Mootummichaaf Aarsaa Ni Kaffaltuu?
“Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.”—2 QOR. 9:7.
1. Namoonni baay’een aarsaa akkamii kaffalu? Maaliif?
NAMOONNI wantoota isaaniif iddoo guddaa qabaniif fedhiidhaan aarsaa ni kaffalu. Warra kan ta’an, faayidaa ijoolleesaaniitiif jecha, yeroo, qarshiifi humnasaanii aarsaa godhu. Dargaggoonni biyyasaanii bakka bu’uudhaan dorgommii Olompiikiirratti hirmaachuuf hawwii qaban, yommuu hiriyoonnisaanii tapha ykn wanta gammachuu isaaniif argamsiisurratti hirmaatan, isaan garuu guyyaa guyyaadhaan shaakalaafi leenjiirratti sa’aatii dheeraa dabarsu. Yesusis wantoota isaaf iddoo guddaa qabaniif aarsaa kaffaleera. Jireenya qananii hin barbaanne, akkasumas ijoollee hin godhanne. Kanaa mannaa, fedhii Mootummichaa babal’isuurratti xiyyeeffateera. (Mat. 4:17; Luq. 9:58) Duuka buutonnisaas Mootummaa Waaqayyoo deggeruuf waan baay’ee godhaniiru. Mootummicha babal’isuun isaaniif wanta kamirrayyuu kan caalu waan ta’eef, hamma danda’an Mootummicha guutummaatti deggeruuf aarsaa kaffalaniiru. (Mat. 4:18-22; 19:27) Kanaaf, ‘Jireenyakoo keessatti wanta akkamiitiifan iddoo guddaa kenna?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.
2. (a) Aarsaawwan Kiristiyaanonni hundi kaffaluu qaban kamfa’i? (b) Obboloonni tokko tokko aarsaawwan dabalataa akkamii gochuu danda’aniiru?
2 Aarsaawwan tokko tokko, aarsaa Kiristiyaanonni dhugaan hundi kaffaluu qaban si’a ta’an, Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuufi hariiroo kana jabeeffachuufis baay’ee barbaachisoodha. Aarsaawwan kun, kadhannaa dhiheessuu, Macaafa Qulqulluu dubbisuu, waaqeffannaa maatii gochuu, walga’iirratti argamuufi tajaajila ba’uuf dhuunfaadhaan yeroo ramaduu kan dabalatanidha. * (Iya. 1:8; Mat. 28:19, 20; Ibr. 10:24, 25) Carraaqqii keenyaafi eebba Yihowaatiin, hojiin lallabaa babal’achaa kan jiru si’a ta’u, namoonni hedduun gara ‘tulluu mana qulqullummaa Waaqayyootti’ yaa’uusaanii itti fufaniiru. (Isa. 2:2) Obboloonni baay’een, Bet’el keessa tajaajiluu, ijaarsa Galma Mootummaafi Galma Walga’iiwwan Gurguddaarratti hirmaachuu, walga’iiwwan gurguddaa qindeessuu ykn gargaarsa yeroo balaan uumamaa ga’u godhamurratti hirmaachuudhaan Mootummicha deggeruuf aarsaa kaffalu. Jireenya barabaraa argachuuf aarsaa dabalataa akkasii gochuun murteessaa ta’uu baatus, Mootummicha deggeruuf baay’ee barbaachisaadha.
3. (a) Mootummichaaf yommuu aarsaa kaffallu faayidaa akkamii arganna? (b) Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?
3 Yeroo har’aa isa yeroo kamiiyyuu caalaa Mootummicha deggeruun baay’ee barbaachisaadha. Obboloonni hedduun fedhasaaniitiin Yihowaadhaaf aarsaa kaffalaa akka jiran arguun baay’ee nama gammachiisa! (Faarfannaa 54:6 dubbisi.) Yeroo dhufa Mootummaa Waaqayyoo itti eeggachaa jirru kanatti, arjummaa akkasii argisiisuun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. (Kes. 16:15; HoE. 20:35) Kanaaf, hundi keenya, sirriitti of qoruu qabna. Karaawwan Mootummichaaf aarsaa dabalataa kaffaluu itti dandeenyu qabnaa? Yeroo, qarshii, humnaafi dandeettii keenyatti fayyadamaa kan jirru akkamitti? Aarsaa yommuu goonu maalfaa dagachuu hin qabnu? Fakkeenya fedhiidhaan kakaanee aarsaa kaffaluudhaan gammachuu dabalataa argachuuf nu gargaaru haa ilaallu.
AARSAAWWAN ISRAA’ELOONNI DURII DHIHEESSAA TURAN
4. Israa’eloonni aarsaawwan dhiheessanirraa faayidaa akkamii argatu turan?
4 Aarsaan sabni Israa’el bara duriitti dhiheessaa turan, dhiifama cubbuu argachuuf baay’ee barbaachisaa ture. Sabni sun Yihowaa duratti fudhatama argachuuf aarsaa dhiheessuu qabu turan. Aarsaawwan kana keessaa tokko tokko akka dhiheessan kan isaanirraa eegamu ennaa ta’u, kaanimmoo fedhaan kan dhihaatu ture. (Lew. 23:37, 38) Qalmi gubamu, aarsaa fedhiidhaan ykn akka kennaatti Yihowaadhaaf dhihaatu ture. Aarsaawwan Yihowaadhaaf akka kennaatti dhihaatan keessaa inni tokko, aarsaa yeroo manni qulqullummaan Solomoon ijaare eebbifametti dhihaatedha.—2 Sen. 7:4-6.
5. Yihowaan namoonni harka qalleeyyii ta’an aarsaa dhiheessuu akka danda’aniif qophii akkamii godhe?
5 Yihowaan namni hundi walqixa kennuu akka hin dandeenye waan beekuuf, namni tokko akka dandeettiisaatti akka kennu barbaada. Seerri Yihowaan kenne, dhiigni horii aarsaa ta’ee dhihaatu akka dhangala’u ajaja. Aarsaawwan kun “gaadidduu wanta gaggaarii” karaa Yesus ‘dhufuuf jiraniiti.’ (Ibr. 10:1-4) Haata’u malee, Yihowaan seera kana hojiirra kan oolchu karaa sababa qabeessa ta’eenidha. Fakkeenyaaf, namni saawwa ykn bushaayee kennuu hin dandeenye tokko gugee horaa yoo kenne Waaqayyo kennaasaa kana ni fudhata. Kanaaf, namni harka qalleessa ta’ellee gammachuudhaan Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu danda’a. (Lew. 1:3, 10, 14; 5:7) Horiiwwan aarsaadhaaf dhiheeffaman garaagara yoo ta’anis, nama fedhiidhaan aarsaa dhiheessu tokkorraa wantoonni barbaadaman lama jiru.
6. Nama aarsaa dhiheessurraa maaltu eegama? Ulaagaalee isarraa eegaman hojiirra oolchuunsaa hammam barbaachisaadha?
6 Tokkoffaa, namni tokko wanta qabu keessaa isa filatamaa kennuu qaba. Yihowaan, aarsaan sabichi dhiheessu ‘fudhatama akka argatuuf’ mudaa kan hin qabne ta’uu akka qabu isaanitti himeera. (Lew. 22:18-20) Horiin aarsaa ta’ee dhihaatu sun mudaa qaba taanaan Yihowaa duratti fudhatama hin argatu. Lammaffaa, namni aarsaa sana kennu qulqulluufi xurii kan hin qabne ta’uu qaba. Namni tokko qulqulluu miti taanaan, aarsaa kennaa dhiheessuusaa dura Yihowaa duratti deebisee fudhatama argachuuf aarsaa cubbuu ykn aarsaa yakkaa dhiheessuu qaba. (Lew. 5:5, 6, 15) Haalli kun dhimma akka salphaatti ilaalamu hin turre. Yihowaan namni qulqulluu hin taane tokko aarsaa araaraa isa fedhiidhaan dhihaaturraa yoo nyaate, sabasaa gidduudhaa akka balleeffamu dubbatee ture. (Lew. 7:20, 21) Karaa garabiraammoo, namni sun Yihowaa wajjin hariiroo gaarii kan qabuufi aarsaa mudaa hin qabne kan dhiheessu yoo ta’e, eebbaafi gammachuu guddaa argata.—1 Seenaa 29:9 dubbisi.
AARSAA YEROO HAR’AATTI DHIHAATU
7, 8. (a) Obboloonni baay’een Mootummichaaf aarsaa gochuudhaan gammachuu akkamii argataniiru? (b) Wantoota Yihowaadhaaf aarsaa goonu akkamii qabna?
7 Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni yeroo har’aa jiran hedduun, tajaajila Yihowaatiif fedhaan kan of dhiheessan si’a ta’u, Yihowaanis kanatti ni gammada. Obboloota keenya tajaajiluun eebba nuuf argamsiisa. Obboleessi ijaarsa Galma Mootummaafi warra balaa uumamaatiin miidhaman gargaaruurratti hirmaatu tokko, tajaajila akkasiirratti hirmaachuunsaa gammachuu guddaa akka isaaf argamsiise dubbateera. Akkas jedheera: “Obboloonni, Galmi Mootummaa haaraan yommuu isaaniif ijaaramu ykn balaa uumamaa tokko booda gargaarsi yommuu isaaniif godhamu gammachuufi dinqisiifannaa isaanitti dhaga’amu arguun, hojiin hojjetamaa jiruufi carraaqqiin godhamaa jiru kan nama hin gaabbisiisne ta’uusaa mirkaneessa.”
8 Yeroo har’aa jaarmiyaan Yihowaa carraa argatu hundatti fayyadamuudhaan hojii Yihowaa deggera. Bara 1904tti, Obboleessi keenya Raasil akkas jechuudhaan barreessee ture: “Namni hundi, yeroo, humna, qarshiisaafi k.k.f. sirriitti akka qabuuf akka Gooftaan isa muudetti of ilaaluu qaba. Akkasumas, hamma danda’etti wantoota kanatti haala Gooftaadhaaf ulfina fiduun fayyadamuuf yaalii gochuu qaba.” Yihowaadhaaf aarsaa 2 Sam. 24:21-24) Kanaaf, wantoota qabnutti karaa gaarii ta’een fayyadamuudhaan Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu ni dandeenyaa?
dhiheessuun, fedhii ofii aarsaa gochuu kan gaafatu ta’us, eebba hedduu argamsiisa. (9. Yeroo qabnutti fayyadamuu ilaalchisee, seera bu’uuraa Yesus Luqaas 10:2-4rratti kenne kam hojiirra oolchuu dandeenya?
9 Yeroo keenya. Barreeffamoota keenya hiikuufi maxxansuun, bakka waaqeffannaa ijaaruun, walga’iiwwan gurguddaa qindeessuun, obboloota balaan irra ga’e gargaaruufi hojiiwwan barbaachisoo ta’an kaanirratti hirmaachuun yeroo hedduufi carraaqqii cimaa gaafata. Hundi keenya guyyaa tokko keessatti sa’aatii murtaa’aa ta’e qofa qabna. Haata’u malee, Yesus, seera bu’uuraa yeroo qabnutti ogummaadhaan fayyadamuuf nu gargaaru nuu kenneera. Bartootasaa gara tajaajilaatti ennaa erge, ‘karaarratti eenyuunillee nagaa akka hin gaafanne’ isaanitti himee ture. (Luq. 10:2-4) Yesus abboommii akkasii kan isaaniif kenne maaliifi? Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko akkas jechuudhaan ibseera: “Namoonni naannoo Baha Fagoo jiraatan nagaa kan wal gaafatan akka keenya xinnuma gad jechuudhaan ykn harka wal qabuudhaan utuu hin ta’in, irra deddeebi’anii wal hammachuu, dugdaa gad jechuufi lafaatti gad gombifamuudhaan ture. Kana hunda gochuunimmoo yeroo dheeraa kan fudhatudha.” Yesus yommuu akkas jedhu duuka buutonnisaa amala hin taane akka argisiisan jajjabeessuusaa hin turre. Kanaa mannaa, yeroo muraasa qofa akka qabaniifi yeroo qaban kana keessaa gara caalaasaa wantoota caalaatti barbaachisaa ta’anirra oolchuun barbaachisaa ta’uusaa akka hubatan isaan gargaaruusaa ture. (Efe. 5:16) Yeroo hojii Mootummichaa caalaatti deggeruuf nu gargaaru argachuu akka dandeenyuuf, seera bu’uuraa kana hojiirra ni oolchinaa?
10, 11. (a) Karaawwan buusiin hojii addunyaa maraatiif godhamu hojiirra itti oolu tokko tokko kamfa’i? (b) Buusii gochuu ilaalchisee seerri bu’uuraa 1 Qorontos 16:1, 2rra jiru kan nu gargaaru akkamitti?
10 Qarshii keenya. Hojii Mootummichaa deggeruuf qarshii hedduun ni barbaachisa. Wanta daawwattoota olaanaa, qajeelchitoota addaafi misiyoonotaaf barbaachisu guutuuf waggaa waggaadhaan doolaara miliyoona kudhanitti lakkaa’amutu baasii ta’a. Bara 1999 eegalee, biyyoota galiin isaanii xiqqaa ta’e keessatti Galmi Mootummaa 24,500 ol ta’u ijaarameera. Ta’us, ammayyuu dabalataan Galma Mootummaa 6,400 ta’utu barbaachisa. Ji’a ji’aan Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! miliyoona 100 ta’utu maxxanfama. Wantoonni kun hundi buusii isin fedhaan gootaniin hojjetamu.
11 Phaawulos ergamaan buusii ilaalchisee seera bu’uuraa hordofuu qabnu ibseera. (1 Qorontos 16:1, 2 dubbisi.) Obboloonni gumii Qorontos keessa turan, wanta isaaniif hafe baruuf hamma dhuma torbaniitti eeguu mannaa, hamma buusii gochuu danda’an jalqaba torbaniirratti akka murteessan hafuuraan geggeeffamee isaan jajjabeesseera. Akkuma jaarraa jalqabaa, obboloonni yeroo har’aa jiranis, hamma humnasaanii buusii gochuuf dursanii karoora baafatu. (Luq. 21:1-4; HoE. 4:32-35) Yihowaan kennaa akkasiitiif iddoo guddaa kenna.
12, 13. Namoonni tokko tokko humnaafi dandeettii qaban hojii Yihowaatiif oolchuu akka hin dandeenye kan isaanitti dhaga’amu maaliifi? Haata’u malee Yihowaan kan isaan gargaaru akkamitti?
12 Humnaafi dandeettii keenya. Humnaafi dandeettii keenyaan Mootummicha deggeruuf carraaqqii ennaa goonu Yihowaan nu gargaara. Yihowaan yommuu dadhabnu akka nu gargaaru waadaa nuuf galeera. (Isa. 40:29-31) Dandeettiin nuti qabnu hojicha deggeruuf ga’aa akka hin taane nutti dhaga’amaa? Namoonni nu caalaa dandeettii qaban akka jiran nutti dhaga’amaa? Yihowaan akkuma Bazaali’eliifi Aholiiyabiif godhe, dandeettii uumamaan qabnu nuuf cimsuu akka danda’u yaadadhaa!—Bau. 31:1-6; fakkii jalqabarra jiru ilaali.
13 Yihowaan wanta qabnu keessaa isa gaarii ta’e kennuurraa duubatti akka hin jenne nu jajjabeesseera. (Fak. 3:27) Yihudoonni Yerusaalem keessa turan, mana qulqullummaa yommuu deebisanii ijaaraa turanitti, Yihowaan hojicha ilaalchisee maal gochaa akka jiran akka irratti xiinxalan isaanitti himeera. (Hag. 1:2-5) Yaannisaanii waan hihhirameef hojicharratti xiyyeeffachuu hin dandeenye turan. Nutis wanti dursa kenninuuf wanta Yihowaan dursa kennuufii wajjin tokko ta’uufi dhiisuusaa irratti yaaduu qabna. Guyyoota gara dhumaa kana keessatti, hojii Mootummichaarratti caalaatti hirmaachuuf, ‘wanta nurra ga’aa jiru ilaaluu’ ni dandeenyaa?
HANGA HUMNA KEENYAA AARSAA GOCHUU
14, 15. (a) Aarsaan obboloonni keenya galii muraasa qaban kaffalan kan nu jajjabeessu akkamitti? (b) Hawwiin keenya maal ta’uu qaba?
14 Namoonni hedduun biyyoota rakkinniifi hiyyumni itti baay’atu keessa jiraatu. Jaarmiyaan keenya, qaawwa obboloonni keenya biyyoota akkasii keessa jiraatan qaban “duuchuuf” jabinaan hojjechaa jira. (2 Qor. 8:14) Haata’u malee, obboloonni biyyoota galiinsaanii xiqqaa ta’e keessa jiraatanillee, carraa kennuuf qaban akka mirga guddaatti ilaalu. Namoonni harka qalleeyyii ta’an, fedhaan yommuu kennan Yihowaan baay’ee gammada.—2 Qor. 9:7.
15 Biyya Afriikaatti argamtuufi baay’ee hiyyeettii taate tokko keessatti, obboloonni tokko tokko ooyiruusaaniirraa muraasa qoodanii irratti oomishuudhaan qarshii gurguranii argatan hojii Mootummichaaf buusii godhu. Biyyuma kana keessatti, Galma Mootummaa baay’ee barbaachisu tokko ijaaruuf karoorri ba’ee ture. Yeroo kanatti obboloonni biyyattii keessatti argaman gargaarsa gochuuf fedhii argisiisanii turan. Haata’u malee, Galmi Mootummaa sun kan ijaaramu tibba isaan midhaan facaasanitti ture. Ta’us, hojicharratti hirmaachuudhaaf murteessanii waan turaniif, guyyaa guyyaa ijaarsa Galma Mootummaarratti hirmaachuudhaan, galgala galgalammoo midhaansaanii dhaqanii facaasu turan. Kun fedhii ofii aarsaa gochuusaanii akka gaariitti kan argisiisu ture! Kana malees, Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti biyya Maqedooniyaa keessa turanis kan nu yaadachiisudha. Kiristiyaanonni sun, ‘deegnisaanii baddu baasa yoo ta’eyyuu,’ hojii yeroo sana hojjetamaa turerratti gargaarsa gochuuf kadhatanii turan. (2 Qor. 8:1-4) Nutis ‘akka eebba Waaqayyo nuuf kennetti, adduma addaan haa kenninu.’—Keessa Deebii 16:17 dubbisi.
16. Aarsaan dhiheessinu Yihowaa duratti fudhatama akka argatu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti?
16 Haata’u malee, of eeggannoon gochuu qabnu jira. Akkuma Israa’el durii, kennaan keenya Waaqayyo biratti fudhatama qabaachuufi dhiisuusaa mirkaneeffachuu qabna. Maatii keenya kunuunsuufi Yihowaa waaqeffachuun itti gaafatamummaa keenya isa jalqabaa ta’uusaa dagachuu hin qabnu. Yeroofi qabeenya keenya warra kaan gargaaruuf oolchuun keenya, wanta karaa hafuuraas ta’e karaa qaamaa maatii keenyaaf barbaachisu dagachuuf sababa ta’uu hin qabu. Akkas gochuun keenya, nama wanta hin qabne kennu nu godha. (2 Qorontos 8:12 dubbisi.) Kana malees, karaa hafuuraa of kunuunsuun keenya barbaachisaadha. (1 Qor. 9:26, 27) Seera Macaafa Qulqulluu eegnee yoo jiraanne, kennaan keenya gammachuu guddaa kan nuuf argamsiisu ta’uusaarrayyuu, Yihowaa duratti “fudhatama” akka argatu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.
AARSAAN DHIHEESSINU GATII GUDDAA QABA
17, 18. Obboloota hojii Mootummichaarratti hirmaachuuf aarsaa kaffalan ilaalchisee maaltu nutti dhaga’ama? Hundi keenya maalirratti xiinxaluu qabna?
17 Obboloonni keenya baay’een, hojii Mootummichaaf deggersa barbaachisu gochuuf jecha, ‘aarsaa qalmaa akka dhibaayyuutti lolaafamu godhanii of dhiheessaniiru.’ (Filp. 2:17) Obboloota amala fedhii ofii aarsaa gochuu akkasii argisiisan garaadhaa dinqisiifanna. Haadhotii manaafi ijoollee obboloota adda durummaadhaan fedhii Mootummichaa raawwachuurratti hirmaataniis, amala fedhiisaanii aarsaa gochuu argisiisaniif isaan galateeffanna.
18 Hojii Mootummichaa deggeruuf caalaatti jabaatanii hojjechuun barbaachisaadha. Hundi keenya hamma humna keenyaa hirmaannaa goonu guddisuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e kadhannaadhaan irratti haa xiinxallu. Yoo akkas goone, ammas ta’e “bara dhufutti” ykn gara fuulduraatti eebba guddaa akka argannu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Mar. 10:28-30.
^ key. 2 Mataduree, “Garaa Guutuudhaan Yihowaadhaaf Aarsaa Dhiheessaa” jedhuufi Masaraa eegumsaa Amajjii 15, 2012, fuula 21-25rratti argamu ilaali.