Ni Yaadattaa?
Ni Yaadattaa?
Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti ba’an dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:
• Mucaan du’ee dhalate, du’aa ka’uuf abdii qabaa?
Jireenyi mucaa tokkoo yommuu garaatti hafe kaasee jalqaba. Macaafni Qulqulluun “Waaqayyoof wanti hundinuu in danda’ama” waan jedhuuf, Yihowaan namoota umrii kamirrayyuu jiran du’aa kaasuu ni danda’a. (Mar. 10:27) Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun mucooliin dhalachuusaanii dura du’an ni ka’u jedhee kallattiidhaan hin ibsu.—4/15, ful. 12, 13.
• Mixii, osolee, hawaannisaafi loccuurraa barumsa gaarii akkamii arganna?
Arfanuu uumamumaan ogummaa kan qaban ta’uunsaanii ogummaa Waaqayyoo mul’isa. (Fak. 30:24-28)—4/15, ful. 16-19.
• Waggaa dhibba dura, bara 1909tti seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti wanta bakki guddaan kennamuuf maaliitu raawwatame?
Waajjirri muummee Dhugaa Baatota Yihowaa, Waach Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitii jedhamuun beekamuufi seera qabeessa ta’e, Piitisbargi, Pensilvaaniyaadhaa gara Biruukiliin, Niiwu Yoorki bakka amma itti argamutti kan jijjiirame bara 1909tti ture.—Ado-Ful. 16-20.
• Macaafni Qulqulluun calluma jechuun yeroon itti gaarii ta’u akka jiru kan dubbatu maaliifi?
Calluma jechuun ulfina, ogummaafi hubannaa argisiisuuf, akkasumas xiinxaluuf kan gargaaru ta’uusaa argisiisa. (Far. 37:7; 63:6; Fak. 11:12)—5/15, ful. 3-5.
• Mootonni Yihudaa, waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa guddaa akka qaban argisiisan meeqa turan?
Mootota kibba Yihudaa bulchaa turan kudha sagal keessaa, waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa guddaa akka qaban kan argisiisan mootota afur qofa turan. Isaanis Aasaa, Yoshaafaax, Hisqiyaasiifi Yosiyaas turan.—6/15, ful. 7-11.
• Kiristiyaanonni dibamoon hundi nyaata hafuuraa qopheessuurratti ni hirmaatuu?
Lakki. Namoonni hafuura Waaqayyootiin dibaman hundi kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa ta’aniyyuu, nyaata hafuuraa qophaa’u olaantummaadhaan kan to’atu garuu Qaama Olaanaadha.—6/15, ful. 22-24.
• Akkaataa Yesus itti barsiise akkaataa geggeessitoonni amantii yeroo sana turan itti barsiisanirraa baay’ee adda kan taasise jaalaladha kan jennu maaliiifi?
Geggeessitoonni amantii sun namoota bakka guddaa hin qabneef jaalala kan hin qabane ta’uusaanirrayyuu, akka abaaramootti isaan ilaalu turan. Waaqayyoofis jaalala dhugaa hin qaban turan. Yesus garuu Abbaasaa kan jaallatu ta’uusaarrayyuu, namootaaf ni oo’a ture. (Mat. 9:36) Akkasumas jaalala ho’aa kan qabu, kan namaa gadduufi gara laafessa ture.—7/15, ful 15.
• Muuxannoo
Obboloonni magaalaa Maachikiis, naannoo fagoo baha Veenezuweelaa yeroo baay’ee itti hin lallabneefi daangaa Kolombiyaatti dhihoo jirutti lallabaa turan. Namoonni hundumtuu ni dhaggeeffatu turan! Dura taa’aan haawaasa Yuukuppaa ayyaanni yaadannoo yeroo jalqabaatiif bakka kanatti akka kabajamuuf obbolootaaf ni heyyame. Namoonni ollaa sana jiraniifi manni barumsaa naannoo sana jirummoo teessuma kan kennaniif si’a ta’u, namoonni 200 ayyaana kanarratti argamaniiru. Walga’ichi erga xumuramee booda, dura taa’aan sun hawaasicha bakka bu’ee karaa ulfina qabuun akkas jedhe: “Dhugaa Baatota Yihowaa garaadhaa galateeffachuu barbaanna. Yeroo gara biraas deebitanii akka dhuftan abdii qabna. Dhugaa waan nu barsiistaniif deebitanii utuu dhuftanii akka gaariitti isin simanna!” Yeroo ammaattis namoonni 50 ol ta’an Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jiru.