Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Obboloota Keessan Warra Gurrisaanii Hin Dhageenyeef Bakka Guddaa Kennaa!

Obboloota Keessan Warra Gurrisaanii Hin Dhageenyeef Bakka Guddaa Kennaa!

Obboloota Keessan Warra Gurrisaanii Hin Dhageenyeef Bakka Guddaa Kennaa!

SABNI Waaqayyoo yeroo har’aatti argaman, maatii bal’aa obboloota hafuuraa qabu si’a ta’an, hiddi dhalootaasaanii hanga dhiirotaafi dubartoota bara durii jiraataniitti lakkaa’amuu danda’a. Isaanis, Saamu’el, Daawit, Samson, Rahaab, Musee, Abrahaam, Saaraa, Nohifi Abeeliin kan dabalatanidha. Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo ta’an keessaa namoonni gurrisaanii hin dhageenye hedduun jiru. Fakkeenyaaf, abbaan manaafi haati manaa Mongooliyaatti yeroo jalqabaatiif Dhugaa Baatota Yihowaa ta’an kan gurrisaanii hin dhageenye turan. Obboloota keenya warra amanamoo gurrisaanii hin dhageenyeefi Ruusiyaa keessa jiraataniin kan ka’es, Mana Murtii Mirga Namummaa Awurooppaatti karaa seeraa mo’icha arganneerra.

Bara keenyatti “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” afaan mallattootiin barreeffamoota ni qopheessa, akkasumas walga’ii gumii, addaa, aanaafi koonyaa ni gurmeessa. (Mat. 24:45) Qophiiwwan kunis namoota gurrisaanii hin dhageenye baay’ee fayyadaa jiru. * Haata’u malee, namoonni gurrisaanii hin dhageenye utuu qophiiwwan akkasii hin argatin waa’ee Waaqa dhugaa barachuufi dhugaa keessatti guddina argisiisuu akkamitti danda’u jettee gaafattee beektaa? Namoota gurrisaanii hin dhageenyeefi naannookee jiraatan gargaaruuf maal gochuu akka dandeessu yaaddee beektaa?

Qophiiwwan Bara Keenya Dura Turan

Maanguddoonni gurrisaanii hin dhageenyee tokko tokko akkamitti akka dhugaa dhaga’an utuu gaafate maal siin jedhu turan? Jalqaba Waaqayyo maqaa akka qabu yommuu baratan maal akka isaanitti dhaga’ame sitti himuu ta’a. Kana malees, dhugaawwan Caaffata Qulqullaa’oo gad fageenya qaban akka baratan gargaaruuf, sagantaan viidiyoo ykn DVD utuu hin qophaa’in duraa maqaa kana baruun qofti jireenyasaanii akkamitti akka jijjiireefi waggoota dheeraadhaaf dhugaa keessa turuuf akkamitti akka isaan gargaare sitti himuu ta’a. Walga’iiwwan Kiristiyaanaa afaan mallattootiin yeroo hin geggeeffamne ykn hin hiikamnetti haallisaa maal kan fakkaatu akka ture sii ibsuu danda’u. Wanta dubbatamaa jiru sana akka hubatan isaan gargaaruuf namni tokko isaan maddii taa’ee yaadannoo isaanii qaba ture. Obboleessi gurrisaa hin dhageenye tokko walga’iirratti afaan mallattootti hiikuun utuu hin jalqabamin waggaa torbaaf dhugaa kan barate karaa kanaan ture.

Dhugaa Baatonni gurrisaanii hin dhageenyeefi maanguddoota ta’an namoota “dhaga’aniif” lallabuun maal kan fakkaatu akka ture ni yaadatu. Waraqaa akkaataan dhiheenyaa gabaabaan irratti barreeffame harka tokkotti qabatanii manaa gara manaatti tajaajilu turan. Harka isa kaanittimmoo barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! haaraa ba’an qabatu turan. Barreeffamoota lamaanuu akka gaariitti hin hubanne qofatti fayyadamanii nama gurrisaa hin dhageenye tokkoo wajjin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun baay’ee ulfaataa ture. Babal’istoonni gurrisaanii hin dhageenyeefi maanguddoota ta’an dhugaawwan hafuuraa hubachuufi ibsuu dadhabuun hangam abdii akka nama kutachiisu ni yaadatu ta’a. Jaalala guddaa Yihowaaf utuu qabanii garaa guutuudhaan ibsuu dadhabuun miirri akkamii akka namatti dhaga’amu akka godhus beeku. Maaliif? Dhimma tokko ilaalchisee hubannaan qaban sirrii ta’uusaa mirkanaa’oo waan hin taaneefidha.

Gufuuwwan kun hundi jiraatanis obboloonni keenya gurrisaanii hin dhageenye amanamummaasaanii eegaa turaniiru. (Iyo. 2:3) Yihowaa hawwiidhaan eeggachaa turaniiru. (Far. 37:7) Amma garuu Yihowaan hanga baay’eensaanii eegaa turan caalaa isaan eebbiseera.

Carraaqqii obboleessi gurrisaa hin dhageenye kan abbaa manaafi abbaa ta’e tokko godhaa ture ilaali. Afaan mallattoo viidiyoodhaan dhihaachuusaa dura, amanamummaan qayyabannaa maatii geggeessa ture. Ilmisaa akkas jechuudhaan wanta yaadatu dubbata: “Wanti abbaankoo nu barsiisu hundi barreeffamootarraa waan fudhatamaniif qayyabannaa maatii geggeessuun yeroo hundaa isaaf ulfaataa ture. Yeroo baay’ee wanta barreeffamootarra jiru guutummaatti hin hubatu. Nuti ijoolleenimmoo qayyabannicha geggeessuun ulfaataa akka isatti ta’u goona turre. Yeroo inni wanta tokko sirriitti utuu hin ibsin hafutti dafnee isa sirreesina turre. Kun hundi ta’us yeroo hundaa qayyabannaa maatii geggeessa ture. Ingiliffa akka gaariitti utuu hin hubatin hafuusaatiin kan ka’e, qaanii yeroodhaaf isatti dhaga’amu caalaa waa’ee Yihowaa waan tokko barachuun keenya barbaachisaa akka ta’e isatti dhaga’ama.”

Fakkeenyi biraammoo obboleessa keenya Riichaard isa umrii 70mmanii keessatti argamudha. Obboleessi kun gurrisaa kan hin dhageenyeefi qaroonsaa kan hin argine si’a ta’u, Biruukiliin, Niwuu Yoork, Yuu.Ees.Ee. keessa jiraata. Riichaard yeroo hundaa walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuudhaan beekama. Walga’iiwwan kanarratti argamuuf baabura lafa jala adeemuun kan fayyadamu si’a ta’u, eessatti akka bu’ummoo bakka baaburichi itti dhaabatu lakkaa’uudhaan beeka. Ji’a gannaa tokko cabbiin garmalee waan bu’uuf walga’iin akka hafu godhamee ture. Warra gumii keessa jiran hundatti beeksisin kan himame ta’us, akka tasaa Riichaarditti utuu hin himamin hafe. Obboloonni dogoggora raawwatame hubachuudhaan Riichaardiin barbaadutti yommuu ka’an, Galma Mootummaa dura dhaabatee balballi hanga banamutti obsaan utuu eeggatuu argan. Cabbii keessaa maaliif akka dhufe yommuu isa gaafatan, “Waanan Yihowaa jaalladhuufidha” jedhee deebiseef.

Maal Gochuu Dandeessa?

Namoonni gurrisaanii hin dhageenye naannookee jiruu? Isaanii wajjin walii galuudhaaf hamma tokko afaan mallattoo barachuu ni dandeessaa? Namoonni gurrisaanii hin dhageenye yeroo baay’ee afaansaanii gaarummaafi obsaan namoota barsiisu. Nama gurrisaa hin dhageenye tokko karaa alidilee ta’een ykn tajaajilarratti argachuu dandeessa ta’a. Maal gochuu dandeessa? Walii galuuf yaalii godhi. Sochii qaamaan, barreessuudhaan, fakkiidhaan ykn wantoota kana walitti qabuudhaan itti fayyadamuu dandeessa. Namni sun dhugaadhaaf fedhii akka hin qabne kan argisiisu ta’ullee, nama sana haasofsiisuukee Dhugaa Baatuu gurrisaa hin dhageenyeefi afaan mallattoo beekuu tokkotti himi. Ergichi afaan mallattootiin nama gurrisaa hin dhageenye kanatti yoo himame caalaatti isa gammachiisuu danda’a.

Tarii afaan mallattoo barachaa akkasumas walga’ii afaan mallattootiin godhamurratti hirmaachaa jirta ta’a. Afaan kanaan caalaatti fayyadamuufi hubachuu kan dandeessu akkamitti? Obboloonni gumiikee keessa jiran kaan rakkina akkasii qabaachuu baatanillee afaan mallattootiin isaan haasofsiisuu maaliif hin yaaltu? Kana gochuunkee afaan mallattoo isa wanta ijaan argamutti fayyadamuudhaan dubbatamuun yaaduuf si gargaara. Yeroo tokko tokko afaan mallattootiin fayyadamuu mannaa afaaniin dubbachuun salphaa waan ta’uuf kana gochuuf qoramta ta’a. Haata’u malee, akkuma yommuu qooqa kamiyyuu barattu obsa qabaachuun si barbaachisu, afaan kana akka gaariitti barachuufis rakkina si mudatu danda’uu qabda.

Afaan mallattootti fayyadamuuf carraaqqii cimaa gochuun, jaalalaafi kabaja obboloota keenya gurrisaanii hin dhageenyeef qabnu argisiisa. Namoonni gurrisaanii hin dhageenye bakka hojiitti ykn mana barumsaatti wanta namoonni jedhan hubachuu dadhabuusaaniitiin hangam akka abdii kutatan mee yaadi. Obboleessi gurrisaa hin dhageenye tokko akkas jedheera: “Namoonni na bira jiran yeroo hundaa ni haasa’u. Yeroo baay’ee kophummaafi namoonni akka na hin barbaanne kan natti dhaga’amu ta’uusaarrayyuu baay’een aaraa. Wanta yeroo tokko tokko natti dhaga’amu guutummaatti ibsuu hin danda’u.” Walga’iiwwan keenya, bakka gammachiisaa obboloonni keenya gurrisaanii hin dhageenye nyaata hafuuraa itti argatan, akka gaariitti itti walii galaniifi hiriyoota itti argatan ta’uu qabu.—Yoh. 13:34, 35.

Tuutawwan xixinnoon gurrisaanii hin dhageenye hedduun gumiiwwan rakkina akkasii hin qabnee wajjin sassaabamanis dagatamuu hin qaban. Wanti walga’iirratti dhihaatu isaanii hiikama. Miseensonni gumii gurrisaanii hin dhageenye wanta dhihaatu guutummaatti hubachuuf tarree fuulduraarra taa’u. Kunis nama hiikuufi nama haasawaa dhiheessuu sana rakkoo tokko malee ergaan takkaa ilaaluuf isaan gargaara. Miseensonni gumii kaan haala kana wajjin dafanii akka wal baraniifi yaannisaanii akka hin hihhiramne muuxannoon ni argisiisa. Qophiiwwan akkasii walga’ii addaa, aanaafi koonyaa afaan mallattoo hiikaniifis ni hojjetu. Miseensonni gumii karaa namni gurrisaa hin dhageenye tokko itti yaadasaa ibsuufi hubachuu danda’uun hiikuuf jabaatanii hojjetan guddaa galateeffatamuu qabu.

Tarii gumii tuuta namoota gurrisaanii hin dhageenye gargaaru ykn namoota muraasa walga’iirratti afaan mallattoo isaanii hiiku keessa jirta ta’a. Obboloota gurrisaanii hin dhageenye kanaaf dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka kennitu argisiisuuf maal gochuu dandeessa? Manakeetti isaan afeeri. Dandeenyaan mallattoowwan muraasa baradhu. Walii galuu dadhabuu keessanitti hin dhiphatin. Akkas goonaan karaa itti isaanii wajjin walii galtu ni argatta; jaalala akkasii argisiisuunimmoo yeroo gammachiisaa hin irraanfatamne akka waliin dabarsitan isin dandeessisa. (1 Yoh. 4:8) Obboloota keenya gurrisaanii hin dhageenyerraa wanta barannu hedduu qabna. Isaan akka gaariitti haasa’u, hubannaa guddaa qabu, akkasumas nama kofalchiisuu ni danda’u. Obboleessi abbaafi haatisaa gurrisaanii hin dhageenye tokko akkas jedha: “Jireenyakoo guutuu namoota gurrisaanii hin dhageenyee wajjinan jiraadha, isaanis waanan dugda baasuu hin dandeenye naa kennaniiru. Dhugumayyuu obboloota keenya gurrisaanii hin dhageenyerraa waan barannu baay’ee qabna.”

Yihowaan namoota gurrisaanii hin dhageenye dabalatee waaqeffattootasaa amanamoo hunda ni jaallata. Fakkeenyi isaan gama amantii argisiisuufi obsaan danda’uudhaan ta’an, badhaadhummaa jaarmiyaa Yihowaatiif gumaacha akka godhu homaa hin shakkisiisu. Kanaaf, obboloota keenya gurrisaanii hin dhageenyeef bakka guddaa akka kenninu haa argisiisnu!

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2009 mataduree “Yihowaan Fuulasaa Isaaniif Ibseera” jedhu ilaali.

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Ergaan Mootummichaa nama gurrisaa hin dhageenyeef afaan mallattootiin yoo lallabame caalaatti isa gammachiisuu danda’a

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Walga’iiwwan keenya, bakka gammachiisaa obboloonni keenya gurrisaanii hin dhageenye jajjabina hafuuraa itti argatan ta’uu qabu