Yeroo Guddinni Dinqisiisaan Argametti Tajaajiluu
Yeroo Guddinni Dinqisiisaan Argametti Tajaajiluu
Harlee Haariis Akka Dubbatetti
Kun kan taʼe Fulbaana 2, 1950, magaalaa Keneet Miizuurii, Ameerikaatti ture. Utuu walgaʼii aanaa gochaa jiruu namoonni hedduun nutti marsan. Bulchaan magaalattii Loltoota, namoota hammeenya nurratti raawwachuuf turan kana ittisan fide. Loltoonni qawwee saanjaa qabu hidhatan karaarra hiriiranii turan. Namoonni nu marsan kun utuma nu arrabsanii konkolaataa keenya yaabbannee gara Keep Geraardoo, Miizuurii dhaqnee sagantaa walgaʼii keenya isa hafe xumurre. Umriikoo waggaa 14tti kanan cuuphame iddoo kanatti ture. Dura garuu yeroo rakkisaa ture kanatti akkamitti Yihowaa tajaajiluu akkan dandaʼe isinittan hima.
JALQABA bara 1930mmaniitti akkoofi akaakayyuunkoo, akkasumas ijoolleesaanii saddeet haasaa Obboleessa keenya Raazarfordi isa sagaleedhaan waraabame erga dhaggeeffatanii booda dhugaa akka argatan itti dhagaʼame. Warrikoo Beeyiifi Miildireed Haariis, walgaʼii koonyaa bara 1935 Waashingitanitti godhamerratti cuuphaman. “Macca guddaa” ykn “tuuta sonaan baayʼee” walgaʼii koonyaa sanarratti addaan baafamanii beekaman keessaa tokko taʼuusaaniitti baayʼee gammadanii turan!—Mul. 7:9, 14; Kiingi Jamsi Varshin.
Ani kanan dhaladhe waggaa ittaanutti ture. Waggaa tokko booda, warrikoo naannoo fagoo Miisiisiippii keessa jirutti galan. Yeroo naannoo sana turretti daawwataan olaanaallee nu daawwatee hin beeku. Warrikoo Betʼelii wajjin xalayaadhaan wal qunnamu, walgaʼiiwwan gurguddaarrattis ni hirmaatu; yeroo sanatti karaan obbolootaa wajjin itti wal qunnamnu kana qofa ture.
Ariʼatamni Jiraatuyyuu Jabaatanii Dhaabachuu
Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimmoota biyya lafaa keessa waan hin galleef, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti ariʼatamni guddaan isaanirra gaʼee ture. Yeroo kanatti nutis, Maawunteen Hoom, Arkaansaasitti galle. Gaaf tokko aniifi abbaankoo karaarratti tajaajilaa turre. Namichi tokko akkuma tasaa abbaakoo harkaa barruulee butee ibidda itti qabsiisuudhaan yeruma sana gube. Waraanarratti waan hin hirmaanneef dabeessota nuun jedhe. Mucaa waggaa shanii waanan tureef nan booʼe. Abbaankoo hanga namichi achii adeemutti calluma jedhee tasgabbiidhaan isa ilaalaa ture.
Haataʼu malee, namoonni gaariin nu jaallatanis jiru turan. Yeroo tokko konkolaataa keenya keessa utuu jirruu yommuu namoonni nu marsanii turanitti, abbaan alangaa naannoo sanaa tokko achiin darbaa ture. Innis, “Maaltu uumame?” jedhee gaafate. Namichi tokko, “Warri Dhugaa Baatota Yihowaa jedhaman kun biyyasaaniitiif hin lolan!” jedhee deebiseef. Abbaan alangaa sun yeroo kanatti HoE. 27:3.
yaabbannoo konkolaataa keenyarra baʼee sagalee guddaadhaan akkas jedhe: “Ani Waraana Addunyaa Tokkoffaarratti hirmaadheera, Waraana Addunyaa Lammaffaarrattis nan hirmaadha! Namoota kana dhiisaa haa deemanii. Isaan nama tokkoyyuu hin miidhan!” Namoonni sunis utuu waan tokko hin dubbatin faffacaʼan. Namoota gaarummaa nutti argisiisan akkasii baayʼee dinqisiifanna!—Walgaʼiin Koonyaa Nu Jajjabeesseera
Walgaʼiin koonyaa bara 1941 Seeynti Luwiis Miizuuriitti godhame, yeroo sanatti baayʼee kan nu barbaachisu ture. Akka tilmaama tokkootti namoonni 115,000 ol taʼan walgaʼii kanarratti argamaniiru. Namoonni 3,903 taʼan cuuphamuunsaaniis baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu ture! Haasaa Obboleessi keenya Raazarfordi mataduree, “Ijoollee Mootichaa” jedhuun dhiheesse akka gaariittan yaadadha. Haasaa kana kan dhiheesse kallattiidhaan nu ijoolleedhaaf siʼa taʼu, kitaabni bareedaan biftisaa cuquliisa taʼeefi Chiildiran jedhamu hunda keenyaaf kennamee ture. Walgaʼiin koonyaa kun, wanta waggaa ittaanu yeroon mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa jalqabetti na mudateef na qopheesseera. Aniifi durbiinkoo alaabaadhaaf ulfina adda taʼe kennuu waan dinneef mana barumsaatii ariʼamne. Hoggantoonni mana barumsichaa yaadasaanii jijjiiru taʼa jennee yaaduudhaan, guyyaa guyyaadhaan mana barumsaatti marmaarra turre. Guyyaa baayʼee bosona keessa deemnee mana barumsaa kan dhaqne taʼus, gara manaatti deebifamna. Taʼus, kun Mootummaa Waaqayyootiif amanamoo taʼuu keenya karaa itti argisiisnu akka taʼe beekna ture.
Haataʼu malee, utuu baayʼee hin turin Manni Murtii Olaanaa Yunaayitid Isteetis alaabaadhaaf ulfina addaa kennuun dirqama akka hin taane murteesse. Nutis dhumarratti mana barumsaatti deebiʼuu dandeenye. Barsiisaan keenya baayʼee gaarii waan tureef, barumsa kanaan dura nu darbe akka barannu nuu heyyame. Ijoolleen nu duukaa baratanis nu kabaju turan.
Haasaa, “Nagaan Itti Fufuu Dandaʼaa?” jedhuufi obboleessi keenya Naataan Noor bara 1942 walgaʼii koonyaa Kileevlaandi, Ohaayootti godhamerratti kennes nan yaadadha. Haasaan Mulʼata boqonnaa 17rratti ibsa kenne kun, Waraana Addunyaa Lammaffaa booda hamma tokko yeroon nagaa akka dhufu ifa godheera. Kanaaf, guddinni dabalataa akka argamu ni eegama ture. Guddina kanaaf qophaaʼuuf jecha Manni Barumsaa Giilʼaad bara 1943tti baname. Manni barumsaa kun jireenyakoo gara fuulduraarratti akkamitti akka jijjiirama fidu hin yaanneen ture. Waraana sana booda nagaan kan argame siʼa taʼu, ariʼatamnis ni hirʼate. Haataʼu malee, akkuma seensarratti ibsame bara 1950tti yommuu Waraanni Kooriyaa jalqabu, ammas hojii lallabaa keenyarratti mormiin ni kaʼe.
Guddina Argamerratti Guutummaatti Hirmaachuu
Bara 1954, mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumureen jiʼa tokko booda qajeelchaa taʼe. Keneet Miizuurii bakka namoonni bara 1950 nutti marsanii turanitti ergan tajaajilee booda, Bitootessa 1955 gara Betʼelittan waamame. Gumiin ani itti ramadame naannoon tajaajilaasaa Taayimsi Iskuweer, ishee Magaalaa Niwuu Yoork walakkaatti argamtu kan dabalatu ture. Jireenyi iddoo kanaa baayʼee addadha! Barruuleerraa mataduree nama hawwatu tokko itti argisiisuufi “Gaaffii kana of gaafattee beektaa?” jedhee gaafachuudhaan, xiyyeeffannaa namoota Niwuu Yoork warra hojiin itti baayʼatuu argachuu dandaʼeera. Namoonni baayʼeenis barruulee ni fudhatu turan.
Betʼelitti wantan baayʼee jaalladhu keessaa tokko, waaqeffannaa ganamaa obboleessi keenya Noor geggeessu ture. Caqasoota Macaafa Qulqulluu jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu akka dandeenyutti akka gaariitti ibsa irratti kenna ture! Nu warra dargaggoota qeentee taane akka abbaan ilmasaatti dubbatutti kan nu haasofsiisu siʼa taʼu, yeroo baayʼee saala faallaa akkamitti akka qabnu gorsa nuu kenna ture. Anis bara 1960tti fuudhuufan murteesse.
Betʼeliin gadhiisuuf guyyaa soddoma dura iyyannoo kanan galche taʼus deebii hin arganne. Baayʼee ija laafessa yoon taʼeyyuu, yommuu guyyaan soddomni sun gaʼu, akkuma taʼetti of jajjabeesseen waaʼee Betʼeliin gadhiisuukoo bilbileen gaafadhe. Obboleessi keenya Roobarti Woolan bilbilaan erga na haasofsiisee booda bakka hojiikoo dhufe. Qajeelchaa addaa ykn daawwataa olaanaa aanaa taʼuu ilaalchisee yaadakoo na gaafate. Anis, “Garuu Roobart, umriinkoo waggaa 24 qofa taʼuusaarrayyuu, muuxannoo hin qabu” jedheen deebiseef.
Hojii Aanaarratti Hirmaachuu
Galgala sana poostaa guddaan tokko kutaakoo keessa naa kaaʼamee ture. Poostaa sana keessa foormii qajeelchaa addaa tokkoofi foormii daawwataa olaanaa aanaa tokkotu jira ture. Anis baayʼeen gammade! Kanaafuu, obbolootakoo kibba Miizuuriifi baha Kaansaas jiran daawwataa olaanaa anaa taʼee tajaajiluuf mirga guddaan argadhe. Haataʼu malee, Betʼelii baʼuukoo dura walgaʼii daawwattoota olaanaa wajjin godhamurrattan hirmaadhe. Obboleessi keenya Noor haasaasaa yeroo xumuru akkas jedhe: “Daawwataa olaanaa aanaa ykn koonyaa taatu jechuun obboloota kaan caalaa beekumsa qabdu jechuu miti. Obboloonni tokko tokko isin caalaa muuxannoo hedduu qabu. Garuu, haallisaanii waan isaanii hin heyyamneef mirga isin argattan kana argachuu hin dandeenye. Isaanirraa waan hedduu barachuu dandeessu.”
Kun dhugaa ture! Obboleessi keenya Fireed Moolhan, haati manaasaafi obboleessisaa Chaarliin inni Kaansaas, Paarsansi jiru namoota fakkeenya guddaa taʼanidha. Isaan dhugaa kan baratan jalqaba waggoota 1900niitti ture. Muuxannoo isaan utuu ani hin dhalatin dura dabarsan dhagaʼuun baayʼee kan nama gammachiisudha! Namni gara biraanimmoo, Obboleessa maanguddoo Joon Riistiin jedhamaniifi Joopliin Miizuuriitti waggoota hedduudhaaf qajeelchaa turanidha. Obboloonni jaallatamoo taʼan kun seera tiʼookraasiitiif kabaja guddaa qabu turan. Ijoollee yoon taʼeyyuu, daawwataa olaanaa aanaa taʼee isaan tajaajiluu kootiif ilaalacha gaarii akka qaban akka natti dhagaʼamu godhu turan.
Bara 1962 Kilooris Kinookee intala qophee rifeensa mataa diimaa qabduufi qajeelchitu taate tokkon fuudhe. Kiloorisii wajjin ilaaltuu olaanaa aanaa taʼee tajaajiluukoo ittan fufe. Obboloonni manasaaniitti nu simachuunsaanii caalaatti isaanii wajjin wal baruuf nu gargaareera. Dargaggoonni tajaajila yeroo guutuu akka jalqaban jajjabeessuus dandeenyeerra. Obboloonni umrii kurnanii keessa jiran, Jeey Koosiinsikiifi Joʼaan Kirasmaan jedhaman kan isaan barbaachisu jajjabinuma akkasii qofa ture. Isaanii wajjin tajaajilarratti hirmaachuufi gammachuu fedhii ofii aarsaa gochuun argamsiisu akka hubatan taasisuun keenya galma akka baafatan isaan kakaaseera. Joʼaan qajeelchaa addaa kan taate siʼa taʼu, Jeeyis Betʼeliin galeera. Booda lamaansaanii wal fuudhanii, hojii daawwannaarratti gara waggaa 30tiif hirmaataniiru.
Tajaajila Misiyoonummaa
Bara 1966, Obboleessi keenya Noor biyya alaa deemnee tajaajiluuf fedhii qabachuu keenya nu gaafate. “Bakkuma jirrutti utuu itti fufnee nutti tola, bakka biraatti gargaarsi kan barbaachisu taanaan garuu dhaquuf qophaaʼoodha” jennee deebisneef. Torban tokko booda gara Mana Barumsaa Giilʼaaditti waamamne. Yeroo mana barumsichaa turretti Betʼelitti deebiʼee namootan jaalladhuufi kabaju hedduu wajjin wal arguunkoo baayʼee na gammachiiseera! Obboloota wajjin baranneefi hamma ammaatti amanamummaadhaan tajaajilaa jiranii wajjinis michoota taaneerra.
Aniifi Kilooris, Deeniisiifi Ediwiinaa Kiristi, Aanaa Roodiriigaziifi Daliyaa Saanchasii wajjin Ikuwaador, ishee Kibba Ameerikaa jirtutti ergamne. Deeniisiifi Ediwiinaa Kiristi gara magaalaa guddittii Kiitoo dhaqan. Akkuma keenya, Aanaafi Daliyaan magaalaa guddittii Ikuwaador sadarkaa sadaffaarratti argamtuufi Kuniikaa jedhamtutti ramadaman. Naannoon sun koonyaa lama kan dabalatu ture. Gumiin Kuniikaa keessatti jalqabame kan geggeeffamu goorduuba keenyatti ture. Yeroo kanatti arfan keenyaafi namoota gara biraa lamatu
qofatu walgaʼa ture. Hojiin lallabichaa akkamitti akka hojjetamu nu yaaddessee ture.Kuniikaa keessa bataskaanni hedduun kan jiru siʼa taʼu, magaalattiin guyyoota ayyaanaatti namoota ayyaana sana kabajaniin guutamti turte. Haataʼu malee, namoonni Kuniikaa gaaffiiwwan hedduu qabu turan. Fakkeenyaaf, Maariyoo Pooloo isa Kuniikaa bakka buʼee dorgommii biskileetii moʼuudhaan beekamaa taʼee wajjin yeroo jalqabaatiif yommuu wal arginu, “Ejjituun Macaafa Mulʼataarratti caqasamte eenyudha?” jedhee na gaafachuunsaa baayʼee na dinqisiisee ture.
Gaaf tokko galgala Maariyoon baayʼee dhiphatee gara mana keenyaa dhufe. Lubni amantii Ivaanjalikaal tokko barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa hadheessan tokko tokko kenneefii ture. Anis namni himatame tokko deebii akka kennatu carraan kennamuufii qaba jedheen ibseef. Kanaaf, Maariyoon guyyaa ittaanutti himatichaaf deebii akkan kennuuf anaafi lubicha manasaatti nu waame. Yeroo kanatti waaʼee Sillaaseerratti mariʼanna jedheen yaada dhiheesse. Lubichi Yohannis 1:1 yommuu dubbisu Maariyoon hiika caqasichi qabu ofumasaatii ibse. Caqasoota Macaafa Qulqulluu sana booda dubbifaman hundarrattis akkuma kanaan itti fufe. Akkuma beekamu lubichi Sillaaseen dhugaa taʼuusaa utuu hin mirkaneessin deeme. Kunis, Maariyoofi haati manaasaa barumsi keenya dhugaa taʼuusaa akka amananiifi dhugaa Macaafa Qulqulluu jabeessanii akka qabatan isaan gargaareera. Gumiiwwan magaalaa Kuniikaa keessa jiran gara 33tti kan guddatan siʼa taʼu, walumaa galatti naannoo balʼaa jalqaba itti ramadamne kanatti gumiiwwan 63 taʼuudhaan guddina dinqisiisaan argamuunsaa baayʼee kan nama gammachiisudha!
Waajjira Damee Keessatti Hojjechaa Guddina Argame Ilaaluu
Bara 1970, Al Shuuloo wajjin taʼuudhaan gara waajjira damee Guwaayaakil akkan dhaqun gaafatame. Lamaan keenya hojii waajjira damee hojjenna turre. Joo Sekeraak gumiiwwan guutummaa biyyichaa keessa jiran 46f barreeffamoota ergaman qopheessuuf saʼaatii muraasaaf hojjeta ture. Yeroo muraasaaf yommuun ani Betʼelitti hojjedhu Kiloorisimmoo hojii lallabaarratti hirmaatti turte. Namoonni 55 akka cuuphaman kan gargaarte siʼa taʼu, yeroo baayʼee walgaʼii gurguddaarratti namoonni qayyabsiistu sadii hanga shanii ni cuuphamu turan.
Fakkeenyaaf, Kilooris dubartii Lukriisiyaa jedhamtuufi abbaan manaashee ishee mormu tokko qayyabsiisti turte. Taʼus, dhumarratti Lukriisiyaan cuuphamtee qajeelchaa taatee tajaajiluu jalqabde. Isheenis waaʼee Yihowaa ijoolleeshee barsiisteetti. Yeroo ammaa ijoolleenshee dhiiraa lamaan jaarsolii gumii yommuu taʼan, inni tokko qajeelchaa addaati; intallishee tokkos qajeelchaa taatee tajaajilti. Intalli intalashee obboleessa gaarii tokkotti kan heerumte siʼa taʼu, lamaansaaniiyyuu qajeelchaa addaa taʼanii tajaajilu. Maatiin kun namoonni hedduun dhugaa akka baratan gargaaraniiru.
Bara 1980tti babalʼistoonni Ikuwaador keessa jiran gara 5,000 taʼan. Kanaan kan kaʼes, biiroon keenya isheen xinnoon nu gaʼuu hin dandeenye. Kanaaf, obboleessi tokko magaalaa Guwaayaakiliidhaa alatti lafa hektaara 32 nuu kenne. Bara 1984 iddoo kanarratti waajjira damee haaraafi Galma Walgaʼii ijaaruu kan jalqabne siʼa taʼu, kunis bara 1987 Yihowaadhaaf murteeffameera.
Guddina Kanaaf Namoonni Hedduun Fedhiidhaan Gumaachaniiru
Waggoota hedduu darbanitti, babalʼistoonni baayʼeen biyyoota gara biraadhaa gara Ikuwaador dhufanii, bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti yommuu tajaajilan arguun kan nama gammachiisudha. Fakkeenyi guddaan ani yaadadhu tokko, barsiisaa soorama baʼee Kaanaadaadhaa dhufeefi Andii Kiid jedhamudha. Gara Ikuwaador kan dhufe bara 1985 umriisaa waggaa 70tti siʼa taʼu, hanga bara 2008 umriisaa waggaa 93tti duʼetti amanamummaadhaan tajaajileera. Yeroo jalqabaatiif yommuun isa arge, gumii xinnoo tokko keessatti jaarsi isa qofa ture. Afaan Ispaanishii caccabsaa haasaa sabaa kan dhiheesse siʼa taʼu, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaas geggeesseera. Kana malees, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii kan geggeessuufi kutaawwan Walgaʼii Tajaajilaa gara caalaasaanii kan dhiheessu isa ture! Iddoo kana yeroo ammaa gumiiwwan guddachaa jiran lama keessa, babalʼistoota gara 200 taʼaniifi jaarsolii hedduutu jira.
Obboleessi gara biraan maatiisaa wajjin Yunaayitid Isteetisii dhufemmoo Ernestoo Diyaaz siʼa taʼu, Ikuwaador keessa jiʼa saddeet erga ture booda akkas jedheera: “Ijoolleen keenya sadan afaanicha baratanii barsiistota gaarii taʼaniiru. Abbaa yoon taʼeyyuu, qajeelchaa taʼee maatiikoo wajjin tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuudhaan, galma
sirna ammaa kana keessatti bira gaʼuun hin dandaʼamne fakkaaturra gaʼeera. Walumatti qabaatti hundi keenya qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 25 geggeessina. Kun hundi maatiin keenya akka walitti dhihaatu kan godhe siʼa taʼu, anis isa duraa caalaa Yihowaatti akkan dhihaadhu na gargaareera.” Obboloota jaallatamoo kana baayʼee dinqisiifanna!Bara 1994tti gamoon waajjira damee harka lamaan akka balʼatu godhame. Bara 2005tti lakkoofsi babalʼistootaa 50,000 ol waan taʼeef, waajjira damee caalaatti balʼisuun barbaachisaa taʼe. Kunis Galma Walgaʼii Gurguddaa tokko, gamoo jireenyaa haaraafi biiroowwan hojiin hiikkaa itti geggeeffamu kan dabalatu ture. Gamoowwan haaraan kun Onkoloolessa 31, 2009 Yihowaadhaaf murteeffaman.
Bara 1942 yommuun mana barumsaatii ariʼame, Yunaayitid Isteetis keessa Dhugaa Baatota gara 60,000 taʼantu jira ture. Amma garuu miliyoona tokkoo ol taʼaniiru. Bara 1966 yommuu gara Ikuwaador dhufne labsitoonni Mootummichaa gara 1,400 qofa turan. Amma garuu 68,000 ol taʼaniiru. Namoota yeroo ammaa Macaafa Qulqulluu qayyabatan 120,000fi bara 2009tti Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristosirratti argaman 232,000 keessaas namoonni dhufan ni jiraatu. Dhugumayyuu, Yihowaan karaa nuti matumaa yaannee hin beekneen sabasaa eebbiseera. Yeroofi iddoo guddinni dinqisiisaan itti argame keessa jiraachuun baayʼee nama gammachiisa! *
[Miiljaleewwan]
^ key. 34 Harlee Haariis utuu barreeffamni kun maxxansaaf qophaaʼaa jiruu Yihowaadhaaf amanamaa akkuma taʼetti duʼeera.
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Walgaʼii guddaa (1981) bakkeetti godhameefi Galma Walgaʼii Guwaayaakil (2009) bakkuma sanatti ijaarame