KUUSAA KEENYA KEESSAA
‘Akkuma Qocaa Manashee Keessa Jirtuun Ture’
HAGAYYA/FULBAANA bara 1929tti, duula guyyaa sagaliif guutummaa Yuunaayitid Isteetisitti godhamerratti labsitoonni 10,000 ol ta’an hirmaatanii turan. Kitaabotaafi buukleetota 250,000 raabsaniiru. Labsitoota Mootummichaa keessaa gara kuma tokkoo kan ta’an kolportaroota turan. Lakkoofsisaanii baay’ee guddachaa ture! Barreeffamni Buleetiin * jedhamu, lakkoofsi qajeelchitootaa bara 1927 hanga 1929tti dachaa sadiin akka dabale “amanuun kan nama rakkisu” akka ta’e ibseera.
Xumura bara 1929tti kufaatiin maallaqaa mudatee ture. Guyyaa seenaa keessatti Blaak Tuusdeey jedhamee beekamutti, jechuunis Onkoloolessa 29, 1929tti kufaatiin maallaqaa Niiwu Yoorki Istook Eekischeenji ykn dhaabbata jijjiirraa maallaqaarra ga’e, addunyaan ‘Kufaatii Dinagdee Guddaa’ keessa akka galtu godhe. Manneen baankii kumaan lakkaa’aman kasaaraniiru. Qonnaan bultoonni hojiisaanii dhaabaniiru. Warshaalee gurguddaan cufamaniiru. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman hojiisaanii dhabaniiru. Akkasumas, bara 1933tti, manneen Yuunaayitid Isteetisitti liqiidhaan ijaaraman keessaa guyyaa guyyaadhaan 1,000 kan ta’an ni dhaalamu turan.
Tajaajiltoonni yeroo guutuu, yeroo rakkisaa ta’e kanatti akkamitti jiraachaa turan? Malli inni tokko mana konkolaataadhaan harkifamu keessa jiraachuu ture. Manneen kun kiraafi qaraxarraa walaba waan turaniif, qajeelchitoonni hedduun baasii xinnoodhaan tajaajilasaanii raawwachuu danda’aniiru. * Manneen kun yeroo walga’iiwwan gurguddaatti bakka bultii ta’anii tajaajilu turan. Bara 1934tti, barreeffamni Buleetiin, waa’ee mana xinnoo mijataa ta’eefi bishaan, meeshaa itti bilcheeffatan, siree dadacha’uufi mi’a ho’a qabatee tursu qabuu bal’inaan ibsee ture.
Qajeelchitoonni mala qabeeyyii ta’aniifi addunyaa maratti argaman mana konkolaataadhaan harkifamu ijaarrachuu jalqaban. Viiktar Bilaakweel, “Nohi muuxannoo bidiruu ijaaruuf isa gargaaru hin qabu ture; anis mana konkolaataadhaan harkifamu hojjechuuf beekumsas ta’e muuxannoo hin qabun ture” jedheera. Ta’us, ijaarrachuu danda’eera.
Eeviriifi Looveeniyaa Biriistoon mana konkolaataadhaan harkifamu qabu turan. Eeviriin, ‘Akkuma qocaa mannikoo yeroo hunda anaa wajjin ture’ jedheera. Biriistoofi maatiinsaa, Haarveeyiifi Aanee Koonroo warra mannisaanii konkolaataadhaan harkifamuufi keenyansaa waraqaa furdaa bishaan hin galchinerraa hojjetamee wajjin qajeelchitoota ta’anii tajaajilu turan. Yommuu konkolaataadhaan manasaanii harkisanii deeman hundatti waraqaan ni kukkufa ture. Eeviriin, “Sana duras ta’e sana booda namni mana konkolaataadhaan harkifamu akkasii argee beeku hin jiru” jedheera. Haata’u malee Eeviriin, maatii akka kan Koonroofi ijoolleesaa dhiiraa lamaanii ‘maatii gammachuu guddaa qabu matumaa argee akka hin beekne’ dubbateera. Haarveey Koonroon, “Yihowaa yommuu tajaajillutti eegumsaafi kunuunsasaa argachaa akka jirru waan nutti dhaga’amuuf, homtuu nutti hin hir’anne” jechuudhaan barreessera. Yeroo booda Koonroofi maatiinsaa Mana Barumsaa Giil’aaditti erga leenji’anii booda misiyoonota ta’anii Peeruutti ramadamanii turan.
Maatiin Baataayinoo qajeelchitoota turan. Jastoofi Viinsanzaan ijoollee godhachuuf akka jedhan akkuma beekaniin konkolaataasaanii Foord jedhamuufi bara 1929tti hojjetame gurguruudhaan mana konkolaataadhaan harkifamuufi manasaanii kanaan duraa wajjin yommuu walbira qabamu “hoteela gaarii fakkaatu”
bitatan. Intalasaanii ishee xinnoo wajjin tajaajila isa baay’ee jaallatan kan itti fufan yommuu ta’u, namoota lammii Xaaliyaanii ta’aniifi Yuunaayitid Isteetis jiraataniif lallabuu jalqaban.Namoonni hedduun misiraachicha kan fudhatan ta’us, warri hojii hin qabneefi harka qalleeyyii ta’an barreeffamoota fudhataniif buusii qarshii gochuu hin danda’an turan. Kanaa mannaa, barreeffama fudhataniif mi’a addaddaa kennu turan. Qajeelchitoonni lama mi’a garaagaraa namoonni fedhii qaban isaaniif kennan 64 galmeessaniiru. Galmeensaanii “akkuma galmee maqaa meeshaalee biyyi tokko qabu qabatee jiruuti.”
Qonnaan bulaa kitaabota keenya barbaadu tokko, Fireed Andarsanii wajjin yommuu wal argetti fullee ijaa haadhasaa isaaf kennuudhaan kitaabota sana fudhate. Qonnaan bulaan garabiraanimmoo barreeffamoota keenya fudhachuu kan barbaade ta’us, “Fullee ijaa ittiin dubbisu hin qabu” isaan jedhe. Haata’u malee, fullee ijaa ollaansaa Andarsaniif kennetti fayyadamuudhaan kitaabota kana akka gaaritti dubbisuu kan danda’e yommuu ta’u, barreeffamootaafi fullee ijaa sanaaf gammachuudhaan buusii godheera.
Harbarti Aboot konkolaataasaarratti mana indaanqoo fe’ee deema ture. Indaanqoo sadii ykn afur erga bitee booda gabaatti geessee gurguruudhaan konkolaataasaatiif boba’aa bita. “Yeroon qarshii itti dhabnu jira ture. Ta’us, kun tajaajila keenya akka nu dhaabsisu hin heyyamne. Yihowaatti amanamuudhaan, konkolaataan keenya boba’aa hanga qabutti tajaajiluu keenya itti fufna turre” jechuudhaan barreesseera.
Sabni Yihowaa yeroo sana turan amanannaa kan qabaniifi gara kuteeyyii ta’uunsaanii, yeroo rakkisaa ta’e sanatti jabaatanii dhaabachuuf isaan dandeessiseera. Bokkaa cimaan tokko yommuu roobetti mukni mana Maaksiweeliifi Eemii Luwiis isa konkolaataadhaan harkifamurratti kufee iddoo lamatti kan hire si’a ta’u isaan garuu oolaniiru. Maaksiweel, “Wantoonni kun wantoota jireenya keenya keessatti nu muudatanidha; ta’us gufuu nutti hin taane. Waa’een abdii kutachuu matumaa sammuu keenyatti dhufee hin beeku. Hojiin hojjetamu hedduun kan jiru si’a ta’u, nuyis hojii kana hojjechuu barbaanna” jechuudhaan barreesseera. Maaksiweeliifi Eemiin, ija jabinaafi gargaarsa michootasaaniirraa argataniin manasaanii isa konkolaataadhaan harkifamu deebisanii hojjechuu danda’aniiru.
Yeroo har’aa rakkisaa ta’e kana keessattis, Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonaan lakkaa’amaniifi hinaaffaa qaban amala fedhii ofii aarsaa gochuu argisiisaa jiru. Hunda caalaammoo, akkuma qajeelchitoota durii nutis hanga Yihowaan hojichi xumurameera jedhutti lallabuu keenya itti fufuuf murteessineerra.