Hafuurri Waaqayyoo Akka Si Geggeessu Ni Heyyamtaa?
Hafuurri Waaqayyoo Akka Si Geggeessu Ni Heyyamtaa?
“Hafuurri kee inni gaariin, lafa wal qixxee irra ana haa geggeessu!” —FAR. 143:10.
1, 2. (a) Yeroowwan Yihowaan tajaajiltootasaa gargaaruuf hafuura qulqulluutti fayyadame tokko tokko caqasi. (b) Hafuurri qulqulluun kan hojjetu yeroowwan adda taʼan qofattii? Ibsi.
WAAʼEE hojii hafuura qulqulluu yommuu yaaddu maaltu gara sammuukeetti dhufa? Hojii dinqisiisaa Giidewoniifi Siimson raawwatantu gara sammuukeetti dhufaa? (Abo. 6:33, 34; 15:14, 15) Tarii ija jabina Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa argisiisan ykn tasgabbii Isxifaanos yaaʼii warra Yihudootaa duratti argisiise yaadda taʼa. (HoE. 4:31; 6:15) Bara keenyattoo gammachuu guddaan walgaʼiiwwan biyyoolessaarratti mulʼatu, amanamummaan obboloonni keenya dhimma siyaasaa keessa galuu diduudhaan argisiisaniifi guddinni ajaaʼibsiisaan hojii lallabaarratti mulʼatu buʼaa maaliiti? Fakkeenyonni kun hundi wanta hafuurri qulqulluun raawwatuuf ragaa taʼu.
2 Hafuurri qulqulluun kan hojjetu yeroowwan ykn haalawwan adda taʼan keessatti qofadhaa? Lakki. Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanonni, ‘hafuuraan akka deddeebiʼan,’ ‘hafuuraan akka geggeeffamaniifi’ ‘jireenya hafuuraatti akka jiraatan’ dubbata. (Gal. 5:16, hiika bara 1899, 18, 25) Yaadawwan kun, hafuurri qulqulluun jireenya keenya keessatti yeroo hundaa hojjechuu akka dandaʼu argisiisu. Yihowaan yaada, dubbiifi gocha keenya hafuurasaatiin akka nuu qajeelchu guyyaa guyyaadhaan isa kadhachuu qabna. (Faarfannaa 143:10 dubbisi.) Hafuurichi jireenya keenya keessatti akka hojjetu kan heyyamnu yoo taʼe, ija hojii hafuuraa namoota kaaniif gammachuu argamsiisuufi Waaqayyoof ulfina fidu godhanna.
3. (a) Hafuura qulqulluutiin geggeeffamuun kan nu barbaachisu maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kam qorra?
3 Hafuura qulqulluutiin geggeeffamuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Humni gara biraan hojii hafuura qulqulluu mormu nu toʼachuu waan barbaaduufidha. Humni gara biraan Macaafni Qulqulluun “foon” jedhee waamu kun, foon keenya isa cubbuu hojjechuutti ariifatuufi mudaa ijoollee Addaam taʼuu keenyaan dhaalle kan argisiisudha. (Galaatiyaa 5:17 dubbisi.) Hafuurri Waaqayyoo akka nu geggeessu heyyamuun maal dabalataree? Dhiibbaa foon keenya inni cubbamaan nurraan geessisu mormuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeenyu jiruu? Bifawwan ija hojii hafuuraa jaʼan hafan jechuunis, ‘obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaafi of dhowwuurratti’ mariʼachuudhaan gaaffiiwwan kana haa qorru.—Gal. 5:22, 23.
Garraamummaaniifi Obsi Gumii Keessa Nagaan Akka Jiraatu Godhu
4. Garraamummaaniifi obsi nagaa gumiitiif gumaacha kan godhan akkamitti?
4 Qolosaayis 3:12, 13 dubbisi. Gumii keessa nagaan akka jiraatu gochuuf garraamummaaniifi obsi jiraachuunsaanii barbaachisaadha. Bifawwan ija hojii hafuuraa kun lamaanuu warra kaan gaarummaadhaan qabuuf, yommuu aarru tasgabbaaʼuufi yommuu namoonni wanta gaarii hin taane nutti dubbatan ykn nurratti raawwatan haaloo baʼuuraa fagaachuuf nu gargaaru. Obsi, yommuu Kiristiyaana tokkoofi nu gidduutti wal dhabiinsi uumamu, obboleessa ykn obboleettii keenyatti abdii kutachuu mannaa, rakkina uumame hiikuuf wanta nuu dandaʼame gochuuf nu gargaara. Gumii keessatti garraamummaaniifi obsi dhugumaan ni barbaachisuu? Eeyyee, hundi keenya cubbamoota waan taaneef ni barbaachisu.
5. Phaawulosiifi Baarnaabaas gidduutti maaltu uumamee ture? Kunoo maal argisiisa?
5 Mee wanta Phaawulosiifi Baarnaabaas HoE. 15:36-39) Haalli kun, tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan gidduuttillee yeroo tokko tokko wal dhabiinsi uumamuu akka dandaʼu argisiisa. Kiristiyaanni tokko, isaafi nama hidhata amantiisaa taʼe gidduutti wal dhabiinsi yoo uumame, haalli sun itti caalee dubbii hamaa walitti dhufeenyasaanii balleessu akka walitti hin dubbanneef maal gochuu dandaʼa?
gidduutti uumamee ture ilaali. Misraachicha babalʼisuuf jecha waggoota hedduudhaaf wal gargaaranii hojjechaa turaniiru. Lamaansaaniiyyuu amalawwan gaggaarii qabu. Haataʼu malee, yeroo tokko ‘hamma gargar adeemanitti, isaan gidduutti waliin morkiin kaʼee’ ture. (6, 7. (a) Mareen nama hidhata amantii keenya taʼe tokkoo wajjin goonu aarii cimaatti geessuusaa dura gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo kam hordofuu dandeenya? (b) “Dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa” taʼuun faayidaa akkamii qaba?
6 Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko, wal dhabiinsi Phaawulosiifi Baarnaabaas gidduutti kaʼe akka tasaa kan uumameefi cimaa akka ture argisiisu. Kiristiyaanni tokko nama hidhata amantiisaa taʼee wajjin dhimma tokkorratti yommuu mariʼatu akka aare yoo hubate, gorsa Yaaqoob 1:19, 20rra jiru hordofuunsaa barbaachisaadha. Caqasichi akkas jedha: “Namni adduma addaan dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, taʼuun akka isa irra jiru beekaa! Dheekkamsi namaa Waaqayyo duratti qajeelina namaaf hin hojjetu.” Kanaafuu, akkuma haalasaatti, dhimma irratti marʼatan sana jijjiiruu, maricha yeroo gara biraatti dabarsuu ykn gara aariitti geessuusaa dura dhiisee deemuu dandaʼa.—Fak. 12:16; 17:14; 29:11.
7 Gorsa kana hordofuun faayidaa akkamii qaba? Kiristiyaanni tokko, tasgabbaaʼuuf yeroo ramaduudhaan, dhimmicha ilaalchisee kadhannaa dhiheessuufi akkaataa kamiin deebii yoo kenne akka wayyu yaaduudhaan hafuurri qulqulluun akka isa geggeessu heyyamuu dandaʼa. (Fak. 15:1, 28) Gargaarsa hafuura qulqulluutiin garraamummaafi obsa argisiisuu dandaʼa. Kana gochuudhaan gorsa Efesoon 4:26, 29rratti, “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! . . . Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhagaʼuufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin baʼin!” jechuudhaan kenname hordofuuf of qopheessa. Dhugumayyuu, garraamummaafi obsa qabaachuun keenya nagaafi tokkummaa gumiitiif gumaacha godha.
Arjummaafi Gaarummaa Argisiisuudhaan Maatiikee Gammachiisi
8, 9. Arjummaafi gaarummaan maalidha? Amalawwan kun maatii keessatti dhiibbaa akkamii geessisu?
8 Efesoon 4:31, 32; 5:8, 9 dubbisi. Akkuma qilleensi gaariiniifi bishaan qabbanaaʼaan guyyaa hoʼaatti nama gammachiisu, arjummaaniifi gaarummaanis nama gammachiisa. Amalawwan kun, maatii keessatti haalli gammachiisaan akka jiraatu godhu. Arjummaan amala jaallatamaa namootaaf garaadhaa yaadurraa madduufi wanta isaan gargaaru raawwachuudhaan, akkasumas dubbii akka isaanii yaannu argisiisu dubbachuudhaan argisiifamudha. Akkuma arjummaa, gaarummaanis amala gaarii gocha warra kaan fayyadu raawwachuudhaan argisiifamudha. Gaarummaan, kennuuf nama kakaasuudhaan beekama. (HoE. 9:36, 39; 16:14, 15) Haataʼu malee gaarummaan kana caalaas waan dabalatu qaba.
9 Gaarummaan amala gaarii iddoo guddaa qabudha. Wanta goonu qofa utuu hin taʼin, caalaatti eenyummaa keenya kan dabalatudha. Gaarummaan, fuduraa guutummaansaa miʼaawaa taʼeefi keessisaas taʼe qollisaa mudaa hin qabnee wajjin wal fakkaata. Haaluma wal fakkaatuun, gaarummaan hafuurri qulqulluun argamsiisu, guutummaa jireenya Kiristiyaana tokkoorratti kan argisiifamudha.
10. Miseensonni maatii ija hojii hafuuraa horachuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?
10 Maatii Kiristiyaanaa tokko keessatti, miseensonni maatii arjummaafi gaarummaadhaan akka waliin jiraatan maaltu isaan gargaara? Dubbii Waaqayyoo sirriitti hubachuun gaʼee guddaa qaba. (Qol. 3:9, 10) Mataawwan maatii tokko tokko, Waaqeffannaa Maatii torbanitti godhanirratti ija hojii hafuuraa qayyabatu. Ija hojii hafuuraa qayyabachuun ulfaataa miti. Barreeffamoota qorannaa gochuuf gargaaraniifi afaankeetiin argamanitti fayyadamuudhaan, matadureewwan bifawwan ija hojii hafuuraa ibsan filadhu. Torban torbaniin keeyyata muraasa qayyabachuudhaan, tokkoon tokkoon bifa ija hojii hafuuraa torban hedduudhaaf qayyabachuu dandeessu. Mataduricha yommuu qayyabattan, caqasawwan kennaman dubbisaatii irratti mariʼadhaa. Wanta barattan karaa itti hojiirra oolchitan barbaadaa; akkasumas carraaqqii keessan akka isinii eebbisu Yihowaa kadhadhaa. (1 Xim. 4:15; 1 Yoh. 5:14, 15) Qayyabannaan akkasii walitti dhufeenya miseensota maatiirratti dhugumaan jijjiirama ni fidaa?
11, 12. Maatiin lama waaʼee gaarummaa qayyabachuudhaan faayidaa kan argate akkamitti?
11 Hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼan tokko, gaaʼellisaanii milkaaʼina akka argatu waan barbaadaniif ija hojii hafuuraa gad fageenyaan qayyabachuuf murteessan. Faayidaa akkamii argatan? Haati manaa akkas jetti: “Arjummaan amanamummaa akka dabalatu barachuun keenya, walitti dhufeenya hamma yoonaatti qabnurratti jijjiirama dhugaa fideera. Tole jechuufi dhiifama waliif gochuu nu barsiiseera. Kana malees, yeroo barbaachisaa taʼutti ‘galatoomi,’ akkasumas ‘dhiifama’ jechuu akka barannu nu gargaareera.”
12 Abbaan manaafi haati manaa garabiraanimmoo gaaʼelasaanii keessatti rakkina kan qaba yommuu taʼu, gaarummaa akka walitti hin argisiisne hubatan. Kanaafuu, mataduree waaʼee gaarummaa ibsu waliin qayyabachuuf murteessan. Buʼaa akkamii argatan? Abbaan manaa wanta yaadatu akkas jechuudhaan dubbata: “Waaʼee gaarummaa qayyabachuun keenya, sababii namni tokko waan tokko itti godhe dogoggoraan hubachuu mannaa gaariitti yaaduuf, akkasumas amala gaarii inni tokko qaburratti
xiyyeeffachuuf nu gargaareera. Wanta walii keenyaaf barbaachisuuf caalaatti xiyyeeffannaa kennuu jalqabne. Gaarii taʼuun, wanta haati manaakoo dubbattetti utuu hin aariin, wanta sammuushee keessa jiru bilisa taatee akka dubbattu afeeruu kan dabalatu ture. Kana gochuuf koorakoo moʼuun na barbaachiseera. Gaaʼela keenya keessatti gaarummaa argisiisaa yommuu adeemnu, ofiif falmuu keenya suutuma suuta dhiisaa adeemne. Kun boqonnaa guddaa kan namaa argamsiisu ture.” Maatiin keessanoo ija hojii hafuuraa qayyabachuudhaan faayidaa ni argataa?Yommuu Kophaa Taatan Amantii Qabdan Argisiisaa
13. Wanta karaa hafuuraa balaadhaaf nu saaxilu kamirraa fagaachuu qabna?
13 Kiristiyaanonni namoota birattis taʼe yommuu kophaa taʼan, hafuurri Waaqayyoo akka isaan geggeessu heyyamuun isaan barbaachisa. Yeroo harʼaa, biyyi lafaa Seexanni bulchu fakkiiwwan ciiggaasisaafi bohaartiiwwan gadhee taʼaniin kan guutamedha. Kunimmoo karaa hafuuraa balaadhaaf nu saaxila. Kiristiyaanni tokko maal gochuu qabaree? Dubbiin Waaqayyoo, “Xuraaʼummaa, hammina safara dhabes hundumaa of irraa fageessaa! Dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu, isa kanaaf dhaabame sanas garraamummaadhaan fudhadhaa!” jechuudhaan nu gorsa. (Yaq. 1:21) Mee bifa ija hojii hafuuraa kan biraa kan taʼe amantiin, Yihowaa duratti qulqulluu taanee jiraachuuf akkamitti nu gargaaruu akka dandaʼu haa ilaallu.
14. Amantii dhabuun gocha dogoggora taʼe raawwachuutti geessuu kan dandaʼu akkamitti?
14 Amantii dhugaa qabna jechuun, Yihowaan nuuf dhugoomeera jechuudha. Waaqayyo nuuf hin dhugoomne taanaan garuu, salphaadhumatti gocha dogoggora taʼe raawwachuu dandeenya. Mee wanta bara duriitti saba Waaqayyoo gidduutti raawwatame ilaali. Yihowaan wantoonni ciiggaasisaan dhoksaatti hojjetamaa akka jiran Hisqiʼel raajichaaf akkas jechuudhaan ibseera: “Yaa mucaa namaa! Wanta jaarsoliin mana Israaʼel ‘Waaqayyo nu hin argu, Waaqayyo biyyicha dhiiseera’ jedhanii, dukkana keessa galma waaqayyolii tokko tokko isaanii keessatti hojjetan argiteettaa?” (His. 8:12) Wanti rakkinni kun akka uumamu godhe maal akka taʼe hubattee? Yihowaan wanta isaan gochaa jiran akka beeku hin amanan turan. Yihowaan isaaniif hin dhugoomne ture.
15. Yihowaarratti amantii cimaa qabaachuun kan nu eegu akkamitti?
15 Faallaa kanaatiinimmoo fakkeenya Yoseef ilaali. Yoseef maatiisaafi sabasaarraa fagaatee kan jiraatu yoo taʼeyyuu, haadha manaa Phoxiifaar wajjin ejja raawwachuu dideera. Maaliif? “Attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jedheera. (Uma. 39:7-9) Eeyyee, Yihowaan isaaf dhugoomee ture. Nuyis Waaqayyo kan nuuf dhugoome yoo taʼe, bohaartii xuraaʼaa taʼe hin ilaallu ykn gocha Yihowaa akka mufachiisu beeknu kamiyyuu dhoksaatti hin raawwannu. Murtoon keenya murtoo faarfaticha isa, “Mana koo keessas garaa balleessaa hin qabneen nan jiraadha; wanta gadhee ija koo dura kaaʼee hin taaʼu” jechuudhaan faarfatee wajjin kan wal fakkaatu taʼa.—Far. 101:2, 3.
Of Dhowwuudhaan Garaakee Eegi
16, 17. (a) Akka Macaafa Fakkeenyaarratti ibsametti ‘gurbaan qalbii hin qabne’ tokko kiyyoo cubbuutti kan gale akkamitti? (b) Namni tokko umrii kamirrattiyyuu yoo argame, akkuma fuula 26rratti ilaallu yeroo harʼaattis haalli kanaa wajjin wal fakkaatu akkamitti gaʼuu dandaʼa?
16 Bifa ija hojii hafuuraa keessaa isa dhumaa kan taʼe of dhowwuun, wantoota Waaqayyo jibbu raawwachuu diduuf nu gargaara. Amalli kun garaa keenya eeguuf nu gargaara. (Fak. 4:23) Haala Fakkeenya 7:6-23rratti ‘gurbaan qalbii hin qabne’ tokko gowwoomsaa ejjituu tokkootiif akkamitti akka moʼame ibsu hubadhu. Gurbaan kun kiyyoo keessa kan gale ‘cinaacha karaa manasheerra erga deemee’ booda ture. Karaa manasheerra adeemuuf kan isa kakaase fedhii waa beekuuf qabu taʼuu dandaʼa. Kana yommuu godhu, karaa gowwummaa ‘lubbuusaatti adeemurra’ deemaa akka jiru hin hubanne ture.
17 Dargaggeessi kun dogoggora balaadhaaf isa saaxile kana hambisuu kan dandaʼu akkamitti ture? Gorsa, “Daandii ishee irra adeemuudhaafis karaa irraa hin kaatinaa!” jedhu hordofuudhaani. (Fak. 7:25) Kanarraa barumsa argannu qabna: Hafuurri Waaqayyoo akka nu geggeessu yoo barbaanne, daandii qorumsatti nu geessurraa fagaachuun nu barbaachisa. Karaan namni tokko daandii gowwummaa ‘gurbaan qalbii hin qabne’ kun irra adeemerra akka adeemu isa gochuu dandaʼu inni tokko, kaayyoo malee tamsaasa televijinii toora addaddaa ykn Intarneetii ilaaluudha. Namni akkasii beekaas taʼe utuu hin beekin, haalli fedhii saalqunnamtii kakaasu tokko isa mudachuu dandaʼa. Suutuma suuta fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasaniifi xuraaʼaa taʼan ilaaluu amaleeffachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, kunimmoo yaada garaasaafi walitti dhufeenya inni Waaqayyoo wajjin qabu balaadhaaf saaxila. Lubbuusaa isa dhabsiisuus ni dandaʼa.—Roomaa 8:5-8 dubbisi.
18. Kiristiyaanni tokko garaasaa eeguuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandaʼa? Tarkaanfii kana fudhachuun of qabuu kan gaafatu akkamitti?
18 Dhugaadha, fakkiin fedhii saalqunnamtii kakaasu yoo nu mudate yeruma sana tarkaanfii fudhachuudhaan of qabuu dandeenya, akkas gochuus qabna. Haataʼu malee, duraan dursinee haala akkasii keessa galuurraa fagaachuun keenya baayʼee gaarii mitii! (Fak. 22:3) Wanta irraa fagaachuu qabnu murteessuufi murtoo goone kanaa wajjin haala walsimuun deddeebiʼuun of qabuu gaafata. Fakkeenyaaf, kompiitara keenya bakka namoonni arguu dandaʼan kaaʼuun eegumsa nuuf taʼuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko, yeroo namoonni kaan isaan bira jiran qofa kompiitaratti fayyadamuun ykn televijiinii ilaaluun gaarii akka taʼe hubataniiru. Warri kaanimmoo Intarneetiitti fayyadamuu dhiisuuf murteessaniiru. (Maatewos 5:27-30 dubbisi.) ‘Garaa qullaaʼaadhaan, yaada garaa hin booraʼiniifi amantii gowwoomsaa hin qabneen’ Yihowaa waaqeffachuuf, tarkaanfii barbaachisaa taʼe hunda fudhachuudhaan ofis taʼe maatii keenya haa eegnu.—1 Xim. 1:5.
19. Hafuurri qulqulluun akka nu geggeessu heyyamuun faayidaa akkamii qaba?
19 Iji hojii hafuuraa inni hafuurri qulqulluun argamsiisu faayidaa hedduu qaba. Garraamummaaniifi obsi gumii keessatti nagaan akka jiraatu godha. Arjummaaniifi gaarummaan maatii keessatti gammachuun akka babalʼatu godha. Amantiiniifi of dhowwuun Yihowaatti maxxannee akka jiraannuufi isa duratti qulqulluu akka taanu nu gargaara. Kana malees Galaatiyaa 6:8, ‘Namni akka yaada hafuuraatti facaasu yaada hafuuraa irraa jireenya bara baraa in galfata’ jechuudhaan nuu mirkaneessa. Eeyyee, Yihowaan furii Kiristosirratti hundaaʼee namoota hafuurri qulqulluun akka isaan geggeessu heyyamaniif jireenya barabaraa kennuuf hafuura kanatti fayyadama.
Maal Jettee Deebista?
• Garraamummaaniifi obsi gumii keessatti nagaan akka babalʼatu kan godhan akkamitti?
• Kiristiyaanonni manasaanii keessatti arjummaafi gaarummaa akka argisiisan maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?
• Amantiiniifi of dhowwuun Kiristiyaanni tokko garaasaa akka eegu kan isa gargaaru akkamitti?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 24]
Mareen tokko gara aariitti akka hin geessine gochuu kan dadneessu akkamittii?
[Fakkii fuula 25]
Ija hojii hafuuraarratti qayyabannaa gochuun maatii keessaan fayyaduu dandaʼa
[Fakkii fuula 26]
Amantii qabaachuufi of dhowwuudhaan balaawwan akkamii akka hin geenye gochuu dandeenya?