Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fakkeenya Yesus Hordofuudhaan Jaalalaan Barsiisaa

Fakkeenya Yesus Hordofuudhaan Jaalalaan Barsiisaa

Fakkeenya Yesus Hordofuudhaan Jaalalaan Barsiisaa

“Akka namicha kanaatti takkaa namni dubbatee hin beeku”—YOH. 7:46.

1. Akkaataa Yesus itti barsiisu ilaalchisee namoonni maal jedhan?

YOMMUU Yesus barsiisu utuu dhageesseetta ta’ee hammam akka gammaduu mee yaadi! Macaafni Qulqulluun namoonni isa dhaggeeffatan maaltu akka isaanitti dhaga’amee ture hamma tokko ibsa kenna. Fakkeenyaaf barreessaan Wangeelaa Luqaas, namoonni magaalaa Naazireet ‘dubbii gaarii afaansaa keessaa ba’u dinqisiifachuusaanii’ ibseera. Maatewosis namoonni Yesus Lallabasaa isa Gaararraa yommuu dhaggeeffatan, “barsiisa isaa in dinqisiifatan” jedheera. Yohannisimmoo eegdonni Yesusiin akka qabaniif ergaman isa hin qabin kan deebi’an maaliif akka ta’e yommuu ibsu, “Akka namicha kanaatti takkaa namni dubbatee hin beeku” jedheera.—Luq. 4:22; Mat. 7:28; Yoh. 7:46.

2. Malawwan Yesus barsiisuuf itti fayyadamee maalfa’i?

2 Eegdonni sun hin dogoggorre. Yesus Barsiisaa guddicha namoota hamma har’aatti jiraatan hundarra caalu akka ture homaa hin shakkisiisu. Karaa ifaafi salphaa ta’e, akkasumas ragaa haaluun hin danda’amnerratti hundaa’ee barsiisa ture. Fakkeenyawwaniifi gaaffiiwwanitti akka gaariitti fayyadameera. Namoonni bakka guddaa qabaatanis qabaachuu baatanis, akka haalasaaniitiif mijaa’utti barsiisa ture. Dhugaan inni barsiise hubachuuf salphaa ta’us gad fageenya kan qabu ture. Wantoonni Yesus Barsiisaa guddicha akka ta’u godhan garuu kana qofa miti.

Amalli Hundarra Caalu Jaalaladha

3. Akkaataan Yesus itti barsiise geggeessitoota amantii barasaa turanirraa adda kan ture akkamitti?

3 Barsiisota seeraafi Fariisota keessaa namoonni hayyoota ta’anis ta’e warra kaan barsiisuuf beekumsaafi ogummaa qaban akka turan beekamaadha. Akkaataa Yesus itti barsiise isaanirraa baay’ee adda kan taasise maalidha? Geggeessitoonni amantii yeroo sana turan, namoota bakka guddaa hin qabneef jaalala hin qaban turan. Isaan tuffachuusaaniirrayyuu, “abaaramoo” jedhanii isaan waamu. (Yoh. 7:49) Haala kanarraa adda ta’een, Yesus “akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii” waan turaniif isaanii gadda ture. (Mat. 9:36) Yesus jaalala ho’aa kan qabu, kan namaa gadduufi oo’a qabeessa ture. Geggeessitoonni amantii sun Waaqayyoof jaalala dhugaa hin qaban. (Yoh. 5:42) Yesus garuu Abbaasaa ni jaallata, fedhasaa raawwachuuttis ni gammada ture. Geggeessitoonni amantii sun dubbii Waaqayyoo akka isaaniif ta’utti jal’isu turan; Yesus garuu barsiisuu, faayidaasaa ibsuu, isaaf falmuufi seerawwan bu’uuraasaatiin jiraachuudhaan “dubbii Waaqayyoo” akka jaallatu argisiiseera. (Luq. 11:28) Eeyyee, wanti Kiristos barsiise, akkaataa inni itti namoota qabeefi akkaataan inni itti barsiise jaalala guddaa akka qabu kan argisiisudha.

4, 5. (a) Jaalalaan barsiisuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Barsiisuurratti beekumsiifi dandeettiin ittiin barsiisuus barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

4 Nutoo gama kanaan akkamidha? Duuka buutota Kiristos waan taaneef, tajaajilarrattis ta’e jireenya keenyaan fakkeenyasaa hordofuu barbaanna. (1 Phe. 2:21) Kanaaf, kaayyoon keenya inni guddaan beekumsa Macaafa Qulqulluu barsiisuu qofa utuu hin ta’in, amalawwan Yihowaa, keessumaa jaalalasaa argisiisuudha. Beekumsa guddaa ykn xinnoo, dandeettii barsiisuu guddaa ykn xinnoo qabnus qabaachuu baannus, garaa namoota tuquuf kan nu dandeessisu jaalala argisiisnudha. Hojii bartoota gochuurratti caalaatti bu’a qabeeyyii ta’uuf, fakkeenya Yesus hordofuudhaan jaalalaan barsiisuu qabna.

5 Barsiisaa gaarii ta’uuf, wanta barsiisnu akka gaariitti beekuufi dandeettii beekumsa kana warra kaaniif hiruuf nu dandeessisu qabaachuunis nu barbaachisa. Akkuma Yesus bartoonnisaa wantoota kana lamaan akka guddifatan gargaare, har’as Yihowaan karaa jaarmiyaasaa ogummaa ittiin barsiisnu akka guddifannu nu gargaara. (Isaayaas 54:13; Luqaas 12:42 dubbisi.) Ta’us, beekumsaan qofa utuu hin ta’in jaalalaanis barsiisuuf carraaqqii gochuu qabna. Yommuu barsiisnu beekumsa, dandeettii barsiisuufi jaalalaan kan fayyadamnu taanaan, bu’aansaa caalaatti kan nama gammachiisu ta’uu danda’a. Maarree, yommuu barsiisnu jaalala argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? Yesusiifi bartoonnisaa kana kan godhan akkamitti? Mee haa ilaallu.

Yihowaa Jaallachuu Qabna

6. Waa’ee nama jaallannuu akkamitti dubbanna?

6 Waa’ee wantoota jaallannuu dubbachuun nu gammachiisa. Waa’ee wanta jaallannuu yommuu dubbannu gammachuun keenyas ta’e jaalalli nuti wanta sanaaf qabnu ifatti namootatti mul’achuu danda’a. Keessumaa waa’ee nama jaallannuu yommuu dubbannu wanti kun dhugaa ta’uunsaa ifatti mul’ata. Yeroo baay’ee waa’ee nama sanaa wanta beeknu warra kaanitti himuun nu gammachiisa. Nama sana ni jajna, ni kabajna, akkasumas ni falminaaf. Kana kan goonu warri kaanis nama sanaatti akka dhihaataniifi akkuma keenya amalawwansaa akka jaallatan waan barbaannuufidha.

7. Jaalalli Yesus Waaqayyoof qabu maal gochuuf isa kakaaseera?

7 Warri kaan Yihowaa akka jaallatan gochuu keenya dura, nuti isa beekuufi isa jaallachuu qabna. Waaqeffannaan dhugaa jaalala Waaqayyoof qabnurratti kan hundaa’edha. (Mat. 22:36-38) Gama kanaan, Yesus fakkeenya gaarii nuu ta’a. Garaa, jireenyaafi yaadasaa guutuudhaan Yihowaa jaallata ture. Yesus Abbaasaa isa samii wajjin waggoota biliyoonaan lakkaa’amaniif waan jiraateef, akka gaariitti isa beekeera. Waggoota hedduu isaa wajjin dabarsuunsaa bu’aa maalii isaaf argamsiise? Yesus, ‘Ani Abbaa nan jaalladha’ jedheera. (Yoh. 14:31) Jaalalli kunis wantoota inni dubbateefi hojjete hundarratti mul’ateera. Jaalalli inni Abbaasaatiif qabu, yeroo hundaa wantoota Waaqayyoon gammachiisan akka hojjetu isa kakaaseera. (Yoh. 8:29) Geggeessitoota amantii Waaqayyoon bakka buuna jedhanii sobaan dubbatan akka balaaleffatu isa taasiseera. Akkasumas, waa’ee Yihowaa akka dubbatu, warri kaan Waaqayyoon akka beekaniifi akka jaallatan gargaaruuf isa kakaaseera.

8. Bartoonni Yesus jaalalli Waaqayyoof qaban maal gochuuf isaan kakaasee ture?

8 Bartoonni Yesus jaarraa jalqabaas, akkumasaa Yihowaa kan jaallatan si’a ta’u, jaalalli kunis misiraachicha ija jabinaafi hinaaffaadhaan akka lallaban isaan taasiseera. Geggeessitoonni amantii aboo guddaa qaban isaan mormanillee, barumsasaaniitiin Yerusaalemiin guutanii turan. Bartoonni wanta arganiifi dhaga’an dubbachuurraa duubatti jechuu akka hin dandeenye dubbataniiru. (HoE. 4:20; 5:28) Yihowaan akka isaanii wajjin jiruufi akka isaan eebbisu beeku turan; Innis dhugumaan isaan eebbiseera! Phaawulos ergamaan Yesus du’ee waggaa 30llee utuu hin guutin, misiraachichi “uumama hundumaatti lallabamee jira” jedhee barreessee ture.—Qol. 1:23.

9. Jaalala Waaqayyoof qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Nutis dhugumaan barsiisota bu’a qabeeyyii ta’uu barbaannaan, jaalalli Waaqayyoof qabnu cimaa akka adeemu gochuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Kadhannaadhaan Waaqayyootti dhihaachuudhaan kana gochuu dandeenya. Akkasumas, Dubbii isaa qayyabachuu, barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an dubbisuufi walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti hirmaachuudhaan jaalala Waaqayyoof qabnu guddifachuu dandeenya. Beekumsa Waaqayyootiin guddachaa yommuu adeemnu, garaan keenya jaalala isaaf qabnuun guutama. Jaalala kana dubbiifi gocha keenyaan yommuu ibsinummoo, warri kaan jaalala nuti Isaaf qabnu arganii Yihowaatti dhihaachuu danda’u ta’a.—Faarfannaa 104:33, 34 dubbisi.

Wanta Barsiisnu Jaallachuu Qabna

10. Mallattoon barsiisaa gaariin ittiin beekamu maalidha?

10 Mallattoon namni tokko barsiisaa gaarii ta’uusaa argisiisu, wanta barsiisu sana jaallachuusaati. Wanti barsiisu dhugaa, barbaachisaafi faayidaa kan qabu ta’uusaa itti amanuu qaba. Barsiisaan tokko wanta barsiisu kan jaallatu taanaan, miirri ho’aan inni wanta sanaaf qabu ifatti kan mul’atu ta’uusaarrayyuu namoota barsiisurratti dhiibbaa gaarii geessisa. Barsiisaan tokko wanta barsiisu kan hin dinqisiifanne taanaan garuu, bartoonnisaa wanta dhaga’aa jiraniif bakka guddaa kennu jedhee akkamitti eeguu danda’a? Dubbii Waaqayyoo barsiisuurratti fakkeenya ta’uunkee baay’ee barbaachisaadha. Yesus, namni tokko “guutummaatti erga barsiifamee, akka barsiisaa isaa ta’a” jedheera.—Luq. 6:40

11. Yesus wanta barsiisuuf jaalala qaba ture kan jennu maaliifi?

11 Yesus wanta barsiisu ni jaallata ture. Abbaasaa isa samii ilaalchisee, dhugaa gati jabeessa, jechuunis ‘dubbii Waaqayyoo,’ akkasumas “jireenya bara baraa” akka isaanii hiru beeka ture. (Yoh. 3:34; 6:68) Dhugaawwan Yesus barsiise, akka ifa guddaatti, wanta gadhee kan saaxilaniifi wanta gaariimmoo ifatti akka mul’atu kan taasisan turan. Dhugaawwan sun namoonni geggeessitoota amantii sobaafi Seexanaan gowwoomfamuudhaan cunqurfamanii turan, akkasumas gad of deebisan, abdiifi jajjabina akka argatan gargaaraniiru. (HoE. 10:38) Jaalalli Yesus dhugaadhaaf qabu barsiisasaatiin qofa utuu hin ta’in gochasaa hundarrattis mul’ateera.

12. Phaawulos ergamaan waa’ee misiraachichaa maaltu itti dhaga’ama ture?

12 Akkuma Yesus bartoonnisaas, dhugaa waa’ee Yihowaafi Kiristos dubbatu baay’ee kan jaallatan, akkasumas kan dinqisiifatan waan turaniif mormitoonni akka hin lallabne isaan dhowwuu hin dandeenye. Phaawulos Kiristiyaanota Roomaa jiraniif akkas jechuudhaan barreessee ture: “Ani . . . wangeela lallabuudhaaf dhimmamaa dha. Ani wangeelatti hin yeella’u, inni humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa, . . . fayyisuu dha.” (Rom. 1:15, 16) Phaawulos dhugaa labsuu ulfinaatti lakkaa’ee ture. “Badhaadhummaa Kristos isa bira ga’uun hin danda’amne, saba Waaqayyoo warra hin ta’initti misraachoo akkan lallabuuf ayyaanni kun anaaf kennameera” jechuudhaan barreesseera. (Efe. 3:8) Phaawulos waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa dinqisiifannaadhaan warra kaan akka barsiise hubachuun rakkisaa miti.

13. Misiraachicha jaallachuuf sababiiwwan akkamii qabna?

13 Misiraachoon Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu, Uumaa keenya akka beeknuufi isaa wajjin walitti dhufeenya jaalalarratti hundaa’e akka qabaannu nu gargaara. Misiraachoon kun gaaffiiwwan gurguddaa jireenya keessatti ka’aniif deebii quubsaa, humna jireenya keenya jijjiiruuf nu dandeessisuufi abdii kan nuu kennu ta’uusaarrayyuu, yeroo rakkinaatti jabaannee dhaabachuuf nu gargaara. Kana malees, karaan jireenya kaayyoo qabuufi gara jireenya barabaraatti geessu kam akka ta’e nutti argisiisa. Misiraachicha caalaa beekumsi gati jabeessaafi barbaachisaa ta’e hin jiru. Misiraachoon nuu kenname kennaa gatiinsaa hangana hin jedhamneefi gammachuu guddaa nuu argamsiisudha. Kennaa kana warra kaaniif hiruun keenyammoo gammachuu dabalataa nuu argamsiisa.—HoE. 20:35.

14. Jaalala wanta barsiisnuuf qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Jaalala misiraachichaaf qabdu caalaatti cimsachuuf maal gochuu dandeessa? Dubbii Waaqayyoo yommuu dubbistu gidduutti wanta dubbisterratti xiinxali. Fakkeenyaaf, yommuu Yesus tajaajilaa ture isaa wajjin akka jirtu ykn yommuu Phaawulos adeemu isaa wajjin akka jirtu godhii yaadi. Addunyaa haaraa keessa akka jirtutti of ilaaliitii, jireenyi achi keessaa isa ammaarraa hangam adda akka ta’e yaadi. Misiraachichaaf ajajamuu keetiin eebbawwan argatterratti xiinxali. Jaalalli misiraachichaaf qabdu cimaa ta’ee akka itti fufu yoo goote, warri ati barsiistus jaalala akkasii akka qabaatan goota. Kanaaf, wanta barannerratti gad fageenyaan xiinxaluufi wanta barsiisnuuf xiyyeeffannaa kennuuf sababii ga’aa akka qabnu beekamaadha.—1 Ximotewos 4:15, 16 dubbisi.

Namoota Jaallachuu Qabna

15. Barsiisaan tokko barattootasaa jaallachuu kan qabu maaliifi?

15 Barsiisaa gaariin tokko, barattoonnisaa barumsicharratti akka hirmaataniifi gammachuudhaan yaadasaanii akka ibsaniif jecha akka tasgabbaa’aan godha. Barsiisaan jaalala qabeessa ta’e tokko barattootasaatiif garaadhaa waan yaaduuf beekumsa hiraaf. Fedhiifi sadarkaa hubannaa barattootasaa tilmaama keessa galchuudhaan barsiisa. Dandeettiifi haala barattootasaa xiyyeeffannaa keessa galcha. Barsiisonni jaalala akkasii qabaachuusaanii barattoonni kan hubatan ta’uusaaniirrayyuu, baruufi barsiisuun gammachiisaa akka ta’u godha.

16. Yesus namoota akka jaallatu kan argisiise karaawwan kamiini?

16 Yesus jaalala akkasii argisiiseera. Warri kaan jireenya akka argataniif jecha lubbuusaa isa mudaa hin qabne aarsaa gochuudhaan jaalala hundarra caalu argisiiseera. (Yoh. 15:13) Yesus yeroo hundumaa waa’ee Abbaasaa namoota barsiisuufi gargaaruuf qophaa’aa ture. Namoonni garasaa akka dhufan eeguu mannaa, misiraachicha isaanii lallabuuf kiilomeetira dhibbaan lakkaa’aman miillaan deemeera. (Mat. 4:23-25; Luq. 8:1) Kan namaa obsuufi kan nama hubatu ture. Yeroo bartoonnisaa sirreeffamni isaan barbaachisetti jaalalaan isaan sirreesseera. (Mar. 9:33-37) Misiraachicha akka gaariitti akka lallaban akka isaan amanu ibsuudhaan isaan jajjabeesseera. Yesus caalaa barsiisaan jaalala qabu hamma yoonaatti hin argamne. Jaalalli inni bartootasaatti argisiise, isaanis akka isa jaallataniifi abboommiisaa akka eegan kakaaseera.—Yohaannis 14:15 dubbisi.

17. Bartoonni Yesus namootaaf jaalala akka qaban kan argisiisan akkamitti?

17 Bartoonni Yesusis akkumasaa namoota lallabaniif jaalala guddaa akka qaban argisiisaniiru. Ari’atamni kan isaanirra ga’eefi du’aaf kan saaxilaman ta’us, warra kaan tajaajiluufi hojii misiraachicha lallabuu galmaan ga’aniiru. Namoota misiraachicha fudhataniif jaalala guddaa qabu turan. Jechi Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesse jaalalasaa kan ibsudha: “Nuyi akka ergamoota Kristositti ulfaatoo ta’uu utuma dandeenyuu, akka haadha ijoollee ishee ofitti qabduutti isin gidduu jiraanne. Firoomaaf baay’ifnee isin in yaadna; sababii isin jaallannuuf wangeela Waaqayyoo duwwaa utuu hin ta’in, lubbuu keenyas immoo isiniin ga’uun nutti in tola.”—1 Tas. 2:7, 8.

18, 19. (a) Hojii lallabaa raawwachuuf fedhiidhaan aarsaa gochuu kan qabnu maaliif? (b) Jaalala nuti argisiisnu namoonni akka hubatan muuxannoo argisiisu tokko caqasi.

18 Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo har’aatti argamanis, namoota Waaqayyoon beekuufi isa tajaajiluu hawwan argachuuf addunyaa maratti lallabaa jiru. Waggoottan 17 darbanitti utuu walirraa hin kutin hojii lallabuufi bartoota gochuurratti waggaatti sa’aatii biliyoona tokkoo ol dabarsineerra; gara fuulduraattis hojii kanarratti hirmaachuu keenya itti fufna. Hojii lallabaarratti hirmaachuun yeroo, humnaafi qabeenya keenya aarsaa gochuu gaafatus, fedhiidhaan hojii kana raawwanna. Akkuma Yesus nutis Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa ta’e, namoonni beekumsa jireenya barabaraa argamsiisu akka argatan akka barbaadu beekna. (Yoh. 17:3; 1 Xim. 2:3, 4) Jaalalli, namoonni garaa qajeelaa qaban akkuma keenya Yihowaa akka beekaniifi akka jaallatan gargaaruuf nu kakaasa.

19 Namoonni jaalala nuti argisiisnu ni hubatu. Fakkeenyaaf, qajeelchituun Yuunaayitid Isteetis jiraattu tokko namoota michootasaanii du’aan dhaban jajjabeessuuf xalayaa barreessiti. Namni tokkos akkas jechuudhaan deebisee barreesseefii ture: “Jalqabarratti, namni tokko nama matumaa hin beekne rakkinasaa akka danda’u gargaaruuf xalayaa barreessuuf carraaqqii akkasii godhu jiraachuunsaa baay’ee na ajaa’ibsiisee ture. Namootaafi Waaqayyo isa karaa jireenyarra namoota geggeessuuf jaalala akka ati qabdu hubachuu danda’eera.”

20. Jaalalaan barsiisuun hangam barbaachisaadha?

20 Jaalalliifi dandeettiin yommuu walitti dabalamu hojii guddaa hojjechuu dandeessa jedhama. Hojii barsiisuu keenyaan, barattoonni keenya Yihowaa akka beekaniifi garaasaaniitii akka isa jaallatan gargaaruu barbaanna. Eeyyee barsiisota bu’a qabeeyyii ta’uuf Waaqayyoon, dhugaafi namoota jaallachuu nu barbaachisa. Jaalala akkasii akka qabnu tajaajila keenyarratti yommuu argisiisnu, gammachuu kennuurraa argamu kan dhamdhamnu ta’uu keenyarrayyuu, fakkeenya Yesus akka hordofnuufi Yihowaa gammachiisaa akka jirru beekuun gammachuu dabalataa nuu argamsiisa.

Maal Jettee Deebista?

• Misiraachicha yommuu lallabnu:

–Waaqayyoon,

–wanta barsiisnu,

–namoota barsiisnu

jaallachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Akkaataa Yesus itti barsiise, barsiisota seeraafi Fariisotarraa adda kan taasise maalidha?

Barsiisaa gaarii ta’uun, beekumsa, dandeettii barsiisuu, caalaattimmoo jaalala qabaachuu gaafata