Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

‘Yeroo Qorumsaatti’ Jabaatanii Dhaabataniiru

‘Yeroo Qorumsaatti’ Jabaatanii Dhaabataniiru

WARAANA Addunyaa Isa Tokkoffaa bara 1914 jalqaberratti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu waraanarratti akka hin hirmaanne beekame. (Isa. 2:2-4; Yoh. 18:36; Efe. 6:12) Yeroo sanatti tajaajiltoonni Waaqayyoo Biritaaniyaa keessa jiran haala akkamii keessa turan?

Henrii Hudsan

Bara 1916⁠tti, Biritaaniyaa keessatti seerri namoonni gaaʼela hin qabneefi umriinsaanii waggaa 18 hanga 40 taʼu waraanarratti akka hirmaatan ajaju ni baʼe. Seerri kun, namoonni dhugumaan ‘ejjennoo amantiirratti ykn amalarratti hundaaʼe’ qaban dirqama kanarraa walaba akka taʼan godhee ture. Mootummaan, dirqama kanarraa walaba taʼuu kan qabu eenyu akka taʼeefi kun kan taʼu hanga maaliitti akka taʼe murteessuuf, dhaddacha hundeesse.

Yeroo muraasa keessatti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu gara 40 taʼan mana hidhaa loltootaa kan galan siʼa taʼu, 8⁠mmoo gara adda waraanaa Faransaayitti ergaman. Gochi jalʼinaa kun, obboloonni hidhamuusaanii mormuudhaan xalayaa, fiirmaa kadhataa 5,500 qabate Ministeera Muummee Harbart Askuwiiz jedhamutti akka barreessan isaan kakaase.

Achiis, obboloonni saddeettan gara Faransaayitti ergaman, lola dhaquu diduusaaniitiin qawweedhaan akka ajjeefaman murteeffamuunsaa ni dhagaʼame. Taʼus, namoota isaan ajjeesuuf turan duratti erga dhihaatanii booda, murtoon sun jijjiiramee waggaa kudhaniif akka hidhaman godhame. Achiis, mana hidhaa kan loltootaa hin taane keessatti hidhamuuf gara Ingiliizitti deebifaman.

Jamsi Firedriik Iskoot

Waraanichi itti fufaa yeroo deemu, namoonni gaaʼela qabanis lolaaf fudhatamuu jalqaban. Maanchistar, Ingiliizitti himanni kan dhihaate, Henrii Hudsan isa dooktaraafi Barataa Macaafa Qulqulluu taʼerratti ture. Hagayya 3 bara 1916⁠tti, manni murtichaa Henriin balleessaa akka qabu itti murteessuudhaan kan isa adabe taʼuusaarrayyuu loltootatti dabarsee isa kenne. Yeruma kanatti Edinbargi, Iskootlaanditti himanni kan biraanis akka dhihaate dhagaʼame. Obboleessi umriinsaa waggaa 25 taʼeefi kolportarii ture Jamsi Firedriik Iskoot, balleessaan isarratti hin argamne ture. Mootummaan dhimmisaa deebʼee akka ilaalamu kan iyyate taʼus, dhimma kan biraa Landan keessatti qoraturratti xiyyeeffachuuf jecha isa kana dhiise. Yeroo kanatti, obboleessi Harbarti Kiipsi jedhamu balleessaa akka qabu itti murteeffamee kan adabame taʼuusaarrayyuu, loltootatti dabarfamee kenname.

Bara 1916 jiʼa Fulbaanaatti, obboloonni 264 taʼan waraanarratti hirmaachuurraa walaba akka godhaman iyyata galchan. Isaan keessaa 5 kan gadhiifaman siʼa taʼu, 154fimmoo “hojiin biyyichaaf gargaaru kan biraan” ni kennameef; obboloota 23f hojiin loltootaaf gargaaruufi waraana dhaquu hin dabalanne ni kennameef; isaan keessaa 82⁠mmoo loltootatti dabarfamanii kan kennaman siʼa taʼu, kanneen keessaammoo muraasni erga qoramanii booda mana hidhaa galan. Namoonni hedduun gocha namoota kanarratti raawwatame waan mormaniif, mootummaan mana hidhaa loltootaatii baasee gara mana hidhaa kan biraatti isaan galche.

Piraayis Hiyuuz

Edgar Kileeyiifi Piraayis Hiyuuz inni yeroo booda Biritaaniyaatti ilaaltuu olaanaa waajjira damee taʼe, Weelsitti hojii jallisiirratti hojjetu turan. Karaa garabiraammoo, obboloota gara Faransaayiitti deebiʼan saddeettan keessaa tokko kan taʼe Harbarti Siiniyar, mana hidhaa Weekfiildi jedhamuufi Yoorkishaayaritti argamutti ergame. Warri kaanimmoo mana hidhaa Daartmuur jedhamutti haala ulfaataa taʼe keessatti murtoo hojii cimaa taʼe akka hojjetan irratti dabarfame raawwataniiru; iddoon kun namoota waraanarratti hirmaachuu didan hedduu kan qabatedha.

Barataan Macaafa Qulqulluu Firaanki Piilaat jedhamuufi hojii waraana wajjin walitti dhufeenya hin qabne hojjechuuf walii galee ture, waraanarratti hirmaachuu waan dideef, yeroo dheeraadhaaf gara jabinaan ariʼatamni isarra gaʼeera. Atkansan Paajat inni waraana dhaquuf galmeeffamee utuu baayʼee hin turin dhugaa dhagaʼes, waraanarratti hirmaachuu diduusaatiin loltoonni aangoo qaban miidhaa guddaa isarra geessisaniiru.

Harbarti Siiniyar

Obboloonni keenya gara waggaa 100 dura turan, siyaasarraa walaba taʼuun maalfaa akka dabalatu sirritti kan hin beekne taʼus, Yihowaa gammachiisuuf fedhii qabu turan. Obboloonni gabaasa kanarratti maqaadhaan caqasaman, keessattuu ‘yeroo qorumsaa’ baayʼee ulfaataa taʼetti siyaasarraa walaba taʼuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼu. (Mul. 3:10)—Kuusaa keenya Biritaaniyaatti argamu keessaa kan fudhatame.