Sababii Dhiheessuu Yihowaan Akkamitti Ilaala?
Sababii Dhiheessuu Yihowaan Akkamitti Ilaala?
NAMICHI, “Dubartittii ishee ati naa wajjin akka jiraattuuf naaf laattetu ija mukichaa naaf kenne, anis nan nyaadhe” jedhe. Dubartittiinimmoo, “Bofichi na sossobnaanan nyaadhe” jettee deebiste. Jechoonni warri keenya jalqabaa Addaamiifi Hewwaan Waaqayyotti dubbatan kun, seenaa ilmaan namootaa keessatti sababii dhiheessuun yoom akka jalqabame kan argisiisanidha.—Uma. 3:12, 13.
Murtoon Yihowaan, Addaamiifi Hewwaan taʼe jedhanii ajajamuu diduusaaniitiin isaanirratti dabarse, sababiin isaan dhiheessan isa biratti fudhatama akka hin arganne ifatti kan argisiisu ture. (Uma. 3:16-19) Kanaaf, sababiin hundi Yihowaa biratti fudhatama hin qabu jennee murteessuu ni dandeenyaa? Moo sababiiwwan fudhatu tokko tokko qaba? Taanaan, sababii fudhatama qabuufi hin qabne akkamitti adda baasnee beekuu dandeenya? Gaaffii kana deebisuuf, dura sababii dhiheessuu jechuun maal jechuu akka taʼe haa ilaallu.
Sababii dhiheessuun, ragaa wanti tokko maaliif akka hojjetame, maaliif utuu hin hojjetamin akka hafe ykn hojjetamuu akka hin dandeenye ibsuuf kennamudha. Akkasumas, dadhabina tokkoof ibsa dhugaa taʼe kennuufi ooʼa argachuuf dhiifama dhugaa gaafachuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, akkuma Addaamiifi Hewwaan godhan sababiin, fakkeessaa kan taʼe, sobarratti kan hundaaʼeefi wanta dhugaa taʼe tokko dhoksuuf kan dhihaate taʼuu dandaʼa. Sababiiwwan yeroo baayʼee kan akkasii waan taʼaniif shakkamuunsaanii waan hin oolledha.
Keessumaa tajaajila Waaqayyoof dhiheessinuu wajjin haala wal qabateen, sababa sobaatiin ‘of gowwoomsuurraa’ fagaachuuf of eeggannoo gochuu qabna. (Yaq. 1:22) Kanaaf, fakkeenyota Macaafa Qulqulluufi seerawwan buʼuuraa ‘wanta gooftaatti tolu qorree bira gaʼuuf’ nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu.—Efe. 5:10.
Wanta Waaqayyo Akka Raawwannu Nurraa Eegu
Abboommiiwwan saba Yihowaa waan taaneef ajajamuun nu barbaachisu Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamaniiru. Fakkeenyaaf, abboommiin Kiristos, “Dhaqaa . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jechuudhaan kenne, duuka buutota Kiristos dhugaa yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta. (Mat. 28:19, 20) Abboommii kana raawwachuun baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, Phaawulos ergamaan, “Wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo!” jedheera.—1 Qor. 9:16.
Haataʼu malee, namoonni yeroo dheeraaf nuu wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabatan tokko tokko ammayyuu misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuun isaan sodaachisa. (Mat. 24:14) Warri duraan hojii lallabaarratti hirmaachaa turan kaanimmoo lallabuusaanii dhiisaniiru. Namoonni kun al tokko tokko sababiiwwan akkamii dhiheessu? Yihowaan namoota bara durii abboommii ifa isaanii kenname raawwachuurraa duubatti jedhaniif deebii akkamii kennee ture?
Sababiiwwan Waaqayyo Biratti Fudhatama Hin Qabne
“Baayʼee ulfaataadha.” Keessumaa warra uumamaan nama sodaataniif, hojii lallabaarratti hirmaachuun baayʼee ulfaataa isaanitti fakkaachuu dandaʼa. Mee fakkeenya Yoonaasirraa barumsa maalii argachuu akka dandeenyu haa qorru. Yihowaan hojii baayʼee ulfaataa kenneefii, jechuunis Nanawween yeroo dhihoo keessatti akka baddu akka labsu isatti himee ture. Yoonaas hojii kana raawwachuun kan isa sodaachise maaliif akka taʼe hubachuun nama hin rakkisu. Nanawween magaalaa guddoo Asor siʼa taatu, Asoronni baayʼee gara jabeeyyii taʼuusaaniitiin beekamu turan. Yoonaas, ‘Namoota sana Yon. 1:1-3; 3:3, 4, 10.
gidduutti akkaman taʼa? Maal na godhu laata?’ jedhee yaaddaʼee taʼuu dandaʼa. Achiis utuma hin turin baqate. Yihowaan garuu sababii Yoonaas dhiheesse hin fudhanne. Kanaa mannaa, ammas Nanawweetti akka lallabu isa ajaje. Yeroo kanatti Yoonaas ija jabinaan hojiisaa kan raawwate siʼa taʼu, Yihowaanis wanta inni hojjete isaa eebbiseera.—Misiraachicha lallabuun baayʼee ulfaataa akka taʼe yoo sitti dhagaʼame, ‘Waaqayyoof wanti hundinuu akka dandaʼamu’ yaadadhu. (Mar. 10:27) Gargaarsa argachuuf isa gaafachuukee yoo itti fufteefi ija jabina tajaajilakee raawwachuuf si dandeessisu argachuuf carraaqqii yoo goote, Yihowaan akka si jabeessu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Luq. 11:9-13.
“Fedhii hin qabu.” Hojii lallabaarratti hirmaachuuf fedhii hin qabdu yoo taʼe maal gochuu dandeessa? Yihowaan keessa keetti hojjechuufi fedhii akka qabaattu gochuu akka dandaʼu yaadadhu. Phaawulos akkas jedheera: “Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti [“keessatti,” hiika bara 1899] in hojjeta.” (Filp. 2:13) Kanaaf, Yihowaan fedhasaa raawwachuuf fedhii akka qabaattu akka godhu kadhachuu dandeessa. Daawit Mootichi akkas godheera. “Dhugaa keetiin akkan deddeebiʼu na godhi,” [NW] jechuudhaan Yihowaa kadhateera. (Far. 25:4, 5) Atis wanta Yihowaa gammachiisu gochuuf fedhii akka qabaattu akka si kakaasu kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan akkas gochuu dandeessa.
Dhugaadha, al tokko tokko yommuu dadhabnu ykn abdii kutannu, walgaʼii Galma Mootummaatti godhamurratti argamuuf ykn tajaajilarratti hirmaachuuf of dirqisiisuu nu barbaachisa taʼa. Yeroo akkasiitti, Yihowaadhaaf jaalala dhugaa hin qabu jennee murteessuu qabnaa? Matumaa. Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon bara durii turanis, fedha Waaqayyoo raawwachuuf carraaqqii cimaa gochuun isaan barbaachisee ture. Fakkeenyaaf Phaawulos, seera Waaqayyootiif ajajamuuf jecha ‘dhagnasaa akka haleele’ dubbateera. (1 Qor. 9:26, 27) Kanaaf, tajaajila keenya raawwachuuf yommuu of dirqisiisuu qabnuttillee, Yihowaan akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Maaliif? Fedha Waaqayyoo raawwachuuf kan of dirqisiisnu, sababii sirrii taʼeen jechuunis jaalala Yihowaadhaaf qabnuun kakaanee waan taʼeefidha. Kana gochuu keenyaan, mormii Seexanni tajaajiltoonni Waaqayyoo qorumsi yoo isaanirra gaʼe akka Isa ganan kaaseef deebii kennina.—Iyo. 2:4.
“Hojiin garmalee natti baayʼata.” Hojiin garmalee akka sitti baayʼate waan sitti dhagaʼamuuf tajaajilarratti kan hin hirmaanne yoo taʼe, wanta dursa kennituuf irra deebitee qoruunkee baayʼee barbaachisaadha. Yesus, “Duraan dursaatii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo . . . barbaaduutti hidhaa!” jedheera. (Mat. 6:33) Seera buʼuuraa kana hordofuuf, akkaataa jireenyaakee salphaa gochuu ykn yeroo itti bashannananturraa hirʼisuudhaan tajaajilaaf itti fayyadamuu si barbaachisa taʼa. Bashannanuufi dhimmaawwan dhuunfaa raawwachuun yeroon itti barbaachisu jiraatus, tajaajila dhiisuuf sababa gaʼaa taʼuu akka hin dandeenye beekamaadha. Tajaajilaan Waaqayyoo tokko jireenyasaa keessatti Mootummichaaf dursa kenna.
“Gaʼumsa hin qabu.” Misiraachichaa lallabuuf gaʼumsa akka hin qabne sitti dhagaʼama Bau. 4:10-13) Yihowaanoo deebii maalii isaa kenne?
taʼa. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon bara durii turan tokko tokko, hojii Yihowaan isaanii kenne raawwachuuf gaʼumsa akka hin qabne itti dhagaʼamee ture. Musee akka fakkeenyaatti fudhadhu. Yihowaan ajaja ifa taʼe tokko yommuu isaa kennu Museen akkas jedhee ture: “Yaa gooftaa koo, ani duris nama arraba qajeelu miti, erga ati ana garbicha keetti dubbattee jalqabees ani nama akkasii hin taane; ani afaan koo hidhamaa dha, arrabni koos anatti in ulfaata.” Yihowaan kan isa jajjabeesse taʼus Museen, “Yaa gooftaa koo, hadaraa nama biraa utuu ergitee in wayya” jedhee deebise. (Yihowaan, Museen hojii isaa kenname raawwachuurraa walaba akka taʼu hin goone. Kanaa mannaa, hojicha yommuu raawwatu Aaron akka isa gargaaru godheera. (Bau. 4:14-17) Kana malees, waggoottan ittaananitti Museen hojii isaa kennamerratti buʼa qabeessa akka taʼuuf, Yihowaan gargaarsa isa barbaachisu isaa kennuuf isa cina dhaabbateera. Yeroo harʼaattis, tajaajilakee raawwachuuf, namoonni hidhata amantiikee taʼaniifi muuxannoo qaban akka si gargaaran akka isaan kakaasu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Hunda caalaammoo, Dubbiin Waaqayyoo, Yihowaan hojii inni akka hojjennu nu ajajeef gaʼumsa akka qabaannu akka nu gargaaru nuu mirkaneessa.—2 Qor. 3:5; saanduqa “Jireenyakoo Keessatti Yeroon Baayʼee Itti Gammade” jedhu ilaali.
“Namni tokko na mufachiiseera.” Namoonni tokko tokko miirrisaanii waan miidhameef tajaajilarratti hirmaachuu ykn walgaʼii gumiirratti argamuu kan dhiisan siʼa taʼu, sababii sochii hafuuraa gochuu itti dhiisan kanas Yihowaan akka fudhatu isaanitti dhagaʼama. Namni tokko yommuu nu miidhu aaruun waanuma jiru HoE. 15:39) Haataʼu malee, lamaansaaniiyyuu kana sababii godhachuudhaan tajaajilarratti hirmaachuu dhiisaniiruu? Matumaa!
taʼus, sochiiwwan hafuuraa keenya dhaabuuf sababii gaʼaa taʼuu dandaʼaa? Phaawulosiifi hidhata amantiisaa kan taʼe Baarnaabaas, waldhabiinsa gidduusaaniitti uumameen erga ‘wal morkatanii’ booda miirrisaanii miidhamee taʼuu dandaʼa. (Haaluma wal fakkaatuun, namni hidhata amantiikee taʼe tokko yommuu si mufachiisu, diinnikee obboleessakee isa cubbuu dhaale utuu hin taʼin, Seexana isa si liqimsuu barbaadu taʼuusaa yaadadhu. ‘Amantiitti jabaattee, Seexanaan yoo mormite’ garuu isaaf hin milkaaʼu. (1 Phe. 5:8, 9; Gal. 5:15) Amantii akkasii qabannaan matumaa hin ‘yeellaatu.ʼ—Rom. 9:33.
Humni Keenya Daangeffamaa Yeroo Taʼutti
Sababii dhiheessuu ilaalchisee fakkeenyota muraasa ilaalle kanarraa, misiraachoo lallabuu dabalatee ajaja ifa Yihowaan kenne raawwachuu dhiisuuf sababiin Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe akka hin jirre hubachuun ni dandaʼama. Haataʼu malee, wanti hamma tajaajillu nu jalaa daangessu jiraachuu dandaʼa. Itti gaafatamummaawwan Caaffata Qulqullaaʼaarratti hundaaʼan kan biraan, saʼaatii hojii lallabaarratti dabarsuuf ramadne nu jalaa daangessuu dandaʼu. Yeroo tokko tokko baayʼee dadhabuu ykn dhukkubsachuun keenyas, tajaajila Yihowaarratti hamma barbaanne akka hin hojjennee nu daangessuu dandaʼa taʼa. Haataʼu malee, Dubbiin Waaqayyoo, Yihowaan wanta garaadhaa hawwinu akka beekuufi hirʼina keenya xiyyeeffannaa keessa akka galchu nuu mirkaneessa.—Far. 103:14; 2 Qor. 8:12.
Kanaaf, dhimmoota kanaa wajjin haala wal qabateen, ofii keenyas taʼe warra kaan akka hin ceephaane of eeggachuu nu barbaachisa. Phaawulos ergamaan, “Ati inni hojjetaa biraatti faraddu, eenyu ati? Inni yoo dhaabates, yoo kufes gooftaa isaatu beeka” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 14:4) Haala keessa jirru kan warra kaanii wajjin wal bira qabuu mannaa, ‘nu keessaa hundumtinuu adduma addaan waan godhe sababiisaa wajjin Waaqayyotti himuuf akka jiru’ yaadachuu qabna. (Rom. 14:12; Gal. 6:4, 5) Hundi keenya kadhannaadhaan yommuu Yihowaatti dhihaannuufi sababii keenya yommuu isatti dhiheessinu, ‘yaada garaa nama hin ceephaane’ qabaachuu barbaanna.—Ibr. 13:18.
Yihowaa Tajaajiluun Gammachuu Kan Nuu Argamsiisu Maaliifi?
Hundi keenya haalli keessa jiru maaliyyuu yoo taʼe, ulaagaawwan Yihowaa haala keenya xiyyeeffannaa keessa kan galchan akka taʼaniifi humna keenyaa ol akka hin taane waan beeknuuf gammachuu guddaadhaan isa tajaajiluu dandeenya. Akkas kan jennu maaliifi?
Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha: “Gochuudhaaf utuu dandeessuu, warra wanta gaarii argachuun taʼuuf duraa hin hambisin!” (Fak. 3:27) Ulaagaa Yihowaa ilaalchisee fakkeenya kana keessatti maal hubatteetta? Yihowaan ‘dandeettii keetiin’ akka Isa tajaajiltu malee, obboleessa keetiin qixxaachuuf akka carraaqxu sirraa hin eegu. Eeyyee, hundi keenya humni qabnu hammam laafaa ykn cimaa yoo taʼeyyuu, garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu ni dandeenya.—Luq. 10:27; Qol. 3:23.
[Fakkii fuula 14rra jiru]
“Jireenyakoo Keessatti Yeroon Baayʼee Itti Gammade”
[Fakkii fuula 14rra jiru]
Rakkina qaamaa ykn miiraa cimaa yoo qabaannellee, kun guutummaatti tajaajilarratti akka hin hirmaanne nu dhowwa jennee ariitiidhaan murteessuu hin qabnu. Fakkeenyaaf, haala obboleessa Kaanaadaa jiraatuufi Arnasti jedhamuu haa ilaallu.
Arnasti rakkina dubbachuu kan qabuufi baayʼee ija laafessa ture. Dugdasaarra miidhaa cimaan waan gaʼeef, hojii ijaarsaa hojjechuusaa ni dhaabe. Hirʼina qaamaa kan qabu taʼuyyuu, haallisaa inni haaraan tajaajilarratti yeroo dabalataa akka dabarsu carraa isaa bane. Qajeelchaa gargaaraa taʼuu ilaalchisee jajjabinni walgaʼii gumiirratti kenname, qajeelchaa taʼuuf fedhii guddaa akka qabaatu isa taasise. Inni garuu tajaajila akkasiirratti hirmaachuuf gaʼumsa akka qabu isatti hin dhagaʼamu ture.
Qajeelchaa gargaaraa taʼuun humnasaatii ol taʼuuf dhiisuusaa mirkaneessuuf, jiʼa tokkoof tajaajilee ilaaluuf foormii guute. Saʼaatiisaa guutuu dandaʼuunsaa baayʼee isa ajaaʼibsiise. Achiis, ‘Kana booda garuu akkas gochuu akka hin dandeenye beeka’ jedhee yaade. Ammas mirkaneessuuf jiʼa lammataatiif foormii kan guute siʼa taʼu, yeroo kanattis saʼaatiisaa guutuu dandaʼeera.
Arnasti waggaa tokkoof qajeelchaa gargaaraa taʼee kan tajaajile yoo taʼeyyuu, “Qajeelchaa yeroo hundaa taʼuu garuu akka hin dandeenye sirriitti beeka” jedhee ture. Ammas, kana mirkaneessuuf jecha qajeelchaa taʼee tajaajiluuf foormii guute. Waggaa jalqabaatiif qajeelchaa taʼee tajaajiluu dandaʼuunsaa baayʼee isa ajaaʼibsiise. Haaluma kanaan itti fufuuf kan murteesse siʼa taʼu, hamma miidhaan isarra gaʼe itti cimee isa galaafatetti waggaa lamaaf gammachuu qajeelchaa taʼanii tajaajiluurraa argamu argachuudhaan eebbifameera. Haataʼu malee, duʼuusaa dura namoota isa gaafachuu dhufaniin imimmaan isa hudhaa, “Waggoottan ani qajeelchaa taʼee Yihowaa tajaajiluudhaan dabarse, jireenyakoo keessatti yeroon baayʼee itti gammade turan” jedha ture.
[Fakkii fuula 13rra jiru]
Gufuu tajaajilarraa duubatti nu jechisiisu kamiyyuu moʼuu ni dandeenya
[Fakkii fuula 15rra jiru]
Yihowaan wanta haalli keenya nuu heyyame hunda gochuudhaan, garaa keenya guutuu yommuu isa tajaajillu ni gammada