Hundi Keenya Yihowaa Jajachuu Qabna
Hundi Keenya Yihowaa Jajachuu Qabna
“Waaqayyoon jajadhaa!”—FAR. 111:1.
1, 2. “Halleeluyaa” jechuun maal jechuudha? Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikiitiin akkamitti itti hojjetame?
“HALLEELUYAA!” Jechi kun, manneen sagadaa saba Kiristiyaanaa keessatti yeroo baay’ee dhaga’ama. Namoonni tokko tokkos yeroo baay’ee haasaasaanii keessatti jecha kanatti ni fayyadamu. Haata’u malee, hiikasaa isa qulqulluu kan beekan namoota muraasa yommuu ta’an, namoota jecha kanatti fayyadaman keessaa baay’een jireenyisaanii Waaqayyoof ulfina kan fidu miti. (Tit. 1:16) Galmeen jechootaa Macaafa Qulqulluu tokko, jechi “Halleeluyaa” jedhu “jecha, namoonni faarfannaawwan addaddaa barreessan, namoonni hundi isaanii wajjin Yihowaa akka jajatan afeeruuf itti fayyadaman” akka ta’e ibsa. Hayyoonni Macaafa Qulqulluu hedduun, “Halleeluyaa” jechuun “‘Yaahiin jajadhaa’ [jechuunis] Yihowaa jajadhaa” jechuu akka ta’e dubbatu.
2 Macaafni Qulqulluu afaan Oromoo, Faarfannaa 111:1rratti jecha kana “Waaqayyoon jajadhaa!” jechuudhaan hiikeera. Afaan Giriikiitiin jechi kun, amantiin sobaa baduusheetiin gammachuu argame ibsuuf Mul’ata 19:1-6rratti al afur caqasameera. Yeroo kun raawwatamu, waaqeffattoonni dhugaa karaa ulfina qabeessa ta’een jecha “Halleeluyaa” jedhutti fayyadamuuf sababii adda ta’e qabaatu.
Hojiiwwan Yihowaa Gurguddaa
3. Kaayyoo guddaan yeroo hundumaa walitti qabamnuuf maalidha?
3 Qindeessaan Faarfannaa 111, hundi keenya Yihowaa jajachuun keenya kan isaaf malu maaliif akka ta’e sababii baay’ee dhiheessa. Lakkoofsi 1, “Walga’ii gara-qajeelotaa keessatti, waldicha keessattis Waaqayyoon garaa guutuudhaan nan galateeffadha!” jedha. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo har’aa jiranis akkasuma itti dhaga’ama. Kaayyoo inni guddaan gumiirrattis ta’e walga’iiwwan gurguddaarratti yeroo hunda walitti qabamnuuf Yihowaa jajachuudha.
4. Ilmaan namootaa, hojiiwwan Yihowaa qoranii bira ga’uu kan danda’an akkamitti?
4 “Wanti Waaqayyo hojjete hundinuu guddaa dha, warra itti gammadan hundumaaf kan qoramee bira ga’amee dha.” (Far. 111:2) Yaada, “kan qoramee bira ga’ame” jedhu hubadhaa. Akka kitaabni tokko jedhutti caqasni kun, ilmaan namootaa hojiiwwan Waaqayyoo “garaa guutuudhaan xiinxalaniifi qayyabatan” kan argisiisu ta’uu danda’a. Uumamawwan Yihowaa kaayyoo guddaaf kan uumamanidha. Lafti kun ho’aafi ifa, halkaniifi guyyaa, waqtiileefi galaana akka qabaattu gochuuf, aduu, lafaafi addeessa bakka bakkasaanii kaa’eera.
5. Uumama cufa ilaalchisee hubannaan namootaa guddachuunsaa maal ifa godheera?
5 Saayintiistonni, sirna aduu nuyi keessa jirru keessatti, akkaataan taa’umsa lafaa akkasumas haalli qajeelaan addeessi itti naannoftuufi guddinnishee baay’ee mijaa’aa akka ta’e hubataniiru.
Qindoominniifi walta’iinsi qaamonni samii kun qaban, waqtiileen yeroosaanii eeganii dhufan addaddaa akka jiraatan godheera. Kana malees, humnoonni uumama cufaa akka gaariitti kan qindeeffaman ta’uunsaanii hubatameera. Kanaafis, Injiinarri tokko, mataduree, “Uumama Cufa ‘Mudaa Tokko Malee’ Tolfame” jedhurratti akkas jedheera: “Saayintiistonni hedduun, uumamni cufti akkuma tasaa kan argamedha yaada jedhu fudhachuun akka hin danda’amne waan hubataniif, waggoota 30 asitti yaadasaanii kan jijjiiran maaliif akka ta’e hubachuun nama hin rakkisu. Ragaa lafti of eeggannoodhaan akka hojjetamte argisiisu caalaatti hubachuun keenya, lafti kun Uumaa ogeessa ta’een akka tolfamte amanuuf nu dirqisiisa.”6. Akkaataa Waaqayyo nama itti uume ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama?
6 Wanti kan biraan uumamni Waaqayyoo dinqisiisaa ta’uusaa argisiisummoo, akkaataa inni itti nu uumedha. (Far. 139:14) Waaqayyo yommuu ilmaan namootaa uumu, sammuu, qaama buusaawwan dhagnaa barbaachisaa ta’an qabu, akkasumas dandeettiifi humna hojii hojjechuuf isaan gargaaru kenneeraaf. Dandeettiin Waaqayyo akka dubbannuufi dhaggeeffannu, akkasumas akka barreessinuufi dubbisnu nuu kenne akka dinqiitti kan ilaalamudha. Namoonni baay’een dandeettiiwwan akkasii qabu. Ijaarsi dinqisiisaan sirratti mul’atu kan biraanimmoo, qaamnikee qajeelee dhaabachuusaati. Qaamnikee haala madaalamaa ta’een hojjetamuunsaa, socho’uufi wantoota tokko tokko raawwachuu danda’uunkee, akkasumas akkaataa keemikaalonni qaamakeetii itti hojjetan, baay’ee nama ajaa’ibsiisa. Kana malees, sirni narvii sammuufi qaamonni miiraakee akka hojjetan godhu, wanta hayyoonni saayinsii hojjetan kamiiniyyuu wal hin gitan. Namoonnis waan tokko hojjechuu kan danda’an, Yihowaan sammuufi miira waan isaanii kenneef qofadha. Injiinarri leenjii guddaa argateefi ga’eessa ta’e kamiyyuu, wanta akka quba keenya kurnan ajaa’ibsiisaa ta’aniitti bareeduufi faayidaa qabu tokkollee oomishuu hin dandeenye. ‘Ogummaa harkaa ykn ijaarsa dinqisiisaa ta’e tokko, qubbeetii kennaa Waaqayyoo ta’anitti akka gaariitti utuu hin fayyadamin hojjechuun ni danda’amaa?’ jedhii of gaafadhu.
Hojiiwwan Yihowaa Gurguddaafi Amalawwansaa
7. Macaafni Qulqulluun hojiiwwan gurguddaa Waaqayyoo keessaa tokko akka ta’etti ilaaluu kan qabnu maaliifi?
7 Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, hojiiwwan gurguddaan Yihowaan raawwate, wantoota dinqisiisaa ilmaan namootaatiif jecha hojjetes ni dabalata. Macaafni Qulqulluuniyyuu, hojii ogbarruu isa guddaa si’a ta’u, kitaaboliin isa keessatti argaman haala dinqisiisaa ta’een walsimu. Haala kitaabota kaanirraa adda ta’een, ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan caafameefi barsiisuuf dhimma kan baasudha.’ (2 Xim. 3:16) Fakkeenyaaf, kitaaba Macaafa Qulqulluu isa jalqabaa kan ta’e Seerri Uumamaa, Waaqayyo hammeenya bara Nohitti ture lafarraa akkamitti akka qulqulleesse ibsa. Kitaaba isa lammaffaa kan ta’e Ba’uunimmoo, Yihowaan Israa’eloota garbummaa Gibxii jalaa baasuudhaan Waaqa dhugaa ta’uusaa akkamitti akka mirkaneesse ibsa. Faarfatichi yommuu akkas jedhu, haalawwan armaan gad jiran yaadatti qabatee ta’uu hin oolu: “Gochaan [Yihowaa] surra-qabeessaa fi miidhagaa dha, qajeelummaan isaas yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata. Hojiin isaa inni dinqisiisaan akka yaadatamu godhe, Waaqayyo araara-qabeessa, oo’a-qabeessas.” (Far. 111:3, 4) Wantoota bara jireenyakeetti raawwate dabalatee wanti Yihowaan hanga yoonaatti raawwate, “surra-qabeessaa fi miidhagaa” ta’uusaarratti walii hin galtuu?
8, 9. (a) Hojiin Waaqayyoo, hojiiwwan namaa hedduu wajjin garaa garummaa kan qabu karaawwan kamiini? (b) Amalawwan Waaqayyoo keessaa kamfaa dinqisiifatta?
8 Faarfatichi, amalawwan gaggaarii Yihowaan qabu kan akka qajeelummaa, araara-qabeessaafi oo’a qabeessa ta’uusaarratti akka xiyyeeffates hubadhu. Gochi ilmaan namootaa cubbamoo ta’anii, yeroo baay’ee qajeelummaarratti kan hundaa’e akka hin taane ifadha. Kanaa mannaa yeroo baay’ee sassata, hinaaffaafi of tuuluurratti kan hundaa’edha. Meeshaawwan waraanaa lola kakaasuufi qarshii argachuuf jecha oomishamanirraa kana hubachuun ni danda’ama. Kun ta’uunsaa namoota qulqulluu miliyonaan lakkaa’aman rakkinaafi sodaa hangana hin jedhamne keessa galcheera. Kana malees, hojiin namootaa baay’een warra gad aanaa ta’an miidhuudhaan kan raawwatamudha. Namoonni baay’een piiraamidii humna garbootaatiin ijaarame akka fakkeenyaatti caqasu ta’a. Piiraamidoonni sun keessumaa mootota Mul’ata 11:18 dubbisi.
Gibxii warra of tuuloo ta’an awwaaluuf kan oolan ture. Hojiiwwan ilmaan namootaa yeroo har’aa jiran baay’eenis kan nama dhiphisan qofa utuu hin ta’in, ‘biyya lafaas kan balleessanidha.’—9 Hojiiwwan Yihowaa yeroo hundumaa waan qajeelaarratti hundaa’an garuu kanarraa baay’ee addadha! Hojiiwwansaa, qophii inni oo’asaatiin ilmaan namootaa cubbamoo ta’an fayyisuuf godhes ni dabalata. “Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta’e mul’isuudhaaf” furii nuu qopheesseera. (Rom. 3:25, 26) “Qajeelummaan isaas yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.” Waaqayyo surra-qabeessa ta’uunsaa, ilmaan namootaa cubbamoo ta’an obsaan isaan qabuusaatiin mul’ateera. Yeroo tokko tokko, daandii miidhaa isaanirra geessisurraa deebi’anii wanta sirrii ta’e akka raawwatanillee gaarummaadhaan isaan gaafata ture.—Hisqi’el 18:25 dubbisi.
Abdii Kenne Ni Raawwata
10. Yihowaan kakuu Abrahaamii wajjin galeen haala wal qabateen amanamummaa ilaalchisee fakkeenya akkamii ta’eera?
10 “Inni warra isa sodaataniif soora in kennaaf, kakuu isaas bara baraan in yaadata.” (Far. 111:5) Asirratti faarfatichi waa’ee kakuu Abrahaam kan dubbatu fakkaata. Yihowaan sanyii Abrahaam eebbisuuf abdii kennee kan ture ta’uusaarrayyuu, sanyichi karaa kellaa diinotasaa qabatee, mandarootasaanii kan isaa akka godhatu dubbateera. (Uma. 22:17, 18; Far. 105:8, 9) Sanyiin Abrahaam saba Israa’el waan ta’eef, abdiin kun isaanirratti raawwiisaa isa jalqabaa argateera. Sabni sun yeroo dheeraadhaaf garbummaa Gibxii jala kan ture ta’us, ‘Waaqayyo kakuu Abrahaamiif kakate yaadatee’ birmaduu isaan baaseera. (Bau. 2:24) Akkaataan Yihowaan erga achii baasee booda itti isaan kunuunses arjummaasaa kan argisiisudha. Soora qaamasaaniitiif isaan barbaachisuufi barumsa seerawwan bu’uuraasaa hordofuuf isaan gargaaru isaanii kenneera. (Kes. 6:1-3; 8:4; Nah. 9:21) Jaarraawwan itti aananii jiranitti, sabni Israa’el Waaqayyoof abboomamuu didaniyyuu, inni garasaatti akka deebi’an isaan gorsuuf raajota ergaa ture. Waaqayyo garbummaa Gibxii jalaa erga isaan baasee waggaa 1,500 booda, Ilmasaa tokkicha gara lafaatti erge. Yihudoota keessaa garri caalaan Yesusiin jibbuusaaniirrayyuu akka ajjeefamu godhaniiru. Kanaaf, Yihowaan saba haaraa jechuunis “Israa’el Waaqayyoo” hundeesse. Sabni sun Kiristosii wajjin ta’uudhaan, sanyii Abrahaam isa hafuuraa Yihowaan ilmaan namootaa eebbisuuf akka itti fayyadamu raajiidhaan dubbate hundeessaniiru.—Gal. 3:16, 29; 6:16.
11. Yihowaan “kakuu” Abrahaamii wajjin gale ‘yaadachuusaa’ kan itti fufu akkamitti?
11 Yihowaan ‘kakuusaafi’ eebbawwan kakuu kanaan argamsiisuuf abdii kenne ‘yaadachuusaa’ itti fufa. Yeroo har’aa, afaan 400 ol ta’uun nyaata hafuuraa baay’inaan dhiheessaa jira. Kana malees kadhata, “Soora har’aa bor nu barbaachisu guyyuma guyyaan nuuf kenni!” jedhuu wajjin haala wal simuun, wantoota karaa foonii nu barbaachisan ilaalchisee kadhannaa dhiheessinuuf deebii nuu kennuusaa itti fufa.—Luq. 11:3; Far. 72:16, 17; Isa. 25:6-8.
Humna Yihowaa Isa Guddaa
12. Sabni Israa’el durii “wanta dhuunfaa saba lafa irraa ta’e” kan argatan akkamitti?
12 “Wanta dhuunfaa saba lafa irraa ta’e isaaniif kennuudhaan, hojii aangoo isaa namoota isaatti mul’iseera.” (Far. 111:6) Yeroon seenaa Israa’elootaa keessatti bakka guddaa qabuufi faarfatichi sammuutti qabatee ta’uu danda’u, haala dinqii ta’een Gibxii keessaa ba’uusaaniiti. Yommuu Yihowaan Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamtetti akka galan isaanii heyyamu, mootota bahaafi lixa Laga Yordaanositti argaman injifachuu danda’aniiru. (Nahimiiyaa 9:22-25 dubbisi.) Eeyyee, Yihowaan Israa’elootaaf “wanta dhuunfaa saba lafa irraa ta’e” kenneera. Kun humni Waaqayyoo guddaa ta’uusaa kan argisiisu mitii!
13, 14. (a) Faarfatichi haala Baabilonii wajjin wal qabateen, yeroo Waaqayyo humnasaa itti argisiise isa kam yaadatee ta’uu danda’a? (b) Wanti guddaan Yihowaan sabasaa oolchuuf raawwate kaanoo isa kami?
13 Haata’u malee, Yihowaan wanta kana hunda isaanii godhuyyuu, Israa’eloonni isaafis ta’e abbootiisaanii Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoobiif ulfina akka hin laanne beekna. Waaqayyo Baabilonitti fayyadamee biyyasaanii keessaa hamma isaan balleessuufi boojuudhaan akka fudhataman godhutti, Waaqayyorratti ka’uusaanii itti fufanii turan. (2 Sen. 36:15-17; Nah. 9:28-30) Akka hayyoonni Macaafa Qulqulluu jedhanitti, qindeessaan Faarfannaa 111 kan jiraate Israa’eloonni boojuu Baabilonii erga deebi’anii booda yoo ta’e, faarfataan kun amanamummaafi humnasaatiif Yihowaa galateeffachuuf sababii dabalataa qaba jechuudha. Akka seera Baabilonitti booji’amtoonni kan hin gadhiifamne ta’us, Waaqayyo Yihudoonni Baabilon keessaa birmaduu akka ba’an gochuudhaan amanamummaafi humnasaa argisiiseera.—Isa. 14:4, 17.
14 Kun erga ta’ee gara jaarraawwan shanii booda, Yihowaan ilmaan namootaa qalbii geddaratan garbummaa cubbuufi du’aa jalaa walaba baasuudhaan karaa kana caaluun humnasaatti fayyadameera. (Rom. 5:12) Bu’aan kanarraa argame inni tokko, namoonni 144,000 ta’an duuka buutota Kiristos hafuuraan dibaman akka ta’an karaa banuusaati. Bara 1919tti Yihowaan, dibamtoota kana keessaa warra lafarra turan muraasa boojuu amantii sobaa jalaa birmaduu isaan baasuuf humnasaatti fayyadameera. Wanti bara dhumaa kana keessatti raawwatan hundi, humna Waaqayyootiin qofa kan raawwatamudha. Hamma du’aatti amanamoo yoo ta’an, faayidaa ilmaan namootaa qalbii gedderataniitiif jecha Yesus Kiristosii wajjin samiirra taa’anii lafa ni bulchu. (Mul. 2:26, 27; 5:9, 10) Haala Israa’eloota duriirra baay’ee caaluun lafa ni dhaalu.—Mat. 5:5.
Seerawwan Bu’uuraa Hin Jijjiiramneefi Amansiisaa Ta’an
15, 16. (a) Hojiiwwan harka Yihowaa maalfaa dabalatu? (b) Waaqayyo Israa’eloota duriitiif abboommii maal jedhu kenne?
15 “Hojiin harka isaa hundinuu amamanamaa dha, dhugaa dha, abboommiin isaa hundinuus amansiisaa dha; isaan amanamummaa fi qajeelummaadhaan hojjetaman, yeroo hundumaaf baruma baraan jabaatanii in dhaabatu.” (Far. 111:7, 8) “Hojiin harka [Yihowaa],” gabateewwan dhagaa lamaan Israa’elootaaf seerawwan barbaachisaa ta’an kurnan irratti barreeffamanis ni dabalatu. (Bau. 31:18) Seerawwan kuniifi seerawwan kutaa Kakuu Seera Musee ta’an hundi, seerawwan bu’uuraa hin jijjiiramneefi amansiisaa ta’anirratti kan hundaa’anidha.
16 Fakkeenyaaf, seerawwan gabateewwan sanarratti argaman keessaa tokko, “Ani Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyo hinaafaa dha” jedha. Itti aansuudhaanis, Yihowaan “dhaloota warra [isa] jaallatanii abboommii [isaa] eeganiitti garuu, kumaatama isaaniitti gaarummaa” akka argisiisu dubbata. Gabateewwan dhagaa sun, seerawwan bu’uuraa yoomiyyuu bu’a qabeessa ta’an kan qabatan turan. Fakkeenyaaf, abboommii “Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni,” akkasumas “Hin hatin” jedhu qabateera. Kana malees, wanta qabeenya warra kaanii ta’e akka hin hawwine dhowwuudhaan seera hubannaarratti hundaa’e kenna.—Bau. 20:5, 6, 12, 15, 17.
Furii Keenya Isa Qulqulluufi Sodaachisaa Ta’e
17. Israa’eloonni maqaa Waaqayyoo akka qulqulluutti ilaaluuf sababiiwwan akkamii qabu turan?
17 “Inni furii saba isaatiif erge, kakuun isaa bara baraan akka eegamu abboomeera, maqaan isaa Far. 111:9) Yeroo kanattis faarfatichi, Yihowaan kakuu Abrahaamiif galeef amanamaa ta’uusaa yaadatti qabatee ta’uu danda’a. Kanaan kan ka’e, Yihowaan sabnisaa biyya Gibxii ishee durii keessa garbummaadhaan, boodammoo Baabilon keessa boojuudhaan yeroo turanitti isaan hin dhiisne. Yeroo lamaanittuu Waaqayyo sabasaa fureera. Wanti Waaqayyo isaaniif godhe lamaanuma kana qofallee utuu ta’e, Israa’eloonni maqaa Yihowaa akka qulqulluutti ilaaluu qabu turan.—Ba’uu 20:7; Roomaa 2:23, 24 dubbisi.
immoo qulqulluu dha, sodaachisaa dhas!” (18. Maqaa Waaqayyootiin waamamuun mirga guddaa akka ta’e kan sitti dhaga’amu maaliifi?
18 Kiristiyaanonni yeroo har’aa jiraniifi garbummaa cubbuufi du’aa, isa abdii hin qabne jalaa furamanis kana gochuu qabu. Kadhannaa, “Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu” jedhuu wajjin haala wal simuun jiraachuuf hamma dandeenye carraaquu qabna. (Mat. 6:9) Maqaa ulfina qabeessa ta’e kanarratti xiinxaluun keenya, Waaqayyoon akka sodaannu nu kakaasuu qaba. Barreessaan Faarfannaa 111 Waaqayyoon sodaachuudhaaf ilaalcha sirrii waan qabuuf, “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, warri isa duukaa bu’anii hojjetan [abboommiiwwansaa eegan] hubannaa gaarii qabu” jedheera.—Far. 111:10.
19. Mataduree itti aanurratti waa’ee maalii baranna?
19 Waaqayyoof sodaa sirrii ta’e qabaachuun keenya, wanta gadhee jibbuuf nu gargaara. Kana gochuun keenya, akkuma Faarfannaa 112rratti ibsame amalawwan gaggaarii Waaqayyoo, warra mataduree itti aanu keessatti barannu horachuufis nu gargaara. Faarfannaan kun, namoota miliyonaan lakkaa’amaniifi barabaraaf Waaqayyoon jajatan keessaa tokko ta’uu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e ibsa. Ulfinni akkasii Isaaf kan maludha. “Waaqayyoon jajachuunis yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.”—Far. 111:10.
Gaaffiiwwan Irratti Xiinxallu
• Hundi keenya Yihowaa jajachuu kan qabnu maaliifi?
• Amalawwan Yihowaa warra kamtu hojiisaarratti mul’ate?
• Maqaa Waaqayyootiin waamamuun mirga guddaa akka ta’e kan sitti dhaga’amu maaliifi?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Kaayyoo inni guddaan yeroo hunda walitti qabamnuuf Yihowaa jajachuudha
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Seerawwan Yihowaa hundi, seerawwan bu’uuraa hin jijjiiramneefi amansiisaa ta’anirratti kan hundaa’anidha