“Warra Hojii Gaariitiif Hinaafan” Ta’aa!
“Warra Hojii Gaariitiif Hinaafan” Ta’aa!
“[Yesus] seera irra daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo’amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.”—TIT. 2:14.
1. Yesus Dh.K.B. bara 33 gaafa Niisaan 10tti gara mana qulqullummaa yommuu dhaqe maal godhe?
GUYYAANSAA Niisaan 10, Dh.K.B. bara 33, jechuunis ayyaana Faasikaarraa guyyoota muraasa dura ture. Namoonni waaqeffannaadhaaf gara Yerusaalem dhufan hedduun, yeroo ayyaanni kun itti jalqabamu hawwiidhaan eeggachaa jiru. Yesus yommuu achi ga’u maal godha laata? Barreessitoonni Wangeelaa sadan, jechuunis Maatewos, Maarqosiifi Luqaas Yesus yeroo lammataatiif warra achitti gurguraafi bitaa turan hunda ari’uusaa nutti himu. Gabatoota warra horii callaa gegeddaraniifi taa’umsa warra gugee gurguranii gad garagalche. (Mat. 21:12; Mar. 11:15; Luq. 19:45) Yesus waggaa sadii boodas tarkaanfii wal fakkaatu waan fudhateef, hinaaffaansaa hin qabbanoofne jechuu dandeenya.—Yoh. 2:13-17.
2, 3. Hinaaffaan Yesus, mana qulqullummaa qulleessuu qofaan akka hin daangeffamne akkamitti beekna?
2 Seenaan Maatewos barreesse akka ibsutti, hinaaffaan Yesus argisiise mana qulqullummaa qulqulleessuu qofaan kan daangeffame hin turre. Warra jaamaafi warra naafa garasaa dhufanis fayyiseera. (Mat. 21:14) Seenaan Luqaas, “Yesus guyyaa guyyaatti mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture” jechuudhaan wanta inni raawwate garabiraa dubbata. (Luq. 19:47; 20:1) Yesus tajaajilarratti hinaaffaa guddaa akka qabu kanarraa hubachuun ni danda’ama.
3 Yeroo booda Phaawulos xalayaa Tiitoosiif barreesserratti Yesus, “seera irra daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo’amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne” jechuudhaan ibseera. (Tit. 2:14) Yeroo ammaatti ‘hojii gaariitiif hinaafuu’ kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyi gaariin mootonni Yihudaa kaa’an kan nu jajjabeessu akkamitti?
Lallabuufi Barsiisuuf Hinaaffaa Qabaachuu
4, 5. Mootonni Yihudaa arfan hojii gaariidhaaf hinaafanii kan turan karaawwan kamiini?
4 Aasaan, Yoshaafaax, Hisqiyaasiifi Yosiyaas, waaqolii tolfamoo Yihudaadhaa balleessuuf duula godhaniiru. Aasaan “iddoo aarsaa isa kan Waaqayyolii ormaa fi iddoowwan sagadaa warra ol ka’oo in diigsise, utuboota dhagaa qulqullaa’ootti ilaalaman in caccabse, mukkeetii qiqqirixamanii Waaqayyittii tolfamtuuf dhadhaabamanis in jijjigse.” (2 Sen. 14:3) Yoshaafaax waaqeffannaa Yihowaatiif baay’ee hinaafuudhaan, “iddoowwan Waaqayyolii tolfamoof itti sagadanii fi mukkeetii qiqqirixamanii Asheeraa Waaqayyittii tolfamtuuf dhaabaman biyya Yihudaa keessaa in balleesse.”—2 Sen. 17:6; 19:3.
5 Ayyaanni Faasikaa guyyaa torbaa Hisqiyaas Yerusaalemitti qopheesseefi bakki guddaan kennamuuf erga raawwatamee booda, “Israa’eloonni iddoo ayyaanichaatti argaman hundinuu gara mandaroota Yihudaa dhaqanii, utuboota dhagaa warra qulqullaa’ootti ilaalaman in caccabsan, utuboota qiqqirixamanii fakkeenya Asheeraa waaqayyittii tolfamtuutiif dhadhaabaman in murmuran; iddoowwan sagadaa isaanii warra ol ka’oodhaa fi iddoowwan aarsaa hundumaa diiganii, biyya Yihudaa, biyya Beniyaamin, biyya Efreemii fi biyya Minaasee keessaa in balleessan.” (2 Sen. 31:1) Yosiyaas mootii kan ta’e yommuu umriinsaa waggaa saddeet turettidha. Seenaansaa akkas jedha: “Inni mo’ee waggaa saddeettaffaa isaatti, amma iyyuu ijoollee ta’ee utuma jiruu Waaqayyoon isa kan Daawit abaabilii isaa in barbaaddate; mo’ee waggaa kudha lammaffaa isaatti Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa iddoowwan sagadaa ol ka’oo, utuboota dhagaa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuuf dhadhaabaman, bifa fakkeenya waaqayyolii tolfamoo qiqqirixamanii fi baqfamanii hojjetamanii balleessuu jalqabe.” (2 Sen. 34:3) Kanaaf, mootonni arfan kun hojii gaariidhaaf hinaafanii turan jechuudha.
6. Tajaajilli keenya duula mootonni Yihudaa amanamoo ta’an geggeessanii wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?
6 Nuyis yeroo ammaatti namoonni waaqolii tolfamoo akka hin waaqeffanneefi barumsa amantii sobaarraa walaba akka ta’an gargaaruuf duula godhamurratti hirmaachaa jirra. Tajaajilli manaa gara manaa namoota addaddaa argachuuf nu gargaara. (1 Xim. 2:4) Shamarreen Eeshiyaatti argamtu tokko, haatishee fakkiiwwan manasaanii keessatti argaman hedduu dura dhaabattee kadhannaa dhiheessaa akka turte ni yaadatti. Shamarreen kun, fakkiiwwan kun hundi Waaqa dhugaa akka bakka hin buune hubachuudhaan, eenyummaa Waaqayyoo sirriitti beekuuf yeroo baay’ee kadhannaa dhiheessiti turte. Balbalasaanii isa rurrukutame yommuu bantu, Dhugaa Baatota lamaa wajjin kan wal argite si’a ta’u, isaanis maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamuufi adda ta’e isheetti himan. Waa’ee waaqolii tolfamoo dhugaasaa yommuu barattu baay’ee gammade. Yeroo ammaatti tajaajilarratti ciminaan hirmaachuufi karaa hafuuraa namoota kaan gargaaruudhaan, hinaaffaa guddaa qabaachuushee argisiisaa jirti.—Far. 83:18; 115:4-8; 1 Yoh. 5:21.
7. Barsiisota bara Yoshaafaaxitti guutummaa biyyattii keessa adeemanii wajjin haala wal fakkaatuun maal gochuu dandeenya?
7 Yommuu tajaajila manaa gara manaarratti hirmaannu, naannoo tajaajilaa keenya guutummaatti waliin geenyaa? Yoshaafaax bara bulchiinsasaa isa waggaa sadaffaatti gurguddoota shan, Lewwoota sagaliifi luboota lama ergeera. Namoonni kun, magaalota hunda keessa adeemanii seera Yihowaa akka barsiisan erge. Saboonni naannoo sana turan Yihowaa sodaachuu waan jalqabaniif, duulli kun bu’a qabeessa ture. (2 Seenaa 17:9, 10 dubbisi.) Nuyis, sa’aatiifi guyyaa addaddaatti gara manasaanii dhaquudhaan, namoota hedduu haasofsiisuu dandeenya.
8. Tajaajila keenya bal’isuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo ammaatti argaman hedduun, qe’eesaaniirraa fagaachuudhaan
bakka Dhugaa Baatonni hinaaffaa qaban caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluuf fedhiidhaan of dhiheessu. Atoo kana gochuu dandeessaa? Nu keessaa tokko tokko kana gochuu hin dandeenyu taanaan, namoota naannoo keenyatti argamaniifi afaan garabiraa dubbataniif dhugaa ba’uuf yaaluu dandeenya. Raan inni umriinsaa waggaa 81 ta’e, namoota qomoo addaddaa qaban naannoo tajaajilaasaatti waan argatuuf, afaan 32n namoota nagaa gaafachuu barate! Yeroo dhihootti, haadha manaafi abbaa manaa Afriikaadhaa dhaqan tokko karaarratti argatee, afaansaaniitiin jechuunis afaan Yorubaatiin nagaa isaan gaafate. Raan, Afriikaa keessa jiraatee akka ture isa gaafatan. Lakki jedhee yommuu isaanii deebisu, afaansaanii akkamitti barachuu akka danda’e isa gaafatan. Kunimmoo akka gaariitti dhugaa akka isaanii ba’u karaa bane. Barruulee tokko tokko erga fudhatanii booda, teessoosaanii gammachuudhaan itti himan. Innis, haati manaafi abbaan manaa kun Macaafa Qulqulluu akka qayyabataniif, teessoo kana gumii naannoosaaniitti argamuuf kenne.9. Tajaajilarratti Macaafa Qulqulluurraa dubbisuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Fakkeenya kenni.
9 Barsiistonni ajaja Yoshaafaaxiin biyyattii keessa naanna’an, “macaafa seeraa isa kan Waaqayyoo” fudhatanii deemu turan. Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo waan ta’eef, nuyis isatti fayyadamnee addunyaa maratti namoota barsiisuuf carraaqna. Tajaajila keenyarratti Macaafa Qulqulluurraa baasnee dubbisuudhaan, warri kaan yaada achirra jiru ofumasaaniitii akka ilaalan gochuuf carraaqqii goona. Dubartiin tokko, Dhuga Baatuu Liindaa jedhamtuun, abbaa manaashee dhukkuba dhiiga kantarsuun rakkachaa jiru biraa deemuu akka hin dandeenye itti himte. “Maal balleessinaan Waaqayyo wanta kana akka natti fide hin beeku” jetteen. Liindaanis “Waan tokko sii mirkaneessuu?” jetteen. Achiis yaada Yaaqoob 1:13rra jiru erga dubbisteefii booda, “Nurras ta’e namoota jaallannurra rakkinni kan ga’u, Waaqayyo nu adabaa waan jiruuf miti!” jetteen. Yeroo kanatti dubartittiin Liindaa hammachuudhaan gammachuushee ibsite. Liindaanis akkas jechuudhaan ibsiteetti: “Macaafa Qulqulluutti fayyadamee ishee jajjabeessuu danda’eera. Yeroo tokko tokko namni haasofsiisnu caqasa Macaafa Qulqulluurraa dubbisneef sana matumaa dhaga’ee hin beeku ta’a.” Mareen kun, dubartittiin Macaafa Qulqulluu akka qayyabattu godheera.
Dargaggoota Hinaaffaadhaan Tajaajilan
10. Yosiyaas dargaggoota yeroo ammaatiif fakkeenya gaarii kan ta’u akkamitti?
10 Fakkeenya Yosiyaasitti yommuu deebinu, dargaggummaasaatti waaqeffannaa dhugaa kan deggere si’a ta’u, yommuu umriinsaa waggaa 20 ta’etti waaqolii tolfamoo balleessuuf duula guddaa godheera. (2 Seenaa 34:1-3 dubbisi.) Dargaggoonni hedduun yeroo ammaatti tajaajilasaaniirratti hinaaffaa akkasii argisiisaa jiru.
11-13. Yeroo ammaatti dargaggoota hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilanirraa barumsa akkamii arganna?
11 Biyya Ingilaandi kan jiraattu Haannaan, magaalaa isaanitti dhihoo jiru keessa tuutni afaan Faransaayiin geggeeffamu akka jiru dhageesse. Yeroo kanatti umriinshee waggaa 13 si’a ta’u, mana barumsaatti afaan Faransaayi barachaa turte. Abbaanshees ishee wajjin walga’icharratti argamuuf walii gale. Yeroo ammaatti Haannaan umriinshee 18 si’a ta’u, qajeelchituu taatee afaan Faransaayiin
hinaaffaadhaan lallabaa jirti. Atoo afaan garabiraa barattee, namoonni kaan waa’ee Yihowaa akka baratan gargaaruu dandeessaa?12 Raasheel viidiyoo Galmawwan Waaqayyoof Ulfina Fidan Hordofaa jedhu akka gaariitti ilaalte. “Dhugaa kan ofiikoo waanan godhadhe natti fakkaata ture,” jechuudhaan bara 1995tti yommuu Yihowaa tajaajiluu jalqabde wanta isheetti dhaga’amaa ture ibsiti. Itti dabaluudhaanis akkas jetteetti: “Diraamaa sana ergan ilaalee booda garuu, waggoota hedduudhaaf wanta narraa eegamu guutummaatti raawwachaa akkan hin turre nan hubadhe. Dhugaatti cimuu, akkasumas tajaajilakoofi qayyabannaa dhuunfaarratti fooyya’iinsa gochuuf carraaquun qaba.” Yeroo ammaatti Raasheel caalaatti hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilaa akka jirtu itti dhaga’ama. Kanarraa bu’aa maalii argatte? Akkas jetteetti: “Walitti dhufeenyi ani Yihowaa wajjin qabu guddateera. Kadhannaa itti yaadamen dhiheessa; qayyabannaa gadi fageenya qabuufi nama gammachiisun godha; seenaawwan Macaafa Qulqulluu caalaatti dhugaa ta’anii natti mul’atu. Kunimmoo, tajaajilakoo baay’ee akkan jaalladhuufi dubbiin Yihowaa namoota kaan yommuu jajjabeessu arguukootti baay’ee akkan gammadu godheera.”
13 Dargaggeessa Luuk jedhamummoo kan jajjabeesse, diraamaa viidiyoo, Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? jedhudha. Viidiyoo kana erga ilaalee booda, “Wantan jireenyakoo keessatti raawwadhu irra deebi’ee qoruu akkan qabu natti dhaga’ame” jedheera. Itti dabaluudhaanis akkas jedheera: “Viidiyoo kana ilaaluukoo dura, barumsa sadarkaa olaanaa baradhee qarshii hedduu argachuudhaan jireenya gaarii jiraachuu ergan jalqabee booda, galmawwan hafuuraarratti akkan xiyyeeffadhu dhiibbaan narratti godhamaa ture. Dhiibbaan akkasii karaa hafuuraa guddachuuf kan nama gargaaru miti; kanaa mannaa kan nama laaffisudha.” Obboloonni dargaggoota taatan, akkuma Haannaa wanta mana barumsaatti barattanitti fayyadamtanii tajaajila keessan bal’isuu danda’uufi dhiisuu keessan maaliif hin gamaaggamtan? Akkasumas, galmawwan Waaqayyoof ulfina fidan hordofuudhaan fakkeenya Raasheel maaliif hin fudhattan? Balaawwan dargaggoota hedduutti kiyyoo ta’anirraa fagaachuudhaan fakkeenya Luuk hordofaa.
Akeekkachiisa Hojiirra Oolchuuf Hinaaffaa Qabaadhaa
14. Yihowaan waaqeffannaa akkamiitti gammada? Kana gochuun yeroo ammaatti ulfaataa kan ta’e maaliifi?
14 Sabni Yihowaa, waaqeffannaa isa biratti fudhatama qabu dhiheessuu yoo barbaadan qulqulluu ta’uu qabu. Isaayaas akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Sokkaa, achii ba’aatii sokkaa! Wanta xuraa’aas harkaan hin qabinaa! Isin warri mi’a Waaqayyoo baattan, of qulleessaa, ishee [Baabilon] keessaa ba’aatii sokkaa!” (Isa. 52:11) Isaayaas jechoota kana barreessuusaa dura, Mootii gaarii kan ture Aasaan Yihudaa keessaa addaggummaa balleessuuf duula cimaa godhee ture. (1 Mootota 15:11-13 dubbisi.) Jaarraawwan hedduu boodammoo Phaawulos, Yesus duuka buutotasaatiif kan of kenne, “saba fo’amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif” qulqulleessuuf akka ta’e Tiitoositti himeera. (Tit. 2:14) Hawaasa amalli addaggummaa itti babal’ate kana keessatti, qulqullummaa ofii eeganii jiraachuun keessumaa dargaggootaaf rakkisaadha. Fakkeenyaaf, dargaggoonniifi maanguddoonni tajaajiltoota Waaqayyoo ta’an hundi, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasaniifi iddoo addaddaatti maxxanfaman, akkasumas televijiinii, fiilmiifi keessumaa Intarneetiidhaan darbanirraa fagaachuuf waldhaansoo cimaa gochuu qabu.
15. Wanta gadhee ta’e caalaatti jibbuuf kan nu gargaaru maalidha?
15 Akeekkachiisa Waaqayyo nuu kennu hinaaffaadhaan hojiirra oolchuun keenya, wanta gadhee caalaatti jibbuuf nu gargaara. (Far. 97:10; Rom. ) Akkuma Kiristiyaanni tokko ibse, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan warra “humna cimaa ofitti nama harkisu qabanirraa walaba ta’uuf,” fakkiiwwan kana jibbuun nu barbaachisa. Namni tokko sibiila maagneetiidhaan wal harkisan lama gargar baasuuf, humna harkisa maagneetichaa caalu qabaachuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasanirraa fagaachuun humna cimaa gaafata. Haata’u malee, fakkiiwwan akkasii ilaaluun balaa akkamii akka qabu hubachuun keenya, fakkiiwwan kana jibbuuf nu gargaara. Obboleessi tokko, amala fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan Intarneetiirraa ilaaluuf qabu dhiisuuf carraaqqii cimaa godheera. Kompiitarasaa bakka guutummaan maatiisaa ilaaluu danda’u kaa’e. Kana malees, of qulqulleessuufi hojii gaariitiif hinaafuuf murtoo godhe. Obboleessi kun tarkaanfii garabiraas fudhateera. Hojiisaa wajjin haala wal qabateen Intarneetiitti fayyadamuu kan qabu si’a ta’u, meeshaa kanatti yommuu haati manaasaa jirtu qofa itti fayyadamuuf murteesseera. 12:9
Faayidaa Amala Gaarii
16, 17. Amalli gaariin qabnu warra kaanirratti dhiibbaa akkamii geessisuu danda’a? Fakkeenya kenni.
16 Dargaggoonni tajaajila Yihowaarratti bobba’an amala gaarii kan qaban si’a ta’u, kunimmoo warra isaan ilaalan baay’ee ajaa’ibsiisa! (1 Phexros 2:12 dubbisi.) Namichi tokko, meeshaa maxxansaa suphuudhaaf Bet’el magaalaa Landanitti argamutti guyyaa tokko erga dabarsee booda, ilaalchi inni Dhugaa Baatota Yihowaatiif qabu guutummaatti jijjiirame. Haati manaasaa isheen obboleettii tokkoo wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa turte, ilaalchi abbaa manaashee jijjiiramuusaa hubatte. Sana dura, Dhugaa Baatonni manasaa akka dhaqan hin barbaadu ture. Haata’u malee obboloonni gaarummaadhaan waan isa qabaniif, yommuu Bet’elitti hojjetee deebi’u, irra deddeebi’ee isaan dinqisiifata ture. Isaan keessaa namni wanta gadhee dubbatu akka hin jirre ibse. Hundisaanii obsaafi nagaa kan qabanidha. Keessumaa, dardarriifi shamarran yeroofi humnasaaniitti fayyadamanii, hojii misiraachicha babal’isuu deggeruuf mindaa malee hojjetan arguunsaa isa ajaa’ibsiiseera.
17 Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni wanta maatiisaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf hojiisaanii garaa guutuudhaan hojjetu. (Qol. 3:23, 24) Kunimmoo yeroo baay’ee, namoonni isaan hojjechiisan ciminaan akka hojjetan waan beekaniifi isaaniinis dhabuu waan hin barbaanneef, obboloonni kun hojiirraa ari’amna jedhanii akka hin shakkine godha.
18. “Warra hojii gaariitiif hinaafan” ta’uu kan dandeenyu akkamitti?
18 Mana Yihowaatiif akka hinaafnu karaa itti argisiisnu keessaa tokko tokko, Yihowaatti amanamuu, qajeelfamasaatiif ajajamuufi bakkawwan walga’ii keenyaa akka gaariitti qabuudha. Kana malees, hanga dandeenye hojii lallaba Mootummichaafi duuka buutota gochuurratti guutummaatti hirmaachuu barbaanna. Dargaggootas taane maanguddoota, seerawwan bu’uuraa qulqullummaadhaaf ba’aniifi waaqeffannaa keenyaa wajjin walitti dhufeenya qabaniin jiraachuuf carraaqqii cimaa gochuudhaan, eebba hedduu arganna. “Warra hojii gaariitiif hinaafan” ta’uudhaan beekamuu keenya itti fufna.—Tit. 2:14.
Dhimmawwan armaan gadii ilaalchisee Macaafa Qulqulluufi namoota yeroo ammaatti fakkeenya nuu ta’anirraa maal baratte?
• hinaaffaadhaan lallabuufi barsiisuu ilaalchisee
• dargaggoonni Kiristiyaana ta’an akkamitti ‘hojii gaariitiif hinaafuu’ akka danda’an
• amalawwan gadhee mo’uu ilaalchisee
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 13rra jiru]
Yeroo hunda tajaajilarratti Macaafa Qulqulluu ni fayyadamtaa?
[Fakkii fuula 15rra jiru]
Mana barumsaatti afaan garabiraa barachuun keessan, tajaajila keessan bal’isuuf isin gargaara