Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jalʼina Ni Jibbitaa?

Jalʼina Ni Jibbitaa?

Jalʼina Ni Jibbitaa?

‘Ati [Yesus] Jalʼina jibbite.ʼ—IBR. 1:9.

1. Yesus jaalala ilaalchisee maal barsiisee ture?

YESUS KIRISTOS jaalalli barbaachisaa taʼuusaa yommuu ibsu bartootasaatiin, “Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yoh. 13:34, 35) Yesus, duuka buutonnisaa jaalala fedhii ofii aarsaa gochuudhaan argisiifamu akka waliif qabaatan isaan ajajeera. Jaalalli akkasii adda baasee kan isaan beeksisu ture. Yesus, “Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ariʼataniifis kadhadhaa!” jechuudhaanis isaan gorseera.—Mat. 5:44.

2. Duuka buutonni Kiristos wanta akkamiitiif jibba qabaachuu qabu?

2 Yesus bartootasaa waaʼee jaalalaa qofa utuu hin taʼin, maal jibbuu akka qabanis isaan barsiiseera. Yesusiin ilaalchisee, “Ati qajeelina jaallattee jalʼina jibbite” jedhameera. (Ibr. 1:9; Far. 45:7) Kun qajeelina jaallachuu qofa utuu hin taʼin, cubbuu ykn jalʼina jibbuu akka qabnus kan argisiisudha. Yohaannis ergamaan, “Cubbuu kan hojjetu hundinuu seera malee in jiraata; cubbuunis seera malee jiraachuu dha” jechuudhaan adda baasee caqasuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha.—1 Yoh. 3:4.

3. Matadureen kun, jalʼina jibbuu ilaalchisee kallattii jireenyaa warra kamirratti ibsa kenna?

3 Kanaaf, Kiristiyaanota waan taaneef, ‘Jalʼina nan jibbaa?’ jennee of gaafachuu qabna. Kallattiiwwan jireenya keenyaa armaan gaditti caqasamaniin wantoota gadhee taʼan jibbuu keenya akkamitti argisiisuu akka dandeenyu haa ilaalu: (1) ilaalcha dhugaatii alkoolii garmalee dhuguudhaaf qabnuun, (2) ilaalcha gochawwan hafuura xuraaʼummaatiif qabnuun, (3) ilaalcha ejjaaf qabnuun, akkasumas (4) ilaalcha namoota jalʼina jaallataniif qabnuun.

Alkooliidhaaf Garboota Hin Taʼinaa

4. Yesus garmalee dhuguu ilaalchisee afaansaa guutee akeekkachiisa kennuu kan dandaʼe maaliifi?

4 Yesus, wayiniin kennaa Waaqayyoo akka taʼe waan beekuuf yeroo tokko tokko ni dhuga ture. (Far. 104:14, 15) Taʼus, garmalee dhuguudhaan kennaa kanatti karaa sirrii hin taaneen hin fayyadamne. (Fak. 23:29-33) Kanaaf, Yesus gochi akkasii sirrii akka hin taane afaansaa guutee gorsa kennuu dandaʼee ture. (Luqaas 21:34 dubbisi.) Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun cubbuu cimaa gara biraa raawwachuutti nama geessuu dandaʼa. Kanaaf, Phaawulos ergamaan, “Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa!” jechuudhaan barreesseera. (Efe. 5:18) Dubartoonni dulloomaniifi gumii keessa jiranis ‘dhugaatiidhaaf garboota akka hin taane’ isaan gorseera.—Tit. 2:3.

5. Namoonni dhugaatii alkoolii dhuguu filatan gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu dandaʼu?

5 Dhugaatii alkoolii dhuguu yoo filatte akkas jettee of gaafachuu qabda: ‘Garmalee dhuguu ilaalchisee ilaalcha akka Yesus nan qabaa? Dhimma kana ilaalchisee warra kaan gorsuun yoo na barbaachise, afaankoo guutee dubbachuu nan dandaʼaa? Yaaddoo ykn dhiphinarraa baqachuuf jedheen dhugaa? Torban torbaniin hammaman dhuga? Namni tokko baayʼee akkan dhugu yoo natti hime maaltu natti dhagaʼama? Gochikoo sirrii akka taʼe amansiisuuf nan falmaa? Yookiin nama sanatti nan aaraa?’ Dhugaatii alkooliitiif garboomuun, dandeettii sirriitti yaaduufi murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuuf qabnu nu jalaa miidhuu dandaʼa. Duuka buutonni Kiristos dandeettii dubbii gargar baasanii hubachuuf qaban akka hin dhabne carraaqqii godhu.—Fak. 3:21, 22.

Gochawwan Hafuura Xuraaʼummaarraa Fagaadhaa

6, 7. (a) Yesus Seexanaafi hafuurota hamoo wajjin haala wal qabateen maal godheera? (b) Yeroo harʼaa gochawwan hafuura xuraaʼummaa kan babalʼatan maaliifi?

6 Yesus yommuu lafarra ture Seexanaafi hafuurota hamoo cimsee mormeera. Qorumsa Seexanni amanamummaasaa akka cabsu kallattiidhaan isatti fides balaaleffateera. (Luq. 4:1-13) Haxxummaa Seexanni yaadaafi gochasaarratti dhiibbaa geessisuuf itti fayyadames addaan baasee kan beeke taʼuusaarrayyuu, dhiibbaa kanaaf hin moʼamne. (Mat. 16:21-23) Yesus namoota hacuuccaa gara jabinaa hafuuronni hamoon geessisan jalaa baʼuu qabanis gargaareera.—Mar. 5:2, 8, 12-15; 9:20, 25-27.

7 Yesus bara 1914⁠tti erga Mootii taʼee booda, dhiibbaa gadhee Seexanniifi hafuuronni hamoon geessisanirraa samii qulqulleesseera. Kanaan kan kaʼes, Seexanni yeroo kamiyyuu caalaa amma, “guutummaa biyya lafaa wallaalchisuuf” kutatee kaʼeera. (Mul. 12:9, 10) Kanaaf, jaalalli namoonni gochawwan hafuura xuraaʼummaatiif qaban babalʼachuufi guddachuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Gochawwan kanarraa of eeguuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeenya?

8. Bohaartii filannu ilaalchisee maal jennee of gaafachuu qabna?

8 Macaafni Qulqulluun, balaa gochi hafuura xuraaʼummaa wajjin wal qabate fidu ilaalchisee akeekkachiisa ifa taʼe kenna. (Keessa Deebii 18:10-12 dubbisi.) Yeroo harʼaa Seexanniifi hafuuronni hamoon, karaa fiilmii, kitaabotaafi tapha meeshaalee elektirooniksii gochawwan hafuura xuraaʼummaa babalʼisanii, ilaalcha namootaarratti dhiibaa godhu. Kanaaf, hundi keenya bohaartii yommuu filannu akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Jiʼoottan darbanitti, fiilmii, sagantaa televijiinii, tapha meeshaalee elektirooniksii, kitaabota ykn qoosaawwan hafuura xuraaʼummaa wajjin wal qabatanitti bohaaruuf filadheeraa? Dhiibbaa hafuurri xuraaʼummaa geessisurraa fagaachuun barbaachisaa akka taʼe hubadheeramoo, balaawwan isaan geessisan akka laayyoottan ilaala? Bohaartii ani filadhu ilaalchisee wanta Yihowaatti dhagaʼamuu dandaʼurratti yaadeeraa? Malawwan Seexanaa akkasii dhiibbaa akka narraan gaʼan heyyameera yoon taʼe, jaalalli ani Yihowaafi seerawwan buʼuuraasaa warra qajeelaa taʼaniif qabu, mamii tokko malee dhiibbaa kana akkan moʼu na kakaasaa?ʼ—HoE. 19:19, 20.

Akeekkachiisa Yesus Ejja Ilaalchisee Kenne Hordofaa

9. Namni tokko jaalala jalʼinaaf qabu guddisuu kan dandaʼu akkamitti?

9 Yesus seera Yihowaan saalqunnamtii ilaalchisee baase deggereera. Yesus, “Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume ‘Dhiiraa fi dubartii akka uume’ hin dubbifnee ree?” “‘Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.’ Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedhee ture. (Mat. 19:4-6) Yesus, wanti ija keenyaan ilaallu garaa keenyarratti dhiibbaa gochuu akka dandaʼu beeka ture. Kanaaf, Lallabasaa isa Gaaraarratti, “‘Hin ejjin’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan dubbateera. (Mat. 5:27, 28) Namoonni akeekkachiisa Yesus tuffatan, jaalala jalʼinaaf qaban guddisaa akka adeeman hin shakkisiisu.

10. Muuxannoo namni tokko fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluurraa walaba taʼuu akka dandaʼu argisiisu dubbadhu.

10 Seexanni karaa fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasanii ejja babalʼisa. Yeroo ammaa biyyi lafaa wantoota akkasiitiin kan guutamedha. Namoonni fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaalan, wanta gadhee argan sana sammuusaanii keessaa balleessuun isaan rakkisa. Fakkiiwwan akkasii ilaaluun araada isaanitti taʼullee ni dandaʼa. Mee wanta Kiristiyaana tokko mudate ilaali. Kiristiyaanni kun akkas jedha: “Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan dhoksaatti nan ilaalan ture. Waaʼee addunyaa gammachiisaa bakkan Yihowaa itti tajaajilurraa adda taʼe tokkoo abjoochuu jalqabeen ture. Gochi kun dogoggora akka taʼe kanan beeku taʼus, tajaajillikoo ammayyuu Waaqayyo biratti fudhatama akka qabu natti dhagaʼama ture.” Obboleessi kun yaadasaa akka jijjiiru kan godhe maalidha? “Wantan kanaan dura godhe hunda caalaa baayʼee kan natti ulfaate yoo taʼeyyuu, rakkinakoo jaarsoliitti himuufan murteesse” jedha. Dhumarratti obboleessi kun amala gadhee kanarraa walaba taʼeera. “Jireenyakoo cubbuu kanarraa ergan qulqulleessee booda, dhumarratti dhugumaan yaada garaa qulqulluu akkan qabu natti dhagaʼame” jechuudhaan dhugaasaa dubbateera. Namoonni jalʼina jibban fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan jibbuu barachuu qabu.

11, 12. Muuziqaa filachuu wajjin haala wal qabateen jalʼina akka jibbinu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Muuziqaan tokkoofi walaloonsaa miiraafi garaa keenyarratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. Muuziqaan kennaa Waaqayyoo taʼuusaarrayyuu, waaqeffannaa dhugaa keessattis yeroo dheeraadhaaf itti hojjetamaa tureera. (Bau. 15:20, 21; Efe. 5:19) Taʼus, addunyaan Seexanaa muuziqaa ejja raawwachuu jajjabeessu babalʼisa. (1 Yoh. 5:19) Muuziqaan ati dhaggeeffattu kan si xureessu taʼuufi dhiisuusaa akkamitti beekuu dandeessa?

12 Akkas jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Muuziqaan ani dhaggeeffadhu, ajjeechaa, ejjaafi arrabsoo kan jajjabeessudhaa? Walaloo muuziqaa tokkoo nama tokkoof utuun dubbisee, namni sun jalʼina akkan jibbu isatti dhagaʼamamoo, jechoonni walaloo sanaa garaankoo akka xuraaʼe argisiisu?’ Muuziqaa jalʼina raawwachuu jajjabeessu dhaggeeffachaa, jalʼina jibbuu hin dandeenyu. Yesus, “Dubbiin afaan keessaa baʼu . . . yaada garaa namaa keessaa dhufa; isatu xuraaʼaa nama godha. Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa baʼao, isaanis, nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa baʼuu, nama salphisuus” jedhee ture.—Mat. 15:18, 19; Yaaqoob 3:10, 11 waliin ilaali.

Namoota Jalʼina Jaallataniif Ilaalcha Akka Yesus Qabaadhaa

13. Yesus namoota cubbuu hojjechuusaanii itti fufan akkamitti ilaala?

13 Yesus, cubbamoota ykn jalʼoota yaada garaa isaanii geddarachuutti waamuuf akka dhufe dubbateera. (Luq. 5:30-32) Haataʼu malee, namoota cubbuurraa deebiʼuu didaniif ilaalcha akkamii qaba ture? Yesus dhiibbaa namoonni akkasii geessisaniif moʼamuun sirrii akka hin taane akeekkachiiseera. (Mat. 23:15, 23-26) Yesus, “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti. Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baayʼeen, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baayʼee hojjenneerra mitii?’ anaan jedhu” jechuudhaan ifatti dubbateera. Haataʼu malee, warra yaada garaa geddarachuu diduudhaan jalʼina raawwachuusaanii itti fufan, “Ija koo duraa badaa!” jechuudhaan isaan balaaleffata. (Mat. 7:21-23) Namoota kanaaf murtoon akkasii kan kennamu maaliifi? Namoonni akkasii Waaqayyoon kan salphisaniifi gochawwan jalʼinaa raawwataniin namootarratti miidhaa kan geessisan waan taʼaniifidha.

14. Cubbamoonni yaada garaasaanii hin geddaranne gumii keessaa kan baafaman maaliifi?

14 Dubbiin Waaqayyoo cubbamoonni yaada garaasaanii hin geddaranne gumii keessaa akka baafaman ajaja. (1 Qorontos 5:9-13 dubbisi.) Yoo xinnaate sababii sadiin kan kaʼe kana gochuun barbaachisaadha: (1) maqaa Yihowaa arrabsoorraa walaba gochuuf, (2) qulqullina gumichaa eeguuf, akkasumas (3) dandaʼamnaan cubbamoonni yaada garaasaanii akka geddaratan gargaaruuf.

15. Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu yoo barbaannee gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?

15 Namoota jalʼina raawwachuusaanii itti fufaniif ilaalcha akka Yesus qabnaa? Gaaffiiwwan armaan gadiitiif xiyyeeffannaa kennuun nu barbaachisa: ‘Nama gumiidhaa baafame ykn gumii Kiristiyaanaarraa of qoodee wajjin yeroo baayʼee walitti dhufeenya nan qabaa? Namni kun fira dhihoo mana tokko keessa waliin hin jiraanne yoo taʼehoo?’ Haalli akkasii, jaalalli qajeelummaaf qabnuufi amanamummaan Yihowaaf qabnu dhugaa taʼuufi dhiisuusaa kan qoru taʼuu dandaʼa. *

16, 17. Haati Kiristiyaana taate tokko haala rakkisaa akkamiitu ishee mudate? Qophii cubbamoota yaada garaasaanii hin geddaranne gumiidhaa baasuuf godhame akka deggertu kan ishee gargaare maal ture?

16 Muuxannoo obboleettii ilma gaʼeessa yeroo tokkotti Yihowaa tajaajilaa ture qabdu tokkoo ilaali. Ilmishee kun booda yaada garaasaa geddarachuu waan dideef gumiidhaa baafame. Obboleettiin keenya kun Yihowaa kan jaallattu siʼa taʼu, ilmashees ni jaallatti turte; kanaaf, gorsa Caaffata qulqullaaʼoo isaa wajjin walitti dhufeenya akka hin qabaanne ajaju hojiirra oolchuun baayʼee isheetti ulfaatee ture.

17 Utuu si taʼee obboleettii kanaaf gorsa akkamii kennita? Jaarsi gumii tokko, Yihowaan dhiphina isheetti dhagaʼamu akka beeku akka hubattu ishee gargaare. Obboleessi kun, Yihowaan ergamoonni ilmaansaa taʼan tokko tokko yommuu isarratti kaʼan dhiphinni akkamii isarra gaʼee taʼuu akka qabu akka yaaddu ishee afeere. Yihowaan haalli akkasii hangam dhiphisaa taʼuu akka dandaʼu yoo beekeyyuu, cubbamoonni yaada garaasaanii hin geddaranne gumiidhaa akka baafaman akka barbaadu isheedhaa ibse. Obboleettiin kun gorsa isheedhaaf kenname fudhachuudhaan, qophii gumiidhaa baasuuf godhame amanamummaadhaan deggerte. * Amanamummaan akkasii garaa Yihowaa ni ciibsa.—Fak. 27:11.

18, 19. (a) Nama jalʼina raawwatuu wajjin walitti dhufeenya qabnu dhaabuun keenya jibba wanta akkamiitiif qabnu argisiisa? (b) Waaqayyoofi qophiisaatiif amanamoo yommuu taanu faayidaa akkamiitu argamuu dandaʼa?

18 Haalli akkasii si mudachaa jira yoo taʼe Yihowaan akka siif gaddu yaadadhu. Nama gumiidhaa baafame ykn gumiirraa of qoodee wajjin walitti dhufeenya qabdu dhaabuudhaan, ilaalchaafi gocha namni kun gumiidhaa akka baafamu ykn akka of qoodu godhe sana akka jibbitu argisiista. Haataʼu malee, kana yommuu gootu wanta hunda caalaa isa fayyadu raawwachaa waan jirtuuf nama sanas akka jaallatu argisiista. Yihowaadhaaf amanamaa taʼuunkee, carraan namni adabni kennameef sun yaada garaasaa geddaratee gara Yihowaatti deebiʼuuf qabu akka dabalu gochuu dandaʼa.

19 Obboleettiin yeroo tokko gumiidhaa baafamteefi yeroo booda gumiitti deebite tokko, “Yihowaan sabasaa baayʼee waan jaallatuuf, jaarmiyaansaa qulqulluu taʼee akka itti fufu gochuusaatti nan gammada. Kun namoota gumii keessa hin jirretti gara jabina fakkaachuu dandaʼus, barbaachisaa kan taʼeefi gocha dhugumaan jaalala argisiisudha” jechuudhaan barreessiteetti. Maatiishee dabalatee miseensonni gumii hundi erga isheen gumiidhaa baafamtee booda yeroo hundaa ishee wajjin walittii dhufeenya qabu utuu taʼee, obboleettiin kun murtoo akkasiirra gaʼuu dandeessi jettee yaaddaa? Qophii Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼeefi nama cubbuu hojjete gumiidhaa baasuuf godhame deggeruun keenya, qajeelina akka jaallannuufi Yihowaan seera amalaa nuu baasuuf mirga akka qabu amannee akka fudhannu kan argisiisudha.

“Wanta Hamaa Jibbaa”

20, 21. Jalʼina jibbuu barachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

20 Phexros ergamaan, “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beelaʼutti aadaa naannaʼutti, nama liqimsuu barbaadee in naannaʼa” jechuudhaan akeekkachiiseera. (1 Phe. 5:8) Namni sun si taʼuu dandaʼaa? Kun taʼuufi dhiisuunsaa irra caalaatti kan hundaaʼe, jalʼina jibbuuf akka gaariitti barachuu keerrattidha.

21 Jibbi wanta gadhee taʼeef qabnu dabalaa akka adeemu gochuun salphaa miti. Cubbuu dhaallee kan dhalanne taʼuusaarrayyuu, biyya lafaa fedha foonii hordofuu jajjabeessu keessa jiraanna. (1 Yoh. 2:15-17) Haataʼu malee, fakkeenya Yesus Kiristos fudhachuufi Yihowaadhaaf jaalala guddaa qabaachuudhaan, jalʼinaaf jibba qabaachuurratti milkaaʼina argachuu dandeenya. Kanaaf, Yihowaan ‘Warra isaaf of kennan akka eeguufi harka jalʼootaarraas akka isaan oolchu’ guutummaatti mirkanaaʼoo taʼuudhaan ‘wanta hamaa jibbuuf’ haa murteessinu.—Far. 97:10.

[Miiljaleewwan]

^ key. 15 Dhimma kana ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 1981, fuula 26-31 ilaali. (Ingiliffa)

^ key. 17 Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2007, fuula 17-20 ilaali. (Amaariffa)

Maal Jettee Deebista?

• Ilaalcha dhugaatii alkooliitiif qabnu qoruuf maaltu nu gargaara?

• Gochawwan hafuura xuraaʼummaarraa of eeguuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeenya?

• Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan balaa kan qaban maaliifi?

• Namni jaallannu tokko yommuu gumiidhaa baafamu, jalʼina akka jibbinu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 29]

Dhugaatii alkoolii dhuguu yoo filatte maal xiyyeeffannaa keessa galchuu qabda?

[Fakkii fuula 30]

Dhiibbaa Seexanni karaa bohaartii geessisurraa of eegi

[Fakkii fuula 31]

Namni fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaalu jaalala maaliif qabu guddifata?