Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Irraa Baradhaa

Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Irraa Baradhaa

“Innis . . . isa tokkoof taalaantii shan, isa tokkoof taalaantii lama, isa tokkoof immoo taalaantii tokko kenne.”—MAT. 25:15, NW.

YESUS fakkeenya waaʼee taalaantii dubbatu irratti, itti gaafatamummaa duuka buutota isaa warra amanamoo ifa godheera. Fakkeenyi kun Kiristiyaanota dhugaa hunda, jechuunis warra samii irra jiraachuufis taʼe lafa irra jiraachuuf abdii qaban waan ilaallatuuf hiika isaa hubachuun nu barbaachisa.

1, 2. Yesus fakkeenya waaʼee taalaantii ibsu kan dubbate maaliifi?

2 Fakkeenyi kun, deebii Yesus yeroo duuka buutonni isaa “milikkinni dhufa [isaa], kan dhuma barichaas” maal akka taʼe isa gaafatanitti kenne keessaa tokko dha. (Mat. 24:3) Kanaaf, fakkeenyi kun bara keenyatti raawwatamaa kan jiru siʼa taʼu, milikkita Yesus argamuu isaa fi Mootii taʼee bulchaa jiraachuu isaa argisiisu keessaa tokko dha.

3. Fakkeenyonni Maatewos boqonnaa 24 fi 25 irratti galmeeffaman barumsa akkamii dabarsu?

3 Fakkeenyi kun, fakkeenyota arfan Yesus dubbatee fi Maatewos 24:45 hanga 25:46 irra jiru keessaa isa tokko dha. Fakkeenyonni kaan sadan, jechuunis inni waaʼee hojjetaa amanamaa fi ogeessaa, waaʼee durboota kurnanii, akkasumas waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu deebii Yesus mallattoo argamuu isaa ilaalchisee kenne keessaa tokko dha. Fakkeenyota arfan keessatti iyyuu Yesus amaloota guyyoota dhumaa keessatti duuka buutonni isaa warri dhugaan ittiin beekaman dubbate. Fakkeenyonni waaʼee hojjetaa amanamaa, waaʼee durboota kurnanii fi waaʼee taalaantii dubbatan duuka buutota isaa warra dibamoo irratti xiyyeeffatu. Fakkeenya waaʼee hojjetaa amanamaa dubbatu irratti, Yesus gareen dibamtoota muraasa of keessatti qabatee fi guyyoota dhumaa keessatti naaʼota isaa akka sooruuf imaanaan itti kenname, amanamaa fi ogeessa taʼuu akka qabu ibseera. Fakkeenya waaʼee durbootaa dubbatu irratti immoo, duuka buutonni isaa dibamoon hundi Yesus dhufaa akka jiru kan beekan taʼus guyyaa ykn saʼaatii itti dhufu waan hin beekneef qophaaʼoo fi dammaqoo taʼuu akka qaban hubachiiseera. Fakkeenya waaʼee taalaantii dubbatu irratti immoo, dibamtoonni itti gaafatamummaa isaanii dhimmanii raawwachuu akka qaban hubachiiseera. Fakkeenyi Yesus dhuma irratti dubbate jechuunis, inni waaʼee hoolotaa fi reʼootaa ibsu warra lafa irra jiraachuuf abdii qaban irratti xiyyeeffata. Amanamoo taʼuu fi obboloota isaa warra dibamoodhaaf guutummaatti deggersa gochuu akka qaban addeesseera. * Mee kanatti aansuudhaan fakkeenya waaʼee taalaantii dubbatu irratti haa xiyyeeffannu.

GOOFTICHI HOJJETTOOTA ISAATIIF QABEENYA KENNE

4, 5. Namichi ykn gooftichi eenyuun argisiisa? Gatiin taalaantii tokkoo hammam ture?

4 Maatewos 25:14-30 dubbisi. Barreeffamoota keenya irratti namni ykn gooftaan fakkeenyicha keessatti ibsame Yesus akka taʼe, kan inni biyya fagoo deeme immoo Dh.K.B. bara 33tti gara samii yeroo deemetti akka taʼe ibsamaa ture. Yesus fakkeenya sana dura dubbate irratti, gara samii kan deemu, “mootummaa fudhatee deebiʼuudhaaf” akka taʼe ifa godheera. (Luq. 19:12) Yesus gara samii akkuma deemeen Mootummaan guutummaatti isaaf hin kennamne. * Kanaa mannaa, ‘gara mirga Waaqayyoo taaʼee, diinonni isaa ejjeta miilla isaa hamma godhamanitti eeggateera.’—Ibr. 10:12, 13.

5 Namichi fakkeenya kana keessatti ibsame taalaantii saddeet kan qabu siʼa taʼu, kun yeroo sanatti qabeenya guddaa ture. * Gara biyya biraa deemuu isaa dura, hamma inni deebiʼutti akka ittiin daldalaniif taalaantii isaa hojjettoota isaatiif hire. Akkuma namicha sanaa Yesusis gara samii deemuu isaa dura wanta gatii guddaa qabu qaba ture. Wanti kun maali dha? Wanta inni lafa irra yeroo turetti hojjechaa ture dha.

6, 7. Taalaantichi maal argisiisa?

6 Yesus hojii lallabaatiif iddoo guddaa kenna ture. hojii lallabaa isaatiin kan kaʼe namoonni hedduun bartoota isaa taʼaniiru. (Luqaas 4:43 dubbisi.) Haa taʼu malee, hojiin hojjetamuu qabu hedduun akka jiruu fi namoonni hedduun misiraachicha fudhachuu akka dandaʼan beeka ture. Bartoota isaatiin, ‘Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Midhaan bilchaatee, haamaan gaʼeera’ jedheera. (Yoh. 4:35-38) Kana kan dubbate, namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun gara fuulduraatti bartoota isaa akka taʼan yaadee ti. Akkuma qotee bulaa cimaa taʼe tokkoo, Yesus midhaan sassaabbiidhaaf gaʼe akkasumaan hin dhiisu. Kanaafuu, duʼaa kaʼee yeroo muraasa booda, gara samii deemuu isaa yeroo muraasa dura, “Egaa dhaqaa, . . . bartoota koo godhaa!” jechuudhaan duuka buutota isaatiif hojii iddoo guddaa qabu kenneera. (Mat. 28:18-20) Kanaaf, Yesus qabeenya gati jabeessa, jechuunis hojii lallabaa imaanaadhaan isaanitti kenneera.—2 Qor. 4:7.

7 Xumura akkamii irra gaʼuu dandeenya ree? Yesus bartoota akka godhaniif duuka buutota isaatiif hojii yeroo kennu, “horii callaa” ykn qabeenya isaa, jechuunis taalaantii isaanitti kennaa ture jechuun ni dandaʼama. (Mat. 25:14) Gabaabaa dhumatti, taalaantichi itti gaafatamummaa lallabuu fi bartoota gochuu argisiisa.

8. Taalaantiin hojjettoonni isaa fudhatan lakkoofsi isaa adda adda taʼus gooftichi maal isaan irraa eega?

8 Fakkeenya taalaantichaa irratti akkuma ibsame, gooftichi hojjetaa isa tokkoof taalaantii shan, isa tokkoof taalaantii lama, isa tokkoof immoo taalaantii tokko kenne. (Mat. 25:15) Taalaantiin hojjettoota kanaaf kenname lakkoofsi isaa adda adda taʼus, gooftichi hundi isaanii iyyuu dhimmanii akka ittiin hojjetan, jechuunis hamma dandeettii isaanii akka tajaajilan irraa eega. (Mat. 22:37; Qol. 3:23) Duuka buutonni Kiristos jaarraa jalqabaatti, guyyaa ayyaana Phenxeqostee bara 33tti kabajamee jalqabee taalaantii kanaan daldaluu eegalaniiru. Hojii lallabaa fi bartoota gochuu hammam dhimmanii hojjechaa akka turan kitaaba Hojii Ergamootaa irratti galmeeffameera. *HoE. 6:7; 12:24; 19:20.

BARA DHUMAATTI TAALAANTICHAAN DALDALUU

9. (a) Hojjettoonni amanamoo taʼan lamaan taalaanticha maal godhan? Kun hoo maal argisiisa? (b) ‘Hoolonni kan biraan’ gaʼee akkamii qabu?

9 Bara dhumaatti, keessumaa bara 1919 kaasee, hojjettoonni Yesus warri dibamoon amanamoo taʼanii fi lafa irra jiran taalaantii gooftichaatiin daldalaa jiru. Akkuma hojjettoota lamaanii obboloonnii fi obboleettonni dibamoon wanta qabaniin hamma dandaʼan hojjetaniiru. Taalaantii shan kan fudhate eenyu akka taʼe, taalaantii lama kan fudhate immoo eenyu akka taʼe tilmaamuun nu hin barbaachisu. Fakkeenyicha irratti, hojjettoonni lamaan wanta gooftichi isaanii kenne dachaadhaan guddisaniiru; kanaaf lamaan isaanii iyyuu qixxuma dhimmanii hojjetan jechuu dha. Warri lafa irra jiraachuuf abdii qaban hoo gaʼee akkamii qabu? Gaʼee guddaa qabu! Fakkeenya Yesus hoolaa fi reʼee ilaalchisee dubbate irraa akka hubannutti, warri lafa irra jiraachuuf abdii qaban hojii lallabuu fi barsiisuu irratti obboloota Yesus warra dibamoo amanamummaadhaan deggeruuf mirga guddaa argataniiru. Guyyoota dhumaa rakkisoo taʼan kana keessatti, gareen lamaanuu akka ‘karra tokkootti’ hojii bartoota gochuu irratti hinaaffaadhaan hirmaatu.—Yoh. 10:16.

10. Wanti argamuu Yesusiif mallattoo taʼu inni guddaan maali dha?

10 Gooftichi buʼaan akka argamu eeguun isaa sirrii dha. Akkuma olitti ibsame, bartoonni amanamoon jaarraa jalqabaatti turan qabeenyi isaa akka dabalu godhaniiru. Bara dhumaa fakkeenyi taalaantii kun itti raawwatamutti hoo haalli isaa maal fakkaata? Tajaajiltonni Yesus amanamoo taʼanii fi ciminaan hojjetan, haala kanaan dura hojjetamee hin beekneen hojii lallabuu fi bartoota gochuu balʼinaan hojjetaniiru. Carraaqqiin isaan tokkummaadhaan godhan, waggaa waggaatti bartoonni haaraan kumaatama dhibbaan lakkaaʼaman labsitoota Mootummichaatti akka dabalaman godheera; kunis hojiin lallabuu fi barsiisuu, mallattoo Yesus Mootummaa Waaqayyoo irratti bulchaa taʼuu isaa mirkaneessu isa guddaa akka taʼu godheera. Gooftaan isaanii baayʼee akka gammade hin shakkisiisu!

Kiristos hojii lallabaa tajaajiltoota isaatti imaanaa kenneera (Keeyyata 10 ilaali)

GOOFTICHI QABEENYA ISAA LAKKAAʼACHUUF KAN DHUFU YOOMI?

11. Yesus qabeenya isaa kan lakkaaʼatu yeroo rakkina guddaatti kan jennu maaliifi?

11 Yesus hojjettoota isaa irraa qabeenya isaa lakkaaʼachuuf kan dhufu naannoo xumura rakkina guddaatti dha. Xumura kana irra akka geenyu kan nu godhu maali dha? Yesus raajii Maatewos boqonnaa 24 fi 25 irratti dubbate irratti, waaʼee dhufaatii isaa irra deddeebiʼee ibseera. Waaʼee murtoo yeroo rakkina guddaatti godhamuu yeroo dubbatetti, namoonni ‘ilmi namaa duumessoota waaqaa irra yeroo dhufuu akka argan’ dubbateera. “Gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa,” akkasumas “Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa” jechuudhaan duuka buutonni isaa bara dhumaa keessa jiraatan dammaqoo akka taʼan gorseera. (Mat. 24:30, 42, 44) Kanaaf, haala isaa irraa hubachuu akka dandeenyutti Yesus, “Gooftaan hojjettoota sanaa yeroo dheeraa booddee deebiʼee dhufee, horii isaa isaan irraa lakkaaʼate” yeroo jedhu, waaʼee yeroo bara dhumaatti murtoo dabarsuuf itti dhufuu dubbachuu isaa ture. *Mat. 25:19.

12, 13. (a) Gooftichi hojjettoota jalqabaa lamaaniin maal jedhe? Maaliif? (b) Dibamtootatti mallattoon dhumaa kan godhamu yoomi? (Saanduqa, “Kan Herrega Deebisan Yeroo Duʼanitti Dha” jedhu ilaali.) (c) Warri hoolota akka taʼan murteeffameef badhaasa akkamii argatu?

12 Fakkeenyicha irratti akka ibsametti, gooftichi yeroo dhufu, hojjettoonni lamaan, jechuunis inni taalaantii shan fudhatee fi inni taalaantii lama fudhate, taalaantii gooftichaa dachaadhaan guddisuudhaan amanamummaa isaanii argisiisaniiru. Gooftichi hojjettoota lamaaniin iyyuu, “Baʼeessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba” jedheera. (Mat. 25:21, 23) Gooftichi, jechuunis Yesus inni ulfina argate gara fuulduraatti murtoodhaaf yeroo dhufu maal godha laata?

13 Bartoonni isaa dibamoon ciminaan hojjetanii fi hojjettoota jalqabaa lamaanitti fakkeeffaman, rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura mallattoon dhumaa isaan irratti godhama. (Mul. 7:1-3) Armaagedoon dura Yesus jireenya samii isaaniif waadaa galamee ture kennaaf. Warri abdii lafa irra jiraachuu qabanii fi hojii lallabaa irratti obboloota Kiristos deggeran, hoolota akka taʼan isaaniif murteeffamee bulchiinsa Mootummichaa jalatti lafa irra jiraatu.—Mat. 25:34.

HOJJETAA HAMAA FI DHIBAAʼAA

14, 15. Yesus obboloonni isaa dibamoo hedduun hamoo fi dhibaaʼoo akka taʼan dubbachuu isaa turee? Ibsi.

14 Fakkeenyicha keessatti, hojjetaan inni sadaffaan taalaantichaan daldaluu ykn warra dhalaan fudhatan bira kaaʼuu mannaa, awwaaleera. Hojjetaan kun taʼe jedhee wanta fedha gooftaa isaa hin taane waan raawwateef, amala gadhee argisiiseera. Kanaaf, gooftichi ‘hamaa fi dhibaaʼaa’ isaan jechuun isaa sirrii dha. Gooftichi taalaanticha isa harkaa fuudhee isa taalaantii kudhan qabuuf kenne. Sana booda hojjetaan inni hamaan “dukkana isa alaatti” darbatame. Achitti ‘ni booʼa ilkaanis ni qara.’—Mat. 25:24-30; Luq. 19:22, 23.

15 Yesus hojjettoota gooftichaa sadan keessaa tokko taalaantii isaa akka dhokse yeroo dubbatu, duuka buutota isaa dibamoo harka sadii keessaa harki tokko hamoo fi dhibaaʼoo akka taʼan dubbachuu isaa tii? Lakki. Yaada naannoo fakkeenyichaa jiru haa ilaallu. Yesus fakkeenya waaʼee hojjetaa amanamaa fi ogeessaa dubbate irratti, waaʼee hojjetaa hamaa hojjettoota hidhata isaa taʼan reebuu dubbateera. Yesus kutaan hojjetaa amanamaa hamaa taʼu akka jiru dursee dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, amala hojjetaa hamaa akka hin calaqqisiisne hojjetaa amanamaa akeekkachiisuu isaa ture. Fakkeenya waaʼee durboota kurnanii dubbatu irrattis, Yesus duuka buutota isaa dibamoo keessaa walakkaan isaanii akka durboota warra gowwaa taʼu jechuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, obboloonni isaa dammaqoo fi qophaaʼoo taʼuu baanaan wanta isaan mudachuu dandaʼu itti himuu isaa ture. * Yaadawwan kana irraa kaʼuudhaan, fakkeenya waaʼee taalaantii dubbatu kana keessatti Yesus obboloonni isaa dibamoo taʼan hedduun guyyoota dhumaa keessatti hamoo fi dhibaaʼoo taʼu jechuu isaa hin turre jechuu ni dandeenya. Kanaa mannaa, Yesus duuka buutonni isaa warri dibamoon hamma dhumaatti dammaqoo akka taʼan, jechuunis taalaantichaan ‘bitanii gurguruu’ ykn daldaluu akka qaban, akkasumas ilaalchaa fi gocha hojjetaa hamaa sanaa irraa fagaachuu akka qaban akeekkachiisuu isaa ture.—Mat. 25:16.

16. (a) Fakkeenya waaʼee taalaantii dubbatu irraa barumsawwan akkamii arganna? (b) Mata duree kana keessatti hubannaa kanaan dura fakkeenya waaʼee taalaantii dubbatu irratti qabnu irratti jijjiirama akkamiitu godhame? (Saanduqa, “Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Hubachuu” jedhu ilaali.)

16 Fakkeenya waaʼee taalaantii dubbatu irraa barumsa lama arganna. Tokkoffaa, Gooftichi, jechuunis Kiristos, wanta gati jabeessa akka taʼetti ilaalu tokko obboloota dibamootti imaanaa kenneera; kunis hojii lallabuu fi bartoota gochuu ti. Lammaffaa, Kiristos hundi keenya iyyuu hojii lallabaa dhimminee akka hojjennu nu irraa eega. Akkas yoo goone Gooftichi, amantii, dammaqinaa fi amanamummaa keenyaaf akka nu badhaasu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—Mat. 25:21, 23, 34.

^ KEY. 3 Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi eenyu akka taʼe Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 2013, fuula 21-22, keeyyata 8-10 irratti ibsameera. Durboonni kurnan eenyu akka taʼan mata duree darbe irratti ibsameera. Fakkeenyi waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 15, 1995 (Amaariffa), fuula 23-28 irratti, akkasumas mata duree barruu kanaa itti aanu irratti ibsameera.

^ KEY. 4 Saanduqa, “ Wantoota Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatuu Fi Waaʼee Miinaa Dubbatu Wal Fakkeessan” jedhu ilaali. Jechi Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo keessatti “waqeeta” jedhamee hiikame Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Giriikii jalqabaa keessatti “miinaa” jedha.

^ KEY. 5 Macaafni Qulqulluun Afaan Oromoo meetii kuma shan, meetii kuma lamaa fi meetii kuma tokko kan jedhu taʼus, Caaffanni Qulqullaaʼoon Afaan Giriikii inni jalqabaa taalaantii 5, taalaantii 2 fi taalaantii 1 jedha. Bara Yesusitti taalaantiin tokko dinaaree 6,000 wajjin qixxee ture. Hojjetaan tokko guyyaatti dinaaree tokko waan argatuuf, taalaantii tokko argachuuf gara waggaa 20tiif hojjechuu qaba ture.

^ KEY. 8 Ergamoonni Yesus erga duʼanii booda, Seexanni gantummaa kan kakaase siʼa taʼu, gantummaan kunis jaarraawwan hedduudhaaf babalʼachaa ture. Yeroo sanatti namoota bartoota Kiristos gochuuf hojichi ciminaan hojjetamaa hin turre. Haa taʼu malee, haalli kun yeroo “midhaan sassaabamutti,” jechuunis guyyoota dhumaa keessatti jijjiirameera. (Mat. 13:24-30, 36-43) Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 2013, fuula 9-12 ilaali.

^ KEY. 11 Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 2013, fuula 7-8, keeyyata 14-18 ilaali.

^ KEY. 15 Maxxansa kana irraa mata duree, “‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?” jedhu keeyyata 13 ilaali.