Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristiyaanota Wal Hiikan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Kiristiyaanota Wal Hiikan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Hiriyoota gaaʼelaa wal hiikan hedduu beekta taʼa. Kun kan taʼe yeroo harʼaa wal hiikuun baramaa waan taʼeefidha. Fakkeenyaaf qorannoon Poolaanditti geggeeffame tokko, namoonni umrii waggoota 30⁠nii keessatti argaman, gaaʼela godhatanii waggaa sadii hanga jaʼaa erga waliin jiraatanii booda akka wal hiikan ibsa; kan wal hiikan garuu namoota umrii kana keessatti argaman qofa miti.

Dhaabbanni Qajeelcha Maatii Ispeenitti argamu, “[Awurooppaatti] namoota gaaʼela dhaabbatan keessaa walakkaansaanii akka wal hiikan qorannaa godhamerraa hubachuun ni dandaʼama” jechuudhaan gabaaseera. Biyyoota guddatan kaan keessattis haallisaa kanarraa adda miti.

MIIRA ADDADDAA

Sababiin dhimma baramaa taʼe kanaa maalidha? Dubartiin Baha Awurooppaa keessatti gaaʼelarratti gorsa kennuudhaan muuxannoo qabdu tokko, “Wal hiikuun rakkinni uumame, jechuunis michummaan addaan citeefi miidhaan miiraa hiriyoota gaaʼelaa addaan baʼanirra gaʼe seera duratti akka beekamu godha” jechuudhaan dubbatteetti. Itti dabaluudhaan, namoonni sun erga wal hiikanii booda, “aariin, gaabbiin, gaddi, abdii kutachuuniifi qaaniin akka obomboleettii humna guddaa qabuutti isaanirratti akka wal gaʼu” dubbatteetti. Kunimmoo siʼa tokko tokko of ajjeesuuf akka yaadan isaan godha. Dubartiin kun itti fufuudhaan, “Manni murtii akkasaan wal hiikan erga murteessee booda rakkinni uumamu garabiraanis jira. Gatii akka hin qabne kan isaanitti dhagaʼamu taʼuusaarrayyuu namarraa fagaatu. Akkasumas, ‘Amma hiriyaa gaaʼelaakoo hiikeera, egaa kana booda gatii maaliin qaba? Jireenyikoo kaayyoo maalii qaba?’ jedhanii yaaduu jalqabu” jechuudhaan dubbatteetti.

Iivaan waggoota muraasa dura miira isheetti dhagaʼamee ture yaadachuudhaan, “Erga wal hiiknee booda, ollaawwaniifi namoonni ani wajjin hojjedhu ‘hiikamtuu’ jedhanii akka na waaman ennaan yaadu qaanii guddaatu natti dhagaʼame. Baayʼee aareen ture. Ijoollee xixinnoo lama waanan qabuuf abbaas haadhas isaaniif taʼuutu narraa eegama ture” jetteetti. * Addaam inni jaarsa gumii taʼuudhaan waggoota 12f tajaajile, “Yeroo sanatti baayʼee aaree waanan tureef ofan jibbe, akkasumas namarraa fagaachuun filadhan ture” jechuudhaan dubbateera.

WALʼAANSOO ILAALCHA SIRRII QABAACHUUF GODHAMU

Namoonni tokko tokko, waaʼeen jireenyasaanii gara fuulduraa waan isaan yaaddessuuf, wal hiikanii waggoota hedduu boodallee ilaalcha sirrii ofiif qabaachuuf walʼaansoo cimaa godhu. Namoonni kaan akka dhimmasaanii hin qabne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kana malees, dubartiin barreessituu gaazexaa taate tokko akka ibsitetti, namoonni kun, “wantoota duraan baranirratti jijjiirama gochuufi rakkoowwan isaan mudatan dandaʼanii jiraachuu barachuu qabu.”

Istaaniislaaf wanta isa mudatee ture yaadachuudhaan, “Yeroo wal hiiknetti, haati manaakoo ijoolleekoo durbaa lamaanii wajjin akkan wal hin argine gootee turte. Kunimmoo namni naa yaadu tokkollee akka hin jirreefi Yihowaanillee akka na dagatee akka natti dhagaʼamu godheera. Jireenyiyyuu na jibbisiisee ture. Yeroo booda garuu ilaalchikoo kun dogoggora akka taʼen hubadhe” jedheera. Dubartiin abbaa manaashee wajjin wal hiikteefi Vaandaa jedhamtu tokkos jireenyi itti dukkanaaʼee akka ture ennaa ibsitu, “Yeroo booda namoota hidhata amantiikoo taʼan dabalatee namni hundi anaafis taʼe ijoollee kootiif akka hin yaadne natti dhagaʼamee ture. Haataʼu malee, amma ijoolleenkoo Yihowaa waaqeffachuudhaan akka guddatan gochuuf yommuun carraaqqii godhu, obboloonni deggersa akka naaf godhan arguu dandaʼeera.”

Kanarraa hubachuun akka dandaʼamutti hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko erga wal hiikanii booda miira hin taanetu isaanitti dhagaʼamuu jalqaba. Gatii kan hin qabneefi xiyyeeffannaan kan isaaniif hin malle godhanii waan yaadaniif ilaalcha sirrii hin taane ofiif qabaatu. Kana malees, namoota naannoosaanii jiran ceephaʼuu jalqabuu dandaʼu. Kunimmoo obboloonni gumii keessa jiran dhimmasaanii kan hin qabneefi kan isaaniif hin yaadne akka taʼan godhanii yaaduu akka jalqaban gochuu dandaʼa. Taʼus, muuxannoo kan akka Istaaniislaafiifi Vaandaarraa hubachuun akka dandaʼamutti namoonni wal hiikan, obboloonni gumii keessa jiran akka isaaniif yaadan yeroo booda hubachuu dandaʼu. Obboloonni hedduun gargaarsi isaan godhan jalqabarratti yoo hubatamuu baateyyuu, gargaarsa gochuurraa duubatti hin jedhan.

KOPHAA AKKA TAʼANIIFI AKKA JIBBAMAN YEROO ITTI DHAGAʼAMU

Obboloonni hidhata amantii keenyaa taʼaniifi wal hiikan, isaan gargaaruuf carraaqqii akkamii yoo goonellee kophummaan isaanitti dhagaʼamuunsaa akka hin oolle hin dagatinaa. Keessumaa obboleettonni hiriyaa gaaʼelaasaanii wajjin wal hiikan namni isaaniif yaadu akka hin jirre isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Alasiyaan akkas jetteetti: “Abbaa manaakoo wajjin ergan wal hiikee waggaan saddeet darbeera. Taʼus, ammayyuu yeroo tokko tokko gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama. Yeroo kanatti, kophaa taʼuun barbaada, booʼi! booʼi! na jechisiisa, akkasumas gadda guddaatu natti dhagaʼama.”

Miirri olitti caqasame miira beekamaa nama hiriyaa gaaʼelaasaa hiiketti dhagaʼamu taʼus, Macaafni Qulqulluun namarraa adda of baasuun sirrii akka hin taane gorsa. Gorsa kanarraa haala faallaa taʼeen tarkaanfii fudhachuun ‘ogummaa isa guutuu taʼe’ mormuu namatti taʼa. (Fak. 18:1) Haataʼu malee, namni miirri kophummaa itti dhagaʼamaa jiru, yeroo hundumaa nama saala faallaa qaburraa gorsa ykn jajjabina barbaaduun ogummaa akka hin taane hubachuu qaba. Kanaaf, wanta jaalala sirrii hin taane nama keessatti uumurraa fagaachuun barbaachisaadha.

Obboloonni keenya hiriyoota gaaʼelaasaanii wajjin wal hiikan waaʼee jireenyasaanii isa gara fuulduraa dhiphachuufi kophummaa ykn miira fudhatama akka hin qabne isaanitti dhagaʼamu dabalatee miira rakkisaa taʼe addaddaatiif saaxilamuu dandaʼu. Miirri akkasii isaanitti dhagaʼamuunsaa sirrii akka taʼeefi moʼuun ulfaataa akka taʼe hubachuun keenya, fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan obboloota kanaaf deggersa barbaachisaa taʼe gochuuf nu kakaasuu qaba. (Far. 55:22; 1 Phe. 5:6, 7) Gargaarsi nuti isaaniif goonu kamiyyuu iddoo guddaa akka qabu irraanfachuu hin qabnu. Dhugumayyuu obboloonni kun michoota dhugaa gumii keessatti argamanirraa gargaarsa argachuu dandaʼu!—Fak. 17:17, NW; 18:24.

^ key. 6 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru