Yihowaa Irraanfachuu Hin Qabdu
Yihowaa Irraanfachuu Hin Qabdu
ISRAA’ELOOTA kana keessaa tokko tokko kanaan dura galaanni bakka lamatti hiramee lafa gogaarra ce’anii turan. Baay’eensaanii garuu, galaanni bakka lamatti hiramee bishaan utuu isaan hin tuqin lafa gogaarra kan ce’an yeruma kana qofa ture. Yihowaan Lagni Yordaanos yaa’uusaa dhaabee akka tuulamu godhe. Israa’eloonni miliyoonaan lakkaa’aman tarree hedduudhaan galaana gidduu lafa gogaarra Biyyattii Abdachiifamteetti ce’an. Akkuma abbootiinsaanii waggaa 40 dura yommuu Galaana Diimaa ce’an godhan, warri amma Yordaanos ce’aa jiran hedduunis, ‘Wanta Yihowaan iddoo kanatti raawwate tasumaa hin irraanfadhu’ jedhanii yaaduu hin oolan.—Iya. 3:13-17.
Haata’u malee, Yihowaan, Israa’eloonni tokko tokko ‘dafanii wanta inni godhe akka irraanfatan’ beekee ture. (Far. 106:13) Kanaafuu, dhagoota 12 galaanicha keessaa fuudhee, bakka jalqaba bulan akka tuulan, Iyaasuu isa Israa’eloota geggeessutti hime. Iyaasuunis, “Dhagoonni kun namoota Israa’eliif bara hundumaa seenaa in ta’u” jedhe. (Iya. 4:1-8) Dhagoonni tuulaman kun, sabichi gochawwan gurguddaa Yihowaan raawwate akka yaadataniifi sababii yeroo hundumaa amanamummaadhaan isa tajaajiluu qabaniif kan isaan hubachiisu ture.
Seenaan kun saba Waaqayyoo yeroo ammaa jiraniif faayidaa qabaa? Eeyyee. Nutis tasumaa Yihowaa irraanfachuu hin qabnu; kanaa mannaa amanamummaadhaan isa tajaajiluu keenya itti fufuu qabna. Akeekkachiisni saba Israa’eliif kenname gara biraanis tajaajiltoota Yihowaa yeroo har’aa jiraniif barbaachisaadha. Wanta Museen jedhe hubadhaa: “Egaa ati abboommii isaa, wanta qajeelaa ta’e, seerrata isaas . . . eeguu dhiisuudhaan, Waaqayyoon gooftaa kee akka hin irraanfannetti of eeggadhu.” (Kes. 8:11) Caqasni kun Yihowaa irraanfachuun seerasaa cabsuutti akka geessu argisiisa. Balaan akkasii yeroo keenyattis ga’uu danda’a. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanotaaf yeroo barreessu, akkuma Israa’eloonni lafa onaatti godhan, ‘abboomamuu akka hin didne’ akeekkachiiseera.—Ibr. 4:8-11.
Mee wantoota seenaa Israa’elootaa keessatti raawwatamaniifi Waaqayyoon irraanfachuu akka hin qabne argisiisan tokko tokko haa ilaallu. Barumsi Israa’eloota amanamoo lamarraa argannus, obsaan danda’uufi galateeffannaadhaan Yihowaa tajaajiluuf nu gargaara.
Sababiiwwan Yihowaan Itti Yaadatamuu Qabu
Waggoottan Israa’eloonni Gibxii keessa turan hundaatti Yihowaan isaan hin irraanfanne. Inni, “kakuu Abrahaamii fi Yisihaqiif, Yaaqoobiifis kakate in yaadate.” (Bau. 2:23, 24) Wanti inni garbummaa jalaa isaan baasuuf yeroo sanatti raawwatee, dhugumaan kan hin irraanfatamne ture.
Yihowaan dha’icha sagaliin Gibxiin rukute. Namoonni Fara’ooniif ayyaana hedan dha’icha kana hambisuuf homaa gochuu hin dandeenye. Haata’u malee, Fara’oon Israa’eloota gadhiisuu diduudhaan Yihowaa tuffachuusaa itti fufeera. (Bau. 7:14–10:29) Dha’ichi kurnaffaan garuu, mootichi of tuulaa ta’e sun Waaqayyoof akka abboomamu isa dirqisiiseera. (Bau. 11:1-10; 12:12) Sabni Israa’eliifi namoonni garagaraa hedduun, tarii walumatti 3,000,000 ta’an, Museedhaan geggeeffamanii Gibxiin gadhiisanii ba’an. (Bau. 12:37, 38) Haata’u malee, utuma isaan hin fagaatin Fara’oon yaadasaa jijjiire. Garbootasaa durii deebifachuuf, konkolaattota fardeeniin harkifamaniifi abbootii fardeenii, jechuunis waraanasaa isa hunda caalaa jabaa tureef ajaja kenne. Yeroo kanatti Yihowaan, Museen Israa’eloota bakka dhiphoo Phiihahiirot jedhamtu ishee Galaana Diimaafi tullootaan marfamtetti akka geessu itti hime; iddoo kanaa baqachuun kan danda’amu hin fakkaatu ture.—Bau. 14:1-9.
Fara’oon, Israa’eloonni kiyyoo keessa akka galaniifi loltoonnisaa akka miidhaa isaanirra geessisan itti dhaga’amee ture. Haata’u malee, Yihowaan Bau. 13:21; 14:10-22.
utubaa duumessaa akkasumas utubaa ibiddaa isaaniifi Israa’eloota gidduu dhaabuudhaan Gibxoonni booddeetti akka hafan godhe. Achiis Waaqayyo Galaana Diimaa gargar hiruudhaan, bishaanichi garasiifi garanaan akka keenyanii ta’ee, tarii gara meetira 15 akka ol tuulamu gochuudhaan karaa bane. Israa’eloonni galaanicha keessa lafa gogaarra ce’uu jalqaban. Yerooma sana, Gibxoonni qarqara galaanichaa dhaabatanii Israa’eloonni gara gamaatti yommuu ce’an argan.—Mootiin haala kanarratti akka gaariitti yaadu duubatti deebi’a ture; Fara’oon garuu nama akkasii hin turre. Of tuulummaadhaan kaka’ee, konkolaattonniifi abbootiin fardeeniisaa gara galaanichaa akka seenan ajaje. Gibxoonni Israa’eloota ari’uusaanii ittuma fufan. Haata’u malee, utuu Israa’eloota bira hin ga’in karaatti hafan. Yihowaan, konkolaattonni Gibxootaa akka hin sochoone waan godheef, adeemu hin dandeenye!—Bau. 14:23-25; 15:9.
Gibxoonni konkolaattotasaanii cabanii wajjin utuu rakkatanii, Israa’eloonni hundi baha galaanichaa qarqara ga’an. Amma Museen harkasaa Galaana Diimaarratti diriirse. Yeroo kanatti Yihowaan, bishaan akka keenyanitti tuulame sun akka walitti deebi’u godhe. Achiis bishaan toonii miliyoona hedduutti lakkaa’amu Fara’ooniifi loltootasaarratti garagalee isaan liqimse. Diinota sana keessaa tokkollee hin hafne. Sabni Israa’elis bilisa ba’e!—Bau. 14:26-28; Far. 136:13-15.
Saboonni naannoo sana jiran kana dhaga’uunsaanii, yeroo dheeraadhaaf isaan sodaachisee ture. (Bau. 15:14-16) Waggaa afurtama booda Rahaab isheen Yerikoo, Israa’eloota lamaan, “Nuyi isin in sodaanne . . . Yommuu isin biyya Gibxii baatan, akka Waaqayyo galaana diimaa fuula keessan duraa gogse, . . . dhageenyeerra” jettee turte. (Iya. 2:9, 10) Saboonni Yihudoota hin taanellee akka Yihowaan itti sabasaa oolche hin irraanfanne. Israa’eloonnimmoo Yihowaa yaadachuuf sababii hedduu akka qaban beekamaadha.
‘Akka Agartuu Ija Isaatti Isaan Eege’
Galaana Diimaa keessa erga darbanii booda, Israa’eloonni Siinaa “lafa onaa bal’aa fi sodaachisaa” ta’e seenan. “Lafa gogaa bishaan hin qabne,” akkasumas lafa namoota hedduu kanaaf nyaanni hin argamne sana keessa yommuu adeemanitti Yihowaan isaan kunuunseera. “Lafa onaattis Kes. 8:15; 32:10) Waaqayyo kan isaan kunuunse akkamitti?
[Israa’eliin] arge, iddoo onaa bineensonni wacan keessatti, isa golboobee gargaare; akka agartuu ija isaattis isa eege” jechuudhaan Museen wanta Yihowaan isaanii godhe dubbateera. (Yihowaan, “waaqa keessaa buddeena” mannaa jedhamuufi dinqiidhaan “lafa onaa sana irra” bu’e isaanii kenneera. (Bau. 16:4, 14, 15, 35) Akkasumas “dhagaa qarsaa keessaa” bishaan isaanii baaseera. Yihowaan waan isaan eebbiseef, waggoota 40 lafa onaa keessatti dabarsan hundaatti uffannisaanii irratti hin dhumne, miillisaaniis hin dhiitofne. (Kes. 8:4) Yihowaan galateeffannaa akka qaban argisiisuuf maal akka godhan eeguunsaa sirrii ture? Museen Israa’elootaan, “Isin garuu dammaqaa, wanta ijaan argitan akka hin irraanfannetti, bara jireenya keessanii guutuus garaa keessan keessaa akka hin badnetti of eeggadhaa!” jedhee ture. (Kes. 4:9) Israa’eloonni gochawwan Yihowaan isaan oolchuuf raawwate galateeffannaadhaan utuu yaadataniiru ta’ee, yeroo hundaa isa tajaajiluufi seerasaatiif abboomamuuf carraaqu turan. Isaanoo maal godhan?
Irraanfachuun Galata Dhabuutti Geessa
Museen, “Isin Waaqayyo isa isin uume in irraanfattan; kattaa isa isin tolche sana in dhiiftan” jechuudhaan dubbateera. (Kes. 32:18) Gochawwan Yihowaan Galaana Diimaatti raawwate, qophiiwwansaa sabichi lafa onaa keessa lubbuudhaan akka jiraatu godhan, akkasumas wantoonni gaariin inni godhe hundi utuma hin turin irraanfataman. Israa’eloonni Yihowaarratti ka’an.
Israa’eloonni yeroo tokko bishaan argachuu akka hin dandeenye yaaduudhaan Musee arrabsaniiru. (Lak. 20:2-5) Mannaa isa lubbuusaanii eege ilaalchisee, “Nuyi nyaata waa’ee hin baafne kana in jibbine” jechuun guungumaniiru. (Lak. 21:5) “Uu! Uu! Nuyi biyya Gibxiitti yookiis as lafa onaa kana keessatti utuu dhumneerra ta’ee . . . Kottaa dura-buutuu fo’annee gara biyya Gibxiitti deebinaa” jechuudhaan murtoo Waaqayyoofi aangoo Musee tuffataniiru.—Lak. 14:2-4.
Israa’eloonni utuu hin ajajamin hafuusaaniitiin Yihowaatti maaltu dhaga’ame? Yeroowwan sana yaadachuudhaan faarfatichi, “Isaan lafa duwwaa keessatti si’a meeqa isa irratti ka’an, si’a meeqas lafa onaa keessatti isa gaddisiisan! Isaan deddeebi’anii isa in qoran, isa qulqulluu kan Israa’elis in aarsan. Isaan jabina irree isaa, isa gaafa inni qabaa hamajaajii keessaa isaan fure yaadatti hin qabanne. Yeroo inni Gibxiitti milikkitoota argisiise” jedheera. (Far. 78:40-43) Eeyyee, Israa’eloonni irraanfachuunsaanii Yihowaa baay’ee gaddisiiseera.
Namoota Yihowaa Hin Irraanfanne Lamaan
Haata’u malee, Israa’eloonni tokko tokko Yihowaa hin irraanfanne. Isaan keessaa lamaan Iyaasuufi Kaaleb turan. Namoonni kun, gaaddota 12an Biyyattii Abdachiifamte ilaaluuf Qaadesh Lak. 14:6-10.
Barne’aadhaa ergaman keessa turan. Isaan keessaa kudhan oduu gadhee yommuu dhiheessan, Iyaasuufi Kaaleb garuu namoota sanaan, “Biyyi inni nuyi keessa adeemnee gaadne biyya baay’ee gaarii dha. Waaqayyo yoo nutti gammade biyya isa aannanii fi damma baasu kana nuuf kennee itti nu galcha. Isin Waaqayyo irratti hin ka’inaa duwwaa malee” jedhanii turan. Namoonni sun yommuu kana dhaga’an Iyaasuufi Kaalebiin dhagaadhaan rukutuuf ka’an. Isaan garuu, Yihowaatti amanamuudhaan jabaatanii dhaabataniiru.—Waggoota booda Kaaleb Iyaasuudhaan, “Museen garbichi Waaqayyoo, Qaadesh-Barne’aadhaa dhaqee akka ani biyyicha gaaduuf na erge . . . ani deebi’een wantan yaadatti qabadhe isatti hime. Obboloonni koo warri anaa wajjin achi dhaqan illee garaa namootaa in sodaachisan; ani garuu raawwadheen Waaqayyo gooftaa koo duukaa bu’e” jedhee ture. (Iya. 14:6-8) Kaalebiifi Iyaasuun Waaqayyotti amanamuudhaan rakkoowwan addaddaa mo’aniiru. Bara jireenyasaanii guutuu Yihowaa yaadachuuf murteessanii turan.
Kana malees, Kaalebiifi Iyaasuun, Yihowaan sabasaa Biyyattii Abdachiifamtetti galchuuf abdii kenne akka raawwatu amanuudhaan akka isa galateeffatan argisiisaniiru. Eeyyee, Israa’eloonni Yihowaa isa lubbuusaanii eege galateeffachuu qabu turan. Iyaasuun, “Waaqayyo akkasitti biyya isa abboota isaaniif kennuudhaaf kakatee hundumaa warra Israa’eliif in kenne; . . . Wanti gaariin Waaqayyo saba Israa’el abdachiise hundinuu in raawwatame malee, tokko illee keessaa hin hafne” jechuudhaan barreesseera. (Iya. 21:43, 45) Akkuma Kaalebiifi Iyaasuu, nuyis galateeffannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
Kan Galateeffattan Ta’aa
Namni Waaqayyoon sodaatu tokko, “Wanta gaarii inni anaaf godhe hundumaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?” jedhee gaafatee ture. (Far. 116:12) Wanti Waaqayyo karaa foonii nu eebbisuudhaan, qajeelfama hafuuraa nuu kennuudhaan, akkasumas karaa itti fayyina argannu nuu qopheessuudhaan nuu godhe baay’ee guddaa waan ta’eef, barabaraaf yoo jiraannellee deebisuu hin dandeenyu. Dhugaa dubbachuuf, yoomiyyuu Waaqayyoof gatii baasuu hin dandeenyu. Galateeffachuu garuu hundi keenya ni dandeenya.
Gorsi Yihowaa rakkinarraa si eegee beekaa? Yihowaan dhiifama kan godhu ta’uunsaa yaada garaa qulqulluu akka argattu si gargaareeraa? Fakkeenya 3:5, 6, isa, ‘Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha’ jedhu irra deddeebi’ee maaliif akka natti himaa ture amma hubadheera. Yihowaan akkuma hamma ammaatti na gargaare, gara fuulduraattis akka na gargaaru shakkii tokkollee hin qabu.”
Faayidaan gochawwan Waaqayyoo akkasiirraa argamu yeroo dheeraaf kan itti fufu waan ta’eef, galateeffannaan isaaf qabdus akkasuma ta’uu qaba. Intala waggaa 14 kan taate Saandiraan rakkinni guddaan ishee mudatus, gargaarsa Yihowaatiin mo’uu dandeesseetti. Akkas jetteetti: “Yihowaan akka na gargaaru kadhadheen ture, akki inni itti na gargaare na ajaa’ibsiiseera. Abbaankoo,Obsaan Danda’uudhaan Yihowaa Akka Yaadattan Argisiisaa
Macaafni Qulqulluun, “Isin warra fiixaan ba’an, warra mudaa, hir’inas hin qabne akka taataniif, obsaan danda’uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!” jechuudhaan amala Yihowaa yaadachuuf gargaaru kan biraa ibsa. (Yaq. 1:4) “Warra fiixaan ba’an” akkasumas ‘warra mudaa hin qabne’ ta’uun maalfaa dabalata? Amalawwan Yihowaatti amanamuudhaan qorumsawwan danda’uuf, akkasumas utuu abdii hin kutatin mo’uuf nu gargaaran horachuu dabalata. Qorumsi amantii akkasii yeroo darbu obsaan danda’uun keenya gammachuu guddaa nuu argamsiisa. Qorumsimmoo yeroo hunda ni darba.—1 Qor. 10:13.
Obboleessi yeroo dheeraa Yihowaa tajaajileefi dhibee fayyaa hedduu qabu tokko, obsaan danda’uuf wanta isa gargaare akkas jechuudhaan ibseera: “Wanta ani hojjechuu barbaadu utuu hin ta’in, wanta Yihowaan hojjetu yaaduun yaala. Amanamummaa jechuun, fedhakoorratti utuu hin ta’in kaayyoo Waaqayyoorratti xiyyeeffachuu jechuudha. Yommuu rakkoowwan na mudatan, ‘Yihowaa, wanti kun akka narra ga’u maaliif heyyamte?’ hin jedhu. Yeroo rakkoon ani hin yaanne na mudatuttillee, isa tajaajiluufi isatti maxxanee jiraachuukoo ittan fufa.”
Yeroo har’aa gumiin Kiristiyaanaa “hafuuraa fi dhugaadhaan” Yihowaa waaqeffata. (Yoh. 4:23, 24) Kiristiyaanonni dhugaan akka tuutaatti, akka saboota Israa’el Waaqayyoon hin irraanfatan. Haata’u malee, miseensota gumii ta’uun keenya qofti dhuunfaatti amanamoo ta’uuf wabii nuu hin ta’u. Akkuma Kaalebiifi Iyaasuu, tokkoon tokkoon keenya tajaajila Yihowaarratti galateeffannaafi obsaan danda’uu keenya itti fufuu qabna. Yihowaan yeroo dhumaa rakkisaa ta’e kanatti, dhuunfaatti nu kunuunsuufi qajeelfama nuu kennuusaa waan itti fufuuf, kana gochuuf sababa ga’aa qabna.
Akkuma dhagaawwan milikkitaa Iyaasuun dhaabee ture sanaa, seenaan Waaqayyoo sabasaa fayyisuudhaan galmeessise, inni sabasaa akka hin dhiisne nuu mirkaneessa. Kanaaf akkuma faarfatichaa, “Yaa gooftaa, gocha kee isa dinqisiisaa durii, wanta ati hojjettes nan yaadadha. Hojiin kee hundinuu yaada koo keessa jira, waa’ee wanta ati hojjettees nan yaada” kan jettan ta’aa!—Far. 77:11, 12.
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Guutummaan sabichaa “lafa gogaa” keessa darbuun isa barbaachisee ture
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Pictorial Archive (Near Eastern History) Est.
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Pictorial Archive (Near Eastern History) Est.
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Yommuu Israa’eloonni Qaadesh barne’aa buufatan, gaaddonni gara Biyyattii Abdachiifamteetti ergamanii turan
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Israa’eloonni lafa onaa keessa waggoota dheeraa erga turanii booda, Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaaniitiif galateeffachuu danda’u turan
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Pictorial Archive (Near Eastern History) Est.
[Fakkii fuula 10rra jiru]
Kaayyoo Yihowaarratti xiyyeeffachuun keenya, rakkoowwan nu mudatan kamiyyuu obsaan danda’uuf nu gargaara