“Guyyaa Itti Misiraachoo Himan” Kanatti Wantoota Yaada Namaa Hiranirraa Fagaadhaa
“Guyyaa Itti Misiraachoo Himan” Kanatti Wantoota Yaada Namaa Hiranirraa Fagaadhaa
NAMOONNI dhukkuba lamxiitiin qabaman afur filannoo qabanirratti yaadaa jiru. Karra magaalaa biratti namni waa isaanii kennu hin jiru ture. Namoonni magaalattii akka harka kennan ykn akka beela’aniif jecha, Asoronni nyaanni gara Samaariyaatti akka hin galle dhowwanii turan. Gatiin nyaataa baay’ee mi’aa waan ta’eef gara magaalattiitti seenuun faayidaa hin qabu. Iddoo tokkotti namoonni akka foon namaa nyaatan gabaafameera.—2 Mot. 6:24-29.
Namoonni dhukkuba lamxiitiin qabaman sun ‘dhumuun keenya erga hin oollee gara buufata warra Sooriyaa maaliif hin dhaqnu’ jedhanii yaadan. Dukkana dawoo godhatanii dimimmisa galgala sanaa adeemuu jalqaban. Yommuu buufaticha bira ga’an sagaleen tokkoyyuu hin dhaga’amu. Namni eegu tokkollee hin jiru. Fardeeniifi harroonni kan hidhaman ta’us loltoonni bira hin jiran. Arfanuu dunkaana tokko keessa ilaalani. Namni tokkoyyuu kan hin jirre ta’us, nyaanniifi dhugaatiin keessa guuteera. Isaanis ni nyaatan ni dhuganis. Namoonni kun warqee, meetii, uffataafi wantoota gati jabeeyyii gara biraas ni argan. Achiis wantoota kana guurratanii dhokfatan; ammas kan biraa dabalachuu dhufan. Buufatichi guutummaatti gadhiifamee ture. Yihowaan warri Sooriyaa dinqiidhaan sagalee konkolaataa, sagalee fardeeniifi sagalee loltootaa akka dhaga’an godhee ture. Warri Sooriyaa waraanni akka isaanirratti banamaa jiru waan yaadaniif baqatanii turan. Wanti hundumaa nama fudhachuu barbaaduuf lafatti hafee ture!
Namoonni dhukkuba lamxiitiin qabaman sun wantoota gati jabeeyyii ta’an fudhatanii dhokfataniiru. Haata’u malee, namoota Samaariyaa beela’aa jiran yaadachuunsaanii yaanni garaasaanii akka isaan ceepha’u taasise. Akkas waliin jechuutti ka’an: “Guyyichi guyyaa itti misraachoo himan waan ta’eef, nuyi har’a calluma jechuu keenyaan waan gaarii hin hojjenne!” Namoonni sun saffisaan gara Samaariyaatti deebi’uudhaan waan argatan ilaalchisee misiraachoo isaanitti himan.—2 Mot. 7:1-11.
Nutis kan jiraannu “guyyaa itti misraachoo himan” keessadha jechuun ni danda’ama. Yesus, “Milikkinni . . . dhuma barichaa” inni guddaan maal akka ta’e yommuu ibsu akkas jedhee ture: “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli [“misiraachoon,” NW] mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.” (Mat. 24:3, 14) Raajiin kun hiika maalii nuuf qaba?
Dhimmaawwan Dhuunfaafi Yaaddoon Jireenya Ba’aa Nutti Ta’uu Danda’u
Namoonni dhukkuba lamxiitiin qabaman sun wanta argatanitti baay’ee waan gammadaniif yeroo muraasaaf Samaariyaa kan irraanfatan ta’uusaaniirrayyuu, wanta argatanirratti xiyyeeffatanii turan. Nuunoo haalli akkasii nu mudachuu danda’aa? “Beelli” milikkita dhuma barichaa keessaa tokkodha. (Luq. 21:7, 11) Yesus, ‘Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba’aa akka hin finne of eeggadhaa’ jechuudhaan bartootasaa akeekkachiiseera. (Luq. 21:34) Kiristiyaanota waan taaneef, dhimmawwan dhuunfaafi yaaddoon jireenyaa guyyaa guyyaan nu mudatu, “guyyaa itti misraachoo himan” keessa kan jiraannu ta’uu keenya akka nu dagachiisu akka hin heyyamne of eeggachuu qabna.
Kiristiyaanni Bilasiingi jedhamtu tokko dhimmawwan dhuunfaafi yaaddoon jireenyaa ba’aa akka isheetti ta’an hin heyyamne. Qajeelchaa taatee tajaajilaa kan turte si’a ta’u, erga barumsashee xumurtee boodas obboleessa Bet’el keessa tajaajilu tokkotti heerumte, achiis miseensa maatii Bet’el isa Beeniin jiruu taate. Akkas jetti: “Hojiinkoo mana qulqulleessuu yommuu ta’u isas baay’een jaalladha.” Bilasiingi waggoottan 12 tajaajila yeroo guutuurratti
dabarsite yeroo yaadattu kan hin gaabbine ta’uusheerrayyuu, “guyyaa itti misraachoo himan” kanarratti xiyyeeffachuusheetti gammachuu guddaatu itti dhaga’ama.Wantoota Yeroo Keessan Isin Jalaa Fudhatanirraa of Eeggadhaa
Yesus bartootasaa 70 yommuu ergu akkas isaaniin jedhee ture: “Midhaan sassaabamu danuu dha; hojjetoonni sassaaban garuu muraasa. Kanaafis hojjetoota midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa.” (Luq. 10:2) Yeroo midhaan sassaabamutti yeroo balleessuun akkuma midhaanichi akka badu godhu, hojii misiraachoo lallabuutiif xiyyeeffannaa kennuu dhiisuunis lubbuun namootaa akka badu taasisa. Yesus itti fufuudhaan, “karaa irrattis eenyuun illee nagaa gaafachuuf hin dhaabatinaa” kan jedhe kanumaaf ture. (Luq. 10:4) Afaan jalqaba ittiin barreeffameen jechi “nagaa gaafachuu” jedhu, “harka fuune!” ykn “akkam!” jechuu caalaa waan dabalatu qaba. Yeroo hiriyaa tokko wajjin wal argan wal hammachuufi yeroo dheeraadhaaf odeessuu kan dabalatu ta’uu danda’a. Yesus wantoota yeroo hedduu fudhatanirraa akka fagaataniifi yeroosaanii irra caalaasaa akka gaariitti akka itti fayyadaman kan ajaje kanaaf ture. Ergaan isaan lallaban ariifachiisaa ture.
Wantoonni yeroo fudhatan yeroo hammamii akka balleessan yaadaa. Waggoota dheeraadhaaf biyyoota hedduutti Televijinii caalaa wanti namoonni yeroosaanii irratti dabarsan hin jiru ture. Haata’u malee, moobaayiliifi kompiitarii ilaalchisee maal jechuutu danda’ama? Qorannoon Biritaaniyaa keessatti namoota ga’eessota ta’an 1,000rratti godhame akkas jedha: “Namoota Biritaaniyaa keessa jiraatan keessaa walakkaan bilbila bilbiluudhaan guyyaatti daqiiqaa 88, moobaayiliidhaan odeessuun daqiiqaa 62, e-meelii erguudhaan daqiiqaa 53, moobaayiliin ergaa erguudhaan daqiiqaa 22 dabarsu.” Sa’aatiin isaan wantoota kanarratti dabarsan sa’aatii guyyaatti utuu qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajilanii dabarsan dachaa lama caala! Atoo bilbila bilbiluu, e-meelii erguufi moobaayiliin ergaa erguudhaan yeroo hammamii dabarsita?
Ernastiifi Hildeegarti Zaliigar yeroosaanii of eeggannoodhaan itti fayyadamu turan. Lamaanuu manneen hidhaa Kooministiifi kaampii Naazii hojiin humnaa itti hojjetaman keessatti waggoota 40 ol dabarsaniiru. Erga achii ba’anii boodaa hamma jireenyasaanii isa lafarraa xumuranitti qajeelchaa ta’anii tajaajilaniiru.
Namoonni baay’een Ernastiifi Hildeegarti Zaliigarii wajjin xalayaa walii barreessuu barbaadu turan. Abbaan manaafi haati manaa kun yeroosaanii xalayaa barreessuufi dubbisuutti dabarsuu danda’u turan. Isaan garuu, dhimmawwan hafuuraa jireenyasaanii keessatti iddoo guddaa akka qabaatan godhaniiru.
Dhugaadha, hundi keenya namoota jaallannuu wajjin xalayaa walii barreessuufi walii bilbiluun nutti tola; kunis dogoggora hin qabu. Hojii guyyaa guyyaan hojjennu gidduutti wantoota of eeggannoodhaan filatamanirratti yeroo dabarsuun keenya faayidaa qaba. Haata’u malee, guyyaa misiraachoo lallabnu kanatti wantoota yeroo keenya guban dammaqinaan to’achuun barbaachisaadha.
Guutummaatti Misiraachoo Lallabaa
“Guyyaa itti misiraachoo himan” keessa jiraachuun eebba guddaa mitii? Akkuma namoonni dhukkuba lamxiitiin qabaman arfan jalqabarratti godhan xiyyeeffannaan keenya akka fudhatamu gochuurraa of haa qusannu. Isaan dhumarratti, “nuyi . . . waan gaarii hin hojjenne!” jechuusaanii yaadadhaa. Haaluma wal fakkaatuun nuyis, dhimmaawwan dhuunfaafi yaaddoon jireenyaa ykn wantoonni yeroo keenya nu jalaa fudhatan tajaajilarratti guutummaatti akka hin hirmaanne nu dhowwuu hin qaban.
Gama kanaan fakkeenya gaarii hordofnu qabna. Phaawulos ergamaan tajaajilasaa waggaa 20f raawwate ilaalchisuudhaan, ‘guutummaatti wangeela Kiristos lallabeera’ jechuun barreesseera. (Rom. 15:19) Phaawulos waan tokkollee hinaaffaasaa akka qabbaneessu hin heyyamne. “Guyyaa itti misiraachoo himan” kanatti ergaa Mootummichaa yommuu lallabnu akkumasaa hinaaffaa haa qabaannu.
[Fakkii fuula 28rra jiru]
Bilasiingi dhimmi dhuunfaafi yaaddoon jireenyaa tajaajila yeroo guutuu akka ishee dhowwu hin heyyamne
[Fakkii fuula 29rra jiru]
Ernastiifi Hildeegarti Zaliigar yeroosaaniitti akka gaariitti fayyadamaniiru