Duulli Addaa Bulgaariyaatti Godhame Buʼaa Argamsiise
Duulli Addaa Bulgaariyaatti Godhame Buʼaa Argamsiise
“Midhaan sassaabamu baayʼee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa; egaa hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa!”—MAT. 9:37, 38.
JECHOONNI kun haala Bulgaariyaa ishee biyya Baalkaan taateefi kibba bahaa Awurooppaatti argamtuu wajjin kan walsimanidha! Namoota biyyattii miliyoona torbaa ol taʼaniif misraachicha labsuuf hojjettoonni dabalataa ni barbaachisu turan. Bulgaariyaa keessa babalʼistoonni gara 1,700 kan jiran taʼus, naannoo tajaajilaa sana guutummaatti waliin gaʼuu hin dandaʼan turan. Kanaaf, Qaamni Olaanaan, obboloonni afaan Bulgaariyaa dubbatan biyyoota Awurooppaa hedduudhaa dhufanii duula addaa bara 2009 godhamurratti akka hirmaatan heyyama kenne. Duulichi yeroo bonaatti jiʼa tokkoofi torban sadiif kan karoorfame siʼa taʼu, Walgaʼii Koonyaa “Yeroo Hundaa Dammaqinaan Eegaa!” jedhuufi Hagayya 14-16, 2009 Soofiyaatti godhameen xumurameera.
Namoonni Hedduun Of Dhiheessaniiru
Obboloonni waajjira damee Soofiyaa jiran, Faransaay, Jarman, Giriik, Xaaliyaanii, Poolaandiifi Ispeen keessaa namoota meeqatu dhufa laata jedhanii yaadanii turan. Kana gochuun baasii ofiitiin Bulgaariyaa deemuufi yeroo boqonnaa ofii lallabarratti dabarsuu kan gaafatu ture. Lakkoofsi obboloota heyyama gaafatanii, torban torbaniin dabaluudhaan 292 yommuu taʼu arguun baayʼee kan nama gammachiisu ture! Namoonni hammi kun waan dhufaniif, obboloota fedhiidhaan of dhiheessan kana magaalota Bulgaariyaa keessa jiran sadii jechuunis, Kaazaanlaak, Saandaaniskiifi Silistiratti ramaduun dandaʼameera. Daawwattoonni olaanaa aanaa Bulgaariyaa keessa jiran qajeelchitoonniifi babalʼistoonni biyyattii keessa jiraatanis duula kanarratti akka hirmaatan afeeranii turan. Dhumarrattis, naannoowwan yeroo baayʼee itti hin lallabamne keessatti obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan 382 taʼan misraachicha labsaniiru.
Obboloonni gumiiwwan naannoo sanatti dhihoo jiran keessatti argaman, mana warri alaa dhufan keessa turan akka qopheessaniif dursanii ergaman. Isaanis appaartaamaa kireeffataniif, akkasumas hoteelota rakasa taʼan isaaniif qaban. Obboloonni naannoo sana jiran, warra alaa dhufan kanaaf haala mijeessuufi wanta jireenyaaf isaan barbaachisu akka argatan gochuuf dadhabe utuu hin jedhin hojjetaniiru. Magaalota sadanuu keessatti, bakki walgaʼiin itti godhamu kireeffamee ture. Obboloonni alaa dhufan walgaʼiiwwan gumii akka geggeessan qophiin godhamee ture. Bakka Dhugaa Baatuun tokkollee hin turretti, babalʼistoonni 50 taʼan Yihowaa galateeffachuuf yommuu walgaʼii godhan arguun kan nama gammachiisudha.
Obboloonni biyyoota gara biraadhaa duula kanaaf dhufan hinaaffaa guddaa qabu turan. Jiʼoota bonaatti hoʼi Bulgaariyaa digirii seentii gireedii 40 ol taʼa. Haataʼu malee, obboloota hinaaffaa qaban kana wanti tokkoyyuu isaan dhowwuu hin dandeenye. Magaalaa Silistiraa ishee Laga Daaniyuub biratti argamtuufi jiraattota 50,000 ol qabdu keessatti, torban sadan jalqabaa gidduutti guutummaatti lallabuun dandaʼameera. Kanaaf, mandaroota naannoo sana jiraniifi Tuturkaan ishee lixa Silistiraarraa Kiiloo meetira 55 fagaattee jirtuttillee lallabuuf qophiin ni godhame. Yeroo hunda ganama saʼaatii 3:30tti tajaajilasaanii jalqabu. Boqonnaa laaqanaa erga godhanii boodammoo, yeroo baayʼee galgala keessaa hanga saʼaatii 1:00 ykn isaa oliitti lallabu turan. Haaluma wal fakkaatuun, hinaaffaa guddaa warri fedhiidhaan tajaajilan kun argisiisaniin kan kaʼe, obboloonni Kaazaanlaakiifi Saandaaniskiitti ramadamanis, mandarootaafi magaalota naannoo sana jiranitti akka lallaban qophiin ni godhame.
Buʼaa Akkamiitu Argame?
Jiʼa tokkoofi torban sadan kana gidduutti balʼinaan lallabameera. Akkuma bara ergamootaatti jedhamee ture, jiraattonni magaalota kanaa, ‘Barsiisa keessaniin magaalaa kana waliin geessaniittu’ jechuu dandaʼu turan. (HoE. 5:28) Dhugaa Baatonni duula kanarratti hirmaatan, barruulee gara 50,000 raabsaniiru; akkasumas qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 482 jalqabsiisaniiru. Fulbaana 1, 2009tti, Silistiraa keessatti gumiin tokko hundeeffameera; Kaazaanlaakiifi Saandaaniskii keessammoo tuutni kan jiru taʼuunsaa nama gammachiisa. Namoonni yeroo jalqabaatiif duula kanarratti misraachicha dhagaʼan, karaa hafuuraa yommuu guddina godhan arguun baayʼee kan nama gammachiisudha.
Torban duulli sun jalqabametti qajeelchituun addaa afaan Bulgaariyaa dubbattuufi Ispeenii dhufte tokko, dubartii karaarratti gaazexaa gurgurtuufi Kaariinaa jedhamtu tokkoof lallabde. Kaariinaan fedhii argisiisuudhaan gara walgaʼii dhufte. Achiis Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf yeruma sana walii galte. Abbaan manaashee nama Waaqayyo jiraachuusaatti hin amanne waan tureef, bakka namoonni itti bashannananitti Macaafa Qulqulluu akka ishee qayyabsiisan gaafatte. Ijoolleenshee durbaa lamaanis qayyabannaa kanarratti ni argamu turan. Intallishee isheen angafaa Daaniyeelaa jedhamtu dhugaa Macaafa Qulqulluutiif fedhii guddaa argisiiste. Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu torban tokko gidduutti dubbisee kan fixe siʼa taʼu, wanta Macaafni Qulqulluun waaqeffannaadhaaf fakkiitti fayyadamuu ilaalchisee ibsu yeruma sana hojiirra oolchite. Achiis dhugaa baratte hiriyootasheetti himuu jalqabde. Walgaʼii gumiirratti yeroo jalqabaatiif erga argamtee torban sadii booda, obboleettii isaan qayyabsiistuun akkas jette: “Isin keessaa tokko akkan taʼetti natti dhagaʼama. Anoo lallabarratti hirmaachuuf maal gochuun qaba?” Daaniyeelaan, haatisheefi quxisuunshee guddina argisiisuusaanii itti fufaniiru.
Kaazaanlaak keessatti obboleessi lammii Bulgaariyaa taʼe, Ooriliin jedhamuufi duula kanaaf Xaaliyaaniidhaa dhufe tokko, tajaajilasaa erga xumuree booda bakka buufatetti deebiʼaa ture. Ooriliin utuu darbaa jiruu, dargaggoota bakka bashannanaatti barcuma dalgeerra taaʼan lamaaf lallabe. Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu tokko erga isaanii kennee booda, guyyaa ittaanutti deebiʼee dhaquuf beellama qabate. Ooriliin yommuu deebiʼee dhaqu, Siveetoomiiriin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan jalqabsiise siʼa taʼu, guyyaa ittaanuttis itti fufeera. Ooriliin, guyyaa sagal keessatti siʼa saddeet Siveetoomiiriin qayyabsiise. Siveetoomiir akkas jechuudhaan dubbateera: “Sii wajjin wal arguukoo guyyaa lama dura, isa beekuuf akka na gargaaru Waaqayyoon kadhadheen ture. Inni yoo na gargaare jireenyakoo akkan isaaf murteessu waadaa galeefiin ture.” Ooriliin gara Xaaliyaaniitti erga deebiʼee booda obboloonni naannoo sana jiran Siveetoomiiriin kan qayyabsiisan siʼa taʼu, innis dhugaa kan ofiisaa godhachaa jira.
Warri Aarsaa Kaffalan Eebba Hedduu Argataniiru
Obboloonni yeroo boqonnaasaanii aarsaa gochuudhaan, baasii mataasaaniitiin misraachicha biyyoota garabiraatti lallaban maaltu isaanitti dhagaʼama? Jaarsi Ispeen keessatti tajaajilu tokko akkas jechuudhaan barreesseera: “Duulli kun obboloonni afaan Bulgaariyaa dubbataniifi Ispeen keessa jiraatan caalaatti akka walitti dhihaatan godheera. Obboloota duula kanarratti hirmaatanirratti dhiibbaa guddaa geessiseera.” Abbaan manaafi haati manaa Xaaliyaanii keessa jiraatanis, “Kun jireenya keenya keessatti jiʼa baayʼee adda taʼedha!” jedhaniiru. Itti dabaluudhaanis, “Duulli kun jireenya keenya jijjiireera! Amma namoota addaa taaneerra” jedhaniiru. Abbaan manaafi haati manaa kun, Bulgaariyaa bakka namoonni lallaban caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluuf yaaduu jalqaban. Qajeelchituu qeenteen Kaariinaa jedhamtuufi Ispeenii dhufte, duula Silistiraatti godhamerratti hirmaattee turte. Sana booda hojiishee Ispeen keessatti hojjettu dhiistee, gumii haaraa magaalicha keessa jiru gargaaruuf Bulgaariyaatti galte. Qarshii Bulgaariyaa keessa waggaa tokko jiraachuuf ishee dandeessisu kuufattee turte. Kaariinaan murtoo goote ilaalchisuudhaan akkas jetteetti: “Yihowaan Bulgaariyaa keessatti akkan tajaajilu naa heyyamuusaatti baayʼeen gammada; yeroo dheeraadhaaf as turuu nan dandaʼa jedheen abdadha. Amma qayyabannaa Macaafa Qulqulluu shan kanan qabu siʼa taʼu, isaan keessaa sadii gumiirratti argamuu jalqabaniiru.”
Obboleettiin lammii Xaaliyaanii taate tokko duula kanarratti hirmaachuu barbaaddus, reefuu hojii haaraa jalqabuushee waan taʼeef boqonnaa guyyaa tokkollee hin qabdu turte. Abdii utuu hin kutatin mindaa malee boqonnaa jiʼa tokkoo kan gaafatte siʼa taʼu, yoo boqonnaa argachuu baatte garuu hojicha gadhiisuuf murteessitee turte. Kan nama dhibu, namni ishee hojjechiisu sun, “Tole, garuu waan tokko gochuu qabda: Bulgaariyaadhaa poostikaardii naa ergi” jedheen. Obboleettiin kun Yihowaan kadhannaasheetiif deebii akka kenne itti dhagaʼameera.
Obboleettiin Istaanislaavaa jedhamtuufi magaalaa Bulgaariyaa Vaarnaatti dhalatte tokko hojii mindaa gaarii isheedhaa argamsiisu kan hojjettu siʼa taʼu, duula Silistiraatti godhamurratti hirmaachuuf jecha boqonnaa fudhatte. Gammachuu qajeelchitoonni hedduun biyyasheetti misraachicha lallabuuf dhufan qaban yeroo argitu imimmaanshee toʼachuu hin dandeenye. Achiis, hojii biyya lafaa hojjechuudhaan jireenyasheetti akkamitti itti fayyadamaa akka jirtu yaaduu jalqabde. Torban lama booda manasheetti yommuu deebitu, hojiishee dhiistee qajeelchaa taate. Amma dargaggummaasheetti Uumaashee waan yaadattuuf gammachuu dhugaa akka qabdu itti dhagaʼama.—Lal. 12:1.
Tajaajila Yihowaarratti dammaqinaan hirmaachuun eebba guddaa argamsiisa. Hojii barbaachisaa barsiisuufi misraachicha labsuutiif yeroofi humna keessan kennuu caalaa, wanti hojjechuu dandeessan tokkoyyuu hin jiru. Atoo, karaan tajaajila lubbuu baraarsaa taʼe kanarratti hirmaannaakee guddisuu itti dandeessu jiraa? Biyyakee keessatti bakki gargaarsi guddaan itti barbaachisu jiraachuu dandaʼa. Iddoo akkasii dhaqxee jiraachuu ni dandeessaa? Yookiinimmoo namoota biyyakee keessa jiraniifi dhugaa Macaafa Qulqulluu dheebotan gargaaruuf qooqa garabiraa barachuuf yaaduu dandeessa. Hirmaannaa tajaajilarratti gootu guddisuuf sirreeffama gootu kamiyyuu, Yihowaan guddaa akka sii eebbisu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Fak. 10:22.
[Saanduqa/Fakkii fuula 32rra jiru]
Guyyaa Hin Irraanfatamne
Obboloonni duula addaa Bulgaariyaatti godhamurratti hirmaachuuf biyyoota Awurooppaa kaan keessaa dhufan hedduun, Walgaʼii Koonyaa “Yeroo Hundaa Dammaqinaan Eegaa!” jedhuufi Soofiyaatti godhamurratti hirmaachuuf karoorfatanii turan. Obboloonni naannoo sana jiran, obboloota biyya alaatii dhufan hedduu wajjin wal arguunsaanii baayʼee isaan gammachiiseera. Miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe obboleessi keenya Jeefrii Jaaksan guutummaan Caaffata Qulqullaaʼoo Hiika Addunyaa Haaraa afaan Bulgaariyaatiin baʼuusaa yommuu beeksisu namoonni 2,039 walgaʼicharratti argaman baayʼee gammadanii turan! Namoonni guyyaa Jimaataa sana walgaʼicharra turan hundi, miira hoʼaadhaan yeroo dheeraadhaaf harka walitti rukutuudhaan garaadhaa akka dinqisiifatan argisiisaniiru. Baayʼeensaanii gammachuudhaan imimmaansaanii dhangalaasaniiru. Hiikni sirrii taʼeefi afaan salphaatti namaa galuun qophaaʼe kun, jiraattonni Bulgaariyaa garaa qajeelaa qaban Yihowaa akka beekan kan gargaarudha.
[Kaartaa fuula 30, 31rra jiru]
(For fully formatted text, see publication)
BULGAARIYAA
SOOFIYAA
Saandaaniskii
Silistiraa
Kaazaanlaak
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Jiʼa tokkoofi torban sadii keessatti balʼinaan lallabameera