Gaaffii Dubbistootaa
Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii kan muudaman akkamitti?
Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti Phaawulos ergamaan jaarsolii gumii Efesoon keessa tajaajilaniin akkas jedhee ture: “Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa!” (HoE. 20:28) Yeroo harʼaatti jaarsoliifi tajaajiltoota gumii muuduurratti hafuurri qulqulluun gaʼee maalii qaba?
Tokkoffaa, hafuurri qulqulluun barreessitoonni Macaafa Qulqulluu ulaagaalee obboloonni jaarsolii gumiifi tajaajiltoota gumii taʼuuf guutuu qaban akka barreessan isaan kakaaseera. Ximotewos Isa duraa 3:1-7rratti ulaagaaleen jaarsa taʼuuf guutamuu qaban 16 tarreeffamaniiru. Caqasoota kan akka Tiitoos 1:5-9fi Yaaqoob 3:17, 18rrattis ulaagaaleen dabalataa ni argamu. Ulaagaaleen namni tokko tajaajilaa gumii taʼuuf guutuu qabummoo, 1 Ximotewos 3:8-10, 12, 13rratti ibsamaniiru. Lammaffaa, warri obboloonni akka muudamaniif yaada dhiheessanis taʼan warri muudan, obboleessi muudamuuf jedhu ulaagaalee Caaffata Qulqullaaʼoo isarraa barbaadaman guutuufi dhiisuusaa yeroo gamaaggamanitti hafuurri Yihowaa akka isaan geggeessu kadhatu. Sadaffaa, namni muudamuuf jedhu ija hojii hafuura qulqulluu jireenyasaa keessatti argisiisuu qaba. (Gal. 5:22, 23) Kanaafuu, adeemsa muudama kanaa hunda keessatti hafuurri Waaqayyoo gahee qaba jechuudha.
Haataʼu malee, obboloota kana kan muudu eenyudha? Kanaan dura jaarsoliifi tajaajiltoota gumii muuduuf yaadni dhihaatu gara waajjira dameetti ergama ture. Achitti, obboloonni Qaama Olaanaarraa itti gaafatamummaan kennameef, yaada dhihaate sana erga gamaaggamanii booda nama muudamuu qabu muudu. Sana booda, waajjirri damee qaama jaarsolii beeksisa. Jaarsoliinimmoo, fedhii qabaachuusaaniifi dhuguma gaʼumsa qabaachuusaanii erga isaan gaafatanii booda, muudamuusaanii obboloota haaraa muudaman sanatti himu. Dhumarratti, gumiirratti beeksisni ni himama.
Haataʼu malee, jaarraa jalqabaatti obboloonni kan muudaman akkamitti ture? Darbee darbee ergamoonni dhimma adda taʼe tokkoof obboloota ni muudu turan; fakkeenyaaf, haadhotii hiyyeessaatiif nyaata akka hiraniif dhiirota torba muudaniiru. (HoE. 6:1-6) Taʼus, namoonni kun itti gaafatamummaan dabalataa kun isaaniif kennamuusaa durayyuu jaarsolii kan turan taʼuu dandaʼa.
Caaffanni Qulqullaaʼoon muudamni akkamitti raawwatamaa akka ture balʼinaan kan hin ibsine taʼus, akkamitti akka raawwatamaa ture wantoonni argisiisan tokko tokko jiru. Phaawulosiifi Barnaabaas adeemsa misiyoonummaasaanii isa jalqabaarraa yeroo deebiʼanitti, ‘tokkoon tokkoon waldaa sanaaf jaarsolii akka foʼan, soomanii erga kadhatanii booddee, amantoota sana hundumaa harka gooftaa isa isaan itti amananiitti hadaraa akka kennan’ Macaafni Qulqulluun ni dubbata. (HoE. 14:23) Waggoota hedduu booda, Phaawulos miiltoosaa kan taʼe Tiitoosiif akkas jedhee barreesseera: “Sababiin ani Qareexis biyya bishaan keessaatti si hambiseefis wanta toora hin qabatin hafe akka toora qabsiiftuuf, mandaruma mandarattis akkuma ani si argisiisetti jaarsolii hojii waldaa geggeessuu irra akka dhaabduuf ture.” (Tiitoos 1:5) Ximotewos isa yeroo baayʼee Phaawulosii wajjin deemaa tureefis aangoon akkasii waan kennameef fakkaata. (1 Xim. 5:22) Kanarraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, jaarsoliifi tajaajiltoota gumii kan muudan, ergamoota ykn jaarsolii Yerusaalem keessa turan utuu hin taʼin daawwattoota olaanaa turan.
Fakkeenya Macaafa Qulqulluu kanarraa kaʼuudhaan, Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa akkaataa jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii itti muudamanirratti jijjiirama godheera. Fulbaana 1, 2014rraa eegalee, muudamni akka armaan gadiitti raawwatamaa jira: Tokkoon tokkoon daawwataa olaanaa, aanaa daawwatu keessatti obboloota muuduudhaaf yaada jaarsoliin dhiheessan of eeggannoodhaan qora. Yeroo gumii daawwatutti, hamma isaa dandaʼametti obboloota akka muudamaniif yaadni dhihaatee wajjin tajaajiluudhaan sirriitti isaan beekuuf yaala. Yaada dhihaaterratti qaama jaarsolii wajjin erga mariʼatee booda, daawwataan olaanaa aanaa, aanaa daawwatu keessatti jaarsoliifi tajaajiltoota gumii muuduuf itti gaafatamummaa qaba. Karaa kanaan, akkaataan muudamaa isa jaarraa jalqabaatti turee wajjin akka wal fakkaatu godhameera.
Muuduurratti gaʼee kan qaban eenyufaʼi? Akkuma beekamu, “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” naaʼota sooruurratti itti gaafatamummaa guddaa qaba. (Mat. 24:45-47) Kunimmoo, gargaarsa hafuura qulqulluutiin Caaffata Qulqullaaʼoorratti qorannaa gochuu kan dabalatudha; qorannaan kun kan godhamu, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu gumii addunyaa mararra jiru gurmeessuurratti gaʼee guddaa qabanii wajjin haala walqabateen qajeelfama hojiirra ooluu dandaʼu kennuufidha. Akkasumas, hojjetaa amanamaan daawwattoota olaanaa aanaafi miseensota Koree Waajjira Damee muuda. Tokkoon tokkoon waajjira dameemmoo qajeelfamni kennamu hojiirra akka oolu gochuurratti deggersa kenna. Tokkoon tokkoon qaama jaarsolii obboloonni isaan gumii Waaqayyoorratti akka muudamaniif yaada dhiheessan, ulaagaalee Macaafa Qulqulluu guutuusaanii of eeggannoodhaan ilaaluu kan qabu siʼa taʼu, kunis itti gaafatamummaa guddaadha. Tokkoon tokkoon daawwataa olaanaa aanaa, yaada jaarsoliin gumii dhiheessan of eeggannoofi kadhannaadhaan irratti yaaduudhaan erga gamaaggamee booda, obboloota ulaagaalee Caaffata Qulqullaaʼoo guutan muuduuf itti gaafatamummaa guddaa qaba.
Muudamni kan raawwatamu akkamitti akka taʼe yeroo beeknu, gahee hafuurri qulqulluun hojii kanarratti qabu ni hubanna. Kunimmoo obboloota gumii Kiristiyaanaa keessatti muudamanirratti amanannaa akka qabaannuufi akka isaan kabajnu godha.—Ibr. 13:7, 17.
Mulʼata 11rratti caqasaman lamaan eenyufaʼi?
Dhuga-baatonniMulʼanni 11:3 waaʼee dhuga-baatota guyyaa 1,260f raajii dubbatanii ibsa. Seenaan kun itti fufuudhaan, bineensichi “isaan moʼuuf, isaan ajjeesuufis” akka jiru dubbata. Haataʼu malee, “guyyaa sadii fi walakkaa” booda deebiʼanii kan jiraachifaman siʼa taʼu, kunis namoota isaan argan hunda dinqisiiseera.—Mul. 11:7, 11.
Dhuga-baatonni kun lamaan eenyufaʼi? Yaadni dabalataa seenaa kana keessa jiru akka isaan beeknu nu gargaara. Tokkoffaa, ‘muka ejersaa lamaanii fi baattuu ibsaa lamaanitti’ akka fakkeeffaman ibsameera. (Mul. 11:4) Kun, baattuu ibsaafi muka ejersaa lamaan raajii Zakaariyaas keessatti ibsaman nu yaadachiisa. Mukni ejersaa lamaan, “warra Waaqayyo gooftaa biyya lafaatiif hojjechuudhaaf dibaman,” jechuunis Zarubaabel isa Bulchaa tureefi Iyaasuu isa Angafa Lubootaa ture akka argisiisu ibsameera. (Zak. 4:1-3, 14) Lammaffaa, dhuga-baatonni kun lamaan dinqiiwwan Museefi Eliyaas raawwatanii wajjin wal fakkaatan akka raawwatan ibsameera.—Mulʼata 11:5, 6, Lakkoobsa 16:1-7, 28-35 fi 1 Mootota 17:1; 18:41-45 wajjin wal bira qabii ilaali.
Yaadawwan olitti ibsaman kana lamaan maaltu wal fakkeessa? Yaadawwan lamaanirrattiyyuu seenichi kan dubbatu, waaʼee dibamtoota yeroo rakkisaa taʼetti saba Yihowaa geggeessaa turaniiti. Kanaafuu, yeroo Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti hundeeffametti obboloonni dibamoon dursa fudhatanii geggeessaa turan, “uffata gaddaa uffatanii” * waggaa sadii fi walakkaaf yeroo lallabanitti Mulʼanni boqonnaan 11 raawwiisaa argateera.
Uffata gaddaa uffatanii erga lallabanii booda, yeroo gabaabaadhaaf, fakkeenyaan guyyaa sadii fi walakkaadhaaf yeroo hidhamanitti dibamtoonni kun ajjeefamaniiru jechuun ni dandaʼama. Diinota saba Waaqayyoo biratti yeroo ilaalamu, hojiinsaanii waan ajjeefame fakkaata ture; kunimmoo diinota kana baayʼee gammachiiseera.—Mul. 11:8-10.
Haataʼu malee, akkuma raajicharratti dubbatame guyyaa sadiifi walakkaa booda dhuga-baatonni lamaan deebiʼanii jiraachifamaniiru. Dibamtoonni kun mana hidhaatii kan gadhiifaman siʼa taʼu, warri hamma dhumaatti amanamoo taʼanimmoo karaa Gooftaasaanii Yesus Kiristos, itti gaafatamummaa adda taʼe Waaqayyo biraa fudhataniiru. Warra bara dhumaa kanatti wanta karaa hafuuraa saba Waaqayyoo barbaachisu akka dhiheessaniif bara 1919tti ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ taʼanii muudaman keessaa tokko taʼaniiru.—Mat. 24:45-47; Mul. 11:11, 12.
Mulʼanni 11:1, 2 wantoota raawwataman kana yeroo manni qulqullummaan hafuuraa itti safarame ykn madaalamee wajjin wal qabsiisa. Miilkiyaas boqonnaa 3rrattis manni qulqullummaan hafuuraa erga sakattaʼamee booda akka qulqulleeffamu ibsameera. (Mal. 3:1-4) Hojiin sakattaʼuufi qulqulleessuu kun yeroo hammamii fudhate? Bara 1914 kaasee hanga gara jalqabaa bara 1919tti tureera. Yeroon kun, guyyaa 1,260 (jiʼa 42) fi guyyaa sadiifi walakkaa isa Mulʼata boqonnaa 11rratti fakkeenyaan caqasame kan dabalatudha.
Yihowaan saba foʼamaa hojii gaariitiif qulleessuudhaaf, karaa hafuuraa hojiin qulqulleessuu kun akka raawwatamuuf haala mijeessuunsaa kan nama gammachiisudha. (Tit. 2:14) Kana malees, dibamtoonni amanamoon yeroo rakkisaa taʼe sanatti saba Yihowaa geggeessuudhaan akka dhuga-baatota fakkeenyaan ibsaman lamaaniitti tajaajilan fakkeenya gaarii nuu taʼu. *
^ key. 14 Uffanni gaddaa dhuga-baatonni kun lamaan uffatan, gad of deebisuudhaan waaʼee murtoo Yihowaa jabinaan lallabuusaanii kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Dhuga-baatota guyyaa dheekkamsaa Yihowaa isa sabootarrattis gadda fidu lallabanidha.
^ key. 18 Yaada dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2013, fuula 22, keeyyata 12 ilaali.