Yoʼanaa Irraa Maal Baranna?
NAMOONNI baayʼeen Yesus ergamoota 12 akka qabu beeku. Taʼus dubartoonni baayʼee isatti siqanis duuka buutota isaa akka turan hin beekan taʼa. Yoʼanaan dubartoota sana keessaa tokko dha.—Mat. 27:55; Luq. 8:3.
Yoʼanaan tajaajila Yesus keessatti gaʼee akkamii qabdi turte? Nu hoo fakkeenya ishee irraa maal barachuu dandeenya?
YOʼANAAN EENYU?
Yoʼanaan “haadha manaa Kuuzaa, isa mana eegduu Herodis” turee ti. Kuuzaan tarii ajajaa mana Herodis Antiiphaas taʼuu hin oolu. Yoʼanaan dubartoota Yesus dhukkuba isaanii irraa fayyise keessaa tokko turte. Yoʼanaan dubartoota kaan wajjin taʼuudhaan, Yesusii fi ergamoota isaa wajjin ni deemti turte.—Luq. 8:1-3.
Barsiisonni Yihudootaa, dubartoonni dhiirota fira isaanii hin taanee wajjin taʼuu akka hin qabe barsiisu turan; wajjin karaa deemuun immoo kan hin yaadamne ture. Dhiironni Yihudoota taʼan, dubartootaa wajjin hin haasaʼan turan. Yesus aadaa kanaaf iddoo kennuu dhiisuudhaan, Yoʼanaanii fi dubartoonni isatti amanan kaan isaan faana akka taʼan heyyameera.
Yoʼanaan Yesusii fi ergamoota isaa wajjin taʼuun ishee namoonni akka ishee jibban gochuu akka dandaʼu kan beektu siʼa taʼu, jireenya ishee irratti jijjiirama gochuunis ishee barbaachisa ture. Dhugaa dha, namoonni Yesus faana taʼan hundi, kana gochuuf qophaaʼoo taʼuu qabu turan. Yesus duuka buutota isaa ilaalchisee, “Haati koo fi obboloonni koo warra dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii fi raawwatanii dha” jedheera. (Luq. 8:19-21; 18:28-30) Yesus namoota isa duukaa buʼuuf aarsaa kaffalan, baayʼee akka ofitti dhiheessu beekuun kee si hin jajjabeessuu?
QABEENYA ISHEETIIN TAJAAJILTE
Yoʼanaa fi dubartoonni kan biraa hedduun, “qabeenya isaaniitiin” Yesusii fi ergamoota isaa Kudha Lamaan tajaajilaniiru. (Luq. 8:3) Barreessaan tokko, “Luqaas namoota barreeffama isaa dubbisanitti dubartoonni kun nyaata bilcheessaa, miʼa dhiqaa fi wayyaa hodhaa akka turan himuu isaa hin turre. Isaan kana godhanii taʼuu dandaʼa . . . ; Luqaas garuu waaʼee kanaa hin dubbanne” jedheera. Dubartoonni kun, wanta namoota isaan faana jiraniif barbaachisu dhiheessuuf qarshii, miʼa ykn qabeenya isaaniitti fayyadamanii akka taʼu beekamaa dha.
Yesusis taʼe ergamoonni isaa yeroo lallabaaf deemanitti galii argachuuf hojii hojjechaa hin turre. Kanaafuu, nyaataa fi wantoota kaan gara nama 20tiif barbaachisan argachuuf wanta kaffalan hin qaban taʼa. Namoonni mana isaaniitti kan isaan simatan taʼus, Kiristosii fi ergamoonni isaa “korojoo horii” qabatanii kan deeman taʼuun isaa, yeroo hunda mana namaatii nyaachaa akka hin turre argisiisa. (Yoh. 12:6; 13:28, 29) Yoʼanaa fi dubartoonni kaan baasii isaanii dandaʼuuf buusii gochaa turan taʼa.
Namoonni tokko tokko dubartoonni Yihudoota taʼan galii hin qaban turan jedhanii mormu. Haa taʼu
malee, barreeffamoonni yeroo sanaa akka argisiisanitti, dubartiin Yihudii tokko karaa garaa garaa galii argachuu akka dandeessu argisiisu. Fakkeenyaaf, (1) dhaala abbaan ishee ilma utuu hin qabaatiin yoo duʼe argattu, (2) qabeenya isheedhaaf kenname, (3) maallaqa walii galtee yeroo gaaʼelaatti godhamee ture irratti hundaaʼuudhaan yeroo wal hiikanitti isheedhaaf kennamu, (4) qabeenya yeroo abbaan manaa ishee duʼu akka sooramaatti argattu ykn (5) galii dhuunfaa qabaachuu dandeessi.Duuka buutonni Yesus hamma dandaʼan buusii akka godhan hin shakkisiisu. Namoota isa hordofan keessaa tokko dubartoota sooreyyii taʼuu dandaʼu. Yoʼanaan yeroo sanatti ykn sana dura haadha manaa mana eegduu Herodis waan turteef, namoonni tokko tokko soorettii turte jedhu. Uffata Yesus isa hodhaa hin qabnee fi gatiin isaa miʼaawaa taʼe kan bite nama akka ishee taʼuu dandaʼa. Barreessaan tokko, uffanni kun wanta ‘haadhotiin manaa namoota qurxummii qabanii dhiheessuu dandaʼan akka hin taane’ ibseera.—Yoh. 19:23, 24.
Macaafni Qulqulluun Yoʼanaan buusii qarshii gochuu ishee ifatti hin dubbatu. Taʼu iyyuu wanta dandeesse gooteetti; kana irraa immoo waan barannu qabna. Hojii Mootummichaa deggeruuf maal iyyuu yoo kennine ykn kennines kennuu baannes, wanti Yihowaa biratti bakka guddaa qabu, wanta dandeenye sana gammachuudhaan gochuu keenya dha.—Mat. 6:33; Mar. 14:8; 2 Qor. 9:7.
YEROO YESUS DUʼETTII FI SANA BOODA
Yoʼanaan yeroo Yesus ajjeefametti dubartoota kaan wajjin achi turte; Isaanis “warra yommuu inni Galiilaa ture isa duukaa buʼanii isaaf hojjetani; kan biraa dubartoonni baayʼeenis immoo isaa wajjin Yerusaalemitti kan ol baʼan achitti argamaniiru.” (Mar. 15:41) Reeffi Yesus awwaalamuuf muka itti fannifame irraa yeroo buʼe, “dubartoonni Galiilaadhaa Yesus duukaa buʼan sun Yoseefii wajjin dhaqanii, iddoo awwaalichaa akkasumas akka itti reeffi isaa kaaʼame hubatan. Achumaa deebiʼanii immoo waan ittiin reeffa isaa sukkuuman urgooftuudhaa fi dibata qopheessan.” Dubartoonni Luqaas “Maariyaam ishee Magdalaa, Yoʼanaa, Maariyaam haadha Yaaqoob” jechuudhaan ibse kun, guyyaa sanbataa booda deebiʼanii ergamoota Waaqayyoo, Yesus duʼaa kaʼuu isaa isaanitti himan argan.—Luq. 23:55–24:10.
Yoʼanaan haadhaa fi obboloota Yesus dabalatee namoota Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti Yerusaalemitti walgaʼanii turan keessaa tokko taʼuu dandeessi. (HoE. 1:12-14) Keessumaa barreessitoota Wangeelaa keessaa maqaadhaan kan ishee caqase Luqaas qofa waan taʼeef, namoonni tokko tokko Yoʼanaan mana mootummaa wajjin wal qunnamtii waan qabduuf, waaʼee Herodis Antiiphaas Luqaasiif odeeffannoo kan kenne ishee akka taate yaadu.—Luq. 8:3; 9:7-9; 23:8-12; 24:10.
Seenaan Yoʼanaa barumsa guddaa nuu kenna. Isheen karaa dandeessu hundaan Yesusiin tajaajilteetti. Gargaarsi maallaqaa isheen goote, Yesus, ergamoonni isaa Kudha Lamaanii fi duuka buutonni isaa kaan waliin deemanii akka lallaban gargaareera taanaan, baayʼee akka gammadde beekamaa dha. Yoʼanaan Yesusiin tajaajilteetti; yeroo rakkina isaattis isaaf amanamtuu turte. Dubartoonni Kiristiyaana taʼan akkuma ishee Waaqayyoof kan bulan taʼuu qabu.