Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Obbolootaa—Hafuuraan Facaasuudhaan Itti Gaafatamummaa Fudhachuuf Carraaqaa!

Obbolootaa—Hafuuraan Facaasuudhaan Itti Gaafatamummaa Fudhachuuf Carraaqaa!

Obbolootaa—Hafuuraan Facaasuudhaan Itti Gaafatamummaa Fudhachuuf Carraaqaa!

“Akka yaada hafuuraatti kan facaasu immoo yaada hafuuraa irraa jireenya bara baraa in galfata.”—GAL. 6:8.

1, 2. Maatewos 9:37, 38 raawwatamaa kan jiru akkamitti? Kunoo gumii keessatti maaltu akka barbaachisu godheera?

YEROO wantoonni seena qabeessa ta’an itti raawwataman keessa jiraanna! Hojiin Yesus Kiristos akka hojjetamu dubbate bal’inaafi saffisaan raawwatamaa jira. Yesus akkas jedheera: “Midhaan sassaabamu baay’ee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa; egaa hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa!” (Mat. 9:37, 38) Yihowaan kadhannaawwan akkasiitiif karaa adda ta’een deebii kennaa jira. Waggaa tajaajilaa 2009⁠tti gumiin Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti 2,031n kan dabale si’a ta’u, yeroo ammaa 105,298 ta’eera. Giddu galeessaan, namoonni 757 guyyaa guyyaatti cuuphamaniiru jechuudha!

2 Guddinni argame kun, obboloonni gumii barsiisuufi tiksuudhaan itti gaafatamummaa fudhachuuf ga’eessota ta’an caalaatti akka barbaachisan godheera. (Efe. 4:11) Waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif Yihowaan dhiirota ga’eessota ta’aniifi hoolotasaa kunuunsan kaasaa tureera; ammas kaasuusaa akka itti fufu ni abdanna. Raajiin Miikiyaas 5:5⁠rratti galmeeffame guyyoota gara dhumaatti sabni Yihowaa “tiksituu torbaafi [hiika bara 1899]” “gurguddaa namaa saddeet,” jechuunis dhiirota geggeessuuf ga’eessota ta’an hedduu akka argatan nuu mirkaneessa.

3. ‘Akka yaada hafuuraatti facaasuu’ jechuun maal jechuu akka ta’e ibsi.

3 Dhiira cuuphamtee Dhugaa Baatuu taate taanaan, mirgawwan tajaajilaa argachuuf fedhii akka qabaattu maaltu si gargaaruu danda’a? Wanti guddaan ‘akka yaada hafuuraatti facaasuu’ keeti. (Gal. 6:8) Akkas gochuunimmoo, karaa hafuurri qulqulluun gufannaa tokko malee akka sirratti hojjetu godhuun jiraachuu kan dabalatudha. ‘Akka yaada fooniitti akka hin facaasne’ murteessi. Jireenyi qananii, hojiiwwan yeroo boqonnaatti hojjetaman, bashannanniifi wkf fedhii tajaajila Waaqayyoorratti hirmaachuuf qabdu akka si jalaa balleessan hin heyyamin. Kiristiyaanonni hundi ‘akka yaada hafuuraatti facaasuu’ qabu; dhiironni akkasii yeroo booda gumii keessatti mirga argachuuf ga’eessota ta’uu danda’u. Yeroo har’aatti tajaajiltoonniifi jaarsoliin gumii baay’ee waan barbaachisaniif, matadureen kun keessumaa dhiirota Kiristiyaanota ta’anirratti kan xiyyeeffatudha. Kanaaf, obbolootaa, mataduree kanarratti kadhannaadhaan akka yaaddan isin jajjabeessina.

Hojii Ba’eessaaf Ga’eessota Ta’uuf Carraaqaa

4, 5. (a) Dhiironni cuuphaman gumii keessatti mirgawwan akkamii argachuuf akka carraaqan gorfamaniiru? (b) Namni tokko galmawwan kanarra ga’uuf kan carraaqu akkamitti?

4 Dhiirri Kiristiyaana ta’e tokko carraaqqii utuu hin godhin ilaaltuu olaanaa ta’uu hin danda’u. “Hojii ba’eessa” kanaaf ga’eessa ta’uuf carraaquu qaba. (1 Xim. 3:1) Kun, wanta obbolootaaf barbaachisu garaa guutuudhaan raawwachuu dabalata. (Isaayaas 32:1, 2 dubbisi.) Dhiirri kaka’umsa sirrii qabu tokko itti gaafatamummaa kana argachuuf kan carraaqu iddoo guddaa argachuuf jedhee miti. Kanaa mannaa, ofittummaa malee warra kaan fayyaduu waan barbaaduufidha.

5 Dhiirri tajaajilaa gumiifi ilaaltuu olaanaa ta’uu barbaadu, ulaagaawwan Caaffata Qulqullaa’oo keessatti caqasaman guutuuf ni carraaqa. (1 Xim. 3:1-10, 12, 13; Tit. 1:5-9) Dhiira cuuphame yoo taate akkas jedhii of gaafadhu: ‘Hojii lallabaarratti guutummaatti nan hirmaadhaa? Warri kaanis akka akkas godhan gargaaraan jiraa? Nageenya obboloota kootiif garaadhaa yaaduudhaan isaan jajjabeessaan jiraa? Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan maqaa gaariin qabaa? Akkaataan yaada itti kennu fooyyessaan jiraa? Hojii jaarsoliin natti kennan dhimmeen raawwadhaa?’ (2 Xim. 4:5) Gaaffiiwwan akkasiirratti gadi fageenyaan yaaduun barbaachisaadha.

6. Itti gaafatamummaa gumii keessa jiruuf ga’eessa ta’uuf wanti barbaachisu inni guddaan maalidha?

6 Itti gaafatamummaa gumii keessa jiruuf ga’eessa ta’uun karaan itti danda’amu kan biraammoo, ‘namummaan keenya inni keessaa karaa hafuura Waaqayyoo humnaan akka guutamu’ gochuudha. (Efe. 3:16) Namni tokko gumii Kiristiyaanaa keessatti tajaajilaa ykn jaarsa kan ta’u harka baasuudhaan filatamee miti. Mirgi kun guddina hafuuraa gochuudhaan qofa argama. Guddinni hafuuraa kan argamu akkamitti? Karaa kana itti gochuu dandeessu keessaa tokko, ‘hafuuraan geggeeffamaa jiraachuufi’ ija hojii hafuuraa horachuudha. (Gal. 5:16, 22, 23) Itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf, amalawwan hafuuraa barbaachisan akka qabdu kan argisiistuufi gorsa fooyya’iinsa akka gootu siif kenname hojiirra kan oolchitu yoo ta’e, namoonni ‘itti guddachaa adeemuu ni kee argu.’—1 Xim. 4:15.

Amalli Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu Barbaachisaadha

7. Warra kaan tajaajiluun maal dabalata?

7 Warra kaan tajaajiluun hojii cimaa fedhii ofii aarsaa gochuu gaafatudha. Ilaaltonni olaanaa tiksitoota hafuuraa waan ta’aniif, waa’een namoota gumii keessa jiranii baay’ee isaan yaaddessa. Itti gaafatamummaa hojii tiksummaa ilaalchisee wanta Phaawulos ergamaatti dhaga’ame hubadhaa. Obbolootasaa Qorontos jiraniin akkas jedheera: “Yaadni garaa koo guddaa utuu rakkatuu utuu dhiphatuus, imimmaan baay’ee lolaasaa isiniif caafuun koo, jaalala guddaa ani isiniif qabu sana akka beektaniif malee, isin gaddisiisuuf miti.” (2 Qor. 2:4) Phaawulos guutummaatti hojiisaarratti xiyyeeffatee akka ture beekamaadha.

8, 9. Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu namoonni warra kaaniif yaaduusaanii akkamitti akka argisiisan ibsan caqasi.

8 Amalli fedhii ofii aarsaa gochuu, yeroo hundumaa karaa dhiironni tajaajiltoota Yihowaaf jecha of kennan ittiin beekamanidha. Fakkeenyaaf, Nohi namoota manasaa keessa jiran kaaniin, ‘Akkan dhufuuf, yeroo dooniin hojjetamee xumuramu natti himaa’ akka hin jenne beekamaadha. Museen Israa’elota Gibxii turaniin, ‘Galaana Diimaatti wal argina. Karaa barbaaddaniin achi ga’aa’ hin jenne. Iyaasuun ‘Yeroo dallaan Yerikoo jigu natti himaa’ hin jenne. Isaayaas nama kan biraatti quba qabee, ‘Kunoo, inni jira, isa ergi!’ hin jenne.—Isa. 6:8.

9 Namni hafuurri Waaqayyoo akka isarratti hojjetu heyyamuudhaan fakkeenya guddaa nuuf ta’u Yesus Kiristosidha. Hojii ilmaan namootaa akka Furuu isaaf kenname gammachuudhaan fudhateera. (Yoh. 3:16) Jaalalli Yesus fedhiisaa aarsaa gochuudhaan nutti argisiise, fedhii keenya aarsaa gochuuf nu kakaasuu hin qabuu? Jaarsi yeroo dheeraadhaaf tajaajile tokko miira obboloota gumii keessa jiraniif qabu ilaalchisee akkas jedheera: “Jechi Yesus Phexrosiin hoolotakoo eegi jechuudhaan dubbate miirakoo tuqa. Waggoota darban keessatti, jechoonni muraasni jaalalaan dubbataman ykn gochi salphaan gaarummaa argisiisu nama tokko jajjabeessuu akka danda’u hubadheera. Hojiin obboloota jajjabeessuu baay’ee kan na gammachiisudha.”—Yoh. 21:16.

10. Dhiirota Kiristiyaanota ta’an fakkeenya Yesus hordofuudhaan namoota kaan akka tajaajilan kakaasuu kan danda’u maalidha?

10 Haala karra Waaqayyoo wajjin wal qabateen, dhiironni gumii keessa jiraniifi Yihowaadhaaf of murteessan, ilaalcha Yesus isa “Ani boqonnaa isiniifan kenna” jedhee calaqqisiisuu akka barbaadan beekamaadha. (Mat. 11:28) Dhiironni Kiristiyaanota ta’an Waaqayyorratti amantii yoo qabaataniifi gumii kan jaallatan yoo ta’e, hojii ba’eessa kanarra ga’uuf carraaqu. Akkasumas kana gochuun aarsaa guddaa akka ta’e ykn wanta humnaa ol ta’e akka isaan gaafatu hin yaadan. Haata’u malee, namni tokko itti gaafatamummaa kana bira ga’uuf carraaqu hin barbaadu yoo ta’ehoo? Fedhii gumii keessatti tajaajiluuf qabu guddifachuu ni danda’aa?

Fedhii Tajaajiluuf Qabdan Guddifadhaa

11. Namni tokko fedhii namoota kaan tajaajiluuf qabu guddifachuu kan danda’u akkamitti?

11 Ga’umsa akka hin qabne isinitti dhaga’amuunsaa carraaqqii akka hin goone kan isin dhowwu taanaan, hafuura qulqulluu argachuuf kadhannaa dhiheessaa. (Luq. 11:13) Hafuurri Yihowaa yaaddoo gama kanaan isinitti dhaga’amu mo’uuf isin gargaaruu danda’a. Obboleessa tokko carraaqqii gochuuf isa kakaasuudhaan, tajaajiluuf jabina kan isaa kennu hafuura Yihowaa waan ta’eef, fedhiin tajaajiluuf qabnu Waaqayyorraa argama. (Filp. 2:13; 4:13) Kanaaf, Yihowaan mirga tajaajilaa fudhachuuf fedhii akka qabaattan akka isin gargaaru kadhachuun barbaachisaadha.—Faarfannaa 25:4, 5 dubbisi.

12. Namni tokko ogummaa itti gaafatamummaa isarra jiru raawwachuuf isa dandeessisu argachuu kan danda’u akkamitti?

12 Kiristiyaanni tokko wanti karra hoolotaatiif barbaachisu, waan guddaa kan isa gaafatuufi rakkisaa waan isatti fakkaatuuf carraaqqii gochuurraa duubatti jechuu danda’a. Yookiinimmoo, ogummaa itti gaafatamummaa kana raawwachuuf isa dandeessisu akka hin qabne isatti dhaga’ama ta’a. Sababiinsaa kana taanaan, caalaatti dhimmee Dubbii Waaqayyoofi barreeffamawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an qayyabachuudhaan ogummaa argachuu danda’a. Akkas jedhee of gaafachuunsaas gaarii ta’uu danda’a: ‘Dubbii Waaqayyoo qayyabachuuf yeroo ramadeeraa? Ogummaa argachuufoo kadhachaan jiraa?’ Yaaqoob akkas jedhee barreesseera: “Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir’ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf.” (Yaq. 1:5) Yaada geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kana ni amantaa? Waaqayyo kadhannaa Solomoon dhiheesseef, yeroo murtoo kennutti “ogummaa fi hubannaa” wanta gaariifi gadhee gargar baasuuf isa dandeessisu kenneeraaf. (1 Mot. 3:7-14) Haalli Solomoon adda akka ture beekamaadha. Ta’us, Waaqayyo dhiironni itti gaafatamummaan gumii isaanirra jiru, karra hoolotaa isaan jala jiru akka kunuunsaniif ogummaa akka isaanii kennu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Fak. 2:6.

13, 14. (a) Phaawulos ‘jaalalli Kiristos kan isa qabe’ ykn kan isa dirqisiise akkamitti akka ta’e ibsi. (b) ‘Jaalalli Kiristos’ maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

13 Wanti fedhii warra kaan tajaajiluuf qabnu kakaasuuf nu gargaaru kan biraanimmoo, wanta Yihowaafi Ilmisaa nu godhan hundumaarratti gadi fageenyaan yaaduudha. Fakkeenyaaf, yaada 2 Qorontos 5:14, 15⁠rra jiru ilaalaa. (Dubbisi.) ‘Jaalalli Kiristos kan nu qabu’ ykn kan nu dirqisiisu akkamitti? Jaalalli Kiristos akka fedha Waaqayyootti nuuf jedhee du’uudhaan nutti argisiise guddaa waan ta’eef, dinqisiifannaafi galanni jaalala kanaaf qabnu yommuu guddatu fedhiin keenya ni kaka’a. Jaalalli Kiristos jireenya Phaawulosirratti dhiibbaa geessiseera. Ofittoo akka hin taane kan isa eege ta’uusaarrayyuu, kaayyoo namoota gumii keessas ta’e gumiidhaa ala jiran gargaaruuf qabutti akka cichu isa gargaareera.

14 Jaalala Kiristos namootaaf qaburratti xiinxaluun keenya, galateeffachuuf nu kakaasa. Kanaan kan ka’es, fedhii ofittummaa hordofuuniifi fedhii keenya qofa guutuudhaaf jiraachuudhaan ‘akka yaada fooniitti facaasuun’ sirrii akka hin taane ni hubanna. Kanaa mannaa, hojii Waaqayyo akka hojjennu nuu kenneef dursa kennuuf jireenya keenyarratti sirreeffama goona. Jaalalli obboloota keenyaaf ‘hojjechuuf’ nu kakaasa. (Galaatiyaa 5:13, hiika bara 1899 dubbisi.) Hojjetoota, saba Yihowaaf of murteessaniif gad of deebisuudhaan isaan tajaajillu goonee kan of ilaallu taanaan, ulfinaaf kabajaan isaan qabna. Amala nama ceepha’uufi namatti faraduu Seexanni babal’isu hordofuu akka hin barbaanne beekamaadha.—Mul. 12:10.

Carraaqqii Maatiin Godhu

15, 16. Dhiirri tokko tajaajilaa ykn jaarsa gumii ta’ee muudamuuf ga’eessa akka ta’uuf ga’een miseensota maatii maalidha?

15 Obboleessi tokko haadha manaafi ijoollee kan qabu yoo ta’e, tajaajilaa gumii ykn jaarsa ta’uuf ga’eessa ta’uufi dhiisuusaa murteessuuf haalli maatiisaa tilmaamaa keessa galchama. Haalli hafuuraafi maqaan maatiinsaa qabu, muudamuusaa wajjin kallattiidhaan kan wal qabatedha. Kunis, abbaan manaafi abbaan kun tajaajilaa ykn jaarsa gumii ta’ee gumii tajaajiluu yommuu barbaadu, maatiinsaa isa deggeruunsaanii barbaachisaa akka ta’e kan argisiisudha.—1 Ximotewos 3:4, 5, 12 dubbisi.

16 Miseensonni maatii Kiristiyaanaa walta’iinsaan yeroo hojjetan Yihowaan baay’ee gammada. (Efe. 3:14, 15) Namni mataa maatii ta’e tokko, maatiisaa “ba’eessa godhee” bulchuu utuu hin dagatin, itti gaafatamummaa gumii keessatti qabu raawwachuu qaba. Kanaaf, jaarsi ykn tajaajilaan gumii tokko, miseensonni maatii hundi Waaqeffannaa maatii torban torbaniin godhamurraa faayidaa akka argataniif, haadha manaafi ijoolleesaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuunsaa barbaachisaadha. Yeroo hundumaa isaanii wajjin tajaajilarratti hirmaachuu qaba. Miseensonni maatiis, carraaqqii mataan maatii sun godhu deggeruunsaanii barbaachisaadha.

Ammas Tajaajiluu Dandeessaa?

17, 18. (a) Obboleessi tokko deebi’ee muudamuuf ga’eessa yoo ta’uu baate maal gochuutu isa barbaachisaa? (b) Obboleessi kanaan dura jaarsa ykn tajaajilaa gumii ture tokko ilaalcha akkamii qabaachuu qaba?

17 Tarii yeroo tokkotti jaarsa ykn tajaajilaa gumii kan turte ta’us, yeroo ammaatti mirga tajaajilaa kana hin qabdu ta’a. Yihowaa ni jaallatta; inni ammas akka sii yaadu mirkanaa’aa ta’uu ni dandeessa. (1 Phe. 5:6, 7) Sirreeffama tokko tokko akka gootu sitti himameeraa? Hir’ina qabdu amanii fudhadhu; gargaarsa Waaqayyootiin hir’ina qabdu sirreessuuf yaali. Hadhaa’ummaarraa of qusadhu. Ogeessa ta’uudhaan ilaalcha ni ta’a jedhu akka qabdu argisiisi. Jaarsi waggoota dheeraadhaaf tajaajilaa turee mirgasaa dhabe tokko akkas jedheera: “Akkuman yeroo jaarsa tureetti walga’iirratti argamuu, tajaajilarratti hirmaachuufi Macaafa Qulqulluu dubbisuukoo itti fufuuf murteesseen ture; galma kanarra ga’uus danda’eera. Hamman mirgakoo deebisee argadhutti waggaa tokko ykn lama qofa akka natti fudhatu kanan yaade ta’us, mirga jaarsa ta’ee tajaajiluu deebisee kanan argadhe waggaa torba booda waan ta’eef obsa baradheera. Yeroo sanatti utuun abdii hin kutatin carraaqqii gochuukoo akkan itti fufu jajjabinni naa kenname baay’ee na gargaareera.”

18 Obboleessa haala olitti ibsame keessa jirtu yoo taate, abdii hin kutatin. Yihowaan tajaajilakeefi maatiikee hangam eebbisaa akka jiru xiinxali. Maatiikee karaa hafuuraa cimsi, warra dhukkubsatan gaafadhu, warra dadhaban jajjabeessi. Hundumaa caalaammoo, akka Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkootti, mirga Waaqayyoon faarsuufi misraachoo Mootummaasaa lallabuuf argatteef bakka guddaa kenni. *Far. 145:1, 2; Isa. 43:10-12.

Haalakee Irra Deebi’ii Qori

19, 20. (a) Dhiironni cuuphaman hundi maal akka godhan jajjabeeffamaniiru? (b) Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii mari’anna?

19 Yeroo kamiyyuu caalaa amma, ilaaltonni olaanaafi tajaajiltoonni baay’ee barbaachisu. Kanaaf, dhiirota cuuphaman hunda haalasaanii irra deebi’anii akka qoraniifi akkas jedhanii akka of gaafatan isaan jajjabeessina: ‘Tajaajilaa ykn jaarsa gumii miti taanaan, sababii mirga kana fudhadhee itti hin tajaajillerratti yaaduu hin qabuu?’ Hafuurri Waaqayyoo wanta baay’ee barbaachisaa ta’e kanaaf ilaalcha sirrii akka qabaattan isin haa gargaaru.

20 Miseensonni gumii hundi, amala fedha ofii aarsaa gochuu namoonni hidhata amantiisaanii ta’an argisiisanirraa faayidaa argatu. Gochawwan gaarummaafi ofittummaarraa walaba ta’an yommuu raawwannu, gammachuu warra kaan tajaajiluufi akka yaada hafuuraatti facaasuudhaan dhufu arganna. Akkuma mataduree ittaanurratti ilaallu, hafuura Waaqayyoo gaddisiisuu hin qabnu. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

[Miiljaleewwan]

Maal Jettee Deebista?

• Raajiin Miikiyaas 5:5⁠rra jiru maal nuu mirkaneessa?

• Fedhii ofii aarsaa gochuun maal akka dabalatu ibsi.

• Namni tokko fedhii warra kaan tajaajiluuf qabu guddifachuu kan danda’u akkamitti?

• Dhiirri tokko tajaajilaa ykn jaarsa gumii ta’ee tajaajiluuf ga’umsa akka qabaatuuf, ga’een maatii hangam barbaachisaadha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Mirga argachuuf carraaqqii akkamii gochuu dandeessa?