Macaafa Qulqulluu Dubbisuudhaan Faayidaa Argadhaa
‘Ani seera Waaqayyootti nan gammada.’—ROM. 7:22.
1-3. Macaafa Qulqulluu dubbisuufi barumsicha hojiirra oolchuun faayidaa akkamii argamsiisa?
“YIHOWAAN, Macaafa Qulqulluu akkan hubadhu waan na gargaareef yeroo hundaa ganama ganama isan galateeffadha.” Obboleettii maanguddoon yaada kana dubbatte guutummaa Macaafa Qulqulluu al 40 kan dubbiste siʼa taʼu, ammas dubbisaa jirti. Shamarreen obboleettii taate tokko Macaafa Qulqulluu dubbisuun Yihowaan akka isheedhaaf dhugoomu akka ishee gargaare barreessiteetti. Kanaan kana kaʼes, Abbaashee isa samiitti caalaatti dhihaachuu waan dandeesseef, “Jireenyakoo keessatti gammachuu akkasii argadhee hin beeku” jetteetti.
2 Phexros ergamaan, “Dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dharraʼaa” jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (1 Phe. 2:2) Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan dharraa ykn fedhii kana guuttatan yaada garaa qulqulluu qabaatu; jireenya kaayyoo qabus ni jiraatu. Kana malees, namoota Waaqa dhugaa jaallataniifi tajaajilanii wajjin michummaa cimaa qabaatu. Kun hundi, ‘seera Waaqayyootti gammaduuf’ sababii gaʼaa nuu taʼa. (Rom. 7:22) Haataʼu malee, kana gochuun faayidaa kana caalus ni argamsiisa. Faayidaawwan kana keessaa tokko tokko kamfaʼi?
3 Waaʼee Yihowaafi waaʼee Ilmasaa caalaatti yommuu barannu, jaalalli isaaniifis taʼe ilmaan namootaatiif qabnu caalaatti guddata. Beekumsa Macaafa Qulqulluu sirrii taʼe qabaachuun keenya, Waaqayyo dhiheenyatti namoota ajajamoo taʼan sirna baduuf jedhu kana jalaa akkamitti akka oolchuu hubachuuf nu gargaara. Misiraachoo ergaa gaarii qabateefi namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiranitti himnu qabna. Yihowaan wanta Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan arganne namoota kaan yommuu barsiisnu nu eebbisa.
DUBBISUUFI XIINXALUU
4. ‘Sagalee gad qabanii’ Macaafa Qulqulluu dubbisuu jechuun maal jechuudha?
4 Yihowaan tajaajiltoonnisaa Macaafa Qulqulluu sardamaan akka dubbisaan hin barbaadu. Iyaasuudhaan, “Macaafni seeraa Iya. 1:8; Far. 1:2) Kana jechuun wanta macaafa Uumamaatii hanga Mulʼataatti dubbisne hunda yaadachuudhaan sagalee gad qabnee irra deebinee dubbachuu qabna jechuudhaa? Matumaa! Kanaa mannaa, saffisa xiinxaluuf nu gargaaru qabaachuudhaan dubbisuu qabna jechuudha. ‘Sagalee gad qabnee’ dubbisuun keessumaa kutaa Macaafa Qulqulluu rakkina keenyaa wajjin walitti dhufeenya qabuufi yeroo sanatti nu jajjabeessurratti xiyyeeffachuuf nu gargaara. Yaada, caqasa ykn seenaa nu jajjabeessu yommuu argannu, hidhiifi arraba keenya sochoosuudhaan suuta jennee dubbisuun barbaachisaadha. Akkas kan goonu taanaan, yaanni Macaafa Qulqulluu dhuunfaatti garaa keenya tuquu dandaʼa. Kana gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yaada gorsa Waaqayyoo keessa jiru hubachuun keenya gorsicha hojiirra oolchuuf humna guddaa waan nuu kennuufidha.
kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waaʼee isaa yaadi [“sagaleekee gad qabii dubbisi” NW]” jedhee ture. (5-7. Macaafa Qulqulluu sagalee gad qabanii dubbisuun (a) gocha gadheerraa fagaachuuf; (b) namoota kaan obsaafi gaarummaadhaan qabuuf; (c) yeroo rakkisaa taʼettillee Yihowaatti amanamuuf akkamitti nu gargaaruu akka dandaʼu fakkeenyaan ibsi.
5 Sagalee gad qabnee dubbisuun kutaa Macaafa Qulqulluu akka gaariitti hubachuuf nu rakkisan yommuu dubbisnu nu gargaara. Kana hubachuuf mee fakkeenya sadii haa ilaallu. Tokkoffaa, obboleessi dargaggeessa taʼe tokko sagantaa dubbisa Macaafa Qulqulluusaa hordofuudhaan raajii Hoseʼaa dubbisaa akka jiru yaadaa. Boqonnaa 4, lakkoofsa 11 hanga 13 sagalee gad qabee erga dubbisee booda ni dhaabata. (Hoseʼaa 4:11-13 dubbisi.) Maaliif? Obboleessi kun mana barumsaatti dhiibbaa ejja akka raawwatu isarra gaʼuu wajjin qabsaaʼaa waan jiruuf caqasoonni kun xiyyeeffannaasaa harkisaniiru. Caqasoota kanarratti xiinxaluudhaan, ‘Yihowaan wanta gadhee namoonni kophaatti raawwatanillee ni arga. Anis isa mufachiisuu hin barbaadu’ jedha. Obboleessi kun gocha gadheerra fagaachuudhaan Yihowaa duratti qulqulluu taʼee jiraachuuf murteessa.
6 Lammaffaa, obboleettiin tokko raajii Yoʼel utuu dubbistuu boqonnaa 2, lakkoofsa 13rra geessi. (Yoʼel 2:13 dubbisi.) Caqasa kana sagalee gad qabdee yommuu dubbistu fakkeenya Yihowaa isa ‘araara qabeessaafi ooʼa qabeessa, akkasumas dheekkamsatti hin ariifannee’ hordofuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe xiinxalti. Achiis abbaa manaasheettis taʼe namoota kaanitti dubbii cigoofi aarii of keessaa qabu dubbachuu dhiisuuf murteessiti.
7 Sadaffaa, abbaa manaa hojiirraa ariʼameefi waaʼeen haadha manaafi ijoolleesaa isa yaaddessu tokko yaadaa. Naahom 1:7rratti, Yihowaan ‘warra isa amanatan akka beekuufi’ ‘yeroo rakkinaattis iddoo baqaa’ isaaniif taʼuudhaan akka isaan eegu sagalee gad qabee dubbisa. Yaanni kun isa jajjabeessa. Kanaaf, Yihowaan jaalalaan akka isa kunuunsu kan isatti dhagaʼamu siʼa taʼu, garmalee dhiphachuu ni dhiisa. Ittaansuudhaan lakkoofsa 15 sagalee gad qabee dubbisa. (Naahom 1:15 dubbisi.) Obboleessi kun yeroo rakkina keessa turetti misiraachoo labsuunsaa Yihowaan dhugumaan iddoo baqaa isaaf taʼuusaa kan argisiisu akka taʼe hubata. Utuu hojii barbaaddachaa jiruu, walgaʼii tajaajila dirree Wiixataa hamma Jimaataatti godhamu deggeruuf murteessa.
8. Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan barumsa gati jabeessa argatte gabaabaatti ibsi.
8 Qabxiiwwan barbaachisoon olitti caqasaman kutaa Macaafa Qulqulluu namoonni tokko tokko hubachuuf ulfaataa akka taʼanitti ilaalan keessatti kan argamanidha. Macaafa Hoseʼaa, Yoʼeliifi Naahomirraa barumsa argachuu kan barbaannu taanaan, caqasoota hafan sagalee gad qabnee dubbisuun keenya barbaachisaadha. Macaafa raajotaa kana keessaa ogummaafi jajjabina hangamii argachuu akka dandeenyu tilmaamaa! Kutaawwan Macaafa Qulqulluu hafanoo? Dubbiin Waaqayyoo boolla gad fagoo albuuda almaazii hedduu qabuu wajjin wal fakkaata. Albuuda kana baafachuuf jabaadhaa! Qajeelfama Waaqayyoo warra albuuda gati jabeessatti fakkeeffamaniifi abdii inni kenne argachuuf guutummaa Macaafa Qulqulluu dubbisaa.
HUBANNAA ARGACHUUF CARRAAQUU
9. Fedha Waaqayyoo ilaalchisee hubannaa qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Kutaa Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaaf
ramadame dubbisuun keenya barbaachisaa yoo taʼeyyuu, hubannaa argachuufis carraaquu qabna. Kanaaf, namoonni seenicha keessatti caqasaman akkaataa guddinaafi aadaa akkamii akka qaban, iddoonsaa eessa akka taʼeefi maaltu akka raawwatame qoruuf barreeffamoota jaarmiyaan Yihowaa qopheessetti akka gaariitti fayyadamaa. Barumsi Macaafa Qulqulluu tokko jireenya keenya akkamitti akka tuqu hubachuu yoo dadhabne, jaarsa gumii ykn Kiristiyaana gaʼeessa taʼe tokko gaafachuu dandeenya. Hubannaa keenya guddifachuun barbaachisaa taʼuusaa fakkeenyaan ibsuuf, Kiristiyaana jaarraa tokkoffaatti hubannaa argachuuf carraaqqii godhe tokko haa ilaallu. Kiristiyaanni kun Apholos jedhama.10, 11. (a) Apholos tajaajila misiraachoo labsuudhaan raawwatu fooyyeffachuuf gargaarsa kan argate akkamitti? (b) Seenaa Apholosirraa maal barachuu dandeenya? (Saanduqa “Barumsikee Yeroon Kan Itti Hin Darbinedhaa?” jedhu ilaali.)
10 Apholos Kiristiyaana Yihudii taʼeefi ‘macaafota gaarii godhee beeku,’ akkasumas ‘hafuura gubaa’ qabu ture. Macaafni Hojii Ergamootaa, “Inni cuuphaa Yohannis duwwaa beeke, . . . waaʼee Yesus qajeeltootti in lallaba, in barsiisas ture” jechuudhaan waaʼeesaa dubbata. Apholos utuu hin beekin, cuuphaa ilaalchisee barumsa yeroon itti darbe barsiisa ture. Haataʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa Phrisqiilaafi Aqiilaa jedhaman yommuu inni Efesoonitti barsiisu erga arganii booda, “caalchisanii karaa Waaqayyoo isa hubachiisan.” (HoE. 18:24-26) Kun Apholosiin kan fayyade akkamitti?
11 Apholos Efesoonitti erga lallabee booda, gara Akaayyaa dhaqe. “Inni achi erga gaʼee, ayyaana isa argateen, warra amananii turaniif baayʼee gargaarsa taʼe. Yesus Masiihicha akka taʼe, macaafota keessaa dhugaa itti baasisuudhaan mulʼinatti afaan Yihudootaa cufe.” (HoE. 18:27, 28) Yeroo kanatti Apholos cuuphaan Kiristiyaanaa hiika maalii akka qabu sirriitti ibsuu dandaʼeera. Hubannaa dabalataa argachuudhaan namoonni haaraan waaqeffannaa dhugaa keessatti guddina akka godhan isaan ‘gargaaruu’ dandaʼeera. Seenaa kanarraa barumsa akkamii argachuu dandeenya? Nutis akkuma Apholos wanta Macaafa Qulqulluu keessaa dubbisne hubachuuf carraaquu qabna. Kana malees, namni hidhata amantii keenya taʼeefi muuxannoo qabu tokko caalaatti karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti barsiisuu akka dandeenyu yoo yaada nuu kenne gad of deebisuufi galateeffannaadhaan fudhachuun keenya barbaachisaadha. Kana kan goonu taanaan, tajaajila keenya qulqullinaan raawwachuu dandeenya.
WANTA BARATTANITTI FAYYADAMUUDHAAN NAMOOTA GARGAARAA
12, 13. Macaafa Qulqulluutti malaan fayyadamuun namni qayyabsiisnu tokko guddina akka godhu akkamitti akka gargaaru fakkeenyaan ibsi.
12 Akkuma Phirsqiilaa, Aqiilaafi Apholos, nutis warra kaaniif eebba argamsiisuu ni dandeenya. Gargaarsi nuti nama fedhii qabu tokkoof goone, wanta karaa hafuuraa guddina akka hin goone gufuu isatti taʼu akka moʼu isa gargaaruusaa yommuu beeknu maaltu nutti dhagaʼama? Jaarsa gumii yoo taatemmoo, gorsi ati nama hidhata amantiikee taʼe tokkoof laatte, haala rakkisaa taʼe tokko moʼuuf akka isa gargaare yoo sitti hime maaltu sitti dhagaʼama? Dubbii Waaqayyootti fayyadamanii namoonni kaan jireenyasaanii akka fooyyessan gargaaruun gammachuu guddaa akka argamsiisu beekamaadha. * Mee kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
13 Israaʼeloonni bara Eliyaas turan hedduun waaqeffannaa dhugaa ykn sobaa hordofuu ilaalchisee murtoo hin goone turan. Gorsi Eliyaas namoota sanaaf kenne, barataan Macaafa Qulqulluu murtoo gochuun isa rakkisu tokko karaa hafuuraa guddina akka godhu gargaaruu dandaʼa. (1 Mootota 18:21 dubbisi.) Mee haala gara biraa haa ilaallu: Namni fedhii qabu tokko michoota ykn maatiisaa kan sodaatu yoo taʼe, Isaayaas 51:12, 13tti fayyadamuudhaan murtoo Yihowaa waaqeffachuuf godhe akka jabeeffatu gargaaruu dandeenya.—Dubbisi.
14. Caqasoota kuufattee namoota kaan ittiin gargaaruuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?
14 Macaafni Qulqulluun yaada namoota jajjabeessuu, sirreessuu ykn cimsuu dandaʼu hedduu akka qabate beekamaadha. Haataʼu malee, ‘Yommuu na barbaachisanitti caqasoota kana argachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettee gaafatta taʼa. Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisi; akkasumas irratti xiinxali. Kana gochuudhaan caqasoota yoo kuufatte, yommuu barbaadutti hafuurri Yihowaa si yaadachiisuu dandaʼa.—Mar. 13:11; Yohannis 14:26 dubbisi. *
15. Dubbii Waaqayyoo caalaatti hubachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
15 Akkuma Solomoon Mootichaa ogummaa itti gaafatamummaa gumii keessatti qabnu raawwachuuf nu gargaaru akka nuu kennu Yihowaa haa kadhannu. (2 Sen. 1:7-10) Akkuma raajota durii, waaʼee Yihowaafi fedhasaa beekumsa sirrii argachuuf ‘barbaannee waaʼeesaa haa qorannu.’ (1 Phe. 1:10-12) Phaawulos, ‘dubbii amantiifi barsiisa baʼeessaan’ akka of sooru Ximotewosiin gorseera. (1 Xim. 4:6) Nuyis akkas gochuudhaan karaa hafuuraa warra kaan gargaaruuf gaʼumsa qabaachuu dandeenya. Akkasumas amantii keenya guddifanna.
DUBBII WAAQAYYOORRAA EEGUMSA AMANSIISAA ARGACHUU
16. (a) ‘Guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu qoruun’ warra Beriyaa kan fayyade akkamitti? (b) Yeroo harʼaa guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuun kan nu barbaachisu maaliifi?
16 Yihudoonni Maqedooniyaa, magaalaa Beriyaa keessa turan ‘guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu qoruu’ barsiifata godhatanii turan. Phaawulos Yihudoota sanatti misiraachoo yommuu lallabu, yaada inni isaanitti hime wanta Macaafa Qulqulluu keessaa beekanii wajjin walbira qabu turan. Buʼaansaa maal ture? Namoonni baayʼeen Phaawulos dhugaa akka barsiisu hubachuudhaan “in amanan.” (HoE. 17:10-12) Seenaan kun guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuun Yihowaarratti amantii cimaa qabaachuuf akka gargaaru argisiisa. Amantiin akkasii, jechuunis “waan abdatan ‘Dhuguma in taʼa’ jedhanii fudhachuu[n]” badiisarraa oollee addunyaa haaraatti galuuf baayʼee barbaachisaadha.—Ibr. 11:1.
17, 18. (a) Amantii cimaaniifi jaalalli, garaa Kiristiyaana tokkoo isa fakkeenyaa ibsame kan eegu akkamitti? (b) Abdiin balaarraa kan nu eegu akkamitti?
17 Phaawulos, “Nuyi garuu warra guyyaa erga taanee of in qabna, maddaa sibiilaa isa kan amantii fi jaalalaa in uffanna, abdii fayyinaas akka gonfoo sibiilaatti mataatti in kaaʼanna” jechuudhaan barreesseera. (1 Tas. 5:8) Loltuun tokko onneensaa akka hin hubamneef diinarraa of eeguu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, onneen Kiristiyaana tokkoo inni garaatti fakkeeffames dhiibbaa cubbuun geessisurraa eegumsa argachuun isa barbaachisa. Namni Yihowaa tajaajilu tokko, Yihowaafi namootaaf jaalala yommuu horatu, akkasumas abdii Waaqayyo kennerratti amantii cimaa yommuu qabaatu buʼaansaa maalidha? Namni akkasii maddaa hafuuraa isa jabaa taʼe akka uffatetti kan ilaalamudha. Namni kun wanta Waaqayyo duratti fudhatama akka dhabu isa godhu kamiyyuu akka hin raawwanne beekamaadha.
18 Phaawulos gonfoo sibiilaa isa “abdii fayyinaa” jedhames caqaseera. Loltuun bara durii tokko mataasaa hin eeggatu taanaan waraanarratti lubbuusaa dhabuu dandaʼa. Gonfoo sibiilaa kan godhatu taanaan garuu, wanta mataasaa rukutee miidhaa guddaa isarra geessisurraa eegumsa argachuu dandaʼa. Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan waadaa Yihowaan fayyisuuf galerratti amantii cimaa qabaachuu dandeenya. Abdii cimaan gantootaafi ‘dubbiisaanii’ isa mancaʼaa taʼerraa fagaachuuf nu gargaara. (2 Xim. 2:16-19) Abdiin keenya namoota gocha Yihowaan balaaleffatu akka raawwannu nu jajjabeessan mormuufis jabina nuu kenna.
BADIISARRAA OOLUUF GARGAARA
19, 20. Dubbii Waaqayyoo dinqisiifachuu kan qabnu maaliifi? Dinqisiifannaa keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Saanduqa, “Yihowaan Waanuma Na Barbaachisu Naa Kenne” jedhu ilaali.)
19 Dhuma biyya lafaatti baayʼee dhihaachaa yommuu adeemnu, Dubbii Yihowaarratti amantaa cimaa qabaachuun keenya barbaachisaadha. Gorsi achirraa argannu, barsiifata gadhee sirreessuufi dhiibbaa cubbuu raawwachuutti nu geessu toʼachuuf nu gargaara. Akkasumas gorsaafi jajjabina achi keessaa argannuun, qorumsa Seexanniifi biyyi lafaa inni bulchu nurraan gaʼan moʼuu dandeenya. Qajeelfama Yihowaan karaa Dubbiisaa nuu kennuun karaa jireenyaarra deemuu keenya itti fufna.
20 Waaqayyo, “namni hundinuu akka fayyu” kan barbaadu taʼuusaa yaadadhaa. Tajaajiltoonni Yihowaas “namni hundinuu” warra jedhaman keessaa tokkodha. Namoonni lallabaafi hojii barsiisuu keenyatti fayyadamnee isaan gargaarrus akkasuma jedhamaniiru. Haataʼu malee, namoonni fayyuu barbaadan hundi “dhugaa beekuu” qabu. (1 Xim. 2:4) Kanaaf, badiisa guyyoota gara dhumaarraa ooluuf Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qajeelfamasaa hojiirra oolchuun murteessaadha. Eeyyee, guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuun, Dubbii Yihowaa isa gati jabeessa taʼe hangam akka dinqisiifannu kan argisiisudha.—Yoh. 17:17.
^ key. 12 Namoota kaanirratti dhiibbaa gochuuf ykn isaan ceephaʼuuf gorsa Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu akka hin qabne beekamaadha. Akkuma Yihowaa, nutis nama qayyabsiisnu tokkotti obsaafi gaarummaa argisiisuu qabna.—Far. 103:8.
^ key. 14 Jecha caqasa tokko keessa jiru yaadattee, macaafa, boqonnaafi caqasicha yoo irraanfattehoo? Jecha sana baafata jechootaa dhuma Macaafa Qulqulluu, Laayibrarii Masaraa Eegumsaa ykn galmee jechootaa Hiika Addunyaa Haaraarra jirutti fayyadamtee argachuu dandeessa. (Ingiliffa)