Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Hin Sodaatin! Ani Sin Gargaaraʼo”

“Hin Sodaatin! Ani Sin Gargaaraʼo”

“Hin Sodaatin! Ani Sin Gargaaraʼo”

YESUS, “Seexanni, akka isin qoramtanii ilaalamtaniif, isin keessaa kaan mana hidhaatti akka galfamtan gochuuf jedha” jechuudhaan duuka buutotasaa akeekkachiisee ture. Haataʼu malee, akeekkachiisa kana kennuusaa dura, “Dhiphina isa sitti dhufuuf jiru hin sodaatin!” isaaniin jedheera. Seexanni hojii Mootummicha lallabuu dhaabsisuuf, doorsisa ni hidhamtu jedhutti fayyadamuusaa waan itti fufuuf, mootummoonni tokko tokko Kiristiyaanota dhugaarratti ariʼatama geessisuu dandaʼu. (Mul. 2:10; 12:17) Egaa, tooftaa Seexanni itti fayyadamu beekuufi gorsa Yesus, “Hin sodaatin!” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuuf maaltu nu gargaara?

Baayʼeen keenya yeroo tokkotti sodaan nutti dhagaʼamee akka ture beekamaadha. Taʼus, Dubbiin Waaqayyoo gargaarsa Yihowaatiin sodaadhaan moʼamuurraa ooluu akka dandeenyu nuu mirkaneessa. Akkamitti? Karaa Yihowaan mormii nurra gaʼu akka moonu itti nu gargaaru keessaa inni tokko, tooftaalee Seexanniifi bakka buutonnisaa itti fayyadaman addaan baasnee akka beeknu gochuudha. (2 Qor. 2:11) Kun akkamitti taʼuu akka dandaʼu fakkeenyaan ibsuuf, wanta bara duriitti raawwatame tokko haa ilaallu. Akkasumas, fakkeenya namoota amanamoo bara keenyatti jiraniifi ‘haxxummaa Seexanaa mormanii’ ni ilaalla.—Efe. 6:11-13.

Bulchaa Hamaan Tokko Mootii Waaqayyoon Sodaatu Doorsise

Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti, Mootii Asor isa haamaa kan taʼe Senaaheriib walitti aansuudhaan saboota hedduu injifatee ture. Injifannoo argate kanatti kooruudhaan, saba Yihowaafi Yerusaalem magaalaasaanii ishee guddittii, bakka Hisqiyaas mootichi inni Waaqayyoon sodaatu itti bulchu injifachuuf kutatee kaʼee ture. (2 Mot. 18:1-3, 13) Yeroo kanatti, Seexanni kaayyoosaa galmaan gaʼuuf Senaaheriibiin kakaasee, waaqeffannaa dhugaa lafarraa balleessuuf haala sanatti fayyadamaa akka ture beekamaadha.—Uma. 3:15.

Senaaheriib magaalattiin akka harka kennitu dhiibbaa irratti gochuuf namootasaa Yerusaalemitti erge. Namoota kana keessaa tokko, Rabshaaqee bakka buʼaa mootichaa isa guddaa turedha. * (2 Mot. 18:17) Galmi Rabshaaqee, utuu waraana isaanirratti hin banin amanannaafi ija jabina Yihudootaa balleessuudhaan abdii akka kutatan gochuu ture. Rabshaaqeen Yihudoonni akka sodaatan gochuuf tooftaalee akkamitti fayyadame?

Namarraa Adda Baafamanis Amanamoo Turan

Rabshaaqeen, bakka buʼoota Hisqiyaasiin akkas jedhe: “Mootiin Asor inni guddichi, ‘Ati maal amanattee birʼaa malee teessa? Biyya Gibxii isa akka jajjaba caccabaa yommuu qabatan harka namaa waraanu amanattaa?’ . . . jedhe.” (2 Mot. 18:19, 21) Hisqiyaas Gibxii wajjin walii galtee waan hin qabneef, himanni Rabshaaqee soba ture. Taʼus, himanni Rabshaaqeen dhiheesse wanta Yihudoonni akka hubatan barbaadu kan addeessu ture, ‘Namni tokkoyyuu isin hin gargaaru. Qofaa keessan waan taataniif waan fiddan hin qabdan’ jechuusaa ture.

Dhiheenya kanattis, namoonni waaqeffannaa dhugaa morman, namarraa adda baafamtanii hidhamtu jedhanii Kiristiyaanota sodaachisuuf yaalii godhanii turan. Obboleettiin, sababii amantiisheetiin namoota hidhata amantiishee taʼanirraa waggoota hedduudhaaf adda baafamtee hidhamte tokko, yeroo booda wanta sodaa moʼuuf ishee gargaare dubbatetti. Akkas jetteetti: “Kadhannaan Yihowaatti akkan dhihaadhu na gargaareera. . . . Yaada Isaayaas 66:2⁠rratti, Waaqayyo ‘gara isa gad deebiʼaa fi isa hafuura cabaa’ akka ilaalu mirkaneessu yaadadheera. Kunis yeroo hundumaa humnaafi jajjabina guddaa naaf argamsiisa ture.” Haaluma walfakkaatuun, obboleessi waggoota hedduudhaaf qofaasaa kutaa tokko keessatti hidhamee ture akkas jedheera: “Namni tokko Yihowaa wajjin hariiroo cimaa kan qabu taanaan, kutaan xinnoon roga afur qabdullee, uumama cufa isaaf taʼuu akka dandeessu hubadheera.” Eeyyee, Kiristiyaanonni lamaan kun Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuunsaanii, dhiphina namarraa adda baafamuunsaanii isaanitti fide moʼuuf humna isaan barbaachisu kenneeraaf. (Far. 9:9, 10) Namoonni isaan ariʼatan maatii, michootaafi namoota hidhata amantiisaanii taʼanirraa adda isaan baasuu dandaʼaniyyuu, Dhugaa Baatonni hidhaman kun mormitoonni matumaa Yihowaarraa adda isaan baasuu akka hin dandeenye beeku turan.—Rom. 8:35-39.

Kanaaf, carraa arganne hundumaatti hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsachuun baayʼee barbaachisaadha! (Yaq. 4:8) Yeroo hundumaa akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Yihowaan hangam naa dhugoomeera? Dubbiinsaa, murtoo xinnoos taʼe guddaa yeroon godhutti dhibbaa guddaa akka narraan geessisu nan heyyamaa?’ (Luq. 16:10) Hariiroo cimaa Yihowaa wajjin qabnu eeggachuuf jabaannee kan hojjennu taanaan, sababii itti sodaannuuf hin qabnu. Ermiyaas raajichi Yihudoota cunqurfaman bakka buʼee yeroo dubbatu akkas jedheera: “Yaa Waaqayyo! Ani boolla gad fagoo keessaa maqaa kee nan waammadhe. . . . Yommuun si waammadhe, ati immoo anatti dhiʼaattee, ‘Hin sodaatin!’ naan jette.”—Faru. 3:55-57.

Yaaliin Shakkii Uumuuf Godhame Hin Milkoofne

Rabshaaqeen shakkii uumuuf dubbii haxxummaatti fayyadamee ture. Akkas jedhe: “Waaqayyo kun isa atumti iddoo ol kaʼootti sagaduudhaaf jettee, iddoo aarsaa isaa achii balleessite . . . sana mitii? . . . Waaqayyotu ‘Biyya kanatti duuliitii isa balleessi!’ jedhee na abboome.” (2 Mot. 18:22, 25) Kanaaf, Rabshaaqeen Yihowaan sabasaatti waan hin gammanneef isaaniif hin lolu jedhee falmeera. Kun garuu soba ture. Yihowaan Hisqiyaasiifi Yihudoota waaqeffannaa dhugaatti deebiʼanitti ni gammada ture.—2 Mot. 18:3-7.

Yeroo harʼaas, namoonni nu ariʼatan dubbii dhugaa xinnoo of keessaa qabutti fayyadamanii, haxxummaadhaan dhugaa sana sobaan walitti makuudhaan shakkii nu keessatti uumuuf yaalu. Fakkeenyaaf, obboloonni mana hidhaa jiran, obboleessi biyyasaaniitti itti gaafatamummaarra jiru tokko amantiisaa akka ganeefi isaanis amantiisaanii yoo dhiisan rakkina akka hin qabne itti himama ture. Haataʼu malee, yaanni akkasii Kiristiyaanota hubannaa qabanitti shakkiin akka uumamu hin godhu.

Mee wanta yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti obboleettii tokkorra gaʼe ilaalaa. Utuu mana hidhaa jirtuu, barreeffama obboleessi itti gaafatamummaarra jiru tokko amantiisaa akka gane ibsu itti argisiisan. Poolisiin ishee qoru sun, Dhugaa Baatuu kanatti kan amanamtuu taʼuushee ishee gaafate. Obboleettiin sunis, “[Inni] hamma nama taʼetti dogoggoruu dandaʼa” jettee deebiste. Itti dabaluudhaanis, hamma seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hordofetti Waaqayyo akka isatti fayyadame ibsite. “Yaanni inni kenne Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal hin simne yoo taʼe garuu, obboleessakoo taʼuunsaa ni hafa” jette. Obboleettiin amanamtuu taate kun, gorsa Macaafa Qulqulluu, “Amanannaa keessan gurguddoota irra, ilmaan namaa warra gargaarsi bira hin jirre irras hin kaaʼatinaa!” jedhu akka gaariitti hordofteetti.—Far. 146:3.

Waaʼee Dubbii Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuufi gorsasaa hojiirra oolchuun, dubbiiwwan gowwoomsaa murtoo jabaannee dhaabachuuf goone nu jalaa laaffisanirraa of eeguuf nu gargaara. (Efe. 4:13, 14; Ibr. 6:19) Kanaaf, yeroo dhiibbaan nurra gaʼutti sirriitti yaaduu akka dandeenyu of qopheessuuf, guyyaa guyyaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabannaa dhuunfaadhaaf dursa kennuu nu barbaachisa. (Ibr. 4:12) Eeyyee, yeroon beekumsa keenya itti guddisnuufi amantii keenya itti cimsannu ammadha. Obboleessi waggoota dheeraadhaaf kutaa tokko keessatti qofaasaa hidhamee ture tokko akkas jedheera: “Nyaanni hafuuraa nuuf dhihaatu yeroo taʼe tokkotti akkamitti akka nu fayyadu waan hin beekneef, namni hundumtuu nyaata hafuuraa nuu dhihaatu hundaaf dinqisiifannaa guddaa akka qabaatu jajjabeessuun barbaada.” Dhugumayyuu, Dubbii Waaqayyoofi barreeffamoota hojjetaan amanamaan nuuf dhiheessu of eeggannoodhaan yoo qayyabanne, yeroo haalli rakkisaan nu mudatu, hafuurri qulqulluun wanta baranne nu “yaadachiisa.”—Yoh. 14:26.

Doorsisni Isaanirra Gaʼus Eegumsa Argataniiru

Rabshaaqeen Yihudoota sossodaachisuuf yaalee ture. Akkas jedhe: “Egaa amma gooftaa koo mootii biyya Asorii wajjin nokkorrootti gali, fardeen ani siif kennu hundumaa irra taaʼanii loluu kan dandaʼan abboota fardeenii yoo qabaatteef, ani immoo fardeen kuma lama siif nan kenna. Ati . . . loltoota gooftaa kootii keessaa isa baayʼee cimaa hin taʼin iyyuu of irraa deebisuu hin dandeessu.” (2 Mot. 18:23, 24) Akka ilaalcha namaatti, Hisqiyaasiifi namoonnisaa loltoota Asor jajjaboo taʼan dura dhaabachuunsaanii waan hin fakkaannedha.

Warri yeroo harʼaatti tajaajiltoota Waaqayyoo ariʼatanis, keessumaa deggersa mootummaa kan argatan yoo taʼe, humnaa guddaa kan qaban fakkaachuu dandaʼu. Warri Naazii yeroo Waraana Addunyaa Isa Lammaffaatti tajaajiltoota Waaqayyoo ariʼatan haallisaanii akkas ture. Tajaajiltoota Waaqayyoo hedduu sossodaachisuuf yaalanii turan. Obboleessi waggoota hedduuf hidhamee ture tokko, akkamitti akka isa sossodaachisan yeroo booda dubbateera. Yeroo tokkotti abbaan taayitaa tokko akkas jedhee isa gaafate: “Quxisuunkee yeroo rasaasaan ajjeefamu argiteetta mitii? Kanarraa maal baratte?” Deebiinsaa akkas kan jedhu ture: “Ani Dhugaa Baatuu Yihowaati; gara fuulduraattis akkasumattan itti fufa.” Abbaan taayitaa sunis, “Ittaansuudhaan kan ajjeefamu sidha” jedhee isa doorsise. Haataʼu malee, obboleessi keenya jabaate kan dhaabate siʼa taʼu, diinichis isa sossodaachisuu dhiiseera. Yeroo sossodaachisame kanatti jabaate akka dhaabatu kan isa dandeessise maalidha? “Maqaa Yihowaatti amanameen ture” jechuudhaan deebiseera.—Fak. 18:10.

Guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan, gaachana guddaa wanta Seexanni karaa hafuuraa nu miidhuuf itti fayyadamu hundumarraa nu eegu qabanna. (Efe. 6:16) Kanaaf, Yihowaan amantii keenya jabeessuuf akka nu gargaaru kadhachuun barbaachisaadha. (Luq. 17:5) Akkasumas qophiiwwan hojjetaan amanamaan amantii keenya jabeessuuf nuu godhetti akka gaariitti fayyadamuu nu barbaachisa. Yeroo nu sossodaachisanitti, wanta Yihowaan Hisqiʼel raajicha isa namoota mata jabeeyyii taʼaniif lallabuun isarra turetti dubbate yaadachuudhaan jajjabina arganna. Yihowaan akkas isaan jedhe: “Ani fuula isaanii duratti ija-jabeessaa fi mata-jabeessa sin godha; adda kees akka dhagaa almaazii isa dhagaa qara qabu caalaa jabaatuu nan jabeessa.” (His. 3:8, 9) Barbaachisaa taanaan, Yihowaan akkuma Hisqiʼel akka dhagaa almaazii nu jabeessuu dandaʼa.

Qorumsa Dandaʼuu

Mormitoonni tooftaan isaan itti fayyadaman hundi yommuu isaan jalaa fashalaaʼu, kennaawwan nama hawwisiisan namni tokko amanamummaasaa akka hirʼisu gochuu akka dandaʼan hubataniiru. Rabshaaqeenis tooftaa kanatti fayyadameera. Namoota Yerusaalem jiraniin akkas jedheera: “Nagaa buufnaatii gara koo kottaa! . . . Kunis hamma ani dhufee biyya isa biyya keessan fakkaatu biyya midhaanii fi biyya buddeenaatti biyya iddoo dhaabaa waynii fi daadhii wayniitti, biyya mukkeetii ejersaa fi dammaatti isin geessutti itti in fufa; egaa isin wanta mootichi isin abboomu yoo gootan in jiraattu malee hin duutan.” (2 Mot. 18:31, 32) Buddeena hoʼaa nyaachuufi wayinii haaraa dhuguun, namoota magaalaa diinaan marfamte keessa jiran sana baayʼee hawwisiisee taʼuu qaba!

Yeroo tokko abdii akkasii kennuudhaan ejjennoo misiyoonii mana hidhaa jiru tokkoo laaffisuuf yaaliin godhamee ture. Ejjennoosaarratti akka yaaduuf jiʼa jaʼaaf, “mana gaarii” “bakka ashaakiltii bareedaa” qabutti akka geeffamu isatti himame. Obboleessi kun garuu amanamaa taʼuuf murteessee waan tureef, seera buʼuuraa Kiristiyaanonni ittiin geggeeffaman hin cabsine. Wanti isa gargaare maalidha? Yeroo booda akkas jechuudhaan ibseera: “Yeroo hundumaa Mootummaa Waaqayyoo abdii dhugaa godheen yaada ture. . . . Beekumsi ani waaʼee Mootummaa Waaqayyoo qabuufi abdiin kun akka raawwatamu mirkanaaʼaa taʼuunkoo, amantiikoo naa jabeesseera. Jabaadhee akkan dhaabadhu kan na gargaare, abdii kana shakkee kanan hin beekne taʼuu kooti.”

Nutoo Mootummaan Waaqayyoo hangam dhugaa taʼee nutti mulʼata? Abrahaam inni abbaa amantii taʼe, Phaawulos ergamaaniifi Yesus, Mootummichi dhugaa taʼee waan isaanitti mulʼateef, qorumsa isaan mudate moʼuu dandaʼaniiru. (Filp. 3:13, 14; Ibr. 11:8-10; 12:2) Jireenya keenya keessatti Mootummichaaf dursa kan kenninuufi eebba barabaraa inni argamsiisu yeroo hundumaa kan yaannu yoo taʼe, nuyis afeerrii yeroo muraasaaf qorumsarraa boqonnaa akka argannu nuu dhihaatu hin fudhannu.—2 Qor. 4:16-18.

Yihowaan Nu Hin Gatu

Rabshaaqeen Yihudoota sossodaachisuuf carraaqqii hedduu godhuyyuu, Hisqiyaasiifi namoonni inni bulchu Yihowaarratti amantii cimaa qabu turan. (2 Mot. 19:15, 19; Isa. 37:5-7) Yihowaanis, ergamaasaa tokko ergee halkan tokkotti buufata loltuu warra Asor keessaa loltoota 185,000 akka ajjeesu gochuudhaan, kadhannaa akka isaan gargaaru dhiheessaniif deebii kenneera. Guyyaa ittaanutti, Senaaheriib qaaniidhaan loltootasaa muraasa hafanii wajjin magaalaa biyyasaa ishee guddoo Nanawweetti saffisaan deebiʼe.—2 Mot. 19:35, 36.

Dhugumayyuu, Yihowaan namoota amanannaasaanii isarra kaaʼatan sana hin gatne. Fakkeenyi obboloota keenyaa yeroo harʼaa jiraniifi qorumsa isaanirra gaʼe moʼaniis Yihowaan sabasaa akka hin gatne mirkaneessa. Abbaan keenya inni samii, “Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaaraʼo’ siin jedhuu dha” jedhee kan nuuf mirkaneesse kanaafi.—Isa. 41:13.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Maqaan “Rabshaaqee” jedhu, maqaa abbootiin taayitaa Asor iddoo guddaa qaban ittiin beekaman ture. Seenaa kana keessatti maqaan namicha kanaa hin ibsamne.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 13rra jiru]

Yihowaan Dubbiisaa keessatti al 30 ol, ‘Hin sodaatinaa!’ jedhee tajaajiltootasaa jajjabeesseera

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Tooftaan Rabshaaqee, tooftaa diinonni tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaatti itti fayyadamanii wajjin kan walfakkaatu akkamitti?

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuun, yeroo qorumsi nurra gaʼutti amanamummaa keenya eeguuf nu gargaara