta’u, bara 1915 barreeffama Loraan kenneefitti fayyadamuudhaan namootatti dhugaa Macaafa Qulqulluu himuu jalqabde.
Bara 1916, haatikoo Chaarlis Teez Raasil walga’ii koonyaaf magaalaa Suu Siitii, Aayiwaa akka dhufu dhageesse. Achirratti argamuu barbaadde. Yeroo kanatti haatikoo ijoollee shan kan qabdu si’a ta’u, Maarviin inni xinnoon umriinsaa ji’a shan qofa ture. Ta’us, ijoolleeshee hundaa wajjin walga’ii koonyaa Suu Siitiitti godhamurratti argamuuf baaburaan kiilomeetira 160 adeemte. Haasawaawwan Obboleessa keenya Raasil kan dhageesse si’a ta’u, fiilmii “Fotoo Diraamaa oov Kiri’eeshin” jedhamu ilaalteetti, achiis cuuphamteetti. Yeroo gara manaatti deebitu, walga’ii koonyaa ilaalchisee gaazexaa Jaaspar Joornaal jedhamurratti mataduree maxxanfame tokko barreessiteetti.
Haatikoo namoota 18,000 bara 1922 walga’ii koonyaa Seedaar Pooyint, Ohaayootti godhamerratti argaman keessaa tokko turte. Walga’ii kanarratti erga argamtee jalqabee, takkaallee waa’ee Isa. 30:21.
Mootummaa Waaqayyoo beeksisuu hin dhaabne. Kana malees, yeroo hundumaa “Karichi isa kana, isa irra adeemaa!” jettee nu gorsiti turte.—Firii Tajaajila Mootummichaa
Naannoo jalqaba bara 1920 jiranitti warrikoo bakka jireenyaasaanii magaalaa Jaaspar alatti jijjiiran. Abbaankoo hojii galii ba’eessa argamsiisuuf kan qabuufi maatii baay’ee gargaaru qaba ture. Akka haadhakoo Macaafa Qulqulluu qayyabachuu baatus, hojii lallabaa garaa guutuun kan deggeru ta’uusaarrayyuu, daawwattoota tajaajiltoota ta’aniifi yommus piilgiriims jedhaman mana keenya akka dhufan ni heyyama ture. Obboloota daawwattoota keessaa tokko yeroo mana keenyatti haasawaa kennu namoonni dhibbi ykn isaa ol ta’an kan argaman si’a ta’u, goorduuba, kutaa nyaata itti nyaannuufi kutaa ciisichaa guutanii dhaggeeffatu turan.
Yeroon waggaa torba ta’u adaadaankoo Leeteen bilbiltee, Eed Laarsoniifi haati manaasaa ollaashee ta’an Macaafa Qulqulluu qayyabachuu akka barbaadan itti himte. Yerooma sana dhugaa Macaafa Qulqulluu kan fudhatan si’a ta’u, booddees ollaasaanii Maartaa Vaan Daalen, haati ijoollee saddeetii isaanii wajjin akka qayyabattu afeeran. Maartaafi guutummaan maatiishees Bartoota Macaafa Qulqulluu ta’an. *
Yeroo sanatti, dargaggeessi Goordan Kameruud jedhamuufi nurraa xinnoo fagoo jiraatu abbaakoo wajjin hojjechuu jalqabe. Akeekkachiisni, “Ijoollee durbaa namicha si hojjechiisurraa of eeggadhu. Isaan amantii haaraa ta’e qabataniiru” jedhu kennameefii ture. Haata’u malee, Goordan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabe si’a ta’u, dhugaa argachuusaa amanuuf yeroo isatti hin fudhanne. Ji’a sadii boodas ni cuuphame. Warrisaas dhugaa kan fudhatan si’a ta’u, maatiin keenya, jechuunis Hooliin, Kameruudiifi Vaan Daalen michoota ta’an.
Walga’iin Koonyaa Isaan Jajjabeesseera
Haatikoo walga’ii koonyaa Seedaar Pooyintitti godhameen kan jajjabaatte si’a ta’u, walga’ii koonyaa kamiyyuu tasumaa hafuu hin barbaaddu turte. Kanaaf wantan yaadadhu walga’iiwwan kanarratti argamuuf karaa fagoo deemuu keenyadha. Bara 1931 Kolombos, magaalaa Ohaayootti godhame maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamu kan itti arganne waan ta’eef walga’ii kana tasumaa hin irraanfadhu. (Isa. 43:10-12) Akkasumas walga’ii koonyaa Waashingitan, Dii.Sii. bara 1935tti godhame, haasawaa seena qabeessa “saba soonaan baay’ee” Macaafa Mul’ataarratti caqasame ilaalchisee kenname waan ta’eef akka gaariittan yaadadha. (Mul. 7:9) Obboleettoonnikoo Liiliyaaniifi Ewuniiqeen namoota 800 ol yeroos cuuphaman keessatti argamu turan.
Maatiin keenya walga’iiwwan koonyaaf bara 1937 Kolombos, magaalaa Ohaayoo, bara 1938 Siiyaatil, magaalaa Waashingitan, akkasumas bara 1939 magaalaa Niiwu Yoork adeemeera. Maatiin Vaan Daalen, Kameruudiifi warri kaan nu wajjin adeemaa kan turan si’a ta’u, bakkuma tokko boqonna turre. Bara 1940tti Ewuniiqeen Liiyoo Vaan Daalenitti kan heerumte si’a ta’u, boodas qajeelchitoota ta’an. Wagguma sana Liiliyaan Goordan
Kameruuditti kan heerumte si’a ta’u isaanis qajeelchitoota ta’an.Walga’iin koonyaa bara 1941 Seeyint Luuwiis, magaalaa Miizuuriitti godhame adda ture. Yeroo sana ijoolleen kumaan lakkaa’aman kitaaba Chiildiran jedhamu argatan. Walga’iin koonyaa sun jireenyakoo keessatti yeroon itti jijjiirama guddaa godhe ture. Utuma baay’ee hin turin Fulbaana 1, 1941, obboleessakoo Maarviiniifi haadhamanaasaa Jooyisii wajjin qajeelchitoota taane. Yeroos umriinkoo 15 ture.
Walga’iiwwan koonyaa yeroo baay’ee ennaa midhaan sassaabamutti waan taasifamaniif, hojiin qonnaa keenya obboloota hundumaaf rakkisaa ture. Kanaaf walga’ii koonyaa booda, qe’ee keenyatti warra walga’ii koonyaarratti argamuu hin dandeenyeef barumsichi irra deebi’ama ture. Walga’iin kun yeroo baay’ee nama gammachiisu ture.
Giil’aadiifi Biyya Alaatti Ramadamuu
Guraandhala 1943, Manni Barumsaa Giil’aad tajaajila misiyoonummaaf qajeelchitoota leenjisu ni hundeeffame. Kutaan inni jalqabaa maatii Vaan Daalen ja’a jechuunis, Eemal, Aartar, Hoomariifi Liiyoo; mucaa wasiilasaanii kan ta’e Doonaaldi; akkasumas obboleettiikoo Ewuniiqee ishee haadha manaa Liiyoo taate kan dabalatu ture. Deebinee kan isaan arginu yoom akka ta’e waan hin beekneef yeroo nagaa isaanitti dhaamnu gammachuunis gaddis nutti dhaga’amee ture. Erga eebbifamanii booda ja’aansaanii Poorto Riikootti kan ramadaman si’a ta’u, Dhugaa Baatonni yeroo sana achi turan ja’a hin guutan turan.
Waggaa tokko booda, Liiliyaaniifi Goordan, Maarviiniifi Jooyis kutaa sadaffaa Giil’aad galan. Isaanis Poorto Riikootti ramadaman. Anis, Fulbaana 1944, umrii 18tti kutaa afuraffaa Giil’aadan gale. Guraandhala 1945tti ergan eebbifamee booda obboleessakoo tokkoofi obboleettotakoo lama Poorto Riikoo jiranittan makame. Kun anaaf yeroo baay’ee gammachiisaa ture! Afaan Ispaanishii barachuun rakkisaa ta’us, nu keessaa tokko tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 20 ol geggeessu turan. Yihowaan hojicha eebbiseera. Yeroo ammaatti, Poorto Riikoo keessa Dhugaa Baatota gara 25,000 ta’antu jira!
Gaddawwan Maatii Keenya Mudatan
Bara 1950 Liiyoofi Ewuniiqeen ilma Maark jedhamu erga godhanii booda Poorto Riikoo jiraachuu itti fufan. Bara 1952 biyyatti deebi’anii firootasaanii gaafachuu waan karoorfataniif, Ebla 11 xiyyaaraan kan ka’aan si’a ta’u, xiyyaarichis daqiiqaa muraasa booda cabee garba keessa bu’e. Liiyoofi Ewuniiqeen ni du’an. Maark mucaan waggaa lama bishaaniin utuu hin nyaatamin garbicharraa argame. Hojjetaa lubbuu baraarsuun bidiruudhaan bishaanicha keessaa erga baafamee booda, meeshaan ittiin hafuura baafatu kan kennameef si’a ta’u innis jiraachuu jalqabe. *
Waggaa shan booda, Bitootessa 7, 1957, haatikoofi abbaankoo Galma Mootummaa dhaqaa utuu jiranii gommaan konkolaataasaanii waan jalaa ciiseef jijjiiruuf dhaabatan. Abbaankoo gommaa isa gara karaatti aanu utuu jijjiiraa jiruu konkolaataan darbu waan isa rukuteef yerosuma du’e. Haasawaa awwaalchasaarratti namoonni 600 ol kan argaman si’a ta’u, bakka abbaankoo baay’ee kabajamaa ta’etti namootaaf lallaba gaariitu kenname.
Bakkawwan Biraatti Ramadamuu
Abbaankoo du’uusaa dura tajaajilaaf Arjantiinaatti ramadameen ture. Hagayya 1957, magaalaa Mendoozaa ishee Tulluuwwan Aandees jala jirtun ga’e. Bara 1958, Joorji Paappaas, inni kutaa 30ffaa Giil’aadii eebbifame Arjantiinaatti ramadame. Joorjiifi ani hiriyoota gaarii walii ta’uudhaan, Ebla 1960 gaa’ela dhaabanne. Haatikoo waggaa 83tti bara 1961 duute. Karicharra amanamummaan kan
adeemte si’a ta’u, namoonni hedduunis akkumashee karicharra akka adeeman gargaarteetti.Waggaa kudhaniif aniifi Joorji waliin biyyoota addaddaatti misiyoonota kaanii wajjin manneen misiyoonotaa hedduutti tajaajilleerra. Achiis hojii aanaarratti waggaa torba dabarsineerra. Bara 1975tti miseensota maatii keenya dhukkubsatan kunuunsuuf Yuunaayitid Isteetisitti deebine. Bara 1980 abbaan manaakoo naannoo afaan Ispaanishiin dubbatamutti hojii aanaa akka hojjetu afeerame. Gumiiwwan afaan Ispaanishii dubbatan 600 ta’antu jira ture. Waggaa 26f baay’eesaanii kan daawwanne si’a ta’u, gumiiwwan kun baay’atanii 3,000 ol yeroo ta’an argineerra.
‘Karicharra’ Adeemaniiru
Haatikoo ijoolleen xixinnoon miseensota maatiishee, tajaajila yeroo guutuurratti ennaa hirmaatan arguusheettis guddaa gammaddi turte. Fakkeenyaaf, Kaaral, intalli obboleettiikoo angafaa Eestar jedhamtu, bara 1953tti qajeelchituu taatee tajaajiluu jalqabde. Deenis Tiraambooritti kan heerumte si’a ta’u, yerosii kaasee tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachaa jiru. Intalli Eestar isheen biraa Looyis jedhamtus, Weendal Jeensanitti heerumte. Mana barumsaa kutaa 41ffaa Giil’aadii kan galan si’a ta’u, misiyoonota ta’uun waggaa 15f Naayijeeriyaatti tajaajilaniiru. Maark, inni warrisaa balaa xiyyaaraatiin du’an obboleettii Liiyoo, Ruuz Laa Loondiifi abbaa manaashee Kaartastu guddise. Maarkiifi haati manaasaa Laavoon, waggoota hedduuf qajeelchitoota kan turan si’a ta’u, ijoolleensaanii afur ‘karicharra’ akka adeemanitti guddisaniiru.—Isa. 30:21.
Orleen obboleessikoo inni tokkichi yeroo ammatti umrii 90 ol keessatti argama. Inni ammayyuu amanamummaan Yihowaa tajaajilaa jira. Joorjiifi anis tajaajila yeroo guutuu gammachuun itti fufneerraa.
Dhaala Haatikoo Nuu Dhiiste
Minjaalli haatikoo akka qabeenya guddaatti ilaaltu na bira jira. Innis kennaa gaa’elaa abbaankoo kenneef ture. Kiisii minjaalichaa isa tokko keessatti galmee gaazexaa ciccitaan itti maxxanfame tokkoo kanan arge si’a ta’u, innis matadureewwan gaazexaa isheen barreessuudhaan dhugaa itti baate kan qabatedha. Isaan keessaa tokko tokko jalqaba bara 1900 kan barreeffaman turan. Minjaalli kun xalayaa ijoolleeshee misiyoonota ta’an barreessaniifis kan qabate ture. Irra deddeebi’ee isaan dubbisuun baay’ee na gammachiisa! Xalayaawwan isheen nuuf barreessitu yeroo hundumaa gaariifi kan nama jajjabeessan turan. Haatikoo fedhii misiyoonii ta’uuf qabdu bira ga’uu baattus, dhaloonni ishee booda jiran garaansaanii tajaajila misiyoonummaaf akka kaka’u gochuurratti ga’ee guddaa qabdi turte. Lafa jannata taatu keessatti maatiin keenya inni guddaan yeroo itti deebi’ee wal argu hawwii guddaadhaanan eeggadha!—Mul. 21:3, 4.
[Miiljaleewwan]
^ key. 13 Seenaa jireenyaa Eemiliyaafi H. Vaan Daalen Masaraa Eegumsaa, Waxabajjii 15, 1983, ful. 27-30rratti argama. (Ingiliffa)
^ key. 24 Dammaqaa! Waxabajjii 22, 1952, ful. 3-4 ilaali. (Ingiliffa)
[Fakkii fuula 17rra jiru]
Eemiliyaa Pedersan
[Fakkii fuula 18rra jiru]
Bara 1916: Haadhakoo, abbaakoo (Maarviiniin baatee); gajjallaa, bitaa gara mirgaatti: Orleen, Eestar, Liiliyaan, Miildireed
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Liiyoofi Ewuniiqeen du’uusaanii yeroo muraasa dura
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Bara 1950: Bitaa gara mirgaatti, gararraa: Eestar, Miildireed, Liiliyaan, Ewuniiqee, Ruuz; gajjallaa: Orleen, haadhakoo, abbaakoofi Maarviin
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Joorjiifi Ruuz Paappaas hojii aanaarratti, bara 2001