Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Xiyyeeffannaa Walii Kennaa Akkasumas Wal Jajjabeessaa

Xiyyeeffannaa Walii Kennaa Akkasumas Wal Jajjabeessaa

“Jaalalaafi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf xiyyeeffannaa waliif haa kenninu.”—IBR. 10:24, NW.

1, 2. Dhugaa Baatonni Yihowaa 230 ta’an dhuma Waraana Addunyaa Lammaffaatti adeemsa du’aarraa ooluuf maaltu isaan gargaare?

 XUMURA Waraana Addunyaa Lammaffaa yeroo bulchiinsi Naazii kufuu jala ga’etti, namoota kumaan lakkaa’amaniifi mana hidhaa keessatti hafan fixuuf ajajni kennamee ture. Namoota mana hidhaa Zaaksanhaawuzan keessa turan sana, galaana keessatti gad darbachuuf gara buufata dooniitti isaan geessan. Yeroo booda karoorri kun adeemsa du’aa jedhamuudhaan beekame.

2 Hidhamtoonni 33,000 ta’aniifi mana hidhaa Zaaksanhaawuzan keessa turan kun gara magaalaa galaana qarqaraa Luubeek ishee biyya Jarmanitti argamtuufi kiilomeetira 250 fagaattu akka deeman taasifaman. Dhugaa Baatonni Yihowaa 230 ta’aniifi biyyoota gara garaa ja’a keessaa dhufanis namoota kanaa wajjin akka adeeman ajajaman. Beelliifi dhukubni hundasaanii hubee ture. Haata’u malee, obboloonni keenya adeemsa du’aa kanarraa lubbuudhaan ooluu kan danda’an akkamitti? Obboloota kana keessaa tokko, “Adeemsa keenya akka itti fufnu utuu walirraa hin kutin wal jajjabeessina ture” jedheera. ‘Humna humna gararraa’ Waaqayyo isaanii kenne dabalatee jaalalli isaan waliif qaban gidiraa kanarraa akka oolan isaan gargaareera.—2 Qor. 4:7.

3. Wal jajjabeessuun kan nu barbaachisu maaliifi?

3 Yeroo har’aa gara du’a akkasiitti deemaa kan hin jirre ta’us, rakkoowwan hedduun nu mudatu. Bara 1914⁠tti Mootummaan Waaqayyoo erga hundeeffamee booda, Seexanni samiirraa gad darbatamee naannoo lafaatti kan daangeffame si’a ta’u, “yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!” (Mul. 12:7-9, 12) Addunyaan kun gara Armaagedoonitti dhihaachaa yommuu adeemu, Seexanni rakkinaafi dhiibbaa gara garaatti fayyadamee karaa hafuuraa nu laaffisuuf yaalii gochaa jira. Kana malees, jireenyi guyyaa guyyaa nu dhiphisa. (Iyo. 14:1; Lal. 2:23) Yeroo tokko tokko miidhaan rakkoowwan kun nurra geessisan waan nu laaffisuuf, haalawwan abdii nu kutachiisan mo’uuf, jabina karaa miiraafi hafuuraa nu barbaachisu dhabuu dandeenya. Fakkeenyaaf haala obboleessa waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif namoota baay’ee karaa hafuuraa gargaaraa ture tokkoo haa ilaallu. Yeroo booda, inniifi haati manaasaa waan dhukkubsataniif baay’ee abdii kutachuu jalqabe. Akkuma obboleessa kanaa, hundi keenya ‘humni humna gararraa’ Yihowaa biraa argamuufi jajjabinni walii keenyarraa argannu nu barbaachisa.

4. Warra kaan jajjabeessuu yoo barbaanne, gorsa Phaawulos isa kam yaadachuu qabna?

4 Warra kaaniif madda jajjabinaa ta’uu yoo barbaanne, gorsa Phaawulos ergamaan Ibroota Kiristiyaana ta’aniif kenne yaadachuu qabna. Phaawulos, “[Jaalalaafi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf xiyyeeffannaa walii haa kenninu, NW]. Akka jara tokkotti amala ta’e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhi’aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina” jedheera. (Ibr. 10:24, 25) Maarree, gorsa barbaachisaa caqasa kanarra jiru hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

‘XIYYEEFFANNAA WALII KENNAA’

5. “Xiyyeeffannaa walii kennuu” jechuun maal jechuudha? Kana gochuun maal gaafata?

5 ‘Xiyyeeffannaa walii kennuu’ jechuun, “wanta warra kaaniif barbaachisu tilmaama keessa galchuufi waa’eesaanii yaaduu” jechuudha. Galma Mootummaa qofatti namoota kaan nagaa gabaabaa gaafachuudhaan ykn wantoota iddoo guddaa hin qabne qofarratti haasa’uudhaan, wanta isaan barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuu dandeenyaa? Akka hin dandeenye beekamaadha. ‘Maayii keenya dhimma baafachuufi’ ‘dhimma namootaa keessa lixuurraa’ of eeggachuu akka barbaannu beekamaadha. (1 Tas. 4:11; 1 Xim. 5:13) Ta’us, obboloota keenya jajjabeessuu yoo barbaanne, akka gaariitti isaan beekuu jechuunis, haala akkamii keessa akka jiran, amalawwan akkamii akka qaban, karaa hafuuraa haala isaan keessatti argaman, akkasumas jabinaafi dadhabinasaanii sirriitti beekuu qabna. Michootasaanii akka taaneefi akka isaan jaallannu beekuun isaan barbaachisa. Kunimmoo yeroo rakkinni isaan mudatuufi abdii kutatan qofa utuu hin ta’in, yeroo gara biraattis isaanii wajjin yeroo dabarsuu gaafata.—Rom. 12:13.

6. Jaarsi tokko warra tikasaa jala jiraniif “xiyyeeffannaa” akka kennu maaltu isa gargaaruu danda’a?

6 Jaarsoliin gumii fedhiifi jaalalaan ‘karra hoolota Waaqayyo tikaaf isaanitti kenne akka eegan’ gorfamaniiru. (1 Phe. 5:1-3) Haata’u malee, hoolota tikasaanii jala jiran sirriitti hin beekan taanaan, hojii hoolota akka tiksan isaanitti kenname kana akkamitti raawwachuu danda’u? (Fakkeenya 27:23 dubbisi.) Jaarsoliin namoota hidhata amantiisaanii ta’an gargaaruuf kan of dhiheessaniifi isaanii wajjin ta’uu kan jaallatan yoo ta’e, hoolonni yeroo gargaarsa barbaadan isaan gaafachuuf caalaatti kaka’u. Obboloonni wanta isaanitti dhaga’amuufi isaan yaaddessu caalaatti baasanii kan dubbatan si’a ta’u, kunimmoo jaarsoliin warra tikasaanii jala jiraniif ‘xiyyeeffannaafi’ gargaarsa barbaachisu kennuuf isaan gargaara.

7. Wanta namoonni abdii kutatan ‘akkuma afaansaatti dhufetti dubbatan’ akkamitti ilaaluu qabna?

7 Phaawulos, “warra dadhaban gargaaraa” jechuudhaan gumii Tasaloniiqeetiif barreesseera. (1 Tasaloniiqee 5:14 Hiika Addunyaa Haaraatiin dubbisi.) a “Lubbuuwwan dhiphatan,” akkasumas warri abdii kutatan dadhaboodha jechuun ni danda’ama. Fakkeenyi 24:10, “Ati bara rakkinaatti yoo raafamte [“abdii yoo kutatte,” NW], humni kee muraasa” jedha. Namni baay’ee dhiphate tokko ‘akkuma afaansaatti dhufetti dubbachuu’ danda’a. (Iyo. 6:2, 3) Namoota akkasiitiif ‘xiyyeeffannaa’ yommuu kenninu, wanti isaan dubbatan wanta dhugumaan garaasaanii keessa jiru ta’uu dhiisuu akka danda’u yaadachuun nu barbaachisa. Raashel isheen haatishee dhiphina sammuu guddaa qabdu, kun dhugaa ta’uusaa muuxannoosheerraa baratteetti. Raashel akkas jetteetti: “Haatikoo yeroo baay’ee dubbii baay’ee nama mufachiisu dubbatti. Yeroo akkasiitti, haatikoo dhugumaan nama akkamii akka taate jechuunis, jaalalaafi gaarummaa kan qabdu, akkasumas arjaa ta’uushee yaadachuufan yaala. Namoonni dhiphina sammuu qaban wanta dubbachuu hin barbaanne hedduu akka dubbatan baradheera. Dogoggora namni tokko raawwatu keessaa inni guddaan dubbii ykn gocha hamaadhaaf hamaa deebisuudha.” Fakkeenyi 19:11, “Hubataa ta’uun dheekkamsaaf suuta nama jechisiisa, balleessaa irra namaaf darbuunis ulfina isaa ti” jedha.

8. Keessumaa jaalala keenya “argisiisuu” kan qabnu eenyuufidha? Maaliifi?

8 Namni tokko balleessaa raawwate sirreessuuf erga tarkaanfii fudhate booda, dogoggora kanaan dura raawwatetti ammas kan qaana’uufi abdii kan kutatu yoo ta’e, “xiyyeeffannaa” isaaf kennuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos nama Qorontos keessa tureefi yaada garaa geddarate tokko ilaalchisee, “Namichi gadda baay’ee guddaadhaan liqimfamuu isaa irra, isin yakka isaa dhiiftaniifii isa jajjabeessuun isiniif ta’a. Egaa isa jaallachuu keessan argisiisuudhaaf akka walii galtan isinan gorsa” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 2:7, 8) Akka galmeen jechootaa tokko jedhetti, asirratti jechi “argisiisuu” jedhame, “mirkaneessuu, dhugoomsu, seeraan raggaasisuu” jechuudha. Namni tokko akka isa jaallannuufi xiyyeeffannaa akka isaa kenninu salphaadhumatti ni hubata jennee yaaduu hin qabnu. Jaalala keenya ilaalchaafi gocha keenyaan yommuu ibsinu arguun isa barbaachisa.

‘JAALALAAFI HOJII GAARIIDHAAF KAKAASUU’

9. “Jaalalaafi hojii gaariidhaaf kakaasuu” jechuun maal jechuudha?

9 Phaawulos, “Jaalalaafi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf xiyyeeffannaa waliif haa kenninu” jechuudhaan barreesseera. Obboloonni keenya jaalala akka argisiisaniifi hojii gaarii akka hojjetan kakaasuun nu barbaachisa. Ibiddi yommuu dhaamuuf jedhus, itti tuqachuufi afuufnee bobeessuu akka qabnu beekamaadha. (2 Xim. 1:6) Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni keenya jaalala Waaqayyoofi namootaaf qaban akka argisiisan gaarummaadhaan isaan kakaasuu dandeenya. Yeroo sirrii ta’utti galateeffachuun, namoota kaan hojii gaariidhaaf kakaasuuf barbaachisaadha.

Warra kaanii wajjin tajaajilarratti hirmaadhaa

10, 11. (a) Nu keessaa jajjabinni kan isa barbaachisu eenyu? (b) Galateeffachuun ‘nama dogoggora raawwate’ akkamitti gargaaruu akka danda’u fakkeenyaan ibsi.

10 Abdii kutannus kutachuu baannus hundi keenya galateeffamuun nu barbaachisa. Jaarsi gumii tokko akkas jechuudhaan barreesseera: “Abbaankoo gaaf tokkollee gaarii gooteetta naan jedhee hin beeku. Kanaaf ofitti amanannaa akkan hin qabaanne ta’een guddadhe. . . . Umriinkoo waggaa 50 ta’us, ammayyuu michoonnikoo jaarsa gumii ta’ee hojii gaarii hojjechaa akkan jiru akka naa mirkaneessanan barbaada. . . . Namoota kaan jajjabeessuun barbaachisaa ta’uusaa muuxannoo koorraa kanan baradhe si’a ta’u, namoota jajjabeessuuf waan naa danda’ame hundan godha.” Galateeffannaan qajeelchitoota, maanguddootaafi namoota abdii kutatan dabalatee, namoota hunda hojiidhaaf kakaasuu danda’a.—Rom. 12:10.

11 ‘Namoonni karaa hafuuraa ga’eessota ta’an, nama dogoggora raawwate tokko yommuu sirreessan,’ gorsa jaalalarratti hundaa’e kennuufi iddoo barbaachisaa ta’etti galateeffachuunsaanii namni sun deebi’ee hojii gaarii hojjechuuf akka kaka’u isa gochuu danda’a. (Gal. 6:1) Obboleettii Miiryaam jedhamtu tokko haalli akkasii ishee mudatee ture. Akkas jetteetti: “Michoonnikoo tokko tokko yommuu gumiirraa fagaatan baay’ee dhiphadhee kanan ture si’a ta’u, abbaankoos yeruma kana dhiigni sammuusaa keessatti dhangala’ee ture. Kunis baay’ee na dhiphise. Dhiphina na mudate mo’uuf, dhiira Dhugaa Baatuu hin taane tokko hiriyaan godhadhe.” Haalli kun jaalala Yihowaa akka ishee dhabsiisu waan isheetti dhaga’ameef, dhugaa dhiistee ba’uuf yaadde. Haata’u malee, jaarsi tokko tajaajila isheen kanaan dura amanamummaadhaan raawwachaa turte yommuu ishee yaadachiisu jajjabina argatte. Jaarsoliin, Yihowaan akka ishee jaallatu yeroo itti himan ni gammadde. Kanaan kan ka’es, jaalallishee deebi’ee guddachuu jalqabe. Achiis walitti dhufeenya nama Dhugaa Baatuu hin taane sanaa wajjin qabdu addaan kuttee Yihowaa tajaajiluushee itti fufte.

Jaalalaafi hojii gaariidhaaf wal kakaasaa

12. Namoota kaan hojiidhaaf kakaasna jennee isaan qaanessuun, ceepha’uun ykn akka of ceepha’an gochuun sirriidhaa?

12 Nama tokko warra kaanii wajjin wal bira qabuun, seera goggogaa baasanii ceepha’uun ykn baay’ee hojjechuu dhiisuusaatiin akka of ceepha’u gochuun, wanta tokko hatattamaan akka hojjetu gochuu danda’us bu’aansaa yeroo muraasaaf qofa kan turudha. Karaa biraammoo, nama hidhata amantii keenyaa ta’e tokko galateeffachuufi Yihowaa akka jaallatu isaaf mirkaneessuun keenya, bu’aa gaarii itti fufiinsa qabu argamsiisuu danda’a.—Filiphisiiyus 2:1-4 dubbisi.

‘WAL JAJJABEESSAA’

13. Warra kaan jajjabeessuun maal dabalata? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

13 ‘Guyyichi dhihaachuusaa yommuu arginu caalaatti wal jajjabeessuun’ nu barbaachisa. Warra kaan jajjabeessuun Waaqayyoon tajaajiluusaanii akka itti fufan isaan kakaasuu dabalata. Akkuma warra kaan jaalalaafi hojii gaariidhaaf kakaasuun ibidda dhaamaa jiru bobeessuu wajjin wal fakkaachuu danda’u, jajjabeessuunis ibiddichi caalaatti akka boba’uuf, boba’aa itti naquu wajjin wal fakkaachuu danda’a. Warra kaan jajjabeessuun namoota abdii kutatan cimsuu kan gaafatudha. Namoota akkasii jajjabeessuuf yommuu carraa argannu, miira ho’aafi gaarummaadhaan dubbachuu qabna. (Fak. 12:18) Kana malees, “dhaga’uutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa” haa taanu. (Yaq. 1:19) Gaarummaadhaan kan dhaggeeffannu yoo ta’e, wanta Kiristiyaana hidhata keenya ta’e sana dhiphise hubachuufi wanta rakkina sana mo’uuf isa gargaaru tokko dubbachuu dandeenya.

Michoota gaarii ta’anii wajjin yeroo dabarsaa

14. Obboleessi abdii kutatee ture tokko gargaarsa kan argate akkamitti?

14 Jaarsi gara laafessa ta’e tokko, obboleessa waggoota hedduudhaaf qabbanaa’ee ture akkamitti akka jajjabeesse ilaalaa. Jaarsi kun yommuu dhaggeeffatu, obboleessi kun ammayyuu Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabu hubachuu danda’eera. Maxxansa Masaraa Eegumsaa hunda dhimmee qayyabata; walga’ii Kiristiyaanaarrattis yeroo hundaa argamuuf carraaqqii cimaa godha. Haata’u malee, wanti namoonni gumii keessa jiran tokko tokko raawwatan abdii isa kutachiisee, akkasumas hamma tokko isa aarsee ture. Jaarsi kun utuu isatti hin murteessin gaarummaadhaan erga dhaggeeffatee booda, obboleessa kanaafi maatiisaatiif akka yaadu ibse. Dhumarrattis, obboleessi kun haalli gadheen inni kanaan dura keessa darbe, Waaqa isa isa jaallatu sana akka hin tajaajille isa gochuusaa hubate. Jaarsi kun obboleessichi isaa wajjin tajaajila akka ba’u isa afeere. Obboleessi kun gargaarsa jaarsa kanarraa argateen tajaajilasaa kan itti fufe si’a ta’u, yeroo boodas deebi’ee jaarsa ta’uu danda’eera.

Nama jajjabinni isa barbaachisu obsaan dhaggeeffadhaa (Keeyyata 14, 15 ilaali)

15. Namoota abdii kutatan jajjabeessuu ilaalchisee Yihowaarraa maal baranna?

15 Namni abdii kutate tokko yeruma sana jajjabaachuu ykn gargaarsa isaa kenninu fudhachuu dhiisuu danda’a. Deggersa isaa gochuu keenya itti fufuun nu barbaachisa ta’a. Phaawulos, ‘warra dadhabaniif yaadaa, namoota hundumaafis danda’uu’ keessan itti fufaa jedheera. (1 Tas. 5:14) Namoota dadhabanitti dafnee abdii kutachuu mannaa, isaaniif ‘yaaduufi’ isaan deggeruu keenya itti haa fufnu. Bara duriitti Yihowaan, tajaajiltootasaa abdii kutatanii turan tokko tokko obsaan qabeera. Fakkeenyaaf, Waaqayyo Eliyaasitti oo’a argisiisuudhaan miirasaatiif xiyyeeffannaa kenneera. Yihowaan raajiin kun tajaajilasaa akka itti fufuuf wanta isa barbaachisu isaaf kenneera. (1 Mot. 19:1-18) Daawit yaada garaasaa waan geddarateef, Yihowaan gaarummaadhaan dhiifama isaa godheera. (Far. 51:7, 17) Waaqayyo, nama Faarfannaa 73 barreesseefi isa tajaajiluusaa dhaabuu jala ga’ee tures gargaareera. (Far. 73:13, 16, 17) Yihowaan keessumaa yommuu gaddinuufi abdii kutannu, oo’aafi gaarummaa nutti argisiisa. (Bau. 34:6) Araarri Waaqayyoo ‘dhuma waan hin qabneef ganama ganama in haareffama.’ (Faru. 3:22, 23) Yihowaan fakkeenyasaa akka hordofnuufi namoota dhiphatan gaarummaadhaan akka qabnu barbaada.

DAANDII GARA JIREENYAATTI GEESSURRA DEEMUU KEESSAN ITTI FUFUUF WAL JAJJABEESSAA

16, 17. Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yommuu adeemutti murtoon keenya maal ta’uu qaba? Maaliifi?

16 Namoota 33,000 mana hidhaa Zaaksanhaawuzan keessa turan keessaa namoonni kumaan lakkaa’aman du’aniiru. Haata’u malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa 230 ta’aniifi mana hidhaa sana keessaa ba’an hundi gidiraa sanarraa oolaniiru. Jajjabinniifi deggersi isaan waliif godhan, adeemsa du’aa sanarraa akka oolaniif gumaacha guddaa godheera.

17 Nuyis yeroo har’aatti ‘karaa gara jireenyaatti geessurra’ deemaa jirra. (Mat. 7:14) Dhiheenyatti namoonni Yihowaa waaqeffatan hundi tokkummaadhaan gara addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatutti adeemu. (2 Phe. 3:13) Kanaaf karaa gara jireenya barabaraatti geessurra yommuu deemnu kanatti wal jajjabeessuu keenya itti fufuuf murtoo haa goonu.

[Miiljalee]

a 1 Tasaloniiqee 5:14 (NW): “Obbolootaa warra seera malee jiraatan akka gorsitan, lubbuuwwan dhiphatan akka jajjabeessitan, warra dadhaban akka gargaartan, namoota hundumaa obsaan akka qabdan isin gorsina.”