Bulchiinsi Yihowaa Sirrii Akka Ta’e Mirkanaa’eera!
Bulchiinsi Yihowaa Sirrii Akka Ta’e Mirkanaa’eera!
“Inni hundumaa gararraa jiru mootummaa namootaa irratti . . . mo’[a].” —DAN. 4:17.
1, 2. Sababiiwwan bulchiinsi ilmaan namootaa akka hin milkoofne taasisan tokko tokko maalfa’i?
BULCHIINSI ilmaan namootaa akka hin milkoofne sababii itti shakkinu hin qabnu. Kanaaf sababii guddaa kan ta’e, ilmaan namootaa bulchuuf ogummaa kan hin qabne ta’uusaaniiti. Bulchiinsi ilmaan namootaa milkaa’ina kan hin arganne ta’uunsaanii, amala bulchitoonni hedduun yeroo har’aatti argisiisanirraa hubachuun ni danda’ama; bulchitoonni kun, ‘ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, galata hin qabnee, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, warra dabarsanii nama kennan, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan’ akka ta’an beekamaadha.—2 Xim. 3:2-4.
2 Baroota hedduu dura, Addaamiifi Hewwaan bulchiinsa Waaqayyoo fudhachuu didanii turan. Kana kan godhan, tarii waan ofiin of bulchan isaanitti fakkaatee ta’uu danda’a. Haata’u malee, bulchiinsa Seexanaa jala galanii akka turan beekamaadha. Bulchiinsi ilmaan namootaa inni gadheen Seexana isa ‘biyya lafaa seerratuun’ waggaa kuma ja’aaf geggeeffamaa ture, yeroo har’aa seenaa keessatti sadarkaa gadheerra ga’eera. (Yoh. 12:31) Kitaabni Za Oksifoordi Histirii oov za Tuweentiiz Seencharii jedhamu, haala ilmaan namootaa yeroo har’aa keessa jiran ilaalchisee, “addunyaa mudaa hin qabne eeguun” abdii hin qabu jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Addunyaan akkasii kan hin argamne ta’uusaarrayyuu, yaaliin addunyaa kana uumuuf godhamu gara badiisaatti kan geessu, mootonni abbaa irree ta’an akka uumamaniifi waraanni gadheen akka ka’u godha” jedheera. Yaanni kun, bulchiinsi ilmaan namootaa akka hin milkoofne akka gaariitti kan ibsudha.
3. Addaamiifi Hewwaan utuu cubbuu hin raawwanne ta’ee, bulchiinsi Waaqayyo maal fakkaata ture?
3 Addaamiifi Hewwaan, bulchiinsa gaarii hundarra caaluufi Waaqayyoon geggeeffamu fudhachuu diduunsaanii kan nama gaddisiisu mitii? Dhugaadha, Addaamiifi Hewwaan amanamoo ta’anii utuu jiraataniiru ta’ee, Yihowaan lafa kana akkamitti akka bulchu sirriitti hin beeknu. Ta’us, bulchiinsi Waaqayyoo inni ilmaan namootaa biratti fudhatama qabu, jaalalarratti kan hundaa’eefi nama kan wal hin caalchisne akka ta’u beekuu dandeenya. (HoE. 10:34; 1 Yoh. 4:8) Ogummaa guddaa Waaqayyo qabu yommuu ilaallu, ilmaan namootaa bulchiinsa Yihowaa jalaatti bulaniiru utuu ta’ee, dogoggorri bulchitoonni ilmaan namootaa raawwatan akka hafu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Bulchiinsi Waaqayyoo, ‘fedha warra lubbuu qaban hundumaa ni quufsa’ ture. (Far. 145:16) Gabaabaadhumatti bulchiinsi kun, bulchiinsa mudaa hin qabne ta’a ture. (Kes. 32:4) Ilmaan namootaa bulchiinsa kana fudhachuu diduunsaanii nama gaddisiisa!
4. Seexanni akka bulchu kan heyyamameef hanga maaliittidha?
4 Yihowaan ilmaan namootaa ofiin akka of bulchan heyyamus, mirga uumamawwansaa bulchuudhaaf qabu dabarsee kennee akka hin beekne yaadachuun keenya gaariidha. Mootiin Baabilon inni humna qabeessa turellee yeroo booda, “inni hundumaa gararraa jiru mootummaa namootaa irratti akka mo’u” fudhachuuf dirqamee ture. (Dan. 4:17) Oolee bulee Mootummaan Waaqayyoo fedhiin Waaqayyoo akka raawwatamu godha. (Mat. 6:10) Yihowaan mormii isarratti ka’eef deebii quubsaa kennuuf, Seexanni jechuunis, ‘waaqayyichi bara si’anaa’ yeroo gabaabaadhaaf akka bulchu heyyameera. (2 Qor. 4:4; 1 Yoh. 5:19) Ta’us, Seexanni heyyama Yihowaatiin alatti matumaa waa raawwatee hin beeku. (2 Sen. 20:6; Iyo. 1:11, 12; 2:3-6, waliin ilaali.) Biyya lafaa Seexanni seerratu keessa utuma jiranillee, namoonni bulchiinsa Waaqayyootiif buluu filatan yeroo hunda jiru turan.
Akkaataa Waaqayyo Israa’eloota Itti Bulche
5. Israa’eloonni, Waaqayyoof waadaa akkamii galanii turan?
5 Bara Abeelii kaasee hanga sabni Israa’el hundeeffametti namoonni amanamoo ta’an hedduun, Yihowaa waaqeffachaafi abboommiiwwansaa eegaa turaniiru. (Ibr. 11:4-22) Yihowaan, bara Museetti sanyii Yaaqoobii wajjin kakuu kan gale si’a ta’u, isaanis saba Israa’el ta’aniiru. Dh.K.D. bara 1513tti Israa’eloonni, “Wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in goona” jechuudhaan, Yihowaan bulchaasaanii akka ta’u waadaa galanii turan.—Bau. 19:8.
6, 7. Waaqayyo Israa’eloota bulchaa yommuu ture, bulchiinsisaa maaliin beekama ture?
6 Yihowaan, Israa’eloonni sabasaa akka ta’an kaayyoo itti filateef qaba ture. (Keessa Deebii 7:7, 8 dubbisi.) Filannoon kun, nageenya Israa’elootaa eegsisuu caalaas wanta dabalatu qaba. Maqaa Waaqayyoofi olaantummaasaa kabachiisuu kan dabalatu yommuu ta’u, kunis wanta bakki guddaan kennamuuf ture. Sabni Israa’el, Yihowaa qofti Waaqa dhugaa ta’uusaatiif dhugaa baatuu ta’anii tajaajiluu qabu turan. (Isa. 43:10; 44:6-8) Kanaaf Yihowaan, “Isin saba Waaqayyo gooftaa keessaniif qulqullooftanii dha; Waaqayyo saba dhuunfaa isaa akka taataniif, saba irra lafaa irra jiran hundumaa keessaa addumaan isin fo’ateera” isaaniin jedhee ture.—Kes. 14:2.
7 Bulchiinsi Waaqayyo, Israa’eloonni cubbamoota akka ta’an tilmaama keessa kan galche ture. Ta’us, seerawwansaa mudaa kan hin qabneefi amalawwan Yihowaa kan calaqqisan turan. Abboommiiwwan Yihowaan karaa Musee kenne, Waaqayyo qulqulluu, qajeelina kan jaallatu, dhiifama kan godhuufi obsa kan qabu ta’uusaa akka gaariitti kan ibsan turan. Sabni Israa’el, bara Iyaasuufi isa booda turan, seerawwan Yihowaatiif waan abboomamaniif, nagaafi eebba hafuuraa argataniiru. (Iya. 24:21, 22, 31) Seenaa Israa’elootaa keessatti barri sun bara bulchiinsi Yihowaa sirrii akka ta’e itti mirkanaa’e ture.
Bulchiinsi Ilmaan Namootaa Miidhaa Qaba
8, 9. Israa’eloonni gaaffii sirrii hin taane akkamii gaafatanii turan? Kunoo maal isaanitti fide?
8 Haata’u malee, yeroo booda Israa’eloonni, irra deddeebi’anii bulchiinsa Waaqayyoorraa garagalaa waan turaniif, eegumsasaa dhabaniiru. Boodas, mootii akka isaaniif moosisu Saamu’el raajicha gaafatan. Yihowaan, waan isaan gaafatan akka isaanii raawwatu Saamu’elitti hime. Ta’us, Yihowaan itti dabaluudhaan, “Jarri kun ana isa isaan irratti mo’e tuffachuu isaanii ti malee, si tuffachuu isaanii miti” jedhee dubbatee ture. (1 Sam. 8:7) Yihowaan, Israa’elootaaf mootiin akka moosifamu heyyamus, bulchiinsa ilmaan namootaatiin geggeeffamuun miidhaa akka qabu isaan akeekkachiiseera.—1 Saamu’el 8:9-18 dubbisi.
9 Akeekkachiisni Yihowaan kenne dhugaa akka ta’e yeroo booda mirkanaa’eera. Israa’eloonni bulchiinsa namaa jalatti buluunsaanii, keessumaammoo yommuu mootichi amanamaa utuu hin ta’in hafutti rakkina guddaarra akka bu’an godheera. Fakkeenya Israa’elootaa sammuutti qabachuudhaan, yeroo namoonni Yihowaa hin beekne bulchaa turan hundumaatti bu’aan gaariin hin argamin hafuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Namoonni siyaasaa tokko tokko eebba Waaqayyoo argachuudhaan nagaafi tasgabbii buusuuf kan carraaqan ta’uyyuu, Waaqayyo namoota bulchiinsasaatiif hin abboomamne akkamitti eebbisuu danda’a?—Far. 2:10-12.
Saba Haaraa Bulchiinsa Waaqayyoo Fudhate
10. Waaqayyo, Israa’eloota saba kan biraatiin bakka kan buuse maaliifi?
10 Sabni Israa’el amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu akka hin barbaanne argisiiseera. Yeroo boodammoo, Masiihii isa Waaqayyo dibe fudhachuu waan didaniif, Yihowaan bakkasaanii tuuta saba haaraa tokko gurmeessuuf karoorfate. Kanaan kan ka’es, Dh.K.B. bara 33tti gumiin Kiristiyaanota dibamoo Yihowaa waaqeffatan ni hundeeffame. Gumiin kun, saba haaraa bulchiinsa Yihowaa jalatti bulu ture. Phaawulos, gumiin kun “Israa’el Waaqayyoo” akka ta’e dubbateera.—Gal. 6:16.
11, 12. Israa’eliifi “Israa’el Waaqayyoo,” itti gaafatamummaa ilaalchisee wal fakkeenya akkamii qabu?
11 Sabni Israa’eliifi “Israa’el Waaqayyoo” inni haaraan garaagarummaas ta’e, karaa itti wal fakkaatan qabu. Haala Israa’el duriirraa adda ta’een, gumiin Kiristiyaanaa mootii namaa hin qabu, dhiifama cubbuufis aarsaa horii hin dhiheessu. Wal fakkeenya saba Israa’eliifi gumii Kiristiyaanaa gidduu jiru keessaa tokko, maanguddoota ykn jaarsolii kan qaban ta’uusaaniiti. (Bau. 19:3-8) Jaarsoliin Kiristiyaanaa kun bulchitoota utuu hin ta’in, tiksitoota gumii kan ta’aniifi sochiiwwan Kiristiyaanaarratti adda durummaadhaan kan hirmaatanidha. Miseensota gumii hunda jaalalaafi kabajaan qabu.—2 Qor. 1:24; 1 Phe. 5:2, 3.
12 Akkaataa Waaqayyo Israa’eloota ittiin bulchaa turerratti xiinxaluudhaan, miseensonni “Israa’el Waaqayyoo” fi ‘hoolonni kan biraan’ hidhatasaanii ta’an, Yihowaafi bulchiinsasaatiif dinqisiifannaa qaban guddifachuu danda’u. (Yoh. 10:16) Fakkeenyaaf, bulchitoonni Israa’el namoota bulchiinsasaanii jala jiran gara gaariitti ykn gadheetti geessuuf dhiibbaa guddaa gochaa akka turan seenaasaaniirraa hubachuun ni danda’ama. Seenaan kun, Kiristiyaanonni itti gaafatamummaa qaban akka mootota bara duriitti bulchitoota ta’uu baatanis, amantiisaaniitiin yeroo hunda fakkeenya gaarii ta’uu akka qaban hubachiisa.—Ibr. 13:7.
Yihowaan Yeroo Har’aa Akkamitti Bulchaa Jira?
13. Bara 1914tti wanta bakki guddaan kennamuuf akkamiitu raawwatame?
13 Yeroo har’aa, Kiristiyaanonni bulchiinsi ilmaan namootaa yeroo dhihootti kan badu ta’uusaa namoota biyya lafaatiif labsaa jiru. Bara 1914tti Yihowaan samiirratti mootummaa kan hundeesse yommuu ta’u, Yesus Kiristosiin Mootii mootummaa kanaa godhee muudeera. Yeroo sanatti Yihowaan, Yesus “mo’aa, ammas mo’uudhaaf” akka ba’u aangoo kenneeraaf. (Mul. 6:2) Yihowaan mootii haaraa teessoorra taa’e kanaan, “Diinota kee gidduutti mo’i!” jedheera. (Far. 110:2) Kan nama gaddisiisu garuu, saboonni biyya lafaa bulchiinsa Yihowaa fudhachuu diduusaanii itti fufaniiru. Gocha “Waaqayyo hin jiru” jechuusaanii argisiisu hojjechaa jiru.—Far. 14:1.
14, 15. (a) Yeroo har’aa Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulaa kan jirru akkamitti? Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna? (b) Yeroo har’aattillee bulchiinsi Waaqayyoo hundarra caalaa gaarii akka ta’e kan mul’ate akkamitti?
14 Yeroo har’aa, Kiristiyaanota dibamoo miseensota “Israa’el Waaqayyoo” keessaa lafarra kan jiran muraasa yommuu ta’an, obboloota Yesus waan ta’aniifis ‘afaan Kristos ta’anii’ hojjetu. (2 Qor. 5:20) Hojjetaa amanamaafi ogeessa ta’anii muudamuudhaan, dibamtootaaf, akkasumas Kiristiyaanota miliyoonatti lakkaa’amaniifi barabaraan lafarra jiraachuuf abdii qaban warra lakkoofsisaanii dabalaa jiruuf nyaata hafuuraa dhiheessu. (Mat. 24:45-47; Mul. 7:9-15) Badhaadhinni hafuuraa waaqeffattoonni dhugaan yeroo har’aatti argachaa jiran, Yihowaan qophii kana eebbisaa akka jiru kan argisiisudha.
15 Tokkoon tokkoon keenya akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu akkan qabu guutummaatti hubadheeraa? Bulchiinsa Yihowaa sirriitti Ibroota 13:17 dubbisi.) Fedhiidhaan ajajamuun, addunyaa wal qoqqoode kana keessatti tokkummaan adda ta’e akka uumamu godheera. Akkasumas nagaafi qajeelummaa argamsiisuudhaan Yihowaadhaaf ulfina kan fide yommuu ta’u, kunis bulchiinsisaa hundarra caalaa gaarii akka ta’e kan argisiisudha.
deggeraan jiraa? Mootummaa Yihowaa jalatti buluukoo akka ulfinaattan ilaalaa? Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo hamman danda’e warra kaanitti himuukoo itti fufuuf murteesseeraa?’ Akka tuutaatti, qajeelfama Qaama Olaanaatiif kan bitamnu yommuu ta’u, jaarsolii gumii wajjinis walii galteedhaan hojjenna. Akkas gochuudhaan, bulchiinsa Waaqayyoo akka deggerru argisiisuu dandeenya. (Bulchiinsi Yihowaa Ni Mo’a
16. Yeroo har’aa namoonni hundi murtoo akkamii gochuu qabu?
16 Mormii Eeden keessatti ka’eef yeroo deebiin itti kennamu baay’ee dhihaateera. Kanaaf, yeroon namoonni itti murtoo gochuu qaban ammadha. Namoonni hundi, bulchiinsa Yihowaa ykn bulchiinsa ilmaan namootaa filachuuf murteessuu qabu. Namoonni garaa qajeelaa qaban murtoo sirrii akka godhan isaan gargaaruuf mirga arganneerra. Waraana Armaagedoonitti, bulchiinsi ilmaan namootaa inni Seexanaan geggeeffamu, barabaraan bulchiinsa Yihowaatiin bakka buufama. (Dan. 2:44; Mul. 16:16) Bulchiinsi ilmaan namootaa erga balleeffamee booda, Mootummaan Waaqayyoo guutummaa biyya lafaarratti bulchuu jalqaba. Kana jechuun, bulchiinsi Yihowaa sirrii akka ta’e guutummaatti mirkanaa’a jechuudha.—Mul’ata 21:3-5 dubbisi.
17. Namoonni garaa qajeelaa qaban, bulchiinsa ilaalchisee murtoo gaarii akka godhan wanti isaan gargaaru maalidha?
17 Namoonni Yihowaa deggeruuf murtoo hin godhin jiran, faayidaa bulchiinsi Waaqayyoo ilmaan namootaatiif argamsiisu kadhannaadhaan irratti yaaduudhaan murteessuu qabu. Bulchiinsi ilmaan namootaa yakkaafi shororkeessummaa balleessuu hin dandeenye. Bulchiinsi Waaqayyoo hammeenya hunda lafarraa ni duguuga. (Far. 37:1, 2, 9) Bulchiinsi ilmaan namootaa waraana walirraa hin cinnetti kan geesse yommuu ta’u, bulchiinsi Waaqayyoo garuu ‘hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu godha.’ (Far. 46:9) Bulchiinsi Waaqayyoo namootaafi bineensota gidduullee nagaan akka jiraatu godha. (Isa. 11:6-9) Bulchiinsi ilmaan namootaa hiyyummaafi beelaan kan beekamu yommuu ta’u, bulchiinsi Waaqayyoo garuu rakkoowwan kana ni balleessa. (Isa. 65:21) Bulchitoonni ilmaan namootaa warri yaada gaarii qabanillee dhukkubaafi du’a balleessuu hin dandeenye; bulchiinsa Waaqayyoo jalatti garuu warri dulloomaniifi warri dhukkubsatan humna ijoollummaasaaniitti waan deebi’aniif ni gammadu. (Iyo. 33:25; Isa. 35:5, 6) Laftis jannata warri du’anillee du’aa ka’anii keessa jiraatan taati.—Luq. 23:43; HoE. 24:15.
18. Bulchiinsi Waaqayyoo hundarra caalaa gaarii akka ta’e akka amannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Bulchiinsi Waaqayyoo, miidhaa Seexanni, Addaamiifi Hewwaan Uumaasaaniirraa akka garagalan gochuudhaan geessise hunda ni balleessa. Seexanni waggaa 6,000f miidhaa geessisaa kan ture si’a ta’u, Yihowaan garuu miidhaa kana hunda waggaa 1,000 keessatti karaa Kiristos kan balleessu ta’uusaa hubadhaa! Kun, bulchiinsi Waaqayyoo hundarra akka caalu kan argisiisu mitii? Dhugaa Baatotasaa waan taaneef bulchiinsa Yihowaa ni fudhanna. Kanaaf, yeroo hunda waaqeffattoota Yihowaa akka taane, Mootummaasaatiif akka bulluufi Dhugaa Baatotasaa ta’uu keenya akka ulfinaatti kan ilaallu ta’uu keenya haa argisiisnu. Akkasumas bulchiinsi Yihowaa hundarra caalaa gaarii akka ta’e, namoota dhaga’uuf fedhii qabanitti himuuf, carraa arganne hundatti haa fayyadamnu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 29rra jiru]
Yihowaan hamma har’aatti bulchaa jira
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Bulchiinsa Yihowaatiif fedhiidhaan ajajamuun addunyaa maratti tokkummaa argamsiisa
Bulchiinsa Waaqayyoo Ilaalchisee caqasoota armaan gadii dubbisuudhaan maal baranne?