“Yaada Garaa Keessanii Wanta Waaqa Irra Jirutti Hidhaa”
“Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa!”—QOL. 3:2.
1, 2. (a) Gumiin jaarraa jalqabaatti Qolosaayis keessa ture balaadhaaf saaxilame akka ture wanti argisiisu maalidha? (b) Obboloonni Qolosaayis keessa turan jabaatanii akka dhaabataniif gorsa akkamiitu isaaniif kenname?
GUMIIN Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti Qolosaayis keessa ture balaadhaaf saaxilamee ture! Obboloonni gumicha keessa turan tokko tokko, barumsa Seera Musee hordofuu keenya itti fufuu qabna jedhu babalʼisuudhaan gargar baʼuun akka uumamu gochaa turan. Kaanimmoo namoonni gadadoodhaan jiraachuu qabu jechuudhaan, falaasama warra Waaqayyotti hin amannee babalʼisaa turan. Phaawulos, warri Qolosaayis keessa jiran akka of eeggatan jajjabeessuuf, barsiisa sobaa kana mormuudhaan, akkas jedhee xalayaa nama jajjabeessu barreessee ture: “Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin taʼin, yaada mataa isaa keessaa baʼee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti [akka wantoota addunyaan kun ittiin geggeeffamuutti, NW] isin hin boojiʼin; kana hundumaattiis of eeggadhaa!”—Qol. 2:8.
2 Kiristiyaanonni dibamoon yeroo sana turan ‘wantoota addunyaan kun ittiin geggeeffamurratti’ xiyyeeffataniiru utuu taʼee, qophii fayyinaa Yihowaan godhe fudhachuu diduu isaanitti taʼa Qol. 2:20-23) Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban akka eeggataniif, Phaawulos, “Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa!” jechuudhaan isaan gorseera. (Qol. 3:2) Eeyyee, obboloonni Kiristos abdii jireenya hin duune dhaaluu, ‘waaqarra isaaniif kaaʼame’ yeroo hunda yaadachuu qabu turan.—Qol. 1:4, 5.
ture. (3. (a) Kiristiyaanonni dibamoon abdii akkamii qabu? (b) Mataduree kana keessatti gaaffilee kamfaa qorra?
3 Kiristiyaanonni dibamoon yeroo harʼaa jiranis, yaadasaanii Mootummaa Waaqayyoo isa samiifi abdii ‘waan Kiristos argatu hundumaa isaa wajjin argachuuf’ qabanitti hidhaniiru. (Rom. 8:14-17) Waaʼee warra lafarra jiraachuuf abdii qabaniihoo maal jechuu dandeenya? Gorsi Phaawulos isaaniif kan hojjetu akkamitti? ‘Hoolonni kan biraan’ yaadasaanii “wanta waaqa irra jirutti” hidhuu kan dandaʼan karaa kamiini? (Yoh. 10:16) Abrahaamiifi Museen rakkinni garaagaraa isaanirra gaʼus wantoota waaqarra jiranitti yaadasaanii hidhaniiru. Fakkeenyasaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
YAADA KEENYA WANTA WAAQARRA JIRUTTI HIDHUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
4. Hoolonni kan biraan yaadasaanii wanta waaqarra jirutti hidhuu kan dandaʼan akkamitti?
4 Hoolonni kan biraan samiirra jiraachuuf abdii kan hin qabne taʼus, yaadasaanii wanta waaqarra jirutti hidhuu ni dandaʼu. Akkamitti? Jireenyasaanii keessatti Yihowaafi Mootummichaaf dursa kennuudhaani. (Luq. 10:25-27) Gama kanaan Kiristos fakkeenya gaarii nuu taʼa. (1 Phe. 2:21) Akkuma obboloota jaarraa jalqabaatti turanii, sirna Seexanaa kana keessatti barumsi sobaa, falaasamni addunyaa kanaa, akkasumas jaalalli qarshii dhiibbaa nurraan geessisa. (2 Qorontos 10:5 dubbisi.) Akka nama fakkeenya Yesus hordofu tokkootti, wantoota walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnurratti miidhaa geessisan akkasiirraa fagaachuu qabna.
5. Ilaalcha qarshiidhaaf qabnu qoruu kan dandeenyu akkamitti?
5 Ilaalchi addunyaan kun qarshiidhaaf qabu jireenya keenyarratti dhiibbaa geessisaa jiraa? Wanti jaallannu yeroo baayʼee yaadaafi gocha keenyaan beekama. Yesus, “Garaan kee lafa badhaadhummaan kee jirutti hidhama” jedheera. (Mat. 6:21) Garaan keenya maalirratti akka xiyyeeffate beekuuf yeroo yerootti of qoruun keenya gaariidha. ‘Wantoota qarshii wajjin wal qabatan irratti yaaduudhaan yeroo hammamiin dabarsa? Waaʼee hojii gaarii argachuu yaaduudhaan ykn jireenya qananii jiraachuuf carraaqqii gochuudhaan yeroo hedduun dabarsaa? Moo ija wantoota hafuuraarratti xiyyeeffatu qabaachuufan carraaqa?’ jechuudhaan of gaafadhaa. (Mat. 6:22) Yesus, warri ‘lafarratti badhaadhummaa walitti qabachuuf’ dursa kennan, karaa hafuuraa balaadhaaf akka of saaxilan dubbateera.—Mat. 6:19, 20, 24.
6. Walʼaansoo fedhii foonii wajjin goonu moʼuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Foon keenya inni cubbamaan wantoota miira keenya gammachiisanirratti akka xiyyeeffannu barbaada. (Roomaa 7:21-25 dubbisi.) Hafuurri qulqulluun jireenya keenya keessatti hojjechaa hin jiru taanaan, “hojii dukkana keessa hojjetamu” raawwachuu dandeenya. Kunis, ‘albaadhummaa, machii, halalummaafi gad-dhiisa’ kan dabalatu taʼuu dandaʼa. (Rom. 13:12, 13) Walʼaansoo “wanta lafa irraa” wajjin, jechuunis fedhii foonii keenyaa wajjin goonu moʼuudhaaf yaada keenya wanta waaqarra jirutti hidhuu qabna. Akkas gochuun carraaqqii gaafata. Phaawulos ergamaan, ‘dhagna koo, haleelee akka abboomamu gochuun anaaf in taʼa’ kan jedhe kanaafidha. (1 Qor. 9:27) Nutis dorgommii jireenyaaf godhamurratti itti fufuu yoo barbaanne, of toʼachuu akka qabnu beekamaadha! Namoonni amanamoo bara durii turan lama ‘Waaqayyoon gammachiisuuf’ wanta isaan godhan mee haa ilaallu.—Ibr. 11:6.
ABRAHAAM “WAAQAYYOON AMANATE”
7, 8. (a) Abrahaamiifi Saaraa rakkina akkamiitu mudatee ture? (b) Abrahaam maalirratti xiyyeeffate?
7 Yihowaan maatiisaa wajjin gara Kanaʼaan akka deemuuf yeroo isa ajajetti, Abrahaam fedhiidhaan ajajameera. Abrahaam amantii qabaachuusaafi ajajamuusaatiin kan kaʼe Yihowaan, “Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa” jechuudhaan kakuu isaaf galeera. (Uma. 12:2) Haataʼu malee, waggoota hedduu boodas Abrahaamiifi Saaraan dhala hin godhanne turan. Yihowaan waadaa Abrahaamiif gale irraanfateeraa laata? Kana malees, jireenyi Kanaʼaan keessaa ulfaataa ture. Abrahaamiifi maatiinsaa manasaaniifi firootasaanii, Ur ishee Mesophotaamiyaa keessatti magaalaa soorettii taatetti dhiisanii deeman. Kanaʼaan gaʼuuf kiilomeetira 1,600 deeman. Achittis dunkaana keessa kan jiraatan siʼa taʼu, beelli, akkasumas saamtuun isaan mudatee ture. (Uma. 12:5, 10; 13:18; 14:10-16) Taʼus, jireenya qananii Ur keessatti jiraachaa turanitti deebiʼuu hin hawwine!—Ibroota 11:8-12, 15 dubbisi.
8 Abrahaam “wanta lafa irra jirutti” xiyyeeffachuu mannaa “Waaqayyotti amane.” (Uma. 15:6) Eeyyee, waadaa Waaqayyo isaaf galerratti xiyyeeffachuudhaan, yaadasaa wanta waaqarra jirutti hidheera. Waaqayyo Inni Hundumaa Gararraa taʼe, “Gara bantiiwwan waaqaa ol ilaali, urjootas yoo lakkaaʼuu dandeesse lakkaaʼi!” achiis, “Sanyiin kees akkasuma in taʼa!” yeroo isaan jedhetti amantiin Abrahaam eebba isaaf argamsiiseera. (Uma. 15:5) Kun baayʼee isa jajjabeessee taʼuu qaba! Abrahaam yeroo samii urjiileedhaan guutame argu hundatti, waadaa Yihowaan sanyiisaa baayʼisuudhaaf gale akka yaadatu beekamaadha. Achiis yeroo Waaqayyo murteessetti, akkuma waadaan isaaf galame Abrahaam dhala godhateera.—Uma. 21:1, 2.
9. Fakkeenya Abrahaam hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Nutis akkuma Abrahaam, yeroo abdiin Waaqayyo kenne itti raawwatamu eeggachaa jirra. (2 Phe. 3:13) Yaada keenya wanta waaqarra jirutti hin hiinu taanaan, abdiin inni nuu kenne utuu hin raawwatamin akka ture nutti dhagaʼamee, sochii hafuuraa goonu hirʼisuu dandeenya taʼa. Fakkeenyaaf, kanaan dura qajeelchaa taʼuudhaaf ykn karaa taʼe tokkoon tajaajilakee balʼisuudhaaf aarsaa kaffalteettaa? Taanaan galateeffatamuu qabda. Ammahoo? Abrahaam “mandara hundee jabaa qabu” irratti akka xiyyeeffate yaadadhu. (Ibr. 11:10) Inni “Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”—Rom. 4:3.
MUSEEN “ISA IJAAN HIN ARGAMNE” ARGE
10. Museen haala akkamii keessatti guddate?
10 Namni biraan yaadasaa wanta waaqarra jirutti hidhe Museedha. Ijoollummaasaatti, “ogummaa warra Gibxii hundumaa barsiifame.” Barumsi inni barate barumsa namoonni hundi baratan hin turre. Yeroo Museen mana Faraʼoon keessatti guddatetti, Gibxiin Mootummaa addunyaa turte. Museen barumsa guddaa akkasii waan argateef, “dubbiitti hojiittis nama dandaʼaa” taʼuunsaa nama hin dinqisiisu. (HoE. 7:22) Haalli kun carraa akkamii isaaf banee taʼuu akka dandaʼu mee yaadaa! Taʼus Museen kan xiyyeeffate wanta guddaarratti, jechuunis fedha Waaqayyoo raawwachuurratti ture.
11, 12. Museen barumsa isa kamiif iddoo guddaa kenne? Kana akkamitti beekna?
11 Ijoollummaasaatti haatisaa Yokebeed, waaʼee Waaqa Ibrootaa isa barsiistee taʼuu qaba. Museen waaʼee Yihowaa wanti inni barate, qabeenya kamirrayyuu caalaa gatii guddaa kan qabu taʼuusaa hubatee ture. Kanaaf, mirgaafi carraawwan mana Faraʼoon keessatti guddachuusaatiin argachuu dandaʼu ni dhiise. (Ibroota 11:24-27 dubbisi.) Eeyyee, barumsi hafuuraa Museen argateefi amantiin inni Yihowaarratti qabu, yaadasaa wanta waaqarra jirutti akka hidhu isa kakaaseera.
12 Museen barumsa guddaa yeroo sanatti ture barateera; taʼus Gibxii keessatti hojii gaarii, beekkamtii ykn qabeenya argachuuf itti fayyadameeraa? Lakki. Akkas godheera utuu taʼee, ‘yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu filachuudhaan, ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu hin didu’ ture. Museen barumsa hafuuraa argate kaayyoo Yihowaa raawwachuudhaaf itti fayyadameera.
13, 14. (a) Wanti Museen hojii Yihowaan isaaf kenneef gaʼumsa akka qabaatu isa gargaare maalidha? (b) Nutoo akkuma Musee maal gochuu qabna?
13 Museen Yihowaafi sabasaatiif jaalala guddaa qaba ture. Museen umriisaa waggaa 40tti, saba Waaqayyoo garbummaa warra Gibxii jalaa baasuu akka dandaʼu yaadee ture. (HoE. 7:23-25) Haataʼu malee, Yihowaan hojii kana isaaf kennuusaa dura, wanti isa barbaachisu kan biraan jira ture. Amaloota kan akka gad of deebisuu, obsa, garraamummaafi of toʼachuu horachuu qaba ture. (Fak. 15:33) Leenjiin qorumsaafi rakkina gara fuulduraatti isa mudatuuf isa qopheessu isa barbaachisa ture. Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif tiksee taʼee hojjechuudhaan, leenjii amaloota kana horachuuf isa gargaaru argachuu ni dandaʼa.
14 Museen leenjii tiksee taʼuudhaan argaterraa barumsa argateeraa? Eyyee! Macaafni Qulqulluun, sana booda Museen “namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa [“gad of deebisu,” NW]” akka taʼe dubbata. (Lak. 12:3) Amala gad of deebisuu kan horate siʼa taʼu, kunis namoota garaagaraa obsaan akka qabuufi rakkina jajjabaa isaan garasaatti fidanii wajjin haala wal qabateen obsa akka argisiisu isa gargaareera. (Bau. 18:26) Haaluma walfakkaatuun, nutis “rakkina guddaa” dabarree addunyaa haaraa Waaqayyo nuu qopheessetti galuuf amaloota nu dandeessisan horachuu qabna. (Mul. 7:14) Warra dafanii aaran ykn miirrisaanii salphaatti miidhamu dabalatee namoota kaanii wajjin walii gallaa? Yaada Phexros warra hidhatasaa taʼan yeroo jajjabeessetti, “Namoota hundumaaf ulfina kennaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa” jechuudhaan dubbate hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuu qabna.—1 Phe. 2:17.
YAADA KEENYA WANTA WAAQARRA JIRUTTI HIDHUU
15, 16. (a) Yaada keenya wanta gaarii taʼetti hidhuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Kiristiyaanonni amala gaarii qabaachuunsaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
15 Kan jiraannu, ‘yeroo sodaachisaa’ taʼe keessadha. (2 Xim. 3:1) Kanaaf karaa hafuuraa dammaqoo taanee itti fufuudhaaf, yaada keenya wanta gaarii taʼetti hidhuu qabna. (1 Tas. 5:6-9) Karaa akkas gochuu itti dandeenyu sadii haa ilaallu.
16 Amala keenya: Phexros amala gaarii qabaachuun barbaachisaa taʼuusaa hubatee ture. “Akki isin warra saba Waaqayyoo hin taʼin keessa itti jiraattan gaarii haa taʼu! . . . , hojii keessan isa gaarii arganii, . . . , isaaf [Waaqayyoof] ulfina haa kennan” jedheera. (1 Phe. 2:12) Mana keessatti, bakka hojiitti, mana barumsaatti, bakka bashannanaatti ykn tajaajilarratti amala gaarii argisiisuudhaan, Yihowaadhaaf ulfina fiduuf wanta nuu dandaʼame hunda goona. Namoota mudaa qaban waan taaneef hundi keenyayyuu dogoggora akka hojjennu beekamaadha. (Rom. 3:23) Haataʼu malee, “walʼaansoo amantii isa gaarii” gochuu keenya itti fufuudhaan, walʼaansoo foon keenya isa cubbamaa wajjin goonu moʼuu ni dandeenya.—1 Xim. 6:12.
17. Ilaalcha Kiristos Yesus qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)
17 Ilaalcha keenya: Ilaalcha sirrii qabaachuun amala gaarii qabaachuu wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba. Phaawulos ergamaan: “Yaada garaa [“ilaalcha,” NW] isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa” jedheera. (Filp. 2:5) Yesus ilaalcha akkamii qaba ture? Kan gad of deebisu ture. Amala gad of deebisuu qabaachuunsaa, tajaajilarratti fedhii dhuunfaasaa aarsaa akka godhu isa kakaaseera. Hunda caalaa bakka guddaa kan kennu misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo warra kaaniif lallabuudhaaf ture. (Mar. 1:38; 13:10) Yesus Macaafni Qulqulluun aangoo hundarra caalu akka qabutti ilaala ture. (Yoh. 7:16; 8:28) Caaffata Qulqullaaʼoo caqasuufi ibsuuf, akkasumas mormii Caaffata Qulqullaaʼoorratti kaʼuuf deebii kennuu akka dandaʼuuf sirriitti qayyabata ture. Kan gad of deebisnu, akkasumas tajaajilarrattiifi qayyabannaa dhuunfaarratti hinaaffaa kan qabnu yoo taane, yaada akka Kiristos ni qabaanna.
18. Hojii Yihowaa deggeruu kan dandeenyu karaa barbaachisaa taʼe kamiini?
18 Deggersa keenya: Kaayyoon Yihowaa, ‘warri samiifi lafarra jiran hundi maqaa Yesusiin akka jilbeenfataniifidha.’ (Filp. 2:9-11) Yesus aangoo guddaa akkasii kan qabu taʼus, gad of deebisuudhaan fedha Yihowaatiif ni bitama; nutis akkas gochuu qabna. (1 Qor. 15:28) Akkamitti? Hojii akka hojjennuuf nuu kenname, jechuunis ajaja “Saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jedhu, garaa guutuudhaan deggeruudhaan akkas gochuu ni dandeenya. (Mat. 28:19) Akkasumas, namoota kaaniifi obboloota keenyaaf waan gaarii gochuudhaan, “nama hundumaaf gaarii hojjechuu” ni barbaanna.—Gal. 6:10.
19. Murtoon keenya maal taʼuu qaba?
19 Yihowaan yaada keenya wanta waaqarra jirutti akka hiinu yaadachiisa waan nuu kennuuf baayʼee isa galateeffanna! Yaada keenya wanta waaqarra jirutti hidhuudhaaf, ‘dorgommii isa nu dura jiru obsaan dandeenyee fiiguun’ barbaachisaadha. (Ibr. 12:1) Hundi keenyayyuu ‘akka waan gooftaadhaaf hojjennutti garaa guutuudhaan’ haa hojjennu! Akkas yoo goone Abbaan keenya inni samii carraaqqii keenya nuu eebbisa.—Qol. 3:23, 24.