“Amma Dhibee Qaamaa Qabaadhus, Barabaraaf Akkasitti Hin Hafu!”
“Amma Dhibee Qaamaa Qabaadhus, Barabaraaf Akkasitti Hin Hafu!”
Saaraa Vaan Dar Moondi Akka Dubbattetti
Namoonni yeroo baayʼee, “Saaraa, yeroo hunda fuullikee ifaadha. Garuu yeroo hundumaa gammachuu qabaachuu kan dandeesse maaliifi?” jedhanii na gaafatu. Anis abdii adda taʼe akkan qabun isaanitti hima. Abdiinkoos, “Amma dhibee qaamaa qabaadhus, barabaraaf akkasitti hin hafu!” kan jedhudha.
BARA 1974 magaalaa Paaris, Faransaayittan dhaladhe. Rakkoo yeroon dhaladhe na mudateen, yeroo booda dhibee sammuu serebiraal poolzii jedhamuunan qabame. Dhukkubni kun sochii harkaafi miillaa kan na jalaa daangesse siʼa taʼu, wanta ani dubbadhu hubachuufis rakkisaa ture. Dhukkuba gaggabdoodhaan kanan qabame siʼa taʼu, dhukkubni garabiraas salphaatti na qaba ture.
Yeroo umriinkoo waggaa lama taʼu, maatiinkoo Awustiraaliyaa magaalaa Meelboorni jiraachuu dhaqan. Waggaa lama booda, Abbayyeen anaafi Harmee gatee sokke. Yeroo jalqabaatiif gara Waaqayyootti akkan dhihaadhe kan natti dhagaʼame siʼa kanatti ture. Harmeen Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taateef, gara walgaʼii na fuutee deemaa kan turte siʼa taʼu, achittis Waaqayyo akka na jaallatuufi akka naaf yaadu baradheera. Haalli rakkisaan kan nu mudate taʼus, beekumsi ani argadhe, jaalalliifi jajjabinni Harmeen naa kennitu, tasgabbiin akka natti dhagaʼamu na gargaareera.
Harmeen gara Yihowaatti akkamitti kadhannaa dhiheessuu akkan dandaʼus na barsiisteetti. Anis baayʼee dubbachuurra kadhachuun salphaa akka taʼe hubadheera. Yeroon kadhannaa dhiheessu, jechoota dubbachuuf qabsoo gochuun kan na hin barbaachisne siʼa taʼu, yeroo jechoonni sammuukoo keessatti uumaman nan “dhagaʼa.” Wantan dubbadhu hubachuun ulfaataa taʼus, Yihowaan wantan sagalee utuun hin dhageessisin ykn rakkachaa dubbadhu hundumaa akka hubatu beekuunkoo baayʼee na jajjabeessa.—Far. 65:2.
Rakkoowwan Dandaʼanii Jiraachuu
Yeroo umriinkoo waggaa shan taʼutti, dhibeenkoo ittuma caalaa waan dhufeef sibiila cimaa deemuuf na gargaarutti fayyadamuun jalqabe. Sirriitti deemuu waanan hin dandeenyeef nama hollatun fakkaadha ture! Yeroo umriinkoo waggaa 11 taʼummoo, matumaa miilla kaasuun dadhabe. Yeroo boodammoo, siree koorras taʼe barcuma namoonni deemuu hin dandeenye irra taaʼanitti ol baʼuufi gad buʼuun waan natti ulfaateef meeshaa elektiriikiitti fayyadamuun na barbaachisee ture; barcumichi mootaraan kan hojjetu waan taʼeef, harkakootti fayyadamee garan barbaadettan deema.
Al tokko tokko dhibeen qaamaa ani qabu abdii akka na kutachiisu haaluu hin dandaʼu. Haataʼu malee, yeroo kanatti jecha maatiinkoo, “Wantoota gochuu hin dandeenyetti hin dhiphatin. Wantoota gochuu dandeessu qofa raawwadhu” jechuudhaan yeroo hunda dubbatanan yaadadha. Ilaalcha akkasii qabaachuunkoo fardaan gulufuu, bidiruudhaan deemuu, bashannanaaf jecha dunkaana keessa buluu, bakka daangeffametti konkolaataa oofuurratti akkan hirmaadhu na gargaareera! Fakkii kaasuu, uffata hodhuu, afata siree hojjechuu, akkasumas suphee dhaʼuu dabalatee hojii harkaa addaddaa hojjechuuf dandeettiin qabutti nan fayyadama.
Dhibee qaamaa cimaa ani qabuun kan kaʼe namoonni tokko tokko akkuma nama gaʼeessa tokkootti Waaqayyoon waaqeffachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama ture. Yeroo umriinkoo waggaa 18 guutu barsiistuunkoo, manaa baʼee amantii haadhakoo akkan “baqadhu” na gorsite. Mana ani keessa jiraadhus akka naaf kennitu natti himte. Haataʼu malee, ani amantiikoo akkan hin dhiisne, akkasumas hangan of dandaʼutti manaa baʼuu akkan hin barbaanne isheetti hime.
Barsiistuunkoo kana naan jettee yeroo muraasa booda, cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Waggaa lama boodammoo gamoo xinnoo tokko keessa jiraachuun jalqabe. Asitti gargaarsa na barbaachisu waanan argadhuuf, of dandaʼee jiraachuu kootti gammachuu argachaan jira.
Gaaffii Akka Tasaa Naaf Dhihaate
Waggoota hedduudhaaf qorumsi amantii kan biraanis na mudateera. Gaaf tokko gurbaan naa wajjin barachaa turreefi akkumakoo dhibee qaamaa qabu gaaʼela akka godhannu na gaafate. Jalqabarratti gammadeen ture. Akkuma shamarran hedduu, anis hiriyaa gaaʼelaa qabaachuuf nan hawwan ture. Haataʼu malee dhibee qaamaa wal fakkaatu qabaachuun, gaaʼela gammachiisaa qabaachuuf wabii hin taʼu. Kana malees, dargaggeessi kun Dhugaa Baatuu Yihowaa miti. Wantoonni itti amannu, sochiifi galmi keenya guutummaatti garaagaradha. Kanaaf akkamitti waliin jiraachuu dandeenyaree? Qajeelfama ifaa Waaqayyo nama amane qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhannu nuuf kenne hojiirra oolchuufis murteesseen ture. (1 Qor. 7:39) Kanaaf, dargaggeessa sanaaf gaaffiisaarratti akkan walii hin galle gaarummaadhaan nan deebiseef.
Ammallee taanaan filannoo sirrii godhee akkan ture natti dhagaʼama. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti gammachuu argachuu akkan dandaʼu shakkii tokko hin qabu. (Far. 145:16; 2 Phe. 3:13) Hammasitti garuu Yihowaaf amanamtuu taʼee, akkasumas haalan keessatti argamu dandaʼee jiraachuuf murteesseera.
Guyyaan barcuma koorraa utaalee kaʼee akka qilleensaatti fiigu hawwiidhaanan eeggadha. Yeroo sanatti, “Nama dhibee qaamaa qabun ture; amma garuu barabaraaf guutummaatti fayyaa taʼeera!” jedheen gammachuudhaan dubbadha.