Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Gaarummaan’ Arraba Keessan Haa Eegu

‘Gaarummaan’ Arraba Keessan Haa Eegu

‘Gaarummaan’ Arraba Keessan Haa Eegu

“Ogummaadhaan in dubbatti, barsiifni gaariinis afaan ishee keessaa in baʼa.”—FAK. 31:26.

1, 2. (a) Namoonni Yihowaa waaqeffatan amala akkamii akka horatan jajjabeeffamaniiru? (b) Mataduree kana keessatti waaʼee maaliitu ibsama?

GORSI cimaan Lemuʼel Mootichi durii haadhasaarraa argate, ulaagaa barbaachisaa haati manaa gaariin tokko guutuu qabdu kan dabalatudha. Lemuʼel, “Ogummaadhaan in dubbatti, barsiifni gaariinis afaan ishee keessaa in baʼa” jedhameera. (Fak. 31:1, 10, 26) Arrabni dubartii ogeettii tokkoos taʼe namoota Yihowaa gammachiisuu barbaadan hundaa, gaarummaadhaan dubbachuunsaa barbaachisaadha. Waaqeffattoonni dhugaa hundi gaarummaadhaan dubbachuu qabu.

2 Gaarummaan maalidha? Eenyutti argisiisuu qabna? “Barsiifni gaariin” afaan keenya keessaa akka baʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Kunoo walitti dhufeenya miseensota maatiifi Kiristiyaanota kaanii wajjin qabnurratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?

Gaarummaan Jaalala Dhugaarratti Kan Hundaaʼedha

3, 4. (a) Gaarummaan jaalalarratti hundaaʼe maalidha? (b) Gaarummaan jaalalarratti hundaaʼe gaarummaa namoonni uumamaan argisiisanirraa adda kan taʼe akkamitti?

3 Gaarummaan jaalala argisiisuus kan dabalatudha. * Gaarummaan, namootaaf dhuunfaatti xiyyeeffannaa kennuufi kanas hojii nama gargaaruufi dubbii gaarii dubbachuudhaan argisiisuu dabalata. Gaarummaa jaalalarratti hundaaʼe argisiisuun, jaalalaan kakaʼanii nageenya warra kaaniitiif xiyyeeffannaa kennuu gaafata. Gaarummaan akkasii, hanga kaayyoon nama sanaaf gaarummaa itti argisiifnu galama gaʼutti, fedhiifi amanamummaadhaan nama sanatti maxxanuu jechuudha.

4 Haataʼu malee, gaarummaan jaalalarratti hundaaʼe gaarummaa isa kaanirraa karaan adda itti taʼe kan biraanis jira. Namoonni uumamasaaniitiin nama hin beekneefillee gaarummaa argisiisuu dandaʼu. Jiraattonni odoola Malaaxiyaa, namoota duraan matumaa hin beekne jechuunis Phaawulosiifi namoota 275 markabni jalaa cabetti gaarummaa akkasii argisiisanii turan. (HoE. 27:37–28:2) Kanarraa karaa faallaa taʼeen, gaarummaan jaalalarratti hundaaʼe, nama akka gaariitti beekanitti amanamummaadhaan maxxanuu kan argisiisudha. * Gaarummaan warri Qenootaa yommuu “sabni Israaʼel biyya Gibxii baʼanitti” isaanitti argisiisan kan akkasii ture.—1 Sam. 15:6.

Xiinxaluufi Kadhachuun Barbaachisaadha

5. Arraba keenya toʼachuuf maaltu nu gargaara?

5 Gaarummaadhaan dubbachuun salphaa miti. Arraba ilaalchisuudhaan Yaaqoob, “Namni arraba leejjisuu dandaʼu hin jiru; inni hamaa gabii hin qabnee dha, hadhaa duʼa fiduunis guutuu dha” jechuudhaan barreesseera. (Yaq. 3:8) Kutaa qaamaa baayʼee rakkisaa taʼe kana toʼachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Wanti Yesus geggeessitoota amantii barasaa turaniin jedhe kana hubachuuf nu gargaara. “Waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata” jedheera. (Mat. 12:34) Wanti dubbannu gaarummaa kan argisiisu akka taʼu yoo barbaanne, amala kana qabaachuu qabna. Xiinxaluufi kadhachuun kana gochuuf akkamitti akka nu gargaaru mee haa ilaallu.

6. Wanta Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee raawwaterratti dinqisiifannaadhaan xiinxaluu kan qabnu maaliif?

6 Macaafni Qulqulluun Yihowaan ‘gaarummaansaa guddaadha’ jechuudhaan dubbata. (Bau. 34:6) Faarfatichi “Gaarummaan kee lafa in guuta, yaa Waaqayyo” jechuudhaan faarfateera. (Far. 119:64) Caaffanni Qulqullaaʼoon, seenaawwan Yihowaan namoota isa waaqeffatanitti akkamitti gaarummaa akka argisiise ibsan hedduu qabataniiru. ‘Hojiiwwan Waaqayyoorratti’ dinqisiifannaadhaan xiinxaluuf yeroo ramaduun keenya, amalawwan isa gammachiisan kana horachuuf fedhii akka qabaannu gochuu dandaʼa.Faarfannaa 77:12 dubbisi.

7, 8. (a) Yihowaan Looxiifi maatiisaatti gaarummaa akkamii argisiise? (b) Daawit Waaqayyo gaarummaa isatti argisiisuusaatti maaltu itti dhagaʼame?

7 Fakkeenyaaf, Yihowaan yommuu magaalaa Sodoom balleesse, mucaa obboleessa Abrahaam kan taʼe Looxiifi maatiisaa akkamitti akka oolche yaadi. Yeroonsaa yommuu dhihaachaa dhufu, ergamoonni gara Loox dhufanii maatiisaa fudhatee hatattamaan magaalicha keessaa akka baʼu isatti himan. Macaafni Qulqulluun, “Inni garuu qaqqabachaa ture; haa taʼu iyyuu malee, Waaqayyo waan isa baraareef, [ergamoonni] sun isa, haadha manaa isaa, intaloota isaa lamaanis harka qabanii baasanii mandarattii duubaan in gaʼan” jedha. Gocha fayyisuu kanarratti xiinxaluun keenya, garaan keenya akka tuqamuufi kun gaarummaa Waaqayyoo kan argisiisu akka taʼe amanne akka fudhannu nu hin kakaasuu?—Uma. 19:16, 19.

8 Fakkeenya Daawit Mootii Israaʼel durii, isa akkas jechuudhaan faarfatees ilaali: “[Yihowaan] yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa.” Daawit cubbuu Baat-Sheebaa wajjin hojjeteef dhiifama argachuusaatti dinqisiifatee taʼuu qaba! “Bantiiwwan waaqaa lafa irraa fagaachuun isaanii guddaa akka taʼe, gaarummaan Waaqayyoos akkasuma warra isa sodaataniif guddaa jabaa dha” jechuudhaan Yihowaa ol ol godheera. (Far. 103:3, 11) Seenaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo kanaafi kaanirratti xiinxaluun keenya, garaan keenya dinqisiifannaa gaarummaa Yihowaatiif qabnuun akka guutamu godha; kunis isa faarsuufi galateeffachuuf nu kakaasa. Garaan keenya galateeffannaadhaan yoo guutame, fakkeenya Waaqa dhugaa hordofuuf caalaatti fedhii qabaanna.—Efe. 5:1.

9. Namoonni Yihowaa waaqeffatan jireenyasaanii keessatti gaarummaa argisiisuuf sababii guddaa akkamii qabu?

9 Caaffanni Qulqullaaʼoon, Yihowaan gaarummaa jaalalarratti hundaaʼe kan argisiisu warra michootasaa taʼanitti akka taʼe ibsu. Warri Waaqa jiraataa taʼee wajjin walitti dhufeenya cimaa akkasii hin qabnehoo? Yihowaan isaaniitti ni hammaata ykn gaarummaa isaanitti hin argisiisu jechuudhaa? Matumaa. Luqaas 6:35 “[Waaqayyo] warra galata hin qabnee fi warra hamootaaf iyyuu arjaa dha” jedha. “Aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jalʼootaaf in roobsa.” (Mat. 5:45) Dhugaa barachuufi hojiirra oolchuu keenya dura, gaarummaa Waaqayyo namoota hundumaatti argisiisu arganneerra. Haataʼu malee, isa waaqeffachuu yommuu jalqabnu, jaalalasaa isa dhugaa jechuunis gaarummaa jaalalarratti hundaaʼe nutti argisiisa. (Isaayaas 54:10 dubbisi.) Kanaaf guddaa galateeffachuu dandeenya! Dubbii keenyaanis taʼe guutummaa jireenya keenya keessatti gaarummaa argisiisuuf kun sababii guddaa nuu hin taʼuu?

10. Gaarummaa qabachuuf kadhannaan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

10 Kadhannaan gaarummaa jaalalarratti hundaaʼe horachuuf gargaarsa guddaa nuu godha. Jaalalliifi gaarummaan ija hojii hafuura Yihowaa waan taʼaniif kana gochuun keenya barbaachisaadha. (Gal. 5:22) Hafuurichi akka nu geggeessu heyyamuudhaan gaarummaa akkasii horachuu dandeenya. Karaan hunda caalaa kallattiidhaan hafuura Yihowaa argachuun itti dandaʼamu kadhannaadhaan gaafachuudha. (Luq. 11:13) Irra deddeebinee hafuura Waaqayyoo argachuuf kadhachuufi qajeelfamasaa fudhachuun keenya barbaachisaadha. Eeyyee, barsiisni gaariin afaan keenya keessaa akka baʼu yoo barbaanne, xiinxaluufi kadhachuun barbaachisaadha.

Hiriyoonni Gaaʼelaa Gaarummaadhaan Walitti Dubbachuu Kan Dandaʼan Akkamitti?

11. (a) Yihowaan abbaan manaa haadha manaasaatti gaarummaa akka argisiisu akka isarraa eegu akkamitti beekna? (b) Barsiisni gaariin abbaan manaa arrabasaa akka toʼatu gargaaruu kan dandaʼu karaa kamiin?

11 Phaawulos akkas jechuudhaan abbootii manaa gorseera: “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!” (Efe. 5:25) Phaawulos wanta Yihowaan Addaamiifi Hewwaanitti dubbates isaan yaadachiiseera. Ergamaan kun, “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu” jechuudhaan barreesseera. (Efe. 5:31) Yihowaan, Abbootiin manaa yeroo hundaa gaarummaa argisiisuudhaan haadhotii manaasaaniitti amanamummaadhaan akka maxxanan akka isaanirraa eegu ifadha. Abbaan manaa dubbiinsaa jaalalaarratti hundaaʼe tokko, hirʼina haadha manaasaa namoota duratti hin dubbatu ykn ishee hin qaanessu. Kanaa mannaa gammachuudhaan ishee galateeffata. (Fak. 31:28) Gidduusaaniitti walitti buʼiinsi yoo uumame, gaarummaan akkasii abbaan manaa haadha manaasaa salphisuurraa arrabasaa akka toʼatu isa kakaasa.

12. Haati manaa tokko dubbiinshee barsiisa gaariirratti kan hundaaʼe taʼuusaa argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

12 Barsiifni gaariin arraba haadha manaas toʼachuu qaba. Hafuurri biyya lafaa dubbiisheerratti dhiibbaa gochuu hin qabu. “Abbaa manaa isheetiif ulfina” waan kennituuf, waaʼeesaa waan gaarii namootaatti dubbachuudhaan kabajin warri kaan isaaf qaban akka dabalu gooti. (Efe. 5:33) Ijoolleen kabaja abbaasaaniitiif qaban akka dhaban waan hin barbaanneef, isaan duratti isaa wajjin falmuu ykn ilaalchasaa ceephaʼuurraa of qusatti. Dhimmawwan akkasii yeroo qofaasaanii taʼan furmaata akka argatan gooti. Macaafni Qulqulluun, “Dubartoonni ogeeyyiin hundinuu mana isaanii in ijaaru” jedha. (Fak. 14:1) Mannishee guutummaa maatichaatiif bakka gammachiisaafi mijaaʼaa taʼedha.

13. Barsiisni gaariin keessumaa eessatti argisiifamuu qaba? Kana gochuun kan dandaʼamuhoo akkamitti?

13 Hiriyoonni gaaʼelaa manasaanii keessatti yommuu kophaa taʼanillee, karaa akka wal kabajan argisiisuun arrabasaaniitti fayyadamuusaanii itti fufuu qabu. Phaawulos, “Dheekkamsa, aarii, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin baʼin!” jedheera. Itti dabaluudhaanis akkas jedheera: “Araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa. . . . Jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!” (Qol. 3:8, 12-14) Ijoolleen mana keessatti dubbii jaalalaafi gaarummaa argisiisu kan dhagaʼan taanaan, gammachuu argachuu qofa utuu hin taʼin, yeroo baayʼee akkaataa warrisaanii itti dubbatanis ni hordofu.

14. Mataawwan maatii arrabasaanii warra isaan jala jiran jajjabeessuuf itti fayyadamuu kan dandaʼan karaa kamiini?

14 Faarfatichi Yihowaa ilaalchisee, “Gaarummaan kee ana haa jajjabeessu!” jechuudhaan barreesseera. (Far. 119:76) Karaan Yihowaan sabasaa itti jajjabeessu inni guddaan, jajjabinaafi qajeelfama isaanii kennuudha. (Far. 119:105) Abbootiin manaa fakkeenya Abbaasaanii isa samii hordofuudhaan arrabasaanii warra isaan jala jiran jajjabeessuuf itti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti? Qajeelfamaafi jajjabina barbaachisu kennuudhaan kana gochuu dandaʼu. Waaqeffannaan Maatii galgalaa, beekumsa Macaafa Qulqulluu faayidaa guddaa qabu argachuuf carraa gaarii bana.—Fak. 24:4.

Namoota Hidhata Amantii Keessan Taʼanitti Jaalala Dhugaa Argisiisaa

15. Jaarsoliiniifi warri karaa hafuuraa gaʼeessota taʼan, warra gumii keessa jiran kaan eeguuf arrabasaaniitti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

15 Daawit Mootichi, “Gaaromuun kee fi amanamuun kee gaaf hundumaa ana haa eegan!” jechuudhaan kadhateera. (Far. 40:11) Jaarsoliin gumiifi Kiristiyaanonni karaa hafuuraa gaʼeessota taʼan kaan, gama kanaan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Arraba keenyatti fayyadamnee namoonni yaada Caaffata Qulqullaaʼoorratti akka xiyyeeffatan gochuun dhugumaan gaarummaa kan argisiisudha.—Fak. 17:17.

16, 17. Barsiisni gaariin afaan keenya keessaa akka baʼu karaan itti argisiisnu tokko tokko maalfaʼi?

16 Kiristiyaanni tokko karaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessurra deemaa akka jiru yoo argine maal gochuu qabna? Gaarummaan, arraba keenyatti fayyadamnee isa sirreessuuf akka yaallu nu hin kakaasuu? (Far. 141:5) Namni hidhata amantii keenyaa taʼe tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo beekne, jaalalli dhugaan, namni kun “maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif” jecha ‘jaarsolii waldaa kristiyaanaa akka waamsifatu’ isa jajjabeessuuf nu kakaasa. (Yaq. 5:14) Namni dogoggora raawwate kun jaarsoliitti himuu yoo baate, dhimma kana beeksisuu dhiisuun keenya jaalala ykn gaarummaa miti. Nu keessa tokko tokko abdii kutachuu, kophummaan itti dhagaʼamuu, gatii akka hin qabne yaaduu ykn wanti nama gaddisiisu isaan mudachuu dandaʼa. Karaan afaan keenya keessaa barsiisni gaarii akka baʼu itti argisiisnu inni tokko ‘warra dhiphatan jajjabeessuudha.ʼ—1 Tas. 5:14, NW.

17 Diinonni Waaqayyoo waaʼee namoota hidhata amantii keenya taʼanii oduu yoo odeessan maal gochuu qabna? Amanamummaa obboloota keenyaa shakkuu mannaa, oduu kana tuffannee bira darbina ykn namni odeesse sun mirkanaaʼaa taʼuusaa, wanti dubbatame sun ragaa qabaachuufi dhiisuusaa isa gaafanna. Diinonni saba Waaqayyoo Kiristiyaanota obboloota keenya taʼanirratti miidhaa geessisuuf eessa akka jiran yoo nu gaafatan, jaalalli dhugaan obboloota keenyaaf qabnu, odeeffannoo akka isaanii hin laanne nu godha.—Fak. 18:24.

Namni Gaarummaa Duukaa Buʼu Jireenyaa In Argata’

18, 19. Walitti dhufeenya namoota Yihowaa waaqeffatanii wajjin qabnurratti barsiisni gaariin afaan keenya keessaa dhabamuu kan hin qabne maaliifi?

18 Jaalalli dhugaan walitti dhufeenya namoota Yihowaa waaqeffatanii wajjin qabnu hundarratti mulʼachuu qaba. Haala rakkisaa taʼe keessattillee, barsiifni gaariin afaan keenya keessaa dhabamuu hin qabu. Yeroo gaarummaan Israaʼelootaa “akka fixeensa ganamaan dafee buʼuu” taʼetti Yihowaan gaddee ture. (Hos. 6:4, 6) Karaa biraammoo, Yihowaan yeroo hundaa gaarummaa argisiisuu keenyatti ni gammada. Namoota amala kana argisiisan akkamitti akka eebbise haa ilaallu.

19 Fakkeenyi 21:21 akkas jedha: “Namni qajeelummaa fi gaarummaa duukaa buʼu, jireenyaa fi qajeelummaa, ulfinas in argata.” Eebbawwan namni akkasii argatu keessaa tokko jireenyadha; jireenyi kunis kan yeroo gabaabaa utuu hin taʼin jireenya dhuma hin qabnedha. Yihowaan ‘jireenya dhugaa harka keessa akka galfatu’ isa gargaara. (1 Xim. 6:12, 19) Kanaaf karaa hundumaan, ‘walii keenyatti gaarummaa haa argisiisnu!ʼ—Zak. 7:9.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Jechi Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo keessatti gaarummaa jedhamee hiikame, afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen jechoota jaalalaafi gaarummaa jedhanirraa kan dhufedha.

^ key. 4 Gaarummaan jaalalarratti hundaaʼe amanamummaa, jaalalaafi gaarummaarraa akkamitti akka adda taʼe ibsa dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2002 fuula 12-13, 18-19 ilaali. (Amaariffa)

Ibsuu Dandeessaa?

• Gaarummaa akkamitti ibsita?

• Barsiisni gaariin afaan keenya keessaa akka hin dhabamne maaltu nu gargaara?

• Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo walitti dubbatan jaalala dhugaa argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

• Walitti dhufeenya obboloota keenyaa wajjin qabnurratti barsiisni gaariin afaan keenya keessaa akka baʼu kan argisiisu maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Daawit gaarummaa Yihowaa ol ol godheera

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Sagantaa dhaabbataa Waaqeffannaa Maatii galgalaa itti gootan qabduu?