Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qeentee Taʼuu Keessanitti Akka Gaariitti Fayyadamaa

Qeentee Taʼuu Keessanitti Akka Gaariitti Fayyadamaa

Qeentee Taʼuu Keessanitti Akka Gaariitti Fayyadamaa

“Namni kana mataatti fudhachuu dandaʼu haa fudhatu!”—MAT. 19:12.

1, 2. (a) Yesus, Phaawulosiifi warri kaan qeentee taʼuudhaaf ilaalcha akkamii qabu turan? (b) Namoonni tokko tokko qeentee taʼuu akka kennaatti kan hin ilaalle maaliifi?

GAAʼELLI kennaawwan gurguddaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne keessaa isa tokko akka taʼe hin shakkisiisu. (Fak. 19:14) Haataʼu malee, Kiristiyaanonni qeentee taʼanis jireenya gaariifi gammachiisaa taʼe jiraatu. Harooldi, inni gaaʼela godhatee hin beekneefi umriinsaa waggaa 95 taʼe, “Namaa wajjin taʼuufi keessummaa simachuun kan na gammachiisu taʼuyyuu, yommuun kophaa taʼu, kophummaan matummaa natti dhagaʼamee hin beeku. Dhugumaan qeentee taʼuun anaaf kennaadha jedhee dubbachuu waanan dandaʼu natti fakkaata” jedheera.

2 Yesus Kiristosis taʼe Phaawulos ergamaan, qeentee taʼuun akkuma gaaʼela godhachuu kennaa Waaqayyoo akka taʼe caqasuunsaanii sirriidha. (Maatewos 19:11, 12; 1 Qorontos 7:7 dubbisi.) Taʼus namoonni gaaʼela hin godhanne hundi, qeentee kan taʼan filannaasaaniitiin akka hin taane beekamaadha. Yeroo tokko tokko haalawwan hiriyaa gaaʼelaa mijaaʼaa taʼe argachuun rakkisaa akka taʼu godhan jiru. Namoonni tokko tokkommoo gaaʼela godhatanii waggoota hedduu erga waliin jiraatanii booda wal hiikuu ykn hiriyaa gaaʼelaasaanii duʼaan dhabuudhaan kan kaʼe utuu itti hin yaadin qeentee taʼu. Qeentee taʼuun kennaadha jechuun kan dandaʼamu akkamittiree? Kiristiyaanonni gaaʼela hin godhanne qeentee taʼuusaaniitti akka gaariitti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

Kennaa Adda Taʼe

3. Kiristiyaanonni qeentee taʼan yeroo baayʼee carraawwan akkamii qabu?

3 Namni qeentee taʼe tokko yeroo baayʼee nama gaaʼela godhate caalaa yeroo gaʼaafi bilisummaa qaba. (1 Qor. 7:32-35) Carraawwan adda taʼan kun, tajaajilasaa balʼifachuuf, namoota baayʼee michoota godhachuufi Yihowaa wajjin caalaatti walitti dhihaachuuf isaa heyyamuu dandaʼu. Kanaaf, Kiristiyaanonni baayʼeen, faayidaawwan qeentee taʼuun qabu hubachuudhaan yoo xinnaate yeroodhaaf qeentee taʼanii jiraachuu ‘fudhachuuf’ murteessaniiru. Warri kaanimmoo, duraan dursanii qeentee taʼuuf, galma kan hin qabne taʼanis, yommuu haallisaanii jijjiiramu kadhannaadhaan erga irratti yaadanii booda gargaarsa Yihowaatiin yaadasaanii tasgabbeeffachuu akka dandaʼan hubataniiru. Kanaaf, jijjiirama haalasaaniirratti taʼe fudhachuudhaan qeentee taʼaniiru.—1 Qor. 7:37, 38.

4. Kiristiyaanonni qeentee taʼan Waaqayyoon tajaajiluuf gaʼumsa akka qaban isaanitti dhagaʼamuu kan dandaʼu maaliifi?

4 Kiristiyaanonni qeentee taʼan Yihowaa ykn jaarmiyaasaa biratti fudhatama argachuuf gaaʼela godhachuunsaanii dirqama barbaachisaa akka hin taane beeku. Waaqayyo hunda keenya dhuunfaatti nu jaallata. (Mat. 10:29-31) Namas taʼe wanti kamiyyuu jaalala Yihowaarraa adda nu baasuu hin dandaʼu. (Rom. 8:38, 39) Gaaʼela kan godhannes taane qeentee kan taane, Waaqayyoon tajaajiluuf gaʼumsa akka qabnu amanuuf sababii gaʼaa qabna.

5. Qeentee taʼuurraa guutummaatti fayyadamuuf wanti barbaachisaa taʼe maalidha?

5 Haataʼu malee, kennaa qeentee taʼuutti guutummaatti fayyadamuun carraaqqii gochuu gaafata. Kanaaf, Kiristiyaanonni qeenteen yeroo harʼaa jiran, obbolootas taʼan obboleettota, dargaggootas taʼan maanguddoota, filannaasaaniitiinis taʼe haalli isaan dirqisiisee qeentee kan taʼan, haalasaanii kana guutummaatti itti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti? Mee fakkeenya nama jajjabeessuufi obboloota gumii jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokkoo qoruudhaan wanta isaanirraa barachuu dandeenyu haa ilaallu.

Dargaggummaatti Qeentee Taʼuu

6, 7. (a) Ijoolleen durbaa Filiphos Waaqayyoon tajaajiluuf mirga akkamii argatanii turan? (b) Ximotewos qeentee taʼuusaatti akka gaariitti kan fayyadame akkamitti? Yeroo dargaggeessa turetti tajaajiluuf fedhii qabaachuunsaa eebbaa akkamii isaaf argamsiise?

6 Filiphos inni wangeela lallabudhaan beekamu, ijoollee durbaa akkumasaa hinaaffaadhaan wangeela lallaban afur qaba ture. (HoE. 21:8, 9) Raajii dubbachuun kennaawwan hafuura qulqulluu keessaa tokko siʼa taʼu, raajiin Yoʼel 2:28, 29⁠rratti dubbatame raawwiisaa yeroo argatu ijoolleen durbaa kunis kennaa kanatti fayyadamaniiru.

7 Ximotewos dargaggeessa qeentee taʼuusaatti akka gaariitti fayyadame ture. Haatisaa Ewuniiqeefi akkoonsaa Loʼis ijoollummaasaatii kaasanii “caaffata qulqullaaʼaa” isa barsiisaniiru. (2 Xim. 1:5; 3:14, 15) Kiristiyaana kan taʼan garuu, Dh.K.B. naannoo bara 47 yeroo Phaawulos jalqaba Lisxiraa daawwatetti taʼuu hin oolu. Waggaa lama booda yommuu Phaawulos siʼa lammaffaatiif isaan daawwatu, Ximotewos umriinsaa dhuma waggoota kurnanii ykn jalqaba waggoota 20mmaniirratti kan argamu taʼuu dandaʼa. Umriidhaanis taʼe dhugaa keessa turuudhaan hamma tokko ijoollee taʼuyyuu, jaarsolii Kiristiyaanaa Lisxiraafi Iqoniiyum jiran biratti “maqaa gaarii” argatee ture. (HoE. 16:1, 2) Kanaafuu, Phaawulos hojii lallabaatiif isa duukaa akka adeemu Ximotewosiin afeereera. (1 Xim. 1:18; 4:14) Ximotewos matumaa gaaʼela hin godhanne jennee dubbachuu hin dandeenyu. Haataʼu malee, dargaggummaasaatti afeerrii Phaawulos isaa dhiheesse gammachuudhaan akka fudhate beekna; sana boodas qeentee taʼee waggoota hedduudhaaf misiyooniifi jaarsa taʼee tajaajileera.—Filp. 2:20-22.

8. Yohannis inni Maarqos jedhame galmawwan hafuuraa akka baafatu kana isa gargaare maalidha? Kana gochuusaatti eebba akkamii argateera?

8 Yohannis inni Maarqos jedhames bara dargaggummaasaatti qeentee taʼuusaatti akka gaariitti fayyadameera. Inni, haatisaa Maariyaamiifi durbiinsaa Baarnaabaas miseensota gumii Yerusaalem warra jalqabaa turan. Maatiin Maarqos magaalattii keessaa mana, akkasumas hojjettuu waan qabaniif, sooreyyiis taʼuu hin oolan. (HoE. 12:12, 13, NW) Maarqos dargaggeessa kan tureefi carraawwan armaan olii kan qabu taʼus, ofiisaa qofa kan gammachiisu ykn ofittoo hin turre. Nama iddoo tokko taaʼee, yaaddoo malee jireenya mataasaa qofa jiraachuu barbaadus hin turre. Ijoollummaasaatti ergamoota Yesusii wajjin michoomuunsaa, misiyoonii taʼuudhaaf fedhii akka qabaatu isa godhee taʼuu dandaʼa. Kanaaf, yommuu Phaawulosiifi Baarnaabaas adeemsa misiyoonummaasaanii isa jalqabaa godhanitti isaanii wajjin adeemuudhaan fedhiidhaan isaan tajaajileera. (HoE. 13:5) Booda, Baarnaabaasii wajjin kan adeeme siʼa taʼu, achiis, gara Baabilon dhaqee Phexros wajjin tajaajileera. (HoE. 15:39; 1 Phe. 5:13) Maarqos yeroo hammamiitiif qeentee taʼee akka jiraate hin beeknu. Haataʼu malee, namoota tajaajiluuf fedhii qabaachuufi Waaqayyoon tajaajiluudhaan maqaa gaarii argateera.

9, 10. Dargaggoonni qeenteen Kristiyaanota taʼaniifi yeroo harʼaa jiran tajaajilasaanii balʼifachuuf carraawwan akkamii qabu? Fakkeenyaan ibsi.

9 Dargaggoonni yeroo harʼaa gumii keessa jiran baayʼeenis, hirmaannaa Waaqayyoon tajaajiluuf godhan balʼifachuuf qeentee taʼuusaaniitti gammachuudhaan fayyadamu. Dargaggoonni kun, akkuma Maarqosiifi Ximotewos, qeentee taʼuunsaanii ‘yaannisaanii waan biraatti utuu hin harkifamin, hojii gooftaatti akka of kennan’ akka isaanii heyyamu beeku. (1 Qor. 7:35) Kun carraa guddaadha. Carraawwan hedduu obboloonni qeentee taʼan qaban keessaa tokko tokko, qajeelchaa taʼuu, bakka babalʼistoonni Mootummichaa baayʼee barbaachisanitti tajaajiluu, qooqa gara biraa barachuu, ijaarsa Galma Mootummaa ykn waajjira dameerratti hirmaachuu, Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa galuufi Betʼelitti tajaajiluudha. Dargaggeessa gaaʼela utuu hin godhatin jirtu taanaan, carraa kana akka gaariitti itti fayyadamaa jirtaa?

10 Obboleessi Maarki jedhamu tokko umriisaa dhuma waggoota kurnaniitti qajeelchaa kan taʼe siʼa taʼu, Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaarratti hirmaateera, akkasumas addunyaa maratti hojiiwwan garaagaraarratti tajaajileera. Waggoota 25 tajaajila yeroo guutuurratti dabarse yaaduudhaan, “Obboloota gumii keessa jiran hunda tajaajilarratti isaanii wajjin hirmaachuu, karaa hafuuraa isaan jajjabeessuu, mana kootti nyaata isaan afeeruufi walitti qabamnee akka yeroo waliin dabarsinu haala mijeessuudhaan isaan jajjabeessuuf yaalii godheera. Wantoonni kun hundi gammachuu guddaa naa argamsiisaniiru” jechuudhaan dubbateera. Yaanni Maarki dubbate akka argisiisutti, gammachuu guddaan kan argamu kennuudhaan siʼa taʼu, tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuunimmoo namootaaf kennuuf carraa hedduu argamsiisa. (HoE. 20:35) Dargaggoonni yeroo harʼaa jiran, fedhii, dandeettii ykn muuxannoo akkamiiyyuu yoo qabaatan, hojii Gooftaa keessatti wanta hojjetan hedduu qabu.—1 Qor. 15:58.

11. Faayidaan dafanii gaaʼela godhachuu dhiisuun qabu tokko tokko maalfaʼi?

11 Dargaggoonni hedduun yeroo booda gaaʼela godhachuu kan barbaadan taʼanis, dafanii gaaʼela godhachuu dhiisuuf sababii hedduu qabu. Phaawulos, dargaggoonni yoo xinnaate hamma yeroon umrii dargaggummaa inni fedhiin saalqunnamtii itti hammaatu darbutti, jechuunis hamma ‘fuudhaaf gaʼanitti’ akka turan gorseera. (1 Qor. 7:36) Sirriitti of beekuufi hiriyaa gaaʼelaa isiniif taʼu filachuuf muuxannoo argachuun yeroo gaafata. Waadaa gaaʼelaa keessa seenuun murtoo cimaa gochuu siʼa taʼu, kunis jireenya keenya guutuu kan itti fufu taʼuu qaba.—Lal. 5:2-5.

Yeroo Booda Qeentee Taʼuu

12. (a) Haannaan isheen abbaan manaa irraa duʼe haalashee isa jijjiirametti akka gaariitti kan fayyadamte akkamitti? (b) Haannaan mirga akkamii argatte?

12 Haannaa isheen Wangeela Luqaas keessatti caqasamte, abbaan manaashee wajjin waggaa torba qofa erga waliin jiraatanii booda, akka tasaa yommuu irraa duʼu baayʼee gadditee taʼuu hin oolu. Ijoollee qabaachuuf dhiisuusaaniis taʼe, lammata heerumuuf yaaddee akka turte hin beeknu. Haataʼu malee Macaafni Qulqulluun, Haannaan yommuu umriinshee waggaa 84 taʼettillee kan hin heerumne taʼuushee ibsa. Wanta Macaafni Qulqulluun dubbaturraa kaʼuudhaan, Haannaan jijjiirama haalasheerratti taʼe kana caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf itti fayyadamteetti jechuu dandeenya. Haannaan, “yeroo yerootti soomaa, halkanii fi guyyaa kadhachaa, mana qulqullummaa keessaa utuu hin dhabamin Waaqayyoof sagadaa in hojjetti turte.” (Luq. 2:36, 37) Kanaaf, jireenyashee keessatti jireenya hafuuraatiif iddoo guddaa kennaa turte jechuudha. Kun murtoofi carraaqqii cimaa gochuu kan gaafatu taʼus, eebba guddaa isheedhaa argamsiiseera. Yesus isa mucaa ture arguufi birmadummaa karaa Masiihii kanaa dhufu warra kaanitti dhugaa baʼuuf mirga argatteetti.—Luq. 2:38.

13. (a) Dorkaas sochii gumiirratti dammaqinaan hirmaachaa akka turte wanti argisiisu maalidha? (b) Gaarummaafi arjummaan Dorkaas eebba akkamii isheedhaaf argamsiiseera?

13 Dubartiin Dorkaas ykn Xaabiitaa jedhamtu, Yophee durii ishee qarqara galaanaa jirtuufi kaaba dhiha Yerusaalemitti argamtu keessa jiraatti turte. Macaafni Qulqulluun abbaa manaashee waan hin caqasneef, yeroo sanatti gaaʼela kan hin godhanne taʼuu hin ooltu. Dorkaas ‘hojii gaarii hojjetti, hiyyeessotas ni gargaarti’ turte. Baayʼee akka jaallatamtu kan ishee godhe, haadhotii hiyyeessaafi namoota kaaniif wayyaa hedduu hojjechuushee akka taʼe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaafuu, yommuu isheen akka tasaa dhukkubsattee duute, guutummaan gumichaa Phexros dhufee obboleettiisaanii jaallatamtuu taate akka duʼaa kaasu namoota itti ergan. Oduun duʼaa kaʼuushee guutummaa Yophee keessatti yommuu babalʼatu namoonni hedduun amantoota taʼan. (HoE. 9:36-42) Dorkaas gaarummaa guddaadhaan namoota kana keessaa tokko tokko gargaaruurratti hirmaattee taʼuu dandaʼa.

14. Kiristiyaanonni qeentee taʼan Yihowaatti akka dhihaatan wanti isaan kakaasu maalidha?

14 Akkuma Haannaafi Dorkaas, obboloonni yeroo harʼaa gumii keessa jiran hedduunis yeroo booda qeentee taʼaniiru akkasumas taʼuu dandaʼu. Obboloonni tokko tokko hiriyaa gaaʼelaa isaaniif taʼu argachuu hin dandaʼan taʼa. Warri kaanimmoo hiriyaa gaaʼelaasaanii kan hiikan ykn hiriyaan gaaʼelaasaanii kan jalaa duʼedha. Kiristiyaanonni qeentee taʼan hiriyaa gaaʼelaa yaadasaanii itti himatan waan hin qabneef, yeroo baayʼee guutummaatti Yihowaatti amanamuu baratu. (Fak. 16:3) Siiliviyaa isheen qeentee taateefi waggaa 38 oliif Betʼel keessa tajaajilte qeentee taʼuu akka eebbaatti ilaalti. “Yeroo tokko tokko baayʼee waanan dadhabuuf eenyutu na jajjabeessa? jedheen yaada. Yihowaan waan na barbaachisu ana caalaa akka beeku amanannaa qabaachuunkoo caalaatti isatti dhihaachuuf na gargaareera. Yeroo baayʼee bakka ani matumaa hin yaanneen jajjabina argadha” jetteetti. Yihowaan caalaatti yommuu isatti dhihaannu, yeroo hundumaa karaa akka nuu ooʼu argisiisuufi karaa nama jajjabeessuun deebii nuu kenna.

15. Kiristiyaanonni gaaʼela hin godhanne jaalalasaanii ‘balʼifachuu’ kan dandaʼan akkamitti?

15 Qeentee taʼuun jaalala ofii ‘balʼachuuf’ carraa adda taʼe namaa argamsiisa. (2 Qorontos 6:11-13 dubbisi.) Obboleettii qeenteen Jooliin jedhamtuufi waggaa 34 tajaajila yeroo guutuurratti dabarsite tokko, “Namoota umrii koorratti argaman qofa wajjin utuu hin taʼin, namoota umrii garaagaraa qabanii wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf carraaqqii guddaan godha. Qeentee taʼuun Yihowaadhaaf, maatii keessaniifi obboloota keessaniif, akkasumas ollaawwan keessaniif kennuuf carraa gaarii isinii argamsiisa. Umriinkoo dabalaa yommuu adeemu, qeentee taʼuukootti caalaattan gammada” jechuudhaa dubbatteetti. Maanguddoonni, namoonni dhibee fayyaa qaban, abbaa ykn haati qeentee taʼan, dargaggoonni, akkasumas obboloonni gumii keessa jiran kaan, deggersa ofittummaarraa walaba taʼeefi obboloonni qeentee taʼan isaanii godhan ni dinqisiifatu. Dhugumayyuu, warra kaanitti yommuu jaalala argisiisnu, miira gaariitu nutti dhagaʼama. Isinoo jaalala warra kaaniif qabdan ‘balʼifachuu’ ni dandeessuu?

Hamma Dhumaatti Qeentee Taʼuu

16. (a) Yesus qeentee taʼee kan jiraate maaliif ture? (b) Phaawulos qeentee taʼuusaatti akka gaariitti kan fayyadame akkamitti?

16 Yesus gaaʼela hin godhanne; tajaajila isaa kennameef qophaaʼuufi tajaajila kana raawwachuu qaba ture. Karaa dheeraa adeemeera; ganamaa jalqabee hamma halkaniitti hojjeteera; dhumarrattis lubbuusaa aarsaa godhee kenneera. Qeentee taʼuunsaa hojiiwwan kana raawwachuuf isa gargaareera. Phaawulos ergamaan kiilomeetira kumaan lakkaaʼamu kan adeeme yommuu taʼu, tajaajilasaarrattis rakkoo hedduun isa mudateera. (2 Qor. 11:23-27) Duraan fuudhee taʼuu dandaʼus, ergamaa Yesus erga taʼee booda garuu qeentee taʼee jiraachuu filateera. (1 Qor. 7:7; 9:5) Yesusis taʼe Phaawulos warri kaan tajaajilaaf jedhanii hamma dandaʼametti fakkeenyasaanii akka fudhatan jajjabeessaniiru. Taʼus, lamaansaaniiyyuu qeentee taʼuun tajaajiltoota Waaqayyoo taʼuuf ulaagaa barbaachisu akka taʼe hin dubbanne.—1 Xim. 4:1-3.

17. Yeroo harʼaa obboloonni tokko tokko fakkeenya Yesusiifi Phaawulos kan fudhatan akkamitti? Yihowaan namoota aarsaa akkasii kaffalan akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

17 Yeroo harʼaa obboloonni tokko tokko, tajaajilasaanii caalaatti raawwachuuf qeentee taʼuu filataniiru. Harooldi inni armaan olitti caqasame, waggaa 56 oliif Betʼel keessa tajaajileera. “Betʼel keessatti waggaa kudhan yommuun tajaajiletti, hiriyoonni gaaʼelaa hedduun, dhibee fayyaatiin ykn warrasaanii dullooman kunuunsuuf jecha Betʼeliin dhiisanii yommuu baʼan argeera. Abbaankoofi haatikoo duʼaniiru. Ani garuu Betʼeliin baayʼee waanan jaalladhuuf gaaʼela godhadhee mirga kana dhabuu hin barbaadu.” Obboleettiin waggoota dheeraadhaaf qajeelchaa taateefi Maargaareet jedhamtu tokkos, “Jireenyakoo keessatti heerumuuf carraa hedduu argadhee kanan ture taʼus, matumaa waaʼee kanaa yaadee hin beeku. Kanaa mannaa, birmadummaa guddaa qeentee taʼuunkoo naa argamsiise tajaajilarratti dhimmee hirmaachuufan itti fayyadama; kunis gammachuu guddaa naa argamsiiseera” jechuudhaan dubbatteetti. Yihowaan namoota amala ofittummaarraa walaba taʼeen, waaqeffannaa dhugaatiif aarsaa kaffalan akkasii matummaa hin irraanfatu.—Isaayaas 56:4, 5 dubbisi.

Haala Keessan Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa

18. Obboloonni kaan Kiristiyaanota qeentee taʼan jajjabeessuufi deggeruu kan dandaʼan akkamitti?

18 Kiristiyaanota Yihowaa tajaajiluuf wanta isaanii dandaʼame hundaa godhan garaadhaa galateeffachuufi jajjabeessuun keenya kan isaanii maludha. Amalawwan gaggaarii isaan qabaniifi gumaacha guddaa isaan gumichaaf godhaniif isaan galateeffanna. Nuyi dhugumaan “obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollota” hafuuraa yoo isaanii taane kophummaan matumaa isaanitti hin dhagaʼamu.—Maarqos 10:28-30 dubbisi.

19. Qeentee taʼuu keessanitti akka gaariitti fayyadamuuf maal gochuu dandeessu?

19 Qeentee kan taatan, filannaa keessaniinis taʼe haalli isin dirqisiisee, fakkeenyawwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti ibsaman, akkasumas yeroo ammaa jiran kun, jireenya gammachiisaafi buʼa qabeessa taʼe jiraachuu akka dandeessan kan isinii mirkaneessan haa taʼan. Qeentee taʼuun kennaa akka argannu eegaa turre ykn kennaa utuu hin yaadin argannee wajjin wal fakkaata. Namoonni tokko tokko yeruma sana kan dinqisiifatan siʼa taʼu, warri kaanimmoo faayidaasaa kan hubatan yeroo boodadha. Kanaaf dinqisiifannaan kennaa kanaaf qabnu ilaalcha keenyarratti kan hundaaʼedha. Qeentee taʼuu keessanitti akka gaariitti fayyadamuuf maal gochuu dandeessu? Yihowaatti caalaatti dhihaadhaa, tajaajilli Waaqayyoof dhiheessitan akka isiniif baayʼatu godhaa, akkasumas jaalala warra kaaniif qabdan balʼifadhaa. Akkuma gaaʼelaa, qeentee taʼuuf ilaalcha Waaqayyoo kan qabnuufi akka gaariitti kan itti fayyadamnu yoo taʼe, eebba nuu argamsiisuu dandaʼa.

Ni Yaadattaa?

• Qeentee taʼuun kennaa taʼuu kan danadaʼu karaawwan kamiini?

• Dargaggummaatti qeentee taʼuun eebba kan argamsiisu akkamitti?

• Kirstiyaanonni qeentee taʼan caalaatti Yihowaatti dhihaachuufi jaalalasaanii balʼifachuuf carraawwan akkamii qabu?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Waaqayyoon tajaajiluuf carraawwan qabdanitti akka gaariitti fayyadamaa jirtuu?