Haalli Keenya Jijjiiramuyyuu Akkuma Waaqayyo Duratti Fudhatama Argannetti Jiraachuu
Haalli Keenya Jijjiiramuyyuu Akkuma Waaqayyo Duratti Fudhatama Argannetti Jiraachuu
JIREENYAKEE keessatti jijjiiramni si mudachaa jiraa? Jijjiiramawwan sana fudhachuunoo sitti ulfaateeraa? Baay’een keenya haala akkasii keessa jirra ykn gara fuulduraatti nu mudata ta’a. Muuxannoon namoota durii tokko tokko amalawwan gaariin gama kanaan nu gargaaran kamfaa akka ta’an beekuuf nu dandeessisa.
Fakkeenyaaf, haala Daawitiifi jijjiiramawwan hedduu jireenyasaa keessatti isa mudatan ilaali. Yeroo Saamu’el mootii akka ta’u isa dibe mucaa tiksee ture. Utuma umriinsaa xinnoo ta’ee jiruu Goliyaad Filisxeemicha baay’ee guddaa ture loluuf of qopheesseera. (1 Sam. 17:26-32, 42) Daawit mana mootummaa Saa’ol Mootichaa keessa akka jiraatu kan afeerame si’a ta’u, ajajaa loltootaa ta’ee muudameera. Daawit jireenyasaa keessatti jijjiiramawwan kun hundi ni uumamu jedhee hin eegne; wanta sana booda ta’us tilmaamuu hin danda’u ture.
Hariiroon Daawit Saa’olii wajjin qabu garmalee badaa adeeme. (1 Sam. 18:8, 9; 19:9, 10) Kanaaf Daawit lubbuusaa oolchuuf, waggoota hedduudhaaf baqatee jiraachuu qaba ture. Erga Israa’elirratti mootii ta’ee boodallee, keessumaa ejja raawwatee, isa dhoksuufimmoo lubbuu namaa erga balleessee booda jireenyasaarratti jijjiiramni guddaan uumamee ture. Cubbuu raawwateen kan ka’e, maatiisaa keessatti rakkinni guddaan uumameera. Fakkeenyaaf, ilmisaa Abiishaalom isarratti ka’ee ture. (2 Sam. 12:10-12; 15:1-14) Ta’us, Daawit cubbuu ejjuufi nama ajjeesuudhaan raawwateef qalbii erga geddaratee booda, Yihowaan dhiifama isaaf godheera; fudhatama Waaqayyo duratti qabus deebisee argateera.
Haallikees jijjiiramuu danda’a. Dhibeen fayyaa, rakkinni dinagdee ykn rakkoon maatii, akkasumas tarkaanfiin fudhannu jireenya keenyarratti jijjiirama fiduu danda’a. Amalawwan rakkoowwan akkasii mo’uuf caalaatti nu qopheessuu danda’an kamfa’i?
Gad Of Deebisuun Nu Gargaara
Amalli gad of deebisuu abbomamuu kan dabalatudha. Dhugumaan kan gad of deebisnu yoo ta’e, ofii keenyaafis ta’e warra kaaniif ilaalcha sirrii qabaanna. Amalaafi gocha namootaaf xiyyeeffannaa kan kenninu yoo ta’e, eenyummaasaaniifi wanta isaan raawwatan caalaatti dinqisiifanna. Haaluma wal fakkaatuun, amalli gad of deebisuu wanti tokko maaliif akka nurra ga’e hubachuufi
haala sana keessatti maal gochuu akka qabnu beekuuf nu gargaara.Yonaataan, ilmi Saa’ol gama kanaan fakkeenya gaarii ta’a. Wantoonni humnasaatii ol ta’an waan isa mudataniif, haalawwansaa jijjiiramanii turan. Saamu’el, Yihowaan mootummaasaa akka isarraa fudhatu yeroo Saa’olitti himu, Yonaataan ittaansee mootii ta’a hin jenne. (1 Sam. 15:28; 16:1, 12, 13) Waaqayyo ittaansuudhaan mootii Israa’el akka ta’u kan filate Daawitiin malee Yonaataaniin hin turre. Kana jechuun, Saa’ol utuu hin abboomamin hafuunsaa Yonaataanirratti dhibbaa gadhee geessiseera jechuudha. Yonaataan wanta Saa’ol raawwateef kan itti gaafatamu ta’uu baatullee, abbaasaatti aanee mootii ta’uu hin dandeenye. (1 Sam. 20:30, 31) Yonaataan yeroo kanatti maal godhe? Carraa kana dhabuusaatiin Daawititti aaree isatti hinaafee turee? Matumaa. Yonaataan Daawitiin umriifi muuxannoodhaan kan caalu ta’uyyuu, amanamummaadhaan isa deggereera. (1 Sam. 23:16-18) Amalli gad of deebisuu, eebba Waaqayyoo kan qabu eenyu akka ta’e akka hubatuufi “waan yaaduun isaaf ta’u caalaatti akka of hin yaadne” isa gargaareera. (Rom. 12:3) Yonaataan wanta Yihowaan isarraa eegu hubachuudhaan, murtoo Inni dhimma sana ilaalchisee godhe fudhateera.
Jijjiiramni hedduun rakkoowwan tokko tokko akka fidu beekamaadha. Yeroo tokko, Yonaataan namoota isatti dhihaatan lamaan keessaa gara isa kamiitti akka goru rakkatee ture. Inni tokko, michuusaa Daawit isa Yihowaan gara fuulduraatti mootii akka ta’u filate ture. Inni kaanimmoo, Saa’ol abbaasaa, isa Yihowaan tuffateefi ammayyuu mootii ta’ee bulchaa jirudha. Haalli kun, Yonaataan Yihowaa duratti fudhatama akka qabaatetti itti fufuuf yeroo carraaqu miidhaa miiraa isarraan geessisuu hin oolu. Jijjiiramni nu mudatu dhiphinaafi sodaa nutti fiduu danda’a. Ilaalcha Yihowaa hubachuuf carraaqqii yoo goone garuu, jijjiirama sana fudhannee amanamummaadhaan tajaajiluu keenya itti fufuu dandeenya.
Humna Ofii Beekuun Barbaachisaadha
Humna ofii beekuun baay’ee barbaachisaadha. Humna ofii beekuufi gad of deebisuun tokko miti. Namni amala gad of deebisuu qabu guutummaatti humnasaa kan beeku ta’uu dhiisuu danda’a.
Daawit nama humnasaa beeku ture. Yihowaan mootii akka ta’u kan isa filate ta’uyyuu, hanga mootii ta’utti waggoota hedduu eeguu qaba ture. Daawit mootii utuu hin ta’in maaliif akka ture Yihowaan ibsa isaaf kennuunsaa Macaafa Qulqulluu keessatti hin ibsamne. Haalli kun abdii kan nama kutachiisu fakkaatullee isa hin dhiphisne. Humnasaa kan beeku ta’uusaarrayyuu, Yihowaan inni wanta kana heyyame haalasaa to’achuu akka danda’u hubatee ture. Kanaaf, Daawit lubbuusaa oolfachuuf jechallee Saa’oliin hin ajjeesne; Abiishaayii inni michuusaa ta’es kana akka hin goone dhowweera.—1 Sam. 26:6-9.
Al tokko tokko gumii keenya keessatti haalli nuyi hin hubanne uumamuu danda’a; ykn akka ilaalcha keenyaatti haalli sun akka gaariitti ykn karaa qindaa’aa ta’een kan hin qabamne nutti fakkaachuu danda’a. Iddoo keenya beekuudhaan, Yesus Mataa gumii akka ta’eefi karaa qaama jaarsolii hojicha geggeessuuf muudamanii akka hojjetu ni hubannaa? Yihowaa duratti fudhatama akka argannetti itti fufuuf, karaa Yesus Kiristos akka Fak. 11:2.
geggeessu eeguu akka qabnu hubachuudhaan iddoo keenya akka beeknu ni argisiisnaa? Kana gochuun ulfaataa ta’uyyuu gad of deebisuudhaan ni eeggannaa?—Garraamummaan Ilaalcha Ni Ta’a Jedhu Qabaachuuf Nu Gargaara
Garraamummaan miidhaa nurra ga’u aariifi haaloo utuu hin qabatin obsaan akka dandeenyu nu gargaara. Amala garraamummaa qabaachuun ulfaataadha. Kan nama dhibu garuu, caqasni Macaafa Qulqulluu tokko “warri gad deebi’oon” ‘garraamummaa akka barbaaddatan’ afeera. (Sef. 2:3) Garraamummaan gad of deebisuufi humna ofii beekuu wajjin kan wal qabaate ta’uyyuu, amalawwan akka gaarummaa jiranis kan dabalatudha. Namni garraamiin leenjiifi qajeelfama waan fudhatuuf karaa hafuuraa guddina argisiisa.
Garraamummaan haalli jireenyaa keenya yeroo jijjiiramu, rakkina nu mudatu hiikuuf nu gargaaruu kan danda’u akkamitti? Namoonni baay’een jijjiramawwan uumamaniif ilaalcha sirrii akka hin qabaanne hubachuu hin ooltu. Jijjiiramawwan kun garuu, Yihowaan akka nu leenjisu carraa dabalataa nuuf banuu danda’u. Jireenyi Musee, kun dhugaa ta’uusaa argisiisa.
Museen umriinsaa waggaa 40 yommuu ta’u, amalawwan gaarii horatee ture. Wanta saba Waaqayyoof barbaachisu raawwachuuf jecha tarkaanfii fudhachuuf qophaa’aa ta’uusaarrayyuu, amala fedhii ofii aarsaa gochuu argisiiseera. (Ibr. 11:24-26) Haata’u malee, Museen saba Yihowaa Gibxii baasuuf muudamuusaa dura, jijjiiramawwan garraamummaasaa caalaatti isaaf cimsan keessa darbuu qaba ture. Gibxii baqatee, waggaa 40f Miidiyaan keessatti tiksituu ta’ee hojii gad aanaa hojjechuu qaba ture. Bu’aansaa maal tureree? Jijjiiramni kun caalaatti nama gaarii isa taasiseera. (Lak. 12:3, NW) Fedhasaatiif utuu hin ta’in fedha Yihowaatiif dursa kennuu barateera.
Museen hangam garraamii akka ture hubachuuf, yeroo Yihowaan saba abboomamuu dide sana dhiisuufi sanyii Musee saba guddaa gochuu akka barbaadu dubbatetti wanta raawwatame haa ilaallu. (Lak. 14:11-20) Museen, Yihowaan saba sanaaf akka dhiisu kadhateera. Wanti inni dubbate, fedhiisaa utuu hin ta’in maqaan Waaqayyoofi nageenyi obbolootasaa akka isa yaaddessu argisiisa. Geggeessaafi araarsaa saba sanaa ta’uuf namni garraamiin akka Musee ni barbaachisa ture. Miiryaamiifi Aaron yeroo isatti guungumanitti, seenaan Macaafa Qulqulluu akka ibsutti Museen “namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa [“garraamii,” NW] ture.” (Lak. 12:1-3, 9-15) Museen garraamii waan tureef arrabsoosaanii danda’eera. Utuu Museen garraamii miti ta’ee maaltu uumamu danda’a ture?
Yeroo biraattimmoo, hafuurri Yihowaa namoota muraasarra bu’ee raajii akka dubbatan isaan taasiseera. Gargaartuu Musee kan ture Iyaasuun, Israa’eloonni kun waan sirrii hin taane akka raawwatan isatti dhaga’amee ture. Museen garuu garraamummaadhaan ilaalcha Yihowaa akka qabu kan argisiise ta’uusaarrayyuu, aangookoon dhaba jedhee hin yaaddofne. (Lak. 11:26-29) Museen utuu garraamii ta’uu baatee, jijjiirama qophii Yihowaarratti godhame kana ni fudhata turee?
Garraamummaan Musee, aangoo guddaafi hojii Waaqayyo isaaf kennetti karaa sirrii ta’een akka itti fayyadamu isa dandeessiseera. Yihowaan, Museen gara Tulluu Horeebitti akka ol ba’uufi namoota dura akka dhaabatu itti himeera. Karaa ergamaa tokkoo Museetti kan dubbate si’a ta’u, giddu galeessa kakichaa godhee isa muudeera. Garraamummaan Musee jijjiirama aangoorratti godhame akkasii akka fudhatuufi Waaqayyo duratti fudhatama akka argatetti akka itti fufu isa gargaareera.
Nuufis garraamummaan guddina hafuuraa keenyaaf baay’ee barbaachisaadha. Namoonni saba Waaqayyoo gidduutti itti gaafatamummaafi aangoon kennameef hundi garraamii ta’uu qabu. Garraamummaan jijjiiramawwan yeroo uumaman akka of hin tuulle kan nu eegu ta’uusaarrayyuu, haala nu mudateef ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara. Ilaalchi jijjiirama sanaaf qabnu murteessaadha. Jijjiirama uumame ni fudhannaa? Carraa itti of fooyyessinu goonee ilaallaa? Jijjiiramni uumame carraa addaa garraamummaa itti horannu nuu banuu danda’a!
Yeroo hundumaa jireenya keenya keessatti jijjiiramawwan hedduun nu mudatu. Al tokko tokko sababii wanti tokko itti uumame hubachuun rakkisaadha. Dandeettiin keenya murtaa’aa ta’uufi miirri keenya jeeqamuunsaa jijjiirama uumameef ilaalcha Yihowaa qabaachuun rakkisaa akka nutti ta’u gochuu danda’a. Haata’u malee, amalawwan akka gad of deebisuu, iddoo ofii beekuufi garraamummaa jiran jijjiirama uumame fudhannee, Waaqayyo duratti akka fudhatama argannetti itti fufuuf nu gargaaruu danda’u.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 4rra jiru]
Dhugumaan kan gad of deebisnu ta’uun keenya hamma taanee ol goonee akka of hin ilaalle nu taasisa
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]
Garraamummaan guddina hafuuraa keenyaaf baay’ee barbaachisaadha
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Museen jijjiiramawwan garraamummaasaa caalaatti isaaf cimsan keessa darbuu qaba ture