“Ergamaan Waaqayyoo Naannoo Warra Waaqayyoon Sodaatanii In Buufata”
“Ergamaan Waaqayyoo Naannoo Warra Waaqayyoon Sodaatanii In Buufata”
Kiristaabel Kooneel
AKKA DUBBATTETTI
Gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu Kiristoofar gaafateef deebii kennaa turre; maree sanaan waan qabamneef dhihuusaas ta’e Kiristoofar karaa foddaa gara bakkee ilaalaa akka ture hin hubanne. Dhumarratti, “Amma nagaadha deemuu dandeessu” nuun jedhe. Hanga biskileetii keenyaatti nu geggeessee nagaatti nuun jedhee deebi’e. Wanti baay’ee sodaachisaan inni arge maal ture?
BARA 1927, Shiifiild, Ingilaandiittan dhaladhe. Manni keenya Waraana Addunyaa Lammaffaatti boombiidhaan waan gubateef, hangan mana barumsaa xumurutti akkookoo wajjin akkan jiraadhuufan ergame. Mana barumsaa Kaatolikii ani barachaa turetti, hammeenyi kan babal’atee maaliif akka ta’e irra deddeebi’een moloksoota gaafachaa ture. Isaanis ta’an namoonni amantii kaan, gaaffii kootiif deebii quubsaa naa kennuu hin dandeenye.
Waraanni Addunyaa Lammaffaa erga dhaabatee booda narsiin ta’e. Hospitaala Walii Galaa Paadiingitan jedhamu keessa hojjechuuf Landan kanan dhaqe si’a ta’u, magaalaa kanattis hammeenya isa duraarra caalun arge. Obboleessikoo angafaa waraana Kooriyaarratti hirmaachuuf erga deemee baay’ee utuu hin turin, hospitaala ani itti hojjedhu alatti namni tokko gar malee yeroo reebamun arge. Nama reebichaan ijasaa dhabe kana namni gargaare tokkoyyuu hin turre. Yeroo kanatti, haatikoo mana eker dubbiftuu kan na geessite ta’us, ammallee hammeenyi maaliif akkas akka babal’ate hubachuu hin dandeenye.
Macaafa Qulqulluu Akkan Qayyabadhun Jajjabeeffame
Gaaf tokko, Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko kan ta’e obboleessikoo inni angafaa Joon nu gaafachuu dhufe. “Wantoonni gadheen kun hundi kan raawwataman maaliif akka ta’e beektaa?” jedhee na gaafate. “Hin beeku” jedheen deebiseef. Innis Macaafa Qulqulluusaa baasee Mul’ata 12:7-12 naa dubbise. Amma hammeenya biyya lafaarratti raawwatamuuf adda durummaadhaan kan itti gaafataman Seexanaafi hafuurota hamoo ta’uusaanii nan hubadhe. Kanaaf, gorsa Joon fudhadheen yeruma sana qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabe. Haata’u malee, yeroo sanatti sodaan namootaa akka ani hin cuuphamneef duubatti na deebisee ture.—Fak. 29:25.
Obboleettiinkoo angafaa Dooraatii jedhamtus Dhugaa Baatuu turte. Kaadhimashee Biil Roobart wajjin walga’ii biyyoolessaa (bara 1953tti) Niiwu Yoorkitti godhamee yeroo deebitu, Macaafa Qulqulluu akkan qayyabadhen isaanitti hime. Biil, “Caqasawwan hundumaa baastee dubbisteettaa? Deebii kitaabicharra jiruhoo jala murta turtee?”
jedhee na gaafate. Lakki jedhee yeroon deebisuuf, “Tasumaa hin qayyabanne jechuudha! Obboleettii si qayyabsiiste sana barbaadiitii irra deebi’ii qayyabadhu!” naan jedhe. Yeroo kanatti hafuuronni hamoon na dhiphisuutti ka’an. Yihowaan akka na eeguufi dhiibbaasaanii jalaa akka na baasu kadhachuukoo nan yaadadha.Iskootlaandiifi Aayerlaandiitti Qajeelchaa Ta’uu
Amajjii 16, bara 1954 kanan cuuphame si’a ta’u, hospitaalichatti tajaajiluuf waadaan gale ji’a Caamsaatti xumureen, Waxabajjiitti qajeelchaa ta’e. Ji’a saddeet booda, qajeelchaa addaa ta’een gara Gireenjimaz, Iskootlaanditti ergame. Bakka fagoo ta’e kana yeroon tajaajilutti ergamoonni Yihowaa ‘naannookoo akka buufatan’ natti dhaga’ama ture.—Far. 34:7.
Bara 1956, Ayerlaanditti akkan tajaajiluun gaafatame. Obboleettota lamaa wajjin magaalaa Galweeyitti ramadamne. Guyyuma jalqabaa achi geenyetti mana luba Kaatolikii tokkoo dhaqne. Daqiiqaa muraasa booda, poolisiin tokko dhufee, lamaan keenyayyuu waajjira poolisiitti nu geesse. Maqaa keenyaafi teessoo keenya yommuu beeku yerooma sana gara bilbilaa adeeme. Bilbilaan, “Eeyyee, Abbaa, amma eessa akka jiraatan sirriitti bareera” yeroo jedhu dhageenye. Kan isa erge lubicha ture! Namni mana nuu kireesse akka manasaa keessaa nu baasu waan isa dirqisiisaniif, waajjirri damee naannoo sana gadhiisnee akka adeemnu nutti hime. Buufata baaburaa kan geenye daqiiqaa kudhan dabarsinee ture. Baaburichi garuu ammayyuu dhaabbatee kan ture si’a ta’u, namni tokko baabura sana yaabbachuu keenya mirkaneessuuf dhaabatee nu eega ture. Kun kan ta’e Galweey keessa torban sadii qofa erga turree boodadha!
Achiis, magaalaa Limariik ishee Waldaan Kaatolikii dhiibbaa guddaa irraan geessistutti ramadamne. Tuutni namoota jeequmsa uumanii yeroo baay’ee nutti iyyu turan. Namoonni hedduun balbalasaaniirra dhaabatanii nuu wajjin haasa’uu ni sodaatu turan. Waggaa tokko dura obboleessi magaalaa xinnoo Limariikitti dhihoo jirtuufi Kiluunlaar jedhamtutti reebamee ture. Kanaaf, Kiristoofar, isan seensa koorratti ibse argachuu keenyatti baay’ee gammannee ture. Innis gaaffii Macaafa Qulqulluu inni qaburratti mari’achuuf deebinee akka dhaqnu nu gaafate. Yeroo dhaqnu, lubni tokko ol seenee Kiristoofar manasaatii akka nu baasu isa ajaje. Innis lubichaan, “Dubartoonni kun manakoo kan dhufan afeeramanii si’a ta’u, balbala rurrukutanii ol seenan. Ati garuu hin afeeramne, yeroo ol lixxus balbala hin rurrukunne” jedheen. Lubichis aaree sokke.
Lubichi, dhiirota baay’ee walitti qabee mana Kiristoofar alatti akka nu eegu hin beeknu turre. Kiristoofar namoonni sun nu mormanii akkasumas nutti aaranii akka dhufan waan beekeef, wantan seensakoorratti ibse kan godhe kanaaf ture. Hanga isaan achii adeemanitti manumasaa akka turru godhee ture. Yeroo booda inniifi maatiinsaa biyyicha gadhiisanii gara Ingiliiz adeemuuf akka dirqisiifaman dhageenyeerra.
Giil’aad Akkan Galun Afeerame
Walga’ii Biyyoolessaa Jaalala Waaqayyoo jedhameefi bara 1958 Niiwu Yoorkitti godhamerratti argamuuf karoora baafadhee utuun jiruu, mana barumsaa Giil’aad kutaa 33ffaarratti akkan hirmaadhun afeerame. Walga’ii sana booda gara manaatti deebi’uu mannaa, hanga manni barumsaa Giil’aad bara 1959 jalqabutti Ontaariyoo, Kooliingiwuud, Kaanaadaattan tajaajile. Walga’ii sanarratti Eeriik Kooneel wajjin wal barre. Inni dhugaa kan dhaga’e bara 1957tti si’a ta’u, bara 1958ttimmoo qajeelchaa ta’e. Walga’ii sana booda yeroon Kaanaadaa akkasumas leenjii Giil’aadirra ture guyyaa hundumaa naa barreessa ture. Ergan eebbifamee booda walitti dhufeenyi keenya maal ta’a laata jedheen yaadda’a ture.
Giil’aadiin galuunkoo Jireenyakoo keessatti iddoo guddaa qaba ture. Dooraatiifi abbaa manaashee wajjin kutaa tokko turre. Isaan misiyoonota ta’anii Poortugaalitti ramadaman. Animmoo Ayerlaandittan ramadame. Obboleettiikoo wajjin waanan hin ramadamneef baay’een gadde! Barsiisota keenya keessaa isa tokko, maal akkan balleessen isa gaafadhe. “Homaa” jedhee naa deebise. “Atiifi hiriyaan tajaajilaakee Iileen Maahoniin kutaa addunyaa kamiiniyyuu deemtanii tajaajiluuf walii galtanii turtan,” kunimmoo Ayerlaandiinis kan dabalatudha jedhee naa deebise.
Aayerlaandiitti Deebi’uu
Hagayya 1959 Ayerlaanditti kanan deebi’e yommuu ta’u, gumii Daan Lengeer jedhamuttan ramadame. Yeroo kanatti Eeriik, gara Ingiliizitti deebi’ee kan ture si’a ta’u, isatti dhihoo ta’uukootti
baay’ee gammadee ture. Innis misiyoonii ta’uu ni barbaada ture. Ayerlaand yeroo sanatti bakka misiyoononni itti ergaman waan ta’eef, achitti qajeelchaa ta’uu akka danda’u yaada ture. Gara Daan Lengeeritti kan jijjiirame si’a ta’u, achiis bara 1961 gaa’ela dhaabbanne.Ji’a ja’a booda, Eeriikirra balaa doqdoqqee cimaatu ga’e. Buqqeen mataasaa baqaqee waan tureef, doktaroonni lubbuusaa oolchuu akka danda’an mirkanaa’oo hin turre. Mana yaalaatti torban sadii erga dabarsee booda, ji’a shaniif hanga fayyutti manatti isa wal’aaneera. Ta’us, hangan danda’e hojii lallabaarratti hirmaachuukoo itti fufeera.
Bara 1965 gumii babal’istoota saddeet qabuufi magaalaa Silaayigoo ishee kaaba dhihaa qarqara galaanaatti argamutti ramadamne. Waggaa sadii booda, gumii xinnoo kan biraa Landanderii ishee gara kaabaatti argamtu keessa jiru dhaqne. Gaaf tokko utuu tajaajilaa deebi’aa jirruu karaan naannoo nuyi jiraannuu dallaa shiboodhaan hiramee argine. Gooliin Kaaba Ayerlaand jalqabuusaa ture. Tuutni dargaggoota baddii raawwatanii konkolaattoota gubu turan. Magaalattiin naannoo amantii Pirootestaantiifi naannoo amantii Kaatoliikiitti hiramtee turte. Magaalaa sana keessa naannoo isa tokkoo gara isa kaaniitti adeemuun sodaachisaa ture.
Naannoo Rakkisaa Keessa Jiraachuufi Achitti Lallabuu
Ta’us, tajaajilli keenya bakka hundaa nu geessa ture. Asittis ergamoonni naannoo keenya akka buufatan nutti dhaga’ama ture. Naannoo nuyi jirutti gooliin yommuu uumamu, saffisaan naannoo sana gadhiisnee yeroo nagaan uumamu deebinee dhaqna turre. Gaaf tokko naannoo gamoo nuyi keessa jiraannu dhihoo jirutti gooliin yeroo ka’u, kuusaan halluu nutti dhihoo jiru gubatee qaanqeensaa foddaa keenyarra bu’e. Gamoon keenya ibiddaan qabata jennee waan yaaddofneef hirriiba malee bulle. Bara 1970 Beelfaastitti erga jijjiiramnee booda, suuqiin halluu, gamoo keessa jiraachaa turretti dhihoo ture boombii beenzinaan hojjetuun yommuu gubatu gamoon keessa jiraachaa turres akka gubate dhageenyeerra.
Yeroo biraattimmoo, obboleettiin tokkoofi ani utuu tajaajilarra jirruu, ujummoo addaa foddaarra kaa’ame tokko arginee biraa baqanne. Innis daqiiqaa muraasa booda dhohe. Namoonni naannoo sanaa boombii ujummoo fakkaatu sana achi kan kaa’e nuyi se’anii turan! Yeroo kanatti obboleettiin naannoo sana jiraattu tokko manasheetti nu simatte. Namoonni ollaashee balleessaa kan hin qabne ta’uu keenya kanaan mirkaneeffatan.
Bara 1971tti obboleettii tokko gaafachuu gara Landanderiitti deebine. Karaa irra dhufneefi kellaa bira dabarree dhufne yeroo isheetti himnu, “Kellaa sanarra namuu hin jiruu?” jetti nu gaafatte. “Jiru garuu homaa nuun hin jenne” jennee yeroo deebisnuuf ni dinqisiifatte. Maaliif? Guyyoota kanaan dura turanitti dooktorri tokkoofi poolisiin tokko konkolaataansaanii isaanirraa saamamee gubamee ture.
Bara 1972tti gara Koorkitti jijjiiramne. Boodas, Naasitti, achis Aarklootti tajaajilleerra. Dhumarratti, bara 1987tti, Kaasilbaaritti bakka amma jirutti ramadamne. Iddoo kanatti Galmi Mootummaa yeroo ijaaramu gargaarsa gochuuf mirga guddaa arganneerra. Eeriik bara 1999 gar malee dhukkubsate. Haata’u malee gargaarsa Yihowaafi gumiitiin, ammas haalasaa danda’uufi hanga fayyutti isa wal’aanuu danda’eera.
Eeriikiifi ani Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaarratti al lama hirmaanneerra. Inni ammayyuu jaarsa gumii ta’ee tajaajila. Ani dhukkuba cimaa artiraayitas jedhamuun dhiphachaa kanan jiru si’a ta’u, luqqeettuufi jilbakoo lamaanirratti yaaliin baqaqsanii hodhuu naa godhameera. Sababii amantiikootiin mormii cimaan kan na mudate ta’uusaarrayyuu, jeequmsa siyaasaafi hawaasaa cimaa keessa jiraadheera; garuu rakkoowwan na mudatan keessaa inni guddaan konkolaataa oofuu dadhabuukooti. Bakkan barbaade deemuuf gargaarsi warra kaanii dirqama waan na barbaachisuuf, kun qorumsa guddaa natti ta’ee ture. Gama kanaan gumiin gargaarsa guddaa naa godheera. Yeroo ammaatti uleedhaan gargaaramee kanan adeemu si’a ta’u, fagoo adeemuuf immoo biskileetii gommaa sadii qabuufi baatiriidhaan hojjetuunan fayyadama.
Anaafi Eeriik walumatti qajeelchitoota addaa taanee waggaa 100 ol kan tajaajillee si’a ta’u, isaan keessaa waggaa 98 Ayerlaand bakka amma jirrutti dabarsine. Waan dulloomneef qofa tajaajila keenya dhiisuu hin barbaannu. Yihowaan karaa dinqii ta’een nu gargaara jennee eeguu baannus, ergamoonnisaa humna guddaa qaban “naannoo” namoota Waaqayyoon sodaataniifi amanamummaan isa tajaajilanii ‘akka buufatan’ ni amanna.