Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Hafuurichii Fi Misirrottiin, ‘Kottu’ In Jedhu”

“Hafuurichii Fi Misirrottiin, ‘Kottu’ In Jedhu”

“Hafuurichii Fi Misirrottiin, ‘Kottu’ In Jedhu”

“Hafuurichii fi misirrottiin, ‘Kottu’ in jedhu; . . . Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu!”—MUL. 22:17.

1, 2. Fedhiin Mootummichaa jireenya keenya keessatti iddoo akkamii qabaachuu qaba? Maaliif?

FEDHIIN Mootummichaa, jireenya keenya keessatti iddoo akkamii qabaachuu qaba? Yesus duuka buutonnisaa ‘duraan dursanii yaadasaanii mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti yoo hidhan, wanti isaan barbaachisu hundinuu akka isaaniif kennamu’ mirkaneesseera. (Mat. 6:33) Yesus Mootummaa Waaqayyoo, callee gati jabeessa naggaadeen tokko argateefi ‘waan qabu hundumaa gurguree bitatee’ wajjin wal fakkeessee ture. (Mat. 13:45, 46) Nutoo hojii Mootummicha lallabuufi bartoota gochuutiif bakka guddaa kennuu hin qabnuu?

2 Matadureewwan lamaan darbanirratti akkuma ilaalle, ija jabinaan dubbachuufi Dubbii Waaqayyootti akka gaariitti fayyadamuun keenya, hafuura Waaqayyootiin akka geggeeffamnu argisiisa. Hafuurri kun, hojii Mootummicha labsuurratti yeroo hundaa hirmaachuu keenyaa wajjin haala wal qabateenis ga’ee guddaa qaba. Mee hafuurri kun akkamitti akka nu gargaaru haa ilaallu.

Afeerrii Ifa Ta’e

3. Namoonni hundi gara bishaan isa kamiitti “kottu” jedhamaniiru?

3 Hafuurri qulqulluun ilmaan namootaatiif afeerrii ifa ta’e dhiheessa. (Mul’ata 22:17 dubbisi.) Afeerriin kun, namoonni bishaan baay’ee adda ta’e tokkoon dheebuusaanii akka ba’an kan dhihaatedha. Bishaan kun, bishaan haaydiroojinii harka lamaafi oksijiinii harka tokko qaburraa kan uumame miti. Bishaan lubbuun lafarra akka jiraatuuf barbaachisaa akka ta’e beekamaadha; haata’u malee, Yesus yommuu dubartii Samaariyaa tokko boolla bishaanii biratti argatetti akka armaan gadii jechuudhaan dubbate waa’ee bishaan adda ta’e tokkoo yaadatti qabatee ture. Caqasichi akkas jedha: “Bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta’ao.” (Yoh. 4:14) Bishaan baay’ee adda ta’eefi ilmaan namootaa akka dhugan afeeraman, jireenya barabaraa kan kennudha.

4. Bishaan jireenyaa barbaachisaa kan ta’e yoomii kaasee ture? Bishaan kunoo maal kan argisiisudha?

4 Bishaan jireenyaa kun barbaachisaa kan ta’e, yommuu Addaamiifi haati manaasaa Hewwaan uumaasaanii kan ta’e Yihowaadhaaf abboomamuu didanitti ture. (Uma. 2:16, 17; 3:1-6) ‘Addaam harka isaa hiixatee ija muka jireenyaa fudhatee akka hin nyaanneefi barabaraan akka hin jiraanne’ abbaan manaafi haati manaa jalqabaa, manasaanii kan taate jannata keessaa ari’aman. (Uma. 3:22) Ilmaan namootaa Addaamirraa waan dhufaniif, yeroo booda duuti isaanirra ga’eera. (Rom. 5:12) Bishaan jireenyaa, qophii Waaqayyo ilmaan namootaa ajajamoo ta’an cubbuufi du’a jalaa baasuudhaan lafa Jannata taatu keessatti jireenya mudaafi dhuma hin qabne kennuudhaaf godhe hunda kan argisiisudha. Qophiiwwan kana hundaaf bu’uura kan ta’e, aarsaa furii Yesus Kiristosidha.—Mat. 20:28; Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:9, 10.

5. Afeerrii kottaa ‘utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu fudhadhaa’ jedhu kan dhiheesse eenyu? Ibsi.

5 Afeerrii ‘utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu fudhadhaa’ jedhu adda durummaadhaan kan dhiheesse eenyudha? Bulchiinsa Kiristos waggaa kumaatti qophiiwwan Yesus ilmaan namootaa jireenya akka argatan godhe guutummaatti yommuu hojiirra oolan, qophiiwwan kun ‘laga bishaan jireenya namaaf kennu, isa akka cabbii addaatutti’ fakkeeffamanii ibsamu. Lagni kun ‘teessoo Waaqayyoofi Hoolichaa biraa yommuu ba’u’ argameera. (Mul. 22:1) Kanaaf Maddi bishaan isa jireenya kennuu, Yihowaa isa Burqaa Jireenyaa ta’edha. (Far. 36:9) Bishaan kun karaa “hoolicha” Yesus Kiristos akka dhihaatu kan godhe Yihowaadha. (Yoh. 1:29) Lagni fakkeenyaan ibsame kun, karaa Yihowaan rakkina Addaam abboomamuu diduusaatiin ilmaan namootaa hundarratti dhufe ittiin balleessudha. Eeyyee, afeerrii “kottu” jedhu adda durummaadhaan kan dhiheesse Yihowaadha.

6. ‘Lagni bishaan jireenya namaaf kennu’ yaa’uu kan jalqabe yoomidha?

6 ‘Lagni bishaan jireenya kennu’ guutummaatti kan yaa’u, yeroo Bulchiinsa Kiristos’ isa Waggaa Kumaatti yoo ta’eyyuu, bara 1914 “Guyyaa Gooftaa,” jechuunis yeroo ‘hoolichi’ samiitti teessoorra taa’ee kaasee yaa’uu jalqabeera. (Mul. 1:10) Yeroo sanaa kaasee qophiiwwan jireenyaaf godhaman tokko tokko dhihaachuu jalqabaniiru. Ergaan achi keessa jiru ‘bishaanitti’ waan fakkeeffameef, qophiiwwan kana keessaa tokko Macaafa Qulqulluudha. (Efe. 5:26) Misiraachoo Mootummichaa dhaga’uufi fudhachuudhaan bishaan jireenyaa akka argatan, namoota hundumaatiif afeerriin dhihaateera. Haata’u malee, guyyaa Gooftaatti afeerrii kana dhiheessaa kan jiru eenyudha?

“Misirrottiin, Kottu” Jetti

7. Afeerricha ‘guyyaa Gooftaatti’ adda durummaadhaan kan dhiheessan eenyufa’i? Kan afeeranoo eenyuunidha?

7 Kiristiyaanonni dibamoon miseensota kutaa misirrichaa ta’an, afeerrii “kottu” jedhu dhiheessuurratti adda durummaadhaan hirmaatu. Afeerrii kana eenyuuf dhiheessu? Misirroon kun “Kottu” kan jettu ofiisheetiin akka hin taane beekamaadha. Afeerriin misirroo kanaa, namoota “lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda’u” booda barabaraan lafarra jiraachuuf abdataniif kan dhihaatedha.—Mul’ata 16:14, 16 dubbisi.

8. Kiristiyaanonni dibamoon bara 1918tii kaasee afeerrii Yihowaa dhiheessaa akka jiran kan argisiisu maalidha?

8 Duuka buutonni Kiristos warri dibamoon, bara 1918tii kaasee afeerrii kana dhiheessaa jiru. Haasawaan sabaa, “Namoonni Miliyoonaan Lakkaa’amaniifi Yeroo Ammaa Jiran Hin Du’an” jedhuufi waggaa sana dhihaate, namoonni hedduun waraana Armaagedoon booda lafa jannata taaturra akka jiraatan abdii kan kenne ture. Haasawaan sabaa walga’ii koonyaa Bartoonni Macaafa Qulqulluu bara 1922 Seedaar Pooyinti, Ohaayootti godhamerratti dhihaate, ‘Mootichaafi mootummicha beeksisaa’ jechuudhaan dhaggeeffattoota jajjabeessee ture. Haasawaan miira namaa kakaasu kun, warri kutaa misirrottii ta’an afeerrii kana namoota baay’eedhaan akka ga’an gargaareera. Masaraan Eegumsaa Bitootessa 15, 1929 mataduree Mul’ata 22:17⁠rratti hundaa’eefi “Afeerrii Garummaadhaan Dhihaate” jedhu kan qabu ture. Yaada mataduree kanaa keessaa muraasni akkas jedha: “Dibamtoonni amanamoon lafarra jiran [Isa Hundumaa Gararraa jiruu] wajjin ta’anii “Kottu” jechuudhaan afeerrii gaarummaarratti hundaa’e kana dhiheessu. Ergaan kun, namoota qajeelummaafi dhugaa hawwaniif lallabamuu qaba. Kunimmoo amma godhamuu qaba.” Kutaan misirrottii hamma har’aatti afeerrii kana dhiheessaa jira.

“Namni Kana Dhaga’us, ‘Kottu’ Haa Jedhu!”

9, 10. Warri afeerricha dhaga’an, deebisanii “Kottu” akka jedhan kan afeeraman akkamitti?

9 Warri afeerrii “kottu” jedhu kana dhaga’anoo maal godhu? Isaaniis deebisanii “Kottu” akka jedhan afeeramaniiru. Fakkeenyaaf Masaraan Eegumsaa Hagayya 1, 1932 fuula 232⁠rratti akkas jedha: “Kiristiyaanonni dibamoon warra misiraachoo mootummichaa labsuurratti hirmaatan hunda haa jajjabeessan. Ergaa Gooftaa labsuudhaaf dirqama dibamtoota Gooftaa ta’uun isaan hin barbaachisu. Dhugaa Baatonni Yihowaa, namoota waraana Armaagedoonirraa oolanii lafarratti jireenya barabaraa argataniif, bishaan jireenyaa akka kennan isaanii heyyamamuusaa beekuunsaanii isaan jajjabeessa.”

10 Namoonni afeerrii kana dhaga’an itti gaafatamummaa “Kottu” jechuuf qaban ilaalchisee, Masaraan Eegumsaa Hagayya 15, 1934 fuula 249⁠rratti akkas jedhee ture: “Warri kutaa Yonaadaab ta’an, dhugaa baatota Yihowaa warra dibamoo yoo ta’uu baataniyyuu, warra kutaa Yehuu ta’an, jechuunis dibamtootaa wajjin ta’uudhaan ergaa mootummichaa labsu.” Bara 1935⁠tti eenyummaan “tuuta sonaan baay’ee” Mul’ata 7:9-17⁠rratti caqasame ifa ta’e. Kunis hojii afeerrii Waaqayyoo dhiheessuuf karaa baneera. Yeroo sanaa kaasee, waaqeffattoonni dhugaa tuuta sonaan baay’ee lakkoofsisaanii dabalaa jiruufi yeroo ammaatti miliyoona torbaa ol ta’an afeerrii kana fudhataniiru. Ergicha dinqisiifannaadhaan waan fudhataniif, Waaqayyoof of murteessuufi bishaaniin cuuphamuudhaan, kutaa misirrottii wajjin ta’anii afeerrii ‘gatii utuu hin baasin bishaan jireenya kennu fudhadhaa’ jedhu dhiheessuurratti hirmaatu.

“Hafuurichi” “Kottu” Jedha

11. Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, hafuurri qulqulluun hojii lallabaatiif gumaacha kan godhe akkamitti?

11 Yesus mana sagadaa Naazireetitti yommuu lallabe, maraa macaafa Isaayaas banuudhaan akkas jedhee ture: “Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji’amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf; waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf na ergeera.” Achiis “Kunoo, dubbiin macaafaa kun akkuma dhageessanitti har’a raawwatame” jedhuudhaan caqasoonni kun isarratti akka raawwataman dubbateera. (Luq. 4:17-21) Yesus samiitti ol ba’uusaa dura bartootasaatiin, “Hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu; . . . hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” jedhee ture. (HoE. 1:8) Jaarraa jalqabaatti, hojii lallabaa wajjin haala wal qabateen hafuurri qulqulluun hojii guddaa raawwateera.

12. Afeerrii yeroo ammaatti dhihaaturratti hafuurri Waaqayyoo ga’ee akkamii qaba?

12 Yeroo ammaatti hafuurri qulqulluun afeerricha namootaaf dhiheessuurratti ga’ee kan qabu akkamitti? Maddi hafuura qulqulluu Yihowaadha. Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee kutaan misirrottii Dubbiisaa akka hubatan garaafi sammuusaanii bana. Hafuurichi, dibamtoonni warra lafa Jannata taaturra barabaraaf jiraachuuf abdataniif, afeerricha akka dhiheessaniifi dhugaa Caaffata Qulqullaa’oo akka isaaniif ibsan isaan kakaasa. Hafuurichi, warra afeerricha fudhatanii bartoota Yesus Kiristos ta’uudhaan afeerrii kana warra kaaniif dhiheessaa jiranoo ni gargaaraa? Eeyyee ni gargaara. ‘Maqaa hafuura qulqulluutiin’ waan cuuphamaniif, qajeelfama hafuurri qulqulluun kennuu wajjin walsimanii hojjetu; akkasumas gargaarsasaatti amanamu. (Mat. 28:19) Waa’ee ergaa dibamtootaafi tuuta sonaan baay’eedhaan labsamuus yaadi. Ergaan kun Macaafa Qulqulluu isa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamerraa kan argamedha. Kanaaf, afeerrii kana kan dhiheesse hafuura qulqulluudha jechuudha. Hafuura kanaan akka geggeeffamnu beekamaadha. Kana beekuun keenya, warra kaan afeeruurratti sa’aatii hammamii akka dabarsinu nu kakaasuu qaba?

Isaan “Kottu In Jedhu”

13. Yaanni “hafuurichii fi misirrottiin, ‘Kottu!’ jechaa jiru” jedhu maal argisiisa?

13 “Hafuurichii fi misirrottiin” yeruma tokko qofa “Kottu” jedhanii hin dhiisan. Afaan jalqaba jechi kun itti barreeffameen jechi asirratti gale, gocha itti fufiinsa qabu kan argisiisudha. Kana tilmaama keessa galchuudhaan, Hiikni Addunyaa Haaraa, “hafuurichiifi misirrottiin ‘Kottu!’ jechaa jiru” jechuudhaan hiikeera. Kunis afeerrii Waaqayyoo yeroo hunda akka dhiheessan kan argisiisudha. Namoonni afeerrii kana dhaga’aniifi fudhatanoo maal godhu? Isaanis “Kottu” jedhu. Tuutni sonaan baay’ee waaqeffattoota dhugaa ta’an, ‘halkaniifi guyyaa mana qulqullummaa Yihowaa keessatti akka isaaf hojjetan’ ibsameera. (Mul. 7:9, 15) ‘Halkaniifi guyyaa kan hojjetan’ akkamiiti? (Luqaas 2:36, 37; Hojii Ergamootaa 20:31; 2 Tasaloniiqee 3:8 dubbisi.) Fakkeenyi raajii maanguddoo Haannaa jedhamtuufi fakkeenyi Phaawulos ergamaa, ‘halkaniifi guyyaa hojjechuu’ jechuun yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuuf carraaqqii cimaa gochuu jechuu akka ta’e argisiisa.

14, 15. Daani’el ittuma fufanii waaqeffachuun barbaachisaa ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

14 Daani’el raajichis yeroo hunda waaqeffannaarratti hirmaachuun barbaachisaa akka ta’e argisiiseera. (Daani’el 6:4-10, 16 dubbisi.) Sochii hafuuraasaa utuu walirraa hin kutin ‘akkuma dur godhu guyyaatti si’a sadii kadhachuunsaa,’ boolla leencotaa keessa akka buufamu kan isa godhu yoo ta’eyyuu, ji’a tokkoofillee kana gochuu hin dhiisne. Gochisaa kun, yeroo hunda Yihowaa waaqeffachuu caalaa wanti dursi kennamuufii qabu akka hin jirre namoota isa ilaalaniif kan ifa godhu ture.—Mat. 5:16.

15 Daani’el halkan tokko boolla leencotaa keessa erga bulee booda, mootichi garasaa dhaqee sagalee guddaadhaan, “Yaa Daani’el, hojjetaa Waaqayyo jiraataa, Waaqayyo kee inni ati ittuma fuftee waaqessitu, afaan leencotaa keessaa si oolchuu danda’eeraa?” jedhe. Daani’elis yeruma sana deebisee, “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Waaqayyo koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufsiise, kanaaf isaan ana hin miine; anoo isa duratti mudaa malee nan argame, si durattis yaa mootii, dabaa hin hojjenne” jedhe. Daani’el ‘ittuma fufee’ waan waaqeffateef Yihowaan isa eebbiseera.—Dan. 6:19-22.

16. Fakkeenyi Daani’el hirmaannaa tajaajilarratti goonu ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii akka of gaafannu nu kakaasuu qaba?

16 Daani’el Waaqayyoon ittuma fufee waaqeffachuusaa addaan kutuu mannaa, du’a filatee ture. Nutoo? Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo ittuma fufnee lallabuuf, aarsaawwan akkamii gooneerra ykn gochuuf fedhii qabna? Waa’ee Yihowaa warra kaanitti utuu hin dubbatin jiini tokkollee akka darbu gochuu hin qabnu. Hamma nuu danda’ametti, torban torbaniin tajaajilarratti hirmaachuuf carraaqqii gochuu hin qabnuu? Dhibee fayyaa qabaachuu keenyaan kan ka’e, ji’a keessatti daqiiqaa 15 qofa tajaajiluu yoo dandeenyellee kana gabaasa gochuu qabna. Kana kan goonu maaliifi? Hafuurichaafi misirrottii wajjin ta’uudhaan, “Kottu” jechuu keenya itti fufuu waan barbaannuufidha. Eeyyee, ittuma fufnee Mootummicha labsuuf waan dandeenyu hunda gochuu barbaanna.

17. Carraawwan afeerrii Yihowaa itti dhiheessinu warri kam akka nu darban gochuu hin qabnu?

17 Yeroo tajaajilaaf ramadne qofatti utuu hin ta’in, carraa arganne hundatti afeerrii Yihowaa namootaaf dhiheessuuf carraaquu qabna. Gabaatti, karaarratti, bashannanarratti, bakka hojiitti ykn mana barumsaattis namoonni dheebotan ‘utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu akka fudhatan’ afeeruun mirga guddaadha. Yeroo abbootiin taayitaa hojii lallabaa keenya dhorkanitti, tarii darbee darbee manaa gara manaatti tajaajiluu ykn yeroo hunda karaa alidilee ta’een malaan lallabuu keenya itti fufna.

“Kottu” Jechuu Keessan Itti Fufaa

18, 19. Mirga Waaqayyoo wajjin hojjechuuf argattan akka dinqisiifattan akkamitti argisiisuu dandeessu?

18 Hoolichiifi misirrottiin, namni dheebote kamiyyuu bishaan jireenyaa akka fudhatu waggoota sagaltamaa oliif “Kottu” jechaa turaniiru. Afeerriisaanii isa gammachiisaa ta’e kana dhageesseettaa? Taanaan, atis afeerrii kana warra kaaniif akka dhiheessitu si jajjabeessina.

19 Afeerriin jaalala Yihowaa argisiisu kun hamma yoomiitti akka itti fufu kan hin beekne taanus, “Kottu” jechuudhaan afeerrii kanaaf deebii kennuun keenya, Waaqayyoo wajjin akka hojjennu argisiisa. (1 Qor. 3:6, 9) Kun mirga guddaa mitii? Yeroo hundaa lallabuudhaan, ‘utuu gargar hin kutin, aarsaa galataa Waaqayyoof haa dhiheessinu’; mirga kana akka dinqisiifannu haa argisiisnu. (Ibr. 13:15) Kutaa misirrottii wajjin ta’uudhaan warri lafarra jiraachuuf abdii qabnu “Kottu” jechuu keenya itti haa fufnu! Namoonni hedduun utuu gatii hin baasin bishaan jireenyaa akka fudhatan hawwina.

Maal Baratte?

• Afeerriin “kottu” jedhu eenyuuf dhihaate?

• Afeerrii “kottu” jedhu adda durummaadhaan kan dhiheesse Yihowaadha jechuun kan danda’amu maaliifi?

• Afeerrii “kottu” jedhu dhiheessuurratti hafuurri qulqulluun ga’ee akkamii qaba?

• Yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Chaartii/Fakkii fuula 16rra jiru]

(For fully formatted text, see publication)

“Kottu” Jechaa Jiru

1914

Babal’istoota 5,100

[Fakkii fuula 16rra jiru]

1918

Namoonni baay’een lafa Jannata taaturra jiraatu

1922

“Mootichaafi mootummaasaa beeksisaa, beeksisaa, beeksisaa”

1929

Dibamtoonni amanamoon lafarra jiran “Kottu” jedhan

1932

Afeerriin “Kottu” jedhu warra dibamtoota hin taaneefis ni dhihaate

1934

Kutaan Yonaadaab akka lallaban afeeraman

1935

Eenyummaan ‘tuuta sonaan baay’ee’ ni beekame

2009

Babal’istoota 7,313,173