“Abboomamuun Aarsaa Irra Caala”
“Abboomamuun Aarsaa Irra Caala”
MOOTIIN Israaʼel durii inni jalqabaa Saaʼol jedhama. Saaʼol Waaqayyoon kan filatame taʼuyyuu, yeroo booda ajajamuu dideera.
Saaʼol dogoggorawwan akkamii raawwate? Dogoggorawwan kana hojjechuu dhiisuu dandaʼa turee? Fakkeenyasaa qoruun keenya faayidaa akkamii nuu argamsiisa?
Yihowaan Nama Mootii Akka Taʼu Filate Beeksise
Saaʼol mootii taʼuusaa dura, Saamuʼel raajichi Israaʼel keessatti bakka buʼaa Waaqayyoo taʼee tajaajilaa ture. Amma Saamuʼel dulloomeera, ilmaansaas amanamoo hin turre. Kana malees, Israaʼeloonni diinotasaaniitiin doorsifamaa jiru. Jaarsoliin Israaʼel, Saamuʼel mootii firdii isaanii kennuufi dirree waraanaarratti isaan geggeessu akka isaaniif moosisu isa gaafatan. Yihowaanis, Saamuʼel Saaʼoliin dibee mootii akka godhu erga ajajee booda, ‘Inni saba koo Israaʼeliin harka Filisxeemotaarraa isaan in oolcha’ jedhee dubbate.—1 Sam. 8:4-7, 20; 9:16.
Saaʼol “ilma bareedaa” kan ture taʼuusaarrayyuu, amalawwan gaggaarii qaba ture. Akkasumas nama gad of deebisu ture. Fakkeenyaaf Saaʼol, “Ani gosoota Israaʼel keessaa gosa Beniyaamin isa xinnaa keessaa mitii ree? Gosa Beniyaamin keessaa iyyuu immoo qomoon abbaa kootii hundumaa irra xinnaa dha mitii ree? Maaliif wanta akkasii anatti dubbatta?” jechuudhaan Saamuʼeliin gaafatee ture. Abbaansaa Qiish “badhaadhaa,” [hiika bara 1899] kan ture taʼuyyuu, Saaʼol waaʼee ofiisaafi waaʼee maatiisaa ilaalchisee nama gad of deebisu ture.—1 Sam. 9:1, 2, 21.
Yommuu Saamuʼel, Yihowaan Saaʼoliin mootii Israaʼel godhee filachuusaa beeksisettis wanta Saaʼol godhe qalbeeffadhu. Saamuʼel dura qofaatti Saaʼoliin erga dibee booda, “Waaqayyo sii wajjin waan jiruuf waanuma harka keetti dhufe hojjedhu!” isaan jedhee ture. Achiis, Saamuʼel nama Yihowaan filate isaan beeksisuuf sabicha walitti qabe. Haataʼu malee, mootiin filatame Saaʼol taʼuunsaa yommuu beeksifamu bakka sanaa isa dhaban. Saaʼol saalfataa waan taʼeef dhokatee ture. Yihowaan bakka Saaʼol jiru erga himee booda mootii akka taʼe ni beeksifame.—1 Sam. 10:7, 20-24.
Dirree Waraanaarratti
Saaʼol utuu baayʼee hin turin namoonni gaʼumsa qabaachuusaa shakkanii turan akka dogoggoran mirkaneesseera. Yeroo tokko Amoononni magaalaa Israaʼel tokkotti duulanii qabachuuf yommuu jedhan, “hafuurri Waaqayyoo humnaan in dhufeef.” Yeroo kanatti Saaʼol, loltoonni Israaʼel akka walitti qabaman ajajee 1 Sam. 11:1-13.
isaan qindeessuudhaan injifannoo akka argatan godheera. Haataʼu malee, ‘Harʼa Waaqayyo Israaʼeloota in oolche’ jechuudhaan injifannoon kun kan Waaqayyoo akka taʼe dubbateera.—Saaʼol amalawwan gaggaarii kan qabu yommuu taʼu, Waaqayyos isa eebbisee ture. Saaʼol Yihowaan humna guddaa akka qabus amanee ture. Haataʼu malee, Israaʼeloonniifi mootiinsaanii milkaaʼina itti fufiinsa qabu argachuusaanii wanta barbaachisaa taʼe tokkorratti kan hundaaʼedha. Saamuʼel, “Isin, Waaqayyoon yoo sodaattan, isaaf yoo hojjettan, dubbii isaa yoo dhaggeeffattanis, diddanii sagalee isaa irratti yoo kaʼuu dhaabaattan, isin, mootiin isin irratti moosifames duuka-buutuu Waaqayyo gooftaa keessanii in taatu” jechuudhaan saba Israaʼelitti himee ture. Israaʼeloonni utuu Waaqayyoof amanamoo taʼaniiru taʼee, waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu turan? Saamuʼel, “Waaqayyo saba isaa isin godhachuun waan isatti toleef, inni ulfina maqaa isaa isa guddaadhaaf jedhee isin hin dhiisu” jedheera.—1 Sam. 12:14, 22.
Abboomamuun Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf baayʼee barbaachisaa ture; yeroo harʼaattis barbaachisaadha. Yihowaan tajaajiltoonnisaa yommuu abboommiiwwansaa eegan isaan eebbisa. Yihowaadhaaf abboomamuu yoo didan hoo?
“Gowwummaadhaan Kana Hojjette”
Tarkaanfiin Saaʼol itti aansee fudhate, Filisxeemonni sabicharratti miidhaa cimaa akka geessisan godheera. Humni waraanaa “akka cirracha qarqara galaanaa taʼe” Saaʼolirratti kaʼe. “Namoonni Israaʼel immoo iddoo sodaachisaa keessa akka jiran, loltoonni isaaniis akka sardaman yommuu argan, holqa keessa, qoraattii keessa, kattaa keessa, bowwaa keessa, boolla keessas in dhokatan.” (1 Sam. 13:5, 6) Yeroo kanatti Saaʼol maal godha laata?
Saamuʼel, bakka aarsaa dhiheessutti, jechuunis Giilgalitti akka isa eegu Saaʼolitti himee ture. Saaʼol kan isa eege taʼus, Saamuʼel waan tureef loltoonni Saaʼol ni tatamsaʼan. Kanaafuu, Saaʼol ofumasaatiin aarsicha dhiheesse. Akkuma inni aarsaa dhiheesseen Saamuʼel ni dhufe. Wanta Saaʼol godhe erga dhagaʼee booda, “Abboommii Waaqayyo gooftaan kee si abboome eeguu dhiiftee gowwummaadhaan kana hojjette malee, abboommii isaa utuu eegdee jiraattee, harʼa Waaqayyo mootummaa kee Israaʼel irratti bara baraan siif in jabeessa ture. Amma garuu waan Waaqayyo si abboome sababii hin eeginiif mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka garaa isaatii barbaaddatee, geggeessituu saba isaatii godhee dhaabbateera” isaan jedhe.—1 Sam. 10:8; 13:8, 13, 14.
Saaʼol, hamma Saamuʼel dhufee aarsaa dhiheessutti eeguu mannaa, of tuulummaadhaan abboommii Waaqayyootiif ajajamuu diduu filachuudhaan amantii akka hin qabne argisiiseera. Gochi Saaʼol, wanta Giidewon inni ajajaa waraanaa Israaʼel durii raawwaterraa baayʼee addadha. Yihowaan, Giidewon loltootasaa 32,000 turan gara 300tti akka hirʼisu yommuu isatti himu Giidewon ni ajajame. Maaliif? Yihowaarratti amantaa waan qabuuf ture. Gargaarsa Waaqayyootiin weerartoota 135,000 moʼuu dandaʼeera. (Abo. 7:1-7, 17-22; 8:10) Yihowaan, Saaʼoliinis gargaaruu dandaʼa ture. Haataʼu malee Saaʼol ajajamuu waan dideef, Filisxeemonni Israaʼeloota saamuu dandaʼaniiru.—1 Sam. 13:17, 18.
Yeroo rakkoowwan nu mudatan murtoo kan goonu akkamitti? Akka ilaalcha namoota amantii hin qabneetti, seerawwan Waaqayyootiif ajajamuu diduun gaarii fakkaachuu dandaʼa. Yeroo Saamuʼel hin jirretti, Saaʼol wanti inni godhe sirrii akka taʼe yaadee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, namoota Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf murteessaniif, rakkina isaan mudate hiikuuf hunda caalaa gaarii kan taʼe, seerawwan buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo dhimma sanaa wajjin wal qabatan hordofuu qofadha.
Yihowaan Saaʼoliin Ni Tuffate
Saaʼol yeroo Amaaleqoota lolaa turettis cubbuu cimaa kan biraa raawwateera. Amaaleqonni yommuu Israaʼeloonni Gibxii baʼan, lafaa kaʼanii lola waan isaanirratti bananiif Waaqayyo akka balleeffaman murteessee ture. (Bau. 17:8; Kes. 25:17, 18) Kana malees, bara abbootii firdiitti, Amaaleqonni saboota naannoosaanii jiraniin wal taʼuudhaan saba Waaqayyo filate lolaniiru. (Abo. 3:12, 13; 6:1-3, 33) Kanaafuu, Yihowaan Amaaleqonni akka adabaman murteessuudhaan Saaʼol akka isaan fixu isa ajaje.—1 Sam. 15:1-3.
Saaʼol ajaja Yihowaa fudhatee Amaaleqota diina taʼaniifi qabeenyasaanii balleessuu mannaa, mootiisaanii, akkasumas horiiwwan gaggaarii isaan qaban boojiʼee deebiʼe. Saamuʼel dhimma kana ilaalchisee yommuu isa gaafatu, Saaʼol deebii akkamii kenneef? Saaʼol, “Namootatu bushaayee fi saawwan gaggaarii isaan mararan Waaqayyo gooftaa keetiif aarsaa dhiʼeessuudhaaf [fidan]” jechuudhaan dogoggorasaa warra kaanitti qabachuuf yaale. Saaʼol dhuguma horiiwwan kana aarsaa gochuuf yaadee taʼus taʼuu baatus, utuu hin ajajamin hafeera. Saaʼol kana booda ‘xinnootti of ilaaluu’ dhiiseera. Kanaafuu Saamuʼel, Saaʼol Waaqayyoof utuu hin ajajamin akka hafe isatti hime. Saamuʼel, “Dhugumaan Waaqayyo nama dubbii isaa dhagaʼee abboomamutti akka gammadu, qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree? Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala; . . . Sababii ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, innis akka ati mootii hin taaneef si tuffateera” jedheen.—1 Sam. 15:15, 17, 22, 23.
Yommuu Yihowaan hafuurasaafi eebbasaa Saaʼolirraa fudhate, “hafuurri hamaan” mootii Israaʼel isa jalqabaa kanarra buufate. Sanaan booda Saaʼol, Daawit isa Yihowaan yeroo booda mootummaa isaaf kennu shakkuufi itti hinaafuutti kaʼe. Daawitiin ajjeesuufis yeroo baayʼee yaalii godheera. Macaafni Qulqulluun Saaʼol, “Waaqayyo akka Daawitii wajjin jiru” argee, “bara jireenya isaatti akkuma diina isaa taʼetti in hafe” jedha. Saaʼol, Daawitiin ariʼachuutti kan kaʼe taʼuusaarrayyuu, luboonni 85fi namoonni kaanis akka ajjeefaman ajajeera. Kanaafuu, Yihowaan Saaʼoliin dhiisuunsaa kan nama dinqisiisu miti!—1 Sam. 16:14; 18:11, 25, 28, 29; 19:10, 11; 20:32, 33; 22:16-19.
Yommuu Filisxeemonni ammas Israaʼeliin rukutuu dhufan, Saaʼol gargaarsa argachuuf gara eker dubbiftuu kan dhaqe taʼus gargaarsa hin arganne. Guyyaa itti aanutti dirree waraanaarratti garmalee kan madaaʼe ennaa taʼu, achiis of ajjeeseera. (1 Sam. 28:4-8; 31:3, 4) Macaafni Qulqulluun, mootii Israaʼel isa jalqabaa ajajamuu dide ilaalchisee, “Saaʼol Waaqayyoof amanamuu waan dideef in duʼe; inni eker-dubbiftuu barbaadee gaafatate malee, dubbii Waaqayyoof hin abboomamne. Inni Waaqayyoon gaafatachuu hin barbaanne” jechuudhaan dubbata.—1 Sen. 10:13, 14.
Fakkeenyi gadheen Saaʼol kaaʼe, Yihowaadhaaf abboomamuun aarsaa kamiyyuu dhiheessuurra akka caalu ifa godha. Yohannis ergamaan, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti” jechuudhaan barreesseera. (1 Yoh. 5:3) Michoomni Waaqayyoo wajjin qabnu hamma dhumaatti itti fufuu kan dandaʼu, isaaf yoo abboomamne qofa taʼuusaa matumaa irraanfachuu hin qabnu.
[Fakkii fuula 21]
Saaʼol jalqabarratti mootii gad of deebisu ture
[Fakkii fuula 23]
Saamuʼel Saaʼoliin, “Abboomamuun aarsaa irra caala” kan jedhe maaliifi?