Mana Yihowaatiif Kan Hinaaftan Ta’aa!
Mana Yihowaatiif Kan Hinaaftan Ta’aa!
“Hinaaffaan mana keetii na guba.”—YOH. 2:17.
1, 2. Yesus Dh.K.B. bara 30tti mana qulqullummaatti maal godhe? Maaliif?
WANTA yeroo sanatti raawwatame yaadaan ilaalaa. Yeroonsaa Dh.K.B. bara 30tti yommuu Ayyaanni Faasikaa kabajamuu ga’etti ture. Ji’a ja’a dura Yesus tajaajilasaa isa lafarraa jalqabeera. Yeroo kanatti gara Yerusaalem dhaqe. Oobdii mana qulqullummaa keessattis, “namoota iddoo sana taa’anii sangoota, hoolota, gugees gurguran, warra horii callaa gegeddaranis” arge. Qunceerraa qaccee dha’atee, horiiwwansaanii kan ari’e si’a ta’u, yeroo kanatti daldaltoonni sun horiisaanii duukaa akka bu’an beekamaadha. Yesus, horii warra horii gegeddaranii bittimsee, gabatootasaanii gad garagalche. Warri gugee gurguranimmoo wanta qaban fudhatanii bakka sanaa akka adeeman ajaje.—Yoh. 2:13-16.
2 Tarkaanfiin Yesus fudhate, mana qulqullummaatiif bakka guddaa akka kennu argisiisa. “Mana abbaa kootiis mana bitaa gurgurtaa hin godhinaa!” jedhee isaan ajaje. Bartoonni Yesus yommuu kana argan, wanta Daawit faarfatichi jaarraawwan hedduu dura, “Mana keetiif hinaafuun na gube” jechuudhaan barreesse yaadatan.—Yoh. 2:16, 17; Far. 69:9.
3. (a) Hinaaffaa jechuun maal jechuudha? (b) Gaaffii akkamii of gaafachuu dandeenya?
3 Yesus mana Waaqayyootiif yaaduunsaafi hinaafuunsaa tarkaanfii kana akka fudhatu isa kakaaseera. Hinaaffaa jechuun, “wanta tokko hordofuuf hawwiifi fedhii cimaa qabaachuu” jechuudha. Jaarraa 21ffaa keessa jirru kanatti Kiristiyaanonni miliyoona torbaa ol ta’an, mana Waaqayyootiif akka hinaafan argisiisaa jiru. Nuyis, ‘Hinaaffaa mana Waaqayyootiif qabnu guddisuu kan dandeenyu akkamitti?’ jennee of gaafanna ta’a. Gaaffii kana deebisuuf, yeroo ammaatti manni Waaqayyoo maal akka ta’e haa qorannu. Achiis seenaa namoota amanamoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamaniifi mana Waaqayyootiif hinaafanii qoranna. Fakkeenyisaanii “nu barsiisuuf” waan barreeffameef, seenaa kana qoruun keenya hinaaffaa qabnu nuu dabaluu danda’a.—Rom. 15:4.
Mana Waaqayyoo Isa Duriifi Isa Ammaa
4. Manni qulqullummaa Solomoon ijaare kaayyoo maaliitiif tajaajileera?
4 Israa’el durii keessatti, manni qulqullummaa Yerusaalemitti argamu mana Waaqayyoo jedhama ture. Dhugaadha, Yihowaan qaamaan achi keessa hin jiraatu ture. Yihowaan, “Bantiin waaqaa teessoo koo ti, laftis ejjeta miilla kootii ti, eessatti mana anaaf ijaartu? Iddoon boqonnaa kootiis eessa?” jedheera. (Isa. 66:1) Haata’u malee, manni qulqullummaa bara bulchiinsa Solomoonitti ijaarame, bakka handhuura waaqeffannaa Yihowaa kadhannaan itti dhihaatu ture.—1 Mot. 8:27-30.
5. Manni qulqullummaa Solomoon ijaarsise yeroo ammaatti maaliif gaaddidduu ta’a?
5 Yeroo ammaatti manni Yihowaa, gamoo Yerusaalemittis ta’e bakka garabiraatti argamu kamiyyuu hin argisiisu. Kanaa mannaa, karaa aarsaa furii Kiristosiin waaqeffannaadhaan isatti dhihaachuuf qophii nuu godhame kan argisiisudha. Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon lafarratti argaman hundi, mana qulqullummaa hafuuraa kana keessatti tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffatu.—Isa. 60:4, 8, 13; HoE. 17:24; Ibr. 8:5; 9:24.
6. Mootonni Yihudaa waaqeffannaa dhugaatiif hinaafan eenyufaa turan?
6 Gosti Israa’el Dh.K.D. bara 997 bakka lamatti erga hiramee booda, mootota kibba Yihudaa bulchan 19 keessaa, waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa guddaa akka qaban kan argisiisan mootota 4 qofa turan. Isaanis Aasaa, Yoshaafaax,
Hisqiyaasiifi Yosiyaas turan. Fakkeenyasaaniirraa barumsa gaarii akkamii argachuu dandeenya?Garaa Guutuudhaan Tajaajiluun Eebba Argamsiisa
7, 8. (a) Yihowaan tajaajila haala akkamiitiin dhihaate eebbisa? (b) Aasaa Mooticharraa barumsa akeekkachiisa nuu ta’u akkamii arganna?
7 Yihowaan, bara bulchiinsa Aasaa Mootichaatti raajota sabasaa daandii sirriirra geggeessan kaasee ture. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Aasaan Azaariyaa raajicha ilma Odeediin akka dhaggeeffate dubbata. (2 Seenaa 15:1-8 dubbisi.) Haaromsi Aasaan godhe, namoota Yihudaafi namoota hedduu ayyaana guddaa Yerusaalemitti kabajamu isaanii wajjin ayyaaneffachuuf Israa’el keessaa dhufan tokko godheera. Hundisaanii amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuuf murteessuusaanii ibsaniiru. Seenaansaa akkas jedha: “Gaafas isaan fiingee akkasumas fiinoo afuufanii, sagalee isaaniis ol fuudhanii ililleedhaan Waaqayyoof kakuu in galan. Namoonni Yihudaa hundinuu garaa guutuudhaan waan kakataniif, waa’ee kakuu sanaaf in gammadan; isaan yaada isaanii guutuudhaan Waaqayyoon waan barbaaddataniif inni isaanitti in mul’ate, karaa hundumaas nagaa isaaniif in kenne.” (2 Sen. 15:9-15) Yihowaan garaa guutuudhaan yommuu isa tajaajillu, nuunis akka eebbisu beekamaadha.—Mar. 12:30.
8 Kan nama gaddisiisu, yeroo booda Aasaan yommuu Haanaanii ilaaltichi sirreeffama isaa kenne baay’ee dheekkame. (2 Sen. 16:7-10) Nuhoo, Yihowaan karaa jaarsolii gorsa ykn qajeelfama yommuu nuu kennu maaltu nutti dhaga’ama? Gorsa Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’uudhaan nuu kennan atattamaan fudhannee hojiirra oolchinamoo isaanitti mufanna?
9. Yoshaafaaxiifi namoota Yihudaa kan sodaachise maal ture? Isaanoo maal godhan?
9 Yoshaafaax mootii ta’uudhaan Yihudaa kan bulche Dh.K.D. jaarraa kurnaffaatti ture. Loltoonni Amoon, Mo’aabiifi Se’iir biyya tulluun itti baay’atu keessa jiran hundi tokko ta’anii, Yoshaafaaxiifi namoota Yihudaa hunda sodaachisan. Mootichi sodaatus maal godhe? Inniifi namoonni Yihudaa, haadhotii manaafi ijoolleesaanii wajjin kadhachuuf mana Yihowaatti walitti qabaman. (2 Seenaa 20:3-6 dubbisi.) Kadhannaa Solomoon yommuu manni qulqullummaa eebbifame Yihowaatti dhiheessee wajjin haala walsimuun, Yoshaafaax akkas jechuudhaan garaadhaa kadhate: “Yaa Waaqayyo keenyaa! Ati isaanitti hin faradduu ree? Nuyi waraana danuu isa nu rukutuuf jedhu kana loluuf humna hin qabnu, waan goonus hin beeknu, garuu gargaarsaaf gara kee in ilaalla.” (2 Sen. 20:12, 13) Yoshaafaax erga kadhatee booda, hafuurri Yihowaa sanyii Lewwii kan ta’e Yahaazi’el, “walga’icha keessatti” dubbii saba sana jajjabeessu akka dubbatu godhe.—2 Seenaa 20:14-17 dubbisi.
10. (a) Yoshaafaaxiifi mootummaan Yihudaa qajeelfama kan argatan akkamitti? (b) Yeroo ammaatti qajeelfama Yihowaan nuu kennuuf dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Eeyyee, yeroo sanatti Yoshaafaaxiifi mootummaan Yihudaa karaa Yahaazi’el Yihowaarraa qajeelfama fudhataniiru. Yeroo ammaatti karaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa jajjabinaafi qajeelfama arganna. Yeroo hunda jaarsolii dhimmanii nu eegan, akkasumas qajeelfama ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ hojiirra oolchuuf carraaqanii wajjin walii gallee hojjechuus ta’e, ulfina isaanii kennuu akka barbaannu beekamaadha.—Mat. 24:45; 1 Tas. 5:12, 13.
11, 12. Wanta Yoshaafaaxiifi Yihudaa mudaterraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
11 Akkuma Yoshaafaaxiifi sabni sun qajeelfama Yihowaa argachuuf walitti qabaman, nuyis yeroo hunda obboloota keenyaa wajjin walga’iirratti haa argamnu. Darbee darbee rakkinni guddaan yommuu nu mudatuufi maal akka goonu yommuu wallaallu, fakkeenya gaarii Yoshaafaaxiifi namoonni Yihudaa nuu kaa’an hordofuudhaan, guutummaatti Yihowaarratti amanamuudhaan isa haa kadhannu. (Fak. 3:5, 6; Filp. 4:6, 7) Warra kaanirraa yoo adda baafamnellee, Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun keenya, “obboloota [keenya] warra guutummaa biyya lafaa keessa jiraatan” wajjin tokko ta’uun keenya akka nutti dhaga’amu godha.—1 Phe. 5:9.
12 Yoshaafaaxiifi sabni sun qajeelfama Yihowaan karaa Yahaazi’el kenne hordofaniiru. Kun bu’aa akkamii argamsiise? Waraana sanarratti 2 Sen. 20:27, 28) Nuyis qajeelfama Yihowaa isa karaa jaarmiyaasaa kenname kabajuudhaan tokko taanee isaaf ulfina laanna.
erga injifatanii booda, “gammachuudhaan” Yerusaalemitti deebi’anii, “maseenqoo fi kiraara rukutaa, fiingees afuufaa . . . mana qulqullummaatti ol in lixan.” (Bakka Walga’ii Keenyaa Akka Gaariitti Haa Qabnu
13. Hisqiyaas erga mootii ta’ee booda hojii akkamii raawwate?
13 Hisqiyaas mootii ta’ee ji’a isa jalqabaatti, mana qulqullummaa deebisee banuufi haaromsuudhaan, waaqeffannaa Yihowaatiif hinaaffaa akka qabu argisiiseera. Lubootaafi Lewwoota gurmeessuudhaan mana Waaqayyoo akka qulleessan godheera. Hojii kanas guyyaa 16f hojjetan. (2 Seenaa 29:16-18 dubbisi.) Carraaqqiinsaanii kun, bakkawwan walga’ii keenyaa haala gaariirratti akka argaman gochuuf, hojii suphuufi haaressuurratti akka hirmaannu nu yaadachiisa. Kunis waaqeffannaa Yihowaatiif hinaaffaa akka qabnu argisiisa. Hinaaffaa obboloonni hojii akkasiirratti hirmaatan argisiisaniin, namoonni kaan akka dinqisiifaman dhageessee hin beektuu? Eeyyee, carraaqqiinsaanii Yihowaadhaaf ulfina guddaa fida.
14, 15. Yeroo ammaatti hojiin Yihowaadhaaf ulfina guddaa fidaa jiru maalidha? Fakkeenya kenni.
14 Magaalaa kaaba Ingilaanditti namichi tokko Galmi Mootummaa lafasaatti aanee jiru akka hin haareffamne morme. Ta’us obboloonni naannoo sanaa gaarummaadhaan isa qaban. Dallaan Galma Mootummaafi lafa namichaa gidduu jiru haareffamuun akka isa barbaachisu yommuu hubatan, gatii utuu isa hin gaafatin akka hojjetan itti himan. Cimanii hojjechuudhaan dallicha gara caalaasaa deebisanii ijaaran. Wanti obboloonni godhan, namichi kun ilaalchasaa akka jijjiiru godhe. Yeroo ammaatti ollaa gaarii ta’uudhaan Galma Mootummaa sana isaaniif ilaala.
15 Sabni Yihowaa hojii ijaarsaa addunyaa maraarratti ni hirmaatu. Obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan, tajaajiltoota addunyaa maraa wajjin ta’uudhaan Galma Mootummaa qofa utuu hin ta’in, Galmawwan Walga’iifi manneetii Bet’el ijaaruurratti hirmaatu. Saamiifi haati manaasaa Ruut, biyyoota Awurooppaafi Afriikaa hedduu keessa naanna’anii hojii ijaarsaarratti hirmaataniiru. Bakka dhaqan hundatti obboloota addaddaa wajjin hojii lallabaarratti hirmaatu. Saam hojii ijaarsaa addunyaa maraa kanarratti akka hirmaatu wanta isa kakaase akkas jechuudhaan ibseera: “Obboloonni asittis ta’e biyyoota
addaddaatti Bet’elitti tajaajilan na jajjabeessaniiru. Hinaaffaafi gammachuusaanii ilaaluunkoo, anis hojii kanarratti akkan tajaajilu na kakaaseera.”Qajeelfama Waaqayyootiif Abboomamaa
16, 17. Sabni Waaqayyoo hojii addaa akkamiirratti hinaaffaadhaan hirmaatu? Hojiin kunoo bu’aa akkamii argamsiise?
16 Hisqiyaas mana qulqullummaa haaressuudhaan alatti, Ayyaana Faasikaa isa Yihowaan waggaa waggaatti akka kabajamu ajaje deebisee jalqabsiiseera. (2 Seenaa 30:1, 4, 5 dubbisi.) Hisqiyaasiifi jiraattonni magaalaa Yerusaalem, namoota mootummaa kaabaa keessa jiran dabalatee guutummaa sabichaa ayyaana kanarratti afeeraniiru. Warri ergamanis xalayaa afeerrii qabatanii biyyattii keessa darbaa turan.—2 Sen. 30:6-9.
17 Nuyis waggoota dhihoodhaa asitti hamma tokko hojii kanaa wajjin wal fakkaaturratti hirmaachaa jirra. Namoonni naannoo keenya jiran, ajaja Yesusiif abboomamuudhaan Irbaata Gooftaarratti nuu wajjin akka argaman waraqaa afeerrii nama gammachiisutti fayyadamaa turreerra. (Luq. 22:19, 20) Qajeelfama Walga’ii Tajaajilaarraa arganne hordofuudhaan, hojii kanarratti hinaaffaadhaan hirmaanneerra. Yihowaanis carraaqqii kana eebbiseera! Waggaa darbe namoonni gara miliyoona torbaa taanu, waraqaa afeerrii kana raabsuurratti kan hirmaanne si’a ta’u, namoonni 17,790,631 ta’an ayyaana kanarratti argamaniiru.
18. Waaqeffannaa dhugaatiif hinaafuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
18 Hisqiyaasiin ilaalchisee akkas jedhameera: “Hisqiyaas mootichi Waaqayyoon goofticha Israa’el in amanate; isa booddees, isa duras kan akka isaatii mootota Yihudaa keessa hin turre. Inni Waaqayyoof amanamee in jiraate, isaaf amanamuu isaa irraas hin kufne; abboommii Waaqayyo Museetti kennes in eege.” (2 Mot. 18:5, 6) Nuyis fakkeenyasaa haa hordofnu. Mana Waaqayyootiif hinaafuun keenya, abdii jireenya barabaraa qabaachuudhaan, ‘Waaqayyotti maxxannee jiraachuuf’ nu gargaara.—Kes. 30:16.
Qajeelfama Kennamu Atattamaan Hojiirra Oolchaa
19. Tibba Ayyaana Yaadannootti carraaqqii cimaa akkamiitu godhama?
19 Yosiyaas yommuu mootii ture, ayyaanni Faasikaa akka kabajamu qophii guddaa godheera. (2 Mot. 23:21-23; 2 Sen. 35:1-19) Nuyis walga’iiwwan koonyaa, aanaafi addaa akkasumas Ayyaana Yaadannootiif akka gaariitti qophaa’uu qabna. Obboloonni biyyoota tokko tokkotti argaman, lubbuusaanii balaadhaaf saaxilanii ayyaana du’a Kiristos kabajuuf godhamurratti argamu. Jaarsoliin hinaaffaa qaban, warri gumii keessaa hundi ayyaana kanarratti akka argaman carraaqqii godhu. Maanguddoonniifi warri dhibee fayyaa qaban, ayyaanicharratti akka argaman gargaarsi ni godhamaaf.
20. (a) Bara bulchiinsa Yosiyaas Mootichaatti maaltu ta’e? Innoo maal godhe? (b) Kanarraa maal baranna?
20 Hojiin haaromsaa Yosiyaas Mootichi qindeesse yommuu adeemsifamu, Hilqiiyaan Angafni Lubootaa, “macaafa seera Waaqayyoo isa karaa Musee kennamee ture sana in argate.” Hilqiiyaanis kitaabicha Shaafaan caafticha mootummaatti kan kenne si’a ta’u, Shaafaan ergaa kitaabichaa Yosiyaasiif dubbise. (2 Seenaa 34:14-18 dubbisi.) Kun bu’aa akkamii argamsiise? Yeruma sana mootichi gaddaan uffatasaa tarsaasee, uummatichi Yihowaa akka kadhatu ajaje. Waaqayyo Huldaa raajittiitti fayyadamee, sochiiwwan amantii Yihudaa keessatti raawwatamaa turan tokko tokko akka balaaleffatu isaanitti hime. Haata’u malee, Yihowaan carraaqqii cimaa Yosiyaas sochiiwwan waaqolii tolfamoo balleessuuf godhetti waan gammadeef, yommuu guutummaa sabichaarratti balaan akka dhufu himame Yosiyaas Yihowaa biratti fudhatama argateera. (2 Sen. 4:19-28) Kanarraa maal barachuu dandeenya? Nuyis akkuma Yosiyaas gochuuf fedhii akka qabnu beekamaadha. Gantummaan ykn amanamummaa dhabuun waaqeffannaa keenya keessatti yoo babal’ate balaa ga’uu danda’u waan beeknuuf, qajeelfama Yihowaa dafnee hojiirra oolchuu barbaanna. Yihowaan hinaaffaa Yosiyaasitti akkuma gammade, nuyis waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa argisiisnutti akka gammadu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.
21, 22. (a) Mana Yihowaatiif hinaafuu kan qabnu maaliifi? (b) Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii baranna?
21 Mootonni Yihudaa arfan jechuunis, Aasaan, Yoshaafaax, Hisqiyaasiifi Yosiyaas mana Waaqayyootiifis ta’e waaqeffannaasaatiif hinaafuudhaan fakkeenya gaarii nuu ta’aniiru. Hinaaffaan keenyas Yihowaatti akka amanamnuufi waaqeffannaasaa deggeruuf waan dandeenyu hunda akka goonu nu kakaasuu qaba. Qajeelfama Waaqayyootiif, akkasumas kunuunsaafi sirreeffama karaa gumiis ta’e karaa jaarsolii argannuuf abboomamuun keenya, sirrii ta’uusaarrayyuu gammachuu nuuf argamsiisa.
22 Matadureen ittaanu hinaaffaa tajaajila keenyaaf qabnurratti xiyyeeffata; akkasumas dargaggoonni Abbaa keenya isa jaalala qabeessa ta’e hinaaffaadhaan akka tajaajilan jajjabeessa. Kana malees, dhiibbaa Seexanaa isa hundarra caalaa nama mancaasu tokkorraa akkamitti fagaachuu akka dandeenyu ibsa. Hinaaffaadhaan qajeelfama Yihowaarraa argannu hunda hojiirra kan oolchinu yoo ta’e, fakkeenya Yesus Ilma Yihowaa hordofaa jirra jechuudha. Macaafni Qulqulluun, “Mana keetiif hinaafuun na gube” jechuudhaan ilaalcha Yesus mana Yihowaatiif qabu ibsa.—Far. 69:9; 119:111, 129; 1 Phe. 2:21.
Ni Yaadattaa?
• Yihowaan tajaajila haala akkamiitiin dhihaate eebbisa? Maaliif?
• Yihowaatti akka amanamnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
• Hinaaffaan, qajeelfama Waaqayyootiif akka abboomamnu kan nu kakaasu akkamitti?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Aasaan, Yoshaafaax, Hisqiyaasiifi Yosiyaas mana Yihowaatiif akka hinaafan kan argisiisan akkamitti?