Badhaasicharratti Xiyyeeffadhaa
Badhaasicharratti Xiyyeeffadhaa
“Akeeka sana bira ga’ee gonfoo [“badhaasa,” NW] warra mo’anii argachuudhaaf nan kaadha.”—FILP. 3:14.
1. Phaawulos ergamaaf badhaasa akkamiitu qophaa’ee ture?
PHAAWULOS ERGAMAAN, inni Saa’ol biyya Xarsees jedhamee beekamu, maatii beekamaa keessatti kan dhalate ture. Barsiisaa Seeraa beekamaa kan ta’e Gamaali’el, amantii abaabiliisaa isa barsiisee ture. (HoE. 22:3) Phaawulos hojii namoonni bakka guddaa kennaniif hojjechuu kan danda’u ta’uyyuu, amantiisaa durii dhiisee Kiristiyaana ta’e. Sana booda badhaasa jireenya barabaraa isaaf qophaa’e hawwiidhaan eeggachuu jalqabe; badhaasni kunis Mootummaa Waaqayyoo isa samiirratti mootiifi luba hin duune ta’uudha. Mootummaan kun lafa jannata taatu ni bulcha.—Mat. 6:10; Mul. 7:4; 20:6.
2, 3. Phaawulos badhaasa samiirratti isaa kennamuuf bakka guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?
2 Phaawulos badhaasa kanaaf bakka guddaa akka kennu yeroo ibsu akkas jedheera: “Wanta bu’aa anaaf qaba ture hundumaa akka waan gatameetti lakkaa’eera. Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa’a; Kristosin bu’aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta’eera.” (Filp. 3:7, 8) Phaawulos, kaayyoo Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee dhugaasaa yeroo beeku, wantoota namoonni bakka guddaa kennaniif jechuunis, aangoo, qabeenya, hojiifi ulfina akka kosii gatameetti ilaaleera.
3 Yeroo sanaa kaasee Phaawulos beekumsa gati jabeessa waa’ee Yihowaafi Kiristos ibsuuf bakka guddaa kennuu jalqabe. Yesus, beekumsa kana ilaalchisee Waaqayyoof yeroo kadhannaa dhiheessu, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera. (Yoh. 17:3) Phaawulos jireenya barabaraa argachuuf hawwii guddaa akka qabu jechoota inni Filiphisiiyus 3:14rratti, “Akeeka sana bira ga’ee gonfoo [badhaasa] warra mo’anii argachuudhaaf nan kaadha” jechuudhaan dubbaterraa hubachuun ni danda’ama. Eeyyee, badhaasa jireenya barabaraa Mootummaa Waaqayyoo isa samiirratti akka bulchuuf isaa qophaa’erratti xiyyeeffateera.
Barabaraaf Lafarra Jiraachuu
4, 5. Namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi yeroo ammaa jaalala Waaqayyoo raawwatan badhaasa akkamii argatu?
4 Namoonni jaalala Waaqayyoo raawwachuuf filatan hedduun badhaasni dhama’aniif, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti jireenya barabaraa argachuudha. (Far. 37:11, 29) Yesus, “Warri garraamiin haa gammadan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu, [“lafandhaalu,” hiika bara 1899]” jechuudhaan, abdiin kun akka raawwatamu mirkaneesseera. (Mat. 5:5) Akka Faarfannaan 2:8 argisiisutti, dhaaltuun lafaa inni hundarra caalu Yesus si’a ta’u, namoota 144,000 samiirratti isaa wajjin bulchanis qaba. (Dan. 7:13, 14, 22, 27) Namoonni hoolotatti fakkeeffaman, lafa Mootummaa ‘isa uumama biyya lafaatii jalqabee isaaniif qophaa’e’ jala jiru “in dhaalu.” (Mat. 25:34, 46) Abdii kana kan kenne “Waaqayyo [isa] matumaa hin sobne” waan ta’eef akka raawwatamu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Tit. 1:2) Akkuma Iyaasuu, abdiiwwan Yihowaan kenne akka raawwataman amanuu dandeenya. Inni Israa’elootaan akkas jedhee ture: “Abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee . . . hin hafne; . . . abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa bu’ee hin hafne.”—Iya. 23:14.
5 Jireenyi addunyaa haaraa keessaa akka jireenya ammaa abdii kan nama kutachiisu miti. Waraana, hammeenya, hiyyummaa, loogii, dhukkubaafi du’arraa walaba waan ta’eef, isa ammaarraa baay’ee addadha. Namoonni yeroo sana jiraatan fayyaa guutuu kan qabaatan si’a ta’u, lafa gara jannataatti jijjiiramturra jiraatu. Jireenyi akkasii kun, hamma nuyi yaannu caalaa kan nama gammachiisu ta’a. Eeyyee, guyyaan hundi kan baay’ee nama gammachiisu ta’a. Kun badhaasa guddaa mitii!
6, 7. (a) Yesus haala addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraatu kan argisiise akkamitti? (b) Namoonni du’aa ka’anillee jireenya haaraa kan jalqaban akkamitti?
6 Yesus yeroo lafarra turetti, hafuura qulqulluu Waaqayyo isaaf kenneen humna argatee, wantoota dinqisiisaa guutummaa addunyaa haaraa keessatti raawwataman argisiiseera. Fakkeenyaaf, Yesus namni waggaa 38tiif naafatee ture tokko ka’ee akka adeemu itti himeera. Seenaan Macaafa Qulqulluu namichis ka’ee akka adeeme nutti hima. (Yohannis 5:5-9 dubbisi.) Yeroo biraattimmoo, Yesus “nama dhaloota isaatii jalqabee jaame tokko” argee isa fayyise. Booda, namni jaamaa ture sun Eenyu akka isa fayyise yeroo isa gaafatan, akkas jedhee deebise: “Durii durii jalqabee, namni ija nama jaamaa ta’ee dhalatee akka bane, dhaga’amee hin beeku. Namni kun utuu Waaqayyo biraa dhufuu dhaabaate, waanuma tokko iyyuu hojjechuu hin danda’u ture.” (Yoh. 9:1, 6, 7, 32, 33) Yesus kana hundumaa gochuu kan danda’e, Waaqayyo waan humna isaa kenneef ture. Bakka dhaqe hundumaatti, ‘warra fayyuun isaan barbaachisu fayyiseera.’—Luq. 9:11.
7 Yesus namoota dhukkubsataniifi naafa ta’an fayyisuu qofa utuu hin ta’in, warra du’anis kaasuu danda’eera. Fakkeenyaaf, yeroo intalli waggaa 12 duutetti warrishee baay’ee gaddanii turan. Yesus garuu, “Intalo! Siinan jedha, ka’i!” jedheen. Isheenis ni kaate! Warrasheefi namoota achi turan kaanitti maal itti dhaga’amee akka ture yaaduu dandeessaa? (Maarqos 5:38-42 dubbisi.) Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti, yeroo ‘warri qajeelonniifi jal’oonni’ biliyoonaan lakkaa’aman ‘du’aa ka’an,’ ‘gammachuu guddaatu’ ta’a. (HoE. 24:15; Yoh. 5:28, 29) Namoonni kun jireenya haaraa kan jalqaban si’a ta’u, barabaraaf jiraachuufis abdii qabaatu.
8, 9. (a) Bulchiinsa Kiristos barkumeetti, cubbuun Addaamirraa dhaalame maal ta’a? (b) Namoota du’aa ka’aniif firdiin kan kennamu maalirratti hundaa’eeti?
8 Namoonni du’aa ka’an jireenya barabaraa argachuuf carraa qabu. Cubbuu du’uusaanii dura raawwataniin isaanitti hin faradamu. (Rom. 6:7) Bulchiinsa Yesus isa barkumee keessatti, faayidaan aarsaan furii Yesus argamsiise guutummaatti yeroo hojiirra oolu, namoonni Mootummichaaf abboomaman cubbuurraa walaba ta’u. Dhumarrattis miidhaa cubbuun Addaam geessise hundarraa guutummaatti walaba ba’u. (Rom. 8:21) Yihowaan, “raawwatees du’a in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa.” (Isa. 25:8) Macaafni Qulqulluun namoonni yeroo sanatti jiraatan barumsa haaraa akka baratan yeroo ibsu, ‘Macaafonni in banamu’ jedha. (Mul. 20:12) Yeroo lafti gara jannataatti jijjiiramtu, “warri biyya lafaa irra jiraatan qajeelummaa in baru.”—Isa. 26:9.
9 Namoonni du’aa ka’an cubbuu Addaamirraa dhaalaniin utuu hin ta’in, wanta hojjechuuf filataniin firdiin kennamaaf. Mul’anni 20:12, [hiika bara 1899] “Warri du’anis faradamanii macaafota keessatti caafamee akkuma ture akka hojiisaaniitti,” jechuunis hojii erga du’aa ka’anii booda raawwataniin akka isaanii faradamu ibsa. Kun Yihowaan, firdii qajeelaa, araaraafi jaalala guddaa akka qabu kan argisiisudha! Kana malees, wanti gaddisiisaan addunyaa moofaa kana keessatti isaanirra ga’e, “hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu.” (Isa. 65:17) Barumsa haaraa nama jajjabeessu waan barataniifi jireenyi wantoota gaariidhaan waan guutamuuf, wantoota gadhee kanaan duraatiin hin gaddan. Wanti sanaan dura isaanirra ga’e yaadasaanii keessaa in balleeffama. (Mul. 21:4) “Tuuta sonaan baay’ee” Armaagedoonirraa oolanis eebba akkasiitu eeggata.—Mul. 7:9, 10, 14.
10. (a) Jireenyi addunyaa haaraa keessaa maal fakkaata? (b) Badhaasicharratti xiyyeeffachuuf maaltu isin gargaaruu danda’a?
10 Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti, namoonni lammata hin dhukkubsatan ykn hin du’an. “‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.” (Isa. 33:24) Namoonni lafa haaraa keessa jiraatan guyyaa hundumaa fayyaa guutuu qabaatanii hirribaa ka’u; guyyaa isa ittaanus hawwiidhaan eeggatu. Hojii nama gammachiisuufi michoota waan gaarii isaaniif hawwanii wajjin jiraachuutu isaan eeggata. Dhugumayyuu, jireenyi akkasii badhaasa guddaadha! Raajiiwwan Isaayaas 33:24fi 35:5-7rra jiran dubbisuudhaan maaliif irratti hin xiinxaltan? Bakkuma sana akka jirtan godhaa yaadaa. Akkas gochuun keessan badhaasicharratti xiyyeeffachuuf isin gargaara.
Namoota Badhaasicharratti Utuu Hin Xiyyeeffatin Hafan
11. Haala gaarii bulchiinsi Solomoon itti jalqabe ibsi.
11 Waa’ee badhaasa argannuu erga barannee booda, badhaasicha dagachuu waan dandeenyuuf isarratti xiyyeeffachuuf carraaquu qabna. Fakkeenyaaf, Solomoon yeroo mootii Israa’el durii ta’etti, saba Yihowaatiif sirriitti faraduu akka danda’uuf Waaqayyo hubannaa akka kennuuf gad of qabuudhaan kadhatee ture. (1 Mootota 3:6-12 dubbisi.) Kanaan kan ka’es, Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo ogummaa fi hubannaa guddaa, yaada bal’aa” kenneef jechuudhaan nutti hima. Dhugumayyuu, “ogummaan Solomoon, ogummaa namoota gara ba’a-biiftuu fi namoota Gibxii hundumaa caalaa guddaa ture.”—1 Mot. 4:29-32.
12. Yihowaan namoota mootii Israa’el ta’aniif akeekkachiisa akkamii kennee ture?
12 Haata’u malee, Yihowaan durumaa kaasee nama mootii ta’u ilaalchisee, “Fardeen hin baay’ifatin!” akkasumas “Yaadni isaa karaa irraa akka hin jal’annetti, dubartoota hin baay’ifatin” jechuudhaan akeekkachiisa kennee ture. (Kes. 17:14-17) Mootichi, fardeen baay’ifachuunsaa, Yihowaa isa sabasaa eegutti amanamuu mannaa, humna loltootasaatti kan amanamu ta’uusaa argisiisa. Dubartoota kana keessaa tokko tokko saboota naannoosaanii waaqeffannaa sobaa hordofan keessaa kan dhufan ta’uufi mooticha waaqeffannaa Yihowaarraa fageessuu waan danda’aniif, dubartoota baay’isuunsaas miidhaa geessisa ture.
13. Solomoon akeekkachiisa isaaf kenname utuu hin hordofin kan hafe akkamitti?
13 Solomoon akeekkachiisa kana hin hordofne. 1 Mot. 4:26) Akkasumas, saboota naannoosaanii Waaqayyoon hin waaqeffanne keessaa haadhotii manaa 700fi saajjatoota 300 qaba ture. Isaanis, “yaada isaa gara waaqayyolii kan biraatti in jal’isan; garaa isaa guutummaatti Waaqayyo gooftaa isaaf hin kennine.” Haadhotiin manaa saba ormaa keessaa fuudhe kun, Solomoon waaqeffannaa sobaafi ciiggaasisaa saboota Waaqayyoon hin waaqeffanneerratti akka hirmaatu isa godhaniiru. Kanaan kan ka’es Yihowaan, ‘dhugumaan mootummaasaarraa akka cabsu’ Solomoonitti himeera.—1 Mot. 11:1-6, 11.
Kanaa mannaa, wanta Yihowaan mootonni akka hin raawwanne ifatti dhorke raawwateera. Fardeeniifi abboota fardeenii kumaan lakkaa’aman kuufatee ture. (14. Solomooniifi sabni Israa’el abboomamuu diduunsaanii miidhaa maalii geessise?
14 Solomoon mirga guddaa Waaqa dhugaa bakka bu’uuf argaterratti utuu hin xiyyeeffatin hafeera. Mootichi guutummaatti kiyyoo waaqeffannaa sobaatiin qabame. Yeroo boodas, guutummaan sabichaa gantuu waan ta’eef Dh.K.D. bara 607tti ni balleeffame. Yihudoonni yeroo booda waaqeffanna dhugaa deebisanii kan dhaaban ta’us, jaarraawwan booda Yesus, “Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf akka kennamu isinittan hima” jedheera. Wanti raawwatames kanuma ture. Yesus, “Ilaa, manni keessan onee in hafa” isaaniin jedheera. (Mat. 21:43; 23:37, 38) Amanamoo utuu hin ta’in hafuusaaniitiin, sabni sun mirga guddaa Waaqa isa dhugaa bakka bu’uuf qaban dhabaniiru. Dhaloota Kiristos Booda bara 70tti, loltoonni Roomaa Yerusaalemiifi mana qulqullummaa kan balleessan si’a ta’u, Yihudoonni isarraa oolan hedduunis garboota ta’aniiru.
15. Namoota wantoota barbaachisaa ta’anirratti utuu hin xiyyeeffatin hafan caqasi.
15 Yihudaan inni biyya Keriyot, ergamoota Yesus warra 12 keessaa tokko ture. Yihudaan barumsa ajaa’ibsiisaa Yesus kenne dhaga’uusaarrayyuu, dinqii inni hafuura Waaqayyootiin raawwates argeera. Ta’us, Yihudaan yaada garaasaa utuu hin eegin hafeera. Korojoon qarshii, baasii Yesusiifi bartootasaa 12aniif barbaachisu qabate hadaraa isatti kennamee ture. Haata’u malee, ‘hattuu waan tureef korojoo horii isaanii isa baatu keessaa in fudhata ture.’ (Yoh. 12:6) Baay’ee sassataa ta’uunsaa, hanga Yesusiin luboota gantoota ta’anitti meetii 30an gurgurutti isa geessiseera. (Mat. 26:14-16) Namni kan biraan badhaasasaarratti utuu hin xiyyeeffatin hafemmoo, Deemaas isa hidhata Phaawulos ergamaa turedha. Deemaas yaada garaasaa hin eegne. Phaawulos, “Deemaas biyya lafaa kana jaallatee, ana buuse” jedheera.—2 Xim. 4:10; Fakkeenya 4:23 dubbisi.
Barumsa Hunda Keenyaaf Ta’u
16, 17. (a) Mormiin nu mudatu hangam cimaadha? (b) Wanta Seexanni nutti fidu kamiyyuu mo’uuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
16 Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi, fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman hubachuu qabu. Gorsi akkas jedhu nuu kennameera: “Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga’eef immoo barumsa akka nuuf ta’uuf caafame.” (1 Qor. 10:11) Amma, guyyoota gara dhumaa biyya lafaa hamaa kanaa keessa jiraanna.—2 Xim. 3:1, 13.
17 “Waaqayyicha bara si’anaa” kan jedhame Seexanni, “yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu” beeka. (2 Qor. 4:4; Mul. 12:12) Tajaajiltoonni Yihowaa seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akka cabsan gochuuf waan danda’e hunda ni godha. Seexanni biyya lafaa kanaafi sabqunnamtiiwwan ololasaa oofan ni to’ata. Sabni Yihowaa garuu, ‘humna humna gararraa’ isa kan isaa caalu qabu. (2 Qor. 4:7) Wanta Seexanni nutti fidu kamiyyuu danda’uuf, gargaarsa humna Waaqayyoo kanatti amanamuu dandeenya. Yihowaan “warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu” akka kennu amanamuudhaan, utuu walirraa hin kutin akka kadhannu gorfamneerra.—Luq. 11:13.
18. Addunyaa amma jiru kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
18 Seexanniifi guutummaan biyya lafaa inni seerratu akka baduufi Kiristiyaanonni dhugaammoo akka oolan beekuun keenya nu jajjabeesseera. “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.” (1 Yoh. 2:17) Kanarraa ka’uudhaan, namni Waaqayyoon tajaajilu tokko sirna ammaa kana keessa, wanti hariiroo inni Yihowaa wajjin qabu caalaa gati jabeessa ta’e akka jiru yaaduunsaa gowwummaa guddaa mitii! Addunyaan to’annaa Seexanaa jala jiru kun ni darba. Ta’us Yihowaan gumii Kiristiyaanaa, tajaajiltootasaa amanamoo ta’an eeguuf gargaaru kenneera. Tajaajiltoonnisaa kun addunyaa haaraa yeroo eeggachaa jiran kanatti, abdii, “Warri jal’oonni lafa irraa in balleeffamu, warri Waaqayyoon eeggatan garuu lafa in qabaatu” jedhutti amanamuu danda’u. (Far. 37:9) Egaa, badhaasa dinqisiisaa kanarratti xiyyeeffachuu keessan itti fufaa!
Ni Yaadattaa?
• Phaawulos badhaasa isaaf qophaa’e ilaalchisee maaltu isatti dhaga’amee ture?
• Namoonni lafarra barabaraaf jiraatan firdiin kan isaanii kennamu maalirratti hundaa’eeti?
• Yeroo ammaatti daandii ogummaa isa kam hordofuu qabda?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 13rra jiru]
Seenaawwan Macaafa Qulqulluu yeroo dubbistu, badhaasicha yommuu argattu sitti mul’ataa?