Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mirga Yihowaa Wajjin Hojjechuudhaaf Argattaniif Bakka Guddaa Kennaa!

Mirga Yihowaa Wajjin Hojjechuudhaaf Argattaniif Bakka Guddaa Kennaa!

‘Nuyi warra Waaqayyoo wajjin hojjennudha.’—2 QOR. 6:1.

1. Yihowaan hojiidhaaf ilaalcha akkamii qaba? Kunoo maal akka godhu isa kakaase?

YIHOWAAN hojjetaa waan hojjetutti gammadudha. (Far. 135:6; Yoh. 5:17) Uumamnisaa yaaduu dandaʼanis gammachuu wanta tokko raawwachuudhaan argamu akka argataniif, hojii gammachiisaa isaaniif kenneera. Fakkeenyaaf, Ilmisaa angafti hojii uumamaarratti akka hirmaatu godheera. (Qolosaayis 1:15, 16 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun Yesus nama taʼuusaa dura, “hojjetaa” taʼee Waaqayyoo wajjin samiirra akka ture dubbata.—Fak. 8:30, hiika bara 1899.

2. Uumamawwan hafuuraa yeroo hunda hojii barbaachisaafi gammachiisaa taʼe akka qaban kan argisiisu maalidha?

2 Macaafni Qulqulluun jalqabaa hanga dhumaatti, fakkeenyota Yihowaan yeroo hunda ergamootaaf hojii akka kennu argisiisan qabateera. Addaamiifi Hewwaan erga cubbuu hojjetanii booda, Waaqayyo Jannata keessaa akka baʼan kan godhe siʼa taʼu, “karaa isa gara muka jireenya kennutti geessu sanas in eegsise; isa eegsisuudhaaf bukkee iddoo dhaabaa Eeden gara baʼa-biiftuutiin Kiruubelii fi billaa akka ibiddaa bobaʼu isa gara hundumaatti nanaannaʼu in dhaabe.” (Uma. 3:24) Mulʼatni 22:6⁠mmoo, Yihowaan “wanta dafee taʼuun irra jiru hojjetoota isaatti argisiisuudhaaf ergamaa isaa erge” jedha.

WAAʼEE NAMOOTAAHOO MAAL JECHUU DANDEENYA?

3. Yesus yeroo lafarra turetti fakkeenya Abbaasaa kan hordofe akkamitti?

3 Yesus nama mudaa hin qabne taʼee yeroo lafarra turetti, hojii Yihowaan isaaf kenne gammachuudhaan hojjeteera. Innis fakkeenya Abbaasaa hordofuudhaan bartootasaatiif hojii barbaachisaa kenneera. “Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu waan ani hojjedhu hundumaas in hojjeta; ani gara abbaa waanan dhaquuf kana irra kan caalu iyyuu in hojjeta” isaaniin jechuudhaan wanta raawwatan hawwiidhaan akka eegan godhee ture. (Yoh. 14:12) Yesus, “Hojii isa ana ergee guyyaadhaan hojjechuun nuuf in taʼa, yeroo namni tokko illee itti hojjechuu hin dandeenye halkan in dhufaʼo” jechuudhaan hojiin kun ariifachiisaa taʼuusaa ibseera.—Yoh. 9:4.

4-6. (a) Nohiifi Museen hojii Yihowaan isaaniif kenne raawwachuusaaniitti faayidaa akkamii arganne? (b) Hojii Waaqayyo namootaaf kennu hunda kan wal fakkeessu maalidha?

4 Bara Yesus duras, hojiin gammachiisaa taʼe namootaaf kennamaa ture. Addaamiifi Hewwaan hojii isaaniif kenname raawwachuu baatanis, namoonni wanta ajajaman raawwatan hedduun jiru. (Uma. 1:28) Nohi, lubbu qabeeyyii Bishaan Badiisaa jalaa oolchuuf, markaba akkamitti ijaaruu akka qabu qajeelfamni balʼaan isaaf kennamee ture. Wanta Yihowaan isa ajaje sirriitti raawwateera. Harʼa kan nuti jiraachuu dandeenye, Nohi wanta ajajame of eeggannoodhaan waan raawwateefidha!—Uma. 6:14-16, 22; 2 Phe. 2:5.

5 Dunkaana itti wal gaʼan ijaaruufi hojii lubummaa qindeessuu ilaalchisee Museedhaaf qajeelfamni balʼaan kennamee kan ture siʼa taʼu, innis qajeelfama kana sirriitti hojiirra oolcheera. (Bau. 39:32; 40:12-16) Inni hojiisaa kana amanamummaadhaan raawwachuunsaa yeroo harʼaattillee faayidaa nuuf argamsiisa. Akkamitti? Phaawulos ergamaan dunkaanni itti wal gaʼaniifi qophiin lubummaa ‘wanta gaggaarii dhufuuf jiraniif’ fakkeenya akka taʼan ibseera.—Ibr. 9:1-5, 9; 10:1.

6 Waaqayyo kaayyoonsaa gara raawwiisaatti yeroo adeemutti, tajaajiltootasaatiif hojii garaagaraa kenna. Taʼus, hojiin isaaniif kennamu yeroo hunda Yihowaadhaaf ulfina kan fiduufi namoota amanan kan fayyadudha. Wanti Yesus nama taʼuusaa duraafi yeroo lafarra turetti raawwate faayidaa akkasii argamsiiseera. (Yoh. 4:34; 17:4) Haaluma wal fakkaatuun, hojiin yeroo harʼaatti nuu kennamus Yihowaadhaaf ulfina ni fida. (Mat. 5:16; 1 Qorontos 15:58 dubbisi.) Akkas kan jennu maaliifi?

HOJII NUU KENNAMUUF ILAALCHA SIRRII QABAACHUU

7, 8. (a) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hojiiwwan akkamii hojjechuuf mirga akka argatan ibsi. (b) Qajeelfama Yihowaan nuu kennuuf deebii akkamii kennuu qabna?

7 Yihowaan isaa wajjin akka hojjetaniif, namoota mudaa qaban afeeruunsaa mirga guddaadha. (2 Qor. 6:1) Warri yeroo harʼaatti Galmawwan Walgaʼii Gurguddaa, Galma Mootummaafi gamoowwan waajjira damee ijaaruurratti hirmaachaa jiran akkuma Nohiifi Musee hojii ijaarsaa hojjechaa jiru. Galma Mootummaa naannookee jiru haaressuurrattis taʼe, waajjira muummee Waarwiik, Niiwu Yoork keessatti ijaaramaa jirurratti hirmaachaa kan jirtu yoo taʼe, mirga tajaajilaa argatte kanaaf iddoo guddaa kenni. (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) Tajaajilli akkasii tajaajila qulqulluudha. Haataʼu malee, Kiristiyaanonni hundi ijaarsa hafuuraarratti akka hirmaataniif afeeramaniiru. Hojiin kunis kan hojjetamu, Yihowaadhaaf ulfina fiduufi namoota ajajaman fayyaduufidha. (HoE. 13:47-49) Qajeelfamni hojii kana karaa buʼa qabeessa taʼeen hojjechuuf dandeessisu karaa jaarmiyaa Waaqayyoo ni kennama. Yeroo tokko tokko hojii haaraan nuu kennamuu dandaʼa.

8 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan, yeroo hunda qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa kennuuf ajajamuuf fedhii qabu. (Ibroota 13:7, 17 dubbisi.) Hojii nuu kenname karaa taʼe tokkoon akka hojjennuuf qajeelfamni kan nuu kenname maaliif akka taʼe jalqabarratti guutummaatti hubachuu dhiisuu dandeenya taʼa. Taʼus, sirreeffama Yihowaan barbaachisaadha jedhee nuu kennu hojiirra oolchuun faayidaa akka qabu sirriitti beekna.

9. Jaarsoliin gumii hojii ilaalchisee gumiidhaaf fakkeenya akkamii taʼu?

9 Jaarsoliin gumii, jaalala Yihowaa raawwachuuf fedhii guddaa akka qaban, karaa gumii itti geggeessaniin ni argisiisu. (2 Qor. 1:24; 1 Tas. 5:12, 13) Jabaatanii hojjechuufi jijjiirama godhamuu wajjin qixxee deemuuf fedhii qabu. Karaa hojiin lallabaa Mootummaa Waaqayyoo itti hojjetamu ilaalchisee jijjiirama godhamu ni fudhatu. Jaarsoliin tokko tokko tajaajila bilbilaan, akkasumas naannoo buufataatti ykn naannoo namoonni itti baayʼatanitti hojjetamu qindeessuu ilaalchisee shakkiin tokko tokko isaanitti uumamee kan ture taʼus, yeroo gabaabaa keessatti buʼaa gaarii arguu dandaʼaniiru. Fakkeenyaaf, qajeelchitoonni Jarman keessa jiraatan afur naannoo daldalaa yeroo dheeraadhaaf keessatti hin lallabamnetti tajaajiluuf murteessan. Isaan keessaa tokko kan taʼe Mikaaʼel, yeroo dheeraadhaaf gosa tajaajilaa akkasiirratti hirmaatanii waan hin beekneef, baayʼee sodaatanii akka turan dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “Yihowaan ganama sana tajaajilarratti yeroo gammachiisaa hin irraanfatamne akka dabarsinu kan godhe kana hubatee taʼuu qaba. Qajeelfama Tajaajila Mootummaa irratti baʼe hordofuufi Yihowaatti amanamuu keenyaan gammachuu guddaa arganne!” jedheera. Atoo gosa tajaajilaa haaraa naannoo keetti hojiirra oolaa jiru yaaluuf fedhii qabdaa?

10. Yeroo dhihoodhaa asitti jaarmiyaa Yihowaa keessatti sirreeffama akkamiitu godhamaa jira?

10 Yeroo tokko tokko, jaarmiyaan Yihowaa sirreeffama gochuun isa barbaachisuu dandaʼa. Waggoota dhihoodhaa asitti waajjiroonni damee hedduun walitti makamaa jiru. Sirreeffamni akkasii obboloonni waajjiroota damee sana keessa tajaajilaa turan jijjiirama tokko tokko akka godhan kan gaafate taʼus, obboloonni kun yeroo gabaabaa keessatti buʼaa inni argamsiise hubachuu dandaʼaniiru. (Lal. 7:8) Obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan kun, seenaa saba Yihowaa keessatti gumaacha gochuusaaniitti gammachuu akkamiitu isaanitti dhagaʼama laata!

11-13. Sirreeffama jaarmiyaan Yihowaa godheen kan kaʼe, obboloota tokko tokko haala rakkisaa akkamiitu mudate?

11 Obboloota waajjiroota damee walitti makaman keessatti tajaajilaa turanirraa barumsa guddaa arganna. Tokko tokko waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif biyyasaaniitti Betʼel keessa yeroo guutuu tajaajilaa turan. Hiriyoonni gaaʼelaa Betʼel miseensa xinnoo qabu keessa tajaajilaa turan, gara Betʼel isa Meeksikootti argamuu akka dhaqan gaafatamanii turan. Lakkoofsi miseensota maatii Betʼel kanaa isa isaan keessa turanirra harka 30 caala. Roheeliyoon, “Maatiifi hiriyoota ofii dhiisanii deemuun baayʼee ulfaataa ture” jedheera. Obboleessi Huwaan jedhamuufi gara Meeksikoo akka deemu gaafatame kan biraanimmoo, “Lammata dhalachuudha jechuun ni dandaʼama; hiriyyummaa haaraa uumuu qabda. Aadaafi ilaalcha haaraa taʼee wajjin wal baruu gaafata” jedheera.

12 Miseensonni maatii Betʼel biyyoota Awurooppaa kan biraa keessatti tajaajilaa turaniifi gara waajjira damee Jarman akka dhaqan gaafatamanis haalli rakkisaan isaan mudateera. Namni miidhagina tulluuwwanii dinqisiifatu tokko, obboloota Siwiizarlaandii gara Jarman deemaniif tulluuwwan babbareedoo naannoosaaniitti argaman dhiisanii deemuun ulfaataa akka isaanitti taʼu ni hubata. Warri Oostriyaadhaa deemanimmoo jireenya Betʼel biyyasaanii keessa ture yaadanii turan.

13 Obboloonni gara biyya biraa dhaqan, bakka jireenyaa haaraatti baruu, obboloota kanaan dura hin beeknee wajjin hojjechuufi tariimmoo hojii haaraa taʼe baruu qabu turan. Akkasumas gumiifi naannoo tajaajilaa haaraa, tarii afaan biraatiin keessatti tajaajilamu baruu qabu. Jijjiirama akkasii gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, obboloonni hedduun fedhiidhaan jijjiirama godhaniiru. Akkas kan godhan maaliifi?

14, 15. (a) Obboloonni hedduun wanti isaan hojjetan maaliyyuu yoo taʼe, mirga Yihowaa wajjin hojjechuuf argataniif iddoo guddaa akka kennan kan argisiisan akkamitti? (b) Hunda keenyaaf fakkeenya gaarii kan taʼan karaa kamiini?

14 Gireetal, “Afeerrii naa dhihaate kanan fudhadhe, jaalalli ani isaaf qabu biyyan keessatti tajaajilu, gamoon keessa jiraadhu ykn mirga taʼe tokkorratti kan hundaaʼe akka hin taane Yihowaatti argisiisuuf waan na dandeessisuufidha” jetteetti. Daayeskaanimmoo, “Afeerriin kun kan dhufe Yihowaarraa taʼuusaa yeroon yaadadhu, gammachuudhaanan fudhadhe” jetteetti. Andireefi Gaabriyeelaanis, “Haalli kun, fedhi ofii duubatti dhiisuudhaan Yihowaa tajaajiluu akka dandeenyuuf carraa dabalataa nuu argamsiiseera” jedhaniiru. Akkasumas, jaarmiyaan Yihowaa jijjiirama yeroo godhu, jijjiirama kana gammachuudhaan fudhachuu malee diduu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama.

Hojii Yihowaa hojjechuun mirga guddaadha!

15 Waajjiroonni damee waan walitti makamaniif, obboloonni achi keessatti tajaajilaa turan tokko tokko deebiʼanii qajeelchitoota akka taʼan godhameera. Waajjira damee Iskaandineeviyaa hundeessuuf waajjiroonni damee Deenmaarki, Noorweeyiifi Siwiidin keessa turan yeroo walitti makamanitti haalli akkasii obboloota baayʼee mudateera. Isaan keessaa tokko kan taʼan Filoriyaniifi Aanjaan akkas jedhaniiru: “Hojii haaraan nuu kenname haalli rakkisaan tokko tokko akka nu mudatu kan godhu taʼus gammachiisaa ture. Kan tajaajillu eessattiyyuu yoo taʼe, Yihowaan nutti fayyadamuunsaa nuuf mirga guddaadha. Eebba baayʼee akka arganne nutti dhagaʼama!” Baayʼeen keenya jijjiirama akkasii gochuun kan nu hin barbaachisne taʼus, Mootummichaaf dursa kennuurratti fakkeenya obboloota fedhiidhaan of dhiheessan kanaa hordofuu hin dandeenyuu? (Isa. 6:8) Yihowaan warra mirga isaa wajjin hojjechuuf argataniif iddoo guddaa kennan, kan isa tajaajilan eessattiyyuu yoo taʼe isaan eebbisa.

MIRGA YIHOWAA WAJJIN HOJJECHUUF ARGATTANITTI GAMMADUU KEESSAN ITTI FUFAA!

16. (a) Galaatiyaa 6:4 maal akka goonu nutti hima? (b) Mirga namni kamiyyuu qabaachuu dandaʼu keessaa inni guddaan maalidha?

16 Mudaa waan qabnuuf, yeroo baayʼee ofii keenya namoota kaanii wajjin wal bira qabna. Macaafni Qulqulluun garuu wanta dhuunfaadhaan gochuu dandeenyurratti akka xiyyeeffannu nutti hima. (Galaatiyaa 6:4, NW dubbisi. *) Hedduun keenya jaarmiyicha keessatti aangoo hin qabnu. Akkasumas, qajeelchitoota ykn misiyoonota taʼuu ykn Betʼel keessa tajaajiluu kan dandaʼu hunda keenya miti. Dhugaa dubbachuuf, tajaajilli akkasii mirga guddaadha! Haataʼu malee, mirga namni kamiyyuu argachuu dandaʼu keessaa inni guddaan, isa hundi keenya qabnu taʼuusaa dagachuu hin qabnu. Kunis mirga nuti tajaajila Kiristiyaanummaarratti Yihowaa wajjin hojjechuuf argannedha. Kun mirga iddoo guddaa kennuufii qabnudha!

17. Hamma addunyaan Seexanaa kun jirutti, wanti nuti gochuu hin dandeenye maalidha? Kun garmalee abdii nu kutachiisu kan hin qabnehoo maaliifi?

17 Addunyaan Seexanaa kun hamma jirutti, akka barbaannutti Yihowaa tajaajiluu hin dandeenyu taʼa. Itti gaafatamummaa maatii keessatti qabnu, fayyaafi wantoota kaanii wajjin haala wal qabateen wanta nu mudatu toʼachuu hin dandeenyu taʼa. Haataʼu malee, kun garmalee abdii kutachuuf sababa taʼuu hin dandaʼu. Maqaasaatiif dhugaa baʼuufi Mootummaasaa carraa argatte hundumaatti beeksisuudhaan Waaqayyoo wajjin hojjechuurratti gaʼee qabdu akka laayyootti hin ilaalin. Wanti guddaan, hamma sii dandaʼametti isaa wajjin hojjechuukeefi obboloota isa ati hojjechuu dandeessu caalaa hojjechuu dandaʼan akka eebbisu kadhachuukeeti. Namni maqaa Yihowaa jajatu kamiyyuu isa duratti iddoo guddaa akka qabu yaadadhu!

18. Maal boodatti dhiisuudhaaf of dhiheessuu qabna? Maaliifi?

18 Mudaafi dadhabina kan qabnu taanus, Yihowaan isaa wajjin akka hojjennu barbaada. Guyyoota dhumaa kana keessatti Waaqa keenyaa wajjin hojjechuuf mirga arganneef iddoo guddaa kennina! Addunyaa haaraa keessatti Yihowaan “jireenya dhugaa” jechuunis haala gammachiisaafi naga qabeessa taʼe keessatti jireenya barabaraa akka nuu kennu waan beeknuuf, fedhii dhuunfaa keenyaa boodatti dhiisuudhaaf of dhiheessuu qabna.—1 Xim. 6:18, 19.

Mirga tajaajiluuf argatteef iddoo guddaa ni kennitaa? (Keeyyata 16-18 ilaali)

19. Yihowaan gara fuulduraatiif maal nuu qopheesseera?

19 Addunyaa haaraatti yeroo baayʼee dhihaanne kanatti, wanta Museen Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamte seenuusaanii yeroo muraasa dura, “Waaqayyo gooftaan keessan hojii harka keessanii hundumaa isiniif in qajeelcha” jechuudhaan isaanitti hime yaadadhaa. (Kes. 30:9) Warri Waaqayyoo wajjin hojjechuudhaan muddamaa turan, Armaagedoon booda lafa inni isaan abdachiise ni dhaalu. Sana booda hojii kan biraarratti jechuunis, lafa kana jannata gochuurratti xiyyeeffanna.

[Miiljalee]

^ key. 16 Galaatiyaa 6:4, NW: Namni hundumtuu hojii mataasaa haa qoru; achiis, nama biraa wajjin ofiisaa wal bira qabee utuu hin taʼin, ofiisaa qofatti gammaduuf sababa ni qabaata.