Sirna Awwaala Kiristiyaanaa Ulfina Qabeessa, Salphaafi Waaqayyoon Gammachiisu
Sirna Awwaala Kiristiyaanaa Ulfina Qabeessa, Salphaafi Waaqayyoon Gammachiisu
NAMOONNI hundi gaddarra jiru. Warri boo’ichaaf walitti qabaman uffata gurraacha uffatanii boo’u; akka of wallaaluu ta’anii lafaan of dha’u. Shubbistoonni sagalee muuziqaa hordofanii shubbisu. Warri kaanimmoo, ni nyaatuu, sagalee ol fuudhanii kolfu, akkasumas ni taphatu. Namoonni muraasnimmoo daadhiifi biiraa to’annaa malee dhihaatu dhuguudhaan machaa’anii lafarra ciisu. Wanti akkasii kan raawwatamu yeroo akkamiitti? Biyyoottan tokko tokkotti, namoonni dhibbaan lakkaa’aman awwaala nama tokkoorratti argamanii yommuu reeffa geggeessan waan akkasii raawwatu.
Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun, firoottansaaniifi ollaawwansaanii amantii sobaatiif iddoo guddaa kennaniifi warra du’an garmalee sodaataniin marfamanii jiraatu. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman, namni tokko yommuu du’u ekeraa ta’uudhaan warra lubbuudhaan jiran gargaaruu ykn miidhuu danda’a jedhanii amanu. Amantiin kun, aadaa sirna awwaalaa hedduu keessatti ni mul’ata. Nama du’e tokkoof gadduun waanuma jirudha. Yesusiifi bartoonnisaa namoonni jaallatan du’uusaaniitti gaddanii turan. (Yoh. 11:33-35, 38; HoE. 8:2; 9:39) Haata’u malee, akka namoota barasanaatti garmalee gadduunsaanii hin ibsamane. (Luq. 23:27, 28; 1 Tas. 4:13) Maaliif? Sababiin inni tokko, waa’ee du’aa dhugaasaa waan beekaniif ture.
Macaafni Qulqulluun, “Warri jiran akka du’an beeku, warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan, . . . jaalalli isaanii fi jibbi isaanii, hinaaffaan isaaniis egaa badeera; . . . Iddoo lafa jalaa [awwaala namootaa] lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru” jechuudhaan dubbata. (Lal. 9:5, 6, 10) Caqasoonni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kun, namni tokko yommuu du’u homaa akka hin beekne ifa godhu. Yaaduu, itti dhaga’amuu, haasa’uu ykn waa hubachuu hin danda’u. Dhugaa Macaafa Qulqulluu barbaachisaa ta’e kana hubachuun, akkaataa sirni awwaala Kiristiyaanaa itti geggeeffamurratti jijjiirama fiduu kan qabu akkamitti?
“Wanta Xuraa’aa Harkaan Hin Qabinaa”
Dhugaa Baatonni Yihowaa qomoon ykn aadaansaanii maaliyyuu yoo ta’e, aadaawwan warri du’an ni dhaga’u, warra jiranirrattis dhiibbaa geessisuu danda’u amantii jedhuu wajjin walitti dhufeenya qaban kamirraayyuu ni fagaatu. Aadaawwan kan akka reeffa eegaa buluun, awwaala booda wal ga’anii nyaachuun, dhuguun, sagalee muuziqaa guddisanii shubbisuun, taskaara baasuun, warra du’aniif aarsaa dhiheessuufi yommuu hiryaan gaa’elaa du’u, inni hafe sun firoottan nama du’e sanaa wajjin saalqunnamtii raawwachuufi ji’oota hedduudhaaf qaama dhiqachuu dhiisuun, gochawwan qulqulluu hin taaneefi Waaqayyoon gaddisiisanidha. Gochawwan kun, deggersa Macaafa Qulqulluu kan hin qabneefi barumsa hafuurota xuraa’oo lubbuun hin duutu jedhuu wajjin walitti dhufeenya kan qabanidha. (His. 18:4) Kiristiyaanonni dhugaan, ‘maaddii gooftaarraa akkasumas maaddii hafuurota hamoorraa hirmaachuu waan hin dandeenyeef,’ gochawwan akkasiirratti hin hirmaatan. (1 Qor. 10:21) Ajaja, “Ittii gargar ba’aas; wanta xuraa’aa harkaan hin qabinaa!” jedhuuf ni abboomamu. (2 Qor. 6:17) Haata’u malee, tarkaanfii akkasii fudhachuun yeroo hunda salphaa miti.
Afriikaafi iddoowwan gara biraatti, gochawwan tokko tokko yoo raawwataman malee, ekeraan nama du’ee ni dheekkama jedhamee amanama. Gochawwan akkasii raawwachuu dhiisuun, hawaasni tokko akka abaaramu ykn eebba akka dhabu gochuu danda’a jedhamee yaadama. Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun sirna awwaalaa deggersa Macaafa Qulqulluu hin qabnerratti hirmaachuu waan didaniif, hawaasa ykn firoottansaaniitiin balaaleffatamaniiru, arrabsamaniiru, akkasumas jibbamaniiru. Tokko tokko diina
hawaasichaa akka ta’aniifi warra du’an akka hin kabajne himatamaniiru. Yeroo tokko tokko, namoonni amantii keenya hin deggerre awwaala Kiristiyaana tokkoo akka ofisaaniitii barbaadanitti humnaan raawwachiisaniiru. Ergasuu, namoota sirna awwaalaa Waaqayyoon hin gammachiisne raawwachiisuu barbaadanii wajjin wal dhabiinsi akka hin uumamne gochuu kan dandeenyu akkamitti? Sirnawwaniifi gochawwan xuraa’oo, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu danda’anirraa of eeguuf maal gochuu dandeenya?Ejjennookee Beeksisi
Biyyoota gara garaatti, firoottan fagoofi jaarsoliin biyyaa, akkaataa awwaalli nama tokkoo itti raawwatamu ilaalchisee murtoo gochuunsaanii kan baramedha. Kanaafuu, Kiristiyaanni amanamaa ta’e tokko, sirni awwaalasaa kan qindeeffamuufi kan raawwatamu akka seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluutti, Dhugaa Baatota Yihowaatiin akka ta’e ifa gochuu qaba. (2 Qor. 6:14-16) Wanti sirna awwaala Kiristiyaana tokkoorratti raawwatamu, yaada garaa hidhattoota amantaa keenyaa kan jeequ ykn namoota wanta nuyi waa’ee warra du’anii amannuufi barsisinu beekan kan gufachiisu ta’uu hin qabu.
Kiristiyaanni tokko, gumichi sirna awwaalaa akka isaaf geggeessu gaafachuu danda’a. Yeroo kanatti jaarsoliin qophiin godhamu hundi qajeelfama Macaafa Qulqulluu wajjin haala wal simuun akka raawwatamu gargaarsa gochuu danda’u. Namni Dhugaa Baatuu hin taane tokko gochawwan xuraa’oo ta’an raawwachuu yoo barbaade, cimnee dhaabachuufi ija jabaannee ejjennoo keenya karaa gaarummaafi kabaja qabuun ibsuun keenya barbaachisaadha. (1 Phe. 3:15) Haata’u malee, firoottan Dhugaa Baatota hin taane, sirnawwan xuraa’oo ta’an qophii kana keessatti akka raawwataman dhiibbaa gochuusaanii yoo itti fufanoo? Yeroo akkasiitti, maatiiwwan Dhugaa Baatota ta’an sirna awwaalaa sanarratti hirmaachuu dhiisuuf murteessuu danda’u. (1 Qor. 10:20) Yeroo kun ta’utti, obboloota nama jaallatan du’aan dhabuusaaniitti baay’ee gaddan, ‘Caaffata Qulqullaa’aatiin jajjabeessuuf,’ Galma Mootummaatti ykn bakka mijaa’aa ta’e gara biraatti haasawaa awwaalaa gabaabaa dhiheessuun ni danda’ama. (Rom. 15:4) Reeffi nama du’e sanaa bakka kana kan hin jirre yoo ta’eyyuu, qophiin akkasii ulfina qabeessaafi guutummaatti fudhatama kan qabudha. (Kes. 34:5, 6, 8) Namoonni Dhugaa Baatota hin taane humnaan qophicha keessa galuunsaanii haallisaa caalaatti kan nama dhiphisuufi kan nama gaddisiisu akka ta’u gochuu danda’a. Haata’u malee, murtoon wanta sirrii ta’e hojjechuuf goone, Waaqayyo isa ‘humna humna gararraa’ nuu kennu biratti utuu hin hubatamiin akka hin hafne beekuun keenya nu jajjabeessa.—2 Qor. 4:7.
Ejjennookee Barreeffamaan Kaa’i
Miseensonni maatii Dhugaa Baatota hin taane, yeroo baay’ee fedha nama du’e sanaa waan kabajaniif namni tokko sirni awwaalasaa maal fakkachuu akka qabu barreeffamaan yoo ibse, isaanii wajjin walii galuun salphaa ta’a. Sirni awwaalasaa akkamitti geggeeffamuu akka qabu, yoom akka raawwatamu, qophii awwaalichaa qindeessuufi raawwachuuf itti gaafatamni guddaan kan eenyuu akka ta’e, tokko tokkoon barreeffamaan Uma. 50:5) Galmeen bakka immaanyonni jiranitti barreeffameefi irratti mallatteeffame caalaatti fudhatama qaba. Namoonni yeroo gara fuulduraa ilaalchisee hubannaafi ogummaa seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e qaban, utuu ejjennoosaanii hin beeksisin, hanga dulloomanitti ykn hanga garmalee dhukkubsatanitti hin eegan.—Fak. 22:3; Lal. 9:12.
kaa’uu qaba. (Namoonni tokko tokko wanta akkasii barreeffamaan kaa’uun isaan hin gammachiisu. Haata’u malee, kana gochuunsaanii Kiristiyaanota ga’eessa taa’aniifi warra kaaniif yaadan ta’uusaanii kan argisiisudha. (Filp. 2:4) Dhimmaawwan akkasii miseensota maatii gaddarra jiraniif dhiisuu mannaa, ofumaa raawwachuun caalaatti gaariidha. Miseensonni maatii kun yeroo akkasiitti, gochawwan xuraa’oo namni du’e sun itti hin amanneefi akka isaa godhamu hin barbaanne akka raawwatan dhiibbaan isaanirra ga’uu danda’a.
Sirna Awwaalichaa Salphaa Godhaa
Biyyoottan Afriikaa hedduutti, sirni awwaalaa bal’aafi ajaa’ibsiisaa yoo ta’uu baate, ekeraan nama du’e sanaa ni dheekkama jedhamee amanama. Warri kaanimmoo sirna awwaalaa, “jireenyaan kooruu” jechuunis qabeenyasaaniifi sadarkaa hawaasa keessatti qaban argisiisuuf itti fayyadamu. (1 Yoh. 2:16) Nama du’e sana “aakka gaariitti” awwaaluuf jecha, yeroo, humnaafi qarshii hedduun ni ba’a. Hamma danda’ame xiyyeeffannaa namoota baay’ee harkisuufi awwaalicha uummatatti beeksisuuf, beeksisawwan gurguddaan suuraa nama du’e sanaa qabatan iddoo addaddaatti maxxanfamu. Warri gaddan akka uffataniif, qomeen suuraan nama du’e sanaa irratti maxxanfame isaanii hirama. Namoota ajaa’ibsiisuuf, saanduqni reeffaa baay’ee adda ta’e gatii guddaadhaan ni bitama. Biyya Afriikaa tokkotti qabeenya, ulfinaafi jireenya qananii namni du’e sun qabu argisiisuuf, saanduqa reeffaa konkolaataa, xiyyaara, bidiruufi wantoota kan biraa fakkaatan hojjechiisu. Reeffi nama du’ee, saanduqa keessaa baafamee, siree baay’ee bareedaa ta’erra kaa’amee akka daawwatamu godhama. Dubartiin duute tokko, uffanni misirroo adiin itti uffifamuu, akkasumas faaya, calleefi dibata miidhaginaa hedduudhaan miidhagfamuu dandeessi. Namni Waaqayyoo tokko gochawwan akkasiirratti hirmaachuunsaa sirriidhaa?
Kiristiyaanonni ga’eessota ta’an, gochawwan keessa ba’aa, namoonni seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hin beekneefi eeguu hin barbaanne raawwatan akkasiirraa fagaachuun ogummaa akka ta’e beeku. Aadaawwaniifi gochawwan Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofneefi keessa ba’aa ta’an, ‘Waaqayyo biraa utuu hin ta’in, biyya lafaa isa darbu biraa akka ba’an’ beekna. (1 Yoh. 2:15-17) Warra kaan caallee argamuuf yaaluudhaan, dorgommii Kiristiyaanaaf hin taane keessa akka hin galle of eeggannoo guddaa gochuu qabna. (Gal. 5:26) Aadaafi hawaasa namoonni du’an baay’ee itti sodaataman keessatti, sirni awwaalaa yeroo baay’ee bal’aa ta’uusaatiin kan ka’e, to’annaadhaa ala akka ta’u muuxannoowwan ni argisiisu. Reeffaaf kabaja guddaa kennuun, namoonni hin amanne salphaadhumatti gocha sirrii hin taane akka raawwatan kakaasuu danda’a. Sirna awwaalaa akkasiirratti, namoonni garmalee iyyanii boo’uu, reefficha haammachuu, akka nama lubbuudhaan jiruutti kallattiidhaan itti dubbachuu, akkasumas qarshiifi mi’a gara biraa reefficharra kaa’uu danda’u. Wantoonni akkasii sirna awwaala Kiristiyaana tokkoorratti yoo raawwataman, maqaa Yihowaafi sabasaarra arrabsoo guddaan ga’uu danda’a.—1 Phe. 1:14-16.
Haala warri du’an keessatti argaman beekuun keenya, sirna awwaala keenyaa karaa guutummaatti biyya lafaarraa walaba ta’een raawwachuuf ija jabina nuu kennuu qaba. (Efe. 4:17-19) Yesus namoota hamma har’aatti lafarra jiraatan hundarra kan caaluufi bakka guddaa kan qabu ta’uyyuu, kan awwaalame sirna awwalaa namoonni hedduun irratti hin argamneefi haala salphaa ta’een ture. (Yoh. 19:40-42) Warri ‘yaada Kristos qaban,’ sirni awwaalaa akkasii kabaja akka nama hin dhabsiisine ni hubatu. (1 Qor. 2:16) Dhugumayyuu, sirna awwaala Kiristiyaanaa salphaafi keessa ba’aa kan hin taane gochuun, wanta Caaffanni Qulqullaa’oon xuraa’aa ta’uusaa ibsanirraa fagaachuuf gargaara. Kana malees, sirni kun kabajamaa, kan namatti toluufi warra Waaqayyoon jaallataniif kan malu akka ta’u godha.
Yeroo Kanatti Gammaduun Sirriidhaa?
Awwaala booda, firoottan, ollaawwaniifi namoonni kaan baay’inaan wal ga’anii, nyaachuufi dhuguun, akkasumas sagalee muuziqaa guddisanii shubbisuunsaanii aadaa ta’uu danda’a. Yeroo akkasiitti garmalee dhuguufi addaggummaan raawwatamuunsaa hin oolu. Namoonni tokko tokko, yeroon gammachuu kun, warri namni jalaa du’e gaddasaanii akka irraanfatan gargaara jedhu. Warri kaanimmoo kana gochuun aadaasaanii akka ta’e itti dhaga’ama. Haata’u malee, namoonni baay’een, sirni akkasii nama du’e sana kabajuufi ol ol gochuuf, akkasumas lubbuunsaa kan warra akaakiliisaatti akka dabalamtu gochuuf kan barbaachisuufi raawatamu kan qabudha jedhanii amanu.
Kiristiyaanonni dhugaan gorsa Caaffata Qulqullaa’oo “Kolfuu irra gadduu wayya; fuulli namaa yommuu gaddu garaan namaa in gammada” jedhu hordofuun ogummaa akka ta’e beeku. (Lal. 7:3) Kana malees, jireenyi gabaabaa ta’uusaafi abdii du’aa ka’uurratti gadi fageenyaan xiinxaluun faayidaa akka qabu ni hubatu. Dhugumayyuu, warra Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaniif, “guyyaa dhalatan irra, guyyaa du’an wayya.” (Lal. 7:1) Kiristiyaanonni dhugaan, awwaala booda garmalee nyaachuu, dhuguufi siribuun, amantii hafuurota hamoofi gocha addaggummaa wajjin kan wal qabate akka ta’e beeku. Kana beekuunsaanii, sirna akkasii qindeessus ta’e irratti hirmaachuun dogoggora guddaa akka ta’e isaan hubachiisa. Sirna akkasiirratti hirmaachuun, Waaqayyoofis ta’e yaada garaa hidhattoota amantaa keenyaatiif kabaja akka hin qabne kan argisiisudha.
Warri Kaan Adda Ta’uu Keenya Haa Beekan
Warra du’an sodaachuu isa namoota dhugaa hin beekne qabee jirurraa bilisa ta’uu keenyatti guddaa galateeffanna! (Yoh. 8:32) Akka “Ijoollee ifaatti” gadda keenya karaa hubannaa hafuuraa akka qabnu argisiisuun ibsina. Kana jechuunis, karaa seera qabeessa, ulfina qabeessaafi abdii du’aa ka’uurratti amantii cimaa akka qabnu argisiisuun ibsina jechuudha. (Efe. 5:8; Yoh. 5:28, 29) Abdiin akkasii, akka warri “abdii hin qabne” gaddasaanii itti ibsanitti akka hin gaddine nu eega. (1 Tas. 4:13) Akkasumas, waaqeffannaa dhugaa akka deggerruufi sodaa namootaatiin akka hin mo’amne ija jabina nuu kenna.—1 Phe. 3:13, 14.
Seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo eeguun keenya, namoonni ‘garaagarummaa warra Waaqayyoof hojjetaniifi warra isaaf hin hojjenne gidduu jiru akka argan’ carraa bana. (Mil. 3:18) Gara fuulduraatti duuti hin jiraatu. (Mul. 21:4) Abdii guddaan kun yeroo itti raawwatamu yommuu eeggannu kanatti, Yihowaa duratti qulqulluu, kan mudaa hin qabne, akkasumas biyya lafaa isa hamaafi gochawwansaa warra Waaqayyoon salphisanirraa guutummaatti bilisa taanee haa argamnu.—2 Phe. 3:14.
[Fakkii fuula 30rra jiru]
Akkaataa awwaala keenyaa ilaalchisee, fedhiin keenya maal akka ta’e barreeffamaan kaa’uun keenya ogummaadha
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Awwaalli Kiristiyaanaa salphaafi ulfina qabeessa ta’uu qaba