Dhiheenyatti Lafti Jannata Taati!
Dhiheenyatti Lafti Jannata Taati!
“Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu; mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!”—Maatewos 6:9, 10.
KADHANNAAN beekamaan kun ilmaan namootaatiif abdii kenna. Akkamitti?
Kadhannichi akka ibsutti, Mootummaan kun yeroo ammaatti jaalalli Waaqayyoo samiirratti akka ta’e gara fuulduraattis lafarratti akka ta’u godha. Jaalalli Waaqayyoommoo lafa kana Jannata gochuudha. (Mul’ata 21:1–5) Mootummaa Waaqayyoo jechuun maal jechuudha? Lafa kana Jannata kan godhuhoo akkamitti?
Bulchiinsa Dhugaa
Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugaati. Mootummaan kamiyyuu, heera, seeraafi namoota isa jalatti bulan qaba. Mootummaan Waaqayyoo ulaagaa kana ni guutaa? Gaaffiiwwan sadan kanatti aansanii jiraniif deebii Macaafni Qulqulluun kennu ilaali:
Bulchitoonni Mootummaa Waaqayyoo Eenyufa’i? (Isaayaas 33:22) Yihowaan, Ilmisaa Yesus Kiristos Mootummaa kana olaantummaadhaan akka to’atu isa muudeera. (Maatewos 28:18) Yesus, qajeelfama Yihowaan isaa kenneen, “gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaa” namoota muraasa filachuudhaan isaa wajjin ‘lafarratti akka mo’an’ muudeera.—Mul’ata 5:9, 10.
Namoonni Mootummaa Waaqayyoo Keessa Jiraatan Seera Isa Kamiif Abboomamuu Qabu? Seerawwan ykn abboommiiwwan tokko tokko wantoota tokko tokko gochuu kan gaafatanidha. Yesus, “‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a’. Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana. Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a’” jechuudhaan seerri inni hundumaarra caalu isa kam akka ta’e ibseera.—Maatewos 22:37-39.
Seerawwan kaanimmoo namoonni Mootummaa Waaqayyootiif abboomaman gochawwan tokko tokkorraa fagaachuu akka qaban kan ibsanidha. Macaafni Qulqulluun kallattiidhaan akeekkachiisa akkas jedhu kenna: “Hin gowwoominaa! Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan, warri gadhaa’an, warri nama gadhoomsanis, warri hatan, warri sassatan, warri machaa’an, warri maqaa namaa balleessan, warri nama saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.”—Mootummaa Waaqayyoo Jalatti Kan Bulan Namoota Akkamiiti? Yesus namoota Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan hoolotatti fakkeesseera. Isaan, “Sagalee koos in dhaga’u; walitti karra tokko in ta’u, tikseen isaaniis tokko in ta’a” jedheera. (Yohannis 10:16) Namni tokko Mootummaa Waaqayyoo jalatti buluu kan barbaadu yoo ta’e, Yesus isa tiksee gaarii ta’e duukaa nan bu’a jedhee dubbachuu qofa utuu hin ta’in, wanta inni abboomes gochuu qaba. Yesus, “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti” jedheera.—Maatewos 7:21.
Kanaaf, namoonni Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan akkuma Yesus godhe, maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhutti fayyadamuufi maqaa kanaaf ulfina kennuu qabu. (Yohannis 17:26) Abboommii Yesus ‘wangeela mootummichaa’ warra kaan akka barsiisan isaanii kenne hojiirra oolchu. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Jaalala dhugaas waliif qabaatu.—Yohannis 13:35.
Warra ‘Lafa Balleessan Balleessuu’
Haalawwan yeroo ammaatti biyya lafaarratti argaman, dhiheenyatti Mootummaan Waaqayyoo lafarratti jijjiirama guddaa akka fiddu argisiisu. Kana akkamitti beekna? Yesus, waggoota kuma lama dura mallattoo bifa hedduu qabuufi ‘mootummaan Waaqayyoo dhihaachuusaa’ argisiisu tokko dubbateera. (Luqaas 21:31) Akkuma mataduree darberratti argine, mallattoowwan kun addunyaa maratti mul’achaa jiru.
Sana booda maaltu ta’a? Yesus, “Yommus rakkinni guddaan ta’uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi’ees hin ta’u” jechuudhaan deebii kenneera. (Maatewos 24:21) Badiisni kun kan namni fidu utuu hin ta’in, tarkaanfii Waaqayyo namoota ‘lafa balleessan balleessuuf’ fudhatudha. (Mul’ata 11:18, hiika bara 1899) Namoonni hamoon ofittummaadhaan kaka’anii lafa kana balleessan, “biyyicha keessaa [“lafaa,” hiika bara 1899] in balleeffamu.” Namoonni balleessaa hin qabne jechuunis karaa fudhatama qabuun Waaqayyoon tajaajilan “isa keessatti in hafu.”—Fakkeenya 2:21, 22.
Yihowaan sababii ga’aa tarkaanfii cimaa akkasii itti fudhatuuf qaba. Kan akkas jennu maaliifi? Fakkeenya kana ilaali: Mana kireessitu tokko qabda haa jennu. Namoonni kireeffatan tokko tokko amala gaarii kan qabaniifi warra kaaniif kan yaadanidha; kiraa isaanirraa eegamu ni kaffalu akkasumas manasaaniis akka gaariitti qabatu. Haata’u malee, namoonni kireeffatan kaan warra kaan kan jeeqaniifi ofittoo kan ta’anidha; kiraa manaa hin kaffalan akkasumas manicha mancaasaniiru. Yeroo baay’ee akeekkachiisni yoo kennameefillee, jijjiirama gochuu hin dandeenye. Yeroo kanatti maal goota? Abbaa manichaa waan taateef namoota gadhee kana manicha keessaa akka baastu beekamaadha.
Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis, Uumaa samiifi lafaa akkasumas wantoota achirra jiranii waan ta’eef, lafa kanarra eenyutu jiraachuu akka qabu murteessuuf mirga qaba. (Mul’ata 4:11) Yihowaan namoota hamoo fedhasaa tuffataniifi mirga warra kaanii dhiiban balleessuuf kaayyoo akka qabu ibseera.—Faarfannaa 37:9–11.
Jannata Deebitee Hundeeffamtu
Yeroo dhihootti Yesus Kiristos mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’uudhaan lafa kana bulcha. Yesus yeroo kana ‘yeroo wanti hundi itti haaraa ta’u’ jechuudhaan ibseera. (Maatewos 19:28, Niiwu Intarnaashinaal Varshin) Haalli yeroo sanaa maal fakkaata? Abdii Macaafni Qulqulluun kennu qalbeeffadhu:
Faarfannaa 46:9. “Inni hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.”
Isaayaas 35:1. “Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee, akka arfaasee in daraara.”
Isaayaas 65:21–23. “Warri ani fo’adhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu. Isaan si’achi akkasumaan dadhabanii hin hojjetan, ijoolleen isaaniis dingata du’uuf hin dhalatan.”
Yohannis 5:28, 29. “Warri du’anii awwaalaman sagalee [Yesus] yeroon itti dhaga’an in dhufa. Isaan awwaala keessaa in ba’u.”
Mul’ata 21:4. “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”
Sababii Abdii Kana Itti Amannu
Abdiiwwan Macaafni Qulqulluun kennutti ni amantaa? Macaafni Qulqulluun namoonni hedduun abdii kanatti akka hin amanne raajii dubbateera. “Guyyoota gara dhumaatti ga’iftoonni akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan [in ka’u]. . . . ‘Deebi’ee dhufuun isaa abdachiifamee ture mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu du’anii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata” jedhu jedha. (2 Phexros 3:3, 4) Namoonni ga’isan kun baay’ee dogoggoraniiru. Sababiiwwan wanta Macaafni Qulqulluun dubbatutti amanuuf si gargaaran keessaa afur qofa ilaali:
(1) Waaqayyo kanaan dura dhimmawwan biyya lafaa keessa galeera. Bishaan Badiisaa bara Nohitti ture kanaaf fakkeenya guddaa nuu ta’a.—2 Phexros 3:5-7.
(2) Dubbiin Waaqayyoo, haala biyya lafaa yeroo keenyatti argamu sirriitti raajiidhaan ibseera.
(3) Wanti hundinuu “akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee” hin jiru. Lafti kun haala kanaan dura ta’ee hin beekneen, rakkina hawaasummaa, rakkina amalaafi rakkina naannootiif saaxilamteetti.
(4) Milikkinni ‘dhumni biyya lafaa dhihaachuusaa’ argisiisu jechuunis “wangeelli mootummaa kun” guutummaa biyya lafaatti lallabamaa jira.—Maatewos 24:14.
Dhugaa Baatonni Yihowaa, isaanii wajjin Dubbii Waaqayyoo kan ta’e Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan waa’ee jireenya barabaraa isa bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo keessatti argamuu akka barattu si afeeru. (Yohannis 17:3) Eeyyee, ilmaan namootaa gara fuulduraatti waan gaarii argatu. Yeroo dhihootti wanta gaarii arganna! Atoo namoota wanta gaarii argatan keessaa tokko ni taataa?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 7rra jiru]
Namoonni wanti hundinuu akkuma duriitti itti fufa jedhanii yaadan baay’ee dogoggoraniiru
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Atoo namoota waan gaarii argatan kana keessaa tokko ni taataa?