Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akka Gaariitti Walii Galuudhaan Gaaʼela Keessan Jabeessaa

Akka Gaariitti Walii Galuudhaan Gaaʼela Keessan Jabeessaa

“Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu, akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi warqee itti naqanii miidhagsanii ti.”—FAK. 25:11.

1. Walii galtee cimaa qabaachuun hiriyoota gaaʼelaa kan gargaare akkamitti?

OBBOLEESSI Kaanaadaa keessa jiraatu tokko, “Nama kamiyyuu caalaa haadha manaakoo wajjinan yeroo dabarsa. Yommuun miirakoo isheedhaaf ibsu gammachuunkoo ni guddata, dhiphinnikoos ni xiqqaata” jedheera. Abbaan manaa Awustiraaliyaa keessa jiraatu tokkommoo akkas jedheera: “Waggaa 11 gaaʼela godhannee waliin dabarsine keessatti utuun haadha manaakoo wajjin hin haasaʼin oolee hin beeku. Gaaʼela keenyarra rakkinni ni gaʼa jennee yaaddofnee hin beeknu. Kun akka taʼu sababa guddaa kan taʼe yeroo hunda akka gaariitti waliin haasaʼuu keenyadha.” Obboleettiin Kostaa Rikaa keessa jiraattu tokko akkas jetteetti: “Walii galtee qabaachuun keenya gaaʼela keenya cimsuu qofa utuu hin taʼin, caalaatti Yihowaatti nu dhiheesseera, qorumsarraa nu eegeera, tokkummaa akka qabaannu nu godheera, akkasumas jaalala keenya nuu guddiseera.”

2. Wantoonni walii galteedhaaf gufuu taʼan maalfaʼi?

2 Hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin akka gaariitti waliin haasoftumoo walii galuun isin rakkisa? Hiriyoonni gaaʼelaa aadaafi akkaataa guddinaa garaagaraa dabalatee, amala addaddaa kan qabaniifi cubbuu kan dhaalan waan taʼaniif, haalli rakkisaan gidduusaanitti uumamuu akka dandaʼu beekamaadha. (Rom. 3:23) Kana malees, akkaataan hiriyoonni gaaʼelaa yaadasaanii itti ibsan garaagara taʼuu dandaʼa. Joon Gootimaaniifi Naan Siilvar warri gaaʼelarratti qorannaa godhan, “Hariiroo cimaafi itti fufiinsa qabu qabaachuun, ija jabina, kutannoofi cimina qabaachuu gaafata” kan jedhan kanaaf taʼuu hin oolu.

3. Wanti hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼelasaanii akka cimsatan isaan gargaare maalidha?

3 Gaaʼela gaarii qabaachuun jabaatanii hojjechuu akka gaafatu beekamaadha. Taʼus kana gochuun gammachuu guddaa argamsiisa. Hiriyoonni gaaʼelaa wal jaallatan jireenya gammachiisaa jiraatu. (Lal. 9:9) Gaaʼela Yisihaqiifi Ribqaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. (Uma. 24:67) Gaaʼela godhatanii erga waliin turanii boodallee jaalalli isaan waliif qaban akka hirʼate wanti argisiisu hin jiru. Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo harʼaa jiranis akkasuma godhaniiru. Wanti isaan gargaare maalidha? Hubannaa, jaalala, kabaja, amala gad of deebisuu qabaachuufi argisiisuu, akkasumas yaadaafi miirasaanii garaa qulqulluufi gaarummaadhaan walii ibsuu barachuusaaniiti. Kanatti aansuudhaan akkuma ilaallu, amalawwan barbaachisaa taʼan kun gaaʼela keessa yoo jiraatan, yeroo hundaa walii galtee qabachuun rakkisaa hin taʼu.

HUBANNAA QABAADHAA

4, 5. Hubannaan, hiriyoonni gaaʼelaa caalaatti akka wal baran kan isaan gargaaru akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

4 Fakkeenyi 16:20⁠n, “Nama barsiisa yaadatti qabatuuf wanti inni godhu wal in qixxaataaf” jedha. Gaaʼelaafi jireenya maatii wajjin haala wal qabateenis yaanni kun hojjechuu akka dandaʼu beekamaadha. (Fakkeenya 24:3 dubbisi.) Maddi hubannaafi ogummaa inni hunda caalu Dubbii Waaqayyooti. Uumamni 2:18, Waaqayyo dubartiin guutummaatti dhiira kan fakkaattu utuu hin taʼin, gargaartuu godhee akka ishee uume dubbata. Gaʼeenshee akkaataa isheen yaadashee itti ibsiturraa kan mulʼatudha. Dhuunfaatti garaagarummaa kan qaban taʼus, dimshaashumatti dubartoonni waaʼee miirasaanii, waaʼee namootaafi walitti dhufeenya namootaa dubbachuu jaallatu. Akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamu waan godhuuf, dubartoonni jaalala hoʼaa argachuufi dhimma dhuunfaasaanii gad fageenyaan dubbachuu jaallatu. Faallaa kanaatiin, dhiironni hedduun miirasaanii balʼinaan ibsuu hin jaallatan, kanaa mannaa, waaʼee hojii, waaʼee rakkinaafi furmaatasaanii dubbachuu jaallatu. Akkasumas kabaja argachuu barbaadu.

5 Obboleettiin Biritaaniyaa keessa jiraattu tokko, “Abbaan manaakoo na dhaggeeffachuu mannaa dafee rakkina furuu jaallata. Wanti ani barbaadu akka inni na dhaggeeffatuufi miirakoo naa hubatu waan taʼeef, kun abdii kan nama kutachiisudha” jetteetti. Abbaan manaa tokko akkas jechuudhaan barreesseera: “Aniifi haati manaakoo yommuu wal fuune, rakkinashee hundaaf dafee furmaata kennuun jaalladhan ture. Haataʼu malee, utuma baayʼee hin turin, akkan ishee dhaggeeffadhu kan barbaaddu taʼuusheen hubadhe.” (Fak. 18:13; Yaq. 1:19) Abbaan manaa hubataa taʼe, miira haadha manaasaa xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan akka haalasaatti sirreeffama gochuuf yaalii godha. Yaadaafi miirasheetiif iddoo guddaa akka kennus isheedhaa ibsa. (1 Phe. 3:7) Isheenis gamasheetiin, ilaalchasaa hubachuuf yaalii gooti. Hiriyoonni gaaʼelaa kan wal hubatan, kan wal dinqisiifataniifi gaʼeesaanii kan raawwatan taanaan gaaʼellisaanii gammachiisaa taʼa. Kana malees, murtoo ogummaarratti hundaaʼeefi madaalliisaa eege gochuuf, akkasumas hojiirra oolchuuf tokkummaadhaan hojjechuu dandaʼu.

6, 7. (a) Lallabni 3:7 hiriyoonni gaaʼelaa hubannaa akka qaban argisiisuuf kan isaan gargaaru akkamitti? (b) Haati manaa hubannaa akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Abbaan manaahoo carraaqqii akkamii gochuu qaba?

6 Hiriyoonni gaaʼelaa hubatoo taʼan, ‘calluma jechuunis taʼe, dubbachuun yeroo akka qabu’ beeku. (Lal. 3:1, 7) Obboleettiin gaaʼela erga godhattee waggaa kudhan taate tokko akkas jetteetti: “Dhimma tokko yeroosaa malee dubbachuu akkan hin qabne hubadheera. Abbaan manaakoo hojii ykn itti gaafatamummaa gara biraadhaan qabamee jira yoo taʼe, dhimman dubbachuu barbaade yeroo gara biraattan dabarsa. Kanaan kan kaʼes, akka gaariitti waliin mariʼanna.” Haadhotiin manaa hubatoo taʼan, dubbiin itti yaadamee “yeroo isaatti dubbatamu” akka nama gammachiisuufi fudhatama akka qabu waan beekaniif gaarummaadhaan dubbatu.—Fakkeenya 25:11 dubbisi.

Wantoonni xixinnoon gaaʼelarratti jijjiirama guddaa fidu

7 Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko, haadha manaasaa dhaggeeffachuu qofa utuu hin taʼin, miirasaa akka gaariitti ibsuuf carraaquudhaan gaʼeesaa raawwachuu qaba. Jaarsi gumii erga gaaʼela godhate waggaa 27 taʼe tokko, “Wanta natti dhagaʼamu haadha manaakootti himuuf carraaqqii gochuun na barbaachisee ture” jedheera. Obboleessi erga gaaʼela godhate waggaa 24 taʼe tokkommoo akkas jedheera: “Yoon dubbachuu dhiise nan irraanfadha jedhee waanan yaaduuf, yeroo baayʼee waaʼee rakkinakoo dubbachuu dhiisuun filadha. Haataʼu malee yeroo booda, miirakoo ibsuun dadhabina akka hin taane hubadheera. Miirakoo ibsuun yommuu na rakkisu, maal akkan dubbadhuufi akkamitti akkan dubbadhu ilaalchisee kadhannaan dhiheessan ture. Achiis akka gaariitti hafuura baafachuudhaan dubbachuun jalqaba.” Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo kophaasaanii caqasaa guyyaa guyyaa ykn Macaafa Qulqulluu waliin dubbisan, yeroofi iddoo mijaaʼaa taʼe filachuunsaanii gaarii taʼuu dandaʼa.

8. Kiristiyaanonni gaaʼellisaanii gammachuu akka qabaatu gochuuf sababii dabalataa akkamii qabu?

8 Kadhannaa gochuufi akkaataa itti walitti dubbatanirratti fooyyaʼiinsa gochuuf fedhii guddaa qabaachuun hiriyoota gaaʼelaatiif barbaachisaadha. Amala duraan qabnu jijjiiruun ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beekamaadha. Haataʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa Yihowaa kan jaallatan, hafuura qulqulluu argachuuf kan kadhataniifi gaaʼellisaanii qulqulluu akka taʼetti kan ilaalan taanaan, ilaalcha namoonni kaan qabanirraa addaa taʼe qabaachuu dandaʼu. Haati manaa erga gaaʼela godhattee waggaa 26 taate tokko, “Aniifi abbaan manaakoo ilaalcha Yihowaan gaaʼelaaf qabuuf iddoo guddaa waan kenninuuf waaʼee gargar baʼuu matumaa yaannee hin beeknu. Kunimmoo waliin mariʼannee rakkina hiikuuf jabaannee akka hojjennu nu gargaareera” jechuudhaan barreessiteetti. Amanamummaan akkasiifi Waaqayyoof kan bulan taʼuun, Yihowaa ni gammachiisa, eebbasaas ni argamsiisa.—Far. 127:1.

JAALALA KEESSAN GUDDIFADHAA

9, 10. Hiriyoonni gaaʼelaa, jaalala waliif qaban cimsachuu kan dandaʼan akkamitti?

9 Jaalalli inni ‘hundumaa raawwatee walitti hidhu’ gaaʼela keessatti baayʼee barbaachisaadha. (Qol. 3:14) Hiriyoonni gaaʼelaa gammachuus taʼe gadda amanamummaadhaan yommuu waliin dabarsan jaalalli dhugaan isaan waliif qaban ni guddata. Caalaatti michuu walii taʼuufi yeroo hundumaa waliin taʼuullee ni hawwu. Gaaʼelli akkasii akka sabqunnamtiirratti mulʼatu wantoota gurguddaa tokko tokko walii gochuudhaan utuu hin taʼin, wantoota xixinnoo hedduu kan akka hammachuu, waaʼee walii waan gaarii dubbachuu, sochii qaamaa itti yaadame argisiisuu, seequu ykn “akkami oolte?” jechuudhaan kan argisiifamudha. Gaaʼela keessatti wantoonni xixinnoon kun jijjiirama guddaa fiduu dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa erga wal fuudhanii waggaa 19 taʼan tokko, guyyaa keessatti ‘haala akkamiirra akka jiran beekuuf’ akka walii bilbilan ykn ergaa akka walii ergan abbaan manaa dubbateera.

10 Jaalalli hiriyoonni gaaʼelaa waaʼee waliisaanii barachuu akka itti fufanis isaan kakaasa. (Filp. 2:4) Cubbamoo taʼanillee, beekumsi akkasii jaalallisaanii caalaatti akka cimu godha. Gaaʼelli gammachuu qabu, iddoo tokko kan dhaabatu utuu hin taʼin, yeroodhaa gara yerootti jijjiirama godha, akkasumas ni cima. Kanaaf gaaʼela kan godhattan taanaan akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Hiriyaa gaaʼelaakoo akka gaariittan beekaa? Dhimma tokko ilaalchisee miiraafi yaada hiriyaa gaaʼelaakoo nan hubadhaa? Tarii amala yeroo jalqabaatiif isa ykn ishee akkan jaalladhu na godherratti xiinxaluudhaan waaʼee hiriyaa gaaʼelaakoo yeroo baayʼee nan yaadaa?’

WAL KABAJAA

11. Gaaʼelli gammachuu akka qabaatuuf wal kabajuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

11 Gaaʼelli gammachuu qabullee rakkinarraa walaba kan taʼe miti. Hiriyoonni gaaʼelaa wal jaallatanillee garaagarummaan isaan gidduutti uumamuu dandaʼa. Abrahaamiifi Saaraan yeroo itti wal dhaban qabu turan. (Uma. 21:9-11) Garaagarummaan gidduusaanitti uumame garuu gaaʼellisaanii akka laafu hin goone. Maaliif? Waan wal kabajaaniif ture. Fakkeenyaaf, Abrahaam Saaraadhaan ‘sin kadhadha’ jedha ture. (Uma. 12:11, 13, hiika bara 1899) Isheenis gamasheetiin, Abrahaamiif ni ajajamti, akkasumas ‘gooftaakoo’ isaan jetti turte. (Uma. 18:12, hiika bara 1899) Hiriyoonni gaaʼelaa kabaja kan waliif hin qabne taʼuunsaanii, yeroo baayʼee akkaataa ittiin walitti dubbatanirraa mulʼata. (Fak. 12:18) Rakkina gidduusaanii jiru hubachuudhaan hiikuu baannaan, gaaʼellisaanii balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa.—Yaaqoob 3:7-10, 17, 18 dubbisi.

12. Namoonni dhiheenyatti gaaʼela godhatan kabajaan mariʼachuuf carraaqqii cimaa gochuu kan qaban maaliifi?

12 Keessumaa namoonni dhiheenyatti gaaʼela godhatan, gaarummaafi kabajaan walitti dubbachuudhaan, garaa qulqulluudhaan ofirraa buʼanii waliin mariʼachuuf carraaqqii gochuu qabu. Namni abbaa manaa taʼe tokko wanta yaadatu akkas jechuudhaan dubbateera: “Waggaan jalqabaa gaaʼela itti godhattan gammachiisaa taʼus, yeroo tokko tokko abdii kan isin kutachiisu taʼuu dandaʼa. Miira, barsiifataafi fedhii walii hubachuun baayʼee rakkisaa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, malaan kan wal qabdan, kan taphattan, amala gad of deebisuufi obsa kan qabaattan, akkasumas Yihowaatti kan amanamtan taanaan lamaan keessaniyyuu milkaaʼina argattu.” Kun hunda keenyaafiyyuu gorsa gaariidha.

DHUGUMAAN KAN GAD OF DEEBISTAN TAʼAA

13. Gaaʼela gammachiisaa taʼe qabaachuuf gad of deebisuun iddoo guddaa kan qabu maaliifi?

13 Gaaʼela keessatti akka gaariitti walii galuun, bishaan jalʼisii suuta jedhee maasii keessa yaaʼuu wajjin wal fakkaata. ‘Gad of deebisuun’ bishaan jalʼisii sun yaaʼuusaa akka itti fufu jechuunis, gaaʼela keessatti walii galteen akka jiraatu gochuurratti gaʼee guddaa qaba. (1 Phe. 3:8) Obboleessi erga gaaʼela godhatee waggaa 11 taʼe, “Gad of deebisuun ‘Dhiifama naa godhi’ jechuuf waan nama kakaasuuf garaagarummaa hiikuuf mala gaarii” akka taʼe dubbateera. Jaarsi gumii erga gaaʼela godhatee waggaa 20 taʼe tokkommoo, “Yeroo tokko tokko, ‘Dhiifama naa godhi’ jechuun, ‘Sin jaalladha’ jechuu caalaa barbaachisaadha” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Karaa gabaabaan amala gad of deebisuu qabaachuuf gargaaru kadhannaa dhiheessuudha. Aniifi haati manaakoo yommuu waliin Yihowaatti kadhannaa dhiheessinu, cubbamoo taʼuu keenyaafi gaarummaa Waaqayyoo yaadanna. Kana yaadachuunkoo waan taʼe tokkoof ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera” jedheera.

Gaaʼela keessan keessatti walii galtee qabaadhaa

14. Koorri gaaʼelarratti miidhaa geessisuu kan dandaʼu akkamitti?

14 Koorri hiriyoonni gaaʼelaa walii galtee akka hin qabaanne godha. Koorri dhiifama gaafachuuf fedhiifi ija jabina akka hin qabaanne waan godhuuf wal dhabiinsi akka uumamu godha. Namni kooru tokko gad of deebisuudhaan, “Maaloo dhiifama naa godhi” jechuu mannaa sababa dhiheessa. Dadhabina qabu amanee fudhachuu mannaa, dogoggora warra kaaniirratti xiyyeeffata. Yommuu miidhaan isarra gaʼu, nagaan akka uumamu gochuu mannaa, ni mufata, tariimmoo dheekkamuu ykn nama sanaan ooduudhaan haaloo baʼa. (Lal. 7:9) Eeyyee, koorri gaaʼela balaadhaaf saaxiluu dandaʼa. Kanaaf gorsa, “Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma; warra gad of deebisaniif garuu ayyaana in kenna” jedhu yaadachuun gaariidha.—Yaq. 4:6.

15. Seera buʼuuraa Efesoon 4:26, 27⁠rra jiru hojiirra oolchuun, waldhabiinsa hiriyoota gaaʼelaa gidduutti uumamu hiikuuf akkamitti akka gargaaru ibsi.

15 Koorri matumaa dhiibbaa gochuu akka hin dandeenyetti yaaduun gowwummaadha. Koorri dhiibbaa akka geessisu hubachuu, akkasumas utuu yeroo itti hin kennin sirreessuu qabna. Phaawulos Kiristiyaanota hidhatasaa taʼaniin, “Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf karaa hin kenninaa!” jedheera. (Efe. 4:26, 27) Qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hordofuu dhiisuun dhiphina geessisuu dandaʼa. Obboleettiin tokko, “Aniifi abbaan manaakoo yeroo tokko tokko gorsa Efesoon 4:26, 27⁠rra jiru hojiirra hin oolchinu. Kunis hirriba malee akkan bulu na godha ture!” jechuudhaan gadda isheetti dhagaʼame ibsiteetti. Nagaa uumuuf yaaduudhaan dhimma tokko dafanii irratti mariʼachuun baayʼee gaarii mitii? Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo muraasa fudhatanii tasgabbaaʼuun akka isaan barbaachisu beekamaadha. Ilaalcha sirrii qabaachuuf kadhannaadhaan gargaarsa Yihowaa gaafachuunis barbaachisaadha. Amala gad of deebisuu qabaachuun keenya ofiirratti xiyyeeffannee haallisaa akka itti caalu gochuu mannaa, rakkina uumamerratti xiyyeeffachuuf nu gargaara.—Qolosaayis 3:12, 13 dubbisi.

16. Gad of deebisuun hiriyoonni gaaʼelaa dandeettii qabaniif ilaalcha sirrii akka qabaatan kan isaan gargaaru akkamitti?

16 Gad of deebisuufi humna ofii beekuun hiriyoonni gaaʼelaa jabina waliirratti xiyyeeffachuuf isaan gargaara. Fakkeenyaaf, haati manaa tokko dandeettii addaa maaticha fayyadu qabaachuu dandeessi. Abbaan manaashee kan gad of deebisuufi humnasaa kan beeku yoo taʼe, akka isheen isa caalte itti dhagaʼamuu mannaa, iddoo guddaa akka isheedhaa kennuufi akka ishee dinqisiifatu ibsuudhaan dandeettii qabdutti akka fayyadamtu ishee jajjabeessa. (Fak. 31:10, 28; Efe. 5:28, 29) Haati manaa gad of deebistuufi humnashee beektus dandeettii qabduun of hin tuultu ykn abbaa manaashee hin tuffattu. Kana malees, lamaansaanii “foon tokko” waan taʼaniif, wanti isa tokko miidhu isa kaanis ni miidha.—Mat. 19:4, 5.

17. Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo harʼaa jiran gammachuu akka qabaataniifi Waaqayyoof akka ulfina fidan kan isaan gargaaruu dandaʼu maalidha?

17 Gaaʼelli keessan akka kan Abrahaamiifi Saaraa ykn Yisihaqiifi Ribqaa gammachuu kan qabu, yeroo dheeraaf kan turuufi Yihowaadhaaf ulfina kan fidu akka taʼu gochuu akka barbaaddan beekamaadha. Taanaan, ilaalcha Waaqayyo gaaʼelaaf qabu qabaadhaa. Hubannaafi ogummaa argachuuf Dubbiisaatti fayyadamaa. Waaʼee hiriyaa gaaʼelaa keessanii akka gaariitti yaaduudhaan jaalala dhugaa isa “ibidda” Yihowaa taʼe horadhaa. (Wed. 8:6) Amala gad of deebisuu qabaachuuf carraaqqii cimaa godhaa. Hiriyaa gaaʼelaa keessan ulfinaan qabaa. Yoo akkas gootan, gaaʼelli keessan isiniifis taʼe Abbaa keessan isa samiitiif gammachuu argamsiisa. (Fak. 27:11) Isinis akka abbaa manaa erga gaaʼela godhatee waggaa 27 taʼeefi akkas jechuudhaan barreessee isinitti dhagaʼamuu dandaʼa: “Haadha manaa koorraa adda baʼee jiraachuu hin dandaʼu. Gaaʼelli keenya guyyaa guyyaadhaan cimaa deema. Kun kan taʼe Yihowaa waan jaallannuufi yeroo hundaa waan waliin haasofnuufidha.”